Balballi Jannataa Banameera!

Balballi Jannataa Banameera!


 

Musliimonnii fi Kiristiyaanoti ilmaan namaa Uumaa isaaniirraa adda ba’uun badiisaaf saaxilamuu isaaniitti amanu. Bakka jireenya keenya isa dhugaa kan ture gammachuu fi qannoon guutame Jannata keessa yoo ta’e iyyuu, Addaamii fi Hewaan (Adam fi Hawaan) yakka hojjechuu isaaniin Jannataa ari’amuu keenyan lafa rakkinaan guutame irra akka jiraannu murteeffameera. Garuu Uumaan keenyi gara-laafessaa fi gaarii ta’e isa irraa adda ba’uun bara baraan akka balleeffamnu waan hin jaalanneef balbala Jannataa deebisee baneera, karaa ittiin galamus karaa salphaa ta’een nuuf qopheesseera. Quraa’anas yoo ta’e Kitaaba Qulqulluu keessaa seenaawwan argaman yommuu qorannu Uumaan keenyaa nurraa fagachuun qajeelfamoota erguu mannaa gara ilmaan namaatti dhiyaachuun isaa wajjin jiraachuu kan isaan dandeessisu ulaagaawwan isaan irraa eegamu karaa mataa isaatiin qopheesse yommuu ofiin raawwatu argina.

Seenaawwan shanan itti fufanii jiran keessaa arfan Kitaaba Qulqulluu fi Qur’aana keessatti galmeeffamaniiru. Obboleessa koo musliima jaallatamaa! Seenaawwan kun ulaagaa Waaqayyo (Rabbi) sirraa eegu guutuudhaan gara Jannataa si deebisuuf hojii inni hojjete kan argisiisan waan ta’eef maaloo sirriitti dubbifadhu.

Waaqayyo (Rabbi) sababa cubbuu isaaniin qullaa isaanii golguuf uffata Addaamii fi Hewaaniif qopheesse. Waaqayyo karaa aarsaa isa dhugaa Abeelii fi Qaa’eliif qopheesse. Abrahamiif ilma isaa oolchuuf aarsaa guddaa qopheesseef. Musee fi Israa’elotaaf cubbuu muraasa ta’aniif dhiifama kan ta’u seera aarsaa karaa Lubootaa fi mana qulqullummaa Yerusaalemiin hundeesseef. Ilmaan namoota hundumaaf ammoo seera aarsaawwanii gara xummuraatti kan fidu ilma isaa qulqulluu ta’e Yesuus Kiristosiin dabarsee kenne. Aarsaa beeyladoota kanneen darbanii gara fuula duraatti kan ta’u karaa Yesuus Kiristosiin dhiifama cubbuu fi tokkummaa Waaqayyo waliin qabaannu haaressuuf aarsaa nuuf godhame karaa ajaa’ibsiisaa ta’een fakkeenyaan kan argisiisaniidha.

Dhugaa barbaachisaa ta’e kana dagachuun Waaqayyo (Rabbii) itti amanuu, hojiiwwan gaggaarii hojjechuu fi wanta gaarii hawwuun qofa ga’aa akka ta’e namoonni yaadan Waaqayyoo fi karaa inni qopheesseef kabaja kennuu dhiisuu isaaniin milkaa’ummaa irraa hafu. Kanaafuu seenaawwan shanan armaan oliin ibsman maalo sirriitti dubbifadhu.

Addaamii Fi Hewaan (Aadamii fi Hawwaa)

Addaamii fi Hewaan yakka erga hojjetanii booda qullaa isaanii ta’uudhaan sodaa fi qaaniin jireenya isaanii dhuunfate. Uumaa isaanii irratti yakka hojjechuun salphinaaf isaan saaxile. Qullaa isaanii golgachuuf kan yaalan baala mukaan ture. Qaanii fi salphina sababa yakka isaaniin isaan mudate kana jalaa ba’uuf yaaliin isaan godhan ija Waaqayyoo duratti ga’aa hin taane. Muka dhorkaman irraa yoo nyaatan du’a akka du’an dursee itti himee ture. Duuti kun du’a hafuuraa yommuu ta’u kunis sababa Jannataa ari’amuu isaaniin tokkummaa dhuunfaan Waaqayyo waliin qabachaa turan dhabuudhaan isaanitti kan dhufuudha. Duuti qaamaa ammoo kanaan itti fufee kan dhufuudha. Namni tokko adabbii du’aa jala jiraa yoo ta’e abdii hin qabaatu, du’aadha! Kanaafuu Waaqayyo gidduu galuun qullaa isaanii kan ittiin golgatan gogaa beeyladaa isaaniif laate. Kunis balleessaa kan ta’e bu’aa cubbuuf aarsaa dhiyaatu kan argisiisuudha Seera Musee (Seera Uumaa 3:7;21). Qur’aana keessattis uffata qullaa isaanii ittiin golgatan Allaan isaaniif kennuu isaa dubbatameera (Suuraa 7:26).

Seera Musee, Zaburii fi Injiliin “yakka” jecha jedhu dogoggoraan hojii yaraa hojjechuu kan jedhu irra darbee hiika qabaachuu isaa dubbatu. Laphee ilmaan namaa hundumaa keessatti kan argamu ilaalcha hamaa ta’een yaadawwan yaraa yaaduun dabalatee wanta hamaa raawwatamuudha. Waaqayyo dhugaatti qulqulluu ta’uu isaatiin gama ilaalcha isaatiin cubbuun yommuu ilaalamu wanta baay’ee ulfaataadha. Ilmaan namaa hundi cubbamoota ta’uu isaaniin murtiin isaaniif mala (Suuraa 16:1).

Qaaniin bu’aa cubbuu ti. Laphee keessatti bakka cubbuun itti yaadamu yoo hin jiraanne qaaniin hin jiru. Kanaa fi, daa’immaan qullaa yoo ta’aniyyuu kan hin qaanofne. Kiristiyaanummaatti dhaala cubbuu jechuun namni amala cubbuu hojjechuu waliin dhalata jechuuf malee otuu of hin beekiin dura cubbuu hojjeteera jechuu miti. Namni hundi uumama isaatiin iyyuu ilma dheekkamsaa ti. Isa kanaaf sababni isaa ammoo cubbuu qabataamaa waliin dhalachuu isaa otuu hin taane amala cubbuu hojjechuu waliin dhalachuu isaa ti (Efesoon. 2:3). Ilmaan namaa hundumaaf bakka bu’aa kan ta’e Addaam cubbuu hojjechuu isaatiin hundi keenyi murtii Waaqayyoo jala jirra (Rom. 5:12). Yommuu dhalanne cubbuu waliin hin dhalanne. Garuu amala cubbuu hojjechuu waliin dhalachuu keenyan dhimmi cubbamoota ta’uu keenyaa gaaffii kan uumu miti. Kanaafuu adabbii Waaqayyoo jalaa ba’uun nuuf hin danda’amu.

Qaa’elii fi Abeel (Qaabilii fi Haabiil)

Waa’een aarsaa Qaa’elii fi Abeel Qur’aana keessatti sirriitti hin dubbatamne (Suuraa 5:27). Seerri Musee fi Ijiliin akkuma nutti dubbatan sanyii lafarraa kan ta’e qalma Qaa’el Waaqayyo kan hin fudhanne yommuu ta’u qalma beeyladootaa kan ta’e aarsaa Abeel garuu fudhateera (Seera Uumamaa 4:3-7). Kana malees Abeel qalma isaa amantiin dhiyeessuu isaatiin fudhatama argachuu isaa dubbatameera (Ibroota 11:4). Abeel aarsaa beeyladaa dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu isaa maaliif amanee ture? Addaamii fi Hewaan cubbuu hojjechuu isaaniin qaanii irraa akka oolfamaniif gogaa beeyladaa itti uffisuu isaatiin Waaqayyoof galata galchuuf barbaadee ta’a? Seenaa Musee yommuu ilaallu kun caalaatti ifaa ta’a.

Abrahaam (Ibraahim)

Abrahaam ilma isaa akka aarsaa godhuuf erga abboomamee booda bakka ilma isaa kan dhiyaatu hoolaa aarsaa ta’u ofii isaatiin Waaqayyo ni qopheesse Suuraa 37:107, seera Musee Seera Uumamaa 22). Aarsaan beeyladaa kun akka gocha waaqeffannaa salphaa ta’e qofaatti kan ilaalamuu miti. Sababni isaa Qur’aanni barbaachisummaa isaa yommuu ibsu “(Gorra’ama) guddaadhaan isa furre” jedha. Ilmi namaa beeyladarra gatii guddaa ni qabaata. Beeyladichi “guddaa” kan jedhame aarsaa dhugaa kana booda dhufuuf jiru karaa fakkeenya ta’een waan argisiisuufi laata?

Musee (Muussaa)

Museen yakkaa saba Israa’eliif dhiifama akka ta’uuf beeyladoota uumaman akka aarsaa godhu Waaqayyoon (Rabbiin) abboomame Seera Musee (Seera Lakkoobsaa 19:1-10) luqqisiiwwan kanneen biroonis jiru.

Musliimonni kan akka Yoseef Alii fi Mawudidii ta’an Suurat Al-Baqaraa 2:67-74 irratti kan argamu seenaa ajaa’ibsiisaa kana kan yaadachiisu ta’uu isaa dubbatu. Luboonni Yihudii fi manni qulqullummaa Suuraa 17:1-7;5:55 irratti ibsamaniiru. Mana qulqullummaa keessatti dhiifama yakkaatiif kan dhiyeeffaman aarsaan beeyladootaa dhimmoota jalqabaa kan seera Musee ti. Addaamii fi Hewaan wanti isaan itti qaana’an akkuma golgameef akkuma kana ammoo aarsaa dhiigaan malee qaaniin golgamu hin jiraatu. Seera Musee (Seera Leewwotaa) 17:11 irratti akkana jedha:

“Lubbuun uumama foon uffatee dhiiga keessa waan jiruuf, furee kan ta’us dhiiga waan ta’eef, inni furee lubbuu keessanii akka ta’uuf iddoo aarsaa irratti ani Waaqayyo isa isiniif kenneera”

Yesuus Masiihicha

Aarsaawwan hedduun irra deddeebi’amanii yoo dhyeeffaman iyyuu rakkina cubbuu ilmaan namaaf furmaata itti fufiinsa qabaatu ta’uu hin dandeenye. Rakkinni kun ammoo gatii namummaa ilmaan namaa baasuuf kan gitan ta’uu dhiisuu isaanii ti. Aarsaa gara fuula duraatti dhufu qulqulluu fi cubbuu irraa bilisa ta’een kan argisiisan qofa turan. Akkuma cheekii baankii jechuudha. Cheekiin baankiii qarshii ittiin qabaachuuf ni tajaajila garuu yeroo tokkoof qarshichi harka keessan yoo gale cheekiin kun isin hin barbaachisu.

Aarsaan beeyladaa aarsaa isa guddaa ta’een kan argisiisuudha. Aarsaan kun yeroo tokkoof yoo raawwatame aarsaan beeyladootaa isin hin barbaachisu. Yohannis cuuphaan (Yahiyaa) “Ilaa hoolicha Waaqayyoo, isa cubbuu biyya lafaa irraa fuudhu” jechuun ture Yesusiin kan waame (Injilii Yohannis 1:29). Yesuus cubbuu, qaanii, sodaa fi ceephoo biyya lafaa balleessuuf bakka ilmaan namaa bu’uun xoofoo du’aa fudhateera (Injilii Mark 10:45).

Injilii Luqaas 24:44-47 akkana jedha:

“Yommuun isinii wajjin ture waa’ee kootiif seera Musee, macaafa raajotaa fi, macaafa faarfannaa keessatti kan caafame hundinuu raawwatamuuf akka jiru, kan ani isinitti hime, kunoo, isa kana” isaaniin jedhe.  Ergasii macaafa haa hubataniif sammuu isaanii ibseef. “Kristosichi dhiphachuuf, guyyaa sadaffaattis du’aa ka’uuf akka jiru, yaada garaa geddarachuunii fi dhiifamuun cubbuu maqaa isaatiin Yerusaalemii jalqabaee saba lafa irraa hundumaatti akka lallabamuuf jiru, caafameera. ”

Waaqayyo guyyaa sadaffaatti kanneen du’an keessa Yesusiin kaasuu fi guyyaa afurtamaffaatti gara mataa isaatti ol fudhachuun hojii isaaf ragaa ba’eera (Injilii, Hojii Ergamootaa 1:3, 1Qor 15). Karaa ittiin araara dhugaa argatan kanaan karaa mataa isaanii irraa deebi’uun karaa Waaqayyo isaaniif qopheesse fudhachuuf namoota fedha argisiisan hundumaaf kan qopheeffame ta’uu isaa Seerri Musee, Zaburii fi Injiliin ni dubbatu. Qur’aannis kitaabota kanatti amanuun akka isaaniif malu musliimotatti dubbata (Suuraa 5:46-48).

Gama yaada Waaqayyootiin yommuu ilaalamnu nuti sababa yakkaatiin qullaa kan taanee fi qaanii keessa kan jirruudha. Garuu dhiiga qulqulluu ilma isaatiin nuuf dhangalaafameen qulqullummaa argachuu ni dandeenya. Dubbiin oduu gammachiisaa kun ammoo bara Addaamii eegaluun ibsameera. Karaa Yesuus Masihichaan ammoo hanga dhuma biyya lafaatti ilmaan namootaa hundumaaf qopheeffamuun dhiyaateera. Kanarra kan fooyya’u isa kanaan mulquu kan danda’u wanti kamiyyuu hin jiraatu. Ilmaan namaa hundumaaf ga’aa, amansiisaa fi dhugaa kan ta’e karaa fayyinaa ti.

————–

Yoo haa ta’u jenne iyyuu eebba itti fufanii jiraniin bakka bu’uu kan danda’u karaan kana caalu ni argama?

  • Dhiifama cubbuu dhugaa ta’e
  • Qaaniirraa gara ulfinaatti deebi’uu
  • Sodaa fi ceephoo sammuurraa bilisa ta’uu
  • Jireenya guutuu
  • Humna Hafuura qulqulluu akka fedhaa fi yaada Waaqayyootti jiraachuu kan dandeessisu

————-

Yesuus jechuun nabiiyoti dursanii kan isaaf raajan fayyisaa addunyaa ti. Kana gochuuf ga’umsa isaa kan qabaatu isa qofaadha (Injilii Maarqoos 2:6, Luqaas 24:44-47, Yohaannis 11:25-26). Ergaan isaa adda dha. Gabaabumatti itti fufee kan jiruun fakkaata: Waaqayyo qulqulluudha, nu jaallata-hundi keenya cubbamoota ta’uu keenyaan isa irraa adda baaneerra-amantaawwan kallattii isaanii irraa dogoggoraniiru; hojiiwwan keenya gaggaariinis nu fayyisuuf ga’aa miti-ga’umsa kan qabaatuu fi rakkina keenyaaf furmaati Yesuus qofa dha! Inni adabbii keenya fudhateera-qalbii jijjiiradhaa-isa duukaa bu’aa! Yaa obboleessa koo jaallatamaa aarsaa kan dhugaa fi qulqulluu ta’e, kan bara baraa fi sagalee Waaqayyo  isa jiraataa ta’e Yesuusitti amanuu barbaadda? Deebiin kee eyyee yoo ta’e kadhannaa itti fufee jiru laphee kee irraa kadhachuun tokkummaa haaraa Uumaa kee waliin  eegaluu dandeessa:

“Hundumaa kan dandeessu yaa Waaqayyoo ko. Sagalee kee isa qulqulluu keessatti kan ibsame karaa kee isa ta’e Yesuus Kristosiin duukaa bu’uu dhiisuun, karaa kee irraa dogoggoruun badeera. Cubbuu koo anaaf dhiisi. Yesuus Kristosiin naaf erguu keetiin sin galateeffadha. Inni fannoo irratti gorra’amuun gatii yakka koo anaaf baaseera. Du’aa ka’ee bara baraan jiraataa ta’uu isaa nan amana. Karaa koo isa duraa irraa deebi’uun akka fedha keetti akkan jiraadhuuf hafuura kee isa qulqulluu naa kenni. Waan na jaalattee fi ilma kee isa ta’e Gooftaa koo Yesuus Kiristositti amanuun si waliin tokkummaa haaraa akkan qabaadhuuf fedha kee isa gaarii ta’uu isaatti sin galateeffadha. Ameen!”

Baga gammadde! Amantii keetti guddachuuf maalo Kitaaba Qulqulluu dubbifadhu; yeroo hundumaa kadhadhu. Jireenya haaraa Waaqayyo siif kenneen jiraachuu akka dandeessu si deeggaruu kan danda’an tokkummaa duuka buutota Yesuus itti makami. Gaaffii yokiiin yaada yoo qabaatte yokiin ammoo deeggarsi si barbaachisa yoo ta’e teessoo itti fufee jiruun si gargaaruuf fedhan qaba.

Ewnet4hulu @gmail.com

 

KARAA FAYYINAA