Shira Seenaa “Al-Najaashii” Duuba Jiru

Shira Seenaa “Al-Najaashii” Duuba Jiru



Iibin Iisiyaaq kan jedhaman barreessaa seenaa dhuunfaa Muhammad kan ta’an “Al-Najaashiin” sababa islaamummaa fudhachuu isaatiin uummatichi akkamiin akka isa irratti qabsaa’eefi innis ammoo taqiyaa (gowwomsaa) kan islaamummaatti fayyadamuun islaamummaa isaa otuu gadi hin dhiisiin uumatichas otuu  hin dheekkamsiisiin shira akkamiin akka jalaa bahe barreesseera:

Jaa’ifar Iibin Mahaammad abbaa isaa waabeffachuun akka natti himetti habashoonni walitti qabamanii “amantii keenya dhiifteetta” jedhanii isa irratti ka’an. Kanaafuu markaboota qopheessuun gara Jaa’ifaariifi namoota isaa waliin jiranii “kanarra ba’aatii qophaa’a, ani yoon mo’ame gara barbaaddan imalaa, ani yoon injifadhe ammoo bakkuma jirtan taa’aa” isaaniin jedhe. Kana booda waraqaa fudhachuun “Allaatiin ala waaqayyo hin jiru, Muhammad ammoo ergamaa isaaniidha. Mucaan Maariyaam Iisaan garbicha isaa, ergamaan isaa gara Maariyaam kan fide hafuuraafi sagalee isaadha’ jedhee barreesse. Uffata uffate jalaan karaa gatiitti mirga isaatiin kaa’uun hiriiranii isa eeggataa kan turan gara habashoota dhufe. “Yaa namoota nana ani isin keessaa kanan filame miti?” isaaniin jedhe. Isaanis “eyyee” jechuudhaan isaaf deebisan. “Jireenyi koo isin gidduutti akkamiidha? Jedhee isaan gaafate. Isaanis “baay’ee gaariidha” jedhanii isaaf deebisan. “Kanaafuu rakkinni keessan maalidha?” jedhee isaan gaafate. “amantaa keenya ganuun “Yesuus garbichadha” jetteetta jedhaniin.  “Kanaafuu isin Yesus eenyudha jettu?” isaanin jedhe. Isaanis “nuti isaatiin ilmaa uumaa ti jenna” jedhaniin. Mootichis harka isaa laphee isaa irra godhee ilmi Maariyaam Yesuus “kanaan ol miti’ jedhee ragaa bahe. “Kanaan” yommuu jedhu isa barreesse jechuu isaati. Garuu isaan kan inni dubbateen gammadanii deebi’anii deeman. Oduun kunis nabiyyii bira ga’e. Mootichi yommuu du’e isaaf kadhatanii, cubbuun isaas akka dhiifamu isaaf kadhatan. [1]

Mootiin “Al-Najaashii’ jedhamu seenaa Itoophiyaa keessa akka ture barreeffamoonni dubbatan qofti kan barreeffamoota islaamummaa ti. Waajjirri olaanaa Waldaa kiristiyaanaa paatiriyaarikii ortodooksiin mootiin “Ahimad Al-nejashii jedhamu Itoophiyaa hin turre” mat-duree jedhuun kan maxxansiise buukleetota lamaaniin maqaa kanaan kan beekamus ta’e gara amantaa islaamaatti mootiin jijjiirame seenaa Itoophiyaa keessa jiraachuu dhiisuu isaa ragaalee ibsuun deebiitti laateera.  Buukleetota kana keessatti mootummaa Aaksumii jalqabee maqaan tarreeffamanii kan kaayaman yommuu ta’an “maqaa najaashii” jedhu garuu hin qabu. Hordoftoonni amantaa islaamaa gara itoophiyaa akka dhufan kan dubbatame naannaa bara 615 yommuu ta’u tibbana sana mootiin taayitaarra ture Akaala Wudim (615-623) akka ture argeera.[2] Barreessitoonni seenaa tokko tokko yeroo sanatti mootii Aksumii kan ture Armaahii Ilatsaham akka ture kan dubbatan yoo ta’eyyuu akka ibsa sanaatti Armaahiin inni jalqabaa islaamummaan dura bara 442-456, kan mo’eefi Aarmaahiin inni lammaffaan ammoo islaamummaan ega jalqabee bara 817-822 kan mo’e ta’uu isaatiin sirrii ta’uu hin danda’u. Moggaasni afaan Gi’iiziin Nagaasii afaan amhaariffaan ammoo Nagaash jedhu warra gibira kaffalchisan ta’aniif gurguddootaaf kan laatamu malee moototaaf maaqa laatamu miti ture. Keessumaa moggaasni Baahir Nagaash jedhu hoggaanaa daldala galaana irraaf itti waamama ture. Maqaan isaa keessummaa sadarakaadha malee maqaa ittiin waamamu miti.[3] Dabalatas saantimoonni Aksuum kutaa jaaraa torbaffaarraa turan mallattoo fannoo kan qabaniifi mallattoo islaama kamiyyuu kan hin qabaannedha. Musliimonni jalqabaa gara Itoophiyaa godaanuun isaanii dhugaa yoo ta’eyyuu mootichi sallameera kan jedhu galmee islaamaa keessatti seenaan inni barreeffame Itophiyaattis ta’e seenaa biraa kamiyyuu keessatti kan hin galmoofne ragaan arki’ooloojiis yoo ta’e ragaa barreffamaa kan hin qabaanne seenaa kalaqamedha.

Nabiyi Muhammad “habashoonni hanga isinitti hin buunetti isaan hin tuqinaa” jechuudhaan dubbachuu isaanii jechi dubbatame, seenaa “Al-Najaashii” sallameen fakkaatu waliin walqabatee irra deddeebi’amee ibsama. Dhugaatti jechi kun Muhammadiin dubbatamuu isaaf beektota islaamaa bira shakkiin jira. [4] Dubbiin isaa sirrii yoo ta’eyyuu sababa lamaaniin Itoophiyaan waraana irraa bilisa ta’uu akka hin dandeenye barreessaan lammii Arabaa Muhammad Xooyib jedhaman in dubbatu. Inni jalqabaa seerri islaamummaa hojiirra kan hin oolfamne yommuu ta’u, inni lammaffaan ammoo Yukunnoo Aamlaak”waadaa cabsuun Musliimota loluu isaa” ti.[5] Kanaafuu Musliimonni “Al-Najaash” akka sallame amanuun isaanii Itoophiyaan jihaad irraa bilisa akka taatu ishee taasisa ilaalchi jedhu ragaa hin qabaatu.

Tibbana kana keessumaa musliimota leellistoota biratti ilaalchi guddachaa dhufe Itoophiyaan sababa “Al-Najaashiin” sallamuu isheetiin “daangaa seera qabeessummaa islaamummaaf” dhimma ta’uu ishee ti. Ilaalchi kun barreessitoota musliimaa hedduun barreeffamoota isaanii keessatti bal’inaan ibsamee argama. Fakkeenyaf yoo jenne, barreessaa Saa’udii Arabiyaa Alii Al-Sheek Ahimad kabajaan gaggeeffaman “Ma’aaliim Al-Hiijiraatayiin Iila Ard Al-Habash” (amaloota hijiiraa gara biyya habashaatti godhaman lamaan) mata duree jedhuun kitaaba barreessan keessatti, Al-Najaashiin sababa islaamummaa fudhachuu isaatiin Itoophiyaan daangaa qaama Islaamaa ta’uu ishee, Islaamummaan sallaamuu Najaashiin injifannoon galmeessise sirriitti eegamuu dhiisuu isaa, Itoophiyaa keessatti cunqursaa kan ta’e amantaan kiristiyaanaa musliimota salphisuu isaa, Itoophiyaan biyya musliimaa ta’uu ishee, musliimonni Itoophiyaa Araboota ta’uu isaanii, jihaadummaan Ahimad Giraanyi raawwate diinota islaamaa wal’aansoo qabuuf fakkeenya gaarii ta’uu isaa, Itoophiyaa keessatti jihaadiin godhamu biyyoota musliimaan deeggaramuu akka qabu fi k.k.f bal’inaan barreessaniiru. [6]

Hayyuun proofeesera Haagaayi Iirliich jedhaman islaamummaa Itoophiyaa irratti qorannaa guddaa kan godhan “Al-Najaashii sallame” jechuunis “mootii Itoophiyaa sallame” seenaan jedhu giddu gala bahaa kan argaman gareefi namoota ejjennoo diina Itoophiyaa qaban biratti “Itoophiyaan biyya islaamaadha” jedhamee akka hiikame ibsaniiru. Proofeeserichi qorannaa taasisan irraa ka’uun akka ibsanitti Musliimni “Al-Najaashii” ajaajoota waraanaafi lubootan gowwomfamee qofaatti akka adda baafamu ega godhamee booda akka du’e dubbatamuun isaa Islaamummaan yeroo jalqabaaf biyya itti mo’ame godhamtee akka lakkaayamtuufi seenaan kiristaanummaa Itoophiyaa “seer-malee godhamee akka dhiyeeffamu sababa ta’eera. Kanaafuu Islaamummaan babal’achuu Afrikaa keessatti qabu Itoophiyaan kan daangessiteefi lammii ishee kanneen musliimaa biyya cunqursitu godhamtee lakkaayamteetti. Akka ilaalcha leellistoota Islaamaatti hoggannaan islaamaa irra deebi’amee filamee Itoophiyaan oolfamuu qabdi. Dhaadannoon “Al-Najaashii sallame” jedhu musliimota Itoophiyaa giddu gala bahaa jiraniif seera kiristaanummaa Itoophiyaa gatii dhabsiisuufi musliimonni gaanfa Afrikaa taayitaa siyaasummaa ishee akka qabatan jajjabeessuuf akka itti fayyadaman isaan taasiseera. Seenaan “Al-Najaashii sallame” kun jihaadistoonni Itoophiyaatti akka duulan sababa ta’uu isaatiin irra deddeebi’ee biyyatti balaaf saaxileera. Bara mooticha Yohaannis mahaadistoonni Sudaan xalayaa mootichaaf barreessan keessatti faana Al-Najaashii hordofanii islaamummaa akka fudhataniif kan dubbatuufi yoo lakki jedhan ammoo badiin akka isaan eeggatu ergaan ibsu barreeffamuu isaa Proofeserri Hagaayiin isa kana akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Akka qoranno hayyuu kanaatti Itoophiyaan rakkina keessa yeroo galte hundumaatti biyyattii deeggaruus yoo ta’e garee diinota ishee biratti hiriirsuuf akka dhimma guddaatti kaafameera. Yeroo weerara Xaaliyaaniis kan ta’e kanuma ture.[7]

Dhimmi “Al-Najaashii” dhimma seenaa haqa qabeessaa qofa miti. Fedhiin leellistoota musliimaa kanneen gowwootni tokko tokko akkuma yaadan hiriyoota Muhammad haala gaariin kan keessummeesse mootii biyya keenyaa akka musliimatti lakkaa’uudhaan “kabaja kennuu” miti. Seenaan kun kiristaanoti Itoophiyaa mootii musliima kan ture gidirsanii ajjeesaniiru jechuudhaan himata. Kiritaanotiin Itoophiyaa yeroo kanatti hiriyoota isaanii musliimaa biratti kan jibbaman akka ta’an taasisuuf kaayyoon diinummaa faayidaarra oolfamee argama. Hanga bara dhiyeenyaatti “Itoophiyaan godaantota musliimaa kanneen jalqabaa fudhachuun biyya simattedha”. “Habashoonni yoo isiniin hin tuqne ta’e itti hin bu’inaa”, “Itoophiyaan mootii gaarii islaamummaaf kabaja laatu biyya qabaachaa turte” fi k.k.f dubbii jedhaman ifatti kan dubbatamaa turan yommuu ta’u amma garuu “Itoophiyaan mootii ishee kan Islaamaa gidirsuun biyya ajjeeftedha”, “babal’achuu islaamummaaf biyya gufuu taatedha”, “qaama daangaa islaamummaa ti”, “musliima lammii ishee biyya cunqursituu” fi k.k.f sagaleen jedhan hedduminaan dhaga’amaa jiru. Kanaafuu “Al-Najaashii sallame” kan jedhu seenaan sobaa maalummaa nageenya biyyaafi kiristaanota Itoophiyaaf balaa kan uumu duuba isaatiin seerri jiraachuu isaa akkasumas jihaadistoota bara keenyaaf meeshaa hololaa ta’uun tajaajilaa waan jiruuf namoonni dhimmi kun isaan ilaallatu waa tokko jechuu qabu. Biyyi maaliif seenaa sobaan balaaf saaxilamti?

 


[1] Guillaume. The Life of Muhammad; pp. 154-155

[2] Barreessitoota tokko tokkoon maqaan mootichaa Adir’aaziidha jedhamuun isaa seenaa kanaaf madda kan ta’an barreeffamootaa islaamummaa gatii dhabsiisa. Akka ibsa kanaan Adir’aaz bara 595-615 ture kan mo’e. godaantonni gara Aaksuum dhufan bara jedhametti (615) yoo du’e ammoo Muhammad waliiin hariiroo yeroo dheeraa akka qabaachaa tureefi wal jijjiirraa eebbaa akka taasise maddeen islaamummaa keessatti dubbatamuun isaa soba jechuudha.

[3] Waajjira olaanaa paatriyaarikii Waldaa ordoksii itoophiyaa bara 2000. Mootiin Ahimad Al-Najaashii jedhamu Itoophiyaa keessa hin turre, kutaa 1 fi kutaa 2.

[4] Muhammad Xooyib. Itoophiyaafi islaama bara 1991, fuula 104, Idriis Muhammdiin kan hiikame

[5] Ziinii Kamaahuu

[6] Haggai Erlich. Sa’udi Arabia and Ethiopia, pp. 194-200

[7] Ibid., p. 3

 

SHORORKEESSUMMAA