Qur’aana Keessaa kan Badan Keyyatoota 213!

Qur’aana Keessaa kan Badan Keyyatoota 213!

Ustaazonni Qur’aanaa Qur’aanni itti hin dabalamne irraas hin hir’ifamne jechuudhaan yommuu dubbatan dhaga’amuun wanta beekamadha. Garuu Musliimonni kanneen jalqabaa kutaaleen Qur’aanaa hedduun isaanii badanii hafuu isaanii ragaa ba’aniiru. Fakkeenyaaf yoo jedhame,  Ubey Biin Kaa’ib akka ragaa ba’utti Suurat Al-Ahzaab yommuu jalqaba “buufame” dheerinni isaa hanga Suurat Al-Baqaraa akka turee fi muraasni isaa ammoo badee amma kan jiru qofti hafuu danda’eera.

تفسير سورة الأحزاب [ وهي ] مدنية . قال [ عبد الله بن ] الإمام أحمد : حدثنا خلف بن هشام ، حدثنا حماد بن زيد ، عن عاصم بن بهدلة ، عن زر قال : قال لي أبي بن كعب : كأين تقرأ سورة الأحزاب ؟ أو كأين تعدها ؟ قال : قلت : ثلاثا وسبعين آية : فقال : قط! لقد رأيتها وإنها لتعادل ” سورة البقرة ” ، ولقد قرأنا فيها : الشيخ والشيخة إذا زنيا فارجموهما البتة نكالا من الله والله عليم حكيم ” .

Narrated ‘Aasim ibn Bahdalah, from Zirr, who said:

Ubayy ibn Ka‘b said to me: How long is Soorat al-Ahzaab when you read it? Or how many verses do you think it is? I said to him: Seventy-three verses. He said: Only? There was a time when it was as long as Soorat al-Baqarah, and we read in it: “The old man and the old woman, if they commit zina, then stone them both, a punishment from Allah, and Allah is Almighty, Most Wise.”

Aziir irraa dhag’uun Asiim Iibin Baahidalaah akkuma dubbate:

Ubey Iibin Kaa’ib Baahidalah akkana naan jedhe: Suurat Al-Ahzaab yommuu dubbifattu hangam dheerata? Yokiin keeyyata hammamii ti jettee yaadda? Keeyyata 73 jedheen deebiseef. Innis isa kana qofadha? Jechuudhaan naaf deebise. Hamma Suurat Al-Baqaraa yerootti dheeratu jira ture. Keessa isaattis akkana kan jedhu ture. “Dhiirri ga’eessa ta’ee fi durbii ga’eetti taate yoo ejja raawwatan lamaan isaanii dhagaan rukutaa ajjaeesaa, kunis adabbii Allaah biraa ta’eedha. Allaan hundumaa kan danda’uu fi ogeessadha”(Musnaad Ahimad Hadiis lakkoofsa 21245).

Namni hayyuu Ibin Hazim jedhamu kun Haadisa Saahiih ta’uu isaa dhugaa kan hundi beeku ta’uu isaa dubbateera. Ibin Katiir ammoo Isnaadni isaa sadarka Hasan qabaachuu isaa dubbateera. Hayyooti Musliimaa gurguddoon haadisni kun dhugaa ta’uu isaa walii galu. Suurat-Al-Baqaraan keeyyatoota 286 kan qabaatu yommuu ta’u Suurat Al-Ahzaab ammoo keeyyatoota 73 qofa ni qabaata. Kanaafuu keeyyatoonni 213 ta’an kitaaba Allaah keessaa badaniiru jechuudha.

Obboleeyyan keenya Muslimaa Qur’aanni sirriitti eegameera yommuu nuun jedhan maal jechuu isaaniiti laata?

QUR’AANA