Bara 1979 – Hokkaara idil addunyaafi taateewwan sadan

Bara 1979 – Hokkaara idil addunyaafi taateewwan sadan

Akka ilaalcha baay’oliitti jalqaba jihaadii kan idil addunyaa godhamee yaadamu fulbaana 11/2001 haleellaa Ameerikaa irratti taasifameedha. Garuu haleellaan kun bu’aa jihaadii idil addunyaa malee isa jalqabaa hin turre. Maark Isteeyinii kan jedhamu akka dubbii barreessaa kanaatti “fulbaanni 11 wanti hundi guyyaa itti jijjirame otuu hin taane waantonni hagam akka jijjiraman guyyaatti yeroo ifa baafame ture.”[1] Seenaa jihaad isa ammayyaa kana mannaa hiika addaa kan qabu bara 1979 dha. Barri sun shororkeessummaan bifa idil addunyaa akka qabaatu kan godhan hordoftoota isaatiin taateewwan seenaa waggaatti raawwataman ture.

Warraaqsa Iraan

Warraaqsi islaamummaa otuu hin kaafamiin dura Iraan michuu Ameerikaa kan ta’e maatii Paahilaashiin hogganamti ture. Biyya Faransayii keessatti godaansarra kan turan Ayaatolaa Hoominii ergaa isaanii kaassetiin rabsuun warraaqsi isaan babal’isan milkaa’ee seerri inni duraa ega kufee booda, gara biyya isaanii deebi’uun motummaa islaamummaa riifarandamiin hundeessaniiru. Hiika shari’aa islaamummaa irratti kan hundaa’e seerri shari’aa, biyyattii islaamaa irratti seera laa’ilaayi ta’ee murteeffameera. Wagga sanatti ebila 4 dheekkamsaan kan guutaman dargaggoonni deeggartoota Homeeyinii “Seexana ishee guddoo” jedhanii kan ishee waaman Eembaasii Ameerikaa weeraruun lammii ishee ja’aatamii ja’a ta’an qabaniiru. Ameerikaan lammii ishee jalaa qabaman gadi dhiisisuu irratti xiyyeeffachuurra kan darbe Iraan keessatti dhimma raawwatamaa ture hubachuu dadhabdee ture yokiin dogoggora “maal fiduu danda’u” kan jedhuun xiyyeeffachuu hin barbaanne ture. Jaarsichi Homeeyinii seerri isaan hundeessan jabaa isa ture hoggansa maatii Paahilaashiin filannoo ta’uun itti fufa yaada jedhu qabaachu dhiisuu isheetiin ta’uu danda’a dhimma kana callisuun kan ilaalte. Garuu yaadni sun raawwatee dogoggora ture.

Warraaqsi islaamummaa kan Iraanii bara kanatti mootummaa islaamummaa hundeessuun akka danda’amuufi warri lixaa kan hin mo’amne ta’uu isaanii mirkaneessuun dadammaqina jihaadistootaaf sababa ta’eera. [2]

Marfamuu Makkaa

Eembaasiin Ameerikaa kan Teehiraanii weeraramee guyyaa kudha lammaaffaatti Saa’udii Arabiyaa keessatti taateen hin yaadamneefi hin eegamne tokko raawwatame. Hidhattoonni Musliimaa dhibba sadii ta’an Maskiida Makkaa isa guddaa to’atani. Hogganaan hidhattootaa Mahaadii inni eegamaa ture isuma ta’uu isaa labsuun addunyaa ajaa’ibsiise. Hidhattoonni kun akka hnetoggee warra lixaatti kan ilaalan maatii Saa’udii dabalatee musliimota yaada isaanii wajjin walii hin galle hunda gantummaan kan waaman yaada “takfiirii”[3] kan hordofan turan. Qabsoon isaanii jalqaba irratti musliimota karaa dhugaarraa jal’atan waliin akka ta’eefi kanneen musliima hin taane waliin qabsoon godhamu ergamni inni jalqabaa ega milkaa’ee booda akka itti fufu amanu turan. Hidhattoonni leenjii sadarkaa isaa eege kan hin qabaanneefi meeshaa salphaa kan hidhatan yoo ta’aniyyuu haala hin eegamneen hanga torbee tokkoof Maskiidicha to’atanii ega turanii booda deeggarsa koomandota Farasaayiin hedduun isaanii ajjeefamanii kan hafan ammoo to’annaa jala turaniiru.

Gareen basaasummaa Saa’udii Arabiyaa hidhattoota duuba kan turan maalummaa namoota ega mirkaneessee booda wanti irra ga’e maatii moototo Saa’udiif baay’ee sodaachisaa ture. Namoonni kun ulaamota barbaachisaa ta’aniin (beektota amantaan) deeggarsii kan isaaniif godhameefi hayyoonni jibba mootota Saa’udiif qaban namoota hojiin ibsan turan. Jalqabni jibba kanaa ammoo daagachuu moototaan hawaasni musliimaa amantaa isaa sirriitti hojiirra oolfachuu waan hin dandeenyeef gantoota kan ta’an kanneen lixaan gadi ta’aniiru kan jedhuun ture. Abdul Wuhaab mootota Saa’udii waliin waadan seene irra deebi’amee haareffamee kanneen lixaa biyyoota galoo galaana Arabaa irratti dhiibbaa isaan qaban of irraa deebisuuf yeroo isaa akka ta’e amananiiru.

Marsuun sun ega raawwatamee booda garee baasaastota Saa’udiin qorannaan kan isaan irra ga’ame Beektonni mormi isaanii qalamuu mannaa gara mana masaraatti affeeruun qabxii maree hawwisiisaa ta’e mootichi isaaniif dhiyeessan. Beektonni lafa islaamaafi musliimota irratti jihaadii raawwachuun raawwatee haraamii yokiin kan jibbame ta’uu isaa labsanii mootummaa Saa’udiifi maatii Saa’udiif deebi’ee sodaa ta’uun isaa akka hafu taasisuuf, bakka isaa ammoo biyyoota “gantootaa” fi sadarkaa idil addunyaa irratti jihaadii raawwatamuuf maatiin moototaa deeggarsa taasisuuf walii galteerra ga’ame. Yeroo sanaa jalqabee galii guddaa boba’aa irraa argamu itti fayyadamuun leellisummaa islaamummaa naannaa addunyaatti babal’isuuf sochii godhameen yokiin gama shorkeessitoota deeggaruun ga’ee guddaa Saa’udii Arabiyaan ba’uu ishee itti fufteetti. [4]

Tokkummaa Sooviyeetiin weeraramuu Afgaanistaan

Michuu tokkummaa Sooviyeetii kan ture mootummaan sooshaalistii Afgaanistaan leellistoota lammii biyyaan miidhaa irra gahaa ture dandamachuu dadhabee kufuuf fiixeerra sababa ga’uu isaatiin deeggarsi alaa isa barbaachisee ture. Tokkummaa sanaafi Afgaanistaan gidduutti akkataa walii galtee kana dura mallatteeffameen mudde 24/1949 loltoonni Sooviyeetii gara Afgaanistaan seenuun hidhattoota irratti haleellaa raawwachuu jalqaban. Waraanni kun yeroo muraasa booda bara waraana diilallaa’aatti diina waliinii kan ta’an Raashiyaafi Ameerikaa gidduutti gara waraana godhamuutti darbeera. Raashiyaan kallatiidhaan gara waraanaa kan seente yommuu ta’u Ameerikaan ammoo mujaahidoota kanneen lammii biyyaa deeggaruun kaayyoo Raashiyaa fashaleessuuf yaaluu isheetti fufte. Mujaahidoonni deeggarsa barbaadameen ol kan ta’e Ameerikaafi Saa’udii Arabiyaarraa dhufuun sababa qindaa’aniin sochii shorkeessummaa idil addunyaaf gocha itti fufiinsa qabuuf bu’uurri kaayame yeroo sana ture. Waraanni Afgaanistaan haala qabaachaa ture ilaalchisee hogganaa Biinilaadaniifi hundeessaa Alqa’idaa isa sirrii kan ture Abdullaah Azaam itti fufee kan jiru barreessee ture:

“Kanneen tokko tokko addunyaan akka baddeefi uumaan kun hanqina wareegamtootaan akka rakkate isaanitti dhaga’amee ture. Kanaafuu Allaan biyya Afgaanistaanitti jihaadii uumuun jihaadiifi wareegamtummaa barbaachaa  dargaggoonni biyyoota musliimaa garaa garaa irraa akka dhufan godhe…”[5]

Abdullaah Azaam, Biinilaadaniifi jaalleen isaanii muraasni kan biyya Arabaa, waraana Afgaanistaan keessatti godhame gara sochii jihaadummaa idil addunyaatti jijjiiraniiru. Azaam tooftaa jihaadummaa wixineessuun beekumsa qabaachaa kan ture yommuu ta’u Biinilaaden ammoo qarshii qaba ture. [6]

Taateen sadan kun hundeen shororkeesummaa islaamummaa kan ammayyaa maal akka ta’an ifatti kan argisiisaniidha. Bittaan warraaqsi islaamummaa Iraan bara kanatti godhamuu akka danda’uufi addunyaa bilisa ta’e rakkina isaa dandeettii ittiin to’atu akka qabaatu argisiisuun jihaadistootaaf haamilee isaaniif laateera, fakkeenya isaaniif ta’eera. Taateen marfamuu Makkaa mootummaan Saa’udii Arabiyaa shororkeessummaa akka deeggaruuf amansiisuun madda qarshiifi barumsa akka qabaatan isaan taasiseera. Waraanni Afgaanistaan ammoo ijaaramuufi leenji’uuf naannaa mijataa ta’e uumuun gara tarkaanfii hojiitti akka seenan isaan gargaareera. Shororkeessummaa waliin qabsoon godhamu hundee sadan kanaa otuu hin diigiin waa’ee injifannoo yaaduun buddeena abjuu nyaachuudha. Shororkeessummaa islaamummaa mo’achuuf akka fakkeenyatti kan ilaalu jagnummaa isaa balleessuu, madda qarshiifi barsiisa isaa awwaaluu akkasumas bakka burqaa isaa mijataa akka hin taane taasisuun karaa filannoo hin qabneedha.

 


[1] Mark Steyn. Amerika Aloni; the End of the Wordl as We know it; p.XI, 2006

[2] Ibid., pp. 81-82

[3] Takfiiriin Musliimota kanneen biroo gantummaan kan waamu moggaasa kan musliima sunnii ti.

[4] Ibid., pp. 83-84

[5] Ibid., p. 85

[6] Ibid., pp. 84-86

 

SHORORKEESSUMMAA