BOQONNAA 2
Barsiisa Islaamummaa Gocha ISIS Deeggaran
“Sheekicha jaamaa” jedhamee ka beekamu Abdalrahimaan addunyaa irratti beekamtii ka qabu Yuuniversiitii Al-az’haar ka amantaa Islaamaa keessa itti sirna hiika Qur’aana irratti piroofeesera ture. Namni kun gaggeessaa garee shororkeessitoota Al-jihaad fi ajjeechaa pireezdaantii Anuwaar saadaat ka qindeesse yommuu ta’u, dandeetti dubbii fi barreeffamoota Islaamummaaf beekumsa cimaa qabaachaa ture itti fayyadamuun murtoo itti murteeffamuuf ta’e jalaa ooluu danda’eera. Namni kun Gibxii gara Sudaan deemuun gorsituu pireezdaantii Hasan Alturaabii ta’uun tajaajileera. Alturaabiin kibba Sudaan irratti badii kristaanota irra geessiseef gorsii nama kanaa sababa tokko ture. Namni kun waraana jihaad gara biyya kaafirootaa itti geessuu falaasama jedhuun gara Ameerikaa deemuun shororkeessitoota hedduu Ameerikaa itti erga leenjisee booda bara 1993 itti gamoo daldala addunyaa irratti dhukaasa boombii qindeessee ture. Sababa kanaan hidhaan umurii guutuu itti murteeffamee mana hidhaa itti argama.
Dursinee ka caqasne Doktor Mark Gabreel yeroo tokko shororkeessaa kana wajjin dubbii isaan godhan bifa kanaan kaa’aniiru:-
Bara 1980 Yuuniversiitii Al-az’haar keessa itti barataa waggaa tokkoffaa ta’ee utuun jiruu, barumsa “sirna hiika Qur’aanaa” jedhamee beekamu baradheen ture. Barumsa sheekii qaroo hin qabne kana dhaga’uuf ji’atti yeroo lama walitti qabamna ture. Namni kun ba’aa Islaamummaaf qabu irraa kan ka’e baratootta bira itti beekamtii kan argate yemmuu ta’u amalli mankaraarsummaa isaa ifatti mul’ata ture. Qur’aanaa keessaa luqqisii kristaanotaa fi Yihudota ilaallatan yommuu argu kristaanotaan “gantoota” Yihudotaan immoo “ijoollee booyyee” jedhee waamuun gammada ture. Kabaja amantaa Islaamaa ka durii jihaadaan deebisee fiduuf fedha qabaachuu isaa ifatti dubbata ture. Gaaf tokko gaaffii akka gaafannu carraa nuuf kenne. Anis ka’ee dhaabachuun gaaffii yeroo baay’ee ajaa’ibsiifachaa ture tokko gaafadhe. “Maaliif yeroo hunda waa’ee Jihaad nu barsiiftu? Qur’aana keessa waa’ee jaalalaa, nagaa fi araaraa luqqisiilee dubbatan maaliif hin barannu?”
Fuulli isaa yeruma sana dhiiga uffate. Natti dheekkamuuf kajeeluun isaa sirrumatti beeksisa ture, garuu dheekkamsa isaa too’achuuf filachuu isaa nan hubadhe. Anatti dheekkamuu irra ka dhaggeeffachaa turan barattoota lakkoofsi isaanii 150 ta’an duratti yaada isaa ibsuuf carraa isaa itti fayyadame. “Obboleessa kiyya” jechuun jalqabe “Al-Anfaal ykn ‘boqonnaa saamichaa’ ka jedhamu boqonnaa guutuun [Qur’aana keessa] ni jira. Boqonnaan ‘nagaa’ jedhamee moggaafame tokko illee hin jiru. Jihaada fi ajjeechaan mataa Islaamummaa dha. Isaaniin keessaa baaftee yoo gatte mataa Islaamummaa irraa kutte jechuu dha [1]
Shororkeessitoonni amantaa Islaamaa olaantummaa qabaachuu isaanii yeroo itti dhaga’amu Jihaadii fi islaamummaan gargar ka hin baane ta’uu isaanii dubbachuu irraa duubatti deebi’anii hin beekan. Garuu dhugaa kana ifatti dubbachuun akka isaan saaxilu yoo itti dhaga’ame naamusaan jiraatu. Islaamummaan nageenya ta’uu isaa dubbatu. Luqqisiilee Qur’aanaa waa’ee Jihaad dubbatan waltajjii irratti hin caqasan. Itti fufuun barsiisa Islaamummaa gocha ISIS murteessan Qur’aana, haadisaatii fi seenaa Mahammad wajjin wal bira qabuun ilaalla.
Sodaachisuu fi Shororkeessummaa Leellisuu
ISIS loltoota mootummaa Iraaq fi Sooriyaa salphaatti diiguun yeroo dhiyoo keessa itti daangaa bal’aa to’achuu ka danda’e shororkeessummaa leellisuun ture. Viidiyoo gara jabinaa sukkanneessaa ta’e ka tamsaasu garaa namaa keessa itti sodaa fi jeequmsa uumuuf akka ta’e ifa dha. Toftaa kana immoo ka arge seenaa Mahammad irraa ta’uu isaa hubachuu dandeenya. Amantii Islaamaa ka hundeessan Mahammad akkas jechuun isaanii dubbatameera:- “Ani Shororkeessummaadhan kan injifatu godhameera.”[2]
Barreeffama biroo keessattis “Shororkeessummaadhan nan deeggarama” jechuun isaanii dubbatameera. Kunis nabiiyyota warreen duraa hunda irraa adda akka isaan godhu dubbataniiru. [3]
Qur’aannis Waaqa amantaa Islaamaa ka ta’e Allaahn jeequmsa akka uumuu dubbata:-
“Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, onnee warra kafaramanii keessa fuulduratti sodaa darbina. Teessoon isaanii ibidda. Teessoon miidhaa raaawwattootaa waa fokkate”! Suuratul Aali Imraan 3:151
Beekaan Qur’aanaa Abdullah Yusuf Alii jedhamu “soda” bakka jedhu kana afaan ingiliffaan “Terror” jedhee hiikee jira.
Luqqisii armaan gadii kessa itti immoo Musliimonni kaafiroota sodaachisuuf akka qophaa’an Allaan dubbateera.
“Humnaa fi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandessaniin, kan ittiin diina Rabbii, diina keessaniifi uummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan Rabbiin isaan beeku, isin isaan hin beekne ittiin akka sodachiifataniif (Terror) isaaniif qopheessaa. Wanti karaa Rabbii keessatti (isin) arjoomtan kamillee (miindaan isaa) isiniif kennama. Isin hin miidhamtanu.” (Suuratul Al-Anfaal 8:60)
Morma Kutuu
Yeroo ammaa gochi sukanessaa ta’e kun karaa seera qabeessaan biyya Saawudii Arabiyaa keessa itti raawwatamaa jira. Shaakalli kun Islaamummaan haga jiru itti yoom iyyuu taanaan ka dhaabatu miti. Sababni isaas abboommii Qur’aanaa fi suunnaa /fakkeeya/ nabiyyichaa dha. Qur’aanni akkas jedha:-
Yeroo Gooftaan kee gara maleykotaatti “dhugumatti, Ani (gargaarsaan) isin waliin jiraa, isaan amanan (miila isaanii) gadi dhaabaa. Ani onnee isaan kafaranii keessa sodaan buusa; Morma (isaanii) gubbaa rukutaa. Isaan irraas quba hunda rukutaa” (jedhee) beeksise (yaadadhu). Suuratul Al-Anfaal 8:12
Bara Mahammad gosti Yihudii Banii Quraayizaa jedhamu hawaasa Yihudii cimaa biyya Arabaa itti argaman keessaa tokko ture. Jibriil isaan itti mul’atee hawaasa kana akka shororkeessaniif isaan itti dubbatee akka ture Mahammad hordoftoota isaanii itti ni himan. Mahammad akka abboommii Jibriil kana itti loltoota 3000 ka fardeen gulufsiisan 36 of dura buusuun battaluma itti ganamaan mul’atan. Torban lama ykn sadii booda Qomoon Banii Qureeyizaan harka kennan. Dubartootaa fi daa’imman dabalatee lakkoofsi isaanii 2000 ta’u ture. Warreen dhiiraa harki isaanii gara duubaa itti hidhamuun dubartootaa fi daa’imman irraa adda ba’anii akka dhiyaatan godhaman. Nabiyyichis rakkina isaanii ilaaluun gammadu turan. Warreen dhiiraa Yihudii ta’an dhibba toorbaa haga dhibba saddeetitti tilmaamaman harki isaanii hidhamuun gara bakka gabaa magaalaa Madiinaa akka dhufan godhame. Musliimonni yommuu halkan guutuu boolla qotan yaaddoo keessa ta’uun Yihudonni kun araara kadhatu turan. Nabiyyichi guyyaa itti aanu ganamaan hordoftoota isaanii wajjin dhufanii taa’an. Yihudotiin duuti isaan irratti murteeffame garee ja’a itti qoodamanii boollaa itti akka dhiyaatan godhame. Morma isaanii qarqara boollaa irra godhanii akka ciisan erga godhamee booda hundi isaanii qalaman. Dubartoonnii fi daa’immanis Musliimotaaf akka hiraman godhaman. ISIS namoota bakka tokko itti walitti qabee qaluu (Mass Beheading) ka raawwatu suunnaa Mahammad kana hordofuun akka ta’e hubachuun ni danda’ama. [4]
Ibin Kaasiir ka jedhamu beekaa Sunni ka ta’e walitti qabamanii qalamuu Yihudotaa akkas jechuun ibseera:-
Kana booda ergamaan Allaah boolli akka qotaman abbooman. Isaanis harki isaanii gateettii isaanii irratti hidhamee akka dhufan erga godhamee booda qalaman. Lakkoofsi isaanii dhibba toorbaa haga dhibba saddeet tilmaamama. Dubartoonni fi daa’imman booji’amanii qabeenyi isaanii dhaalameera.[5]
Wanti nama gaddisiisu Mahammad mul’anni naaf bu’e jechuun sababa Yihudota qeeqaniif Yihudotiin Banii Quraayizaa aaruun kan hafe Musliimota miidhanii ka hin beekne ta’uu isaanii dha. Keessumaa yeroo duula waraana dawoo (The battle of Trenches) jedhamu itti Musliimotaaf dawoo qopheessuun gargaaraa turan. Kana qofas miti; hawaasa biyya Makkaa wajjin utuu waliin ta’anii humna ittiin guutummaatti Musliimota balleesan qabu turan. Garuu kana hin raawwanne. Nabiyyichi Mahammad garuu gatii gaarummaa isaanii dhiirota isaanii ajjeesuun, dubartootaa fi daa’imman isaanii garba gochuun fi qabeenya isaanii saamuun ture ka deebisan.
Dubartoota, Daa’imman fi Maanguddoota Ajjeesuu
Mahammad yeroo waraanaa itti dubartoonnii fi daa’imman akka hin ajjeefamne abboomuu isaanii haadisoonni dubbatan yeroo hedduu ibsamu. Kun garuu barsiisni Muhammad walii isaa ka faallessu fi itti fufiinsa ka hin qabne ta’uu isaa mirkaneessuun kan hafe faayidaa hin qabu. Seenaalee Islaamumma Muhammad dubartoonni fi daa’imman akka hin ajjeefamne abboomuu isaanii dubbatu ka isaaniif jedhamu oggaa qorannu dubartoonnii fi daa’imman haalli ittiin ajjeefaman jiraachuu isaa akka dubbatan hubachuu dandeenya.
Haadisiin tokko akkas jedha:-
Ergamaa Allaah daa’imman hin ajjeesan ture. Kanaaf Al-hadiir daa’ima sana ajjeesuu isaaf ka inni beeku hin beektan yoo ta’een kan hafe ykn daa’ima amanaa ta’ee guddatuu fi amanaa utuu hin ta’iin guddatu jidduu garaagartee jiru adda baasuu hin dandeenye yoo ta’e hin ajjeesinaa. Kanaaf amanaa ka hin taane ajjeeftu amanaa ka ta’e immoo hin ajjeeftan.[6]
Akka haadisii kanaa itti walumaa galli ejjannoon nabiyyicha Mahammad daa’imman ajjeesuu dhiisuu yoo ta’e iyyuu garuu daa’ima amanaa ta’uu dhiisuun guddachuu danda’u Musliimonni yoo adda baafatanii beekan ajjeesuu akka danda’an ajaja kennaniiru. Kana jechuun daa’imman amantaa Musliima hin taane maatii isaanii irraa fudhachuun carraan Musliimota gidduu itti akka guddatan godhamu hin jiru yoo ta’e maatii isaanii warreen kaafiroota ta’an wajjin ajjeesuun ka eeyyamame dha. Kanaafi shororkeessitoonni amantaa Musliimaa walitti qabama gurguddootaa gidduu itti daa’imman jiraachuu isaanii utuu beekanii balaa ka geessisan.
Mahaammad guyyaa tokko daa’imman fi dubartoota warreen waaqolii tolfamaa itti sagadan ajjeesuun akka danda’amu gaafatamanii turan. Isaanis yommuu deebisan “Ani akkuma maatii isaanittin isaan ilaala” jechuun ture.[7] Karaa biraan maatiin kaafiroota yoo ta’an daa’imman isaanii ajjeesuun ka eeyyamamee dha. Nabiyyiin Islaamaa amanaa ka turan kana waan tureef dubartootaa fi daa’immaan ajjeesuu ilaalchisee gareen shororkeessitoota ISIS fi kkf ka amanan isuma kana dha.
Inni biraan namoonni hedduun dhugaa isaan hubachuu hin dandeenye akka yaada Mahammad itti daa’imman waggaa sagal guutan akka beekaa itti ka lakkaa’aman ta’uu isaanii dha. Sababni isaas barreeffamoonni Islaamaa akka ibsanitti Mahammad daa’ima Ayishaa jedhamtu waggaa 6tti kaadhimmachuun waggaa 9 yommuu guuttu fuudhaniiru.[8] Mahammad jecha daa’ima jedhuuf hiikti isaan qaban akkaataa hiika keenya wajjin tasuma ka wal hin fakkaanne ta’uu isaa arguu dandeenya.
Mahammad sababa hin taanen dubartoota ajjeesisaa akka turan barreeffama amantaa Islaamaa keessa itti irra deddeebidhaan gabaasamee jira.
Shamarran lamaan Faartanaa fi hiriyaan ishee faarfannaa ergamaa Allaah qeequ faarfachaa waan turaniif akka ajjeefaman abbooman.[9]
Akkuma kana Asmaa Biint Marwaan ka jedhamtu dubartiin gameettii tokko sababa farfaannaa Mahammadiin ceepha’u faarfatteef ajjeefamteetti. Asmaan ka ajjeefamte utuu mucaa ishee hoosisaa jirtuu akka ta’e barreeffamoonni Islaamaa gabaasaniiru.[10]
Mahammad akkuma daa’ishootaa garaa maanguddootaaf laafu hin qaban. Abu Afaak jedhamuun ka beekamu umuriin isaa 120 akka ture ka ibsame jaarsa Yihudii tokkotu ture. Namni kun namoota warreen nabiyyummaa Mahammad shakkan keessaa tokko ture. Billaan waraanamee akka ajjeefamu godhame.[11]
ISIS Islaamummaa ka bakka bu’u erga ta’ee maaliif dubartoota, daa’imman fi maanguddoota ajjeesa? falmii jedhu dhiyeessuuf namoonni yaalan barumsa Mahammad ka hin beekne dha.
Musliima ka hin Taane irratti Waraana Labsuu fi Humnaan Sallamsiisuu Akkasumas Islaamummaa Keessa ka Ba’an Ajjeesuu
Islaamummaa mankaraarsaan barsiisa shororkeessummaa isaa irraa kan ka’e amantaalee biroo wajjiin wal danda’ee jiraachuu ka danda’u miti. Qur’aana ogga ilaallu amantaalee gurguddoo addunyaa irratti argaman kallattiin caqasuun qeeqa, barsiisa isaanii in ceepha’a. Kanaafi amantaan kun bakka jiru hundumaa itti jeequmsii fi shororkeessummaan ka moo’u.
Amantaan Islaamaa kaayyoon isaa amantaalee kaan irratti ol’aantummaa argachuun balleessuu dha. ISIS ergama Islaamummaa kana galmaan ga’uuf kutatee kan ka’e garee barsiisa Islaamummaa irratti hundaa’e dha. Namoota Musliima hin taane irratti waraana banuu, ajjeesuu akkasumas dirqisiisanii sagachiisuu ka ajajanii fi ayidiyooloojii ISIS ka deeggaran luqqisiilen heddu Qur’aana keessatti ni argamu. Muraasa isaanii itii fufneet ilaalla:-
“Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaa. Isin keesattis jabeenya haa arganu. Rabbiinis warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beeka.” (Suuratul At-Tawbaa 9:123).
“Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; isaan irrattis jabeessi. Teessoon isaanii jahannamii. Deebiin isaaniis(jahannam) waa fokkaate!” (Suuratul At-Tawbaa 9:73)
“Yeroo ji’oonni kabajamoon dabran, mushrikoota bakka argittanitti ajjeesaa; isaan booji’aas; isaan marsaas; karaa hunda irras isaaniif taa’aa. Yoo tawbatanii, salaata gadi dhabanii, zakas kennan karaa isaaniif gadi dhiisaa. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmta godhaa dha.” (Suuratul At-Tawbaa 9:5)
“Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhnetaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaa dha.” (Suuratul An-Anfaal 8:39)
Akka suuraa 9:5 fi suuraa 8:39 itti Musliimonni waraanaan dirqisiisuun namoota sallamsiisuu akka qaban dubbatameera. Suuraa 9:5 irratti akkaataa dubbatameen waraanichi ka itti fufuu qabu namoonnii haga salaata sirriitti sagadan fi kennaa (zakaata) kennan dha. Karaa biraan haga sallaman itti jechuu dha. Suuraa 8:39 immoo waaranni itti fufuu ka qabu jeequmsi haga badu fi amantaan cufti Allaaf haga ta’u itti, jechuunis Islaamummaan qofti haga hafu itti ta’uu isaa dubbata.
Seenaa amantaa Islaamaa keessa itti barreeffamni itti fufee jiru barreeffamee arganna.
“Ibin Umar akka dubbate itti ergamaan Allaah akkas jedhaniiru:- ‘Namoonni Allaah irraa kan hafe waaqeffamuu ka qabu akka hin jirre fi Mahammad immoo ergamaa ta’uu isaa haga dhugaa bahan itti akkasumas salaata seera isaa eeguun haga sagadan fi zakaata haga kennan itti akka isaan irratti waraana banu (Allaahn) na abboomera.’” [12]
Musliimonni Jaannata ka argatan kaafiroota irratti billaa luqqisuun ta’uu isaa nabiyyiin amantaa Islaamaa yommuu argisiisan akkas jedhaniiru.
“Jaannatni gaaddidduu billaa jalatti argamti.”[13]
Barreeffama biroo keessatti immoo Musliimonni kaafiroota wajjiin waraana taasisanii mallattoo godaannisa madaa utuu hin horatin Allaah wajjiin wal argan taanan ga’umsa ka hin qabne godhamanii akka lakka’aman nabiyyichi Muhaammad dubbachuun isaanii barreeffameera.[14] Jihaada irratti utuu hin hirmaatiin ykn yoo xiqqaate jihaada irratti hirmaachuuf utuu hin yaadiin Musliimni du’u oftuultuu ta’uu isaa dubbachuun isaanis gabaafameera. [15]
Namoota amantaa isaa ganan adabuu irratti Islaamummaan seera ifa ta’e qaba. Adabbiin isaas du’a oggaa ta’u Mahammadiin ka murteeffamee dha. ISIS immoo hojiirraa oolchaa jira.
Nabiyyichi “nama Islaamummaa gadhiisee ba’u kam iyyuu ajjeesaa” jedhaniiru.[16]
Musliima ka hin taane irratti waraana labsuu fi dirqisiisanii sagachiisuun akkasumas Islaamummaa irraa adda ka bahan ajjeessuun barsiisa Islaamummaa dha. ISIS barsiisa kana gara raawwiitti jijjiiruu isaan ala barsiisa Islaamummaa irraa wanta adda ta’e kam iyyuu hin raawwanne.
Namoota Musliima hin Taane Jibbuu, Tuffachuu, Salphisuu fi Abaaruu
Islaamummaan barsiisa Alwalaa’ Walbaraa jedhamee beekamu qaba. Kunis Allaaf jedhanii jaalachuu fi jibbuu yaada jedhu ka qabu dha. Kun ISIS ka duukaa bu’u ilaalcha salafii (wahaabii) keessa itti barumsa xiyyeeffannaa guddaan itti kennamu dha. Akka Qur’aana itti Yihudota fi Kristaanota dabalatee namoonni Musliima hin taane cufti uumama kam iyyuu calaa hamoota dha:-
“Warri abbootii kitaabaa fi mushrikoota irraa kafaran ibidda jahannam keessa itti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati.” (Suuratul Az-Zalzalaa 98:6)
Seexana dabalatee addunyaa keessa itti ka argamu uumama isin hamaa dha jettan kam iyyuu mee yaadaa. Amantiin keessan Musliima miti yoo ta’e akka Qur’aana kanaa itti isin uumama kana caalaa hamoota dha. Kanaaf uumama hundumaa irra hamminaan inni caalu erga hin jibbamu ta’ee maaltu jibbamuu danda’a ree?
Musliimonni sirriin maatiin isaanii ka hin sallamne illee fira ka hin godhanne ta’uu isaanii Qur’aanni akkas jechuun dubbata:-
“Uummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amananuu, namoota Rabbiifi ergamaa isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaaanii ta’anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argitu. Isaan sana (Rabbiin) onnee isaanii keessatti iimaanaa barreessee jira;…” (Suuratul Al-Mujaadalaah 58:22)
Musliimni maatii isaa Musliima hin taane jibbuu hin dandeenye hafuura Islaamummaa hin fudhanne. Akka Macaafa Qulqulluu itti hafuurri Waaqayyoo hafuura jaalalaa dha. Namni hafuura Waaqayyoo fudhate maatii isaaf qofa utuu hin taane diinaa isaa illee dandeettii ittiin jaalatu qaba. Hafuurri luqqisii Qur’aana kana keessa itti argamu garuu hafuura jibbaa dha. Jibbi hundee amantaa Islaamaa mankaraarsaa ta’uu isaa argisiisuuf ragaan kana caaluu hin barbaachisu.
Musliimonni namoota hunda caalaa gaarii akka ta’an fi wanta gaarii ajajuu fi wanta hamaa ta’an ittisuuf aangoon akka isaaniif kenname Qur’aanni in dubbata:-
“Isin caaltuu ummata namaaf mul’ifamtee taataniittu. Toltutti ajajju; hamtuu irraas ni dhnetitu; Rabbittis ni amantu. Odoo abbootiin kitaabaa amananii, silaa gaarii isaaniif ta’a ture. Isaan irraa mu’uminoonnis jiru; garuu irra hedduun isaanii finciltoota.” (Suuratul Aali Imraan 3:110)
Jechi Qur’aanaa kun Musliimonni mankaraarsitoota ta’an ol’aantummaa qabachuuf akka qabsa’an fi dhukkuba gadi aantummaa (Inferiority Complex) jedhamuun akka rukutaman isaan godheera. Hundumaan ol ta’uu isaanii yaaduun warreen kaan tuffatu; garuu immoo wanta hundumaan duubatti hafaa ta’uu isaanii dhugaan jiru isaan qabeera. Kun immoo miira jeeqamaa akka qabaatan godheera.
Musliimonni Kristaanota fi Yihudota salphisuu akka qaban Mahammad barsiisaniiru. Karaa itti yommuu walitti dhufan nagaa akka hin gaafannee fi akka karaa irraa isaan dhiiban abboomaniiru:-
“Nabiyyichi (nagaa fi eebbi Allaah isaan wajjin haa ta’u) akkas jedhaniiru:- ‘Yihudota ykn Kristaanota dursitanii nagaa hin gaafatiinaa. Karaa itti yoo isin itti dhufan gara qarqara karaa itti isaan dhiibaa.’”[17]
Akkasumas Qur’aana keessa itti jechoota abaarsaa Kristaanota fi Yihudota irratti yommuu dubbatan argina:-
“Yihuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhan. Kristaanonnis “Masiih ilma Rabbiiti” jedhan. Kun jecha isaanii kanuma afaan isaaniiti. Jecha isaan duraan kafaraniittis ni fakkeessu. Abaarsi Rabbii isaan irratti haa jiraatuu, akkamitti (dhugaa irraa) garagalu!” (Suuratul At-Tawbaa 9:30).
Mahammad utuu hin du’iin dura dubbiin isaanii inni dhumaa Yihudota fi Kristaanota abaaruu akka ta’e seenaan Islaamummaa in dubbata:-
“Ayishaa fi Abdallaan akka barreessan itti:- Ergamaa Allaah (nagaan isaan wajjin haa ta’u) yeroo lubbuun isaanii bahuuf jette itti fuula isaanii huccuun haguuguun erga xiqqo tasgabbaa’anii booda fuula isaanii argisiisuun haala kanaan utuu jiranii akkas jedha:- ‘Yihudonni fi Kristaanotni awwaala ergamoota isaanii akka bakka kadhannaa itti waan fayyadamaniif abaarsi isaan irra haa ta’u.’ wanta (Yihudotii fi Kristaanotni) godhan akka hin raawwanne (duuka buutota isaanii) akeekkachiisaniiru.”[18]
Kanaaf Daa’ishoonni namoota Musliima hin taane jibbuu, tuffachuu, salphisuu fi abaaruu isaaniin wanta Islaamummaan ala ta’e maal raawwatan? Homaa!
Dubartoota Wal-qunnamtii Saalaaf Garba Gochuu fi Daa’imman Gudeeduu
ISIS ka fakkaatan gareen gara jabeeyyii wanta ittin beekaman keessaa tokko dubartoota Walqunnamtii saalaaf garba gochuu dha. Kun immoo barsiisa Qur’aanaa ka suunnaa (fakkeenya) Mahammadiin mirkanaa’e dha. Mahammad akka Daa’ishota ammaa dubartoota wal-qunnamtii saalaaf garba ka ta’an qabu turan. Kun immoo seenaa qofa utuu hin taane jecha Allaah ka barabaraa akka ta’e Qur’aana dubbatameef keessa itti barreeffamee ka argamu dha:-
“Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki horatte, shamarran adaadota keetii, shamarran eessummaan keetiifi shamarran haboo (obboleettii haadha) keetiis isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf of kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, mu’umintoota biraatiif odoo hin ta’in si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirra. Isaan (mu’uminoota) irratti niitii isaaniitiifi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goone dhugumatti beeknee jirra. Akka rakkoon si irrratti hin taaneef (kana goone). Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera.” (Suraa Ahzaab 33:50)
Barreeffama fira isaanii dhuunfate kana keessa itti “Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki horatte” ka jedhu dubartoota yeroo waraanaa itti booji’amanii garboofaman argisiisa. Haatii manaa Mahammad isheen daa’imni Ayishaan yeroo tokko “Allaan fedha kee guutuuf ariifateera” jechuun nabiyyicha itti dubbachuu ishee seenaa islaamummaa keessa itti barreeffameera.[19]
Mahammad fedha dhuunfaa isaanii guuttachuuf bu’aa foon isaaniif jedhanii mul’ata kana dubbachuun isaanii hundumaaf ifa dha. Waaqni dhugaan fedha nama tokkoo guutuuf mul’ata kana Macaafa barabaraa keessa itti barreessee kaa’eera jedhanii amanuun wallaalummaa dha.
Dubartoota walqunnamtii saalaaf garba godhanii qabachuun Mahammadiif qofa utuu hin taane warreen Musliimota dhiiraa hundaaf ka eeyyamame ta’uu isaa Qur’aanni bakka itti fufee jiru itti dubbata.
“Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’anii dha. Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuufatte irratti malee Dhuguma itti, isaan komatamoo miti.” (Suuraa Mu’uminuun 23:5-6)
“Dubartoota irraaayis isaan (dhiiraan) tikfaman kan harki keessan dhuunfatte malee (dhnetamaa dha). Heera Rabbiin isin irratti murteesse (qabadhaa). Warra kanneeniin ala jiran of tiksaa sagaagalummaa irraa fagaataa taatanii qabeenya keessanin barbaaduun isiniif eyyamameera. Isaan irraa (warra qunnamtii saalaa waliin raawwachuun) ittiin qananiitan mahriiwwan isaanii haala dirqama ta’een kennaafii, Waan erga mahriin murtaa’ee booda ittiin wal jaalattan keesa badiin isin irra hin jiru. Dhugmumatti Rabbiin beekaa, ogeessa ta’eera.” (Suuraa An-Nisaa’ii 4:24)
Suuraa 4:24 irratti akkaataa barreeffameen Musliimonni dhiiraa dubartoota abbaa manaa qaban wajjin walqunnamtii saalaa raawwachuun ka isaaniif hin eeyyamamne yemmuu ta’uu, garuu dubartootaa waraana irratti booji’an yoo abbaan manootii isaanii lubbuun jiran illee wal-qunnamtii saalaaf itti fayyadamuu danda’u. Luqqisiin armaan olii itti ibsaman haala gaa’ila ala ta’een dubartoota walqunnamtii saalaaf garboomsanii itti fayyadamuun ka eeyyamame ta’uu isaa argisiisuu isaanii beektonni amantaa Islaamaa irratti walii galu.
Mahammad fi hidhattoonni isaanii abbaa manootii ajjeesanii haadha manootii walqunnamtii saalaaf itti fayyadamaa akka turan seenaa amantaa Islaamaa hedduu keessa itti barreeffamee arganna. [20] ISIS barsiisa Quraanaa ka Mahammad fi Musliimota warreen jalqabaan raawwatamaa ture kana raawwacha jira. Kana irraa kan ka’e dubartoonni kristaanaa fi Yaazidii hedduun rakkina guddaa keessa itti argamu. Abbootiin siyaasaa fi mirga namaaf ka falman hedduun gocha kana irratti dheekkamsaa fi mormii isaanii yoo argisiisan iyyuu garuu yaada Islaamummaa akka of keessaa qabu ka beekan hin fakkaatan.
Inni biraan ISIS gocha gara jabinaa ka ittiin beekamu keessaa tokko shamarran heerumaaf hin geenye walqunnamtii salaaf itti fayyadamuu dha. Mahammad daa’ima Ayshaa jedhamtu sana waggaa 6ffaa ishee itti kaadhimachuun waggaa 9ffaa isheetti fuudhuun daa’ishootaaf fakkeenya gaarii ta’aniiru. Kanaafis seenaa Islaamummaa ragaa ta’an dursinee ibsineerra.
Qur’aana keessa itti shamarran laguu ji’aa utuu hin argiin (heerumaaf hin ga’iin) haala ittiiin hiikuu danda’amu luqqisiin qajeelfama kennu tokko in argama:-
“Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii ji’a sadii qofa. Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta’an immoo baallamni isaanii ulfa isaanii da’uu dha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha.” (Suuratul Ax-Xalaaq 65:4)
Luqqisii kana ifa gochuuf Musliimni dhiiraa tokko dubartii laguun ji’aa ishee dhaabate hiikuu yoo barbaade ji’a sadiif walqunnamtii saalaa utuu hin raawwatiin tura. Sababa umriin hin geenyeef durba laguu ji’aa hin argine hiikuu yoo barbaade akkuma kana ji’a sadiif walqunnamtii saalaa utuu hin raawwatiin eega. Kun qajeelfama Islaamummaa ka beektonni Qur’aana cufti irratti walii galan dha. Sayid Abu Alaa Maawuduudii ka jedhaman beekaan Islaamaa biyya Paakistaan luqqisii kana ilaalchisee akkas jedhaniiru:-
“Laguu ji’aa ka hin argiin qajeelfama ittiin hiikuu danda’amu ka kennu luqqisiin Qur’aanaa kun dubartoota akkasii fuudhuun akka danda’amu ifa itti ka argisiisu dha. Kanaafis gocha Qur’aanni murteesse kana eenyu iyyuu mirga ittisuu hin qabu.” [21]
Mahammad daa’imman warra jilbaan deeman utuu hin hafiin gaa’ilaaf akka hawwaa turan seenaa Islaamummaa keessa itti dubbisuun baay’ee ka nama naasisuudha dha:-
“Mucaan Abbaas Um Habiibaa jedhamtu umurii harma hodhan irra yommuu turte fuula isaanii dura jilbaan yommuu daa’imtu Mahammad ilaaluun akkas jedhan. ‘Ani utuu lubbuun jiru ka guddattu yoo taate nan fuudha.’” [22]
Akka amantii Mahammad itti guddatanii gaa’ilaaf ga’uu jechuun wagga 9 guutuu dha. Kun immoo akka kaalandara kristaanaa itti utuu hin taane Araboonni ka itti fayyadaman akka kaalandara amantaa Islaamaatti. Kaalaandarri amantaa Islaamaa kaalandara kristaanummaa ka nuti itti fayyadamnu irraa akka xiqqaatu hubachuun barbaachisaa dha.
Daa’ishoonni daa’immoota walqunnamtii saalaaf itti fayyadamuun isaanii suunnaa Mahammad irratti ka hundaa’e ta’uun isaa ifa dha. Kanaaf gochi ISIS kun Islaamummaa dha.
Namoota Haala Sukkanneessaan Gadaduu fi Ajjeesuu
Daa’ishoonni haala gara jabina ta’een namoota yommuu gadadanii fi ajjeesan ilaaluun ka barame ta’eera. Sadarkaa gara jabina isaanii yommuu ilaallu Seexanni illee haga kana dhala namaa irratti garaa jabaachuun isaa in shakkisiisa. Namoonni hedduun gocha gara jabina isaanii jechaan ibsamuu hin danda’amne kana ilaaluun gocha akkasii kana Islaamummaan eeyyamuu akka hin dandeenye itti yaadu. Firoottan koo; barreeffamoota Islaamummaa yoo dubbiftan daa’ishoonni Mahammadii fi Musliimonni warreen jalqabaa wanta raawwachaa turaniin adda ka ta’e akka isaan hin raawwanne ni mirkaneessitu. Mee Qur’aanni waa’ee kaafiroota gadaduu maal akka jedhu haa ilaallu:-
“Dhugumatti mindaan warra Rabbiifi ergamaa isaatiin lolanii, dachii keessa balleesuuf deemanii ajjeefamuu, yookiin fannifamuu, yookiin harkaafi miilli isaanii faallaan irraa ciramuu, yookiin biyya irraa ari’amuu dha. Kun dunyaatti isaaniif salphina. Aakhiraatti immoo isaaniif adaba guddaatu jira.” (Suuratul Al-Maa’idaa 5:33)
Dursee akkuman ibse Allaah fi ergamticha mormuu jechuun akka hiika Islaamummaa itti seera Qur’aana fi Islaamummaa kam iyyuu faallessuu akkasumas nabiyummaa Mahammad fudhachuu dhiisuu jechuu dha. Lafa irraa balleessuun immoo hawaasa Musliimaaf wanta gufuu ta’u kam iyyuu raawwachuu argisiisa. Wangeela dubbachuu dabalatee barsiisa yaada Islaamummaan ala jiru kam iyyuu barsiisuun akka seera Shari’aa itti adabbii kanaaf nama saaxila.
“Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis kuffaaraa irratti ciccimoo, gidduu isaanitti immoo wal mararfatoo dha.” (Suuratul Al-Fat’hi 48:29)
Luqqisiin kun afaan Arabaan yommuu dubbifamu Mahammad fi hordoftoonni isaanii kaafiroota irratti gara jabina araara hin qabne (Ruthless) fi walii isaaniif immoo ka gaddan ta’uu isaanii ka dubbatu dha. Kun mallattoo Mahammad fi hordoftoota isaanii dha. Warreen kaan gara jabinaan billaan qalu; walii isaaniif garuu in gaddu.
Luqqisii itti fufee jiru keessa itti immoo kaafiroota irratti garaa jabaachuun abboommii Allaah ta’uu isaa argina:-
“Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; Isaan irrattis jabeessi. Teesson isaanii jahannami. Deebiin isaaniis (jahannam) waa fokkaatee!” (Surat al-Tawbaa 9:73)
Gaaf tokko namoonni muraasni gara Mahammad dhufuun Islaamummaa fudhatan. Mahammad nagaan isaan simatan. Haalli qilleensa biyya Madiinaa waan isaaniif hin mijanneef gara tuuta Gaalaa deemuun aannan fi fincaan isaanii qorichaaf akka dhugan isaan abbooman. Namoonni kun erga isaan itti fooyya’ee booda tiksee Mahammad ajjeesuun Gaalota fudhatanii deeman. Mahammadis hidhattoota isaanii erguun duuka bu’anii qabuun akka fidan godhan. Kana booda “qooda ija. iji; qooda ilkaanii ilkaan” abboommii jedhuun utuu hin taane dhaga’uuf haala sukkanneessaa ta’een isaan adaban. Barreessaa seenaa Buhaarii ka jedhaman akkas jechuun barreessaniiru:-
“Nabiyyichi harkii fi miilli isaanii akka citan abbooman, isaanis kutaman. Agartuun isaaniis sibiila ibiddaan diimateen waadamee akka badu godhame. Itti fufuunis haga du’an itti al-haarraa bakkee jedhamu (Madiinaa keessa bakka gogaa aduun jiru) irratti gataman. Yommuu bishaan gaafatan bishaan kam iyyuu isaaniif hin kennamne ture.” [23]
Nabiyi Mahammad akka haadisii itti fufee jiru itti qarshiif jedhanii namoota akka gadadaa turan argina. Namni haadisii kana keessa itti ibsame misirroo haaraa fi dargaggeessa gaggeessaa Yihudii ka Hayibarii jedhamutti argaman ture. Mahammad erga isa ajjeessisanii booda dargaggeettii simboo qabeetti waggaa 17 ka turte haadha manaa isaa ofiif fudhataniiru. Haadisichi akkas itti dubbifama:-
“Nabiyyichi nama Kinaanaa jedhamu ilaalchisee Zubaayiriif abboommii akkas jedhu kennan. ‘of keessatti kan qabate hunda haga baasu itti rakkisi.’ Kanaaf Zubayiir haga Kinaanaan du’aaf gahu itti laphee isaa irra ibidda kaa’e. Ergasii nabiyyichi Maslammaa nama jedhamu itti dabarsee isa kenne. Innis isa qale. [24]
Namoonni akka ibiddaan hin gubanneef Mahammad abboomuu isaanii haadisoonni dubbatan jiru; garuu immoo namoonni akka ibiddan gubataniif bakki isaan itti abbooman jira.[25] Daa’ishoonni nama lammii Yoordaanoos xiyyaara oofu kan guban “…qooda ijaa. iji; qooda ilkaanii ilkaan…” abboommii jedhuun akka ta’e ka dubbatan oggaa ta’u barreeffamoonnii Islaamummaa kunis deeggarsa dabalataa isaaniif kennu.
Seenaan baay’ee sukkaneessaa ta’e kan biroo seenaa Al-xobaarii fi Ibin Iisihaaq barreessan keessa itti argama:-
“Um Qirfaa ka jedhamtu abbaa umurii 80 ka taate maqaan ishee inni sirriin Faaximaa Biint Ruubiyaa ka jedhamtu turte. Walaloo Mahammad ceepha’u qopheessuun ni dubbisti turte. Ijoollee dhiiraa 13 ka qabdu yommuu ta’u hundi isaanii ga’eessotaa fi gaggeessitoota qomoo Yihudii turan. Gareen Zayid Biin Xaabitiin gaggeeffamu yeroo ramadaan itti Um irratti duule. Um yeroo sana du’a akka malee duute. Zayid miilla ishee Gaalota lamaan gidduu itti hidhe. Kallattii garaa garaan akka deeman godhe, isheenis bakka lamatti citte. Dubartii baay’ee dulloomte turte. Ergasii Mucaa Uum fi Abdallaa gara nabiyyichaa itti fidan. Mucaan Um booji’amtee qabeenya Salaamaah taatee turte. Mahammad waa’ee ishee salaamaa gaafatan. Salaamaanis isaaniif kenne.[26]
Seera Zimmaa Hojiirra Oolchuu
Waggottan muraasa dura abbaa boombii Baalii jedhamee ka beekamu namoota hedduu ajjeessee ka ture Amroozii ka jedhamu shororkeessaan lammii Indooneezhiya murtoon du’aa itti faradamuuf gara mana murtii utuu seenaa jiruu “Haayibariin yaada dhaa! Loltoonni Mahammad isin mo’uuf deebi’ee dhufaa jira!” Jechuun sagalee isaa ol kaasee iyyuun dubbatee ture.[27]
Waraanni Hayibar hanga ammaa itti Musliimonni namoota Macaafichaa jechunis Yihudota fi Kristaanota wajjiin walitti dhufeenya qabaniif seenaa bu’uura ta’eedha. Mahammad waraana Hayibar irratti Yihudota hedduu ajjeesanii turan. Lubbuun warra jiran amantaa isaanii qabatanii akka turan kan eeyyamaniif yommuu ta’u kana raawwachuu akka danda’aniif waadaa tokko isaan seensisanii turan. Waadaan kun wadaa Zimmaa ykn kakuu bitamuu jedhamuun beekama. Zimmaa jechuun eeguu/eegumsa gochuu/ hiika jedhu qaba.
Namoonni kakuu kana mallatteessan immoo zimmii jedhamuun ka beekaman oggaa ta’u hiikti isaa warra eegaman ka jedhu qaba. Kana jechuun akka hin ajjeefamneef jireenyi isaanii seeraan kan eegame jechuu dha. Ziimmoonni jalqaba irratti kakuun isaan galan Musliimotaaf akka gumaa dhiigaa itti kan lakkaa’amu, gibira jiiziyaa jedhamee beekamu kaffaluudha. Gibirri kun kan kaffalamu lubbuun turuu dha. Musliimonni gibira kana ka fudhatan akka nama miidhame itti ta’uuni. Kana jechuun namni jihaadaa tokko yoo isin ajjeese carraa ittiin qabeenya keessan fudhachuu fi haadha manootii akkasumas ijoollee keessan booji’ee ofiif godhatu in qabaata. Garuu yoo isiniin hin ajjeefne ta’e faayidaa kana waan dhabuuf miidhamaa dha. Kanaaf gatii miidhama isaa kaffaluufii qabdu jechuu dha. Luqqisiin Qur’aanaa itti fufee jiru waa’ee kaffaltii jiiziyaa ka dubbatu dha.
“Isaan Rabbiifi Guyyaa Dhumaatti hin amanin, kan waan Rabbiifi ergamaan isaa haraam godhe haraam hin godhiin, kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaabni kennameef irraa kan ta’an hanga isaan salphatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti loolaani.” (Suuratul At-Tawbaa 9:23)
ISIS akka luqqisii kanaa itti kristaanota Itiyoophiyaa kan ajjeese sababa jiiziyaa kaffalamuu qabu kaffaluu dhiisuu isaanii akka ta’e ibseera. Kristaanonni bittaa isaa jala jiran jiiziyaa kaffalan nagaan jiraachaa akka jiran viidiyoon argisiiseera. Kakuun Zimmaa bifa salphina fi jibbisiisaa hedduu of keessaa qaba. Muraasa isaanii ibsuuf:-
- Gibirri waggaan kafalamu kun humna isaaniin ol ka ta’e fi rakkisaa dha.
- Guyyaa gibirri kaffalamutti bakka jibbisiisaa kosiin guutame irra akka dhaabbatan godhama.
- Zimmiin miillaan deemee dhufuu qaba.
- Inni gibira fuudhu bakka olka’aa irra taa’a. Warreen gibira kaffalaniin amala ittiin sodaachisu in qabaata.
- Zimmichi kaffaluuf ogga dhiyaatu hidhaa morma isaa irratti hidhameen harkifamuun gara lafa itti akka kufu godhama.
- Gibira kan sassaabu gibira yommuu fuudhu bifa harka irraa butuun dha.
- Morma zimmichaa irratti billaan godhamee sochiin qalma argiisuu in godhama.
- Zimmichi kaffaltii isaa erga raawwatee booda gara cinaa itti darbatama.
- Warreen zimmii amantaa isaanii Musliimota itti dubbachuu hin danda’an. Sallamuu ka barbaadan gorsuun dhiisisuu hin danda’an.
- Namni Musliimaa ogga dhufu dhaabbatanii simachuu qabu.
- Nama Musliimaaf barcuma gadhiisuu qabu.
- Nama Musliimaaf karaa gadhisuu qabu.
- Mana waaqeffannaa haaraa ijaaruu hin danda’an. Warreen durii haareessuu hin danda’an.
- Yommuu lallaban ykn faarfatan sagalee isaanii Musliimni dhaga’uu hin qabu.
- Mallattoo amantaa isaanii mana waaqeffannaa isaanii irratti haala Musliimni arguu danda’un kaa’uu hin danda’an.
- Dubartii Musliimaa wajjiin walitti dhufeenya kam iyyuu qabaachuu hin qaban; Garuu Musliimonni warreen dhiiraa shamarran ka zimmootaa fuudhuu ni danda’u.
- Zimmoonni taayitaan Musliimotaan olitti taa’uu hin qaban.
- Maqaa muslimaa qabaachuu hin danda’an.
- Akka Musliimaa itti uffachuu hin danda’an.
- Beeylada kabajaa Farda, Gaala fi kkf yaabbachuu hin danda’an.
- Meeshaa waraanaa qabachuu hin danda’an.
- Loltoota amantaa Islaamaa mana isaan itti simatanii keessummeessuuf dirqamni isaan irra jira.
- Bakka tokkoo gara bakka kaan deemuuf abbootii taayitaa eeyyamsiisuu qabu.
- Dhiigni ziimii dhiiga nama Musliimaa wajjin walqixa miti. Zimmiin Musliima tokko yoo ajjeese in ajjeefama. Namni Musliima ta’e garuu zimmii tokko yoo ajjeese hin ajjeefamu.
- Hawaasa zimmii kana keessaa namni tokko walii galtee kana keessaa tokko isaa irra yoo darbee argame Musliimonni hawaasa zimmii hunda ajjeesuuf mirga qabu.
- Seerri sukkanessan kun warri Awuroppaa bara itti biyyoota Musliimaa bittaa garbummaan haga qabatanitti itti fufee ture.
Biyyoota Arabaa Sooriyaa, Misira fi kkf keessatti kristaanonni har’a jiraachaa jiran seera sukkaneessaa akkasii danda’uun keessa ka darbanii dha. Gibirichi baay’ee rakkisaa ta’uu isaa irraa kan ka’e kan of wallaalan, galma isaanii utuu hin beekiin baduun jooraa ka du’an Kristaanonni hedduun jiraachuu isaanii seenaan galmeessera.[28]
ISIS seera Islaamummaa kana dha kan inni deebisee hojii irra oolchuuf yaalaa jiru. Islaamummaan ol’aantummaan ka bitu yoo ta’e akka seera kana itti jiraachuuf namoonni fedha argisiisan mataa isaanii morma isaanii irra tursiisuuf carraa in qabaatu.
Yaadannoowwan
[1] Mark Gabriel: Islam and Terrorism, 2002, p 23-24
[2] Sahih Al-Bukhari, Volume 4, book 52, Number 220
[3] Sahih Muslim, Book 004, Number 1062, 1063, 1066, 1067
[4] Sunan Abu Dawud, 14:2665; 38:4390; Sahih Al Bukhari 4:52:280
[5] Tafsir Ibn Kathir – The Campaign against Banu Qurayzah
[6] Sahih Muslim, 4457
[7] Sahih Muslim 4322; Sahih Al Bukhari 52:256
[8] Sahih Al Bukhari 5:234; 5:236
[9] Ibn Ishaq, The Life of Muhammad p. 819
[10] Ibn Ishaq, The Life of Muhammad pp. 675-676; Ibn Sa’d, Kitab al-tabaqat al-kabir pp. 30-31; Ibn Sa’d al-Baghdadi: The Book of the Major Classes, Vol. 2, pp. 32
[11] Kitab al-Maghazi, translated by Faizer R., Ismail A., & Tayob, A. K. (2011), The Life of Muhammad, pp.86-87
[12] Sahih Al-Bukhari, Vol. 1 Book 2, Number 24
[13] Sahih Bukhari, Vol. 4 Book 52, Number 73
[14] Sunan Ibn Majah, 2763
[15] Sunan An-Nasa’i, 3099
[16] Bukhari, 52:260; 83:37; 84:57; 89:271; 84:58; Abu Dawud, 4346
[17] Sahih Muslim, 2167; Sahih Ai-Bukhari Book 25, Number 5389 dabalatas Iman An- Nawaawii, Riyaaduu Saaliihiin, haadisii lakkoofsa 811-1896, fuula 2, hiikaa Hasan Taajuu fuula 42 ilaalaa .
[18] Sahih Muslim 1082; Sahih Al-Bukhari 2:23:472
[19] Sahih Al-Bukhari, 60:311
[20] Sahih Al-Bukhari, 62:137; Bukhari 34:432; Abu Dawud 2150
[21] Sayid abul A’La maududi, The meaning of the Qur’an Vol. 5 pp. 599 & 617
[22] Musnad Ahmed, Number 25636
[23] Sahih Al-Bukhari 7:71:623; 5:59:505; 1:4:234; 4:52:261; Sahih Muslim 16:4131; 16:4130;
16:4132; 16:4134; Abu Dawud 38:4356; 36:4357
[24] Al-Tabari, Vol. 8, p. 122
[25] Sahih Al-Bukhari 11:626; Ishaq’s Sirat Rasul Allah, 1955, p. 316
[26] Al-Tabari, Vol. 8, p.96; Ishaq’s Sirat Rasul Allah, 1955, pp. 664-665
[27] www.answering-islam.net/authors/durie_khaibar.html (Accessed on 21/05/2015) Musliimonni yeroo baay’ee hiriira yommuu godhan “Hayibar Hayibar yaa Yahud! Jaa’ish Mahammad Sawufe Ya’uud” jedhanii yommuu iyyan dhaga’uun kan amaleeffatame dha.
[28] Dhimma mata duree kana irratti odeeffannoo ga’aa argachuuf beekaa kan ta’an Doktor Mark Duurii nama jedhamaniin The Third Choice, Islam, Dhimmitude and Freedom kitaaba jedhu argachuun akka dubbistan isin nan argisiisa. Akkasumas dhimma mata duree kana irratti qorannoo guddaa ka godhan beekaa Yihudii Baat Yo’arin kan hundaa’e dirree weebsaayitii www.dhimmitude.net jedhu yoo ilaaltan odeeffannoo hedduu argattu.