Islaamummaa fi Fannifamuu Masihiichaa

Islaamummaa fi Fannifamuu Masihiichaa

Islaamummaa fi Kiristiyaanummaan fannifamuu Masihichaa irratti yaadni isaan qabaatan gonkumaa faallaa kan ta’eedha. Fannifamuu fi duuti Yesuus yaada giddu gala Kitaaba Qulqulluu yoo ta’e iyyuu, garuu dhugaan kun garee Musliimotaa biratti mormii jabaa tu irratti godhamaa tureera. Taateen waggoota 2000n dura uumame kun garuu Raajota (Nabiiyyota) dura turaniin kan dubbatamee fi gabaasa raga-baatotaan kan guutame taatee seenaa ta’uu isaaf ragaawwan ga’aa ta’aniin ol dhiyeessuun in danda’ama. Fakkeenyaaf  raajii Isaayaas boqonnaa 53n dubbatamee fi guyyaan fannifamuu inni sirriin ifaatti kan raajame raajii Daani’el boqonnaa 9:25-26 dubbatame ibsuu dandeenya. Luqqisiiwwan kun Kakuu Moofaa keessatti kan argaman ta’uu isaaniin Kakuun Moofaan ammoo harka Yihuudotaa irratti kan argaman ta’uu isaanii yaadawwaan Kiristiyaanoti itti dabalan ta’uu gonkumaa hin danda’an.

Yihuudonni “Yesuus namni Naazireet fannoo irratti fannifamee du’uun isaa Masihicha ta’uu isaa hin mirkaneessu” ejjennoo jedhu ni qabaatu. Garuu raajiiwwan Kakuu Moofaa armaan oliin ibsamanii fi barumsi Kakuu Moofaa guutummaan isaa, ilmaan namaa badiisa bara baraa irraa akka oolaniif Masihichi lubbuu isaa dabarsee akka kenne haala dhugaa ta’een kan argisiisan ta’uu isaaniin, Kiristiyaanoti Yihuudotaan faallessuun Yesuus fannoo irratti du’uu isaaf raajiin dubbataman raawwatamuu isaanii kan mirkaneessu ta’uu isaa itti amanu. Bara Yesuus Kiristos jiraachaa ture kan turanii fi dhimma kanaaf itti dhiyeenya qabaachaa kan turan barreessitoota seenaa yoo ta’aniyyuu fannifamuu Masiihichaa dubbii dhugaa ta’een gabaasanii darbaniiru. Fakkeenyaaf yoo jedhame itti fufanii kan jiraaniin ibsina:

Barreessaa fi abbaa taayitaa biyya Roomaa kan ture Qorneelewoos Taasitas dhaloota Kiristosiin booda bara 56-117, Kiristosii fi Kiristiyaanota ilaalchisee itti fufee kan jiruun barreesseera.

Maqaa Kiristos jedhamu kana kan argamsiise bara Xiibaariwos Qeesaar mootii ture gama bulchiinsaan gargaaraa kan ture abboommii Phaanxos Philaaxosiin ajjeefameera.[1]

Seenaan Taasitas barreesse yaadni isaa rakkina sammuu qabaachaa kan ture mootiin Neeroo magaalli Roomaa akka gubbattu ajaja kan dabarse ofii isaatiin ta’ee otuma jiruu yakka isaa Kiristiyaanotaan sababeeffachuu isaa kan dubbatuudha. Haala barreeffama isaatiin yommuu ilaallu, Kiristiyaanoti waaqolii Aramayaanotaa waaqeffachuu dhiisuu isaaniin Taasistas jibbuu isaatiin maqaawwan yaraa ta’an yoo isaaniif laate iyyuu garuu Kiristosiin ilaalchisee yaada seenaawwan Kitaaba Qulqulluu mirkanneessan ibseera. Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun akkuma dubbatu bara Xiibaariyoos Qeesaar mootii Yihudaa kan ture ajaja Phaanxos Philaaxosiin Kiristos ajjeefamuu isaa fi Kiristiyaanoti maqaa isaanii isarraa argachuu isaanii seenaa dhugaa dha. Taasitas nama Kiristiyaanota jibbu otuu ta’ee jiruu Kiristos fannifamuu isaa kan dubbatu amantaan Kiristiyaanotaa, namooti tokko tokko akkuma jedhan otuu seenaa kalaqame ta’ee isaan saaxiluu mannaa wanta isaan deeggaruu danda’u akka hin barreessine ifaadha. Raga-ba’umsi Taasitas, fannifamuun Kiristos saba yeroo sana turan biratti taatee seenaa ta’uu isaaf ragaa ga’aa ta’eedha.

Joosifes Filaaviyas (Yoseef walda Kooriyoon) jedhamuun kan beekamu barreessaan Yihudii fi Roomaa  dhaloota Kiristosiin booda bara 93-94 barreeffamoota kitaabota lamaan keessatti barreesseen Kiristosiin ibseera. Barreeffama kan jalqabaa keessatti waa’ee Kiristos akkana jechuudhaan dubbata:

“Yeroo kanatti nama jedhanii isaatiin waamuun kan isaaf malu yoo ta’e Yesuus kan jedhamu namni ogeessi jira ture. Hojiiwwan ajaa’ibsiisaa kan godhu, akka namoota kaanii dhugaan gammachuun kan fudhatuu fi barsiisaas ture.Yihuudotaa fi saba amantaa biroo ta’an gara isaatti fide. Innis Kiristos ture. Kanaafuu Philaaxoos namoota nu keessaa gurguddoo ta’an yaada isaan laataniin akka fannifamu itti murteesse. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’ee isaanitti mul’achuu isaatiin warri jalqaba isa jaallachaa turan hin daganneen ture. Kunis Raajoti (Nabiiyyonni) ergamtoota Waaqayyoo (Rabbii) ta’an isaan kanaa fi raajota dubbataman kanneen biroo kuma kudhanitti lakkaa’aman waa’ee isaa dubbachaa akka jiraniidha. Gosti Kiristiyaanaa isa irraa moggaasa kana argatan hanga ammaatti lafarraa hin balleeffamne.”[2]

Barreeffamni Baabiloonota Talmuudii jedhamu seenaa, barumsaa fi seenaawwan Yihudotaa of keessatti kan qabateedha. Barumsa Yihudotaa deeggaruun waaqummaa Yesusiin kan haalu yoo ta’e iyyuu garuu fannifamuu isaa ilaalchisee ragaan faayidaa qabessii nuuf kennu jira:

“Ayyaana jala bultii faasikaatti Yashuwaa (Yesuus) in fannifame. Du’uu isaatiin guyyaa afurtamaan dura namni waa labsu tokko as ba’uun ‘toshaa shaakaluun gara gantummaatti Israa’eliin fiduu isaatiin  dhagaan rukutama. Isaatiin deeggaruun wanna tokko dubbachuu kan danda’u kallattiin as ba’uun waa’ee isaa haa falmu ’ jechuudhaan dubbatee ture. Isaatiin kan deeggaru kamiyyuu dhiyaachuu dhiisuu isaatiin ayyaana jala bultii faasikaatti fannifame.”[3]

Gabaasa Talmuudii armaan oliin dubbifanneen yaadni Yihuudota kan jalqabaa akka seera isaaniitti Yesusiin dhagaan rukutanii ajjeesuu yoo ta’e iyyuu garuu, akka isaan yaadanitti otuu hin taane Yesuus akka aadaa Roomaanotaatti fannoorratti fannifamuun du’eera. Kunis waggoota dhibbaan lakkaa’amaniin dura Caaffata Qulqullaa’aa keessatti akkuma dubbatameedha. Gabaasni kun Yesuus uumamaan kan ta’an waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuu isaa fi ayyaana jala bultii faasikaa Yihuudotaa irratti fannifamuu isaa kan dubbatu jecha Kitaaba Qulqulluu dhugaa ta’uu isaa kan mirkaneessu ragaa ajaa’ibsiisaadha.

Falaasfaa Isxoo’ikootaa kan ture Maaraa Bar-Seeraapiyoon (Maaraa Walda Seeraapiyoon) mana hidhaa keessa ta’uun xalayaa itti fufee jiru ilma isaaf barreessee ture.

“Sooqiraaxisiin ajjeesuun namooti Ateens faayidaa maalii argatan? Yakka hojjetaniif hongee fi weerarri dhukkubaa akka addabbiin isaanitti dhufe. Namooti Saamoos Paayitaagorasiin gubuu isaaniin faayidaa maalii argatan? Lafti isaanii battalumaan cirracha galaanaan haguugame. Yihuudonni mootii ogeessa isaanii ajjeesuu isaaniin faayidaa maalii argatan? Mootummaan isaanii kana booda in diigame. Waaqayyo namoota sadan kanaaf murtoo dhugaa ta’een isaan simate. Ateenoti beelaan dhumaniiru. Saamosooti galaanaan liqimfamaniiru. Yihuudonni rukutamuun lafa isaaniirraa ari’atamuun guutummaatti bittimmaa’anii jiraataniiru. Paayitaagoras du’uun isaa gaarummaaf hin taane. Siidaa Heeraa jedhamu keessa jiraateera. Mootiin ogeessichi du’uun isaa gaarummaaf  hin taane. Barumsa ofii isaatiin barsiiseen jiraateera. ”[4]

Hammam iyyuu taanaan maqaa Kiristos yoo hin kaafne iyyuu yeroo fuula Philaaxoos dura dhaabate himanni irratti banaman keessaa ˱mootii Yihuudii gochuun of moggaase˲ kan jedhu tokko ta’uu isaa  falaasfaan kun mootii ogeessicha jedhee kan waame isaatiin akka ta’e nama hin shakkisiisu. Jeneraalli Roomaa Taayitas (Tiitoo) Yerusaalemiin kan balleessee fi Yihuudonni kan bittimmaa’an dhaloota Kirsitosiin booda bara 70 (Kiristos fannifamee waggoota 30n booda) ture. Maaraa Walda Seraapiyoon kan jiraate kutaa baroota jalqabaa ta’uu isaatiin barreeffamni isaa kun kan Kitaabni Qulqulluu dubbattu waa’ee jireenyi Kiristos dhugaa ta’uu isaaf ragaa guddaadha.

Kutaa baroota jaarraa lammaffaatti seenaa barreessaa lammiin Giriik kan ture Luushiyaan “Yesuus amantaa haaraa gara biyya lafaa fiduu isaatiin biyya Paalestaayinitti nama fannifameedha” jedheera.[5] Fileegoon kan jedhamu barreessaan biyya Roomaa “Yesuus yeroo jireenyaan ture of oolchuu hin dandeenye garuu erga du’ee booda du’aa ka’uun mallattoo rakkinaa argisiiseera, barruun harka isaatii Mismaaraan madaa’uu isaanii argisiiseera” jechuudhaan waa’ee du’aa ka’uu isaa barreesseera. Bara Yesuus waa’ee dukkana lafarraa turee fi sochii lafaa iyyuu barreesseera.[6]

Dabalatas Kakuu Haaraan alatti duuti Yesuus galmeeffamee kan argannu barreeffamoota abboota amantaa Kiristiyaana durii keessattiidha. Duuka buutu ergamticha Yohannis kan ture Pooliikaarp du’uu Kiristos nama irra deddeebi’uun barreesseedha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, barreeffamoota isaa jiran keessaa tokko “waa’ee yakka keenyaaf hanga du’aatti rakkina kan fudhate Gooftaa keenya Yesuus Kiristosi” jechuudhaan barreesseera. Hiriyaa Pooliikaarpiin kan ture Iignaaxiyoos gama isaatiin “dhugaatti rakkina erga fudhateen booda du’aa ka’eera…namooti Gooftaa keenya fannisan sodaan Waaqayyoo keessa isaanii kan hin jiraanne turan” jechuudhaan barreesseera.[7] Barreessaa amantaa Kiristiyaanaa kutaa jaarraa jalqabaa kan ture Yosxos wareegamtichi nama lammii Yihudii Tirfoo jedhamuuf deebii kenneen, Yihuudonni bara isaa turan “nama Galiilaa isa fannifame” jechuudhaan Yesusiin waamaa akka turan barreesseera.  [8]

Ragaawwan seenaa kun hundi haala jiraaniin Kitaabni Qulqulluun iyyuu Yesuus fannifamuu dhiisuu isaa yoo dubbate dogoggora hin ta’u? Fannifamuun Yesuus Kakuu Moofaatti kan dubbatame, Yesuus ofii isaatiin dursee kan dubbate, Kakuu Haaraatti raga baatota ergamtootaan kan gabaafame, barreeffamoota abboota Kiristiyaanaan kan gabaafamee fi barreessitoota seenaa Yihudii fi Aramaawiyaanotaan kan mirkaneeffame seenaa dhugaa ti. Gameessota qorattoota seenaa hanga ammaa jiran keessaa fannifamuu Yesuus kan haalu beekaan hin argamne. Kana mannaa shakkiin beektotaa hundi fannifamuu isaan otuu hin taane du’aa ka’uu isaa akka ta’e hubanna. Isa kanaaf ammoo sababni isaa haala ulaagaa seenaatiin gabaasni Kakuu Haaraa fudhatama dhabuu isaa otuu hin taane namoonni kun dhiibbaa uumamaatti amanuuf kan rakkatan ta’uu isaaniin qofa dha. Addunyaa irra kan jiru amanta kamiyyuu mannaa hundeen Kiristiyaanummaan ittiin ijaarameef seenaa ragaa qabaatu dhiyeeffachuuf ga’umsa qaba. Kanaafuu amantiin Kirsitiyaanotaa kanneen tokko tokko akkuma jedhan amantaa ragaa hin qabaanne otuu hin taane odeeffannoo dhugaa irratti kan hudeeffameedha.

Obboleeyyan keenya Musliimaa ragaawwan seena-qabeessa hedduun kan guutamee fannifamuu Masiihichaa fudhatama dhabsiisuun “hin fannifamne” jechuudhaan falmu. Isa kanaafis ragaa guddaan dhiyeessanis Qur’aana keessaa Suuraa An-Nisa’ii 4:157-158 irraa keeyyata argamuudha. Keeyyati kun waa’ee Kiristos fannifamuu dhiisuu isaa kallattiin akka dubbatu kan amanamu keeyyata Qur’aanaa tokkicha yommuu ta’u akkanaan dubbifama:

““Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeefame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakki keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hn ajjeefne.”

Musliimonni guutummaatti amanuun kan fudhatan gabaasni kun kan argame taatee seenaa isaatiin yeroonis ta’e bakkaan baay’ee irraa fagoo kan ture nama tokko irraa ti. Taateen kun raawwatamee waggoota dhibba ja’aan booda kan jiraate haala taa’umsa bakkaa kanaa iyyuu sirriitti nama beekne yaada isaa ragaa tokko malee akkamiin amanuu dandeenya? Gaaffii keenya isa jedhuuf Musliimoti obboleeyyan keenya deebiin isaan laatan “Eyyee! Wanti kun Allaan dubbii Nabiyyiif mul’iseedha! Kana fudhachuuf ragaan hin barbaachisu!” kan jedhu ta’ee arganneerra. Duuchaatti amanuu jechuun kanadha![9] Musliimoti obboleeyyan keenya yaada Qur’aana kanaaf deeggaraa kan ta’u kutaa jaarraa jalqabaa hanga bara Muhammadiitti yeroo jiran keessatti kan barreeffame galmee seenaa tokko akka nuuf ibsuu danda’an isaan gaafanna. Nuyi Kiristiyaanoti garuu Musliimonni kana gochuu akka hin dandeenye shakkii malee dubbachuu dandeenya. Sababni isaa fannifamuu Masiihicha malee fannifamuu dhiisuu isaa kan deeggaru gabaasni seenaa qoratame kamiyyuu hin jiru! Keeyyati Qur’aanaa armaan oliin ibsame ofii isaatiin iyyuu yaada dogoggoraa of keessaa akka qabaatu, guutuu akka hin taanee fi kanneen hiikaniin kan saaxilame ta’uu isaa  obboleyyan Musliimaa beekuun isaaniif mala. Dhugaa kana itti fufee kan jiruun ibsina.

Akka keeyyata kanaatti “Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra”kan jedhan Yihuudotadha. Garuu mee dhaabannee dubbii kana hubannaan haa ilaallu. Haala dubbii kanaan, Yihuudonni Yesuusiin Ergamaa Allaah fi Masiihii (Kiristos) jedhanii waamaniiru. Garuu Yihuudonni seenaa kamiiyyuu  keessatti Yesuusiin akka Ergamaa Waaqayyoo (Rabbii) fi Masihiitti fudhatanii hin beekan. Nama Yihudii tokkoof Yesuus nama Naazireet “Ergamaa Waaqayyoo fi Masihii” jedhee waamuun gantummaa guddaadha. Yihuudonni du’aaf Yesusiin dabarsanii kennuun isaanii Ergamaa Waaqayyoo fi isaan fayyisuuf kan dhufe Masihii ta’uu isaa waan hin fudhanneef miti? Kanaafuu “Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee” jedhanii akkamiin dubbachuu danda’an? Dubbiin kun afaan Yihuudota keessaa kan hin baane akkasumaan kan dubbatame yaada dogoggoraa ta’uun isaa ifaadha. Yihuudonni amantaa isaanif kan of eeggatan ta’uu isaaniin yaada akkanaa hin dubbatan. Waaqayyo wanta hundumaa inni beeku Yihuudonni “Ergamaa fi Masiihii” jedhanii Yesuusiin akka hin waamne waan beekuuf mul’ata akkanaa hin dubbatu. 

Musliimota hedduu biratti keeyyati kun Iisaan akka hin fannifamne dubbachuu isaatti yoo fudhatame iyyuu garuu dubbii kallattiidhaan “Iisaan hin fannifamne” akka hin jenne hubatamuu mala. Kanaafi, Ahimedistootaan kan fakkaatan gareewwan Musliimaa fi garee Sunnii keessaa gurguddoo kan ta’an amantaa Islaamummaaf kan falman otuu hin hafiin (fakkeenyaaf yoo jedhame Ahimad Diidaat fi Doktor Shaabiir Aalii) Iisaan fannoo irratti fannifamuu isaa garuu kan hin duune ta’uu isaa kan barsiisan. Musliimonni hedduun namoota kanneen hiikaniin jechoonni haammattuu keessa galfaman Qur’aana afaan Arabaa keessatti argamuu dhiisuu isaanii waan hin beekneef keeyyati kun Iisaan fannifamuu dhiisuu isaa ifaatti akka dubbatutti yaadu. Garuu jechooti itti dabalaman kun yommuu irraa hir’ifaman dhugaan keeyyatichaa ni beekama.

““Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeefame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakki keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hn ajjeefne.”

Keeyyatichi afaan Arabaan yommuu dubbifamu Iisaan kan hin fannifamne ta’uu isaa fi bakka isaa namni biroo fannifamuu isaa gonkumaa hin dubbatu. Garuu keeyyatichi kan dubbatu Yihuudonni Iisaa kan hin fannifnee fi hin ajjeefne ta’uu isaanii ti. “hin ajjeefne, hin fannisnes” jechooti jedhan “hin ajjeefamne, hin fannifamne” jedhamanii akka hiikamaniif kan dirqisiisu fakkeenyaanis ta’e dhugaan sababni kenname hin jiru. Keeyyatichi kan dubbatu Yihuudonni Iisaa kan hin ajjeefnee fi hin fannifne ta’uu isaanii malee Iisaan namoota kanneen biroon fannifamuu fi ajjeefamuu dhiisuu isaa miti.

Yesuus akka fannifamuuf Yihuudonni warra Roomaaf dabarsanii kennuu isaaniin akka isa fannisanii fi ajjeesanitti yoo dubbatame iyyuu, garuu haalaan fannifamuu isaa kan raawwatan Roomaanotadha. Bara Yesuus Yihuudonni bittaa jalaa waan turaniif eenyumaan iyyuu ajjeesuuf mirgaa fi aboo isaa hin qabaatan ture. Fannoo irratti fannisanii ajjeesuunis aadaa isaanii miti. Bara sana namoota irratti murtoo du’aa raawwachiisuuf mirgaa fi aboo isaa kan qabaatan koloneeffatoota kan ta’an Roomaanotaa ture. Fannoon adabuun aadaa isaanii ture. Kanaafuu Yihuudiin bara sanaa Yesuusiin dabarsanii kennuu isaaniin fannifamuu fi du’uu isaaf kan itti gaaafataman yoo ta’an iyyuu, gocha isaa kallattiin hojiitti kan hiikan kanneen isaaniin koloneeffatan Roomaanota malee isaan ta’uu dhiisuu isaanii gama kanaan yoo yaadame Yihuudonni hin ajjeefne, hin fannifnes. Garuu galmeewwan seenaa akkuma dubbatan Roomaanoti isaatiin fannisaniiru. Du’aa ka’uunis gara waaqaatti ol ba’eera.

Keeyyati kun karaa biroon hiikamuu danda’a. Yihuudonni dhugaatti Yesuusiin fannisaniiru, ajjeesaniiru yoo jenne iyyuu, Qur’aanni “hin ajjeefne, hin fannifne” jechuudhaan dubbachuun isaa, ajjeeffamuu fi fannifamuu dhiifamuu isaa  kan hin argisiifne sababni ifaa ta’e tokko jira. Yihuudonni Iisaa yoo fannisanii fi ejjeesanii iyyuu garuu gocha kana akka raawwatan kan heeyyame Allaah waan ta’eef, isaatiin kan fannisanii fi ajjeesan yoo itti fakkaate iyyuu garuu humnaa fi aboo mataa isaaniin  kana gochuu dhiisuu isaaniin hin fannifne, hin ajjeefnes. Yaadni hiika kana caalaatti ifaa nuuf godhu Qur’aana 8:17 irratti argama: “Isin isaan hin ajjeefne. Garuu Rabbitu isaan ajjeese. Yeroo darbattus ati hin darbanne. Garuu Rabbiitu darbate” jedha.

Akka keeyyata kanaatti Musliimota diinota isaanii yoo ajjeesan iyyuu garuu “heeyyama Rabbiin” kana waan raawwataniif isaan hin ajjeefne garuu Rabbiitu isaan ajjeese. Diinota isaanii jaamsuuf yeroo Muhammad biyyee darbatan “heeyyama Rabbiin darbachuu isaaniin” isaan hin darbanne garuu Rabbiitu darbate malee. Keeyyata kanarraa wanti barannu yoo jiraate namoonni heeyyama  Rabbiin wanta tokko yoo raawwatan dubbii kana raawwachuu isaanii otuu hin taane akka Rabbii raawwatetti ilaalamuu isaa ti. Kanaafuu haala kana fakkaatuun Yihuudonni Iisaa yoo fannisanii fi ajjeesan iyyuu garuu heeyyama Rabbiin malee mirgaa fi aboo mataa isaaniin waan hin raawwanneef “isaatiin hin ajjeefne hin fannifne”. Kanaafuu dhaadachuudhaan “ajjeefneerra” jedhanii dubbachuun isaanii sirrii miti. Hiika kana luqqisiiwwan Kitaaba Qulqulluu itti fufanii jiran waliin ilaaluuun ni danda’ama (Hojii Ergamootaa 2:23-24, 3:18, 4:27-28, 1Phexros 1:19-20, Mul’ata Yohannis 13:8).

Qooda Yesuus fannifamuun namni biraa fannifamuu isaa kan amanan Musliimonni, Suuraa 4:157 yaada isaanii kan deeggaru fakkeessuuf jechoota hammattuu keessa galchuun akkuma hiikan, akkuma kana ammoo armaan oliin kan jiran hiika lamaaniin akka deeggaru gochuuf haala itti fufee jiruun barreessuun ni danda’ama.

““Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeefame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakki keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hn ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera.”

Yokiin:

““Nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti fakkeefame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakki keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban. Qabatamaatti isaan isa hn ajjeefne. Dhugumatti Rabbiin gara isaatti ol isa fuudhe. Rabbiinis injifataa, ogeessa ta’eera.”

Egaa Musliimonni sobaa fi hiika garaa garaaf kan saaxilame keeyyata kanaan ture fannifamuu Kiristos fudhatama dhabsiisuuf akka ragaatti kan ibsan.

Iisaan akka fannifame garuu yeroo fannoorra ture kan hin duunee fi of wallaaluu isaa kan dubbatu yaadni, yeroo ammaa keessumaa Musliimota baratan biratti bal’inaan fudhatama argachaa dhufeera. Yaadni kun “yaada of wallaaluu (Swoon Theory)” jedhamuun kan beekamu yommuu ta’u, Varchuurnii nama jedhamuun dhuma kutaa baraa jaarraa kudha salgaffaatti kan eegalameedha. Amantaa Musliimaaf adda durummaan falmaa kan turan Sheh Ahimad Diidaat [10] fi falmitoonni bara keenyaa beekamoo ta’an Doktor Shaabiir Aalii [11] fakkaatan Musliimonni in jajatu. Gareewwan Islaamummaa keessaa “”Nation of Islam (NOI)” kan fakkaatanii fi garreewwan Ahaamedistoota akka ejjennoo (ibsa) amantaa itti fudhataniiru. Yaada kana kan deeggaran gareewwanis ta’e amantaa Musliimaaf kan falman Suuraa 4:157 irra dubbii jiru armaan oliin kan barreessine karaa lamaaniin hiikamuun isaanii,  Musliimonni biyya keenyaa hedduun isaanii dhugaa itti yaadanii hin beekneedha. Musliimonni hiika armaan oliin barreeffamaniin morman falmiin isaanii nuu waliin otuu hin taane amantaa kan obboleeyyan isaanii waliin ta’uu isaa ti!

Iisaan otuu hin du’iin gara samiitti ol ba’eera barumsi jedhu amantaa Musliimaa keessatti barootaaf fudhatama argachaa tureera. Garuu Musliimonni yeroo fannifamuu isaa haala turee fi bakka Yesuus fannifameera jechuudhaan waa’ee nama isa yaadanii dubbatanii maalummaa isaa seenaa keessatti gonkumaa walitti dhufuu hin danda’an. Armaan oliin akkuma ilaalle, namni bakka isaa fannifame eenyu akka ta’e Qur’aanni gonkumaa hin dubbatu. Kanaafuu kanaan ilaalchisee  barumsi Islaamummaa amma jiru shakkii irratti kan hundaa’e ta’uu isaatiin beektota Musliimaa garaa garteef isaan saaxileera. Namoonni tokko tokko Yihuudota keessaa tokko fannifameera jechuudhaan yommuu dubbatan, kanneen kaan ammoo inni fannifame loltoota Roomaa keessaa tokkodha jedhu. Duuka buutota Iisaa keessaa tokko fedha isaatiin du’uu waan barbaadeef bifa Iisaa Rabbi isaaf kennuun fannifameera kan jedhanis jiru. Maqaa “Kitaaba Barnaabaas” jedhamuun bara giddu-galeessaatti nama Musliimaa tokkoon kitaaba barreeffameen ammoo bakka isaa kan du’e Yihuudaadha jedha. Garuu yaadawwaan Islaamummaa kana hundumaaf deeggarsa kan kennu keeyyanni tokko iyyuu Qur’aana keessa hin jiru. Qur’aanni bakka isaa du’eera kan jedhame maqaa nama tokkoo ibsuu mannaa namni biroon du’uu isaaf iyyuu odeeffanoo hin laatu. Dursinee akkuma ibsine “…Isaanitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne” gaalee jedhu keessatti hammattuu keessa kan galfame “namni ajjeefame Iisaatiin” yaadni jedhu namoota hiikaniin kan itti dabalame malee Qur’aana afaan Arabaa keessa hin jiru.

Bakka Iisaa namni biroon fannifameera kan jedhu yaadni Musliimotaa (Substitution Theory) jedhamuun kan beekamu yommuu ta’u, yaadni kun gaaffiiwwan fiduu danda’uu keessaa muraasa isaanii akka itti fufee jiruun kaafna:

  1. Yaadni kun gabasa seenawaa waliin faallessa. Gabaasa seenaa kamiin iyyuu deeggarsa hin qabaatu. Mul’ata nama tokkoon galmee seenaa haquun amantii gatii hin qabaanne hin taasisu?
  2. Allaan otuu Iisaan homaa hin ta’iin gara ofii isaatti fudhachuu erga danda’ee bakka isaa ammoo namni biraan akka ajjeefamu gochuun isaa faayidaan isaan maaliidha?
  3. Qooda Iisaa namni biraan akka fannifamuuf otuu Allaan haalota hin mijeessinee fi bifa namtichaa bifa Iisaa waliin hin fakkeessine ta’ee fannifameera barumsi jedhu hin babal’atu ture. Kanaafuu jireenyi Kiristiyaanotaa biiliyoonaan lakkaa’aman Allaatiin hin gaddisiisuu? Maaliif hojii fakkeessuu kana hundumaa hojjechuun Kiiristiyaanummaan akka uumamu godhe?
  4. Bifti Iisaa kan fakkaatu diinota isaaf moo yokiis hiriyoota isaa dabalatee ti? Namoota lamaan kanaaf yoo ta’e Allaan amantoota duuka buutota isaa turan gowwomsuun maaliif isa barbaachise? Diinota isaaf qofa yoo ta’e hiriyoota isaa keessaa tokko iyyuu fannifamuu dhiisuu isaa maaliif hin gabaafne?
  5. Qooda Iisaa fannifameera namni jedhame yeroo fannoo irra ture agartuuwwan isaaniin ilaalaa kan turan namoonni jiraachuun isaanii hin haalamu. Kanaafuu namoonni garee diinota isaa biraa hin taane kun nama fannifame kana yommuu ilaalan kan isaanitti mul’atu bifa Iisaa moo yokiis bifa namtichaa ti? Bifa Iisaa yoo ta’e waa’ee taatee fannifamuu ragaa ba’uu kan danda’an waa’ee Iisaa fannifamuu isaa ti. Garuu kan fannifame nama biroo waan ta’eef raga-ba’umsi isaanii soba ta’a jechuudha. Namoonni kun haala isaan hin beekneen sobaan ragaa ba’uun dogoggoranii kanneen kaaniin raga-ba’umsa isaaniin akka dogoggorsan kan godhe Allaan karaa ittiin dogoggorsan kanaan fayyadamuuf maaliif filate? Allaan hundumaa kan danda’u miti? Namooni hedduun baduu isaaniif sababa kan ta’e karaa kanaan maaliif fayyadame? Eenyumaan iyyuu otuu hin gowwomsiin Iisaan akka hin fannifamne gochuu hin danda’u ture?
  6. Qur’aanni wanta hundumaa ifaa gochuuf kan bu’e erga ta’ee waa’ee maalummaa nama kanaa bakka Iisaa fannifamee ibsuun akkasumas Iisaan fannifamuu dhiisuu isaa dubbii shakkii of keessaa hin qabaanneen dubbachuun Musliimota garaa garaa baasuu irraa maaliif hin oolchine?
  7. Qur’aanni wanta hundumaa ifaa gochuuf kan dhufe kitaaba erga jedhamee namoonni hedduun “kan ittiin dogoggoran“ dhimma kana ifaa gochuu mannaa dubbii gowwomsaa dhiyeessuunii fi ragaa guutuu hin taane kennuun mul’ata dhugaa ta’uu isaa kan amanan namoota iyyuu otuu hin hafiin bitaatti galchuu fi garaa garaarummaatti isaan qooduun isaa akkamiin ilaalama? Haala kanaan wanta hundumaa ifaa gochuuf dhufuu isaa itti amanuun ta’uu kan maluudha?Kitaaba wanta hundumaa ifaa kan godhuu ta’uu isaa dubbachuun isaa soba hin ta’u?
  8. Ergamni isaa waa’ee Rabbii wanta dhugaa barsiisuu ture. Waantota ajaa’ibsiisaa hedduun ulfina Rabbii argisiisaa erga turee booda yeroo dhumaatti “karaa foddaan ba’ee baduun” addunyaa maraa bitaatti galchuun namoonni du’uu isaa akka amanan gochuun barumsi sobaa akka babal’atuuf sababa ta’uun isaa ta’uu kan malu ture? Ergamni isaa addunyaa fayyaduu mannaa kan miidhu erga ta’ee gara addunyaa dhufuun isaa sirrii ture?
  9. Raajiin (Nabiyyiin) tokko amantaa isaaf qaalii ta’uun amantootaaf fakkeenya jabinaa ta’uu fi namoota bitaatti galchuun foddaan ba’anii baduurra isa kamtu fooyyee qaba?
  10. Allaan Iisaa kan jaalatu erga ta’ee qaalii ta’uun ergama isaa akka galmaan ga’atu gochuu mannaa karaa foddaan baasisuun akka badu gochuudhaan ergamni isaa akka fashalaa’u maaliif godhe?
  11. Iisaan Nabiyyii dhugaa ta’uu isaa erga amananii, Allaan Iisaaf gowwomsaa kana hundumaa uumuun namoonni hedduun baduu isaaniif sababa ta’uun gara samiitti olbaa’uu fi akka Nabiiyyota kanneen kaanii qaalii ta’uun ergama isaa fashalaa’ummaa irraa oolchuuf  yaada jedhu keessaa isa kamiin filata.
  12. Allaan jireenya Iisaa du’arraa oolchuuf jireenya namoota biiliyoonatti lakka’amanii gara badiisa bara baraatti kan geessu gocha raawwachuu isaatiin dandeettiin waa yaadachuu fi hubachuu Allaah maal fakkaata?
  13. Nabiyyi Muhammad “mul’ata” kana qabatanii dhufuun isaanii taateen kun erga raawwatamee waggoota 600n booda dha. Sana dura kan turan sabni miiliyoonatti lakkaa’aman fannifamuu Yesuus itti amanuun darbaniiru. Sababa kanaanis hedduun isaanii hanga jireenya qaaliitti gatii baasaniiru. Kanaafuu Allaan waggoota hanga kanaa turuun “mul’ata” isaa erguu mannaa battalumaan yeruma sana otuu ergeera ta’ee hedduu badiisa irraa oolchuuf karaa foyyee qabu hin ta’u ture? Jireenya saba badan sanaaf itti kan gaafatamu Iisaan akka fannifametti fakkeessuun kan isaan gowwomse Allaah ofii isaatiin miti?
  14. “Nabiyyiin” mul’aticha qabatani dhufan jireenya isaanii yommuu ilaallu Nabiyyummaan kan isaaniif hin mallee fi wanta ittiin fakkeenya ta’an tokkoyyuu hin qabaatan. Fakkeenyaaf yoo jedhame mucaa waggaa ja’aa kaadhimmachuun waggaa salgaffaa isheetti waliin ciisaniiru.[12] Haadha manaa guddifachaa isaanii fuudhuu akka barbaadan dubbataniiru. Waa’ee miidhagina ishee haala ta’uu hin malleen dubbachuun gaa’ila ishee erga diiganii booda ishee fuudhaniiru.[13] Gaafa tokko toshaan isaan irratti hojjetamee rakkachaa turan. [14] Loltoonni Musliimaa dubartoota booji’aman otuu abbaan manootii isaanii jiranii akka gudeedaman heeyyamaniiru. [15] Jibbaa fi karaa ittiin haaloo ba’an barsiiseera.[16] Kanaafuu hir’ina naamusaa akkanaa namni qabaachaa ture Ergamtoonni qulqulloonni waa’ee mudaa isa hin qabaanne Yesuus Kiristos barsiisni isaan barsiisan fi raga-ba’umsi isaan kennan dogoggora ta’uu isaa dubbachuuf ga’umsa isaa in qabaatu? Raga-ba’umsi Muhammad raga-ba’umsa Ergamtootaan olitti akka dhugaatti ilaaluun sababa ta’a?
  15. Allaan fannifamuu Yesuus ilaalchisee addunyaa maraa dogoggorsuu isaa amalli isaa eenyuun argisiisa? Gowwomsuu fi burjaajessuun amala Waaqayyoo isa dhugaa ti?

Gaaffileen armaan oliin dhiyeeffaman haala ga’aa ta’een hanga hin deebinetti Kiristiyaana tokkof qooda Yesuus namni biraan fannifameera jedhanii amanuun dhugaa sobatti jijiiruudha!

Qur’aana keessatti jechi akkana jedhu barreeffamee argina: “Yaa Iisaa! Ani si ajjeessaadha. Gara kiiyyaattis ol si fuudhaadha” (Suuraa 3:55). Keeyyata kana keessatti kan argamu (gara Kiyyaatti ol si fudhadha) jechi jedhu afaan Arabaan “Mutawafiik” jecha jedhu irraa kan argameedha. Barreessaan amantaa Kiristiyaanaa gameessi Geerhaard Neels yaada isaanii yommuu ibsan,  Aalii Iibin Abbaas, Abdullaah Iibin Munaabiih, Mu’aaweeh, Iibin Isihaaq, Saalmaah fi Wahaab Iibin Munabiin fakkaatan hayyooti amantaa Musliimaa durii hedduun jecha Qur’aanaa kana “akka du’un godha” kan jedhuun hubachuu isaanii dubbatu.[17]Iisaan otuu daa’ima ta’ee jiruu dubbii itti fufee jiru dubbachuu isaa Suuraa 19:33 irraa dubbifanna: (Guyyaa ani dhaladhe, guyyaa ani du’uu fi guyyaa ani kaafamuus nageenyi ana irra jira). Musliimonni hedduun Yesuus fuula duraatti gara lafaa deebi’ee akkuma nama tokkootti du’a kana boodas in ka’a amantaa jedhu in qabaatu. Keeyyata kana bifa kanaan hiikkatu. Garuu namoonni du’a Yesuusitti hin amanne keeyyata kana akka ragaa tokkootti akka dhiyeessaniif yaada isaan dandeessisu bakkuma kana Qur’aana 19:15 irratti argama. “Nageenyis guyyaa inni dhalate, guyyaa inni du’uufi guyyaa inni lubbuun kaafamus isa irra haa jiraatu”. Jechi kun kan dubbatame Yohannis cuuphaaf ture. Innis du’uu isaatti Musliimonni in amanu. Kanaafuu yaada Qur’aana tokkoo hiika sirrii isaa hubachuuf keeyyata Qur’aanaa kan biroo kana ibsu ilaaluun karaa filannoo hin qabaanne ta’uu isaatiin dubbiiwwan guutummaatti walfakkaatan kana karaa tokkoon hiikuun dirqama ta’a.

Yesuus du’uu isaaf yaadni ragaa ta’u Qur’aana qofaa keessatti otuu hin taane Haadisii keessattis arganna. Saahiih Al-Buhaarii keessatti akkuma barreeffame Nabiyyiin tokko obboloonni isaa yeroo madeessaniin “isaan hin beekani uummata koof dhiifama godhi” jechuudhaan akka isaaniif kadhate Muhammad dubbachuu isaanii Iibin Masuud gabaaseera. [18] Caaffata qulqulluu keessatti kadhata kana kadhachuu isaa Nabiyyiin dubbatameef Musliimonni kan amanan isa kamiidha? Deebiin isaa Luqaas 23:32-48 irratti argama:

“Namoota hamaa godhan lamas immoo ajjeesuudhaaf isaa wajjin geessan. Iddoo “Lafee mataa”  jedhamee waamamu yommuu ga’an, achitti Yesusiin fannisan; warra hamaa godhanis, isa tokko mirga isaatti isa kaanis bitaa isaatti fannisan. Yesus garuu, “Yaa abbaa, waan godhan hin beekani’o isaaniif dhiisi!” jedhe; warri isa fannisan immoo uffata isaa buufata mukaatiin hirmaatan. Namoonni achi dhaabatanii in ilaalu turan…”

Qur’aanni Raajonni (Nabiiyyonni) hedduun namoota waan hamaa hojjetaniin ajjeefamuu isaanii dubbata (2:61,2:91, 321, 3:112 ilaalaa). Kanaaafuu Musliimonni fannifamuu Yesuus jabeessanii kan morman maaliif laata? Tarii Nabiyyii guddaa kan ta’e Yesuus kana harka diinota isaan salphatee du’eera yaadni jedhu gama kabaja isaaf qabaniin isaanitti fakkaachuu dhiisuu isaatiin ta’uu danda’a. Garuu Yesuus kan fannifame biyya lafaa oolchuuf ta’uu isaa fi du’a injifatee ka’uu isaatiin fannoon isaa injifannoo guddaadha. Yesuus du’ee hin hafne garuu guyyaa sadaffaatti du’aa ka’uun Gooftummaa isaa mirkaneesseera! Saa’ol namni Tarsees du’aa ka’uu Yesuus sirriitti kan morman Yihuudota keessaa tokkoo fi kan jalqabaa ture. Duuka buutota Yesuus ajjeessaa fi hidhaa ture. Garuu du’ee hafeera jedhee kan inni yaadu Yesuus Kiristos karaa Damaasqoo irratti ulfina guddaa fi gooftummaa sodaachisuun itti mul’ate. Innis kanneen du’aa ka’uu isaa ragaa ba’an waliin oduu du’aa ka’uu isaa labsuu jalqabe. Yommuu dulloomes Yesusiin haaluu mannaa magaala Roomaa keessatti qaalii ta’uu akka filate seenaa Waldaa Kirsitiyaanaatti barreeffameera. Namni kun gaaf-tokko kiristiyaanota biyya Filiphisiiyus jiraachaa turaniif ergaa ajaa’ibsiisaa akkana jedhu barreessee ture:

Yaada garaa isa Kristos Yesus qaba ture qabaadhaa! Inni bifa waaqayyummaatiin utuma jiruu, ulfina Waaqayyummaa isa abbaa isaa wajjin wal isa qixxeessu wanta qabatanii itti hafanitti hin lakkoofne. Inni ulfina sana gadi dhiisee, akka waan, waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame. Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e. Kanaafis Waaqayyo waan hundumaa irra caalchisee guddaa ol isa qabe; maqaa isa maqaa kam irra iyyuu caalu kenneeraaf. Kanaanis warri bantii waaqaa keessa jiran, warri lafa irraa, warri lafa jala jiranis hundinuu ulfina maqaa Yesusiif jilbeeenfatanii akka sagadan godhe. Arrabni hundinuus, ulfina Waaqayyoo abbaatiif, Yesus  Kristos gooftaa akka ta’e beeksisuuf jiru” Fil. 2:5-11.

Kanneen du’aa ka’uu isaa ragaa ba’an keessaa tokko kan ta’e Yohannis Ergmatichaaf, Yesuus Masihichii guyyaa tokko ulfina guddaan isaaf mul’ate akkana isaatiin jedheera:

“inni jiraatus ana. Takka illee du’een ture, amma garuu kunoo, baraa hamma  bara baraatti jiraachuuttan jira; du’a irratti, balbala iddoo warra du’anii banu irrattis ani gooftummaa qaba.” (Mul. 1:18).

Yaa Musliimota obboleeyyan keenyaa! Fannifamuu Yesuus ilaalchisee har’a Kiristiyaanota gidduu garaa garteen kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaa isinis beektu. Kitaabni Qulqulluun haala ifaa ta’een du’uu fi du’aa ka’uu Yesuus gabaasuu isaatiin Kirsitiyaanota gidduu shakkii fi falmiin kamiyyuu hin jiru! Keeyyanni Qur’aanaa itti fufee jiru kan Kirsitiyaanota mannaa haala isin gidduu jiru sirriitti kan ibsu ta’uu isaatiin hubachuun isiniif mala:

“Isaanitti fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakki keessa jiru. Yaada hordofu malee isa irratti beekumsa homaatuu hin qaban” Suuraa 4:158.

Yaa Musliimotaa! Shakkii keessaa bilisa ba’uu fi waa’ee Masihiif odeeffannoo dhugaa argachuuf gara Abboommii Musee, Zabuurii fi Injilii ilaalaa. Jecha Qur’aana itti fufee jiru ilaaaluuf hin dagatiinaa:

“Yoo waan Nuti gara keetti buufne irraa shakkii keessa jiraatte, isaan si dura kitaaba dubbisa turan gaafadhu“”(Suuraa 10:94).



[1] Josh McDowell, Evidence that Demands a Verdict, New and Revised, 1999, pp. 122-123

[2] Ibid., p. 125

[3] Ibid., pp. 123-124

[4] Ibid., p. 123

[5] Norman L. Geislere, Encyclopedia of Christian Apologetics, 1999, p. 128

[6] Ibid.

[7] Ibid.

[8] Ibid.

[9] Ahimad Diidaat bara 1984 Afrikaa kibbaa Darbaanitti amantaa Kiristiyaanaaf falmaa kan ta’an Joosh Maakduweel waliin waa’ee Kiristos fannifamuu isaa falmii yommuu godhan Suuraa 4:157 erga ibsanii booda akkana jedhanii turan: “…Musliimni dubbii aangoo of keessaa qabaatu kana kan hin jijiiramne dubbii Waaqayyo ta’uu isaa amanee fudhata. Haala kanaan gaaffii kamiyyuu hin gaafatu, ragaa kamiyyuu hin barbaadu! “Dubbii gooftaa kootti nan amana, nan mirkaneeffadha ”jedha. Musliimni garuu kanaaf deebiin inni kennu “isaan kun jecha Waaqayyoo kan hundumaa danda’uu ti! Kanaafuu maaltu akka raawwatame Rabbitu beeka!” jechuudhaani.

[10] Ahmed Deedat: Crucifixion or Crucifiction (buukleetii guutummaa isaa ilaalaa).

[11] Doktor Shaabiir Aalii hayyuu amantaa Kiristiyaanaa kan ta’an Doktor Wiiliyaam Leen Kireeg waliin waa’ee du’aa ka’uu Kiristos A.L.A  Bitootessa 4,2003 falmiin magaala Toroontootti godhan marsariitii itti fufee jiruun ilaala. http://www.youtube.com/watch?v=Qrasny8-pCA

[12] Sahih al-Bukhari, Vol. 5 No. 234; Vol. 7 No. 65

[13] Sahih Muslim, Book 008, No. 3330; The History of al-Tabari: The Victor of Islam;Translated by Michael Fishbein; State University of New York Press, 1997, Vol. VIII, pp. 2-3; በተጨማሪም ሱራ 33፡37-38.

[14] Sahih al-Bukhari, Vol. 7, 71:660

[15] Sunan Abu Dawud, 2150; Sahih Muslim, No. 3371; በተጨማሪም ሱራ 23፡1-6፣ 70፡22-30

[16] Suuraa 2፡191-193፣ 8፡12፣ 8፡67፣ 8፡65፣ 9፡5፣ 9፡14፣ 9፡29፣ 9፡73፣ 9፡123፣ 48፡29፣ 58፡22

[17] ጌርሃርድ ኔልስ፣ ለሙስሊሞች ጥያቄዎች የክርስቲያኖች መልሶች፣ የሕይወት በር አገልግሎት፣ ገፅ 146

[18] Bukhari Vol. 4:683