“Wangeelli Barnaabaas” Wangeela Dhugaa ti?

“Wangeelli Barnaabaas” Wangeela Dhugaa ti?

Musliimonni obboleeyyan keenyi fannifamuu Yesuus haaluuf ragaan ittiin fayyadaman keessaa tokko “Wangeela Barnaabaas” kan jedhamu yommuu ta’u Musliimonni hedduun hiriyaa Phaawulos kan ta’e Barnaabaasiin barreeffamuu isaatti amanu.

Garuu kun ragaa kan of keessaa hin qabaannee fi falmii mo’amuu dhiisuuf godhamuudha. Wangeelli Barnaabaas bara giddu-galeessaatti biyya Xaaliyaanii nama Musliimaa tokkoon kan katabame barreeffama ragaa dhugaa of keessaa hin qabaanne yommuu ta’u, kutaa jaarraa tokkoo waliin hariiroo  kamiyyuu hin qabaatu. Musliimonni obboleeyyan keenyi yeroo baay’ee barreeffama “Wangeela Barnaabaas” jedhamu ergaa Barnaabas waliin yommuu faallessan ni argamu. Kitaabni ergaa Barnaabaas jedhamuun moggaafame Barnaabaasiin kan katabame yoo hin taaneyyuu garuu “Wangeelan Barnaabaas” faallaa kiristiyaanummaa kan ibsuudha.[1] Wangeelli Barnaabaas barreeffama jaarraa tokkoffaa ta’uu dhiisuu isaa kan argisiisan qabxiiwwan hedduun keessatti argamu.

  • Jecha Giriikiin “Kiristos” kan jedhuu fi jecha Ibrootaan ammoo “Masihii” kan jedhu hiika wal-fakkaataa kan qabaatan yommuu ta’u, namni lammii Yihudii kutaa baraa jaarraa tokkoffaa jiraate kamiyyuu jechooti lamaan kun hiika wal-fakkaataa qabaachuu isaanii ni beeka. Afaan Giriik kan itti dubbatamu Aleksaanderiyaatii kan dhufe lammummaan Yihudii kan ta’e Barnaabaas dhugaa ifa ta’e kana ni dagata jedhamee tasuma yaadamuu hin danda’u. Garuu Wangeelli Barnaabaas kan irraa eegalu Yesusiin “Kiristos’ jedhee moggaasuun yommuu ta’u (fuula 2)  garuu boqonnaa 42 irratti Yesuus Masihii akka ta’e ganuu isaa nutti dubbata. Kun walitti bu’iinsa guddaa yemmuu ta’u barreeffamni kun nama afaanota bara Barnaabaas jiraate dubbataman hin beekneen barreeffamuu isaa mirkaneessa
  • Boqonnaa 3 irratti Herodisii fi Philaaxoos baruma tokko keessatti hoggantoota biyya Yihudaa akka turan ni dubbata. Garuu Herodiis dhaloota Kiristosiin dura bara 37-4 biyya Yihudii qofaa isaa kan bulche yommuu ta’u Philaaxoos ammoo kan bulche dhaloota Kirsitosiin booda bara 26-36 ture.[2] Barnaabaas seenaa kana dabsuuf kan danda’u karaan kamiyyuu hin jiraatu.
  • Boqonnaa 20-21 irratti Yesuus dooniin gara biyya Naazireet imaluu isaa fi namoonni naannoo sanaas doonii oofanii isa simachuu isaanii dubbata. Garuu biyyi Naazireet laga Galiilaatii fageenya 14km fagaachuun gaarotaan marfamtee kan argamtu ta’uun ishee beekamaadha.[3] Bakkuma kanatti Yesuus gara Qifrinnaahomitti ol ba’uu isaa kan dubbatu yommuu ta’u kunis haala taa’umsa lafaatiin yommuu ilaalamu dogoggora dha. Magaalli Qifirinnaahoom haalli taa’umsi lafa ishee magaala Naaziretii olitti lafa ol ka’aarra otuu hin taane lafa taa’umsaan gadi aanaa qarqara haroo Galiilaa ti. Yesuus irra deddeebiin gara magaalota kana deemuu isaa irraa kan ka’e ergamtooti isaa naannoo sana sirriitti beeku (Mat. 2:23, 4:13, 8:5, 11:23, 17:24, 21:11, 26:71, Luq 4:16). Garuu barreessaan “Wangeela Barnaabaas” dogoggora kana hojjechuun sobaa ta’uu isaa saaxileera.

Wangeelli Barnaabaas bakka itti barumsa Islaamummaa hedduminaan deeggaru yoo jiraateyyuu garuu Musliimoonni isa yokiin Qur’aana akka filatan kan dirqisiisan qabxiiwwan faallessan hedduun keessa isaatti ni argamu.

  • Qur’aanni Maariyam Iisaa kan deesse ciniinsuun ta’uu isaa kan dubbatu yommuu ta’u (Suuraa 19:22-23), Wangeelli Barnaabaas garuu ciniinsuu malee dahuu ishee dubbata (Boqonnaa 3).
  • Qur’aanni Iisaan Masihii ta’uu isaa irra deddeebi’uun kan dubbatu yommuu ta’u (Suuraa 3:45), Wangeelan Barnaabaas garuu Iisaan Masihii ta’uu isaa ganuu isaa (boqonnaa 42) fi Muhammad Masihii ta’uu isaaniin ragaa ba’uu isaa dubbata (boqonnaa 97). Qur’aana keessattis ta’e barreeffama islaamaa kamiyyuu keessatti Muhammad Masihii ta’uu isaanii hin barreeffamne.
  • Qur’aanni Musliimni dhiiraa tokko hanga dubartoota afuriitti akka fuudhu kan heeyyamu yommuu ta’u (Suuraa 4:3), Wangeelli Barnaabaas garuu gaa’ila dabalataa cimsee mormuun dhiirri tokko dubartii tokkoof kan jedhu barsiisa Kitaaba Qulqulluu calaqqisiisa (boqonnaa 11:5).
  • Qur’aanni samiin toorba qofti jiraachuu isaanii kan dubbatu yommuu ta’u (Suuraa 17:44), Wangeelan Barnaabaas garuu samiin sagal jiraachuu isaanii dubbata (boqonnaa 178).

Wangeelli Barnaabaas barreeffama kan bara giddu-galeessaa ta’uu isaa argisiisan ragaawwan keessa isaatti ni argamu.

  • Akka Kitaaba Qulqulluutti ayyaanni yaadannoo waggaa shantamaffaatti akka kabajamu abboommiin kan laatame yommuu ta’u (Lew 25:10-11), Dhaloota Kiristosiin booda bara 1300 tti Phaaphaasiin Waldaa Kiristiyaanaa biyya Roomaa kan turan Boonefes saddeettaffaan waggaa dhibbaffaa irratti akka kabajamu labsee ture. Garuu Phaaphasiin itti fufuun muudamee ture Kelement arfaffaan labsicha haquun irra deebi’amee ayyaanni yaadannoo waggaa shantamaan akka kabajamu labsuu isaan dhaloota Kiristosiin booda bara 1350 kabajameera.[4]Wangeelli Barnaabaas garuu labsii dogoggoraa kan Phaaphaasii kanaa fudhachuun boqonnaa 82 irratti ayyaanni yaadannoo waggaa dhibbaffaa irratti akka kabajamu ni dubbata. Kunis kitaabichi bara giddu-galeessaatti kan katabame ta’uu isaaf ragaa guddaadha.
  • Kitaabni kun kan bara giddu galeessaa ta’uu isaa kan argisiisu qabxiin inni biraan ammo barreessaa Daantee jedhamu irraa kan fudhataman yaadotni keessa isaatti barreeffamanii argamuu isaanii ti.[5] Fakkeenyaaf yoo jedhame, Jannata dura samiin sadii jiraachuu isaanii barreesaan Wangeela Barnaabaas kan Daanteen barreesse irraa fudhachuun isaa ifaa dha (boqonnaa 178).
  • Wangeelan Barnaabaas barreeffamootni harkaa (manuscripts) kanneen jalqabaa kan afaanota Xaaliyaanii fi Ispeeniin katabaman yommuu ta’u qorannoo irratti godhameen kutaa jaarraa kudha shanaffaa asitti kan barreeffaman ta’uun isaanii ibsameera.[6] Barreeffama Barnaabaas isa dhugaa otuu ta’ee afaan Ibruutiin, Giriikiin yokaan ammoo Aramaayikiin barreeffamuutu isaaf mala ture.

Musliimonni beekumsa ga’aa hin qabaanne kitaaba kana akka Wangeela amanamaatti yoo afarsan iyyuu garuu dhimma kana sirriitti kan qoratan beektonni musliimaa otuu hin hafiin kitaaba sobaa ta’uu isaaf beekamtii laataniiru.[7]



 

[1] Dubbifachuuf fedha isaa kan qabaatu kamiyyuu marsariitii itti fufee jiruun fayyadamuun ergaa Barnaabaas dubbifachuu ni danda’a http://answeringislam.net/Barnabas/epistleb.html

[2] FF Bruce. Israel and the Nations, Exeter: Paternoster Press, 1973, p. 240.

[3] “Nazareth”, New Bible Dictionary, England: IVP, 1987, p. 819

[4] Herbert Thurston. The Holy Year of Jubilee, London: Sands & Co., 1900, p. 5

[5] ante Alighieri. The Divine Comedy, section: Paradiso

[6] Norman Gaislere. Encyclopedia of Christian Apologetics, p. 67

[7] Wangeelli Barnaabaas” barreeffama sobaa ta’uu isaa hayyooti musliimaa akkana jedhaniiru: As regards the “Gospel of Barnabas” itself, there is no question that it is a medieval fnetery … It contains anachronisms which can date only from the Middle Ages and not before, and shows a garbled comprehension of Islamic doctrines, calling the Prophet the “Messiah”, which Islam does not claim for him. Besides it farcical notion of sacred history, stylistically it is a mediocre parody of the Gospels, as the writings of Baha Allah are of the Koran. (Cyril Glassé, The Concise Encyclopedia of Islam, San Francisco: Harper & Row, 1989, p. 65)

 

MUHAAMMAD