BOQONNAA 3 ISIS Islaamummaa Bakka Bu’a Erga Ta’ee Maaliif Musliimota Miidha?

BOQONNAA 3

ISIS Islaamummaa Bakka Bu’a Erga Ta’ee Maaliif Musliimota Miidha?

Namoonni hedduun gaaffiin kun IS islaamummaa ta’uu isaa akka shakkan sababa kan isaaniif ta’e fakkaata. Garuu dhimma kana bal’ifnee kan ilaallu yoo ta’e wanti hundi nuuf gala. Qabxiilee arfan itti fufanii jiran hubannaan erga dubbistanii booda gareen shororkeessitootaa kun uummata amantaa Islaamaan ala ka jiran qofa utuu hin taane Musliimota dabalatee kaayyoo godhatee rukuchuun isaa garee Islaamummaa ta’uu isaa caalaa itti akka mirkaneessu hubattu.

  1. ISIS Musliimoota irratti midhaa geessisuun isaa gocha islaamummaa kan inni ta’uuf sababni jalqabaa akka Qur’aana itti Musliimonni kristaanotaa fi yihudota itti firooman, akkuma isaanii itti kan lakka’aman ta’uu isaanii dha.

“Yaa warra amantan! Yahuudotaafi kristaanotas jaalallee keessan hin godhatinaa. Gariin isaanii jaalallee gaariiti. Isin irraa namni jaalallee isaan godhate, inni isaanuma irraayyi. Dhugumatti, rabbiin ummata miidhaa hoajjattoota hin qajeelchu.” (Suuratul Al-Maa’idaa 5:51)

Musliimonni kaafiroota firoomfatan gara Gahannamaa deemu:-

“Isaan irraa hedduu kan warra kafaran jaalallee godhatan argita. Rabbiin isaan irratti waan dallaneef wanti lubbuun isaanii isaaniif dabarsite waa fokkate! Isaan adaba keessattis hafoo dha.” (Suuratul Al-Maa’idaa 5:80)

Musliimmonni maatii isaanii warra kaafiroota ta’an illee yoo firoomfatan yakkatti lakkaawwama:-

“Yaa warra amantan! Abbootii keessaniifi aoboleeyyan keessan yoo ilaaltan imaanaa irra kufrii jaallatan, jaallee hin taasifatinaa. Isin irraa namni jaalallee isaan taasifate, warri sun isaanumatu miidhaa raawwatoota.” (Suuratul At-Tawbaa 9:23)

Beekaan Islaamaa Abu Dawud akkas jedhaniiru:-

“Muushiriiik(Allaah ala wanta biraa kan waaqeffatu) wajjin namni walii galuu fi jiraatu akkuma isaa dha.”[1]

Yaadota wal fakkaatoo heddu barreeffamoota Islaamaa keessaa caqasu ni dandeenya. Iibin Kasiir fi Ibin Tayiimiyaan dabalatee beektonni amantaa Islaamaa hedduun yaada kana cimsu. Kanaaf ISIS kan fakkaatan gareen Islaamummaa Musliimota kan ajjeesan kana irraa ka’aniitu. Namoota Musliima hin taane wajjin, keessumaa immoo Kristaanota fi Yihudota wajjiin Musliimonni firooman hawaasa Musliimaaf (umaaf) balaa akka ta’an yaadama. Kanaaf namoota kana ajjeesuun hawaasa muslimaa irraa balaa eeguu dha yaada jedhu qabu. Allaahn immoo Qur’aana keessa itti Musliimonni kaafiroota firoomfatan Musliimota sirrii ta’uu dhiisuu isaanii fi akkuma kaafirootaa ta’uu isaanii dubbachuun tarkaanficha itti murteesseera. Kaafiroonni ajjeefamuu yoo qaban Musliimonni kunis ajjeefamuu qabu. Kanaaf ISIS wanta islaamummaa hin taane fi Qur’aanaan hin deeggaramne raawwachaa hin jiru.

  1. Inni biroon immoo Islaamummaa keessa gareen hedduu jiraachuu isaanii dha. Gareen kun walii isaanii ka morman fi inni tokko isa kaaniin akka kaafirii itti kan lakkaa’u dha. Keessumaa Musliimonni Shi’aa fi Sunnii faayidaa siyaasaaf walitti bu’uun caalaa itti inni tokko isa kaaniin akka Musliima dhugaa itti hin lakkaa’u.
  2. Gareen kun Musliimota kan ajjeesaniif sababni sadaffaan immoo amala Islaamummaa irraa kan madde dha. Islaamummaan amantaa Waaqayyo biraa ta’e miti. Hundeen isaa jibbaa fi oftuullummaa dha. Kanaaf amantaa Waaqayyo keessa hin jirre waan ta’eef amantaa jeequmsaa dha. Musliimonni diinni alaa yommuu isaan itti dhufu waliin ta’uun diina isaanii loluuf yaalu. Haalli ala jiru nagaa yoo ta’e immoo hojii hin hiikan; Walii isaanii irratti waraana banu. Baroota jalqabaa ka Islaamummaa yommuu ilaallu gaggeessitoonni isaanii wal waraanuun ture taayitaa kan wal harkaa fuudhaa turan. Mahammad wajjiin ka turan hiriyoonni Mahammad du’a isaanii booda tokkummaan gidduu isaanii ture diigamee ture. Umar diina isaaniin ajjeefaman. Umar booda taayitaa ka fudhatan Usman akkuma kana itti ajjeefaman. Kaliifaan inni sadaffaa Aliin akkuma kana ajjeefaman. Kunis Sunnii fi Shi’aa gidduu itti jibbaa fi garaagartee guddaa haga ammaa itti uumameef karaa bane. Ilmi Alii Huseen akkuma kana itti ajjeefame. Ayishaan raayyaa qindeessudhaan Musliimota biro waraanaa turte. Kanaaf Islaamummaan hundeen isaa jibba waan ta’eef Musliimonni namoota kaan wajjinis ta’e walii isaaniif illee waldanda’anii jiraachuun isaanitti ulfaata.
  3. Namoonni kun Musliimota maaliif ajjeesu gaaffii jedhuuf sababni arfaffaan ibsamuu danda’u qajeelfama amantaan Islaamaa hordofu irratti kan hundaa’e dha. Islaamummaan “eessa itti iyyuu daaki garuu daakuu isaa fidi” yaada jedhu amantaa hordofu dha. Kana jechuun bu’aan isaa deemsa kee murteessa (The end justifies the means) jechuun amana jechuu dha. Musliimonni wanti isaan godhan bu’aa gaarii kan argamsiisu fi islaamummaa ka fayyadu yoo ta’e wanta kam iyyuu raawwachuuf duuba itti hin jedhan. Hawaasa Musliima rakkinatti galchuun karoora Islaamummaa kan waggaa dheeraaf bu’aa faayidaa qabu kan argamsiisu yoo ta’e in raawwatu. Daa’ishoonni Musliimota jeequu fi dararuun biyyaa akka godaanan gochuun karaa lamaan Islaamummaa akka fayyadu itti yaaduu danda’u. Inni jalqabaa jaarmiyaalee mootummaa fi ijaarsa hawaasaa warreen kristaanotaaf bakka kennan diiguun kristaanota naannaa sana irraa buqqisuun danda’amuu isaa dha. Kun immoo haala eegameen raawwatamaa jira. Inni lammaffaan immoo Musliimonni heedduminaan biyyoota naannaa dhihaa itti argaman keessaa gadhiisanii akka ba’an gochuun gara biyyoota Musliima hin taane deemuun akka qubatan, tarii lallabaa fi waraanaan bu’aa argamuu hin dandeenye bifa kanaan argachuuf karoorfachuu ni danda’u. Godaansi karaa ittiin Islaamummaan babal’atu keessaa isa guddaa fi jalqabaa dha. Yeroo ammaa godaantonni amantaa Islaamaa Sooriyaa fi Liibiyaa bakka buufata doonii Awurooppaa dhiphisaa jiru. Gadaantonni kun lafa taa’umsaa erga argatanii booda hawaasa Musliima ta’e hundeessu. Ergama Islaamummaa akka eegame itti raawwachuu akka danda’aniif kan isaan barsiisan fi isaan ijaaran kaayyoo kanaaf kan leenji’an qopha’anii waan isaan eeganiif yeroo gabaabaa keessa itti gara hawaasa dhiibbaa fiduu danda’an itti guddatu. Akkasuma armaan olitti yommuu ilaalamu wanta Musliima miidhuu danda’u ka fakkaatu (jeequmsa fi godaansa) haala kanaan karoora Islaamummaa waggaa dheeraa galmaan ga’uuf karaa ka banu ta’a jechuu dha. Kan hubatu haa hubatu!

Namni ijoo arfan armaan olii itti ibsaman yaada keessa galchu IS Musliimota ajjeesuu fi ari’uun isaa Islaamummaa akka hin taane xummuree kaa’uu hin danda’u.

Yaadannoo

[1] Sunan Abu Dawud: 2787

ISIS Islaamummaa Dhugaatii? Baafata