Dogoggoroota Seenaa kan Qur’aana Keessatti Argaman

Dogoggoroota Seenaa kan Qur’aana Keessatti Argaman


 

Akka amantaa musliimotaatti Qur’aanni Tanziil (mul’ata olii buufame) malee seenaa miti. Musliimonni Qur’aanni seenaa irra darbee kan ilaalamuudha jedhanii amanu. Kana jechuun garuu yaadni seenaa wajjin wal argu kamiyyuu keessa isaatti hin argamu jechuuf miti. Seenaa Noyii fi bishaan badiisaa, seenaa Abrahaam, seenaa Musee fi Israa’elotaa fi kkf keessa isaatti ni argamu. Garuu seenaawwan kun katabamanii kan argaman haala duraa duubni isaanii eegameen akka gabaasa seena qabeessumaatti miti. Qur’aana keessatti kan argaman bakki seenaawwan ibsaman kun gabaasa isaanii yommuu ilaallu madaallii kamiyyuu kufaa kan ta’an yaadawwan lakkoofsa hin qabaanneen kan guutamanii fi dhugaawwan mirkaneeffaman waliin kan faallessan ta’anii argina. Kanneen dubbifatan dandeettii ittiin madaalanii ilaalan kan Waaqayyo (Rabbi) isaaniif kenneen fayyadamuun yaadawwan dhiyaatan akka madaalaniif jaalalaan gaafachuudhaan gaaffiiwwan muraasa itti fufanii j iran isiniif dhiyeessina.

  1. Bara Museetti Nama Samaariyaa?

“(Rabbiinis) ni jedhe: “Nuti dhugumatti, uummata kee bakka ati hin jirretti mokkoree jirra; Saamiriyyichis isaan jallise.” (Suuraa 20:85).

Seenaan akkuma dubbatu mootummaan Israa’el dhaloota Kiristosiin dura bara 930 bakka lamatti hiramee ture. Mootummaan inni kaabaa “Israa’eel” jedhamee yommuu waamamu, mootummaan kibbaa ammoo “Yihudaa” jedhama ture. Mootummaan inni kaabaa uummati isaa bara 722-705 itti haala gara-jabinaan guutameen mooticha Asoor Saargoon Akaadiyaan jedhamuun fudhatamee ture. Galmeewwan seenaa Arki’olojiin argaman akka ibsanitti hawaasni magaala guddoo Samaariyaa lakkoofsan 27,290 ta’an booji’amuun gara Asoor (Assyria) fudhatamaniiru. Garuu yeroo kanatti Samaariyaa fi naannaa ishee namooti muraasni booji’amuurraa hafanii turan. Namoonni kun qubattoota bakka biraa dhufan waliin gaa’ila uummachuu fi walitti dabalamuu isaaniin amantaa fi aadaan isaanii kanneen kaan waliin makamee ture. Sababa kanaanis Yihuudota kanneen hafan biratti kan adda baafaman ta’an. Egaaa kana boodadha maqaa Samaariyaatiin magaala guddoo Samaariyaatti “namoota Samaariyaa” jedhamanii waamamuun kan eegalame,  (www. ewishencyclopedia. com/articles/13059-samaritans) ilaalaa. Qur’aanni akkuma jedhu bara Musee akka isaan dibicha warqee irraa hojjetametti sagadan kan isaan dogoggorse nama Samaariyaa ti. Nama Samaariyaa jedhamuu kan eegalame bara booji’amuun booda ta’uu isaa fi museen ammoo baroota kanaan waggoottan 100 dura jiraataa kan ture ta’uu isaa dhugaa haalamuu hin danda’amneedha. Kanaafuu bara Musee namni Saamariyaa essaa argame? Lallabdoonni Musliimaa madda seenaa isa kamii ibsuun laata kitaabni isaanii dogoggora qabaachuu dhiisuu isaa kan morman.

Dogoggora seenaa kanaaf deebii nama musliimaa tokkoon laatamee fi gamaggama keenya dubbifachuufis bakka kanatti bu’aa.

  1. Nama Yahuudii Uzeyir (Izraan) ilma Allaa ti jedhani?

“Yahuudonni “Uzayr ilma Rabbiiti” jedhan. Kiristaanonnis “Masiih ilma Rabbiiti” jedhan” (Suuraa 9:30).

Kitaaba Qulqulluu keessatti akkuma beekamu Izraan (Uzeyir) qeesii fi seera kan barsiisu yommuu ta’u Nahimiyaa waliin ta’uun Baabilooniin booji’amuun booda Yerusaalemiin deebisee ijaaruuf ga’ee guddaa gumaacheera. Kitaaba Qulqulluu keessattis maqaa isaatiin “Kitaaba Izraa” jedhamee kan beekamu kitaaba tokko katabeera. Akka seeraa fi duudha Yahuudiitti kiristiyaanoti Gooftaa Yesusiin “ilma Waaqayyoo (Rabbii)” jedhanii akkuma waaman akkuma kana ammoo nama tokkoon “ilma Waaqayyoo (Rabbii)” jedhanii waamuun akka gantummaatti ilaalama. Gooftaa Yesuus Ilma Waaqayyoo (Rabbii) ta’uu isaa fudhachuuf kan isaan hin dandeenyef sababni inni duraa kana yoo ta’eyyuu, Kakuun Moofaa ammoo Masihiichi ilma Waaqayyoo (Rabbii) ta’uu isaa ifatti dubbata (Far 2:7, Hos. 11:1, Mat. 2:15 walbira qabuun ilaala). Yahuudonni (Yihuudonni) saba Waaqayyoo (Rabbii) irraa Uzeyraan adda baasuun karaa adda ta’een “ilma Waaqayyoo (Rabbii)” jedhanii waamuu isaanii kan argisiisu odeeffannoon seenaa kamiyyuu hin jiraatu. Gocha kanaan sababeeffachuun himanni Qur’aanaa, Yahuudota (Yihuudota) guutummaatti ceepha’uu malee Yahuudota keessaa muraasa isaanii qofa ta’uu dhiisuun isaa tarii, yihuudota Araba jiraachaa turan keessaa muraasni isaanii Izraan ilma Waaqayyoo (Rabbii) ta’uu isaa itti amanu ta’a yadni jedhu furmtaa hin ta’u. Fakkeenyaaf yoo jedhame, musliimonni ani beeku dhugaatii kan dhuganii fi machaa’an  jiru jechuudhaan namoota muraasa kana qofa ilaaluun “Musliimonni dhugaatii kan dhugaanii fi machaa’otadha” jedhee guutummaa hawaasa musliimaa maqaa balleessuun kitaaba yoon barreesse dogoggora guddaa hin ta’u? Guutummaatti isaan himachuun kana fakkaatu kun  wallaalummaa fi dogoggoradha. Sababni isaa namootni muraasni kun  hordoftoota amantaa islaamaa guutummaan bakka kan bu’an miti. Bara Muhammad Uzeyir ilma Waaqayyoo (Rabbii) ti jedhanii Yihuudonni amanan Araba keessa turan jennee yoo fudhanne iyyuu (ragaan kana argisiisu jiraachuu dhiisuu isaa jala sararamuu mala). Namoota muraasa kana qofa ilaaluun Yahuudonni “Uzeyir ilma Allaah (Rabbii)” ti jedhanii akka amananiif dubbachuu fi katabuun hawaasa Yahuudii guutummaatti ceepha’uun maqa-balleessii guddaadha. Garuu Yahuudota keessaa tokko iyyuu Uzeyiir ilma Allaah ti jedhee waamuu isaa kan argisiisu gabaasni seena qabeessa ta’e jiraachuu dhiisuun isaa, keeyyati Qur’aanaa kun seenaa fi barsiisa amantaa Yahuudii kan hin beekneedha. Kanaafis ifatti akkuma argamu dhugaawwan seenaa fi amantaa kan ittiin diigu dogoggora of keessaa qaba.

  1. Masjida Fagoo?

“Inni garbricha Isaa halkan masjida kabajamaa (Makkaa) irra agara masjida fagoo, kan moggaa (naannoo) isaa barkaa goonee, mallattoowwan keenya akka itti argisiifnuuf deemsise qulqullaa’e. dhugumatti, Inni Isumatu dhag’aaa, argaa dha” (Suuraa 17:1).

Keeyyati kun matuma isaatiin iyyuu ‘garbichi sun eenyu?’ Masjidi fagoon eessadha? ‘garbichi kun maalii fi akkamiin gara sana imale?’ ‘imalee maal hojjete?’ fi kkf gaaffiilee jadhamaniif deebii nuuf hin laatu. Gaaffilee kanaaf deebii argachuu kan dandeenyu Tafsiirotaa fi Hadisaatiiwwan akkasumas seenaa dhuunfaa Muhammad ilaaluuniidha. Kun ammoo wanta hundumaa of keessatti kan qabaatee fi ifaa ta’uu isaa musliimota biratti amanamaa kan ta’e Qur’aanni iyyuu,  odeeffannoof guutuu ta’uu dhiisuu isaa kan ibsuu fi gaaffii keenyaaf deebii kennuuf ga’umsa qabaachuu dhiisuu isaa kan argisiisuudha.

Egaa kitaabni musliimaa hedduun akkuma dubbatan keeyyati armaan oliin kaa’ame kan argisiisu Muhammad halkaniin gara Yerusaalem “kan imale” afoola ta’uu isaa ti. Kanaafuu Muhammad gaangee kan fakkaatu koochoo of irraa kan qabu Buraaq jedhamuun Makkaa irraa ka’uun gara mana qulqullummaa Yerusaalem jiru imaluu isaa fi masalaalii (yaabbannoon)  gara samiitti ol ba’uun deebi’ee akka bu’e nutti dubbata. (Abdullah Yusuf Ali, the Qur’an Commentary pp. 691-693 akkasumas islaamummaa fi seenaa nabiyyii Muhammad isa hangafaa Haajii Mahammad saanii Habiib fuula 62-64 ilaala).

Afoola kana keessatti Masjida fagoo kan jedhame mana qulqullummaa Solomon (yeroo ammaa masjidi Al-aaqisaan) bakka jiruudha. Garuu Muhammad bakka sana imaleera yeroo jedhametti manni qulqullummaa Solomon erga diigamee barooti hedduun lakkaa’amaniiru. Baabilooniin booji’amuun booda ijaaramee Herodisiin kan haareffame mana qulqullummaa yoo ta’e iyyuu Xixoos (Titus) kan jedhamu jeeneraala biyya Roomaan dhaloota Kirsitosiin booda bara 70 itti diigameera. Bakka sanarra hanga ammaatti dhaabatee kan argamu masjidi Al-aqisaanis yoo ta’e du’a Muhammadiin waggoota hedduun booda kaliifaa Abdi al-maaliikiin kan hojjetame ta’uu isaatiin, bara Muhammad masjidis yoo ta’e manni qulqullummaa kamiyyuu bakka sanarra hin jiru ture. Kanaafuu barreessitoonni Qur’aanaa fi Musliimaa Muhammad gara masjida fagootti imale kan nuun jedhan dhugaa kana akkamitti hubachuu isaanii ti?

  1. Waa’ee Solomoon Seenaa Dhugaa moo Afoola?

Qur’aana keessatti Solomoon:

  • Qilleensi isaaf abboomama ture (Suuraa 21:1).
  • Sheeyxanooti faaya baasuuf garba keessa lixuuf ture, hojii isaaf ni hojjetu turan (Suuraa 21:82).
  • Qooqa simbiraa ni danda’a ture (Suuraa 27:16). Kana malees simbira Hud-hud jedhamtu waliin dubbata ture (Suuraa 27:20-28).
  • Waraanni isaa jiinnota, namootaa fi simbirrootaan kan hundeeffame ture (Suuraa 27:17).
  • Mixiin yommuu dubbattu dhaga’uu danda’a ture (Suuraa 27:18-19).
  • Siree mootittii Saabaa Jiinnii jabaa ta’erraa hate isaaf fideera (Suuraa 27:38-40).
  • Iddoolee ibaada, fakkiiwwan, gabateewwan fi okkoteewwan isaaf hojjetu turan (Suuraa 34:12-13, 38:36-37).

Du’a Solomoon ilaalchisuun Qur’aanni 34:14 irratti akkana jedha:

“Yeroma Nuti du’a isa (Suleeymaan) irratti murteessine, rirma dachii kan ulee isaa nyaaattu tokko malee wanti du’uu isaa irratti isaan qajeelche hin jiru. Yeroma inni kufu, jinnoonni odoo iccitii (ghaybii) kan beekan ta’anii, silaa adaba salphisaa ta’e keessaa hin turru jechuu hubatan”.

Egaa bakka kanatti haa hubannu! Solomoon ulee isaatti hirkachuun dhaabatee kanneen isaaf hojjetaa turan Jiinnota otuma dhaabatee to’achaa jiruu battala dhaabbiitti du’e. Jiinnotis akka isaan ilaalaa lubbuun jirutti itti fakkaatee isaaf hojjetu turan. Garuu mixiin tokko ulee itti hirkatee ture yommuu nyaattu ni kufe. Yeroo kanatti Jiinnoti du’uu isaa hubatan. Qur’aannii fi hayyooti musliimaa kan nutti dubbatan kanumadha. Haa ta’u malee biyya eessaatti, mootiin bakkuma dhaabatee jirutti hanga du’uu fi mixiin ammoo kan inni itti hirkatee jiru ulee isaa hanga nyaattee raawwatutti qofaa isaa kan ta’u? Solomoon erga du’ee booda seerri harkisa lafaa isa irratti waan hin hojjenneef laata bakkuma sanatti gogee kan dhaabate?

Seenaa Solomoon kana keessatti akka namaatti kan ilaalamanii fi miilla isaanii lamaan dhaabatani kan deeman Jiinnoti, simbirroonnii fi mixiiwwan dudubbatan argina. Haa ta’u malee erga yoomii ti simbirroowwanii fi mixiiwwan akkuma namaa keessumaa ammoo wanna fuula duratti ta’u beekuu kan eegalan? Simbirroota keessaa paarrootii (Parrot) shaakala yeroo hedduu booda dubbii namaa fakkeessuun dubbachuu akka dandeessu ni beekama. Garuu hiika isaa beekuun otuu hin taane wanta miiraan raawwatuudha. Qur’aanni kan dubbate seenaa Solomoon keessatti ammoo kan nutti himame simbira roobaa ti. Mixiiwwanis odeeffanoo kan waliif qoodan karaa namoonni ilaalanis ta’e dhaga’aniin hubachuun miti. Qur’aanni garuu akkana jedha:

“Yeroodhuma holqa mixii (Dagandaa) irra dhufan, mixiin tokko “Yaa tuuta mixii! Akka Suleeymaaniifi waraanni isaas odoo hin beekin isin hin caccabsineef manneen keessan seenaa” jette” (Suuraa 27:18).

Wanti nama ajaa’;ibsiisu ammoo Qur’aana keessatti dubbachuu ishee kan dubbatameef mixiin:

  • Maqaa Solomoon beekti
  • Solomoon waraana qabaachuu isaa beekti
  • Waraanni Solomoon gara bakka sanaa akka dhufan beekti
  • Waraanni Solomoon otuu hin beekin yoo isaan irra ejjetan mixiiwwaniin akka isaan caccabsan beekti.
  • Odeeffannoo kana hunda ammoo qindeessuun dubbi duraa duubni isaa hin beekamne akkuma namaa uumtee dubbachuu dandeesseetti.

Jaallatamoota dubbifattootaa “Rabbiif wanti hin danda’amne hin jiru” yaada jedhu dawoo godhachuun dubbiin waa’ee hin baafne kun fudhatama argachuun isaaf mala? Seenaan Solomoon kun seenaa isa dhugaa mannaa afoola keessatti kan dubbatamu abjuu fakkaata.

Obboleeyyan keenyi musliimaa Solomoon nabiyyii ta’uu isaa amanu. Akka amantaa nama hedduutti nabiiyyoti cubbuu irraa bilisadha. Qur’aannis “gocha Solomoon” kana ni dhugoomsa. Kiristiyaanoti garuu Jiinnotaa fi Sheeyxanoota waliin kan hojjetu nabiyyii hin beekan. Namni akkanatti Jiinnotaa fi Sheeyxanoota waliin hojjetu ta’uu kan danda’u qaalluu malee nabiyyii miti. Nabiiyyii dhugaa namni jedhame gocha akkanaa yommuu dalagu yoo argame kennaan nabiyyummaa isaatii isa irraa fuudhatamee gargaaraa Sheeyxanaa ta’eera jechuudha. Akka Macaafa Qulqulluutti xummurri Solomoon akka jalqaba isaa hangam miidhaguu yoo baate iyyuu, garuu Rabbiin walii galee bara jiraatetti malee haala Qur’aana keessatti ibsameen Jiinnotaa fi Sheeyxanootaan walii galee yeroo itti jiraate hin turre. Abbaan isaa Daawit yeroo kiraara taphatu hafuurri hamaan Saa’ol irraa fagaataa akka ture barreeffameera (1Sam 16:14-23). Amalli raajota (nabiiyyota) Waaqayyoo kanumadha. Obboleeyyan keenyi musliimaa otuu Solomoon nabiyyi ta’ee jiruu waraana Sheeyxanaa fi Jiinniin ijaarameen mootii ta’ee jiraataa akka ture kan dubbatu jecha Qur’aanaa kiristiyaanoti akka dubbii Rabbiitti fudhachuu dhiisuu isaaniin gadduun isaaniif hin malu.

Kitaabni Qulqulluun Solomoon ilaalchisuun dubbii itti fufee jiru dubbata;

Waaqayyo ogummaa fi hubannaa guddaa, yaada bal’aa isa akka cirracha qarqara galaanaa hammana hin jedhamne Solomooniif in kenne. Ogummaan Solomoon, ogummaa namoota gara ba’a-biiftuu fi namoota Gibxii hundumaa caalaa guddaa ture. Inni namoota warra akka Etaan Ezraahichaa, Hemaan, Kalkoolii fi Dardaa ilmaan Maahool hundumaa caalaa ogeessa waan tureef, oduun isaa saba biyya naannoo isaatii keessa jian hundumaa biratti in beekame. Solomoon fakkeenya kuma sadii dubbate, weedduun isaa immoo kuma tokkoo fi shan ture. Akkasumas inni waa’ee mukkeetii hundaa, muka gaattiraa Liibaanonii jalqabee hamma waa’ee hisoophii ishee keenyan keessatti biqiltutti, waa’ee bineensotaa, waa’ee warra baalleedhaan balali’anii, waa’ee warra lafa irra munyuuqanii fi waa’ee qurxummii dubbateera. Saba hundumaa keessaa, mootota biyya lafaa warra waa’ee ogummaa Solomoon dhaga’an hundumaa biraa namoonni dubbii Solomoon ogummaadhaan dubbate dhaggeeffachuudhaaf ergamanii in dhufu turan” (1Mot. 4:29-34).

Seenaa lamaan kana keessaa isa kamtuu amansiisaa akka ta’e kanneen dubbifatan adda baafachuuf isaan rakkisa jennee hin amannu. Qur’aana keessatti seenaa Solomoon irratti kaafamuu kan malan gaaffiiwwan hedduun yoo jiraatan iyyuu, garuu gama yeroo fi bakkaan yommuu ilaalamu irra darbameera. Dubbifattoonni garuu gadi-fageenyaan qorachuun madaaluu danda’u.

  1. Nama Ba’a Biiftuu fi Lixa Biiftuu Ga’uu Danda’eedha?

Namni addaa Zuulqernaayni jedhamu gara lixa biiftuu ga’uun galaana dhoqqee gurraacha qabdu keessa yommuu lixxu akka ishee argee fi namoota bakka sanatti argamanis humnaan akka isaan bite akkasumas gara ba’a biiftuu ga’uun namooti naannaa sanatti argaman sababa ho’ina isheetiin bakka itti baqatan akka  isaan hin qabaanne ilaaluu isaa Qur’aanni nutti hima.

“Zulqarnayni irraas si gaafatu. “Ani isa irraa oduun isin irratti dubbisuuf jira” jedhi. Dhugumatti, Nuti dachii keessatti isaaf mijeessinee jirra. Waan hunda irraas tooftaa isaaf kennine. Innis karaa deeme. Yeroma iddoo lixa aduu ga’u, isheedhaa galaana dhoqqee gurraacha qabdu keessaan lixxuu arge. Ishee birattis ummata wahii arge. Nuti ni jenneeni: “Yaa Zulqarnayn! Ati isaan adabuu  yookiin isaan keessatti toltuu hojjeachuu (filannoo qabda).” Inni ni jedhe: “Nama miidhaa hojjate nuti fuulduratti isa adabna. Ergasii gara Gooftaa isaa deebifamee Innis adaba hamaa ta’e isa adabuuf jirra. Nama amanee, gaariis hojjate immoo, isaaf miindaa gaarii ta’etu jira. Nutis ajaja keenya irraa laafaatti isa ajajuuf jirra.” Sana boodas karaa hordofe. Yeroma iddoo baha biiftuu  ga’e, isheedha ummata ishee irraa golgaa Nuti isaaniif hin taasisiin irratti baatu arge” (Suuraa 18:83-90).

Dabalatas namni addaa (supper human) uumamee ture kun sibiilawwan kukkutaman irraa hidhaa guddaa hojjechuun warqee nahaasii baqsee dhangalaasuun guutuu isaa fi hidhaan kunis guddaa ta’uu isaatiin gaarreewwan gidduutti kan argamu qaawwaa golguu danda’uu isaa dubbifanna. Qur’aanni faayidaa hidhaa kana yommuu dubbatu Ya’ajuujii fi Maa’ajuuj (Googii fi Maagoog) kan jedhaman sabni jallaan badii akka hin geessifneef ofirraa ittisuuf akka ta’ee fi hidhaan kunis guyyaa murtiitti akka diigamu dubbata (Suuraa 18:93-96).

Haa ta’u malee  Zurqennaayniin eenyuudha? Maqaan Zurqennayni jedhu hiikti isaa “abbaa gaanfa lamaa” jechuudha. Hayyooti Musliimaa tokko tokko nama kana Aleksaandeeriyaa isa guddicha (Alexander the Great) ta’uu isaa dubbatu. Garuu Iskindir waaqa tolfamaan kan waaqeffatu ta’uu isaa seenaa keessatti waan beekamuu fi faallaa isaatiin ammoo namni Qur’aana keessatti ibsame Allaatti cimsee akka amane ibsamuu isaatiin ibsi kun fudhatama qabaachuu hin danda’u.

Zulqernaayiin hojjechuu isaa kan isaaf dubbatame hidhaan kun hanga guyyaa murtiitti kan turu erga ta’ee ammas jira jechuudha. Kanaafuu obboleeyyan keenyi musliimaa hidhaan kun biyya eessaatti akka argamu nutti himuu danda’u? dabalatas Zulqernayniin dhugaatti maal akka ta’ee fi namni jedhames hidhaa warqee isa guddicha hojjechuu isaa ragaa seena qabeessaan nuuf ibsuu danda’u? Yoom iyyuu taanaan namni hojii guddaa akkanaa hojjetu addunyaa irra jiraateera yoo ta’e seenaa jalaa dhokachuu hin danda’u. Kan inni hojjete eenyu iyyuu ilaalee bira darbuu kan hin dandeeye hidhaa guddaa kana pilaaneetii kana irratti kan argamu yoo ta’e eessa akka jiru beekamuun isaa waan hin hafneedha.

  1. Dirhaam Bara Yoseefi?

Yoseef gara Gibxii gatii ittiin gurgurame ilaalchisee Qur’aanni akkana jedha;

Gatii xiqqaa, maallaqa lakkaa’amtuutti, isa gurguran. Isa keessattis warra dhimma isaa hin qabne irraa ta’an” (Suuraa 12:20).

“And they sold him for a reduced price – a few dirhams”

Rakkinni jiru bara Yoseef qarshiin bittaa fi gurguraa Dirhaam jedhamu jiraachuu dhiisuu isaa qofa miti. Bara Yoseef namoonni saantimaan fayyadamuu egaaluu dhiisuu isaanii dabalatee tu malee! Akka seenaa hayyootaan kaa’ametti namoonni saantimaan fayyadamuu kan eegalan naannaa dhaloota Kiristosiin dura bara 600 yommuu ta’u Yoseef ammoo kan jiraate naannoo dhaloota Kiristosiin dura bara 1700 dha (The Origin of Electrum Coinage፡ by Robert W. Wallace, a professor at Northwestern University, in American Journal of Archaeology, July 1987). Kanaafuu bara saantimni hin uumamnetti saantimni dirhaam jedhamu essaa dhufe? Rakkinicha caalaatti wal xaxaa kan godhu ammoo seenaan faallaa kun (anachronism) addunyaan otuma hin uumamiin dura gabatee samiirratti argamu irratti katabamee akka ture Musliimotatti amanamuu isaa ti. Kitaabni Qulqulluun gatii Yoseef itti gurgurame ifatti kaa’uu irra darbee bittaa fi gurgurtaa bara sana ture (ciccitaa qarshii pieces of silver) ibseera. Qur’aanni garuu kutaa baroota jaarraa torbaffaatti kan beekamu saantima ittin daldalamuudha kan ibse.

  1. Fannoon (Crucification) bara Yoseefi?

Yoseef waliin mana hidhaa kan turan namoonni lamaan abjuu isaanii erga itti himanii booda Yoseef akkana jechuun isaa dubbatameera:

“Yaa hiriyoota kiyya kan mana hidhaa! Egaa isin lamaan keessaa tokko gooftaa (mootii) isaa farshoo obaasa. Inni biraa immoo fannimeeti allaattiin mata isaa irratti nyaatti. Dhimmi inni isin isa keessati hiika gaafattan murtaa’ee jira” (Suuraa 12:41).

  “…but as for the other, he will be crucified”

Fannoon (Crucification afaan arabaan Salaba) yommuu ta’u, bara sana biyya Gibxii yakkamaan kan ittiin adabamu kan argisiisu ragaan seena qabeessaa yokaan arkiyoloojii kamiyyuu hin jiru. Qorannaa hayyootaan godhaman kan argisiisan fannoon kan eegalame dhaloota Kristosiin dura kutaa barootaa jaarraa 6ffaa yommuu ta’u bara Yoseef jiraate waliin garaa garummaa waggaa 1000tu jira. (Britannica: Encyclopedia of World Religions; p. 270). Dogoggora seenaa kanaaf sababa kan ta’u deebii karaa musliima tokkoon laatamee fi gamaggama keenya  dubbisuuf bakka kanatti bu’aa

  1. Qonni Biyya Gibxii Rooba Irratti kan Hirkate Ture?

Yoseef abuun inni hiike waliin kan wal argatu seenaan faallessuu kan biroon jira. Yoseef abjuu mootichaa yommuu hiiku gogiinsi akka ta’uu fi gogiinsa booda bokkaan kan roobuu fi rooba kanaanis namoonni baratti kuduraa fi mudura oomishatan dhufuu isaa ni dubbata. Qur’aanni akkana jedha:

“Ergasii sana booda waggaa isa keessa namoonni rooba argatanii fi isa keessas (inaba) cuunfatantu dhufa”(Suuraa 12:49).

Then will come after that a year in which the people will be given rain and in which they will press [olives and grapes].

Dogoggorri keeyyata kana keessatti argamu barataa Ji’oograafii kamiif iyyuu ifaadha. Warri Gibxii rooba irratti hirkattoota akka turan yokiin roobaan fayyadamanii omishaa akka turan kan ibsu ragaan seenaas ta’e arkiyooloojii hin jiru. Jireenya warra Gibxii kan irratti hundeeffame laga Abbayaa irratti malee rooba irratti miti. Barreessaan Qur’aana kanaa haala qilleensa biyya Gibxii nama hin beekne ta’uun isaa ifaadha.

Xummura

Dogoggora seenaa saddeet ta’an armaan oliin ibsaman Qur’aana keessatti kan argaman dogoggora seenaa hedduu ta’an keessaa muraasa isaanii ti. Mul’ati Rabbii inni dhugaan sobuu fi dogoggoruu kan hin beekne Rabbii isa jabaa ta’erraa kan ergaman ta’uu isaaniin dogoggorri akka kanaa isaan keessatti argamuu hin danda’u. Qur’aanni dubbii Rabbii isa dhugaa otuu ta’ee dogoggorri irratti hin argamu ture. Jaallatamtoota obboleeyyan keenya musliimaa, kitaabni tokko Rabbii biraaa dhufuu isaa waan dubbatee fi karaa dubbii afaan Rabbi irraa dhufe fakkaatuun barreeffamuu isaatiin qofa sagalee Rabbii isa dhugaa ta’uu akka hin dandeenye kanarratti akka walii gallu abdii qabna. Qur’aanni dubbii Rabbii fakkeeffamee kan katabame yoo ta’e iyyuu namni katabe immoo nama foonii ta’uu isaatiin barreeffama dogoggora kana fakkaataniif kan guutame ta’ee argameera. Dogoggorri kun ammoo Qur’aanni guutummaa addunyaa kan uume Rabbii isa dhugaa biraa ergamuu dhiisuu isaa kan argisiisan mallattoowwan argisiisaniidha. Waaqayyo Gooftaan (Rabbiin) ija laphee keessanii banee gara dubbii Waaqayyo dhugaa isa ta’e akka deebitaniif isin haa gargaaru.

 

Qur’aana