Hayyoota Shororkeesummaa

Hayyoota Shororkeesummaa 

Yaada shororkeesummaa islaamummaa maddeen kanneen jalqabaa irraa waraabuun kan barsiisaniifi hojiirra oolchan, barumsa isaa bifa shira qabuun kan wixeessan beektonni shororkeessitootaa in argamu. Adda durummaan kan ibsaman afur yommuu ta’an, inni jalqabaa bara giddu galeessa jiraachaa kan ture, inni lammaffaan kutaa jaarraa baroota kudha saddeettaffaa kan jiraateefi kan hafan lamaan ammoo kutaa jaarraa baroota digdamaffaa kan jiraachaa turaniidha.

Iibin Tayimiyaa-“Akaakayyuu Wahaabiizimii”

Magaala Turkii Haraan jedhamtutti bara 1263 kan dhalate Iibin Tayimiyaa, Mongoliyaanotiin bara Sooriyaa irratti haleellaa raawwatan (1299-1303) waraanee ture. Musliimonni Mongooliyaa musliimota kanneen dhugaa akka hin taaneefi eenyuyyuu isaan waliin akka hin taane akkasumas isaaniif akka hin bitamne barsiisee ture. Namni isaaniif bitame, isaaniin gargaare yokiin ammoo isaan waliin mari’ate akkuma isaanii gantuu akka ta’ee labsuun musliimota gareen qoodeera. Ejjennoon isaa kun hordoftoonni isaa kanneen musliimaa hin taane qofa otuu hin taane musliimota dhugaa akka hin taane namoota isaan amanu hunda irratti waraana akka labsan karaa baneera. Beektota musliimaa hedduu ceepha’uun barreeffamoota kan barreesse yommuu ta’u Qur’aanaafi haadisatii kallattiin hiikamuu qabu kan jedhu ejjennoo qaba ture. Musliimonni karaa hiriyoota nabiyyichaa (sahaabotaa yokiin salafoota) akka hordofaniifi awwaalcha namoota “qulqullootaa” jedhaman akka daawwachuurraa of qusatan cimsee isaan barsiiseera. Iibin Kasiiriifi Iibin Qayim barumsi Iibin Tayimiyaa dhiibbaa kan isaanitti fide beekota islaamaa keessaa in ibsamu.[1] Barumsiifi barreeffamni nama kanaa Abdal Wuhaab irratti dhiibbaa fiduun falaasama wahaabiizimii har’aaf madda isa jalqabaa  sababa ta’uu isaaniin “akaakayyuu wahaabiizimii” isaatiin jenneera.

Iibin Abdal Wahaab- “abbaa wahaabiizimii”

Dhalataa Saa’udii Arabiyaa kan ture Abdal Wuhaab (1703-1791) sochii wahaabizimii (salafii) hundeessaafi falasfaa isa jalqabaa ture. Ijoon barsiisa isaa “Kitaab Al-Tawuhiidii” kitaaba jedhamu keessatti barreeffameera. Akkuma Iibin Tayimiyaa bakka daawwannaa awwaalcha qulqullotaa cimsee kan mormu yommuu ta’u, barreeffamoonni Qur’aanaafi haadisaatii kallattiin hiikamuu akka qaban itti amana. Seerri shari’aa cimsamee hojiirra oolfamuu akka qabu barsiiseera, hojiirras oolcheera. Abdal Wahaab falaasamni isaa deeggarsa siyaasummaa qabaachuu dhiisuu isaatiin kan hafe itti fufiinsa akka hin qabne waan hubateef bara sana kan turan bulchitoota Arabaa waliin walii galtee uumuun barsiisa isaa bal’ifateera. Ilaalcha isaa maatii moototaa biratti fudhatama argachiisuuf maalummaan isaa kan mirkaneeffame akka ta’u godheera. Abdal Wahaab hiika islaamummaa kan isaa namoota hin fudhanne hunda gantummaan moggaaseera. Har’a ilaalchi isaa kooppii islaamummaa beekamaa kan Saa’udii Arabiyaa yommuu ta’u dhaaltuu isaa kan ta’an “maatiin sheekichaa” maatii mooti waliin fuudhaafi heeruma taasisuun siyaasa Sa’udii keessatti ga’ee gudda haasawaa jiru. Barsiisa summii nama kanaan namoota dhiibbaan isaan irratti uumame keessa Osaamaa Biinilaadin kan ibsamuudha. Miseensonni IS fi Al-Qa’idaa hordoftoota falaasama kanaa yommuu ta’an, shorkeesitoota hedduu isaanii addunyaa irratti argaman oomishee kan baasu falaasamni Wahaabiziimii kanumadha.[2] Barsiisni hamaa kun gara biyya keenyaa seenuun aadaa wal-danda’anii jiraachuu diiguu ega jalqabee tureera.

Sayiid Quxib- “Mahaandisii shororkeessummaa”

Sayiid Quxib (1906-1966) barreessaa nama jedhamu ture. Barreessaa abbaa kitaaba 24 yommuu ta’u “Maaliim fii Al-Xariiq” (mallattoo dhagaa) mata-duree jedhuun kitaabni barreesse hunda caalaa beekamaa isa godheera. Kitaabni kun sana booda garee shororkeessummaa addunyaa irratti ka’aniif akka qajeelfama guddaatti ta’uun tajaajilaa jira. 

Sayyid Quxib

Bara 1948 gara Yuunaayitid Isteetii imaluun seera imaammata barumsa isaa wayia qu’ate wanti inni komate “Ameerikaan ani arge” kitaaba jedhu keessatti kan barreesse yommuu ta’u guddina teeknolojii Ameerikaanotaa miira ajaa’ibsiifannaa keessa galuu isaa otuu hin dhoksiin ilaalcha isaanii “isa qabeenyaan huubamee” fi “amala yaraa” isa ta’e tooftaa jireenya isaanii akka ciigeffate dubbateera. Har’a musliimota hedduu keessa kan seene Ameerikaa akka madda hammeenya hundumaatti lakkaa’uufi ilaalcha jibbaaf bu’uura kan kaaye Sayiid Quxibiidha. Namni kun islaamummaan ala hawaasa addunyaa jiran hundumaaf “Jahiiliyaa” (wallaalota) jedhee himata, arrabsa, in ceepha’a, humnaan balleeffamuu akka qaban dubbata. Muhammadiifi hordoftoonni isaanii Makkaa gadi dhisuun gara madiinaa akkuma godaanan, warreen musliimota dhugaa “Jahiiliyaa” gadi dhiisanii ba’uun mataa isaanii adda baasuun akka ijaaraman barsiiseera. Ilaalchi isaa kun qindoomina garee shororkeessitoota hedduuf sababa ta’eera. Kitaabni “Maaliim fii Al-Xariiq” jedhu ega maxxanfamee booda balaa ta’uu ilaalcha summii nama kanaa  kan hubate mootummaan Gibxii hagayya 29/1966 fannoon akka adabamu godheera. Kitaabota isaa dhorkeera.[3] Garuu tarkaanfiin mootummaan Gibxii fudhate “waraabessi ega deemee…” kan jedhu akkuma kana waan tureef homaa fayyaduu hin dandeenye. Barsiisni summiisaa hordoftoota hedduu biratti ega fudhatamanii booda tarkaanfiin fudhatame keessumaa Quxibiin akka gootaafi wareegamaatti laakkaa’uun jihaadistoonni qajeelfama isaa cimsanii akka hordofaniifi kitaabawwan isaa dargaggoota hedduu biratti fedhii dubbifama isaanii akka uumatan taasisuurra kan darbe faayida hin qabu ture. Murtoon du’aa ega itti murteeffamee booda “Alham Duliilaah, carraa warreegamtummaa kana hanga argadhutti waggoota kudha shaniif jihaadii godheera…” jedhee dubbachuu isaa du’a gootummaa du’uu isaa argsiisuuf hordoftoota isaa biratti in dubbatama. [4]

Abdullaah Azaam- “abbaa shorkeessummaa idil-addunyaa”

Abdullaah Yusuuf Azaam biyya Filisxeemitti kan dhalate yommuu ta’u tokkummaa obboleeyyan musliimaaf hundeessaa kan ta’e Hasan Albaanaa akkasumas hojii Sayid Quxibii gadi fageenyaan nama qorateedha. Sooriyaafi Gibxii keessatti barsiisa islaamummaa ega baratee booda Saa’udii Arabiyaafi Paakistaan keessatti barsiisuun tajaajileera. Bara sana kan turan barreeffamoota sochii islaamummaa kan hoggantootaa gadi fageessee qorachuun yaada isaanii karaa qabsiisuun tarkaanfii hojii qabeessummaaf bifa fayyaduun barsiisa itti fufiinsa qabu qindeessuun bara 1984 bifa kitaabaan maxxansiisee ture.  Kitaabni mata-duree “daangaa musliimaa eeguu” jedhu kun jihaadii idil addunyaaf bu’uura kan ta’an tuqaalee itti fufanii jiran of keessatti qabateera:

  • Musliimonni koloneeffattootaafi seeraa haqa qabeessa hin taaneen salphataniiru.
  • Musliimonni akka dirqama dhuunfaatti jihaadii fudhachuu yoo baatan yeroo dhumaaf injifatamuun islaamummaarra in ga’a.
  • Islaamummaan kufaatii irraa oolfamuu kan danda’u kabaja Allaaf kaalifeetiin yommuu hundeeffamuudha.

Abdullaah Azaam

Azaam waa’ee mataa ofii jihaadiin aarsaa gochuu ilaalchisee akkana jedheera:

“Akka yaada Azaamitti nama musliimaa tokkoof, kaalifeetii idil addunyaa deebisee ijaaruuf yommuu du’u ulfinni kanarra caalu jiraachuu hin danda’u.“Seenaan karaa isaa kan mijeeffatu dhiiga qofaani. Sadarkaa kabaja isaa ijaarrachuu kan danda’u buqqee mataa namootaan qofadha. Miidhaginniifi kabajni hundee isaanii kan ijaarratan reeffaafi qaamota kukutaman qofa irrattiidha.”[5]

Abdullaah Azaam hawaasa musliimaa keessatti baay’ee kan kabajame hayyuu Qur’aanaa sababa ta’uu isaatiin fatiwaalee (seera amantaa) inni baase hayyoota musliimaa hedduu biratti beekamtii isaaniif laateera. Tokkummaan Sooviyeetii yeroo Afgaanistaaniin weerare sochii Mujaahidinootaa isa ture gara jihaadii idil addunyaatti kan jijjiire nama kana ture. Kabajamaa kan ture abbaa isaa irraa doolaara miiliyoona hedduu dhaalan argatee kan ture Osaamaa Binilaadin naannaa jalqaba bara 1980 dargaggoota kuma hedduutti lakkaayaman filachuun karaa Paakistaaniin gara Afgaanistaan imalsiisuuniifi deeggarsa qarshii taasisuun yeroo ergama Qur’aana bahaa turetti Azaam waliin michoomee ture. Waraanni Sooviyeet Afgaanistaaniin gadi dhiisee ba’uun waggaa tokko booda Abdullaah Azaam Paakistaan keessatti yommuu ajjeeffamu, isaatiin kan hundeeffame mujaahidoota kanneen alaa kuma shantamii shan filatee kan ture dhaabbata jihaadiin hogganuuf yeroo sana nama Biinilaadanirra fooyyee qabu hin turre. Yeroo muraasa booda dhaabbannni kun maqaa Alqaa’idaa jedhu argachuun ergama idil addunyaa qabatee akka haaraatti gurmaa’eera. [6]

Namoonni arfan armaan oliin eeraman bara kanatti kan argamu ilaacha hokkarsa jihaadiif bu’uura kan kaayan namoota sababa ta’uu isaaniin xiyyeeffannaatti laanne malee islaamonni barsiisa yaraa isaaniin beekaman lakkoofsa hin qabani. Keessumaa bu’aawwan Yunivarsiitii Al-Azihaar ta’anii lafaa sanaa kan maddan jihaadistoonni gama shira shorkeessummaa wixineessuun gita hin qabani. Hundeessa musliima obboleeyyanii kan ture Hasan Al-Baanaa, saba sanaaf Al-Taahiriir (sochii bilisummaa islaamummaaf) hundeessaa kan ture Saalaah Seereyaa, Al-Takfiir Wal-Hiijiraaf hundeessa kan ture Shukiruu Muusxafaa, Tabliihii Jam’aatiif hundeessa kan ture Muhammad Eliyaas Al-Kaanzilaawii, Al Jihaadiifi garee shorkeessitootaa biroof hogganaa amantaa kan tureefi Pireezdaantii Saadaatiin kan ajjeesise amma mana hidhaa Ameerikaatti hidhaa umurii guutuun kan argamu “sheekiin agartuun isaa ilaaluu hin dandeenye” Omar Abdalraahimaa, gargaaraa Biinilaadan kan tureefi bakka hoggansa Alqaa’idaa kan fudhate Ayimaan Al-Zawaahirii, kitaabota balaa ta’an hedduuf barreessaa kan ta’eefi miidiyaalee hawaasaa irratti bifa nama nageenyaa qabaachuun kan dhiyaatu, kitaabota isaatiin garuu summii shorkeessummaa kan facaasu Yusuuf Al-Qardaawwii[7]fi namoonni kana fafakkaatan  barsiisaafi barreeffamoota isaaniin dhiiga namoota miiliyoonotaan kan dhoqqaa’e, otuu hin jaalatiin dirqamaan  kan ukkaamfame bubbee du’aa ramaca gara-jabinaa itti tuqachuun ibiddaa jihaad isa ammayyummaa uukkamfame itti kan qabsiisaniifi bobeessaa jiran ta’uu isaanii xiyyeeffannaan kan namoota arfanii gadi hin taane isaaniif barbaachisa.

 


[1] Mark Gabriel. Islam anad Terrorism;p.111

[2] Campo. Encyclopedia of Islam; pp. 334-325

[3] Mark Gabriel. Islam and Terrorism; pp.113-122

[4] Sayyid Qub;Edited by A.B. al-Mehri. Ma’alim Fi’ l-tareeq (Mile Stones); 2006, p.III

[5] Sebastian Gorka. Defeating Jihad: the Winnable War;pp.88

[6] Ibid., pp. 86-94

[7] Hojiiwwan Yusuuf Alqaardaawwii hedduminaan gara afaan Amaaraatti hiikamanii bakka gurgurtaa kuusa kitaaba islaamummaa keessatti argamu. Barumsi nama kanaa hagam balaa akka ta’e beekuuf “Jilu Nasir Al-manshud ” mata duree jedhuun barreeffamee “ድል አድራጊ መፃዒ የሙስሊም ትውልድ” jedhamee gara Amaariffaatti kan hiikame kitaaba dubbisuun ga’aadha. Kitaabicha kan dubbifate cufti amma mul’achaa kan jiru akka cirrachaa galaanaa kan baay’ate, jibbaan, of-tuulummaan, hinaaffaa amantaa yaraan kan qabame, dhaloota jihaaditti amanuu ifatti ilaaluun in danda’ama. Kitaabni summii nama kanaa hedduminaan gara afaan Amaaraatti hiikuun rabsaa kan jiru nama asuma lafa keenyarra jiraachaa jiruudha.

 

SHORORKEESSUMMAA