Islaamummaan Amantaa Nagayaatii?

Islaamummaan Amantaa Nagayaatii?


Islaamummaan amantaa nagaadha moo miti? Gaaffiin jedhu naannaa addunyaatti tibbana kana mata duree kaafamaa ta’an keessaa tokkodha. Kiristaanummaa dabalatee amantaan addunyaarraa xiqqaatus baay’atus yeroo tokko seenaa (Violence) hokkarummaa qabaachaa akka turan kan beekamuudha. Garuu amantaan tokko madaalamuu kan qabu haala hordoftota isaatiin otuu hin taane qajeelfama amantaa kan ta’an kitaaboti qulqulluun barsiisa isaan barsiisaniin ta’uu isaa amanamaafi fudhatama kan qabuudha. Kitaabni qulqulluun isaa nagaafi jaalala kan labsu ta’ee otuma jiruu hordoftoonni amantaa kanaa qajelfama isaaf abboomamuu dhiisuun hokkartoota ta’uu danda’u. Kitaaba hokkara lallabu akka qajeelfama amantaatti kan fudhatan garuu beekuu dhiisuunis yoo ta’e qajeelfama isaa karaa adda ta’een hiikkachuun yokiin sababa malee abboomamuu dhiisuun sammuu isaaniin kan geggeeffaman waliin nagaan kan jiraatan namoonni jiraachuu danda’u. Kitaaba qulqulluu kiristaanummaa kutaa jalqabaa isa ta’e kakuu moofaa keessatti yaada ifa ta’een, bara murtaa’aa tokkoof, ummata tokkoofi kaayyoo muraasa ta’eef kan laataman qajeelfama tarkaanfii humnaafi waraanaa hojiirra oolchan jiraachuun isaanii in beekama. Garuu namni kamiyyuu bara kanatti akka hojiirra isaan oolchuuf haala nama kakaasuun yokiin heeyyamuun hin barreeffamne. Xummura mul’ata raajii kan ta’e kakuu haaraa keessatti qajeelfamni laataman ammoo haaloo, jibba, waraanaafi tarkaanfii humnaa kamiyyuu cimsanii kan dhorkan ta’uu isaaniin hokkarummaan kiristaanummaa akka hin taane mirkaneessu (Mat 5:44, Mar 11:25, Luq 6:27-36, Ibr 12:14, Efe 4:32, 1Tas 5:15, HoE 7:60, Yaq 3:18, Rom 12:18, 14:19, 1Phex 3:9-11, 1Qor 14:33). Jalqabaafi xummura amantaa keenyaa kan ta’e Gooftaan keenya fayyisaan keenya Yesus Kiristos jecha qofaan otuu hin taane hojiin dabalatee nagaa lallabeera. Jalqaba amantaa kiristaanotaa, bu’uura, fakkeenyaafi moodelii kan ta’e Yesus Kiristos, akkasumas ergama isaa qabatanii kan itti fufan ergamoonni hedduun kanneen nageenya turan. Waldaan kiristiyaanaa siyaasa impaayera Roomiif faayidaaf godhamtee hanga baroota jaarraa arfaffaatti kiristaanotni turan ajjeefamuu malee ajjeesuu, ari’atamuu malee ari’achuu hin beekan ture. Koloseeyumii kan jedhamu istaadiyeemii Roomaa keessatti dargaggoonni tapha isaanii argisiisan kiristaanummaa fudhachuu isaanii kan ittiin beekamu keessaa tokko agarsiisa bineensotaan wal’aansoo qabuu yoo argisiisaniyyuu, wal’aansoo dhiiga dhangalaasisu namoota waliin taasifamu irratti hirmaachu dhiisuu isaanii ture. Namoota waliin wal’aansoo taasifamu irratti nama biraa ajjeesuu mannaa meeshaalee isaanii lafa kaa’uun ajjeefamuu isaanii filatu ture. Waldaan kiristiyaanaa fakkeenyaafi barsiisa Kiristosiif amantaa qabaachaa turte kan hir’ataa dhufe “kan Qeesaar Qeesaariif kan Waaqayyoo Waaqayyoof” kan jedhu barsiisa Macaafa qulqulluu dagachuun Qeesarotaaf faayidaa ega taatee booda ture.

Faallaa kanaan walqabatee dhaloota Kiristosiin waggaa dhibba ja’a booda kan lallabame seenaan islaamummaa, hundeessaa kan ta’an jireenya Muhammadiifi bakka bu’oota isaanii yommuu walbira qabnee ilaallu, amantiifi jireenyi kristoosiifi kanneen kiristaanota jalqabaa faallaa ta’ee arganna. Haliifaa Usmaan inni lammaaffaa ajjeefaman, Haliifaa Umar inni sadaffaan ajjeefaman. Ilma eessuma nabiyyi Muhammadiifi abbaa manaa mucaa isaanii kan turan kaliifaan arfaffaa Aaliin ajjeefamaniiru. Ilmi Aalii Huseen taayitaa abbaa isaanii deebisuuf otuu waraanaa jiranii ajjeefamaniiru. Ayishaan haati manaa Muhammad deeggartoota isaanii qindeessuun musliimota kaan waliin wal waraanaa turan. 

Nabiyyi Muhammad hordoftoota isaaniif fakkeenya ta’uu kan malu jireenya nagaa hin qabaatan ture. Hanga guyyaa du’a isaaniitti waraanaan, waraana dahannaa, saamuuniifi mormitoota isaanii biyyaa ari’uun ture kan jiraatan. Walumaa galatti barumsi isaaniifi seenaan dabarsan madaallii kamiinuu nama nageenyaa ta’uu isaanii akka dubbannuuf ija jabina nuuf hin ta’u. Muraasa isaanii akka itti fufee jiruun argina.

Islaamummaa kan hundeessan Muhammad akkana jechuu isaanii dubbatameera. “Hokkaruudhaan injifataa taasifameera”. [1] Gabaasa biraatiin “hokkarsaan nan fayyadama jechuu isaanii gabaafameera. Kunis nabiiyyota kanneen jalqabaa hundumaarraa adda akka isaan taasisu dhaadachuun dubbataniiru.[2]

Qur’aanni waaqa islaamaa kan ta’e Allaan jeequmsa akka babal’isu dubbata:

“Waan isaan wantoota inni ragaa qabatamaa ittiin hin buusin Rabbitti qindeessaniif jecha, onnee warra kafaranii keessa fuulduratti sodaa darbina. Teessoon isaanii ibidda. Teessoon miidhaa raawwattootaa waa fokkate!” Suuratu Aali Imraan 3:151 (dabalatas Suuraa 8:12:8:59-60, 33:25-27, 59:2, 59:4, 59:13).

Bakka kanarratti “Sodaa” jedhamee kan hiikame hiika afaan ingiliffaan (Terror) jedhamee Abdullaah Yusuuf Aaliin kaayameera.

Akkaataa luqqisii Qur’aanaa itti fufee jiruun ammoo Allaan namoota musliima hin taaneen sodaachisuuf musliimonni akka qophaa’an isaanitti dubbata:

“…Humnaa fi faradoo hidhaman irraas ta’ee waan dandeessaniin, kan ittiin diina Rabbii, diina keeessaniifi ummattoota biraa kan isaan hin tahin, kan Rabbiin isaan beeku, isin isaan hin beekne ittiin akka sodaachiftaniif isaaniif qopheessaa” (Suuratu Al-Anfaal 8:60).

Beenii Quraayizaa kan jedhamu qomoon Yihudii, bara Muhammad biyyoota Arabaa naannaa galoo galaanaa argaman hawaasa Yihudii jabaa ta’an keessaa tokko ture. Muhammad hawaasa kana akka hokkaraniif Gabreel akka isaanitti dubbate hordoftoota isaaniitti himaniiru. Kanaafuu dhiironni isaanii akka ajjeefaman kan godhan yommuu ta’u, dubartoonniifi daa’imman musliimotaaf hiramaniiru. Lubbuun kan hafan ammoo garba isaan godhataniiru. Namoonni kun ajjeefamuu isaaniin dura lafa gabaa Madiinaa gidduutti Muhammad boolla qochisiisanii turan. Kana booda Yihudonni muraasaan lakkoofsi isaanii 700-800 ta’an gara bakka sanaatti fudhatamuun haala gara-jabinaan guutameen walumatti isaaniin qalchiisaniiru.[3]

Hayyuu Sunni kan ta’an Iibin Kasiir walumatti qabamanii qalamuu Yihudotaa akkana jechuun ibseera: “kana booda ergamaan Allaah boolli akka qotaman abbooman, isaanis in qotaman. Isaanis harki isaanii gatiitti isaaniirratti hidhamuun akka dhufan ega taasifamee booda qalamaniiru. Lakkoofsi isaanii dhibba torbaa hanga dhibba saddeetiin tilmaama. Daa’immaniifi dubartoonni booji’amanii qabeenyi isaanii dhaalameera.[4]

Wanti gaddisiisaan Muhammad naaf buufame kan ittiin jedhan “mul’ata” sababa Yihudiin himachu isaaniin Yihudiin Beenii Quraayizaa gadduurraa kan darbe Musliimota miidhanii kan hin beekne ta’uu isaaniidha. Keessumaa turtii waraanaa “duula dahaannoo” (The battle of Trenches) jedhamuun musliimotaaf dahaannoo qopheessuun gargaaranii turan. Kana qofa miti, hawaasa Makkaa waliin otuu ta’aniiru ta’ee guutummaa guututti musliimota balleessuuf humna qabu turan. Garuu kana hin raawwanne. Muhammadiifi hordoftoonni isaanii garuu qooda galata isaanii kanneen dhiiroota isaanii qaluun, dubartootaafi daa’imman garba taasifachuufi qabeenya isaanii saamuun ture kan deebisan.

Muhammad yeroo waraanaatti daa’immaniifi dubartoonni akka hin ajjeefamne abboomuu isaanii kan dubbatan haadisootiin yeroo hedduu in ibsamu. Kun garuu barsiisni Muhammad walii isaan kan faallessuufi itti fufiinsa kan hin qabne ta’uu isaa mirkaneessuurra kan darbe faayiidaa hin qabaatu. Daa’immaniifi dubartoonni akka hin ajjeefamne dubbatu kan isaaniif jedhamu seera islaamummaa yommuu dubbifannu dubartoonniifi daa’imman kan ittiin ajjeefaman haalli jiraachuu isaa akka dubbatan ilaaluu dandeenya. Haadisiin tokko akkana jedha:

“Ergamaa Allaah (nagaan isaaniif haa ta’u), daa’imman hin ajjeestan ture. Kanaafuu Aal-Hadiir waa’ee daa’ima isa ajjeefamee wanta beeku isin hin beektan yoo ta’een kan hafe yokiin daa’ima amanaa ta’uun guddatuufi amanaa ta’uu dhiisuun daa’ima guddatu gidduu garaa gartee jiru adda baasuu hin dandeessan yoo ta’e hin ajjeesiinaa. Kanaafuu amanaa isa hin taane ajjeeftu, amanaa isa ta’een ammoo in dhiiftu.”[5]

Egaa akka haadisii kanatti musliimonni amanaa otuu hin ta’iin daa’ima guddachu danda’u yeroo hubatan ajjeesuu danda’u jechuudha. Fakkeenyaf yoo jedhame, daa’imman musliima hin taane maatii isaanii irraa fudhatanii musliimota giddutti akka isaan guddatan taasisuuf carraan hin jiru yoo ta’e maatii isaanii “kaafiroota” ta’an walumaan ajjeesuun kan heeyyamameedha. Kanaafi shororkeessitoonni musliimaa namoota gurguddoota gidduutti otuu daa’imman jiraachu isaanii beekanii balaa kan geessisan.

Yeroo tokko ammoo namoota gantoota yokiin Waaqolii kan waaqessan dubartootaafi daa’imman ajjeesuun akka danda’amu Muhammad gaafatamanii turan. Isaaniis yommuu deebisan “ani akkuma maatii isaaniitti kanan isaan ilaalu” jechuun ture.[6] Jecha biraatiin maatiin gantoota yoo ta’an ijoollee isaanii ajjeesuun kan heeyyamamedha  jechuudha.

Muhammad sababa waa’ee hin baafneen dubartoota ajjeessaa akka turan maddeen islaamummaa keessatti ibsamee argina:

“ijoolleen durbaa lama Fartaanaafi hiriyaan ishee, waa’ee faarsaa nama hawwatu kan ergamaa kanaa faarsaa waan turaniif akka ajjeefaman abbooman”. [7]

Weedduu Muhammadiin ceepha’u sababa dubbachuu isheetiin dubartiin abshaalli Asimaa Biint Maariwaan jedhamtu akkuma kanaa ajjeefamteetti. Asimaan kan ajjeefamte otuu daa’ima ishee harma hoosisaa jirtuu akka ta’e maddeen islaamummaa gabaasaniiru.[8] Nabiyyiin laphee ittiin jaarsoliif gaddan hin qabani. Abu Afaak jedhamee kan beekamu umuriin isaa 120 akka ture kan dubbatamu baay’ee kan dulloome nama Yihudii ture. Namni kun nabiyummaa Muhammad shakkiin kan ilaalan namoota jiran keessaa tokko ture. Billaan waraanamee akka ajjeefamu godhame. [9]

Luqqisiin Qur’aanaa itti fufan Musliimonni ollaa isaanii kan ta’an  hordoftoota amantaa biroo loluun akka isaan rakkisaniifi seera islaamummaaf bitaamaa akka ta’an abboomu.

“Yaa warra amantan! Kuffaara irraa warra isinitti aananiin lolaa. Isin keessattis jabeenya haa argannu. Rabbiinis warra Isa sodaatan wajjin jiraachuu beeka” (Suuratu At-Tawbaa 9:123).

“Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabasaa’i, isaan irrattis jabeessi. Teesson isaaniin jahannami. Deebiin isaaniis (Jahannam) waa fokkaatee! (Suuratu At-Tawbaa 9:73).

“Yeroo ji’oonni kabajamoon darbaran, mushrikoota bakka argitanitti ajjeesaa; isaan booji’aas; isaan marsaas; karaa hunda irras isaaniif taa’aa.  Yoo tawbatanii, salaata gadi dhaabanii, zakaas kennan karaa isaaniif gadi dhiisaa. Dhugumatti Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa dha” (Suuratu At-Tawbaa 9:5).

“Hanga “fitanaan” (shirkiin) hin argamneefi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhnetaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaa dha” (Suuratu Al-Anfaal 8:39).

Seenaa islaamummaa keessatti gabaasni itti fufee jiru barreeffamee arganna:

“Iibin Umar akka gabaasetti ergamaan Allaah akkana jedhaniiru. Allaah kan hafe waaqeffamuun kan isaaf malu akka hin jirreefi Muhammad ammoo ergamaa isaa ta’uu isaanii namoonni hanga dhugaa ba’anitti, akkasumas soolaata seera isaa eeganii hanga sagadaniifi Zakaata hanga laatanitti akkan isaan lolu (Allaatiin) abboomameera. Kana kan godhan yoo ta’e seera islaamummaan kan murteeffameen kan hafe jireenyaafi qabeenya isaanii ana jalaa oolfatu, qoodni isaanii Allaatiin isaaniif yaadama”. [10]

“Nabiyyiin ‹nama kamiyyuu kan islaamummaa dhiisee deemu ajjeesaa› jedhaniiru”. [11]

Namoonni musliima hin taane uumama hunda daran hamaa akka ta’an Qur’aanni in dubbata:

“Warri abbootii kitaabaa fi mushrikoota irraa kafaran ibidda Jahannam keessatti hafoo ta’anii jiraatu. Warri sun isaanumatu irra hamtuu uumamaati” (Suuraa Bayyinaa boqonnaa 98:6).

Musliimoota dhugaa kan ta’an maatii isaanii hin sallamneyyuu hiriyaa kan hin godhanne ta’uu isaanii Qur’aanni akkana jechuun dubbata:

“Ummata Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanaanu, namoota Rabbiifi ergamaa isaa morman odoma abbootii isaanii, yookiin ilmaan isaanii, yookiin obboleeyyan isaanii, yookiin firoota isaanii ta‘anillee, kan (isaan keessaan) jaallatanu hin argitu. Isaan sana (Rabbiin) onnee isaaanii keessatti iimaana barreessee jira; tumsa Isa irraa ta’eenis isaan jabeesseera” (Suuratu Al-Mujaadalaah boqonnaa 58:22).

Namni akkaataa kanaan maatii isaa musliima hin taane jibbuu hin dandeenye amala islaamummaa hin qabu.

Waa’ee kiristaanotaafi Yihudota jibbuu seenaan islaamummaa akkana jedha:

“Nabiyyiin (eebbaafi nagaan allaah isaan waliin haa ta’u) akkana jedhaniiru. ‹Yidudotaafi kiristaanota dursitanii nagaa hin gaafatiinaa. Karaa gubbaatti yoo isinitti dhufan gara gara karaa isa dhiphaatti isaan dhiibaa›”.[12]

Akkasumas Qur’aana keessatti jechootiin abaarsaa kiristaanotaafi Yihudota irratti yommuu dubbatan argina:

“Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhan. Kiristaanonnis “Masiih ilma Rabbiiti” jedhan. Kun jecha isaanii kanuma afaan isaaniiti. Jecha isaan duraan kafaraniittis ni fakkeessu. Abaarsi Rabbii isaan irratti haa jiraatu. Akkamitti (dhugaa irraa) garagaluu!” (Suuratu At-Tawbaa 9:30).

Muhammad lubbuun isaanii otuu hin darbiin dura kan dubbatan dubbiin isaanii inni dhumaa Yihudotaafi kiristanota abaaruu akka ture seenaan islaamummaa in dubbatu.

“Ayishaafi Abdullaah akka gabaasanitti, ergamaa Allaah (nagaan isaaniif haa ta’uutii) yeroo du’uuf jedhanitti fuula isaanii ansoolaan golganii xiqqo ega tasgabbaa’anii booda fuula isaanii mul’isuun haala sanaan otuu jiranii akkana jedhan, ‹awwaala ergamtootaa akka lafa kadhannaatti fayyadamuu isaaniin abaarsi Yihudotaafi Kiristaanotarra haa ta’u›. (Yihudonniifi Kiristaanotiin) wanti godhan akka isaan hin raawwanne (hordoftoota isaanii) akeekkachiisaaniiru. [13]

Luqqisiin itti fufee jiru, namoonni barsiisa Muhammadiifi hordoftoota isaanii fudhatan kannneen musliima hin taanerratti gara-jabeessa akka ta’an dubbata.

“Muhammad ergamaa Rabbiiti. Warri isaa wajjin jiranis kuffaara irratti ciccimoo, gidduu isaaniitti immoo wal mararfatoodha” (Suuratu Al-Fat’ihi boqonnaa 48:29).

Luqqisiin kun afaan Arabaan yommuu dubbifamu Muhammadiifi hordoftoonni isaanii “kaafiroota irratti araara kan hin qabne gara-jabeessota (Ruthless)fi walii isaaniif ammoo kan gaddan ta’uu isaanii kan dubbatuudha. Luqqisii itti fufee jiruun ammoo “kaafiroota” irratti garaa-jabaachuun abboommii Allaah ta’uu isaa argina:

“Yaa Nabiyyichaa! Kaafirootaafi munaafiqoota irratti qabsaa’i; isaan irrattis jabeessi. Teesson isaanii jahannami. Deebiin isaaniis (Jahannam) waa fokkaatee! (Suuratu At-Tawbaa 9:73).

Gaaf tokko namoonni muraasni gara Muhammad dhufanii islaamummaa fudhatan. Muhammadis nagaan isaan simate. Haalli qilleensa Madiinaa mijataa waan isaaniif hin taaneef gara tuuta Gaalaa imaluun aannaniifi fincaan isaanii qorichummaaf akka dhugan isaan abbooman. Namoonni kun ega isaanitti fooyya’ee booda tiksee gaalota kan Muhammad ajjeesuun Gaalota isaa fudhatanii deeman. Muhammad eegdota isaanii erguun hordofanii isaaniin qabatanii akka dhufan godhan. Kana booda “qooda ija ijaatiin qooda ilkaan ilkaaniin” akkaataa abboommii jedhuun otuu hin taane, haala dhaga’uuf sukkanneessaa ta’een isaan adabaniiru. Buhaarii kan jedhaman seenaa kan gabaasan akkana jechuun barreessaniiru:

“(Nabiyyiin) harkaafi miilli isaanii akka kutaman abboomani, isaanis kutaman. Ija isaanii sibiila ibiddaan diimaateen waadamee akka badu taasifame. Kana booda hanga du’anitti Ba’aal haaraa (bakka gogiinsaa aduu kan Madiinaa) irratti gataman. Yeroo bishaan gaafatan bishaan kamiyyuu isaaniif hin laatamne ture.”[14]

Akka haadisii itti fufee jiruun nabiyi Muhammad qarshiif jedhanii namoota rakkisaa akka turan argina. Haadisii keessatti namni ibsame misirroo haaraafi dargaggeessa hoggannaa Yihudii Hayibarii kan turedha. Muhammad ega isa ajjeesisanii booda dargageetti miidhagduu waggaa 17 kan turte haadha manaa isaa Soofiyaa jedhamtu ofiif fudhataniiru. Haadisiin kun akkanatti dubbifama:

“Nabiyyiin Kinaanaa nama jedhamu ilaalchisee abboommii akkana jedhu Zubaayiriif laatan. ‹Keessa isaatti wanna dhokfate hunda hanga baasutti isa gidirse›. Kanaaf Kinaanaan du’aaf hanga ga’utti Zubaayir ibidda laphee isaa irra kaaye. Kana booda nabiyyiin Maslammaaf dabarsanii isa laatan, innis isa qale.” [15]  

Namoonni ibiddaan akka hin gubamne Muhammad dhorkuu isaanii kan dubbatan haadistootiin jiru. Garuu ammoo namoonni ibiddaan akka gubataniif bakka isaan itti abbooman jira.[16]

Kan biraan hedduu sukkaaneessaafi dhaga’uuf jibbisiisaa kan ta’e seenaa gara-jabinaa kan nabiyi Muhammadiifi hordoftoota isaanii, seenaa Muhammad kan Al-Xoobriifi Iibin Iisihaaq barreessan keessatti argama:

“Abbaa umurii 80 kan taaate maqaan ishee inni sirriin Faaximaa Biint Ruubiyaa kan jedhamu dubartii Uum Qiirfaa jedhamtu turte. Walaloo Muhammadiin ceepha’u qopheessuun tolchaa isarratti hojjetti turte. Ijoollee dhiiraa 13 kan qabdu yommuu ta’u, hundi isaanii ga’eessotaafi hoggantoota Yihudii turan. Gareen loltuu Zayidiin hogganamu yeroo Ramadaan Uumirratti duule. Uum yeroo sanatti du’a akka malee duute. Zayid miila ishee funyoon Gaalota lamaan gidduutti ishee hidhuun Kallattii faallaan akka deeman godhe. Isheenis bakka lamatti baate. Dubartii baay’ee dulloomte turte. Kana booda Abdallaafi ilma Uum gara nabiyyitti isaan fidan. Ilmi Uum kan booji’e kan Salaamaah taatee turte. Muhammad waa’ee ishee Salaamaatiin gaafatan. Salaamaanis ishee isaaniif laate[17]

Maddeen islaamummaa kanneen jalqabaa ta’an, waa’ee nabiyyiifi hordoftoota isaanii dhugaalee armaan oliin dubbataman kan eeran yoo ta’e, islaamummaan inni dhugaa Muhammadiin lallabameefi ittiin jiraatame amantaa nageenyaa ta’uu isaa dubbachuuf ija jabina kan nuuf ta’u sababa hin qabaannu.

 


[1] Sahih Al-Bukhari; Volume 4, book 52, Number 220

[2] Sahih Muslim; Book 004, Number 1062, 1063, 1066, 1067

[3] Sunan Abu Dawud; 14:2665:38:4390; Sahih Al-Bukhari 4:52:280

[4] Tafsir Ibn Kathir- The Campaign against Banu Qurayzah www.tafsir.com

[5] Sahih Muslim 4457

[6] Sahih Muslim; 4322; Sahih Al Bukhari 52:256

[7] Guillaume. The Life of Muhammad; p.819

[8] Guillaume. The Life Of Muhammad; pp. 675-675; Ibn Sa’d. Kitab al-tabalaqat al-kabir pp. 30-31; Ibn Sa’d al-Baghadadi. The Book of the Major Calasses Vol. 2, pp.32.

[9] Kitab al-Maghazi; transalted by Faizer R;, Ismail A., and Tayob, A.K. (2011); Guillaume. The Life of Muhammad; pp. 86-87

[10] Sahih Al-Bukhari; Vol. 1 Book 2, Number 24

[11] Sahih al-Bukhari, 52:260; 83:37; 84:57; 89:271; 84:58; Abu Dawud, 4346

[12] Sahih Muslim,2167: Sahih al-Bukhari Book 25, Number 5389 dabalatas Iimam An-Nawaawi. Riyaaduu Suwaalihiin, lakkoofsa haadisii 811-1896, fuula 2 kan hike Hasan Taajuu fuula 42 ilaalaa.

[13] Sahih Muslim; 1082, Sahih Al-Bukhari; 2:23472

[14] Sahih Al-Bukhari; 7:71:623; 5:59:505; 1:4:234; 4:52:261; Sahih Muslim;  16: 4131; 16:4130: 16:4132: 16:4134: Abu Dawud; 38: 4356; 36:4357

[15] At-Tabari; vol. 8, p.122

[16] Sahih Al-Bukhari: 11:626; Guillaume. The Life of Muhammad; p. 316

[17] Al-Tabari; Vol. 8, p. 96; Guillaume. The Life of Muhammad;p. 664-665

 

SHORORKEESSUMMAA