BOQONNAA 1 – Deebii Jaalalaan Kennuu

Deebii Jaalalaan Kennuu

Afrikaa Adda Hirachuu

Biyyoonni addunyaa irratti argaman Afrikaadhaf karoora ni qabu. Kunis haala baramaadhan kaachaa Afrikaa “saamudhaaf” godhamu jedhamee waammama. Sababa isaas hubachuun nama kan rakkisuu miti. Afrikaan haala nama ajaa’ibsiisun qabeenya uummamaa guddaadhan ardii badhaatedha. Addunyaan hafe immoo qabeenya kana “saamudhaaf” qophaa’ee eeggachaa jira. Kuusaa boba’aa, gaasi fi  albuudaa heddu ni qabdi. Kusaawaan meetii, warqee, pilaatiiniyemii fi sibiilaa Afrikaa tokko tokko addunyaa irratti isaan guddoodha. Lafittiin lalistuudha. Hir’ina nyaataa isa dabalaa dhufe irraa kan ka’e lafti kun qaama addunyaa isa hafeef madda nyaataa ta’uu waan danda’uuf heddu ni barbaadama. Kana irraa kan ka’e addunyaan gara Afrikaa fuulaa ishee deebistee jirti. Biyyoonni akka United States, Biraaziili fi Chaayinaa jiran gargaarsan, bu’uurawwan misoomaa guutudhaan, waliigaltee daldalaa fi kan kana fakkaataniin biyyoota Afrikaa waliin waliitti dhuufeenya ijaaranii jiru. Afrikaa saamuf foolachuun kun wanta haarawaa miti. Baroota giduuutti Afrikaan ooydii lolaa fi saamoo taatee jirti. Murtaa’on yemmuu hafan tokkoon tokkoon biyyoota Afrikaa seenaa gita bittummaa (koloneeffachuu) fi qabsoo bilisummaa ni qabu. Gita bittummaan hafus biyyoonni addunyaa guututti argaman diinagdee Afikaa too’achuuf yaalaa wanta jiran fakkaata.

Boqonnaalee itti aananiin argaman keesaatti akka ilaallutti biyyoonni Islaamummaa harki caalan xiyyeeffannoon isaanii Afrikaa irrattidha. Qabeenya Afrikaa too’achuufis ni fedhu. Biyyoonni Musliima ta’an Afrikaa irratti kan itti xiyyeeffatan sababa kana bira darbu ni qabu. Kunis Islaamummaa ardittii keessatti babal’isuudha. Biyyoota Musliimni itti baay’atu kanneenif qirci (adda qoqqoodachuun) ka’umsa siyaasawaa, diinagdee fi amantii qaba. Addunyaan Afrikaadhaaf karoora mataa ishee kan qabdu taatus Waaqayyo immoo Adrittiidha fi namoota Afrikaatif akeeka ni qaba.

Kaayyoo Waaqayyoo Afrikaadhaf

1Ximotewos 2:4 fi 2Phexros 3:9 dubbifadhaa

Boqonnaalee muraasa itti aanan keessatti Islaamummaan naannolee fi namoota Afrikaa too’achuuf tooftaawwan heddu akkamitti akka fayyadamaa jiru ni ilaalla. Haata’u malee boqonnaalee kanneen yemmuu dubbistan wanti isin yaadachuu qabdan Waaqayyo Afrikaadhaf akkasumas addunyaadhaf kaayyoo ifa ta’e qabaachuu isaati. Nammoonni addunyaa irra jiran hundinuu akka isa beekenii fi akka fayyan ni barbaada. 1Ximotewos 2:4 irratti:- “Waaqayyo namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga’u in fedha” yemmuu nuun jedhu,

2 Phexros 3:9 irratti immoo:- “Inni namoonni hundinuu yaada garaa isaanii akka geedaratan malee, garri tokko iyyuu akka badan waan hin barbaannef obsaan isiniif in danda’a” jechuudhan nutti hima. Waaqayyo namoota addunyaa irra jiran tokkoon tokkoon isaanii ni jaalata, akkasumas isa waliin walitti dhufeenya akka qabaatan ni barbaada.

Waaqayyo nuti Kiristiyaanonni qaama karoora isaa kana akka taanuf waamicha nuuf dhiheessa. Wangeela labsuudhan motummaan isaa lafa irratti akka babal’atu gochuudhan akka isa tajaajillu nurraa eega.

Wangeela jechuun “Misiraachoo (oduu gaarii)” jechuudha. Bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti “Wangeela” jechuun misiraachowwan akaakuu lama labsuu jechuu ture.

  • Injifannoon akka argamee fi
  • Mootin haarofti bulchuudhaf akka dibame labsii beeksisuudha

Nuti Kiristiyaanotaaf wangeela jechuun Yesus Kiristoos cubbuu fi du’a irratti injifannoo gonfachuu isaa fi motummaa isaa lafa irratti dhaabuu isaati. Akka Kiristiyaanummaa keenyatti nuti qaama motummaa Waaqayyoo kanaati.

Motummaan Waaqayyoo mootummoota biyya lafaa hunda irraa kan adda taa’eedha. Motummaan Waaqayyoo kan xiyyeeffate bulchiinsa daangawaa bulchuu irratti osoo hin ta’in onnee namootaa bituu irrattidha (Luuqaas 17:20). Motummaa, bulchiinsa fi angoo lafa iratti argamu kamiyyuu caalaa cimaa kan ta’e motummaa hafuurati. Humnoota hafuura fi (Islaamummaa dabalatee) amantaa kamiyyuu irra baay’ee ni caala. Motummaan Waaqayyoo kan hundeeffame jaajala, nagaha, qajeelummaa, haqummaa, bilisummaa, amanamummaa fi dhugaa irrattidha. Motummaa Waaqayyoo keessatti Yesus Kiristoos ni jaalatama, ni kabajama akkasumas ni waaqeffatama. Kaayyon Waaqayyo Afrikaadha fi addunyaadhaf qabu isa kanadha.

Waaqayyo baay’ee jabaadha. Uumaa Addunyaa fi isa jabeessee qabuudha. Nutis ijoollee Waaqayyoo fi lammiilee motummaa isaa waan taanef qooda fudhaattoota humna isaati. Humna kana motummaan jaalalaa kun lafa irratti akka babal’atu gochuuf itti fayyadamuu ni dandeenya.

Fedha Waaqayyoo Lafa Irratti

Maatewos 6:9-13 dubbifadhaa

Si’a tokko tokko Afrikaa keessatti haalota nama naasisan ilaallee baay’ee gadduu ni dandeenya. Dhukkuba, hiyyummaa, maalammaltummaa, lola, hongee, xibaarummaa, waaqeffannaa aada fi Islaamumman babal’atanii jiru. Wantoonni Kunneen hundi haala itti ta’aa jiran keessatti motummaan Waaqayyoo akkamitti gara lafaa dhufuu akka danda’u yaadun ulfaatadha. Haata’u malee amantii qabaachuu akka qabnuu fi isa wanti dhibu tokkollee akka hin jirre Waaqayyo nu barsiisa (Luq. 1:27).

Yesus “kadhannaa Gooftaa” jennee kadhannaa isa waamnu nu barsiisee jira. kutaan kadhanichaa inni jalqabaa akkas jedha:- “ yaa abbaa keenya, waaqarra kan jiraattu maqaan kee haa qulqullaa’u motummaan kee haa dhufu jaajalli kee waaqarratti akka ta’e akkasumas lafa irratti haa ta’u”. Kanaafuu kaayyon Waaqayyoo motummaan isaa gara lafaatti dhufee jaalalli isaa lafarratti yemmuu raawwatu arguu akka ta’e ni beekna. Kana jechuunis kaayyon Waaqayyo karoora biyya laafaatif qabu galmaan ga’uuf hidhatee hojii irra jira jechuudha. Haata’u malee motummaa Waaqayyoo lafa irratti babal’isuuf nutis gaheen taphannu ni jira jechuudha.

Kitaabni kun amantaa Islaamummaatif nuti kiristiyaanonni akkamitti deebii kennuu akka qabnu ni agarsiisa. Afrikaa keessatti Musliimonni wantoota akka angoo motummaa, hojiiwwan daldalaa, barnoota, humna maallaqaa, fi kkf xiyyeewwan hawasaa yemmuu too’atan ni agarra. Masgiidonni haarofti yemmuu ijaarramanii fi namoonnis gara Islaamummaa yemmuu jijjiiraman ni agarra. Miidiyaalen garagaraa haleellawwan shororkeessummaa Islaamummaa oduuwwaan gabaasaniin guuttamanii jiru. Afrikaa keessatti namoonni argamnu tokko tokko immoo kallattiidhan haleellaa Islaamatiif saaxilamnee jiraa. Haalli kunis Kiristiyaanonni heddu waa’ee Islaamummaa ilaalchisee sodaa keessa akka galan godhee jira.

Kiristiyaanonni baay’en haalota sodaachisoo kana hunda yemmuu ilaalan Islaamummaadhaaf deebii inni sirriin kennamuu qabu kam akka ta’e beekuf ni qoratu. Deebin isaas; Islaamummaadhaf deebin kennamuu qabu inni qofa (akaakuu tokko qofa kan ta’e) kan hin jirre ta’uu isaati. Deebin inni sirriin ka’umsa garagaraa irratti hirkata. Haala tokko keessatti deebin inni sirrii ta’ee argame haala biro keesatti quubsaa ta’uu dhabuu ni danda’a. Haala tokkoffaa keessatti deebin siirrii ta’ee argame haala lammataa keessatti gonkumaa barbaachisaa kan hin taane ta’ee argamuu ni danda’a. kanaafidha kitaabni kun “Hirmaannaa: Islaamummaadhaf deebilee Kiristiyaanaa” mata dureen jedhu kan kennameef. Karaalen deebii gara garaa ni jiru. Haata’u malee deebileen hundi haala itti dhiheenya jaajala irraa madden gaggeeffamuu qabu. Dirqama Gooftaa jaalachuu ni qabna. Amantoota kan ta’an obboloota keenya jaalachuufis dirqama ni qabna. Itti dabalees warroota nu ari’ataniyyuu jaalachuuf dirqama ni qabna. Wangeela kan labsinu yookin waa’ee amantaa keenyatiif kan falminu yoo ta’e ka’umsa jaalala irraa madde irraa sababa adda ta’e qabaachuu hin qabnu.

Matewoos 28:16-20; Yohannis 14:6 fi 1 Yohannis 4:14 dubbifadhaa

Amma kaayyon Waaqayyoo namoonni hundinuu akka isa beekanii fi motummaan isaa gara lafaatti akka dhuftu ta’uu isaa barannee  jirra. Kitaaba kana keessatti waa’ee Islaamummaa fi waa’ee Musliimotaa baay’ee ni barattu. Dhiphachuu yookin soda guddaan isin keessa galuun irra hin jiraatu. Dabalataanis Musliimota ta’anii namoonni baay’ee gaarii ta’anii fi nammoonni nagahaa jiraachuu isaanii yaadachuu qabna. Maatii isaanii ni jaalatu. Keessummaas baay’ee ni simatu. Akkasumas harka qalleeyyidhaaf ni qoodu. Afrikaa fi Addunyaa irratti dhiibbaa Islaamummaa fiduuf karoorfachaa fi qindaa’aa kan jiran Musliimota murtaa’o fi lakkoofsan xinno ta’aniidha. Warri haleellaa gaggeessan Musliimota lakkoofsan muraasa ta’aanidha.

Warra haleellaa gaggeessan ta’anis ta’uu baatanis, gaarii ta’anis ta’uubaatanis (Yohannis 4:6 fi 1Yohannis 4:14) karaan fayyinaa fi jireenya bara baraa ittiin argatan Yesus Kiristoos qofa akka ta’e nutti hima. Musliimonni Yesus Kiristoos ilma Waaqayyoo akka ta’e yookin fayyina keenyaf jecha akka du’e hin amanan; kana jechuunis Musliimonni heddun namoota baay’ee garraamii ta’anii fi namoota nagahaa yoo ta’an iyyuu jaalala Waaqayyoo isa dhuga hin beekan. Akkasumas baraa hanga baraatti isa irraa adda ba’anii dabarsu jechuudha.

Yesus gara namoota hundaa adeemnee duuka bu’oota isaa akka isaan taasisnu Matewoos 28:16-20 irratti nutti dubbata. Namoonni Yesus akka Fayyisaa isaanitti akka amanatanii fi akka Gooftaa isaanitti akka duuka bu’an karaa itti agarsiisun dirqam keenyadha. Boqonnaalee itti aananii argaman keessatti Musliimonni karaalee adda addaa wangeelan bira ga’amuu danda’an ni baranna.

Waa’ee Wangeelaf Falmuu

Filiphisiiyuus 1:16 dubbifadhaa

Akkuma kana dura ilaalletti Islaamummaan jirenya harka caalaa keenya irratti dhiibbaa fidaa jira. Akka kiristiyaanotaatti waa’ee wangeela fi bu’uurawwan amantaa keenyatiif falmuuf waamamnee jirra. Namoota kan mufachiisu ta’us gara Waaqayyoo gorree dhaabbachuuf sodaachuu hin qabnu. Akkasumas waa’ee ofii isaanitiif waraa dubbachuu hin dandeenyef; fakkeenyaf warra gidiraan irra gaheef afaan taanee dubbachuu qabna. Waaqeffannan Yesus Kiristoos walabaan gaggeeffamuu isaa mirkaneessuf dammaqiinsan tarkaanfilee fudhachuu qabna. Tooftaawwan Islaamummaa hubannee amantaan kun jireenya keenya fi jireenya warra Musliimota hin taane irratti dhibbaa hin barbaachisne akka hin geessisne haala qaramadhan sochiiwwan geggeessun nurraa eeggama. Haata’u malee yeroo kana goonu abshaalotaa fi baay’ee jaalalaan kan guuttamne ta’uu qbna. Kitaabni keeny “Ifa” jedhu amantaa Islaamummaa fi Muslimota amanticha hordofan gidduutti garaagarummaa baay’ee ifa ta’e kaa’uu akka qabnu nu barsiisa. Waaqayyo Mulsiimota dabalatee namoota hunda akkuma jaalatu nutis Mulsiimota jaalachuu qabna. Ta’us amantaan Islaamummaa amantaa Kiristiyaanummaa waliin kan wal faalleessu waan ta’eef amantaa Islaamummaa gonkumaa deeggaruu hin dandeenyu. Falmiin wangeelaf goonu jaalalaa fi garraamummaadhan ta’uu kan qabaatu ta’us, amantaan keenya akka hin reeqqifne (oliif gadi hin sochoone) mirkaneessuf cimnee dhaabbachuun dirqama keenya.

Kitaabni kun karaa Islaamummaatin Afrikaa keessatti maaltu akka addeemsifamaa jiru inbsuudhan kan nu akeekachiisu ta’a. Akka Kiristiyaanummaa keenyatti akka bofaatti abshaalotaa fi akka gugeetti (makoodii) garraamota ta’uu akka qabnu nutti himamee jira (Maatewos 10:16). Motummaa Waaqayyoo babal’isuu fi amantaa keenyaf falmii dhaabbachuuf dammaqnee tokkummaadhan hojjechuu qabna. Islaamummaa waliin morma keessa walqabuuf hirmaachuu qabna.

Gaafilee Muraasa Xiinxaluuf fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Afrikaa saamudhaaf shaamon kan jiru maal irraa kan ka’e isinitti fakkata?
  2. Ta’eewwan Afrikaa keessatti gaggeeffaman kadhannaa Gooftaatiin wal-bira qabdanii yemmuu ilaaltaan wanti ol guddatee isinitti mul’atu jira laata?
  3. Isalaamummaan jireenya keessan yookin kan namoota naannoo keessanitti argamanii irratti haalli dhiibbaa itti uume ni jiraa?
  4. Islaamummaadhaf deebii kennuu kan itti dandeechan karaalen gurguddoon lamaan kami isaan?
  5. Yohaannis 14:6 fi 1Yohannis 4:14 dubbifadhaa. Kutaawwan Kunneen keessumattuu Musliimotaaf maal dubbatu isinitti fakkaata?
  6. Filiphisiiyus 1:16 dubbifadhaa. Amantaa keenyaf falmii dhaabbachuu jechuun maal jechuu isinitti fakaata?
  7. Amantaa Islaamummaa fi warroota amanticha hordofan/Musliimota gargar baasnee ilaaludhaan keessummeessuu kan qabnu maalidhaafi?

 

Baafata