Jihaad Bifa Haarawaan

Jihaad Bifa Haarawaan


Kutaa jaarraa baroota kudha saddeettaffaatti qaroominni giddu-gala bahaa laafee qaroominni kanneen lixaa guddatee kan itti mul’ateedha. Naapooliyoon Boonaapaartiin bara 1798 loltoota kuma soddomii shan Gibxiirra qubachiisuun isaa kallattii humna isaatii jijjiiruu isaa ifatti kan argisiise mudannoo seenaa ture. Kutaa jaarraa baroota kudha salgaffaafi digdamaffaa kan ture imaammanni babal’achuu Awurooppaanotaa kallattii humna addunyaa waan jijjiireef hawaasni musliimaa bituurra gara bitamuutti guddachuuf dirqameera. Duulli rukuttaa Ottooman Turkiin kiristaanota irratti godhamaa turan gara alaatti ta’uu mannaa daangaa mootummaa isaa keessa kan turan hawaasa kiristiyaana irratti kan xiyyeeffatan ta’aniiru. Daangaa mootumma Ottooman otuu hin diigamiin dura xummura isaa dhiiga kiristaanota hedduu dhangalaasuu godhateera.

Bu’aa Bilisummaa

Dhuma kutaa jaarraa kudha salgaffaatii eegalee biyyoota Biriitaaniyaafi Faransaayiin fakkaatan keessatti dhiibbaan Turkoota irratti godhamaa ture sababa finiinaa dhufuu isaatiin daangaan mootummaa Ottooman Turkii rakkina keessa galeera. Daangaa ottoomanii keessatti kan argaman yihuudonniifi kiristaanotiin gibira jiiziyaa isa kaffalan akka hafu kanneen kaabaa dhiibbaa godhaniiru. Gibirri hafuu isaatti kan isaan dheekkamsiise musliimonni bakka hundumaatti kiristaanota miidhuu itti fufaniiru. Keessumaa Damaasqootti ajjeechaan kiristaanotarra ga’e baay’ee sukkanneessaa ture. Ajjeechaan kun kan godhame bara 1860 yommuu ta’u, musliimonni dheekkamsaan guutaman meeshaa isaanii kan qara qabu qabatanii ba’uun kiristaanota 7,000-10,000 tti tilmaaman ajjeesaniiru. Hedduu isaanii godaansaaf saaxilaniiru. Loltoonni Turkiis lubbuu baastota gargaaruun kiristaanota dabarsanii laatu turan. Ari’atamarra kan turaniin qabuun otuu lubbuun jiranii boba’aa ibiddaa keessatti isaan darbatu turan. Yeroo kanatti namni musliima gocha gaarii hojjetan Abdul- Qaadiir jedhaman kiristaanota kumaatamaan lakkaayaman mana isaanii keessa dhoksanii oolchuu isaaniin gaarummaa isaaniin namoota seenaan isaan yaadatu keessaa tokko akka ta’an isaan taasiseera. Sababa kanaan mootummaa Faransaayi irraa badhaasni kabajaa isaaniif laatameera. Namoonni namummaa akkanaan gaggeeffaman barsiisa jibbaaf laphee isaanii kan hin laanne otuu hin jiran ta’ee addunyaan keenya maal taati ture? Jaarmiyaaleen misiyoonota Awurooppaa hedduun kiristaanota godaantota ta’an gama oolchuutiin qooda guddaa laataniiru. Ajjeechaa yeroo sanatti taasifame barruun Niwu Yorkii Taayims inni beekamaan maxxansa isaa hagayya 13/ bara 1860 irratti bal’inaan gabaaseera.[1]

Impaayeriin Ottooman dadhabuu yommuu jalqabu barootaaf hacuucamaa kan turan hawaasni kiristiyaana garaa garaa bilisummaa isaanii barbaaduu jalqaban. Garuu gaaffii kana kaasuun isaanii diigamaa kan ture daangaan mootummaa islaamaa araara kan hin qabne billaa jihaadummaa isaa akka isaan irratti diriirsu sababa ta’eera. Keessumaa kiristiyaanota Armaaniyaarra rakkinni ga’e yoomiyyuu taanan kan dagatamu miti. Duguuggaan sanyii kan godhame bara 1915 yommuu ta’u kiristaanotiin miiliyoona tokkoo hanga miiliyoona tokko tuqaa shaniin tilmaaman haala sukkanneessaan ajjeefamaniiru. Kanneen dhiiraa walumatti kan ajjeefaman yommuu ta’an dubartoonniifi daa’imman ammoo loltootan gaggeeffamuun gara gammoojjii sooriyaatti fudhatamanii akka saamaman, gudeedaman, beelaan, dheebuufi gubannaa aduutiin waadamanii akka dhuman godhameera.[2] Loltoonni dubartoota kiristiyaanaa yommuu gudeedan akka ilaalaniif abbaa manootii isaanii dirqisiisu turan. Kana booda isaan ajjeesaa akka turaniifi shamarran hedduu dargaggoota ta’an fannoo irratti fannifamanii, fannifamuu isaaniis barreeffamoonni seenaa ragaa isaanii in laatu.[3]

Shororkeessummaa- Jihaad Isa Durii Bifa Haarawaan

Daangaan mootummaa Ottooman ega diigamee booda jihaad bifa haaraa qabaachaa dhufe. Kana dura hawaasa musliima hin taane irratti jihaadiin raawwatamaa ture adda durummaa mootummaa islaamaan yommuu ta’u amma garuu haala karaa ifa ta’een mootota seera qabeessan kan godhaman sochii jihaad kan itti fufsiisan hin taane. Kanaafuu mootummootiin islaamaa garee shororkeessitootaa qindeessuuniifi deeggaruun gola keessa ta’anii hojjechuun isaan barbaachiseera. Har’a mootota gurguddoo kanneen lixaaf illee qorumsa kan ta’an addunyaa irratti kan argaman gareen shororkeessitootaa, qindoominniifi jabinni isaan qaban walitti qabama kan namoota dhuunfaa qofa ta’uu dhiisuu isaaniifi duubaa isaaniin humni biraa jiraachuu isaa argisiisa.

Nabiyyi Muhammadiifi hordoftoota isaaniin kan jalqabame jihaad inni durii tooftaa isaa jijjiiree maqaa “shorkeessummaa” jedhu argachuun ega mul’ate tureera. Gibxiitti kan argamu Yunivarsiitiin Al-Azehaaris madda barsiisa shorkeessummaa isa jalqabaa ta’uu isaafi Gibxiinis dirree gareen shororkeessitootaa itti oomishamanii taatee turuu ishee in beekama.


[1]The New York Times; http:/www. Nytimes.com/1860/08/13 news/Syrian-outbreak-details-damascus-massacre-foreign-intervention-syria.html

[2] Christopher J. Walker. Armenia, the Survival of Nation; 1980, pp. 200-203; Campo. Encyclopedia of Islam; pp. 62-63.

[3] Shahkeh Yaylaian Setian. Humanitiy in the Midst of inhumanitiy; Xlibris publishers, 2011. P.170

 

SHORORKEESSUMMAA