Ahimad Bitaatticha Maaf Leellisu?

Ahimad Bitaatticha Maaf Leellisu?

Ahimad Giraanyiin kan beekamu yokiin maqaan isaa inni sirriin Ahimad Iibin Ibraahim Al-Gaaziin Waldaa kiristiyaanaa Itoophiyaa irratti jihaadistoota badii gurguddaa geessisan keessaa adda durummaan ibsama. Namni kun ka’umsi isaa naannaa Hararii yommuu ta’u dhalootan Somaalee ta’uu isaatiin barreessitoota seenaa hedduu biratti in amanama. Garuu hiddi dhaloota isaa Araba irraa ti kan jedhan jiru.[1] Barri Giraany ka’e ramacni ibiddaa jihaad yeroo boba’aa tureefi siyaasni islaamummaa  haala yeroo kamiyyuu caalaa biyyoota musliimaa walitti fiduun kaayyoo tokkoof akka hiriiran baratti dandeessise waan tureef haalli kun Itoophiyaa keessa kan turaniifi amantaa mannaa gara ol aantummaa diinagdeefi siyaasummaatti kan hirkatan, walii isaanin wal waraanuun kan beekaman sulxaanota musliimaa irratti dhiibbaa fiduun isaa hin hafne. Sulxaanota kaayyoo tokkof hiriirsuun Islaamummaan ol aantummaan inni Itoophiyaa irratti barbaadaa ture yeroo muraasaaf illee yoo ta’e galmaan ga’uu kan danda’e Ahimad Giraanyi ture. Dandeetti dadhabina hoggansaa kan mootii Libina Dingiliifi ejjennoo dadhabinaa amantaa kiristaanummaa irratti qabachaa ture akkasumas badiin fiyudaaliizimiifi haalli itti gaafatamummaan itti hir’ate waraanni jihaad Itoophiyaa irratti injifannoo akka argatuuf sababa akka ta’e dubbatama. Waldaan kiristiyaanaas ammoo uummata daangaa Itoophiyaa keessa jiraachaa turan xiyyeeffannaa ta’uu malu itti kennuun barsiisuu akka dadhabdeefi mata-duree xixiqqaa irratti garaa gartee ilaalchaa turaniin haalli ittiin qoodaman akka ture barreessitoonni seenaa in dubbatu. [2] Turkootaafi Maamlukoota kan fafakkaatan humnoota islaama kanneen alaa deeggarsa weerartoota jihaadiif taasisan salphaa hin turre. Bara sanatti kanneen biyya keessa jiran qofa otuu hin taane biyyoota alaa kan jiran Itoophiyaanota irratti haleellaawwan ni raawwatamu turan. Fakkeenyaaf yoo jedhame bara 1518 fi 1522, Turkoonni kadhataaf gara Yerusaalemii kan imalaa turan kiristaanota Itoophiyaa irratti ajjeechaa raawwataniiru.[3] Kun ammoo kiristaanota Itoophiyaa irratti jihaadiin godhame bifa idil addunyaa akka qabaachaa ture argisiisa.

Mooqaadishootti, siidaa yaadanoo Ahimad Giraanyi (Ahimad Guuriyeef) hojjetaman Maddi footoo kanaa Wikipedia.net

Mootiin kirsitiyaanaa inni kaabaa jihaadistoota irratti ol aantummaa dhabuu isaatiiniifi seenaan jijjiiramuu isaa kan argisiise ji’a bitootessaa bara 1549 waraana shumburaa kuree godhame ture. Yeroo kanatti waraanni Giraanyi madifii haaraa ta’an Turkii irraa fichisiisee itti fayyadamuun loltoota mootii Libina Dingil waliin walitti dhufan. Waraana kanarratti loltoota Turkii leenji’an 200 ta’aniifi loltoonni Arabaa hedduun itti hirmaataniiru.[4] Loltoonni mootichaa haleellaa madifii sodaatan lubbuu isaanii oolfachuuf baqachuun dirqama waan isaanitti ta’eef waraanni jihaad injifannoo murteessaa ta’e gonfate. Sana booda loltoonni mootii Libina Dingil bakka isaan jiran beekamee haleellaaf akka hin saaxilamne sodaachuun nyaata isaanii bilcheeffachuuf iyyuu ibidda bobeessuu hin dandeenye ture. Itoophiyaa keessatti foon dheedhii nyaachuun kan eegalame bara sana akka ture dubbatama. [5]

Waraanni jihaad milkaa’ina isa jalqabaan itti fufuun injifannoo irratti injifannoo dabalachuun hanga Tigraayitti imale. Haalli taa’umsi lafaa Tigraayi salphaatti kan qabaman waan hin taaneef Awuraayi Abiy kan jedhamu Giraanyi muude erguun madifii gurguddaa sadii bitee akka dhufu godhe. Madifii sadan keessaa tokko baay’ee guddaa ture. Kanneen dhukaasanis ogummaa dhukaasa madifii kan qaban qacaramtoota Hindiidhaa dhufan turan.[6] Waraanni jihaad Waldaa kirsitaana Maariyaam Tsiyoon Aksuumiin saameera, gubeera. Gara lixaa imaluun daangaa kirsitiyaanaa hanga Nuubiyaatti ture weerare, balleesse, caaffata qulqulluu Waldootii kiristiyaanaa gube, lubootaafi amantoota qale, qabeenya Waldaa kiristiyaanaa saame, uummata kirsitaanaa dirqamaan sallamsiise. Daangaan kiristiyaanaa lama sadaffaan isaa harka jihaadistoota kan gale yommuu ta’u akka maddeen kiristiyaanaatti uummani harka dhibba keessaa sagaltama ta’u dirqamaan akka sallamu godhamee ture. [7] Akka odeeffannoo musliimaatti garuu qubaan kan lakkaayaman qofti yommuu hafan uummanni kirsitaanaa hundi sallamee ture.[8]

Waldootii kiristiyaanaa bara sana ibiddaaf saaxilamtoota ta’an keessaa gadaamiin Dabra Liibaanoosiifi Waldaan kirsitiyaanaa Maariyaam Atiroos in ibsamu. Moloksoonni gadaamii Dabra Liibaanoos Waldaa kiristiyaana sana gubaannaarraa oolchuuf ajaajaa waraanaa Giraanyi Abubakar Katiim jedhamuuf meetiifi warqeerraa kan hojjetaman qabeenya Waldaa kiristiyaanaa hundumaa yoo isaaf laataniyyuu Waldaan kiristiyaanaa gubannaa irraa hin oolfamne.[9] Aatiroos Maariyaam irratti kan godhame ilaalchisee barreessaa seenaa kan jedhaman Yilmaa Dheeressaan itti fufee kan jiru barreessaniiru:

Graany makaana silleessee ega balleessee booda gara ishee soorettii taate Dabir imaluun Dabira guddaa Atiros Maariyaam jedhamtu saamsisee ishee gube. Saamamuun Yaatiroos Maariyam sa’aa ja’aa hanga ganamaatti fufee ture jedhama. Sumaalonni kanneen Giraanyii keenyaa mana qulqullummaarraatti kan maxxanfame diimaafi hojii mukash xilfii tarsaasuun ega fudhatanii booda meeshaalee warqeerra hojjetaman lakkoofsa hin qabneefi meeshaalee mana qulqullummaa kanneen kaan hunda saamani. Booji’amanii kan fudhataman keessaa waqeeta kuma tokko kan miijanu bakki taa’umsa warqeefi baala warqeerratti kan barreeffame Macaafa qulqulluudha jedhama. Macaafni qulqulluun kun baay’ee kan ulfaatu waan tureef namoota afura ta’anii kaasuu hin dandeenye. Saamichi kun ega raawwatamee booda namoonni Giraanyi dabirii kanumarratti ibiddatti qabsisian. Moloksoota sana keessaa Waldaan kiristiyaana isaanii yommuu gubatu yeroo argan gaddaafi wawwaannaan utaaluun ibiddaa keessaatti kufuun walumaan kan gubatan hedduun turan. [10]

Jihaadistoonni hin sallamnu kan jedhan kiristaanota hedduu kan ajjeesan yommuu ta’u kan hafan akka abboommii nabiyyi Muhammaditti jiiziyaa kaffalchiisu turan. [11]

Kiristaanotiin bara sanatti amantaa isaanii qabatanii turuuf jabdummaa isaan argisiisan ibsuu kan danda’u seenaa tokko haa kaafnu:

…kiristaanota lama qabachuun gara naannaa imaamichaatti deebi’anii fuula isaa duratti isaan dhiyeessan. Isaanis “Guutummaan biyyatti sallamuu ishee otuu ilaaltanii Islaamummaa sababni isin hin fudhanneef maalidha? Jedhanii isaan gaafatan. Isaanis “lakki sallamuu hin barbaannu” isaatiin jedhan. “Kanaafuu murtoon isin irratti dabarsinu morma keessan qaluudha” isaaniin jedhe. Isaaniis “haa ta’u” jedhan. Imaamichis deebii isaaniin ajaa’ibsiifatee akka ajjeeffaman abboome.[12]

Ahimad Giraany haala kana fakkaatuun biyyatti gidirsaa ega turee booda mootittiin Illeenii bilchina siyaasummaa qabaachaa turteen kan isaan fichisiifteefi mootiin Libina Dingil gaddisiisee kan isaan deebise Poorchugaalota deebisanii fiduuf ergamaan Bermudeez jedhamu ergame. Gaaffiin deeggarsaas deebii heeyyamaa argachuudhaan loltoota Poorchugaala 400 ta’an deeggartoota isaanii waliin hogganaa waraanaa dargaggeessa umurii 25nii Kiristoofer Daagaamaa[13] jedhamuun gara Itoophiyaa dhufan. Waraana jihaadiin kufaatii haamilee guddaa keessa galee kan ture miirri loltoota mootichaa dadammaqeera. Giraanyi yeroo dhufaatii Poorchugaalotaa dhaga’e mooticha waliin akka wal hin argine taasisuuf yeroo garaa garaatti isaan waliin waraana irratti kan wal argan yommuu ta’u, waraana isa jalqabaatti dhukaasan madaa’ee xiqqoodhumaaf qabamuu irraa oolee baqateera.[14] Garuu booda irratti isaaf milkaa’ee Kiristoofer Daagamaa booji’uun isa ajjeeseera. Akkaataa du’a Kiristoofer ilaachisee Miigu’eel De Kastaanguwaazoo jedhamu gara Itoophiyaa kan dhufan loltoota Poorchugaal keessaa tokko namni ture bal’inaan barreesseera.

…Doom Kiristof ta’uu isaa battalumatti muraasan waan isa beekaniif yeroo isa qaban baay’ee gammadani. Karaa irratti baay’ee itti ga’isuuniifi baay’ees otuu isa hin miidhiin isa fudhatanii deeman. Kana booda isaafi isaa waliin kan turan fuula Giraany duratti isaan dhiyeessan. Giraanyis mataa Poorchugaalota dhibbaafi jahaatamarra caalan dukkaana duratti muka irratti fannisuun dhaabee waan tureef injifannoo argatetti baay’ee gammade. Loltuu morma Poorchugaalota qale hundaaf baadhasa godhee waan tureef, badhaasuma kana argachuuf namoonni dirree waraanaa irratti kan argatan hunda qabatanii deemaniiru.

Doom Kiristof dukkaana duratti ega dhiyaatee booda dhiphinni guddaan akka itti dhaga’amu taasisuuf, sareen kun mataa poorchugaalotaa fuula isaa duratti fichisiisuun mataa kan eenyuuti? Jechuudhaan isaanitti ga’ise. Isaan kun Doom Kristof isaan waliin ta’uun biyya isaa jalaa fudhachuuf kan turan ta’uu isaanii (qoosuudhaan argisiisaan). Doom Kristof wanna akkanaa yaaduu isaatiin maraatummaan isaa akka mul’ate hubachisuun ija jabina isaa kanaaf kabaja guddaa isaaf taasisuuf heeyyamuu isaa ibsuuf uffata Doom Kristof irraa akka baasan, harka isaa lamaan akka hidhaniifi gara jabinaan akka isa reeban miila garboota isaatiin fuula isaa akka rukuchiisan godhe. Areeda isaatti kirrii ibsaa gochuun gagaa ega dibsiisee booda akka itti qabsiisan godhe. Maqasii isaaf ergame fichisiisee yeroo kamiyyuu caalaa isaaf waan kaa’eef innis ta’e loltoonni isaa irratti hin hojjenne jechuudhaan nyaara isaafi shifaalii isaa kuchisiise. Kana hundumaa ega gochisiisee booda boqonnaadhaaf dukkaanota isaa hundumaafi hoggantoota waraana isaa akka daawwatu abboome. Sana booda hojiin salphinaa hedduun isarratti hojjetame. (Doom Kristofis) biyya kiristiyaanaarraa Maayilii dhibba tokko ega fagaatee booda isa kanaaf kan isa ga’e Waaqayyoon galateeffachaa kana hundumaa obsumaan fudhate. Gareen diinotaas yeroo isaanii ega ittiin dabarfatamanii booda gara dukkaana Giraanyiitti deebisanii fidani. Kunis mataa isaa kanneen kaaniin mursiisuuf kan hin malle waan ta’eef inni harka isaatiin morma isaa mure.[15]

Seenaa Kiristofer Daagamaa kun kiristaanummaa biyya kanarratti tursiisuuf gatii hangamii akka baafame nu argisiisa.

Gocha qaaniifi sukkaneessaa Giraanyi kanatti kan dheekkaman Turkoonni hedduun Giraanyiin dhiisani gara dhufanitti akka deebi’an barreeffamootiin seenaa in dubbatu. Turkoonni Giraanyi irraa adda ba’uun isaanii biyyattiin hiyyumaan rukutamuu isheefi boojuu barbaadan argachuuf haalli abdii kennu jiraachuu dhiisuu isaa akka sababaatti in ibsama. Giraanyis bittinnaa’uu Poorchugaalotaafi du’a hogganaa isaanii akka waraanichi xummurametti waan lakkaayameef Turkoonni gara dhufanitti deebi’uu isaani komee hin qabu. Garuu Turkoota gaggeessuun isaa dogoggora guddaa waan tureef gatii isa kaffalchiiseera. [16]

Mallattoo kan Kristof Daagamaa.  Maddi suuraa kanaa  Wikipedia.net

Har’a maal ta’aa jira? Kirsitaanota Itoophiyaa irratti ajjeechaa guddaa kana kan raawwate Ahimad Giraanyi haala baay’ee gaddisiisaan bu’aawwan barruu maxxansa Islaamummaa hedduu kan biyya keessaafi alaan qopheeffaman keessatti akka gootummaatti isaaf dubbatamaa jira. Fakkeenyaf yoo jenne, Ahimad Jabiil “ኢትዮጵያውያን ሙስሊሞች የጭቆናና የትግል ታሪክ” mata-duree jedhamuun kitaaba barreesse keessatti “namni guddaa dargaggeessi Imaam Ahimad waggaa 37 tti February 22/1443 wareegameera” jechuudhaan gaarummaa isaa dubbateera.[18] Barreessaan Hasan Taajuu jedhamu “goota guddaa lammii Itoophiyaa” jedhee isa jajata.[19] Barreessaan kun kitaaba biraatiin yakka Giraanyi hojjete sobuuf yaalii yommuu godhu in argama. Barreessitoonni seenaa biyya keenyaa gurguddoonni seenaa isaa sirriitti hin dhiyeessine kan jedhuun akka malee himannaa dhiyeessa. [20]Seenaan inni dheeraa yommuu raawwatamu, loltoonni Poorchugaal kan hafan mootittii Sabla Wangeeliifi ilma ishee Galaadewoos waliin wal argan. Guraandhala 22/ bara 1543 bakka Wayinaa Degaa jedhamutti waraana taasifameen loltoonni Poorchugaaliifi Galaadiwoos 9,000 turan loltoota Giraany 15,000 kan Araboonni itti makamaniin injifate. Giraany waraanicha irratti rasaasa loltuu Poorchugaala tokkoon dhukaafameen ega madaa’ee booda namni Azmaach Kaalii jedhamu billaadhaan mataa isaa irraa mure. Loltuun jihaad akka hawwaannisaatti biyyatti weeraree ture hogganaan isaa du’uu isaa yommuu arge humni isaa waan isa ganeef diigamee biyya kiristiyaanaa gadi dhiisee ba’eera. Haati manaa Giraanyi Baatii Dil Wanbaraam loltoota Turkii muraasa ta’an waliin qabeenya saamame hanga isheef danda’ame fudhachuun gara Harariitti baqattee hafte. [17]

Galata Ahimad Giraany kan jedhamu namoota dhuunfaan qofa otuu hin taane baajata mootummaan kan maxxanfaman bu’aawwan maxxansaa keessatti argamu. Shiyaad Ad-Diin Ahimad Biin Abdul-Qaadir kan jedhamu barreessaa nama Arabaan barreeffamee walga’ii Harar irratti “ሐበሻን የማቅናት ዘመቻ” mata-duree jedhuun gara afaan amaaraatti kan hiikame abbaan fuula lamaa dubbiin Giraany yeroo sanaa raga ture. “Faatuhuul Habashaa” kan jedhu mata-duree kitaaba afaan Arabaa “mo’amuu habashaa” hiika jedhu kan qabu yommuu ta’u, irra isa miidhagsuuf duula habashaa sirreessuu jedhamee hiikameera. Kunis waraanichi kan godhame habashootaaf yaadamee akka ta’etti fakkeeffama. Kara gama kaaniin ammoo habashoonni jallootadha kan jedhu arrabaa dhadhaa of keessaa qabuudha. Kitaabni jihaad kun dhaloota haaraa hokkaraaf kakasuu yaadamee kan hiikame ta’uun isaa ifadha. Garuu kun yommuu godhamu qaamni lakki jedhu jiraachuu dhiisuu isaa jihaadistoonni caasaa mootummaa keessatti hangam akka seenaniifi humni isaanii hangam akka jabaate kan argisiisuudha. Gochi akkanaa kun akkasumaan irra darbama yoo ta’e egere mootummaas ta’e uummata gatii kaffalchiisuun isaanii kan hin hafneedha. 

Ahimad Giraany hawaasa musliimaa irratti “ba’aa cunqursaa fe’ame” cabsuuf waraane nama qabsaa’aa bilisummaatti kan lakkaayame yommuu ta’u garuu kanneen irratti hirmaatan Turkootaafi Araboota waliin ta’uun waldootii kiristanaa gubuun, hambaalee balleessuun, qabeenya saamuun, amantootaafi luboota ajjeesuun yakki ajjeechaafi badiin raawwate dagatamaa jira. Jalqabni wal-dhabdee kanaa kirsitaanota ta’uu isaanii fakkeessuun dubbatamaa jira. Garuu balbala galaanaa karaa kaabaa ture qabachuun kiristaanotiin karaa bahaan akka hin qabaanne kan godhan musliimota turan. Humni waraana islaamaa balbala galaana karaa kibbaan qabatee ture isa kabaan humnaan kan xiqqaatu waan tureef karaa balbala galaanaa kanatti fayyadamuun naannaa sana kan turan hoggantoota Islaamaaf gibira gabbaruun barbaachisa waan tureef mootonni kiristiyaanaa humna waraana isaaniitti fayyadamaniiru. Xiyyeffannaan isaanii balbala galaanaafi karaa daldalaa sodaa irraa bilisa taasisuuf malee Musliimota balleessuu miti. Mootonni kaabaa gara kibbaa kan turan Sulxaaanota waliin yeruma yerootti waarana yoo godhaniyyuu garuu daangaa isaanii keessa kan turan musliimota ilaalchisee seera addaa hordofu turan. Hawaasni musliimaa murasa ta’an aboo mootummaarraa yoo dhorkamaniyyuu garuu mirga guutuun jiraachaa akka turan seenaa dhugaadha.[21] Ahimad Giraany kutaa Kaaba biyyattii irratti weerarri godhe Arabootaafi Turkootaan kan deeggarame kiristaanummaa guutummaa guutuutti balleessuufi bakka isaa ammoo islaamummaa buusuuf weerara jihaadi malee waraana ittin of irraa ittisan hin turre. Jihaadistoonni biyya keessaafi alaa bara sana hawwaniifi Giraanyiif weeddisan otuu yeroon isaaniif laatameefi carraa argatanii seenaa walfakkaataa raawwachuurraa gara duubaatti akka isaan hin jenneefi kiristaanummaa balleessuuf kan qophaa’an ta’uu isaanii ifadha. Garuu yeroo mijataan hanga isaaniif dhufutti of dhoksuun qophaa’aniiru.

 


[1] Siegbert Uhlig. Encyclopedia Aethiopica; 2003, A-C, p. 155

[2] Merdechai Abir. Ethiopia and the Red Sea. The Rise and Secline of the Solomonic Dynasty and Muslim- European Rivallry in the Region: 1980, pp. 80-82.

[3] Ibid.

[4] ይልማ ዴሬሳ፡፡ የኢትዮጵያ ታሪክ በአስራ ስድሰተኛዉ ክፍለ ዘመን፤ 1959፤ ገጽ 64-65

[5] United States Joint Publications Research Service: Translations on Sub-Saharan Africa; Issue 1767-1775, p. 62

[6] ይልማ ዴሬሳ፡፡ የኢትዮጵያ ታሪክ፤ ገጽ 109

[7] J. Spencer Trimingham. Islam in Ethiopia; 1952, p. 88

[8] Ibid., 87

[9] ይልማ ዴሬሳ፡፡ የኢትዮጵያ ታሪክ፤ ገጽ 85

[10] ዝኒ ከማሁ ገጽ 91

[11] Trimingham. Islam in Ehtiopia; p. 88

[12] Ibid., 88-89

[13] Kiristoofer daagamaan abuuraa lammii Poorchugaal beekamaa ilmaVaaskoo Daa gamaa ture jedhama.

[14] Trimingham. Islam in Ethiopia; p. 89.

[15] ማጉኤል ዴ-ካስታንጓዞ፡፡ የፖርጁጋሎች ጀግንነት፤ 1952፤ ገጽ 68፤ በዶ/ር ሙራድ ከሚል እና በዮናስ ቦጋለ ወደ አማኛ የተመለሰ

[16] ይልማ ዴሬሳ፡፡ የኢትዮጵያ ታሪክ ገጽ 187-189

[17] ዝኒ ከማሁ ገጽ 93-201

[18] አህመድ ጀበል፡፡ እትዮጵያዉያን ሙስሊሞች ከ 615-1700 የጭግቆናና የትግል ታሪክ ቅጽ 1፣ 2003፣ ገጽ 212

[19] ሐሰን ታጁ፡፡ የሐማረ ተዋህዶን ቅጥፈት በእስልምና እዉነት፤ አልበያን ሊሚትድ፤ አንደኛ እትም፤ 2002፣ ገጽ 86

[20] ሐሰን ታጁ፡፡ ሰይፉን ፍለጋ፤ ከመካ እስከ ቫቲካን፤ አንደኛ እትም፡2006፣ ገጽ 332-234

[21] M. Abir. Ethiopia and the Read Sea; p.731

 

SHORORKEESSUMMAA