Muhammad Umurii Heerumaaf kan hin Geenye Ayishaa Fuudhuu Isaa

Muhammad Umurii Heerumaaf kan hin Geenye Ayishaa Fuudhuu Isaa

Deebii Musliimoti Kennanii fi Deebii isaaniif Laatame

 


Muhammad nabiyyii sobaa ta’uu isaa gochaawwan argisiisan keessaa tokko mucaa durbaa umurii heerumaaf hin geenye fuudhuu isaati. Obboleeyyan Musliimaa gocha rifaasisaa nabiyyii isaanii ibsuu fi sammuu namaaf fudhatama akka qabaatu gochuuf baay’ee yaalaniiru. Gochaawwan tokko tokko seenaa Muhammad keessatti argaman ibsuun umuriin Ayishaa kan dubbatameen olitti ta’uu isaa fi Muhammad umurii heerumaaf kan hin geenya durba fuudhuu dhiisuu isaa ibsuuf yaalii yoo godhan iyyuu falmii amansiisaa ta’e dhiyeeffachuu hin dandeenye. Isa kanaaf sababni isaa Muhammad waggaa 6tti Ayishaa kaadhimmachuun waggaa 9 tti ammoo fuudhuu isaa, ifaa fi haala shakkisiisaa hin taaneen yeroo baay’ee irra deddeebi’amuun kitaabota Haadisii fi Siiraa keessatti dubbatamuu isaa ti. [1]

Gabaasa kana fudhatama dhabsiisuun akka hin danda’amne kan hubatan hayyoo ti musliimaa gabaasa kana haaluu mannaa sababa garaa garaa kennuun gaa’ila Muhammad dhugoomsuuf yommuu yaalan argamu. Garuu yaalii hangam yoo godhan iyyuu  seenaan kun dhugaa ta’uu nabiyyummaa Muhammad irratti rakkina fiduu danda’u hanqisuun isaaniif hin danda’amne. Barreeffama keenya kanatti obboleeyyan musliimaa gocha nabiyyummaa isaanii kanaaf akka dhugaatti kan isaan kaasan dubbiiwwan ijoo tokko tokko haa sakattaanu.

Inni jalqabaan obboleeyyan keenya musliimaa deebiin isaan kennan kaadhimmummaa Mariyamii fi Yoseef kan ilaallatuudha. Insaaykiloopiidiyaa kaatolikii keessatti umuriin Mariyam 12 akka turee fi umuriin Yoseef ammoo 90 akka ture ibseera nuun jedhu.

Yaadni kun waggootan dhibbaan dura kan dubbatame yommuu ta’u yaada ragaa of keessaa hin qabaanneedha. Kitaaba Qulqulluu kiristiyaanummaa keessatti wanti kana fakkaatu hin jiru. Nuti waa’ee umurii Ayishaa ibsuun falmuun keenya, qajeelfama amantaa musliimotaa kan ta’an  kitaaba Haadisii keessaa malee kan falminu kitaaba insaayikiloopeediyaa irraa miti. Waggootan dhibbaan dura dhaloota Kiristosiin dura bara 1913 kan barreeffame insaayikilooppiidiyaa ibsuun falmuu isaanii mannaa otuu Kitaaba Qulqulluu irraa umurii Mariyamiin kan ibsu ragaa nuuf dhiyeessaniiru ta’ee isaan fudhanna ture.

Yihuudonni durii shamarraan mucummaa isaaniin kan heerumsiisan ta’uu isaanii kan beekamu yommuu ta’u umuriin kan xiqqaatu 12 ta’uu isaa seerri isaanii ni abbooma[2]  Doktor Jiim Weest kan jedhaman hayyuun amantaa hafuuraa umurii gaa’ilaa kan dubartoota Yihudii yommuu dubbatan gara dargaggummaa erga seenanii booda yokiin naannaa umurii 13 yommuu ta’an ta’uu isaanii barreessaniiru. [3] Yihuudonni durii dubartoota isaanii mucummaan yoo heerumsiisan iyyuu otuu laguu ji’aa hin argiin dura umurii isaanii waggaa 9ffaa irratti hin turre. Musliimonni kan isaan dubbatan umuriin kaadhimummaa Maariyaamii fi Yoseef sirriidha yoo jedhame iyyuu shamarraan umurii waggaa 9 fi 12 waliin gituun hin danda’amu. Mucaan Durbaa umurii waggaa 12 gaa’ilaaf ga’aa yoo hin taaneyyuu gama waggaa sagaliin yommuu ilaalamu yoo xiqqaate laguu ji’aa ishee yeroo jalqabaaf kan argite ta’uu isheetiin dhiibbaan isheerra ga’u akka ishee umurii sagalii cimaa hin ta’u. Mormiin keenya garaagartee umurii Ayishaa fi Muhammad gidduu maaliif jiraate otuu hin taane umurii gaa’ilaaf otuu hin ga’iin maaliif ishee fuudhe kan jedhuudha. Ga’eessi abbaa umurii 50 mucaa umuriin 5nii yoo fuudhee fi akaakayyuun abbaa umurii 70 durba umuriin 25nii  otuu fuudhee garaa garteen lamaan isaanii waggaa 45 yoo ta’e iyyuu gama baayolojii fi naamusaatiin ga’eessi abbaa umurii 50 ni komatama. Kanaafuu garaa garteen umurii rakkina qabaachuu dhiisuu isaa nu hubachiisuuf kan yaalan obboleeyyan keenya musliimaa deebii otuu hin kenniin dura ijoo falmii keenyaa otuu hubatanii gaariidha.

Inni lammaffaan deebiin musliimotaa gama aadaan falmii dhiyaatuudha. Aadaa bara sana tureen gaa’illi Muhammadii fi Ayishaa fudhatama qabaachuu isaatiin sirrii ture nuun jedhu. Aadaan akkuma baraa isaatii garaa gara kan ta’ee fi faallaa ta’uun isaa dhugaa dha. Garuu akka amantaa Musliimotaatti amalli namummaa Muhammad kan hin jijjiramne ta’uu isaatiin falmiin kun fudhatama hin qabaatu. Muhammad ilmaan namoota hundumaaf fakkeenya addaa akka ta’uuf kan ergame yoo ta’e naamusni isaa madaalamuun kan irra jiraatu aadaa jaarraa torbaffaan otuu hin taane naamusa ol aanaa kan ilmaan namootaa irra ga’aniidha. Ilmaan namootaa hundumaaf fakkeenya akka ta’uuf namni Rabbiin ergame bara isaa kan ture aadaa duubatti hafaa irra kan caalu amala namummaa gaarii qabaachuun isaaf mala. Kun ta’uu baannaan ilmaan namootaa hundumaaf kan malu fakkeenya ta’uu hin danda’u jechuudha. Kanaafuu obboleeyyan musliimaa Muhammad nabiyyoota hundumaan kan caalu naamusa guddaa qabaachaa kan turee fi fakkeenyummaa isaa hordofuun Jannata akka nama galchu amanuun isaanii dogoggora jalaa ta’a. Bara Museen, Daawit, Isaayyaasii fi raajoti (nabiiyyoti) faa turan bara Muhammad jiraataa turan hedduun kan dursan yoo ta’e iyyuu tokkoon isaaniiyyuu gocha qaanii akkanaa hin raawwanne.

Sadaffaan deebiin isaan kennan Ayishaan haala yeroo sana tureen umurii gaa’iilaaf geesseetti kan jedhuudha. Isa kanaafis amala jijjiirama qilleensaa akka sababaatti ibsu. Amalli jijjiirama qilleensaa guddina irratti dhibbaa hanga kana qabaachuu isaa kan wal nu hubachiisuudha. Sababa kanaanis dubartoonni nannoo gammoojjii jiraatan ariitiin laguu ji’aa arguu danda’u. Garuu laguu ji’aa ilaalaniif qofa gaa’ilaa fi wal-qunnamtii saalaaf ga’aa ta’aniiruu jechuu miti. Akkaataan itti nyaatanii fi dhimmoonni kaanis isa kanaa waliin ilaalamuu isaaniin bara jaarraa torbaffaatti rakkinaan kan saaxilame gammoojjjii biyya Arabaa keessa shamarran jiraatan guddina isaanii kan saffisiisu nyaata madaalamaa argachuu dhiisuu isaanii beekamuu qaba. Kanaafuu walumaa gala yommuu ilaalamu shamarran tokko waggaa 9tti  gaa’ilaaf ga’uu dhiisuu isheetiin Ayishaan umurii gaa’ilaaf akka hin geenye hubachuun ni danda’ama. Kanaafis Haadiisoti islaamummaa kanneen musliimaaf qabsaa’aniif haala sababa hin kennineen ifatti Ayishaan umurii gaa’ilaaf kan hin geenye mucaa ta’uu ishee waan dubbataniif falmiin kun gabaabumatti kan golaabameedha. Saahiih Al-Buhaariin akkana jedha:

“Mooraa Masjidaa keessa kan taphatan Itiyoophiyaanota otuun ilaaluu, nabiyyichi (uffata irraan uffatamuun) na haguuga ture. Hanga na ga’utti isaan ilaale. Kanaafuu (umurii gaa’ilaaf kan hin geenye) mucaa xiqqoo akkamiin qabamuu akka qabdu taatee kanarraa hubachuu danda’eera.”[4]

“Ayishaan akkuma dubbatte: Nabiyyiin bakka isaan turanitti hiriyoota koo kanneen durbaa waliin  ashaangulliitii waliin haasa’aan ture. Ergamaan Allaah gara mana isaa yommuu galu hiriyoonni koo ni dhokatu turan garuu inni isaan waamee anaa waliin akka taphataniif isaanitti dubbata ture.”[5]

Fatiih Al-Baarii keessatti akkana jedhameera: “Ashaangulliitotaa fi kanaan kan fakkaatan waliin taphachuun kan dhorkameedha. Garuu Ayishaan umurii gaa’ilaaf hin geenye mucaa xiqqoo waan turteef isheef heeyyamameera.”[6]

Qabsaa’onni musliimaa Ayishaan waggaa salgaffaa isheetti umurii heerumaaf geesseetti nuun jechuun isaanii akka Haadisaatiitti yeroo sana ashaangulliitotaan haasa’aa akka turte ibsamuu isaa akkamiin ilaaluu isaanii ti? Islaamummaatti durbi umurii heerumaaf geessu ashaangulliitiin akka haasoftuuf hin heeyyamamuuf!

Sadarkaa arfaffaan ammoo gaa’illi gama aadaa duubatti hambisuutiin faayidaa qabeessa waan tureef sirriidha kan jedhu deebii ajaa’ibsiisaa kennu. Isa kanaafis baatii shawaalitti fuudhuu fi mucaa hiriyaa ofii fuudhuu akka fakkeenyaatti ni ibsu. Akka aadaa Arabootaatti baatii shawaalitti fuudhuu fi mucaa hiriyaa ofii fuudhuu akka qaaniitti lakkaa’amuu isaatiin nabiyyichi kanneen lamaan dhorkaman dabsuun fakkeenyaa gaarii ta’aniiru jedhu. Kun falmii yaada keessa galfamu miti. Muhammad aadaa duubatti haafaa hambisuuf mucaa daa’imaa fuudhuuf gocha hamaa dubaatti hafaa kan biroo raawwachuun isaaniif hin malu. Baatii shawaalitti fuudhuun akka danda’amu barsiisuu yoo barbaadan maaliif mucaa ashaangulliitii taphattuun fudhani? Maaliifis dubartii kan biroo isaaniin gittu hin fuune? Mucaa hiriyaa isaanii fuudhuun yoo isaan barbaachise Abubakar hiriyaa isaanii qofa waan hin taaneef mucaa hiriyoota isaanii kanneen kaan fuudhuu hin danda’an ture? Kana qofaa miti, mucaa kan hiriyaa isaa Umar Haafisuwaan jedhamtu fuudhuun mucaa kan hiriyaa ofii fuudhuun akka danda’amu argisiisaniiru. Kunis ga’aa hin turre? Jalqabumatti iyyuu akka aadaa Arabootaatti mucaa kan hiriyaa ofii fuudhuun hin danda’amu ture sababni jedhu wanta ragaa of keessaa hin qabaanneedha. Muhammad gaa’ilaaf Ayishaa yommuu gaafatu abbaan ishee Abubakar, Muhammad hiriyaa fi obboleessa amantaa irraa qabu ta’uu isaa ibsuun wanta kana fudhachuu akka hin dandeenye ibsee ture. Mucaa hiriyaa ofii fuudhuun hin danda’amu ture sababni jedhu deebii Abubakar kenne irraa ka’uun kan dhiyaate malee dhugaatti aadaa Arabootaa keessatti duudhaan akkanaa waan jiruuf miti. Araboonni mucaa hiriyaa isaanii irra darbanii fira isaaniiyyuu fuudhaa kan turanii fi ammas duudhaa kana keessaa kan hin baane uummatadha.

Sababni shanaffaan isaan kennan, akka Haadisaatiitti gaa’illi isaanii milkii qabeessa akka ture ibsamuu isaa ti. Ayishaanis haadisaattiiwwan hedduu galmeessuu danda’uun ishee miidhaan xiin-sammuu akka isheerra hin geenya argisiisa jedhu. Falmiin kun homaa amansiisaa miti. Amala Muhammad guddisanii argiisuuf waggoota 250-350n booda afoola barreeffaman gaggaarii isaa filachuun yaraa kan ta’e ammoo haala ittin dhokfatantu jira. Kanaafuu maddeewwan kun gaa’illi milkii qabeessa ture waan jedhaniif qofa milkii kan qabaatu miti. Mucaa daa’imaaa waggaa 9 fi nama ga’eessaa waggaa 54 gidduu gaa’ila godhamu keessatti dubartittiin miidhaan xiin-sammuu irra ga’uu danda’uu isaa falmii kan kaasu miti. Ayishaan haadisaattiiwwan hedduu galmeessuun ishee dubartii yaadannoo gaarii qabaachaa turte ta’uu ishee malee sababa gaa’ilaan dhiibbaan xiin-sammuu akka ishee irra hin geenye kan argisiisu miti . Gaa’illi kun kan raawwatame bara kanatti otuu ta’ee Muhammad himannaa dirqisiisanii gudeeduun hamatamanii dhaddacha dura dhaabatu ture.

Sababni isaanii inni ja’affaan ammoo maatiin ishee gaa’ila kana hin mormine kan jedhuudha. Garuu abbaan Ayishaa Abubakar, hiriyaa isaa fi obboleessa isaa kan itti amanu ta’uu isaa ibsuun Ayishaa isaaniif kennuu akka hin barbaanne karaa jaalalaan ibsee ture. Diddaan kun umurii Ayishaa yaada keessa galchuun haalli ittiin ibsamu gadi aanaa yoo ta’e iyyuu yoo xiqqaate Abubakar gaa’ila kanaaf gammadaa ta’uu dhiisuu isaa fi komee ifatti hin dubbatamne qabaachuu isaa hubachuun ni danda’ama. Dhimmi biraan beekamuu malu maatiin ishee mormii dhageessisuu dhiisuun isaanii bara sana akkuma ture hawaasa duubatti hafaa,  gaa’illi umurii malee waa’ee miidhaa qabaachuu isaa namoota hubannaan isaanitti hir’ate ta’uu isaanii ti malee gaa’illi sirrii ta’uu isaa hin argisiisu. Muhammad nabiyyii inni jedhame yoo xiqqaate isaan irraa fooyyee qabaatanii argamuun isaaniif mala ture.

Obboleeyyan keenya musliimaa deebii inni xummuraa isaan kennan Allaan nabiyyichaaf heeyyameera kan jedhuudha. Muhammad akkuma nama tokkoo nama ta’uu isaatiin dogoggoruu akka danda’u beekuun gocha komee qabaatu kanaa raawwachuun isaanii dadhabbii namummaa isaanii kan argiisu  ta’uu isaa fudhatanii darbuun otuu isaaniif maluu wanta isaanirraa hin eegamne kana Uumaatti qabachuun isaanii dogoggora hamaa hundumarra caaluudha. Dhugaatti Rabbiin isaaniif heeyyamuu isaa kan dubbatan Muhammad ofuma isaaniin ta’uu isaaniin namoonni nabiyyummaa isaanii fudhatan yakka kana Rabbiitti qabachuuf dirqamu. Muhammad akkana jedhee ture:

“Yeroo lama abjuudhaan natti mul’atte. Uffata haarrii irraa tolfame irra taatee sin arge. «Isheen kun haadha manaa kee ti, irraa saaqin jedhame. Yommuun irraa saaqu suma ture. Abjuun kun yoo Allaah biraa ta’e ni raawwatan jedhe.»”[7]

Abjuun kun fedha garaa kan Muhammadiin argisiisu malee fedha Rabbii kan argisiisuu miti. Muhammad mucummaa isheetti Ayishaan fuudhuu isaaniin rakkina daa’imman musliima addunyaa irratti argamaniif sababa ta’aniiru. Fakkeenya isaanii hordofuun musliimoti dhiiraa hedduun gochaa kanaan fakkaatu raawwatu. Gocha badii akkanaa Rabbiitti qabachuun ija jabina guddaadha!

Musliimoti tokko tokko Muhammad wal-qunnamtii saalaa Ayishaa waliin waggaa salgaffaa isheetti raawwachuu dhiisuu isaanii yommuu dubbatan dhaga’eera. Garuu Haadisaatii keessatti “waggaa salgaffaa isheetti gaa’ila kana guutatte” kan jedhame keessatti “guuttatte” (consummated) kan jedhuuf jechi afaan Arabaa argameef “Dahaallaa” kan jedhu yommuu ta’u, Hans Wehr Arabic-English Dictionary fuula 273 irratti akkaataa ibsameen hiikti jecha kanaa “gara keessaa seenuu, waraanuu, (haala walqunnamtii saalaa) ibsuun galchuu, amala gaa’ilaa raawwachuu, durba waliin (walqunnamtii saalaa raawwachuuf) ciisuu” kan jedhu hiikaawwan ni qabaata. Kanaafuu Muhammad Ayishaa waliin hin ciifne yaadni jedhu fudhatama kan hin qabaanne yommuu ta’u musliimota hiri’ina beekumsaa qabaataniin kan hafe hayyooti musliimaa iyyuu yaada kana kan fudhatan miti. Akka kitaaba Haadisii islaamummaatti Ayishaan daa’ima godhachuu hin dandeenye. Muhammad yommuu du’anitti umuriin ishee qaata 18 kan ture yoo ta’eyyuu, Muhammad haati manootii isaanii du’a isaatiin booda akka hin heerumne qur’aana keessa abboommii kaa’uu isaaniin nama biraatti heerumuuf carraa isaa hin arganne (Suuraa 33:53). Kunis ofittummaa Muhammad kan argisiisu yommuu ta’u daa’ima dahuu dadhabuun ishee sababa umuriin ishee gaa’iilaaf otuu hin ga’iin bu’aa dhiibbaa ishee irra ga’een ta’uu danda’a.

Xummura irrattis obboleeyyan keenya musliimaa dhimmi nuyi akka yaadan barbaannu, Muhammad daa’immaan gaa’ilaaf yommuu filatan isaaniif kan jalqabaa ta’uu dhiisuun isaa dhugaa dha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Musnaad Ahimad Iibin Hanbal Haadisii lakkoofsa 25636 irratti akkanatti katabeera:

“Mucaan Abbaas jedhamtu Uum Habiib otuu umuriin harma hodhuu irratti argamtuu lafarra daaddiftuu arganiin. Nabiyyichis akkana jedhan: Wallaahii ani otuun lubbuun jiruu kan guddattu yoo taate nan fuudhaan.”[8]

Yaa musliimota jaallatamoo, nabiyyiin keessan dhugaatti nama yaada akkanaa qabaachaa turan erga ta’ee nama sammuu fayyaa qabaatan ta’uu isaanii otuu shakkinee nutti faradamuun kan nuuf malu hin fakkaatu. Muhammad nabiyyummaaf kan isaan gitu maalummaa hin qaban turan. Tasuma nama Rabbiin hin beeknee fi sodaatu miti turan.

——————————————–

Qur’aanni daa’immaan umurii gaa’ilaaf hin geenye akka fuudhan ni heeyyamaa?

Qur’aana keessatti shamarraan laguu ji’aaf  (umurii gaa’ilaaf hin geenye hiikuun haala ittiin danda’amu qajeelfama kan kennu keeyyati tokko ni argama:

“Dubartoota keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii ji’a sadii qofa. Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta’an immoo baallamni isaanii ilfa isaanii da’uudha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha” (Suuratu Ax-Xalaaq 65:4).

Keeyyata kana hanga ta’e ifaa gochuuf, musliimni dhiiraa tokko mucaa durbaa tokko kan laguun ji’aa ishee addaan cite hiikuu yoo barbaade baatii sadiif otuu saal-qunnamtii hin raawwatiin tura. Sababa isheen umurii gaa’iilaaf hin geenyeef laguu ji’aa ishee kan hin argine mucaa durbaa hiikuu yoo barbaade akkuma kana ji’a sadiif wal-qunnamtii saalaa otuu hin raawwatiin eega. Kun hayooti Qur’aanaa hundi irratti kan walii galan qajeelfama islaamummaa yommuu ta’u, Saahiih Al-Buhaarii fuula 7, kitaaba 62, lakkoobsa 63 irratti karaa kanaan hiikatti kenneera. [9] Sayid Abul Aasaa Mawudidii kan jedhaman hayyuun amantaa musliimaa namni biyya Paakistaan keeyyata ilaalchisuun akkana jedhaniiru:

“Shamarran otuu xurii (laguu ji’aa) hin argiin karaa ittiin hiikuun danda’amu qajeelfama kan kennu keeyyati Qur’aanaa kun abbaan manootii haadha manootii akkanaa waliin sirna gaa’ilaa raawwachuu akka danda’an ifatti kan argisiisuudha. Ta’us Qur’aanni kan murteesse gocha kana eenyu iyyuu dhorkuuf mirga hin qabaatu.” [10]

Mawudidiin hawaasa muslimaa addunyaa biratti hedduu kan kabajaman Qur’aana kan ibsaniidha.


[1] Sahih Al-Bukhari, Volume 5, Book 58, Number 234; Volume 5, Book 58, Number 236; Volume 9, Book 87, Number 140; see also Number 139; Volume 7, Book 62, Number 64; see also Numbers 65 and 88; Sahih Muslim, Book 008, Number 3309; see also 3310; Book 008, Number 3311Sunan Abu Dawud, Number 2116; Book 41, Number 4915; Book 13, Number 2380;

[2] Baker Ency. of the Bible volume 2, page 1407

[3] Jim West. Ancient Israelite Marriage Customs; http://www.theology.edu/marriage.htm

[4] Sahih Al-Bukhari, Volume 7, Book 62, Number 163)

[5] Sahih Al-Bukhari, Volume 8, Book 73, Number 151

[6] Fateh-al-Bari page 143, Vol.13

[7] Sahih al-Bukhari, 3606

[8] Musnad Ahmed, Number 25636

[9] Sahih al-Bukhari, Volume 7, Book 62, Number 63

[10] Sayid abul A’La maududi, The meaning of the Qur’an Vol. 5 pp. 599 & 617

 

DUBARTOOTA FI ISLAAMUMMAA