Sheeyxana Funyaan Musliimotaa Keessa Jiraatu

Sheeyxana Funyaan Musliimotaa Keessa Jiraatu

Islaamummaan Amantaa Namaan Kalaqame Ta’uu Isaa Barumsa Mirkaneessu

Islaamummaan namaan kalaqamuu isaa kan mirkaneessuu barsiisa kolfisiisaa fi sodaachisaa hedduu of keessaa in qabaata. Isaan kana keessaa tokko Sheeyxanni halkaniin funyaan Musliimaa kan guutummaa isaanii kutaa ol aanaa keessa bula. Dhimmi kun guutummaa hawaasa Musliimaa biratti hedduu kan itti amanamu yommuu ta’u, amanamummaan isaanii ragaa kan ba’ameef kitaabota haadisii Islaamummaa kan Sunnii keessatti bal’inaan gabaafamee arganna. Gabaasawwan kana keessaa mee lamaan isaanii haa ilaallu:

Abu Hureeyiraan akkuma gabaase ergamtichi Allaah akkana jedhaniiru: “isin keessaa namni kamiyyuu ganamaan ka’uun dhiqannaa yommuu godhatu funyaan isaa yeroo sadii qulqulleessuu qaba. Sababni isaa Sheeyxanni halkan guutuu funyaan kutaa isa ol aanaa keessa buufata” (Saahiih Al-Buhaarii kitaaba 002, lakkoofsa 0464).

Abu Hureeyiraan akkuma dubbate ergamtichi Allaah akkana jedhaniiru: “isin keessaa namni kamiyyuu ganamaan ka’uun dhiqannaa yommuu godhatu funyaan isaa keessa bishaan galchuun yeroo sadii hafuura ittiin baafachuun irra jiraata. Sababni isaa Sheeyxanni halkan guutuu funyaan isaa keessa buleera” (Saahiih Al-Buhaarii qajeelfama 4, kitaaba 54, lakkoofsa 516).

Hiikni  Haadisii kanaa afaan ingiliffaa isaa miil-jalee jalaan akkana jedha:

“We should believe that Satan actually stays in the upper part of one’s nose, though we cannot perceive how…” (Dr. Muhammad Muhsin Khan, The Translation of the Meanings of Sahih Al-Bukhari, p. 312)

Hiika isaa: “maal akka ta’e naaf galuudhaa yoo baate iyyuu Sheeyxanni dhugaatti funyaan kutaa isa olii kan nama tokkoo keessa akka taa’u amanuun nurra jiraata….”

Haala kanaan Sheeyxanni funyaan keessa buluun isaa Musliimota biratti fakkeenyaan otuu hin ta’iin hiika kallattii kan qabaatuudha. Kanaafi, Musliimonni yerooma hundumaa ganama yommuu dhiqatan yokiin otuu salaataaf hin dhaabatiin dura funyaan isaanii keessa bishaan galchuun mataa isaanii rakkisuu isaanii tu mul’ata. Amantaan kun waa’ee hafuuraaf Muhammad beekumsa kamiyyuu qabaachuu dhiisuu isaa argisiisuun caalaatti gaaffiiwwan yaadaa fi kan amantaa ciccimoo ta’an hedduu kaasisa. Islaamummaan hordoftoota isaaf eegumsa gochuu kan hin dandeenye amantaa namaan kalaqame ta’uu isaa argisiisa. Dhugaa kana hubachiisuu kan danda’an gaaffiiwwan muraasa itti fufee jiruu kaafna.

  1. Sheeyxanni kutaawwan qaamaa hunda keessaa funyaan Musliimotaa filachuun isaa maaliifi? Funyaan keessa taa’uu erga danda’ee gurra, ija, afaanii fi maqaa isaanii kanneen nuti hin waamiin kutaawwan qaamaa keessa buluu dhiisuu isaaf Musliimonni ragaa maalii qabaatu? Sheeyxana funyaan keessa jiruuf falli isaa bishaan itti naquun yeroo sadii hafuura itti baafachuu erga ta’ee, Sheeyxanni uumama abshaalummaan guutame ta’uu isaatiin bishaan itti naquun yeroo sadii hafuura itti baafachuuf kanneen mijataa hin taane kan akka gurra, ijaa fi maqaa isaanii kan nuti hin waamne kanneen biroo bultiif otuu filatee yaaddoo malee keessa taa’a jechuudha?
  2. Sheeyxanni Musliimota addunyaa maraatti argaman funyaan isaanii keessa guyyaa tokko buluuf dandeettii ittiin bakka hundumaatti argamu qabaachuun isaaf mala. Garuu Gooftaa hundumaa kan ta’e Waaqayyo malee yeruma tokkotti bakka hundumaatti dandeettii ittiin argamuu kan qabaatu hin jiru. Muhammad dandeettii kana Sheyxanaaf kennuu isaa akkamiin ilaalama? Akka amantaa Muhammaditti Sheyxanni amaloota Waaqayyoo keessaa tokkoo isaa qooddachuun Rabbii wajjin hariiroo kan qabaatu ta’eera. Kanaafuu Muhammad Sheeyxanaa fi Rabbiin walitti fiduun Islaamummaa keessatti hariiroo yakka cimaa ta’e uumeera. Musliimonni kan Muhammad dubbateen itti amanuun hirmaattu yakka kanaa ta’aniiru. Kun baay’ee balaa kan qabaatuudha.
  3. Sheeyxanni funyaan Musliimotaa keessaa kan bulu akkasumaan buluu barbaade moo yokiis ergama tokko qaba? Ta’us Allaan funyaan Musliimotaa kan garboota isaa ta’an keessa Sheyxanni akka taa’u maaliif heeyyama?
  4. Musliimonni yommuu Sheeyxanni funyaan isaanii keessa seenuun ta’u isaanitti dhaga’ama moo hin dhaga’amu? Isaanitti dhaga’ama yoo ta’e beekumsa isaanii nuuf haa qoodan.
  5. Funyaan keessa bishaan naquun yeroo sadii hafuura ittiin baafachuun Sheeyxana baasisuu danda’a erga ta’ee Sheeyxanni akkuma wanta tokkoo bishaaniin dhiqamee kan ba’uudha jechuudha? Akka yaada Muhammaditti Sheeyxanni akkuma namaa nyaachuu danda’a jechuudha (Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 58, Number 200) in fincaa’a (Sahih al-Bukhari, Volume 2, Book 21, Number 245) karaa hudduu isaatiin in dhuufa (Sahih al-Bukhari, Volume 1, Book 11, Number 582). Sheeyxanni kana hundumaa gochuu erga danda’ee hafuura hin argamne otuu hin taane qaama harkaan qaqqabatamu jechuudha. Kun ammoo sobadha.
  6. Yeroo sadii dhuufuun in danda’ama jedhamee lakkoofsaan kan murteeffame maaliifi? Yeroo afur yokiin yeroo lama yoo ta’e Sheeyxanichi hin danda’u jechuudha? Foormulaan sadii jedhamuu kannamuun isaa maaliif laata?

Akka Haadisiiwwan Islaamummaatti Muhammadiin dabalatee Musliimonni hundi to’annaa Sheeyxanaa jala jiru:

“Ergamticha Allaah yommuu dubbatan akkana jedhan: Isin keessaa namni Sheeyxanni itti hin ramadamne hin jiru. Suhaabonnis yaa ergamticha Allaah isin irratti iyyuu Sheeyxanni ramadameera? Jechuudhaan yommuu gaafatan. Isaaniis yommuu deebisan eyyee! Natti ramadameera garuu Allaan na gargaaree isaatiin nan morme humnaa isaa irraa bilisa. Amma kan na abboomuu gara hojii yaraa otuu hin taane gara hojii gaariitti”. Haadisii Abdullaah Iibin Masuud gabaase (Saahiih Musliim 39:6757).

Muhammad ofii isaatiin iyyuu to’annaa toshaa jala ta’uun rakkataa akka ture haadisiin islaamummaa amanamaa ta’e akkanaan dubbata:

“Ayishaan yommuu dubbattu: Toshaan ergamticha Allaah irratti hojjechuu isaatiin haadha manootii isaanii waliin walqunnamtii saalaa yommuu raawwatan akkuma godhan akkuma kana ammoo qofaa isaanii gochuu eegalan. Isaan haadha manaa isaanii waliin raawwataa kan jiran isaanitti fakkaata garuu miti. Haati manaa isaanii isheen kan biroo Soofiyaan gochaa akkanaa kanneen raawwatachiisan gosa toshaa baay’ee hamaa ta’aniidha jette” (Saahiih Al-Buhaarii 71:660, qajeelfama 7).

Jaallatamoo Musliimota obboleeyyan keenya; bakka bulmaata Sheeyxanaa akka taataniif kan heeyyamau “Rabbiin” dhiisuun humna Sheeyxanaa irratti aboo gara isiniif laatu aarsaa lubbuu keessanii gara isa ta’e Yesuus Kiristos maaliif hin dhuftan? Namoonni maqaa isaatti amanan aboo isaaniif laatameen Sheeyxana abboomuun baasu malee bakka bulmaata Sheeyxaa hin ta’an. Qulqullun sagalee isaatii akkana jedha:

“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’anii dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuroonni hamoonni iyyuu nuuf abbomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaanqabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaa keessan waaqa irratti waaan caafameef, guddisaa gammadaa malee” isaaniin jedhe” (Luqaas 10:17-20).

Waaqayyo Gooftaan gurra laphee keessanii banuun ilma isaa Yesuus Kristositti amanuun bilisummaa argamu akka gonfattaniif kadhata keenya yeroo hundumaa ti.

 

MUHAAMMAD