Dubartootaa Qur’ana, Haadisaa fi Macaafa Qulqulluu keessatti

Dubartootaa Qur’ana, Haadisaa fi Macaafa Qulqulluu keessatti


1. Dubartoota Qur’aana Keessatti

Qur’aanni dubartoota ilaalchisuun ifaa fi ibsa kan hin barbaachifne barsiisaa of keessaa qaba. Guutummaan yaada isaatii dubartoonni dhiiraan gadi ta’uu isaanii fi dhiironni ammoo dubartootaan ol ta’uu isaanii dha. Kana malees akkaataa uumama dubartootaa sadarkaa namaan gaditti xiqqeessuun balaaf isaan saaxila. Muraasa isaanii itti fufanii kan jiran ilaalla.

 

Abbaan manootiin haadha manooti isaanii irratti ol aantummaa ni qabaatu: 2:228 “…Yeroo sana keessatti yoo tolchuu fedhan isaan deebifachuu keessatti irra caalaa mirga kan qaban dhirsota isaaniiti.Isaaniifis (mirga) fakkaataa akka (dirqama) isaan irra jiruutu haala gaariin isaaniif jira. Dhiironni isaan irra sadarkaa qabu. Rabbiinis hunda injifataa, ogeessa.”

Bakka kanarratti “(dirqama isaan irra jiruutu)” dubbiin jedhu Qur’aana afaan Arabaa keessa kan hin jiraanne yommuu ta’u kanneen hiikaniin ibsa itti dabalameedha. Yaaduma kanatti dabaluun rakkinoota keeyyati kun fiduu danda’an hir’isuuf yaalaniiru. Kun keessuma rakkina kana baay’ee itti cimsa malee tasuma laaffisuu hin danda’u. “Dirqama“ kan jedhame abbaa manootiin baasii haadha manootiii isaaniif baasan yoo ta’e baay’ee ajaa’ibsiisaa dha. Waaqayyo (Rabbiin) inni dhugaan sababa waa’ee hin baafne kana irratti hundaa’ee sadarkaa kan laatuuf miti. Hawaasa hedduu keessatti keessumaa dhiirota mannaa “dirqama” hedduu kan ba’an dubartoota ta’uu isaaniin sadarkaa kanaan isaan ramadna yoo jedhame ol aantummaan kan isaaniif malu dubartootaaf malee dhiirotaaf miti.

Niitiwwan abbaa manootii isaaniif oyruu   ta’uu isaaniin akka barbaadanitti isaan qotuu danda’u:2:223 “Niitiiwwan keessan isiniif oyruu dha. Oyruu keessan kallatii feetaniin itti dhaqaa”

Gaa’illi kabajamaa, bakki ciisaan isaas qulqulluu ta’uu isaa wanna amansiisaa fi fudhatama qabuu dha. Kanaafuu kun ta’uu kan danda’u fedhii fi hawwiin dubara kanaa yoo eegame qofaadha. Abbaan mana akka lafa oyruu dhuunfaa isaatti ilaaluun haala barbaadeen itti deema yoo ta’e xiinsammuu dubartii kanaa irratti dhiibbaa guddaa geessisa. Dubartoota oyruu waliin fakkeessuu fi “haala barbaaddaniin itti dhaqaa” jechi jedhu sammuu namaaf fudhatama kan qabaatu miti.

Abbaa manootiin haadha manootii isaanii rukuchuudhaan adabuu danda’u: 4:34 “Isaan finciluu isaanii sodaattan ammoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirraa’uu didan) isaan rukutaa. Yoo isaan isiniin ajajaman, isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaa dha.”

Ammas akkuma baakamu kanneen Qur’aana hiikan jechoota haammattuu keessa galchuun dogoggora kitaaba isaanii dhokfachuuf yaalaniiru. “dhuma irratti yoo sirra’uu didan (miidhaa qaamaa otuu hin geessisiin)” yaada jedhu itti dabaluu isaaniin  “isaan rukutaa” kan jedhu abboommiin Qur’aanaa sammuu isaaniif akka hin mijanne argisiisa. Obsaa fi jaalalaan gorsuun otuu danda’amuu reebuun baaliif barbaachise? Mootummoonni addunyaa iyyuu haadha manootii rukutuun gocha sukkanneessaa ta’uu isaa  hubachuun mirga lammiiwwan isaanii kan kabachiisan seerota baasaniiru. Mucaa durbaa rukuchuun gocha duubatti hafaa naamusni itti hir’ateedha. Abboommiin akkanaa madduu kan danda’u mucaa durbaaf ilaalcha gadi anaa kan qabaatu sammuu irraa malee Waaqayyo isa qulqulluu ta’e biraa ta’uu hin danda’u. Namummaan kan itti dhaga’amu namni kamiyyuu aadaa duubatti hafaa kana fakkaatu mormuu fi qabsaa’uun isarra jiraata.

Dubartiin yeroo sadaffaaf abbaa manaa isheerraa adda baate abbaa manaa ishee isa jalqabaa deebitee itti heerumuu kan dandeessu dhiira biraatti heerumuun erga hiiktee booda dha: 2:230 “Yoo (hiikka sadaffaa) ishee hiike, sana booda hanga dhiirsa biraatti heerumtutti isaaf hin heyyamamtu. Yoo inni (dhirsi booda) ishee hiike, daangaa Rabbii eeguu isaanii beeknaan isaan lamaan yoo walitti deebi’an badiin isaan irra hin jiru. Kun daangawwan Rabbiiti; ummata beekaniif ishee ibsa. ”

Yeroo sadaffaaf walhiikuun gaarii yoo hin taane iyyuu garuu deebi’anii araaramuun ammoo gocha jajjabeeffamuu isaaf maluudha. Erga walhiikanii booda abbaa manaa ishee kan duraa waliin araaramuuf dubartiin carraa argatte araara kana otuu hin raawwatiin dura dhiira biraatti heerumtee hiikuun maaliif ishee barbaachisa? Abbaa manaa ishee kan duraa waiiin araaramuu otuu barbaadduu garuu otuu isheen fedha hin argisiisiin “abbaa manaa biraatti heerumuun yoo hiikteen kan hafe abbaa manaa kee kan duraa waliin araaramuu hin dandeessu” jechuun furmaata maalii ta’uu isaa ti?

Ragaa ta’uun dhiiraa tokkoo dhuga ba’umsa kan dubartoota lamaan wal-qixa dha: 2:282 “Ragaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaa. Yoo dhiirri lama hin argamin. Dhiira tokkoo fi dubartii lama. Dagachuu ishee tokkoo fi yaadachiisuu ishee birtootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaa.”

Yaadni dubbisa kanaa kan ibsu waa’ee walii galtee liqii ti. Namni tokko nama biraaf qarshii liqeessuu isaa argee ragaa ba’uuf, ragaa ba’uun kan dubara tokko ragaa ba’uu kan dhiiraa tokko waliin fudhatama qabaachuu dhiisuun isaa maaliifi? Keeyyati kun dandeetti waa yaadachuu dubartootaa dhiirotaan gadi ta’uu isaa ibsuuf kan xiyyeeffatu ta’uu isaa haadisaatiin hedduun ni argisiisu.

Gannata keessatti musliimota dhiiraaf fedha sal-qunnamtiif akka ta’aniif kan uumaman dubartoonni ni argamu: 78:30-33 “Dhandhama; azaabaa malees isiniif hin daballu” (isaaniin jedhama). Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira. Ashaakiltii fi inabatu (jira). Dubartotoa harma guntuttuu hiriyaa ta’antu (jiru).

44:51-54 “Warri Rabbiin sodaatan iddoo nagayaa keessa. Ashaakiltiifi burqituuwwan keessa. Walitti gara galoo ta’anii (uffata) hariira haphii fi hariira furdaa irraa ta’e uffatu. Akkuma kana dubra adaadii ija babal’aa isaan fuusifne.”

56:34-36 “Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.) Dhugumatti, Nutyi (dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne. Dubroota isaan goone.”

Musliimni dhiiraa tokko Gannata keessatti hanga humna kan dhiirota 100 akka qabaatu Tirmiiziin gabaasuu isaa Miishkat Al-masaabiih kan jedhamu kitaaba haadisaatii keessatti ibseera. [1]

Namni durbatti bu’e akka nama machaa’ee, dhukkubsatee fi bobbaa bobba’ee dhufee qulqullaa’ee xuraa’ummaa isaa irraa yoo hin qulqulloofne ta’e salaaa gochuu hin danda’u: 4:43 “Yaa warra amantan! Haala machaahaa taataniin hanga waan dubbattanu beektanitti, karaa dabraaf malee yoo janaabaa taatanis hanga dhiqattanutti salaatatti hin dhihaatinaa. Yoo dhukkubstaa taatan, imala irra jiraattan, yookiin tokkoon keessan mana fincaaniitii (iddoo itti udaanuu) dhufe yookiin dubartootaan wal tuqxanii bishaan dhabdan biyyo qulqulluu yammumadhaa; fuula keessanii fi harka keessan haxaa’aa. Rabbii irra dabarsaa araaramaadha.”

Shamarran umuriin isaanii heeerumaa hin geenye fuudhuun ni danda’ma: 65:4 “Dubartotoa keessan irraa isaan xurii laguu (haydii) irraa abdii kutan yoo shakkitaniif iddaan isaanii ji’a sadii qofa. Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta’an immo baallamni isaanii ulfa isaanii da’uu dha. Nama Rabbiiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha.”

Keeyyata kana ifaa gochuuf: Musliimni dhiiraa tokko dubartii laguun ishee dhaabate hiikuu yoo barbaaade ji’a sadiif saal-qunnamtii otuu hin raawwatiin tura. Sababa heerumaaf hin geenyeef dubartii laguu ji’aa hin argine hiikuu yoo barbaade akkuma kana hanga ji’a sadiitti otuu saal-qunnamtii hin godhiin eega. Kunis hayyooti Qur’aanaa kan itti walii galan qajeelfama Islaamummaa ti. Sa’iid Abul Alamawudidii kan jedhaman namni hayyuu musliima biyya Paakistaanii keeyyata kana ilaalchisuun akkana jedhu: “Xurii (laguu ji’aa) kanneen hin argiin qajeelfama ittiin hiikuun danda’amu kan kennu keeyyati Qur’aanaa kun dubartoota akkanaa fuudhuun akka danda’amu ifatti kan argisiisuudha. Kanaafis Qur’aanni kan hojiirra oolche gocha kana eenyu iyyuu mirga dhorkuu hin qabaatu.[2]” Mawdiid hawaasa musliimaa biratti baay’ee kabajamaa kan ta’an hayyuu Qur’aanaa turan.

Walumaa galatti Qur’aanni barumsa dubartoota ilaalchisuun qabaatu uumamaa fi namummaa dubartootaa baay’ee gadi kan xiqqeessuudha. Kitaaba kanaa keessatti Mariyam malee maqaan kan durbaa tokko iyyuu hin ibsamne.[3] Islaamummaa keessattis nabiiyooti durbaa hin beekaman. Umurii isaanii guutuu uffata gurraachaan xaxamanii akka jiraataniif isaanitti murteeffameera. Dhiironni hanga afuriitti akka fuudhanii fi kanarra darbuunis garboota akka fuudhan yommuu isaaniif heeyyamamu, warri durbaa garuu heeyyama dhiiraan malee homaa murteessuu akka isaan hin dandeenyeef seerota rakkisaa ta’aniin qabamanii jiru (Suuraa 4:3).

 

2. Dubartoota Hadisa Keessatti

Haadistoota garaa garaa keessatti barreeffamanii kan argaman abboommii fi seerawwan akkasumas rakkina dubartootaa caalaatti kan cimsaniidha. Fakkeenyaaf yoo jedhame muraasa isaanii haa ilaallu.

Dubartoonni abbaa manoota isaaniif akka garbaa ti:

“Garbi qabeenya gooftaa isaa kan eegu yommuu ta’u haati manaa ammoo manaa fi ijoollee isaaf eegduudha.[4]

Abbaa manootiin haadha manootii isaanii rukutuu ni danda’u:

“Umar akkuma dubbate nabiy akkana jedhaniiru: ˱Abbaan manaa hadhaa manaa isaa maaliif akka rukute gaafatamuun isaaf hin malu˲” Abu Daawud fi Iibin Maajaah gabaasaniiru.[5]

Gahaannaba kan galan hedduun isaanii dubartoota dha:

Yaa dubartootaa kennaa kennuu qabdu. Gahaannaba kan galan hedduun isaanii dubartoota ta’uu isaanii ani argeera. ˱Yaa ergmaticha Allaah kun maaliifi?˲ jedhanii gaafatan. ˱Yeroo baay’ee ni dheekkamtu, abbaa manootii keessan hin galateeffattan. Beekumsaa fi amantaan hanqina kan qabaatu kan akka keessanii hin argine˲…Dubartoonnis akkana jechuun gaafatan: ˱Yaa ergamticha Allaah amantaa fi beekumsaan hir’uu kan taane akkamitti?˲ innis ˱raga ba’umsi kan dubartoota lamaa raga ba’umsa kan dhiiraa tokko waliin qixa miti?˲ jechuudhaan isaan gaafate. Isaanis eyyee jedhan. ˱Kunis beekumsaan hir’uu ta’uu keessan argisiisa. Durbi yeroo laguu ji’aa isheetti salaata gochuus ta’e midhaan lagachuu danda’uu dhiisuu ishee dhugaa miti?˲ jedhee isaan gaafate. Dubartoonnis eyyee jedhan. ˱Kun amantaan hir’uu ta’uu keessan argisiisa˲ jechuudhaan isaaniif deebise. ”[6]

 

Durbii hoggantuu ta’uu hin dandeessu:

“Abubakar akkuma dubbatan Al Jamal guyyaa duula (gaalaa) tti Allaan (nabiyyiin yommuu dubbatu dubbii dhaga’een) naa ibse. Namooti Faars mucaa durbaa Hoosiraa  akka ishee muudaan Nabiyyiin yommuu dhag’aan akkana jedhanii turan: ˱Sabni dubartiin hogganamu tasuma milkii qabeessa hin ta’u.˲”[7]

Muhammad durba heerumaaf hin geenye fuudhaniiru:

“Abbaan Hashiim akkuma dubbatan: Kadiijaan Nabiyiin otuu gara Madiinaa hin imaliin waggoota sadiin dura ture lubbuun ishee kan darbe. Erga imalanii waggaa sadan gidduutti Ayishaa fuudhan. Gaa’ila kana kan geggeessan isheen umuriin waggaa sagal turte.”[8]

Muhammad dhagna-qabaa durbaa heeyyamaniiru:

“Uum Atiyaa Al Ansaariyaan akkuma dubbatan: Madiinaa keessatti dubartiin tokko dhagna-qabaa raawwatti ture. Nabiyyiin (Nagaan isaan waliin haa ta’u malee) akkana ittiin jedhan, ˱baay’ee irraa muruun siif hin malu sababni isaa inni durbaaf kan filatameedha˲ abbaan manaas baay’ee wanta jaallatuudha.˲”[9] Akka haadisii kanatti Muhammad akkataan dhagna qabaa maal ta’uun akka isaaf malu yaada itti kennuun gocha kana heeyyamaniiru malee dhagna-qabaan sirrii ta’uu dhiisuu isaa hin dubbanne.

Salaati sababa durbaan addaan cita:

“Abu Zar akkuma dubbate: Ergamaan Allaah (nagaan isaaniif haa ta’u) akkana jedhaniiru: Isaan keessaa namni tokko yeroo salaataaf dhaabatu…fuula isaa dura hangi wanta Koorichaa ga’u tokko hin  jiru yoo ta’e salaati isaa (fuula isaa dura kan darbaniin) sababa harree, durbaa fi saree gurraachaan addaan cita. Anis yaa Abu Zar saree gurraacha diimaa yokiin keelloo irraa adda kan isa baasu maaliidha? Jedheen gaafadhe. Innis yaa ilma obboleessa koo akkuma nagaafatte anis ergamaa Allaan (nagaan isaaniif haa ta’u) gaafadheen ture, ˱Sareen gurraachi Jiinniidha ˲ jechuun ture kan naaf deebisan.”[10]

 

3. Dubartoota Macaafa Qulqulluu Keessatti

Mee barumsa islaamummaa kana sagalee Waaqayyoo isa dhugaa kan ta’e Kitaaba Qulqulluun walbira qabnee haa ilaallu:

Abbaan manootii haadha manootii isaanii jaallachuu fi kabajuun isaan irraa eegama.

“Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu. Haati manaa abbaa mana ishee malee, dhagna ishee akka jaallatte gochuu hin dandeessu; abbaan manaas akkasuma haadha manaa isaa malee, dhagna isaa akka jaallate gochuu hin danda’u. yeroo itti kadhataaf of kennuudhaaf walii galtan irraa kan hafe, wal bira ga’uu wal hin didinaa; isa booddee of qabuu dadhabuu keessan irraa kan ka’e immoo, Seexanni isin qoruudhaaf karaa akka hin argannetti, deebitanii wal bira in geessu.” (1Qor. 7:3-5).

“Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha mana isaa haa jaallatu! Waldaan kristiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtuu akka taatutti, Krsitos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa. Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kan fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira. Akkasuma immoo abbaan mana akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha mana isaa jaallachuun in ta’aaf;  namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata. Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takka foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma  godhe. Nuyi bu’aa dhagna Krsitos. Caaffannni qulqullaa’aan, “Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in diisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus  foon tokko in ta’u” in jedha. Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa’ee Kristosii fi waa’ee waldaa kristiyaanaa in dubbata jechuu koo ti. Dubbiin  kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abba manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu! ” (Efesoon. 5:25-33).

“Atis abbaan manaa, haadha manaa kee jaalladhu, ittis hin hammaatin!”(Qolosaayis 3:19)

“Akkasuma isinis dhiirota nana, dubartoota  keessaniif beekaatii wajjiin jiraadhaa! Walii wajjin jireenya isa tola isiniif kennamutti galuuf waan jirataniif, kadhanni keessan gufuu argatee akka hin ittifamnetti, dubartii keessan akka gar tokko dhagna keessanii isa dadhabaatti ulfina kennaaf!” (1Phexros 3:7).

“Deeggarsi kan isaan barbaachisu” (Weak vessels) kan jedhu, dubartoonni miiraa fi qaaman gama dhiiraan dadhabootaa fi kunuunsi kan isaaniif malu ta’uu isaanii malee amalaa fi sammuun dadhaboota ta’uu isaanii hin argisiisu. Dhiiroti dubartoota hin kabajan yoo ta’e kadhanni isaanii Waaqayyo (Rabbii) bira akka hin geenye dubbatamuun isaa dubartoonni uumaa Rabbii keessatti sadarkaa guddaan isaan qabaatan fi bakka isaan yaada Rabbii keessatti qabaatan kan argisiisuudha.

Dhiirrii fi durbi walqixa dha

“Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaa garummaan hin jiru” (Galaatiyaa 3:28).

Bifaa fi fakkaattii Waaqayyoon walqixa uummamaniiru:

“Akka  bifa keenyaatti, akka fakkaattii keenyaattis nama in uumna! Isaan qurxummii  galaana irratti, simbiraa fi allaatti qilleensa keessa balali’an irratti, horii qe’ee irratti, bineensa lafa hundumaa irratti, munyuuqaa lafa irra munyuuqu hundumaa irrattis mootummaa haa qabaatan! Jedhe. Egaa Waaqayyo akka bifa isaatti nama uume, akka bifa Waaqayyootti isa uume; dhiiraa fi dubartii isaan uume.” (Uumama 1:26-27).

“Caaffanni waa’ee wara Addaam irraa dhalatanii kanatti fufee jira; Waaqayyo gaafa nama uume, akka fakkattii ofii isaatiitti isa in tolche; yeroo isaan uumes “Nama” jedhee isaan in moggaase; inni dhiiraa fi dubartii isaan uumee isaan in eebbise” (Uumama 5:1-2).

Luqqisiin armaan oliin argine dubartoonni dhiirotaan kan gitan ta’uu isaanii kan nuu mirkaneessan yommuu ta’an, dursinee kan isaan ilaalle qajeelfamoota islaamummaan kan faallessaniidha. Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartoonni raajii (nabiyyii) ta’an hedduminaan ibsamaniiru (Ba’uu 15:20, Abboota firdii 4:4, 1Seenaa. 34:22, Ergamoota 21:9). Ergamtoota waliin tajaajilaa kan turan dubartoonni tajaajiltoota ta’an turan (Room 16:1:7). Yeroo du’aa kaafamuu Yesus Kristos dhuga-baatonni dubartoota turan (Maatewos 28:1-9, Maarqoos 16:1-8, Luqaas 24:1-11, Yohaannis 20:1-10). Dubartoonni dhuga-ba’umsaaf kan hin dhiyeeffamne kutaa baroota jaarraa jalqabaatti, bu’uura kiristiyaanummaa kan ta’e du’aa ka’uu Yesuus Kristos dhugaa ba’uuf filatamuun isaanii wanta ajaa’ibsiisaa akkamii ti!

Obboleeyyan keenya musliimaa jaallatamoo kan taatan, gama dhugaawwan armaan oliin ibsamaniin karaan dhugaan inni Rabbii isa kam isinitti fakkaata? Rabbi ija laphee keessanii banuun karaa dhugaa fi bilisa ta’e karaa ilma isaa Yesuus Kristosiin hundeeffame karaa isa sirrii ta’e akka isin argisiisuuf kadhata keenya yeroo hundumaa ti.

 


[1] Mishkat Al-Masabih: vol. 3, p. 1200

[2] Sayid abul A’La maududi. The meaning of the Qur’an, Vol. 5 pp. 599 & 617

[3] በአማርኛው ትርጉም ውስጥ በቅንፍ ተቀምጠው የምናያቸው በተርጓሚዎቹ የተጨመሩ እንጂ በአረብኛው ውስጥ የሚገኙ አይደሉም፡፡

[4] Sunan Abu Dawud vol.2 no.2922, p.827

[5] Mishkat Al-Masabih: vol. 2, p. 693

[6] Sahih Al-Bukhari vol.1 no.301 p.181. See also Sahih Muslimvol.2 book 4 no.1982,1983 p.432

[7] Sahih Al-Bukhari vol.9 no.219 p.170-171

[8] Bukhari: vol. 5, bk. 58, no. 236, Khan

[9] Sunan Abu-Dawud: bk. 41, no. 5251. “Reliance of the Traveller – A Classic Manual of Islamic Sacred Law” kan jedhamu Yunivarsiitii Alzahaariin qopheeffamee kan maxxanfame kitaaba seera Shari’aa fuula 59 irratti dhagna-qabaan durbaa islaamummaatti dirqama ( Obligatory) ta’uu isaa ni dubbata.

[10] Sahih Muslim, Book 004, Number 1032

 

DUBARTOOTA FI ISLAAMUMMAA