Haalli Du’aatii Muhammad Nabiyyii Sobaa Ta’uu Isaa Mirkaneessa

Haalli Du’aatii Muhammad Nabiyyii Sobaa Ta’uu Isaa Mirkaneessa

Haala Qur’aana keessatti barreeffameen Muhammad Allaah sobeera yoo ta’e Allaan hidda onnee isaatii (hidda dhiigaa) kutuun ajjeesaan ture. Qur’aana keessaa Suuratu Al-Haaqqah irraa akkana jedha:

“Odoo garii jechootaa (kan Nuti hin jedhin) nurratti dubbatee, silaa Nuti mirgaan isa qabna turre. Ergasii hidda onnee isarraa kunna turre. Isin irraa namni isarraa dhnetu tokkollee hin jiru” (Suuraa 69:44-47).

And if Muhammad had made up about Us some [false] sayings, We would have seized him by the right hand; Then We would have cut from him the aorta.

Haalli duuti Muhammad akkam ture? Seenaa Islaamummaa keessatti haala barreeffameen Muhammad Yihuudota Hayibarii irratti waraana erguun weerara yommuu godhe dubartiin Yihudii tokko nyaata summaa’ee nyaachisaa turte. Summichi hamaa ta’uu isaatiin kanneen nyaata kana baay’isanii nyaatan keessaa namni Biishir Iibin Al-Baraa jedhamu otuu hin turin kan du’e yommuu ta’u Muhammad garuu waggoota sadiif otuu wal irraa hin kutiin rakkachaa erga tureen booda lubbuun isaa darbuu danda’eera (Ibn Sa’ad’s Kitab Al-Tabaqat Al-Kabir, English translation by S. Moinul Haq, Volume 2, pp. 251-252; al-Tabari’s History, Volume 8, p. 124; Sunan Abu Dawud, Book 39, Number 4498; Sahih Muslim, Book 026, Number 5430; Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 59, Number 713).

Wanti ajaa’ibsiisaan ammoo Muhammad bu’aa summii kanaa mataa isaa fi hiriyoota isaa irratti erga ilaaleen booda nyaata kana keessa summiin jiraachuu isaa lafeen ra’ee harkaa isaa irra jirtu akka itti himte dubbachuu isaa ti. Musliimonni tokko tokko soba kana nabiyyummaa Muhammadiif akka wanta dinqisiisaatti yommuu dubbatan argamu. Summicha ilaalee dhamdhamatee, namoonni isa bira jiran bifti fuula isaanii yommuu jijjiiramuu fi hidhiin isaanii gara tokkotti yommuu gogu ilaaluun “nyaata kana keessa summiin jiraachuu isaa lafeen re’ee natti himte” jechuudhaan nama dubbateen amanuun, dandeetti waa ittiin madaalanii hubachuu dhabuurra kan darbee ilaalcha hamaa ta’uu isaa argisiisa.

Ta’us garuu dhimmi barbaachisaan isa kanadha: Muhammad summii Hayibaritti nyaachuu isaatiin rakkachaa erga tureen booda duuti isaa yommuu dhiyaatu hiddi onnee isaatii cituu isaa akka itti dhaga’ame dubbatee ture.

Ergamtichi Allaah dhukkuba ittiin du’aniin qabamanii otuu jiranii harmeen Biishir isaan gaafachuu dhufte. Isaanis akkana jedhan: “Yaa harmee Biishir nyaata ilma kee waliin nyaadheen hiddi onnee koo cituu isaa natti dhaga’ameera” (Seenaa Al-Xabaarii qajeelfama 8, fuula 124).

The messenger of God said during the illness from which he died – the mother of Bishr had come in to visit him – “Umm Bishr, at this very moment I feel my aorta being severed because of the food I ate with your son at Khaybay.” al-Tabari’s History, Volume 8, p. 124.

Ayishaan akkuma dubbatte: Nabiyyiin dhukkuba ittiin du’aniin otuu dhukkubsachaa jiranii akkana jechuudhan dubbatu turan. “Yaa Ayishaa! Nyaata Hayiberitti nyaadheen hanga ammaatti dhukkubbiin natti dhaga’ama. Yeroo kanatti garuu sababa summii kanaan hiddi onnee kootii cituu isaa natti dhaga’amaa jira” (Saahiih Al-Buhaarii qajeelfama 1, kitaaba 59, lakkoofsa 713).

Narrated ‘Aisha: The Prophet in his ailment in which he died, used to say, “O ‘Aisha! I still feel the pain caused by the food I ate at Khaibar, and at this time, I feel as if my aorta is being cut from that poison.” (Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 59, Number 713).

Seenaa Islaamummaa keessatti kan barreeffame duuti seenaa Muhammadii fi Qur’aana keessatti Allaan dubbateera kan jedhameen waliin ilaaluun yaadni xummuraa irra geenyu itti fufee kan jiruun fakkaata;

  1. Allaan Qura’aan keessatti akkuma dubbate Muhammad sobduu ta’ee yoo argame hidda onnee isaa kutuun ajjeesaan.
  2. Muhammad yommuu du’atti dhiyaatu hiddii onnee isaatii akka cite itti dhaga’amee ture
  3. Kanaafuu akka yaada Qur’aanaatti Muhammad nabiyyii sobduudha.

Jaallatamtoota Musliimota obboleeyyan keenya! Yaada armaan oliin dubbatame xummura isaanii isinitti argisiisuun keenya amantaa keessan fudhatama dhabsiisuu yokiin ammoo nabiyyii jechuudhaan namni isin kabaja kennitaniif hammeessuuf miti. Kitaabota keessan keessa kan hin jiraanne yaada dhuunfaa keenyaa itti dabaluu keenyaan amantaan keessan akka komatametti isinitti dhaga’amuun irra hin jiraatu. Garuu nabiyyummaa Muhammad mirkaneessuuf kitaabota barreeffaman keessatti waantonni sodaachisaa akkanaa jirachuun isaanii maaliif argame? Jechuudhaan akka gaafattaniif isin jajjabeessina. Hayyooti Musliimaa seenaawwan kun nabiyyummaan Muhammad soba akka ta’e kan mirkaneessan ta’uu isaanii otuu hubatu ta’ee barreeffamoota seenaa Muhammad kanneen biroo irratti haala ittiin raawwachaa turaniin keessaa kutanii baasu turan. Fakkeenyaaf yoo jedhame hayyuu Musliimaa Iibin Iisihaaq jedhamuun kan barreeffame seenaa Muhammad keessatti, nabiyyummaa sobaa kan Muhammadii kan mirkaneessan seenaawwan kutee keessaa baasuu isaa akkana jechuun dubbata:

“Waliin dubbachuuf waantota nama qaanessan, namoota tokko tokko iyyuu yaaddessuu kan danda’an dhimmootaa fi Al-Bakaa’ii ⦋barsiisaa Iibin Hiishaam⦌dhugaa godhamanii kan hin ilaalamne dhimmooti natti dubbataman akka keessaa balleeffaman godheera.” (Alfred Guillaume. The Life of Muhammad, A Translation of Ibn Ishaq’s Sirat Rasul Allah; 1955, p. 691).

Jaallatamtoota Musliimotaa! Sobni Muhammad ragaan ifaa ta’e kan ittiin beekamu kana ta’uu isaatiin, Waaqayyo Gooftaan aangoo dhuunfaa isaatiin soba hayyoota amantaa Islaamummaa irraa isin oolcheera waan ta’eef dammaqaa!

 

Barreeffama armaan olii kanaaf deebii Musliimotaan kenname ilaalchisee deebii armaan gadii kenninee jirra:

Muhammad Dhugaatti Summii Nyaachuun hin Duune? Allaan hidda Onnee isaatii Kutuun hin Ajjeefne?

 

MUHAAMMAD