Qur’aana Keessaa Jechoota Walfaallessan

Qur’aana Keessaa Jechoota Walfaallessan



Musliimonni obboleeyyan keenya yaadni dogoggoraa fi faallaawwan hedduun Macaafa Qulqulluu keessa jiraachuu isaanii nutti dubbachaa turaniiru. Lallabdoonni kan akka Ahimad Diidaat faa keessummaa baay’ina dogoggora isaa kuma shantamaa hanga kuma dhibbaatti ol guddisu (kana jechuunis luqqisii Macaafa Qulqulluuu tokkon tokkon isaa keessa gara dogoggora sadiitu jira jechuudha!). Himannaa sababa of keessaa hin qabaanne kan akkanaa hayyooti Kiristiyaanummaa haala ga’aa ta’een deebii itti kennaniiru. Garuu lallabdoonni Musliimaa hanga isaaniif danda’ame hundumaan Kitaabota amantaa kanneen biroo ceepha’uu fi hamachuun kan mataa isaanii garuu akka waan itti hin bu’amnetti ilaaluun isaanii warra haqaa ta’uu isaanii irratti shakkii kan uumuudha. Namoonni kun Qur’aanni  walii isaan yaada tokko kan qabaatuu fi faallaa kamiyyuu of keessaa qabaachuu dhiisuu isaa of jajuun yommuu dubbatan ni dhaga’amu. Qur’aannis waa’ee mataa isaa Suuraa 4:32 irratti akkana jechuudhaan dubbata:

“Sila isaan Qur’aana hin xiinxalanuu? Odoo waan Rabbiin alaa biraa ta’ee, silaa isa keessatti wal dhabbii baa’ee argu turan”

Akka keeyyata kanaatti garaa gartee hedduun Qur’aana keessa hin jiru. Kunis Allaah biraa ta’uu isaaf ragaadha. Jalqabumaan iyyuu Macaafa tokko keessatti yaadni faallaan jiraachuun isaa Kitaabni sun hundumaa kan beeku Rabbi biraa ta’uu dhiisuu isaa yoo mirkaneesse iyyuu, qooda kanaa garuu Kitabni tokko yaadaan walfaallessuu dhiisuun isaa Kitaabichi kan hafuuraa ta’uu isaaf ragaa ta’uu akka hin dandeenye beekamuu mala. Kitaabotni asoosamaa  yaadawwan walfaallessan of keessaa hin qabaanne hedduun addunyaa irratti argamu. Garuu wanta walfaallessu of keessaa qabaachuu dhiisuun isaanii kan dhugaa ta’uu isaanii hin argisiisu. Bara Kaliifaa Usmaanii fi  Dhaloota Kiristosiin booda bara 1924 biyya Gibxiitti sirreeffamni kan isaaf godhame Qur’aanni, wanti walfaallessuu keessa isaatii yoo hin argamne iyyuu ajaa’ibsiisaa hin ta’u. Kan wal hin faallessine ta’uu isaatiinis akka dubbii Rabbiitti hin fudhannu. Garuu Qur’aanni yaadawwan walfaallessan of keessaa hin qabaatu dubbiin jedhu ifatti yommuu ilaalamu, akkuma dubbii afaaniin dubbatamuu salphaa akka hin taanee fi obboleeyyan Musliimaa yeroo fudhatanii ilaaluun kan isaaniif malu yaadawwan ijoo ta’an itti argisiisuu barbaanna. Kana yommuu dubbannu obboleeyyan keenya Musliimaa himmannaa Macaafa Qulqulluu irratti kaasaniif deebii kennuuf yaallee miti. Kana malees itti fufanii kan dhiyaatan rakkinoota Macaafa isaaniif deebii qabaachuu hin danda’an ilaalcha jedhu irraa kaanee miti. Rakkinoota kanaaf furmaata kennuun salphaa akka isaaniif hin taane yoo tilmaamne iyyuu, garuu deebii qabaachuu isaaniitti akka amanan abdii qabaanna. Isaanis Macaafa Qulqulluu irratti gaaffiwwan kaasaniif Kiristiyaanoti deebii ga’aa qabaachuu isaanii akka hubataniif yaada qajeelummaa irraa maddeen isaan gaafanna. Yaa obboleeyyan Musliimaa ceephoo keessan bifa gaarummaan fudhannee keessummeessuun gaaffiwwan keessaniif karaa ta’uu maluun deebii akkuma laannu, isinis isaan kanaaf yaadawwan walfaallessan Macaafa keessan keessa jiraniif deebii ta’uu malu akka kennitan abdanna.

  1. Dubartoota mushriikaa (Allaatiin ala wanta biraatti kan sagadan) fuudhuun heeyyamameera moo hin heyyamamne?

Hin heeyyamamne: Suuraa 2:221 “Hanga isaan amananutti (dubartoota) mushriikaa hin fuudhinaa”,

Heeyyamameera: Suuraa 5:5 “Har’a gaggaariin hundi isiniif eeyyamamaeera. Nyaanni abbootii Macaafaas isiniif eeyyamamaa dha. Nyaanni keessanis isaaniif hayyamamaa dha. tikfattoonni dubartoota mu’uminootaa irraa ta’anii fi tikfattoonni dubartoota warra isiniin dura Macaafa kennamanirraa ta’anii fuudhoo, kan sagaagala hin dalagnee fi sanyoo (jaalallee dhoksaa) hin qabanne taatanii (isiniif eeyyamama)”.

Garuu namooti Macaafa kanaa (Kiristiyaanotii fi Yihuudoti) mushriikota ta’uu isaanii Qur’aanni bakka hundumaatti dubbata. Fakkeenyaaf; Kiristiyaanoti Yesusiif sagaduu isaaniin mushriikota ta’uu isaanii Suuraa 4:17, 5:72-73, 5:116 irratti barreeffameera. Akkasumas Yihuudonni Izraatiin ilma Allaah jechuun waamuu isaaniin mushriikota ta’uu isaanii Suuraa 9:20 irratti barreeffameera. (Amantaan akkanaa seenaa Yihudii keessatti dhaga’amee kan hin beekamne ta’uu isaa Qur’aanni seenaa dhugaa qabaachuu isaa irratti gaaffii kan kaasu yoo ta’eyyuu), yaada ifaatti faallaa ta’e kana hubachuuf siiloojiizimii itti fufee jiru hubadhaa:

Dubartoota (mushriikaa) warra hin amanneen kan hafe hin fudhinaa

Kiristiyaanotii fi Yihuudonni mushriikota dha

Kiristiyaanotaa fi Yihuudota fuudhaa.

Isaan kun ibsa kan hin barbaachifne yaada walfaallessaniidha.

  1. Jiinnii fi namni uumamuun isaanii maaliifi?
  • Allaaf qofa bitamuuf: Suuraa 51:56 “Jiinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne”
  • Gahaannama ittiin guutuuf: Suuraa 7:179 “Dhugumatti, Nuti jahannamiif jinnootaafi namoota irraa hedduu uumnee jirra”. Akkasumas Suuraa 23:13, 11:119 irratti yaada walfakkaatu arganna. Keeyyata lamaan gidduu faallaa jiru ifaatti ilaaluun nama kamiif iyyuu rakkisaa nutti hin fakkaatu.
  1. Namoota kan jallisuu Allaah moo Sheexana?

Allaah: Suuraa  7:186 “Nama Rabbiin jallise, qajeelchaan isaaf hin jiru.”

Suuraa 16:93 “Rabbiin odoo fedhee ummata tokko isin taasisa ture. Garuu nama fedhe in jallisa; nama fedhes in qajeelcha. Waan dalagaa turtan irraas dhugumatti ni gaafatamtu”.

Sheeyxana: Suuraa 4:119-120 “Isaanis nan jallisa; isaan nan hawwisiissas; isaanis nan ajajaa gurra baayladaa ni tarsaasu; isaanis nan ajaja uumama Rabbii ni jijjiiru. Namni Rabbiin ala Sheyxaana jaalallee godhate, inni dhugumatti hongoo ifa ta’e hoonga’eera.”

Suuraa 7:202 “Obboleeyyan isaaniis jallina isaaniif dabalu. Ergasiis (jallisuu irraa) hin gabaabbatanu.”

Sheyxanni iyyuu ofii isaatiin “Gooftaa kiyya! Na jallisuu keetiin kakadhe” jechuudhaan jallina isaaf yommuu Allaatiin itti gaafatamaa godhatu Suuraa 15:39 irratti dubbifanna. Akkasumas Suuraa 16:93 irratti akkuma dubbifannu Allaan namootaa ofii isaatiin jallisee kan isaan uume yommuu ta’u garuu “hojii keessaniin isin gaafadha!” jechuudhaan yommuu isaanitti ga’isu argina. Ofii isaatiin jallisee erga uumee booda “waan jallattaniif isin gaafadha” jechuun matuma isaatiin iyyuu sirrii kan hin taaneedha. Hanga nuuf galeen namoota jallisuun hojii Sheeyxanaadha malee hojii Rabbii isa qajeelaa ta’uu tasumaa hin danda’u.

  1. Warri araara namaaf kadhatan jiru moo hin jiran?

Jiru:Suuraa 42:5 “…Maleeykonni faaruu Gooftaa isaaniitiin Isa qulqulleessu. Nama dachii keessa jiruufis araarama kadhatu…” akkasumas Suuraa 33:43, 4:7 ilaalaa.

Hin jiru: “Isaa gaditti garagaaraafi araarsaan tokkolleen isiniif hin jiru. Sila hin gorfamtanuu?”

Maleeykonni (ergamtoonni) uumama lafarra jiruuf araara kadhatu erga ta’ee Allaatiin ala kan araara isiniif kadhatu hin jiru yaadni jedhu faallaa cimaa ta’e kan fiduudha. Allaatiin kan hafe kan isiiniif araara kadhatu hin qabdan jechuun maal jechuudha? Allaan matuma isaatiin ofii isaa irraa araara kadhata jechuudha? Yoo ta’eef ammoo Allaan amalaanis qaamaanis tokko dha kan jedhu barsiisa Islaamummaa waliin akkamiin walii gala? Suuraa 39:44 irratti jechi argamu Allaan araara kan namaaf kadhatu ta’uu isaa yaada dubbatu nuuf  cimsa dubbifadha.

  1. Allaan haadha manaa malee ilma qabaachuu danda’a moo hin danda’u?

Ni danda’a: Suuraa 39:4 “Rabbiin odoo ilma godhachuu fedhee, silaa waan ofii uumu gidduu kan fedhe filata  ture. Qulqullina isaaf malu (sana irraa qulqullaa’e).”

Hin danda’u: Suuraa 6:101 “…Niitii kan hin qabne ta’ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a?”

Keeyyata jalqabaa keessatti Allaan uumama keessaa kan barbaade filachuun qofa ilma godhachuu akka danda’u yommuu dubbatu, keeyyati lammaffaan ammoo haadha manaa kan hin qabaanne yommuu ta’u akkamiin ilma qabaata? Jechuudhaan yaada kan jalqabaan ni diiga. Dabalatas keeyyati lammaffaan hundumaa danda’uu Allaah irratti gaaffii guddaa ni kaasa. Sababni isaa Allaan haadha manaa malee ilma qabaachuu kan hin dandeenye erga te’ee hundumaa kan danda’u ta’uun isaaf hin malu.

  1. Allaan qofaa isaa kan gargaaruu moo gargaartota kanneen biroo ni qabaata?

Qofaa isaa kan gargaaru: Suuraa 9:116 “Dhugumatti, Rabbiin mootummaan samii fi dachii kan Isaati. Ni jiraachisa; ni ajjeesas. Rabbiin alatti tiksaa fi tumsaan tokkollee isiniif hin jiru.”

Gargaartota kanneen biroo ni qabaata: Suuraa 5:55 “Dhugumatti, jaalalleen keessan Rabbii fi ergamaa isaa ti…” Akkasumas Suuraa 9:71.

Keeyyatawwan kana keessatti “tumsaa” jechi jedhu afaan Arabaan “Waalii” yommuu ta’u maqaa Allaah sagaltamii sagal keessaa tokko dha. Maqaawwan kana ammoo  uumamaa kaan ittiin moggaasuun Islaamummaatti akka barsiisa Tawuhidiitti yakka guddaadha. Suuraa 5:55 irratti jechi argamu moggaasa kana kanneen kaaniif kennuurra darbee keeyyata kan jalqabaa waliin ifatti faallessa. Bakka biraattis akkuma kana maleeykonni (ergamtoonni) “gargaartota Allaah” jedhanii waamuu isaanii dubbifanna Suuraa 3:53. Kanaafuu Allaan qofaa isaa “Waalii” moo  miti?.

  1. Sagadni maleeykotaa eenyuufi?

Allaaf qofa: Suuraa 7:206 “Dhugumatti, isaannan Gooftaa kee bira jiran Isa gabbaruu irraa hin boonanu; Isa qulqulleessuu; Isaafis sujuudha godhu”

Namaaf sagadaniiru: “Yeroo Nuti malaa’ikootaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes (yaadadhu). Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan; (Inni) ni dide; ni boones. Kaafiroota irraayis ta’e.” Dabalatas Suuraa 17:61, 15:30 dubbifadha.

Akka barumsa Islaamummaatti sagadni kan isaaf malu Rabbiif qofaadha. Uumamni kamiyyuu sagaduun kan isaaf malu uumaa isaa kan ta’e Rabbii (Waaqayyoof) malee uumama biroof akka hin taane Islaamummaan cimsuun in barsiisa. Musliimni yaada kanaa waliin hin galle kan jiru natti hin fakkaatu. Obboleeyyan Musliimaa keeyyata durfamanii ibsaman keessaa yaadawwan faallessan jiraachuu dhiisuu isaanii nu hubachiisuu danda’u ture. Garuu Waaqayyo (Rabbii) inni dhugaan maleeykonni namaaf akka sagadaniif ajaja dabarsuun, uumamni tokko uumama kaaniif akka sagadu barsiisuu isaa keeyyata dubbatu kana barumsa Islaamummaa fi Qur’aana guutummaa isaa waliin akkamiin araarsuu danda’u laata?

  1. Dubbiin Allaah ni jijjiirama moo hin jijjiiramu?

Ni jijjiirama: Suuraa 2:106 “Wanta keeyyata irraa jijjiirre yookiin si irraanfachiifne caaltuu ishee yookiin fakkaatuu ishee finna. Sila ati Rabbiin waa hunda irratti danda’aa ta’uu hin beektu?”

Suuraa 13:39 “Rabbiin waan fedhe ni haqa; (waan fedhe immoo) ni mirkaneessa. Isa biras haadha Macaafaa (Lawhal Mahfuuztu) jira.”

Hin jijjiiramu: Suuraa 18:27 “Jechoota Isaa jijjiiraan hin jiru”

Suuraa 18:27 “Jechoota Isaa jijjiiraan hn jiru. Isa malee iddooitti dabdus hin argattu”

Suuraa 10:64 “Jechoota Rabii jijjiiraan hin jiru”

Akkasumas Suuraa 6:115 fi 6:34 dubbifadha. Qur’aana afaan Amaaraa irratti fuula muraasa ta’aniin keeyyati tokko isa kaaniin haqamuu isaa kan argisiisan yaadannoowwan miiljalee irratti argamu. Fakkeenyaf: fuula 18, 26, 53, 123, 297 ilaalaa.

Qur’aanni walfaallessuu isaa hayyooti musliimaa afaan Arabaan naasik walmansuuk yommuu jedhan ingiliffaan ammoo “Abrogation’ jechuudhaan moggaasu. Haala ilaaluun dubbii kaleessa dubbate haaluu fi kan jijjiiru dadhabaa kan ta’e ilma namaa ti malee, Waaqayyo (Rabbii) isa dhugaa akkamiin ta’uu danda’a? Wanta hundumaaf beekaa kan ta’e Gooftaa jabaa mannaa ilmaan namootaa keessaa naamusa kan qabaatu iyyuu dubbii kaleessa dubbateef amanamaa kan ta’uudha.

  1. Namooti Gahaannama keessatti gataman nyaati isaanii tokko qofa moo lama?

Muka Adaamii jedhamu qofa: Suuraa 88:6 “Adaamii malee nyaanni isaaniif hin jiru”

Muka Zaqqumtuu jedhamu: Suuraa 37:62-68 “Qubannaaf sanatu caala, (Muka hadhaawaa) Zaqquumtu caala?. Dhugumatti Nuti miidhaa raawwattootaaf mokkora ishee taasifne. Isheen muka hundee ibidda jahannam keessaan baatuudha. Firiin ishee akka mtaa sheyxaanotaati. Isaan ishee irraa nyaatanii garaa isaanii ishee irraa guuttatu…”Akkasumas Suuraa 56:52 dubbifadhaa.

Malaa (warra ibiddaa) qofa: Suuraa 69:36 “Nyaannis malaa (warra ibiddaa) irraa malee hin jiru”

Namni Gahaannamatti gatame nyaati isaa adaamii qofa dha? Malaa warra ibiddaa qofa? Moo muka Zaqqumtuudha? Akkasumas namni Gahaannama keessatti gatame bishaan danfe dhuguu isaa Qur’aanni ni dubbata (Suuraa 56:54-56).

  1. Muhammad yoo dogoggore kan miidhamu eenyuudha?

Mee keeyyata Qur’aana itti fufee jiru hubadha:

Suuraa 34:50 “Yoon jalladhes, kan ani jaalladhu lubbuu kiyya irratti. Yoon karaa qajeelaa qabadhes, waan Rabbiin kiyya gara kiyyatti erguuni.”

Muhammad “kanan amanetti amanaa na hordofaa” jechuudhaan deebi’ee ammoo “yoon jaalladhes, kan ani jaalladhu lubbuu kiyya irratti” jechuun isaa baay’ee ajaa’ibsiisaadha. Keeyyati kun Qur’aana afaan oromoo fi ingiliffaan caalaatti ifaa ta’uun dubbifama. Yaadni isaas Muhammad yoo dogoggore kan miidhamu isuma qofaa ta’uu isaa ti. Musliimoti haala uffannaa hanga rifeensa areedaa sirreeffataniin Muhammadiin fakkkaachuun murteessaa ta’uu isaa amanu. Muhammad sirrii yoo ta’e barumsa isaa kan hordofanii fi fudhatan namoonni fayyuu danda’u. Inni sirrii miti yoo ta’e ammoo baduu danda’u. Sababni isaa raajota (nabiiyyota) sobduu fi barsiisota sobduu ta’aniin namooti hordofan hundi ni badu. Muhammad nabiyyii dhugaas ta’e ta’uu dhaa yoo baates dubbiin akkanaa dogoggora ta’uu isaa hundumaaf ifaadha. Sababni isaa inni yoo dogoggore kan miidhamu namoota isa hordofan hundumaa malee isa qofa ta’uu dhiisuu isaa ti jechuudha.

  1. Maariyaam (Maryam) tti kan mul’atan Maaleykota meeqa turan?

Maariyaam yommuu Gooftaa Yesuusiin deessu karaa Ergamaan (Maleeykaan) ergaan isheetti dubbatame yoo xiqqaate bakka lama Qur’aana keessatti argamu. Isaanis:

Maleeykota hedduu: “Yeroo Malaa’ikoonni “Yaa Maryam! Dhugumatti Rabbii si filateera. Si qulqulleesseeras. Dubartoota aalama hundaa irraas si filateera” jedhanis (yaadadhu)” (Suuraa 3:45). Akkasumas “malaa’ikonni….jette (yaadadhu)” (Suuraa 3:45).

Maleeykaa tokko : “Isaan irraa haguuggaa godhattee, ergamaa keenya (Jibriiliin) gara asiitti ergine. Innis namuma (uuman isaa) guutuu asiitti fakkaate…Ani ergamaa Rabbii keetiiti, akkan ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbiin na erge) jedheen(Suuraa 19:17-19).

Akka keeyyatawwan kanaatti gara Maryam kan dhufan Maleeykota hangamii ti? Akka keeyyata 3:42 fi 45 tti Maleeykonni lakkoobsaan hedduu ta’uu isaaniidha kan ibame. Kana jechuunis Qur’aana afaan arabaan baay’inni Maleeykotaa sadiirra kana caalan akka turaniidha. Garuu ammas akka Qur’aana afaan arabaatti Maleeykota afur yokiin kuma tokko yokiin ammoo miiliyoona ta’uu iyyuu ni danda’a. Keeyyata 19:18 irratti akkuma ibsameen ammoo Maryam ergamaa tokko waliin qofa dubbachaa turte. Kana malees ilaaltee sodaachuun ishee Maleeykaa tokko ta’uu isaaf ragaa kan biroo dha. Kanaafuu kamtu sirriidha?

  1. Magaala Aad jedhamtu irratti adabbiin qilleessaa guyyaa hangamiif buubbise?

Guyyaa tokkoon ol: Suuraa 69:6-7 “Aad immoo qulleensa sagalee cimaa akkaan bubbisuun balleeffaman. Halkan torbaa fi guyyaa addeetiif walitti aansee isaan irratti erge. Ishee keesatti ummata kan jirma timiraa hundeen buqqifame fakkaatanii kukkufan argita”

Suuraa 41:15-16 “Aad immoo dachii keesatti haqaan ala boonanii “humnaan namni nurra cimaa eenyu?” jedhan. Sila Rabbiin, Inni isaan uume sun dhugumatti, humnaan isaan irra cimaa ta’uu hin arginee? Keeyyattoota keenya mormitoota turan. Akka jiruu duniyaa keessatti adaba salphinaa isaan dhandhamsiifnuuf jecha guyyoota (isaaniif) hamma keessatti bubbee cimaa isaan irratti ergine. (Haa ta’uu malee) adaba Aakhiraatu irra salphisaa dha. Isaan hin tumsamanu.”

Guyyaa tokkoof: Suuraa 54:18-19 “(Ummanni) Aad (Huudiin) sobsiifte. Adabni kiyyaa fi akeekkachiifni kiyyaas akkam ta’ee ture laata? Dhugumatti, Qur’aanas hubachuudhaaf laaffifneerra. Namni ittiin gorfamu jiraa” (For We sent against them a furious wind, on a Day of bitter ill-luck).

Akka keeyyatawwan kanneen duraatti saba magaalittii keessaa jiraatan irratti adabbii Allaah kan taate qilleensi kan ergamte guyyaa tokkoo oliif akka ture yommuu dubbatu, akka keeyyata lammaffaatti ammoo guyyaa tokkoof (“guyyaa” kan jedhu guyyaa tokko akka ta’e kan argisiisu) ta’uu isaa argina. Kanaafuu kamtu dhugaadha?

  1. Inni tokko badii kan nama biraa in baata moo hin baatu?

Hin baatu: Suuraa 35:18 “(Lubbuun) badii hojjattu (tokkos) badii lubbuu biraa hin baadhattu. (Lubbuun) ba’aan (badiin) itti ulfaate tokkos akka ba’aa ishee namni biraa irraa baadhatu yoo gaafattes, odoma fira ishee ta’eellee ishee irraa homaayyuu hin baadhatamu. Kan ati akeekkachiiftu isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaatas gadi dhaabanii dha. namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deebi’iinsi garuma Rabbiiti.”

Suuraa 53:37-42 “Kan Ibraahiim isa (ajaja Rabbii) guutees. (Isheen sun) lubbuun dilii baadhattu ba’aa lubbuu biraa hin baadhattuudha. Namaafis waan hojjate malee hin taaneedha. Hojiin isaas of duratti mul’achuuf jiraa dha. Achii booda mindaa guutuutu isaa kennamaadha. Xummurri (waan hundaas) gara Rabbiittii ta’uudha.”

Ni baata: Muhammad bara isaa kan turan badii Yihuudonni abboota isaanii hojjetaniin yommuu isaan ceepha’u kutaa Qur’aanaa hedduu keessatti argina. Fakkeenyaaf Qur’aana 2:50-52 akkana jedha: “Yeroo bahra isiniif addaan foonee, ergasii bilisa isin baafnee ummata Fir’awnis odoo isin argitan bishaaniin dhidhimsine sanis (yaadadhaa). Yeroo Muusaaf halkan afurtama beellamnes (yaadadhaa). Ergasii isin bakka inni hin jirretti warra of miidhe taatanii mirgoo (jibicha) ⦋gabbaramaa⦌taassifattani. Ergasii sana booda akka isin galateeffataniif jecha dhiifama isiniif goone.”

Abbootii warqee jibicha irraa hojjetameef sagadan otuu ta’anii jiranii garuu ilmaan isaanii kan komataman ta’aniiru. Kanaafuu inni tokko badii kan nama biraa in baata moo hin baatu? Isa kam fudhannu?

  1. Muhammad akeekkachiisa kan laatu namoota amanan qofaaf moo namoota hin amanneen kan dabalatuudha?

Kanneen amanan qofaaf:  Suuraa 35:18 “…isaan Rabbii isaanii fagootti sodaatanii, Salaataas gadi dhaabanii dha. Namni (badii irraa) of qulqulleesse, kan inni of qulqulleessu matuma isaatiifi. Deeb’iinsi garuma Rabbiiti.”

Suuraa 36:11 “Kan ati akeekkachiiftu nama gorsa hordofee Rahmaaniinis fagootti sodaate qofa. Araaramaafi mindaa gaariin isa gammachiisi.”

Namoota hin amanneen kan dabalatuudha: Suuraa 41:13 “Yoo isaan gara galan “ani iyyansa hamaa, akka iyyansa ummata Aadii fi Samuudiin isin sodaachiseera” jedhiin.”

Suuraa 34:46 “Kan ani isin gorsu waan tokko qofatti. Innis akka cimdii fi kphaanis Allaahf dhaabattanii, ergasii saahiba keessan (Muhammaditti) maraatummaan tokkollee hin jiru jechuu xiinxaltaniifi. Inni akeekkachiisaa adaba cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane.”

Keeyyata kanneen duraa keessatti akkuma argine Muhammad kan akeekkachiisu namoota amanan qofaadha. Garuu akka keeyyatawwan isaan irraa itti fufuun argamanitti ammoo namoota hin amanne dabalatee Muhammad akeeka kan kennu ta’uu isaa fi yommuu isaan akeekkachiisu dubbifanna. Kanaafuu isa kamtu dhugaadha?

  1. Magaalota ergamtoonni (rasuulonni) itti ergaman hundumaatti namooti kafaran jiru moo namoonni hin kafarre jiru?

Kafaraniiru: 34:34 “Magaalaa kamillee keessatti akeekkachiisaa tokkoyuu erginee badhaadhoon ishee “nuti waan isin ittiin ergamtan kanatti kafaroo dha” jechuun malee hin hafanu.”

“And We did not send into a city any warner except that its affluent said,”Indeed we, in that with which you were sent, are disbelievers.”

Kanneen hin kafarres jiru: Yoonaas (Yuunus) kan itti ergame sabni magaalittii amananiiru- Suuraa 10:98 “Sila magaalaan (erga adaba Rabbii ergite) amantee ergasii iimaanni ishee ishee fayyade ummata Yuunus malee maaliif hin jiraatini? (Hin jiru jechuu dha). Isaan amannaan jireenya duniyaa keessatti adaba salphisaa ta’e isaan irraa fuunee, hanga yeroo murtaa’eettis isaan qanansiifne.”

  1. Allaan waan hundumaa beeka moo hin beeku?

Waan hundumaa beeka: fakkeenyaf Qur’aana 2:59, 2:96, 49:18 ilaalaa.

Hundumaa kan beeku miti

Tilmaamaan dubbata: Suuraa 53:1-9 “Urjiini kakadhe; yeroo inni bu’u (seenu). Hiriyaan keessan (Muhammad SAW) hin jallanne; hin dogoggorres. Fedha lubbuu irraas hin haasa’u. Inni (wanti inni dubbatu) wahyii buufamuu qofa. (Jibriil) kan humni isaa cimaatu isa barsiise. Abbaa humnaa ta’ee (bifa Rabbiin irratti isa uumeen) ol ta’e. Inni moggaa (samii) isa ol aanaa irratti (ol ta’e). Ergasii dhihaatee gadis bu’e. Hanga fageenya qabannaa gooboo lamaanii yokiin sana irra dhihoo ta’e.” “And was at a distance of two bow lengths or nearer.”

Ni shakka: Suuraa 11:12 “ “Maaliif qabeenyi guddaan isa irratti hin buufamne, yookiin maleykaan isa waliin hin dhufne” jechuun isaanii sodachuuf jecha garii waan gara keetti buufamee dhiisuun, isattis onneen kee dhiphachuun, sirratti sodaatama. Ati akeekkachiisaa qofa. Rabbiin wanta hunda irratti tiksaadha.”

Suuraa 18:6 “Yoo isaan haasa’a kanatti amanuu baatan gaddaan faana isaanii irratti lubbuu kee baleessuutu siif sodaatama.” “Then perhaps you would kill yourself through grief over them, [O Muhammad], if they do not believe in this message, [and] out of sorrow”

Suuraa 26:3 “(Yaa Muhammad!) Ati Mu’umintoota ta’uu dhabuu isaaniitiif (gaddaan) lubbuu kee baasuun siif sodaatama” “Perhaps, [O Muhammad], you would kill yourself with grief that they will not be believers”

Shakkii kan hin qabaanne ta’uuf yeroo fi haalota eeguu isa barbaachisa: Suuraa 72:25-28 “ “Wanti isin sodaachifamtan dhihoo ta’uu yookiin Rabbiin kiyya beellama yeroo (dheeraa) isaaf godhaa hin beeku” jedhiin. (Rabbiin) Beekaa fagooti; fagoo Isaa irratti nama tokkollee hin mul’isu. Ergamaa irraa nama jaalate malee (kan biraatti hin mul’isu). Inni fuuldura isaatii fi duuba isaatiin eegdota (malaykota) seensisa. Haaluma waan isaan bira jiru hundatti marsee fi waan hundaayyuu lakkoofsaan walitti qabee jiruun “ergaawwan Gooftaa isaanii dhugumatti bakkaan ta’uu isaanii” akka ifa baasuuf (eegdota kaa’e).”

“That he may know that they have conveyed the messages of their Lord; and He has encompassed whatever is with them and has enumerated all things in number.”

Suuraa 47:31 “Hanga qabsaa’otaafi obsitoota isin irraa adda baafnee, oduu keessanis hanga mul’ifnutti isin mokkorra”

Suuraa 3:140 “Yoo madaan isin tuqes, dhugumatti ummatas (diinotas) madaan fakkaataan isaan tuqeera. Guyyoota sana gidduu namaatti nanaannessina. Rabbiin isaan amanan mul’isuu fi isin irraas wareegamtoota taasisuuf (kana godhe). Rabbiin miidhaa hojjattoota hin jaalatu.”

Keeyyata kanneen duraa keessatti Allaan waan hundumaaf beekaa ta’uu isaa yommuu nutti dubbatu, keeyyata kanneen lamaffaan ibsaman keessatti garuu Allaan yommuu shakku tilmaamaan dubbatuu fi waa’ee wanta garaa garaaf ammoo shakkii kan hin qabaanne ta’uuf akkuma namaa yeroo fi haala eeggachuun yommuu isa barbaachisu argina.

  1. Kaafiroonni guyyaa firdiitti ni dubbatu moo hin dubbatan?

Ni dubbatu: Suuraa 23:105-109 «Silaa keeyyattoonni kiyya isin irratti dubbifamaa turtee, isinis isaan sobsiisaa hin turree? Isaanis ni jedhan; “(Yaa) Gooftaa keenya! Gogiinsa keenyatu nu injifate; nus ummata jallatoo taane. Gooftaa keenya! Ishee irraa nu baasi. Ergasii yoo itti deebine, dhugumatti nutu miidhaa hojjattoota.” (Rabbiinis) “Salphaadhaatii ishee (jahannam) keessa fagaadhaa. Anas hin dubbisinaa” jedha. Dhugumatti, gareen gabroota kiyya irraa ta’e tokko “Gooftaa keenya! Aamannee jirra. Kanaafuu nuuf araarami, rahmaatas nuuf godhi. Ati irra caalaa warra rahmata godhaniiti” jedhaa turaniiti»

Suuraa 16:86 “Isaan (Rabbitti waan biraa) qindeessan  yeroo qindoolee isaanii argan “Gooftaa  keenya! Isaan kun qindoolee keenya warra nuti siin ala kadhachaa turree dha” jedhu. (Gabbaramtoonnis) “dhugumatti isin kijiboo dha” (jedhuun) jecha gara isaanii darbatu.”

Suuraa 20:102-104 “Guyyaa garri (xurumbaa) keessa afuufamu (dubbadhu). Guyyaa san badii raawwattoota (ija) cuquliisa (jaamaa) taasifnee walitti qabna. Gidduu isaaniitti “Iisin (guyyoota) kudhan malee (duniyaa irra) hin turre” jechuun walitti hasaasu. Nuti yeroo amala irra beekan isaanii “isin guyyaa tokko malee hin teenye” jedhu waan isaan jedhan akkaan beekna”

Hin dubbatan: Suuraa 17:97 “Namni Rabbiin qajeelche, isatu qajeelaa dha. Nama inni jallises, isaaniif Isaaa gaditti gargaartota hin argituuf. Guyyaa Qiyaamaas fuula isaanii irratti, jaamaa, arrabaa qabamaa fi gurraa duudaa ta’anii isaan kaafna.Teessoon isaaniis jahannami. Dhawaata isin gadi laaftuun gubaa ibiddaa isaaniif daballa.”

Suuraa 16:84 “Guyyaa ummata hunda irraa ragaa kaafnus (yaadadha). Sana booda isaan kafaraniif (akka haasa’an) hayyoonni hin kennamu. (Komii dhiifama qabus) hin komatamanu.”

Suuraa 77:28-36 “Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa’e. (Isaaniin ni jedhama): gara waan sobsiisaa turtanii deemaa. Gara gaaddisa abbaa damee sadihii deemaa.” Gaaddisessaaa miti; boba’aa ibiddaa irraas hin duroomsu. Isheen qaanqeewwan akka gamoo darbatti. Inni (qaanqechi) gaalota bobboora fakkaata. Kijibsiiftotaaf guyyaa san badiin mirkanaa’e. Kun guyyaa isaan hin dubbannee dha. Rakkoo haa himataniif isaanifi hin eeyyamamu.

Akka keeyyata kanneen jalqabaatti gantoonni guyyaa murtiin laatamutti waaqa tolfamaa itti sagadan waliin, Allaah waliin akkasumas walii isaaniin kan haasa’an yommuu ta’u kanarraa itti fufuun keeyyata kaa’amaniin garuu akka hin dubbanne dubbatameera. Kanaafuu isa kami dhugaan isaa?

  1. Allaan uumaa isaa waliin kallattiin dubbata moo hin dubbatu?

Ni dubbata: Suuraa 4:64 “Nuti ergamaa irraa akka eeyyama Rabbiitiin ajajni isaa fudhatamuuf malee hin ergine. Odoo isaan (munaafiqoonni) yeroo lubbuu isaanii miidhan, sitti dhufanii Rabbiin araara kadhataniifi Ergamaanis araara isaaniif kadhatee, silaa dhugumatti akkaan araaramaa, akkan rahmata godhaa ta’eetiin Rabbiin argatu turan.”

And [We sent] messengers about whom We have related [their stories] to you before and messengers about whom We have not related to you. And Allah spoke to Moses with [direct] speech.

Keeyyati Qur’aanaa kun Macaafa Qulqulluu keessatti waa’ee Musee kan dubbatameen calaqqisiisuudha. ”Waaqayyo akka nama firaa wajjin haasa’uutti fuula isaa duraa Museetti in dubbata ture; yommuu Museen iddoo buufataatti deebi’u Iyaasuu ilmi Nun dargaggeessichi isa gargaaru sun immoo balbala dunkaanichaatii hin mittiqu ture” (Ba’uu 33:11).

Hin dubbatu: Suuraa 42:51 “Namaaf Rabbiin isa dubbisuun, wahyiin yookiin dahoo duubaan, yookiin ergamaa ergee hayyama Isaatiin waan fedhe itti buusuun malee hin taane. Inni ol aanaa, ogeessa”

  1. Allaan yakka shiirkii (isa biratti waaqa tolfamoo birootti sagaduu) dhiifama godha moo hin godhu?

Dhiifama godha: Suruaa 4:153 “Abootin Macaafaa samii irraa Macaafa isaan irratti buusuu si gaafatu. Muusaan waan kana irra guddaa gaafataniiru. “Rabbiin ifatti nu agarsiisi” jedhani. Sababa miidhaa isaaniitiin gaggabbiin (duuti) isaan qabde. Sana booda erga mallattoowwan isaanitti dhufanii jibicha (gabbaramaa) godhatan. Sanas irra isaaniif dabrine. Muusaasf ragaa ifa ta’e kennine.”

Dhiifama hin godhu: Suuraa 4:48 “Dhugumatti Rabbiin Isatti waa qindeeffamuu hin araaramu, Waan sanaa gadi nama fedheef ni araarama. Namni Rabbitti qindeesse dhugumatti cubbuu guddaa uumeera”

Suuraa 2:108 “Dhugumatti isin akka Muusaan kana dura gaafatame ergamaa keessan gaafachuu feetuu? Namni kufrii iimaanaan jijjiirrate, dhugumatti karaa sirrii irraa jallateera”

Keeyyata kan duraa irratti akkuma ibsame Israa’elonni waantota ajaa’ibsiisaa isa dhugaa kan Waaqayyoo (Rabbii) otuu ilaalanii fi maalummaa isaa beekanii jibicha tolfamaatti sagadaniiru. Qalbii yommuu jijjiiratan garuu dhiifama argataniiru. Keeyyatoonni itti fufanii jiran garuu Allaan yakka akkanaa gonkumaa dhiifama gochuu akka hin dandeenye dubbatu. Faallaan jiran ifaadha.

  1. Namni mirga bilisa ta’e in qabaata moo hin qabaatu?

Hin qabaatu: Suuraa 10:100 “Mee wantoota samii fi dachii keessa jiran (hunda) ilaalaa jedhi. Mallattoolee fi akeekkachiiftonnis namoota hin amanne irraa homaa hin deebisanu.”

Mirga bilisa ta’e in qabaata: Suuraa 81:27-28 “Inni aalama hundaaf gorsa malee homaa miti; Nama isin irraa qajeeluma fedheef (gorsaa ta’a).”

It is not except a reminder to the worlds. For whoever wills among you to take a right course.

Suuraa 30:9 “Sila dachii keessa deemanii booddeen warri isaaniin duraa akkam akka ta’e hin ilaallee? Irreeenis isaan irra cimoo turan. Dachiis qotanii waan isaan (warri Makkaa) misoomsan irra hedduu misoomsaniiru. Ergamtoonni isaaniis ragaawwan ifa ta’aniin isaanitti dhufanii. Dhugumatti, Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaan lubbuu isaanii kan miidhan ta’ani.”

  1. Gaarummaa fi hamminni eenyu irraa ti?

Gaarummaa fi hamminni Allaa biraa ti: Suuraa 4:78 “Eessallee yoo taatan duuti isin argata. Odoo gamoowwan ciccimoo keessa taatanillee (isin irraa hin hafu). Yoo toltuun wahii isaan tuqu immoo “kun Rabbiin biraayi” jedhu. Yoo hamtuun wahii isaan tuqu immoo “(yaa Muhammad!) kun si biraayi” jedhi. Namoonni kunniin maaltu isaaniif jecha homaatuu hubachuutti hin dhihaanne?”

Hamminni Namarraa gaarummaan Allaah biraa ti: Suuraa 4:79 “Toltuu irraa wanti si tuqe kamillee Rabbiin irraayi. Hamtuu irraa wanti si tuqe kamillee lubbuu kee irraayi. Namootaaf ergamaa taasifneetiin si ergine. Ragummaaf Rabbiin qofti ga’aadha

What comes to you of good is from Allah, but what comes to you of evil, [O man], is from yourself. And We have sent you, [O Muhammad], to the people as a messenger, and sufficient is Allah as Witness.

  1. Musliimonni namoota hin amanneen loluu moo dhiifama akka isaaniif godhaniif kan abboomaman?

Akka lolaniif: Suuraa 9:29 “Isaan Rabbii fi Guyyaa Dhumaatti hin amanin, kan waan Rabbiifi ergamaan Isaa haaram godhe haraam hin godhin, kan amantii haqaa hin fudhanne, warra kitaabni kennameef irraa kan ta’an hanga isaan salphatoo ta’anii gibira harkatti kennanitti loolaani.”

Kanneen hin fudhanneen humnaan sallamsiisuu dabalatee: Suuraa 8:38-39 “Hanga “fitnaan” (shirkiin) hin argamnee fi amantiin hundi isaa Rabbiif ta’utti isaaniin lolaa; (kufrii irraa) yoo dhnetaman, dhugumatti, Rabbiin waan isaan dalagan argaadha”

  1. Lubbuu namaa kan baasu eenyuudha?

Maleykaa du’aa (Maleykaa tokko): Suuraa 32:11 “Maleykaa du’aa isa isin irratti ramadametu isin ajjeesa. Sana boodas gara gooftaa keessanii deebifamtu” jedhiin.

Maleykota hedduu: Suruaa 47:27 “Yeroo maleeykonni fuula isaaniitiifi dugda isaanii rukutuun isaan ajjeesan akkam tahuu taa’an?”

  1. Musliimonni haadholii meeqa qabaatu?

Haadha tokkittii qofa: Suuraa 58:2 “Isaan isin keessaa dubartoota (haadhotii manaa) isaanii irraa ‘Zihaara’ godhan (ati anaaf akka dugda haadha kiyyaati’ jechuun kakatan), isaan (haadhotiin manaa) haadholii isaanii miti. Haadholiin isaanii isaanuma isaan da’an sana qofa. Dhugumatti, isaan jecha irraa isa fokkataaa fi soba ta’e dubbatu. Dhugumatti Rabbiinis dhiifama godhaa araaramaadha.”

Haadhotii hedduu: Suuraa 33:6 “Nabiyyiin Mu’umintootatti lubbuma isaanii irrayyuu itti aanaadha. Haadholiin manaa isaatiis haadholii isaaniii ti. Yoo gara jaalalleewwan keessaniitti gaarii hojjetan malee warra firooma qabantu, Macaafa Rabbii keessatti, mu’imintootaa fi godaantota irra gariin isaanii garii (dhaaluutti) haqa. Kun Macaafa (Lawhal mahfuuz) keessatti barreeffamaa ta’eera.”

Keeyyati inni duraa Musliimonni haadha tokkittii qofa qabaachuu isaanii fi dubartoota kannen biroo karaa fakkeenya ta’uun “haadhotii” jedhanii moggaasuun isaanii kijibaa fi Allaah biratti dubbii jibbamaa akka ta’e kan ibsu yommuu ta’u, keeyyati inni lammaffaan ammoo haadha manootiin Muhammad karaa fakkeenya ta’aniin haadhotii Musliimotaa ta’uu isaanii dubbata. Fallaan isaa ifaadha.

  1. Fayyuu kan danda’an eenyu faa ti?

Musliimota qofa: Suuraa 3:85 “Namni Islaamaan alatti amantii barbaade isarraa hin qeebalamu. Aakhiraattis inni warra hoonga’an irraayi.”

Suuraa 3:19 “Dhugumatti amatniin Rabbiin biratti (fudhatama qabu) Islaama qofa. Isaan kitaabni kennameef erga beekumsi isaaniif dhufee booda jibba gidduu isaanii jiruu jecha malee (san dura) wal hin dhabne. Namni keeyyattoota Rabbiitti kafares dhugumatti Rabbiin arifataa qormaataati.”

Yihuudonni, Kiristiyaanoti, Saabi’ooti akkasumas Allaah fi guyyaa dhumaatti kan amane hundi in fayya:Suuraa 5:69 “Isaannan amanan, isaan yahuudoman, saabi’oonni fi kiristaanonnis, namni Rabbii fi guyyaa Aakhiraatti amanee, waantoota gaggaarsiis dalage, isaan irra sodaan hin jiru; isaan hin gaddanis.”

Suuraa 2:62 “Dhugumatti isaannan amanan, isaan yahuudoman, (isaan) kiristiyaanotaa fi saabi’ootas. (isaan irraa) namni Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanee toltuus hojjete, isaaniif mindaan Gooftaa isaanii biratti qophaa’ee jira. Sodaanis isaan irra hin jiru; Isaanis hin gaddanu”.

  1. Maatii hin amanneen firoomfachuun heeyyamameera moo hin heeyyamamne?

Heeyyamamaeera: Suuraa 31:15 “Yoo isaan lamaan waan beekumsa isaa hin qabne akka Natti qindeessituuf sitti qabsaawan, tole isaaniif hin jedhin. Duniyaa keessatti haala gaariiin isaan waliin jiraadhu. Karaa nama gara kiyya deebi’ee hordofi. Sana boodas deebiin keessan gara kiyya; waan isin dalagaa turtanis isinittin odeessa”

Hin heeyyamamne: Suuraa 9:23 “Yaa warra amantan! Abbootii keessaniifi obboleeyyan keessan yoo isaan iimaana irraa kufrii jaallatan, jaalallee hin taasifatinaa. Isin irraa namni jaalallee isaan taasifate, warri sun isaanumatu midhaa raawwatoota”

  1. Musliimoti Kiristiyaanota waliin firummaa akka qabaataniif heeyyamameera moo hin heeyyamamne?

Heeyyamameera: Suuraa 5:82 “Dhugumatti, namoota diinummaan warra amananiif akkaan cimaa ta’an yahuudotaa fi mushrikoota ta’uu argita. Dhugumatti, namoota jaalalaan isaan amananitti irra dhihoo ta’an warra “nuti kirsitaanota” jedhan ta’aniitiin agarta. Kun waan isana irraa qeesonniifi monokseewwan jiraniifi isaanis hin boonneefi.”

Hin heeyyamamne: Suuraa 5:51 “Yaa warra amantan! Yahuudotaafi Kirisitaanotas jaalallee keessoo hin godhatinaa. Gariin isaanii jaalallee gariiti. Isin irraa namni jaalallee isaan godhate, inni isaanuma irraayyi. Dhugumatti, Rabbiin ummata miidhaa hojjattoota hin qajeelchu”

  1. Ergamoota ta’uun kan ergaman namoota qofaadha moo uumamni kaanis jiru?

Namoota qofa: Suuraa 12:109 “Si duras dhiirota warra gandaa irraa wahyii gara isaaniiti buufne malee hin ergine. Sila dachii keessa deemanii booddeen warra isaaniin dura turanii akkam akka ta’e hin ilaalanuu? Dhugumatti, isaan (Rabbiin) sodaataniif mana Aakhiraatu caala. Sila hin xiinxaltanuu? ”

Uumamni kaanis ergamaniiru: Suuraa 22:75 “Rabbiin maleykota irraa ergamoota filata; namoota irraas (ni filata). Dhugumatti, Rabbiin dhaga’aa, argaadha”

  1. Jannata galuun Muhammad dhugaa dha moo hin beekamu?

Dhugaa dha: Suuraa 48:1-2 “(Yaa Muhammad!) Nuti injifannoo ifa ta’e si gonfachiifneerra. Akka Rabbiin dilii kee irraa waan dabareefi waan dhufus siif araaramuuf, akka ni’imaa Isaa sirratti guutufi akka karaa qajeelaa si qajeelchuuf jecha (injifannoo ifa ta’e siif kenne).”

Hin beekamu: Suuraa 46:9 “(Yaa Muhammad!) jedhi: “Ani ergamtoota irraa isa jalqabaatii miti. Waan anaafi isin irratti dalagamuuf jirus hin beeku. Waan gara kiyyatti wahyii godhamu malee (wanta biraa) hin hordofu. Ani sodaachisaa ifa bahaa dha malee waan biraatii miti.”

  1. Yoonaas (Yuunus) gammoojjiitti gatameera moo hin gatamne?

Hin gatamne: Suuraa 68:49 “Odoo ni’imaan Gooftaa isaa irraa taate isa dhaqqabuu baattee, silaa komatamaa ta’eeti dirree biqiltuu hin qbne irratti darbama ture.”

Gatameera: Suuraa 37:145 “Isa dhukkubsataa lafa dirreetti isa darbine.”

  1. Daa’imman harma hodhuu akka dhiisaniif Allaan kan abboome yeroo hangamii boodadha?

Ji’oota 30n booda: Suuraa 46:15 “Namootaaf abbaa fi haadha isaatti tola ooluu dhaamne. Haati isaa rakkoon isaa baadhattee, rakkoon isa deesse. Ulfaafi harma gu’uun isaa ji’oota soddoma; yeroo jabina isaa ga’ee, waggaa afurtama ga’u “Gooftaa kiyya! Ani ni’imaa kee kan Ati ana, haadhaafi abbaa kiyya irratti oolte galateeffachuufi dalagaa gaarii Ati jaallattu hojjachuu na qabsiisi. Sanyii (hortee) kiyyaas gaarii taasisi. Ani gara kee tawbaa deebi’eera. Ani Muslimtoota irraayi” jedhe.”

Waggaa lama (baatiiwwan 24) booda; Suuraa 31:14 “Namaafis haadhaa fi abbaa isaatti (tola ooluu) dhaamnee jirra; haati isaas dadhabbii dadhabbii irratti ta’een isa baadhatte. Harma irraa gu’uun isaas wagga lama keessatti. “Anaafi haadhaa abbaa keetiif galata galchi. Deebiinis gara kiyyatti” jechuun isa ajajne”

Tarii baatii 30 kan ta’e ulfa waliin ta’uu isaatiin malee inni dhugaan 24 jechuu ni danda’ama. Garuu 24 irratti baatii 9 yommuu daballu baatii 33 waan ta’uuf faallessuun isaa akkuma ta’ee jiruu dha.

  1. Gara waraanaa imaluu dhiisuuf heeyyama Muhammadiin kan gaafatan hundi komatamoodha moo miti?

Hundinuu komatamoodha: Suuraa 9:44-45 “Isaan Rabbiifi Guyyaa Aakhiraatti amanan qabeenyaafi lubbuu isaaniitiin qabsaa’uu irraa (hafuuf) hayyama si hin gaafatanu. Rabbiin warra Isa sodaatu beekaadha. (Loa irraa hafuuf) hayyama kan si gaafatu isaan Rabbii fi guyyaa aakhiraatti hin amanin kan onneen isaanii shakkitee dha; Isaanis shakkii isaanii keessa deddeebi’u.”

Kanneen hin komatamne jiru: Suuraa 9:93 “Karaan (Komii) kan jiru warra dureeyyii ta’anii hayyama si gaafatan qofa irra. Warra hafan waliin ta’uu jaalatan; Rabbiinis onnee isaanii irratti cufe; kanaafuu, isaan homaa hin beekan.”

Keeyyata jalqabaa irratti duula waraana irraa hafuuf heeyyama kan gaafatan “Allaah fi guyyaa akhiraatti kanneen hin amanne garaan isaanii kan shakke” qofa ta’uu isaanii ibsuun hunduma isaanii kan komachiisu yommuu ta’u, keeyyata kan lammaffaa irratti garuu jecha isaa haaluun abbaa qabeenyaa ta’anii otuma jiranii hafuuf heeyyama kan gaafatan qofti komatamoo akka ta’an dubbata. Faallaan isaa ifaadha.

  1. Musee (Muusaan) saba isaa bilisa baasuuf yeroo ergame kan itti amanan Israa’elota muraasa moo toshitoota (saahiroota) Gibxiin kan dabalatuudha?

Israa’elota muraasa qofa: Suuraa 10:83 “Fir’awaniifi qondaaltonni isaa isaan jallisuu sodaachuu irraa kan ka’e, dhaloota ummata Muusaa irraa ta’e malee Muusaaf hin amanne. Dhugumatti, Fir’awn dachii keessatti of tuulaa dha. Ammas inni daangaa dabritoota irraayi.”

But no one believed Moses, except [some] youths among his people, for fear of Pharaoh and his establishment that they would persecute them. And indeed, Pharaoh was haughty within the land, and indeed, he was of the transgressors.

Toshitoota (saahiroota) Gibxiin dabalatee: Suuraa 7:120-122 “Saahiroonni (Rabbiif) kan sujuudan ta’anii kufan. Ni jedhan: “Gooftaa aalamaatti amanneerra. Gooftaa Muusaa fi Haaruunitti.” (Akkasumas  Suuraa 20:56-73, 26:29-51).

Keeyyati jalqabaa Muusaatti kan amanan sabni Israa’el muraasa ta’uu isaanii kan dubbatu yommuu ta’u, inni lammaffaan ammoo saahirota Gibxii dabalatee itti amanuu isaanii dubbata. Faallaan isaa ifaadha.

  1. Iisaan akkuma namaa dha moo hafuuraa fi dubbii Allaah qofaadha?

Akkuma nama tokkoo ti: Suuraa 5:75 “Masih Ilma Maryam ergamaa isa dura ergamoonni dabran malee homaa miti. Haati isaas akkaan dhugomsituu dha. Lamaanuu nyaata kan nyaatan turan. Akkamitti akka keeyyattoota ifa isaaniif taasifnu ilaali. Ergasiis akkamitti akka isaan (dhugaa irraa) garagalan ilaali.”

Jechaa fi hafuura Allaah qofaadha: Suuraa 4:171 “Yaa abbootii Macaafaa! Amantii keessan keessatti daangaa hin darbrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hn haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta’I jedhu) kan inni gara Maryam darbeedha.”

Keeyyata jalqabaa irratti Iisaan akkuma nama tokkoo nama ta’uu isaa kan dubbatame yommuu ta’u, keeyyata lammaffaa irratti garuu jechaa fi hafuura Allaah qofa ta’uu isaa nutti dubbatameera. Kamtu dhugaadha? Haammattuu keessatti (ta’I) kan jedhu Qur’aana afaan oromoo kanneen hiikaniin kan itti dabalame malee Qur’aana kan duraa afaan Arabaa keessa hin jiru.

  1. Haalli “uumama” Iisaa akkuma Addaam (Adam) moo dhalachuuni?

Akkuma Adam: Suuraa 3:59 “Dhugumatti, fakkeenyi Iisaa Rabbin biratti akka fakkeenya Aadami. Biyyee irraa isa uume. Ergasii ‘ta’i’ isaan jedhe. Innis yoma san ta’e”

Indeed, the example of Jesus to Allah is like that of Adam. He created Him from dust; then He said to him, “Be,” and he was.

Dhalachuun: Suuraa 19:22-23 “Yoosuu isa ulfoofte; kophaa ishee gar bakka fagoo isaan deemte. Ciniinsuun gara gufuu timira ishee maqse. Ni jette…”

Keeyyata jalqabaa keessatti haalli “uumama” Iisaa akkuma Adam ta’uu isaa dubbata. Adam abbaa fi haadha malee kan uumame  yommuu ta’u biyyee irraa ture kan uumame. Keeyyata lammaffaa keessatti akkuma ibsameen garuu Iisaan haadha isaa irraa ulfeeffamuun dhalateera. Haalli uumama kan lamaan isaanii walfakkaataa ta’uu dhiisuu isaatiin faallaan isaa ifaadha.

  1. Iisaan uumaa dha moo miti?

Uumaa dha: “Amaloota Waaqayyoo (Rabbii) keessaa tokko uumaa ta’uu isaa ti. Kunis adda isa godha. Uumaa ta’uun isaan wanta hundumaa irraa adda kan isa godhu yommuu ta’u kan ittiin beekamuudha. Haa ta’u malee Qur’aana keessatti Yesuus amala addaa waa uumuu kan qabaatuu fi karaa walfakkaatan yommuu raawwatu argina. Waaqayyo kun Adamiin dhoqqee irraa uumuun hafuura jireenyaa itti kan baafate waliin walfakkaata.”

Suuraa 38:71-75 “Yeroo Gooftaan kee malaykotaan “Ani nama dhoqqee irraa uumuufan jira” jedhe (Yaadadhu). “Ergaan isa sirreessee, ruuhii kiyya (kan Ani Uume) irraa isa keessatti afuufee booda isaaf sujuuda bu’aa” (jedheen).”

Yesuus karaan inni uumeen waliin dhugaatti walfakkaata.

“Gara ilmaan Israa’iilittis ergamaa (isa godha). “Ani dhugumatti Gooftaa keessan irraa raajiidhaanan isinitti dhufe. Ani dhoqqee irraa waan akka allaattiin isiniif uume; isa keessattis nan afuufa; eeyyama Rabbiitiin allaattiis ni ta’a. heyyama Rabbiitiin jaamaa fi shooliis (bartaas) nan fayyisa. Du’aas nan jiraachisa. Waan isin nyaattaniifi waan isin manneen keessan keeessa ol kaayattanis isinittan hima. Dhugumatti kana keessa yoo kan amantan taatan mallattoo gaariitu isiniif jira” (Suuraa 3:49).

Yesuus Allaattiiwwan dhoqqeerraa akka uume odeeffannoon isaa  kan dhufe seenaa Waldaa Kiristiyaanaa durii irraa ta’uu isaatiin waaqummaa Yesuus argisiisa. Kanaafis dandeettii waa uumuu isaa fi gama jireenya kennuutiin Yesuusiif beekamtii kennuun waaqummaa isaa kan calaqqisiisuudha. Seenaan kun amma Qur’anaa keessatti argama. Hafuurri Uumaa hafuura kan Yesuus mataa isaa ta’ee argina! Kunis Qur’aanni seenaa waaqummaa Yesuus of keesatti qabatee argamuu isaaf ragaadha.

Qur’aana keessatti Yesuus akka heeyyama Uumaatti kana raawwachuu isaa yoo dubbate iyyuu garuu gama waa uumuutiin amala isaa eenyumaaf iyyuu  kan hin qoodne ta’uu isaatiin kun waaqummaa Yesuus fudhatama dhabsiisuu hin danda’u. Uumaan dandeettii kana Yesuusiif yoo qoode Yesuus dandeettii addaa kan Uumaa qooddateera jechuudha. Uumaan dandeettii kana kanneen kaaniif qooda yoo ta’e adda ta’uun isaa jalaa hafa. Kanaafuu akka keeyyata kanaatti Yesuus uumaadha.

Miti: Kutaawwan Qur’aanaa kanneen birootti garuu Uumaa ta’uun Yesuus haalameera. Kunis faallaa ifa ta’eedha.

  1. Iibliis (Jibriil) Maleeykaa dha moo Sheeyxanadha?

Ergamaa. Suuraa 2:34 “Yeroo Nuti malaa’ikootaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes (yaadadhu). Ibliisa malee Isaan sujuuda godhan; (Inni) ni dide; ni boones. Kaafiroota irraayis ta’e.”

Sheeyxanadha: Suuraa 18:50 “Yeroo maleeykotaan “Aadamiif sujuuda godhaa” jennes (yaadadhu). Ibliis jinnii irraa ta’ee…”

Haala keeyyata jalqabaan yommuu  ilaallu  Maleeykonni Aadamiif akka sagadan Allaan kan isaan abboome yommuu ta’u garuu isaan keessaa Sheeyxanni qofti abboommii isaa otuu hin kabajiin hafeera. Sababa kanaanis Gannataa ari’ameera. Sheeyxanni maleeykaa otuu ta’uudhaa baate abboommiiin kun isaatiin waan hin ilaallanneef sagaduu dhiisuu isaatiif itti hin gaafatamu ture. Haala keeyyata kanarraa itti fufee jiruun yommuu ilaallu garuu Sheeyxanni garee Jibriil dha. Lamaan isaanii keessaa kamtu dhugaadha?

  1. Allaan qofaa isaatiin kan murtii kennuudha moo isaa wajjin murtii kan qooddatu ni qabaata?

Qofaa isaatiin kan murteessuudha: Suuraa 18:26 “ “Hanga isaan turan Rabbumatu akkaan beekaa. (Beekumsi) fagoo kan samiifi dachii Isumaafi” jedhi. Akkam arga! Akkam dhaga’as! Isaanifi Isa malee gargaaraan hin jiru. Mutii Isaa keessattis tokkollee hin hirmaachisu.”

Suuraa 6:114 “Odoo inni Macaafa addeeffamaa gara keessanitti buusee jiruun Rabbiin alatti murteessaa barbaaddadhaa?” (jedhi). Warri Macaafa isaaniis kennines, akka inni dhugaan Gooftaa kee irraa buufame ni beeku. Warra maman irraas hin ta’in.

Isaa wajjin murtii kan qooddatu ni qabaata: Suuraa 33:36 “Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbiifi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan ajaja isaanii irraa filannoon biraa isaaniif jiraachuun hin taane. Namni Rabbiifi ergamaa isaa dide, dhugumatti inni jallina ifa ta’e jallateera.”

Keeyyatawwan jalqabaa keessatti akkuma ilaallu, Allaan abbaa firdii ta’uu isaatiin murtii kennuuf qaamni irraa qooddatu kan hin qabaanne qofaa isaa murtii kan laatuudha. Akka keeyyata birootti garuu Allaan firdii kan ittiin kennu aboo isaa Muhammadiif qoodeera. Kanarra darbee ammoo Muhammadiif abboomamuu jechuun Allaaf abboomamuu ta’uu isaa dubbachuun bakka Allaah fudhateera.

Namni ergamichaan ajajame dhugaatti Rabbiin ajajameera. Nama gara gale immoo isaan irratti eegaa taasifnee si hin ergine” (Suuraa 4:80).

Akka keeyyata kanaatti Muhammadiiif abboomamuu jechuun Allaaf abboomamuu waliin tokko ta’uu isaa nutti dubbatameera. Bakka birootti ammoo Muhammadiif waadaa galuun Allaaf waadaa galuu jechuu akka ta’e Qur’aanni kaa’eera.

“Isaan waadaa siif galan, kan isaan waadaa galan Rabbiifi. Harki Rabbii harka isaanii gubbaadha. Namni waadaa diige, kan inni waadaa diige lubbuma isaa irratti. Nama waan irratti Rabbiif waadaa gale guute, Inni mindaa guddaa isaa kennuuf jira” (Suuraa 48:10).

Keeyyata armaan oliin kan argamu keeyyati biroon ammoo Muhammadii fi Allaan waaqeffamuu fi faarfatamuu akka waliin qooddatan dubbata:

“(Yaa Namootaa!) Akka isin Allaah fi ergamaa isaatti amantan, isa guddiftan, kabajjaniifi akkasumas ganamaafi galgala Isa faarsitaniif (isiniif ergine)” (Suuraa 48:9).

Keeyyata kana keessatti hiika Qur’aanaa afaan Amaaraatiin haammattuu keessatti (Allaah) jedhanii kan itti dabalan warra hiikan malee barreeffama kan duraa Qur’aana afaan Arabaan akkana hin jedhu. Hiikni Qur’aanaa Afaan Oromoo hiika isa sirrii kaa’ee jira. Gochi waaqeffannaa bakka kanatti ibsaman hundi Muhammadiif kan dubbatamaniidha. Warri afaan Ingiliffaan hiikan akkanatti kaa’aniiru.

Pickthall: That ye (mankind) may believe in Allah and His messenger, and may honour Him, and may revere Him, and may glorify Him at early dawn and at the close of day.

Yusuf Ali: In order that ye (O men) may believe in Allah and His Messenger, that ye may assist and honour Him, and celebrate His praise morning and evening.

Shakir: That you may believe in Allah and His Messenger and may aid him and revere him; and (that) you may declare His glory, morning and evening.

Arberry: that you may believe in God and His Messenger and succour Him, and reverence Him, and that you may give Him glory at the dawn and in the evening.

Keeyyata kana keessatti Musliimoti akka hubatan, kabajan, ganamaa fi galgala akka yaadatan (afaan Arabaan “Tusbiihuhu” yokiin akka isa faarfattaniif) kan dubbatameef Muhammad ta’uu isaa haala barreeffama isaatiin ilaaluun in danda’ama. Hayyooti Musliimaa muraasni “gargaaruu fi kabajuu” inni jedhu kan dubbatameef Muhammadiif yommuu ta’u “faarfannaan” kun garuu Allaaf kan dubbatameedha jedhu. Muraasni isaanii ammoo hundi isaa kan dubbatame Muhammadiif jedhu. Kana irratti hayyuu Suufii kan ture Doktor Jibriil Fo’aad Haddaad ibsa kennaniin marsariitii kanarraa ilaalaa. http://www.masud.co.uk/ISLAM/misc/best.htm. Kanaafuu Muhammad aboodhaan mataa isaa Allaah waliin kan gitu ta’eera.

  1. Iisaan du’eera moo hin dune?

Hin dune: Suuraa 4:157 “Ammas waan isan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin afanniinsnes. Dhuguamtti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru.Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne.”

Musliimoti hedduun keeyyata kana sababeeffachuun Iisaan otuu hin du’iin gara samiitti ol ba’eera jedhu. Barreeffamni mat-duree Islaamummaa fi Fannifamuu Masihiichaa jedhu kun rakkinoota keeyyanni kun of keessaa qabu ni mul’isaatii dubbifadhaa.

Du’eera: Suuraa 3:144 “Muhammad ergamaa dhugumatti ergamoonni dura isaa dabran malee homaa miti. Sila yoo inni du’e yookiin ajjeefame of duuba deebituu? Namni faana isaa irra of duuba deebi’e Rabbiin homaa hin miidhu. Rabbiin galateeffattootaaf fuulduratti mindaa ni galcha.”

Keeyyata hiikaawwan Ingliliffaa garaa garaan keeyyata kana akkaanaan kaa’aniiru:

Shakir፡ And Muhammad is no more than an apostle; the apostles have already passed away before him; if then he dies or is killed will you turn back upon your heels?

Sher Ali፡ And Muhammad is but a messenger. Verily all Messengers have passed away before him. If then he dies or is slain, will you turn back on your heels?

Irving፡ Muhammad is only a messenger, Messengers have passed away before him. If he should die or be killed, will you (all) revert to your old ways?

Akka keeyyata kanaatti ergamoonni Muhammadiin dura turan hundi du’aniiru. Kanaafuu Iisaan du’eera jechuudha. Muhammad carraan isaa kan isaanii irraa adda ta’uu dhiisuu isaa kan itti dubbatame sababa kanaani. Ijoon keeyyata kanaa hundi waan du’aniif innis du’uun isaa kan hin hafneedha kan jedhuudhaa. Keeyyata durfamee ibsameen garuu Iisaan akka hin duune ibsuun keeyyata kanaa wajjin kan faallessuu ergaa ni dabarsa. Faallaan isaa ifaadha.

  1. Isaan Gahaannama keessatti gubata moo hin gubatu?

Hin gubatu: Suuraa 4:158 “…Dhugumatti Rabbin gara isaattii ol isa fuudhe. Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera.”

Suuraa 3:45 “Yeroo malaa’ikoonni “yaa Maryam! Dhugumatti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e, kan maqaan isaa Masiih Iisaa ilma Maryam jedhamu, kan duniyaa fi Aakhiraattis kabajamaafi warra Rabbitti dhiheeffaman irraa ta’een si gammachiisa” jette (yaadadhu).”

Keeyyatawwan armaan oliin ibsamaniin, Iisaan ergamaa Allaah kan dhugaa ti. Gara samiitti ol fudhatamee Allaah bira jira. Kanaafuu Gahaannama keessatti hin gubatu.

Ni gubata: Suuraa 21:98 “Dhugumatti, isiniifi wantonni isin Rabbiin ala gabbartanis qoraan (ibidda) jahannami; isin ishee (Jahannam) seentota.”

Indeed, you [disbelievers] and what you worship other than Allah are the firewood of Hell. You will be coming to [enter] it.

Akka keeyyata kanaatti ammoo namooti Allaan kan hafe waaqolii tolfamoo itti sagadan waliin Gahaannamatti gatamu. Keeyyata kanatti haammattuu keessatti Afaan Amaaraan (waaqa tolfamoo) kan jedhu warra hiikaniin kan itti dabalame yommuu ta’u, Iisaan kana keessa yoo galfame gaaffii akka hin kaafneef jedhanii kan godhaniidha. Garuu Qur’aana afaan Arabaa keessa hin jiru. Qur’aana afaan Arabaa keessatti namooti waantota itti sagadan waaqolii tolfamoo isaanii waliin gara Gahaannamaatti akka gatamaniidha kan dubbatame.

Qur’aanni bakka birootti ammoo Kiristiyaanoti Iisaatti sagaduu isaanii ni dubbata;

Suuraa 5:72“Isaan “Rabbiin Masiih Ilma Maryam” jedhan dhugumatti kafaranii jiru. Masiihis ni jedhe: “Yaa Ilmaan Israa’iil! Rabbii Gooftaa kiyyaafi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti, dubbiin namni Rabitti waa qindeesse, Rabbiin isa irratti jannata haraama taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootaatif tumsitoonni hin jiranu.”

Namooti waantota itti sagadan waliin Gahaannamatti gatamuun gubatu erga ta’ee, kanneen itti sagadaman kana keessaa tokko Iisaa erga ta’ee, Iisaan Gahaannama keessatti ni gubata jechuudha, Kun ammoo Allaah biratti Iisaan nabiyyii filamataa ta’uu isaa kan dubbatu keeyyata Qur’aanaa waliin faallessa.

  1. Qur’aanni jecha kan eenyuu ti?

Jecha Allaah: Suuraa 17:106 “Qur’aana akka ati suuta suutaan namoota irratti isa dubbiftuuf isa qoqqoodne; buusiinsas isa buufne.”

Jecha kan Ergamaa kabajamaa ti: Suuraa 81:19-21 “Dhugumatti, inni (Qur’aanni) kun jecha Ergamaa kabajamaati. (Ergamaa) abbaa humnaa ta’e, kan Gooftaa Arshii biratti iddoo jabaa qabu. Bakka sanatti ajajni isaa fudhatamaafi amanamaa kan ta’e.”

Maddi Qur’aanaa Allaah erga ta’ee, “kan Ergamaa Allaah” maaliif jedhame? Maddii isaa Allaah erga ta’ee jecha Ergamaa Allaah akkamiin jedhamuu danda’ama?

  1. Walqunnamtii saalaa malee ilma dahuun ni danda’ama moo hin danda’amu?

Ni danda’ama: Suuraa 19:19-21 “(Jibriilis): “Ani ergamaa Rabbii keetiiti, akkan ilma qulqulluu siif kennuuf (Rabbin naa erge)” jedheen. Ni jette; “Odoo namni tokko ana hin tuqin: sagaagaltuus  odoon hin ta’in akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?” Innis ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana. Gooftaan keetis ‘kuni natti  laafaa dha; Namootaafis raajiifi rahmata Nu irraa ta’es akka isa taasifnuufi’ jedhe. (Kun) dhimma dura murtaa’e ta’eera.”

Hin danda’amu: Suuraa 6:101 “Jalqabaaa uumama samiifi dachiiti. Waan hundaa uumee, Niitii kan hin qabne ta’ee akkamitti ilmoon isaaf ta’a? Inni waan hunda beekaadha.”

Maariyaam (Maryam) otuu walqunnamtii saalaa hin godhiin ilma godhachuu kan dandeesse yoo ta’u iyyuu haala kanaan ilma akka qabaattuuf gochuu kan danda’e Allaan garuu haadha manaa malee ilma qabaachuu akka hin dandeenye nutti dubbatameera.

Dhugaatti barreessaan Qur’aanaa kana jechuun isaa Kiristiyaanummaan barumsa waa’ee ilma Waaqayyoo Yesuus kan barsiisu haala namni dhalachuu danda’uun hubachuu isaa ti. Ilaalcha dogoggora ofii isaatiin uumeen fudhatama dhabsiisuuf otuu yaalii godhaa jiruu kutaa Qur’aana biroo waliin yaada faallessu uumuu isaa fi hundumaa danda’uu Allaah haaluu isaa hin hubanne.

  1. Musliimni jalqabaa eenyuudha?

Qur’aanni gaaffii kanaaf deebiiwwan kenne walii isaaniin kan faallessaniidha. Muhammad Musliima kan jalqabaa ta’uu isaa dubbata (Suuraa 39:12, 6:163, 6:14). Garuu Abrahaam (Ibraahimii) fi Ismaa’eel (Ismaa’iil) Suuraa 2:128, 3:36, toshitoonni Fari’oon (Fir’awni) Suuraa 7:126 akkasumas Ergamtoonni (Suuraa 5:111) Musliimota turan jechuudhaan dubbata.  Dabalatas Islaamummaan amantaa kan nabiiyyotaa ta’uusaa dubbata.

Musliimoti tokko tokko faallaa kana “yommuu walitti araarsan” Muhammad yeroo sana kan turan gama uummataan yommuu ilaalamu Islaama kan jalqabaa ture jedhu.

Bara Muhammad Allaatti sagadaa kan turan karaa Ibraahiim hordofaa kan turan “Haaniifonni” jiraachuu isaanii maddeen Islaamummaa keessatti gama ibsameen yommuu ilaalamu deebiin kun ga’aa miti. “Hordoftoonni amantaa Ibraahiim” kun Wareqaa Iibin Iibn Naawufaal, Ubeeydullaah Iibin Jaash, Usmaan Iibin Al-Huwaarisii fi Zayid Iibin Amir ta’uu isaanii Iibin Iisaaq gabaasera. Namooti kun amantaa Ibraahiim beekuun Muhammadiin kan dursan bara isaa jiraachaa kan turaniidha. Qur’aana keessatti Iibraahiim Haanifaa ta’uu isaa dubbatameera:

“Ibraahim yahuudas kiristaanas hin taane. Garuu inni Muslima qajeelaa ture. Inni mushrikoota irraas hin taane” (Suuraa 3:67).

«Dhugumatti, ani Gooftaan kiyya gara karaa qajeelaa, amantii sirrii kan karaa Ibraahiim, ‘hanifa’ (Rabbii tokkicha gabbaruu) ta’etti na qajeelchee jira. Inni mushrikoota irraa hin turre jedhi» (Suuraa 6:161).

Islaamummaan amantaa uumamaa kan ilmaan namaa ta’uu isaa dubbata (Suuraa 30;30, 2:138). Kanaafuu Musliimonni daa’imni kamiyyuu yommuu dhalatu Musliima ta’ee akka dhalatuu fi booda yommuu gara of beekuutti dhufu sababa maatii isaatiin amantaa uumama isaa akka jijjiiiru dubbatu. Kanaafuu bara Muhammad kan turan daa’imman yoo xiqqaate yeroo muraasaf isaatiin dursuun Musliimota ta’aniiru jechuudha.

Musee (Musaan) bara isaatti amantootaan kan dursu ta’uu isaa kan ibsu keeyyata itti fufee jiru dubbachuun, innis yeroo sana Musliimotaan kan dursu ta’uu isaa hubachiisuuf kan yaalan Musliimonni jiru:

“…Muusaanis of wallaalee kufe. Yeroma of barus “ati qulqulloofte; ani gara keetti deebi’e anis jalqaba mu’uminootaati”  jedhe” (Suuaa 7:143).

Qur’aana Afaan Amaaraa keessatti (yeroo sanatti) kan jedhu kanneen hiikaniin kan itti dabalame malee Qur’aana afaan Arabaa keessa hin jiru. Ibsa kanatti dabaluun rakkina keeyyati kun uumuu danda’u balleessuuf yaalaniiru. Garuu ibsi kun haati Muusaa fi amantoonni kanneen biroo bara sana jiraachuu isaanii kan ibsan keeyyatawwan Qur’aanaa waliin faallessa.

“Gara haadha Muusaas “isa hoosisi; yeroo isa irratti sodaatte, galaana keessatti isa darbi. Hin sodaatin; hin gaddinis. Dhugumatti, nuti isa gara keetti deebisoofi ergamoota irraas isa taasisoodha” jechuun beeksisa goone” (Suuraa 28:7).  

Akka Qur’aanaatti haati Muusaa (Musee) ergaa Allaah dhaga’uu kan dandeessu dubartii amante turte. Dabalatas bara Muusaa maatii Fari’oon (Fir’awni) keessaa namni amanaa ture jiraachuu isaa Qur’aanni ni dubbata (Suuraa 40:28-46). Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo yeroo Museetti mul’ate sana obboleessi isaa Aaron sagalee Waaqayyoo dhaga’uun isa simachuuf gara karaatti akka ba’e dubbata (Ba’uu 4:14-28). Ragaawwan kun Museen yeroo sanatti amanaa isa jalqabaa akka hin taane nuuf mirkaneessu. Bara Muusaa kan turan toshitoonni Gibxii “Musliimota kanneen duraa” ta’uu isaanii kan dubbatu keeyyati Qur’aanaa ammoo armaan oliin kan jiran hunda ni faalleessa (Suuraa 7:126). Kanaafuu dhimmi kun Musliimoti tokko tokko salphisanii argisiisuuf hamma yaalaniin salphaa miti.

  1. Uumamni guyyoota ja’aa moo guyyoota saddeet keessatti uumame?

Guyyaa ja’a: Suuraa 7:54 “Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samii fi dachii guyyoota jaha keessatti uumee…”

Guyyaa saddeet: Suuraa 41:9-12 “Sila isin Isa dachii guyyaa lama keessatti uumetti kafartanii, hiriyaa Isaaf gootu? Sun Gooftaa aalama hundaati. Ishee (dachii) keessatti gaarreen lafa qabatoo ta’an; gubbaa isiitti godhee, ishee keessattis barakaa godhe. Ishee keessatti wantoota ittiin jiraatan guyyuma afur guutuu keessatti warra itti haajamanif murteesse. Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, ishee fi dachiinis “Jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe. Isaanis “Jaalannee dhufne” jedhan. Guyyaa lama keessatti samii torba godhee xumuree, samii hunda keessatti, dhimma ishee ilaalchisee beeksisa itti godhe. Samii duniyaas ifaadhaan (urjiin) miidhagsinee, tika cimaas (tiksine). Kun murtii (Rabbii) injifataa, beekaati”,

Akka keeyyata kanaatti lafti guyyaa lama gidduutti uumamte. Ishee irra kan jiran guyyaa afur gidduutti uumaman. Samiin immoo samiiwwan toorba ta’uun uumaman. Kanaafuu 2+4+2=8 ta’a. Qur’aana afaan Amaaraatti kan hiikan guyyaan afran gara guyyaa lamaatti buutuu fi guutummaa lakkoobsa isaa ja’a gochuun kutaalee Qur’aanaa kanneen biroo waliin akka hin faallessineef haammattuu keessatti (guyyoota lamaan hafan waliin) kan jedhutti dabalaniiru. Garuu daballiin kun Qur’aana afaan Arabaa keessa hin jiru. Muhammadiin kan dubbatame uumamni haaraan guyyoota torban itti uumaman dubbachuun ibsa kana fudhatama dhabsiiseera.

Abu Hureeyiraan akka gabaaseen, Ergamtichi Allaah (nagaan isaan waliin haa ta’u) harka koo qabatanii akkana naan jedhan. Allaan guddaa fi kabajamaa ta’e guyyaa sambataa suphee uume,diilbata gaarreewwan uume, mukkeewwan dafinoo (wiixata) uume, waantota hojii humnaa barbaadan facaasaa (kiibxata) uume, ifa  Roobii uume, bineensota kamisa uume, Aadam (Addaamiin) jimaata guyyaa  kudhan booda uume, innis guyyaa dhumaatti sa’aatii dhumaatti uumama uumameedha (Saahiih Musliim Haadisii lakkoobsa 6707).

Haadisii kana keessatti uumamni kan itti uumame yoo xiqqaate guyyooti 7 ibsamaniiru. Haadisiin kun uumamni guyyaa toorba qofa gidduutti uumamuu isaa hin dubbatu garuu yoo xiqqaate guyyoota toorba ibseera. Ibsa kana keessa kanneen hin galfamiin uumamni waan jiraniif kanaa ol ta’uu ni danda’u. Kun ammoo Suuraa 41:9-12 irratti kan ibsaman guyyooti saddeet ta’uu isaaniif ragaa sirriidha. Kanaafuu faallaan isaa ifaadha.

  1. Haalli uumamni ittiin uumame suuta moo ariitiidha?

Suuta: Suuraa 7:54 “Dhugumatti, Gooftaan keessan Rabbii Isa samiifi dachii guyyoota jaha keessatti uumee ergasii Arshii irratti (ol ta’iinsa isaaf malu) ol ta’eedha. Haala ariitiidhaan isa barbaada ta’een halkaniin guyyaa haguuga. Aduu, ji’aa fi urjiiwwanis kan ajaja Isaatiin laaffifaman ta’anii (isaan uume). Dhagayaa! Uumuunii fi jajanis kan Isaati. Rabbiin Gooftaa aalamaa ta’e toltuun isaa baay’ate.”

Hayyooti Musliimaa (fakkeenyaaf yoo jedhame Doktor Zaakir Naayikii fi Doktor Shaabir Aalii) Qur’aanni saayinsii ammayyaan akka hin faallessineef fedha qabaachuu isaaniin bakka kanatti “guyyoota ja’a” kan jedhame guyyoota sa’aa 24 of keessaa qabaatan hedduminaan ja’a ta’an jechuuf akka hin taanee fi baroota dhedheeroo ja’a ta’uu isaanii dubbatu. Kanaafuu akka hiika kanaatti Allaan samii fi lafa uumuuf waggoota biiliyoona itti fudhateera jechuudha.

Ariitii: Suura 2:117 “(Inni) argamsiisaa samiifi dachiiti. Yeroo dhimma wahii murteessses, wanti inni isaan jedhu argamii qofa; yeroma san argama.”

Akka keeyyata kanaatti ammoo uumaa samii fi lafaa kan ta’e Allaan wanta tokko uumuu yommuu barbaadu “ta’i” akkuma jedhuu fi battalumatti akkuma ta’u nutti dubbatameera. Kanaafuu hayyooti Musliimaa Qur’aana saayinsii waliin garaa gartee kan hin qabaanne gochuuf guyyootiin ja’a (afaan Arabaan “Yawum”) barooti dheeraa ta’an jechuun isaanii dhugaa yoo ta’e Allaan uumuu yoo barbaade jecha “ta’i” jedhuun qofa wanta hin jirre gara jiraatutti fiduu danda’uu isaa kan dubbatu keeyyati Qur’aanaa dogoggora ta’uu isaati jechuudha. Kanaafuu kamtu dhugaadha?

  1. Samii moo lafaatu dursee uumame?

Lafa: Suuraa 2:29 “Inni (Rabbiin) Isa wan dachii keessa jiru hundaa isiniif uumee ergasii gara samii o lta’ee samii torba isaan taasisee dha. inni waan hudna akkaan beekaa dha.”

Samii: Suuraa 79:27-30

  1. Allaan maleeykota kan buusu adabbiin qofa moo mul’ataaniidha?

Addabbiin malee kan hin birootiin hin buusu: Suuraa 15:7-8 “ “Yoo warra dhugaa dubbattoota irraa taate,maaliif maleeykotaan nutti hin dhufne?” (jedhan). Nuti maleeykota dhugaan (adabaan) malee hin buufnu. Yoosan yeroon isaaniif kan kennamu hin taane”.

Mul’ataan isaan buusa: Suuraa 6:2.

  1. Allaan samii fi lafa gara bakk tokkootti isaan fide moo garaa gara isaan baase?

Gara bakka tokkootti isaan fide: Suuraa 41:11 “ “Ergasii haala isheen aara taatee jirtuun samii ol ta’e, isheefi dachiinis “jaalattanii yookiin jibbitanii kottaa” jedhe. Isaanis “jaalannee dhufne” jedhan”.

Garaa gara isaan baase: Suuraa 21:30 “Sila isaan kafaran akka samiifi dachiin walitti maxantuu (qaama tokko) turanii, ergasii addaan isaan baafne hin beekanuu? Bishaan irraas lubbuu qabeeyyii hunda ni uumen. Sila hin amananuu?.”

  1. Jiinnota maalirraa uumaman?

Ibidda irraa: Suuraa 15:27 “Jinnii (Ibliisiin) immoo duraan ibidda boba’aa irraa isa uumne. (”Dabalatas 55:15, 7:12, 38:76).

Bishaan irraa: Suuraa 21:30 “…Bishaan irraas lubbu qabeeyyii hunda ni uumne. Sila hin amananu.”

Keeyyatti jalqabaa Jiinnoti ibidda irraa uumamuu isaanii kan dubbatu yommuu ta’u keeyyati lammaffaan ammoo uumamni hundi bishaan irraa uumamuu isaanii dubbata. Akka Islaamummaatti Jiinnoti uumama socho’an, nyaatanii fi yaadan malee akkuma dhagaa homaa kan itti hin dhaga’amne miti. “Hunduma” kan jedhu yoo ta’e ammoo Jiinnota waan dhuunfatuuf faallaan isaa ifaa dha.

  1. Guyyaa murtiitti kaafiroonni wanta Allaah duraa dhokfatan qabaatu moo hin qabaatan?

Jira: Suuraa 6:22-23 “Guyyaa hunda isaanii walitti qabnee, ergasii isaan qindeessaniin “Sila warri isin Rabbii wajjin gabbaramoodha jettanii mormaa turtan eessa jiru?” jennuun san (yaadadhu). Ergasii deebiin isaanii “Rabbii keenyaan kakannee! Nuti mushrikoota hin taane” jechuu malee hin jiru”.

Hin jiru: Suuraa 4:42 “Guyyaa san warri kafaraniifi ergamicha faallessan odoo dachiin isaan irratti wal qixxaattee jaalatu. Isaanis haasawa tokko Rabbiin dhoksuu hin danda’an.”

Keeyyata jalqabaan ibsame keessatti kaafiroonni yommuu lafarra turan Allaah waliin wantoota garaa garaan mushriikota kan turan yommuu ta’u guyyaa murtiitti Allaan yommuu isaan gaafatu mushriikota ta’uu isaanii haaluuf yaalu. Garuu keeyyata lammaffaa irratti kaafironni Allaah duraa kan dhokfatan wanti kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaa dubbata.  

  1. Gantoonni jaamota moo miti?

Jaamota dha: Suuraa 2:17-18 “Fakkeenyi isaanii akka fakkii isa ibidda qabsiifatee, yeroma isheen waan naannoo isaa ibsitu Rabbiin ifnana isaanii adeemsisee dukkana keessatti haala hin argineen isaan dhiiseeti. (Isaan) duudaa, arraba qabamaafi jaamaadha. Kanaafuu (gara karaa qajeelaa) hin deebi’anu.”

Hanga ta’e ni ilaalu: Suuraa 2:20 “Calanqichi ija isaanii butuutti dhiyaata. Dhawaata isaaniif ifuun isa keessa deemu. Yeroo isaan irrati dukkanaa’e immoo ni dhaabatu. Rabbiinis odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa tura. Dhugumatti, Rabbiin waan hunda irratti danda’aadha”.

Keeyyata jalqabaa keessatti akkuma arginu gantoonni gonkumaa ilaaluu kan hin dandeenye jamoota yommuu ta’an, fakkeenyi ittiin isaaniif ibsame ammoo akka nama ibidda qabsiifatee ittiin adeemuu yommuu jalaa badu dhaabatu, akkuma kana ammoo Allaan ifaan isaan adeemsisuun dukkana keessatti isaan dhiisuu isaa ti. Garuu keeyyata lammaffaa keessatti gantoonni jaamota ta’uu dhiisuu isaanii fi fakkeenyi isaan ittiin ibsamanis yeroo bokkaan roobee bakakkaan balaqqeessa’u ifa isaa ilaaluun akkuma deeman yommuu dukkanaa’u akkuma dhaabatan namoota akkanaa ta’uu isaanii nutti dubbatameera. Kanaafuu“…Rabbiinis odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa tura” gaaleen jedhu namooti kun jaamota ta’uu dhiisuu isaanii fi ilaaluu akka danda’an nuuf mirkanneessa. Kanaafuu gantoonni jaamota dha moo miti?

Keeyyatawwan kana keessatti faallaa biroo hubanna. Kunis keeyyati jalqabaa gantoonni jaamotaa fi dhageettii kan hin qabaanne ta’uu isaanii kanaafis deebi’uu akka isaan hin dandeenye cimsuun yommuu dubbatu, keeyyati lammaffaan ammoo “Rabbiinis odoo fedhee dhageettiifi agartuu isaanii ni deemsisa tura” jechuudhaan namooti kun akka ilaalanii fi dhaga’an karaa biraan ibsuun yaada kan duraan faallessa. Kanaafuu kamtu dhugaadha?

  1. Kanneen itti fufanii jiran keessaa Muhammad isa kamiidha?

Akeekkachiisaa qofa: “Ati akeekkachiisaa qofa” (Suuraa 11:12). Akkasumas (Suuraa 38:65).

Gammachiisaa fi akeekkachiisaa: Suuraa 34:28 “Nuti nama hundaaf walumaagalatti gammachiisaa fi akeekkachiisaa goone malee si hin ergine. Garuu irra hedduun namootaa hin baakanu.”  Akkasumas (Suuraa 11:2, 35:24).

Ragaa, gammachiisaafi akeekkachiisaa: Suuraa 33:45 “Yaa nabiyyichaa! Nuti ragaa, gammachiisaa fi akeekkachiisaa goonee si erginee jirra.” Akkasumas (Suuraa 48:8, 6:48).

Sodaachisaa ifa bahaa qofa:  Suuraa 22:49 “Yaa namootaa! Ani isiniif sodaachisaa ifa baha amalee hin taane.”

Suuraa 27:92 “ “…Namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma isaatiifi. Nama jallates, “Ani akeekkachiiftota irraayi” jedhiin”

Suuraa 34:46 “…Inni akeekkachisiaa adaba cimaa dura isiniif (ergame) malee waan biraa hin taane.”

Allaah waliin dhimma tokkorratti murtii kan laatu: Suuraa 33:36 “Mu’uminaafi mu’umintittiif yeroo Rabbii fi ergamaan Isaa dhimma tokko murteessan…”

Nabiyyii: Suuraa 65:1 “Yaa Nabiyyichaa.” Akkasumas (Suuraa 33:50, 33:38).

Keeyyati armaan oliin ibsaman Muhammad haala kamiin ergamuu isaa kan dubbatan yommuu ta’an walii isaaniin kan faallessaniidha. Keeyyati jalqabaa akeekkachiisaa qofa ta’uu isaa nutti dubbata. Jechi (qofa) jettu addaa ta’uu isaa kan argisiiftu yommuu taatu wanta jedhameen alatti kan biroo ta’uu hin danda’u jechuudha. Kanarrraa ittii fufuunis gochaa tokko sababeeffachuun “gammachiisaa fi akeekkachiisaa qofadha” nuun jedha. Kanaafuu armaan oliin “akeekkachiisaa qofa” kan jedhuun faalleesseeera jechuudha. Kanarraa itti fufuunis ammoo gocha tokko sababeeffachuun “ragaa, gammachiisaa fi akeekkachisiaa” ta’uu isaa nutti dubbata. Kana hundumaan faallessuun ammoo “akeekkachiisaa ifaa qofa” nuun jedha. Itti fufunis Allaah waliin wanta tokkorratti murteessuu kan danda’uu Nabiyyii fi murteessaa ta’uu isaa nutti dubbata. Akeekkachiisaa qofa yoo ta’e ragaa, gammachiisaa, akeekkachiisaa, kan murteessuu fi Nabiyyii miti jechuudha? Gammachiisaa fi akeekkachiisaa qofa erga ta’ee ragaa, akeekkachiisaa, murteessaa fi Nabiyyii miti jechuudha? Ifaatti akeekkachiisaa qofa yoo ta’e kan hafan hundi ta’uu dhiisuu danda’u jechuudha? Baay’inni faallaa isaa ti ifaadha.

  1. Bal’inni Jannataa hangam ta’a?

Hamma lafaa fi samiiwwan tokkoo olii ti: Suuraa 3:133 “Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’ee fi gara jannata warra Rabbiin sodaataniif qophooftee kan bal’inni ishee akka samiif dachi taateetti ariifadhaa.”

Hamma lafaa fi samii tokkoo ti: Suuraa 57:21 “Gara araarama Gooftaa keessan irraa ta’eefi jannata bal’inni ishee akka bal’ina samiif dachii ta’eetti wal dnetomaa…”

Afaan Amaaraatti kanneen hiikan faallaa isaa balleessuuf bakka tokko irratti “bal’ina ishee” jechuudhaan bakka biraatti ammoo “dheerina ishee” jechuudhaan yoo hiikan iyyuu afaan Arabaan garuu “arduha” kan jedhu jecha walfakkaataatti fayyadameera. Kanaafuu keeyyati lamaan waa’ee bal’ina Jannataa kan dubbataniidha. Kanaafuu bal’inni Jannataa kan lafaa fi samiiwwan hedduu moo hamma lafaa fi samii tokkoo ti? Kamtu dhugaadha?

  1. Maleeykonni abboomii Allaaf yeroo hundaa abboomamu moo hin abboomamani?

Yeroo hundaa ni abboomamu: Suuraa 16:49-50 “Lubbu qabeeyyii irraa wanti samii keessa jiraniifi Wanti dachii keessa jiran, maleeykonnis Rabbiif sujuuda godhu. Isaanis hin boonanu. Gubbaa isaanii irratti Gooftaa isaanii sodaatu; waan itti ajajamanis ni dalagu.”

Yeroo tokko tokko hin abboomaman: Suuraa 2:102 “Waan shayxaanonni bara motummaa Sulaymaan keessa qara’aa turan hordofanii jiru. Sulaymaanis hin kafarre. Garuu shayxaanonni sihriifi waan malaa’ikoota lamaan Haaruutiifi Maaruut irratti Baabiil keessan buufame nama kan barsiisan ta’anii kafaran. Isaan (malaa’koonni) lamaan nama tokkos odoo “Nuti mokkoroof dhufnee hin kafarinaahin jedhin (sihrii) hin barsiisanu. (Namoonnis malaa’ikoota) lamaan irraa waan ittiin dhirsaafi niitii addaan baasan baratu. Isaanis nama tokko hayyama Rabbiitiiin ala kan miidhan hin taane. Waan isaan miidhu malee isaan hin fayyadne baratan. Dhugumatti, isaan (yahuudonni) akka warri isa (sihrii) jijjiirrate Aakhiratti qooda hin qabaanne sirriitti beekaniiru. Odoo kan beekan ta’anii, wanti isaan lubbuu isaanii itti gurguran waa fokkate!”

Keeyyata jalqabaa keessatti Maleykonni Allaaf abboomamoo ta’uu isaanii kan dubbatame yommuu ta’u akka amantaa Musliimotaatti yakka hojjcchuuf fedha bilisa ta’e hin qabaatan. Keeyyata lammaffaa keessatti garuu maleeykonni lama waa qara’anii fi jallinaan namoota barsiisan akka turan nutti dubbatameera. Akka odeeffannoowwan Islaamummaatti Haaruutii fi Maaruut gara lafaa dhufuun yakka keessa kan galan Maleyokota lamadha. (Mahmoud M. Ayoub, The Qur’an and its Interpreters, pp. 130-131).

Barreeffama biroon ammoo dursinee akkuma argine Sheyxanni Maleykaa kan ture yommuu ta’u Allaaf abboomamuu dhiisuu isaa Qur’aanni nutti dubbata. Bakka biraatti ammoo Jiinnii akka ta’e dubbachuu isaatiin faallaa biraadha malee Maleykaa akka hin taane dubbatamuu dhiisuu isaa hin mirkaneessu.

  1. Dubbii Zakkaariyaas (Zakariyyan) fi Maleykaa- gabaasa lamaan-faallaa hedduu qabaachu isaanii

Ergamaan gara Zakkaariyaas dhufuun waa’e dhalachuu Yohannis(Yahiyaan) dubbachuu isaa gabaasa lamaan Qur’aana keessatti dubbatameen gidduu faallaa hedduun in argama. Erga dubbifannee booda faallaa isaanii tarreessina.

Gabaasa tokko: Suuraa 3:38-41 “Bakka sanatti Zakkariyyaan “Gooftaa kiyya! Ati Suma biraa ilmaan gaarii naaf kenni. Dhugumatti Ati dhagayaa kadhaati” jedhe. Malaa’ikoonnis isaa mihraaba keessa sagadaaf dhaabbachaa jiruu “Dhugumatti Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa ta’e, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaaggaarii irraa ta’een si gammachiisa’ (jettee) isatti lallabde. (Innis) “yaa Gooftaa kiyya! Sila ani odoo dhugaatti dullumni na qabee jiruufi niitiin kiyyas maseena taateejirtu akkamittin ilma argadha?” jedhe. (Rabbiinis) “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” jedheen. (Innis) “yaa Gooftaa kiyya! mallattoo naaf taasisi” jedhe. (Rabbiinis) “Guyyoota sadi mallatoon malee namootatti dubbachuu dhabuudha. Gooftaa keetiis baay’inaan faarsi. Galgalaa fi ganamas Isa qulqulleessi” jedheen.”

Gabaasa lama: Suuraa 19:2-11 “(Kun) rahmata gooftaan kee Gabricha Isaa Zakariyyaaf (godhe) dubbachuudha. Yeroo inni Rabbii Isaa waamicha dhoksaa waame (dubbadhu). “Rabbii kiyya!Ani lafeen kiyya laafte; mataan kiyyas Arrii makatee; Rabbii kiyya ani kadhaa keetiin hoonga’aa hin taane” jedhe. “Ani booda kootii firoota kiyya sodaadheen jira. Niitiin kiyyas maseentuudha. Suma bira Ilma naaf kenni. “Kan ana (amantii kiyya) dhaaluufi kan sanyii Ya’aquub irraas dhaalu. Yaa Gooftaa kiyya! Jaallatamaas isa taasisi.” (Rabbiin ni jedhe): “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna.” (Zakariyyaan) ni jedhe; “(Yaa) Rabbii kiyya! Odoo haati manaa koo maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga’ee jiruu akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?” Ni jedhe: “Dhimmichi akkuma kana. Rabbiin kee ‘Kun anaaf laafaadha. Dhugumatti, ani kana dura si’ii homaa hin turiin si uumeen jira’ jedhe.” (Zakariyyaanis) ni jedhe: “(Yaa) Rabbii kiyya! Mallattoo wahii naaf godhi.” (Rabbiinis) ni jedhe: Mallattoon kee halkan sadiifi odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dhabuudha. Ergasii iddoo sagadaa keessaa ummata isaa irratti gadi ba’ee, ganamaa fi galgala Rabbiin qulqulleessuu mallattoon itti beeksise.”

Seenaa kana keessatti faallaan hedduu ta’e in argama. Fakkeenyaaf yoo jedhame:

  • Dubbii Maleykaa fi Zakariyyaa keessaa kamtu dhugaadha? Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa ta’e, caalaa, qunnamtii saalaa irraa eegamaafi nabiyyii gaggaarii irraa ta’een si gammachiisa (jettee) isatti lallabde jedhen moo yokiin Maleykichi Zakarriyaasiif “Yaa Zakariyyaa! Dhugumatti, Nuti ilma maqaan isaa Yahyaa ta’e, kan kana dura maqaa isaa eenyuufillee hin taasisiniin si gammachiifna” jedhe.” Maleeykichi ibsa maqaan ramaddii sadaffaan yommuu adda baasu “…si gammachiisa” jechuudhaan dubbate moo yokiin ibsa maqaa ramaddii sadaffaa “…si gammachiifna” jedheen?
  • Keeyyata jalqabaa keessatti kan dubbate Maleykaa yommuu ta’u “Allaan…si gammachiisa” jechuudhaan ibsa maqaa ramaddii sadaffaan dubbata. Isa lamaffaa keessatti garuu “Si…gammachiifna” dubbiin jedhu kan Allaah yommuu ta’u gidduu galuu Maleykaa malee Allaah fi Zakaarriyaa yommuu waliin dubbataniidha. Kanaafuu Maleykaan ergameera moo hin ergamne? Karaa lamaan kanaan Maleykaan erga ergamee isa lammaffaa keessatti dubbiin isaa Maleykaa fi Zakaarriyaa gidduutti ta’uu isaa mannaa Zakaarriyaa fi Allaah gidduuttii akkamiin ta’e?
  • Zakaariyaan maal jedhee deebise? (Innis) “Yaa Gooftaa kiyya! Sila ani odoo dhugaatti dullumni na qabee jiruufi niitiin kiyyas maseena taatee jirtu akkamittin ilma argadha?” jedhee moo yokiin “(Yaa) Rabbii kiyya! Odoo haati manaa koo maseena taatee jirtuu, anis dulluma irraa hoonga ga’ee jiruu akkamitti ilmi naaf ta’uu danda’a?” jedhe. Dubbiin inni dhugaa isa kamiidha?
  • Deebiin Maleykichaa maal kan jedhu ture? “Akka kanatti Rabbiin waan fedhe hojjata” kan jedhuudha moo yokiis “Ni jedhe: “Dhimmicha akkuma kana. Rabbiin kee ‘Kun anaafi laafaadha. Dhugumatti, ani kana dura si’ii homaa hin turin si uumeen jira’ jedhe.”
  • Zakaariyyaa mallatoo yommuu gaafate deebiin isaaf laatame maal kan jedhu ture? “(Rabbiinis) Guyyoota sadi mallatoon malee namootatti dubbachuu dahbuudha. Gooftaa keetis baay’inaan faarsi. Galgalaa fi ganamas Isa qulqulleessi” kan jedhuudha moo yokiin “Mallattoon kee halkan sadihiif odoo fayyaa qabduu (Zikrii malee) nama dubbisuu dahbuudha” kan jedhuudha? Jalqaba irratti “Guyyoota” akka jedhamee fi lammaffaa irratti “halkaniin” jedhamuu isaa hubadhaa. Isa lammaffaa irratti (Zikrii malee) kan jedhu kanneen hiikaniin kan itti dabalame malee afaan Arabaa keessa hin jiru.

Kamtu dhugaa dha?

  1. Israa’elonni gara biyya abdii isaanii yommuu galan maal akka dubbatan ajajaman?

Israa’elonni biyya Gibxii ba’uun gara biyya abdii isaanii yommuu galan Allaan kan isaanitti dubbate ilaalchisee gabaasa lamaan kan walii isaaniin faallessan Qur’aana keessatti argamu. Haa dubbifannu:

Gabaasa tokkoffaa; Suuraa 2:58-59 “Yeroo Nuti? ”magaalattii kana seenaa; ishee irraas iddoo feetanii (nyaata) baldhaa nyaadhaa. Balbalichas sujuudaa seenaa. ”(Kadhaan keenyas badiin) nurraa harca’uudha” jedhaa, badii keessan isinifi araaramna. Warra toltuu hojjataniifis (mindaa) dabaluuf jirra” jennes (yaadadhaa). Warri miidhaa hojjatan (jecha isaaniin jedhame) jecha isa isaaniin in jedhaminitti jijjiiran. Waan isaan fincilaa turaniif jecha warra miidhaa hojjatan irratti adaba samii irraa ta’e buufne”.

Gabaasa lammaffaa: Suuraa 7:161-162 “Yeroo “magaalattii kana keessa jiraadhaa; ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa. ‘(kan nu feenu Badiin nurraa) harca’uudhas’ jedhaa. Balbalas sujuuda godhaa seenaa. Badiiwwan keessan isiniif dhiifna. (Mindaa) warra toltuu hojjataniis ni daballa” jedhamees (yaadadhaa). Isaan irraa warri miidhaa hojjatan jecha isaanin jedhameen ala isa biraa jijjiiran. Waan miidhaa hojjataa turaniif jecha adaba samii irraa isaan irratti ergine.”

Gabasonni kun faallaa hedduu of keessatti qabateera.

  • Israa’elonni dhugaatti maal jedhaman? “magaalattii kana seenaa” moo yokiis “magaalattii kana keessa jiraadhaa” kan jedhuudha?
  • “ishee irraas iddoo feetanii (nyaata) baldhaa nyaadhaa” moo yokiis “ishee irraa bakka feetanii nyaadhaa” kan jedhuudha?
  • “ Balbalichas sujuudaa seenaa” moo yokiis “Balbalas sujuuda godhaa seenaa” kan jedhuudha?
  • “Warra toltuu hojjataniifis (mindaa) dabaluuf jirra” moo yokiis “(Mindaa) warra toltuu hojjataniis ni daballa” kan jedhuudha?

Isa kamiin fudhannu?

  1. Allaan Musee (Muusaan) maal jedhe?

Gabaasa tokko: Suuraa 27:9-12 “Yaa Muusaa! Dhugumatti, Inni Ana Allaah injifataa, ogeessa ta’eedha. Ulee keetis darbi. “(Ni darbes) yeroma akka bofaatti kan isheen sochootu argu, of duuba deebi’uun garagale; of duubas in ilaalle; “Yaa Muusaa! hin sodaatin; dhugumatti ani ergamtoonni nabiratti hin sodaatanu. Garuu Namni miidhaa dalagee ergasii hamtuu boodaan toltuu bakka buuse dhugumatti Ani (isaaf) araaramaa, rahmata godhaadha. Harka keetis bobaa kee keessa seensisi, isheen fokkaachuudhan maletti adii taatee baati; mallattoowwan saglaniin gara Fir’awniif umamta isaas (deemi). Dhugumatti isaan ummata finciltoota ta’anii jiru.”

Gabaasa lama: Suuraa 28:30-32 “…Yaa Musaa! Dhugumatti, Ani Allaah Rabbii aalama hundaati” jechuun itti lallabame. Ulee kee darbi” (jechuunis itti lallabame). Yeroma akka waan bofa taateetti kan sochootu taatee ishee argu, of duuba deebi’ee dheesse; of duubas hin mil’anne. “Yaa Musaa!” As garagali; hin sodaatinis. Dhuguamtti, ati warra nagaa bahan irraayi” (jedhameen). “Harka kee bobaa kee keessa seensisi. Fokkina tokko malee adii taatee baati. Sodaa irraas harka kee gara cinaacha keetiitti maxxxansi. Isheen kun lamaan mallattoolama kan Rabbii kee irraa gara Fir’awniifi qondaaltota isaatti ergamanii dha. dhugumatti, isaan namoota finciltoota turan.” (Jedhameen). 

  • Allaan dhugaatti maal isaatiin jedhe? “Yaa Muusaa! Dhugumatti, Inni Ana Allaah injifataa, ogeessa ta’eedha” jedhe moo yokiis “Yaa Musaa! Dhugumatti, Ani Allaah Rabbii aalama hundaati”jedhe?.
  • “Yaa Muusaa! hin sodaatin; dhugumatti ani ergamtoonni nabiratti hin sodaatanu” moo yokiis ““Yaa Musaa!” As garagali; hin sodaatinis. Dhuguamtti, ati warra nagaa bahan irraayi” jedhe?
  1. Sabni bara Loox (Luux) kan turan deebiin Looxiif deebisan isa kamiidha?

Suuraa 27:55-56 “Sila isin fedhii qunnamtii saalaatiif dubartii dhiiftanii dhiira waliin raawwattuu? Dhugumatti isin ummata wallaatota. Deebin ummata isaas “Maatii Luux magaalaa keessan irraa baasaa; Dhugumatti, isaan namoota qulqulleeffatanii” jechuu malee hin taane”

Suuraa 29:29 “Sila isin (qunnamtii saalatiif) dhiiratti dhuftuuf?! (Saamichaanis) karaa kuttuu?! Iddoo Yaa’ii keessani keessattis gochoota jibbamoo ta’an raawwatuuf?! Deebiin ummata isaa “Yoo warra dhugaa dubbatan irraa taateef, adaba Rabbiitiin nutti kottu” jechuu malee homaa hin taane”.

Suuraa 26:165-167 “ “Sila isin (qunnamtii saalaatiif) alaama irraa dhiirotatti dhuftuu? Waan gooftaan keessan haadhotii namaa keessan irraa isiniif uumes ni dhiiftuu? Dhugumatti isin ummata daangaa dabritoota” (jedhe). (Isaanis) ni jedhe: “Yaa Luux! Yoo (waan jettu irraa) hin dhnetamiin dhugumatti warra (biyyarraa) baafaman irraa taata.

Yaadni keeyyatawwan sadan kanaa walfakkaataa yommuu ta’u gaaffiiwwan deebi’aman jedhaman garuu baay’ee garaa garaa kan ta’anii fi walii isaaniin faallessaniidha. Keeyyati jalqabaa namooti kan dubbatan kana qofaadha yommuu jedhu, keeyyati lammaffaan ammoo wanta deebii kan jalqabaan adda ta’e dubbachuu isaanii fi kanaan alatti wanta biroo kamiyyuu dubbachuu dhiisuu isaanii nutti dubbata. Keeyyata sadaffaa yommuu ilaallu dubbii lamaan isaaniin adda ta’e nuuf dhiyeessa. Kanaafuu isa kamiin fudhannu?

  1. Harka Musee (Muusaa) ilaalchisee Allaan maal jedhe?

Gabaasa tokko: Suuraa 20:22 “Harka kee gara cinaacha keetiitti maxxansi. Mallattoo biraa ta’uun dhibee (tokko) malee adii taatee baati”

Gabaasa lama: Suuraa 27:12 “Harka keetis bobaa keee keessa seensisi, isheen fokkachuudhaan maletti adii taatee baati;….”

Faallaan isaa ifaa ta’uu isaatiin ibsatti kennuun barbaachisaa miti.

___________________________________________

Hayyooti Musliimaa faallaa Qur’aana keessa jiru balleessuuf  gocha lama raawwataniiru. Inni jalqabaa Naasiik Walmansuuk (haquu fi haqamuu) kan jedhu barumsa cimsuudha. Barumsi kun bara Muhammad hundeen isaa kan jalqabame yommuu ta’u keeyyati walii isaaniin faallessan lamaan Qur’aana keessa yoo jiraatan duraa duuba yeroo isaatiin inni boodaa kan duraatiin haqa (mulqa) kan jedhuudha. Garuu deemsi kun hanga ta’e faallaawwan abboommii gidduu jiru hambisuuf malee faallaa kanneen kaan hambisuuf hin tajaajilu.

Hayyooti Musliimaa kanneen jalqabaa faallaa Qur’aana keessa jiran balleessuuf kan fayyadaman tooftaan rifaachisaa kan biroo kutaawwan Qur’aanaa kanneen biroo waliin faallessan keeyyata Qur’aanaa balleessuudha. Fakkeenyaf yoo jedhame Suuraa 33:6 irratti “Nabiyyiin mu’umintootatti lubbuma isaanii irrayyuu itti aanaadha. Haadholiin manaa isaatis haadholii isaaniiti” kan jedhu keessatti Qur’aanni Ubey Biin Kaa’ib “akkasumas inni abbaa isaanii ti” jechuudhaan Muhammad abbaa Musliimotaa ta’uu isaa dubbata (Abdullah Yusuf Ali, The Holy Qur’an, p. 1104, footnote 3674). Garuu barreeffamni kun bakkuma kana Suuraa 33:40 irratti “Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkoos hin taane…” barreeffamni jedhu argamuu isaatiin barreeffamni Ubey Biin Kaa’ib sirrii ta’uu isaa yoo amanamaa ta’e iyyuu, Qur’aana Usmaan keessaa akka haqamu godhameera. Musliimoti kanneen jalqabaa barreeffama kana haquun faallaan isaa akka hin jiraanne otuu hin goone ta’ee Musliimoti bara keenyaa faallaa ifaa ta’e kana walitti araarsuuf rakkinni isaan argan yaaduun nama hin rakkisu. Bara Usmaanii fi Al-Hajaaj Qur’aana sirreessuu fi kooppiiwwan kanneen duraa gochi gubuu raawwatamuu isaatiin keeyyata faallaa hedduu argamsiisan Qur’aana keesaa akka balleeffaman godhamuu isaanii kan beeku Rabbii qofaa dha.

Itti fufa…

QUR’AANA