Jihaada Itiyoophiyaa Keessatti Jaarraa 19ffaa Asitti
Weerarri jihaad tibbana sana badii guddaa yoo geessiseyyuu garuu kutaa kabaa Itoophiyaatti gosa amantaa jiran irratti dhiibbaan jiraachaa ture hanga eegameen hin turre. Mo’amuu Giraanyi booda sulxaanoti musliimaa kan laafaniifi sochiin isaaniis kan daangeffame yommuu ta’u Waldaan kirsitaanaa yeroo gabaabaa keessatti gara bakka ishee duraatti deebiteetti. Kun kanaan otuu jiruu jihaadistoonni alaa Turkiin fakkaatan gama Itoophiyaa sallamsiisuun abdiin isaan qabaachaa turan akka hin dhumne ilaalameera. Turkoonni mo’atamanii biyyaa ega ari’amanii booda bara 1557 buufata Mitsuwaa kan to’atan yommuu ta’u hanga gaadaamii Dabra Daamootti seenuun moloksoota irratti ajjeechaa akka raawwataniifi gadaamichas akka xureessan, tibbana sanatti BAAHIRA NAGAASH kan ture Yisihaaqiin injifachuun naannaa sanaa akka isaan ari’e barreeffamoonni seenaa in dubbatu.[1] Injifatamuu Giraanyi booda biyya Islaamaa marsanii kan turan hawaasni musliimaa humna dhabanii kan turan yommuu ta’u, daangaan kaabaa sochii uummata kibbaa turaniin hokkaramuun kan hafe kan isa mudate rakkinni hanga sana jedhame hin turre. Waldaan kiristiyaanaa uummata naannaa tokkoo qofarratti xiyyeeffachuun shochiin ishee otuu hin daangeffamne ta’ee har’a islaamummaa fudhatanii kan argamaniifi kanneen kaan waliin dabalamanii jiraachuuf kan hin rakkanne aadaa miidhagaa kan qaban uummanni oromoo kiristaanummaa fudhataa akka turan hayyuun seenaa Tiriimiingihaam jedhaman yaada isaanii laatu.[2]
Weerara Gibxii
Gibxiin laga abbaayaa irratti faayidaa qabduun kan ka’e Itoophiyaa to’achuufi sallamsiisuuf fedha yeroo dheeraa akka qabaachaa turte in beekama. Mootonni Gibxii baroota garaa garaa ka’an humnaan Itoophiyaa to’achuun salphaa akka isaaniif hin taane waan isaaniif galaa tureef karoora sallamsiisuu tooftaa garaa garaan fayyadamuun raawwachiisaa akka turan seenaan in dubbata. Keessumaa Waldaan kiristiyaanaa Phaaphaasota argachaa kan turte fedha moototaan waan tureef Phaaphaasota kana waliin walii galtee garaa garaa taasisuun islaamummaa babal’isuuf yaaliiwwan turaniiru. Fakkeenyaaf yoo jedhame Abbaa Saawiroos kan jedhaman (bara 1080) akkuma muudamanii dhufaniin Maskiidota torba ijaarsisanii kan turan yommuu ta’u gochi isaanii kun dheekkamsa uummataa sababa kakaasuu isaatiin hidhaaf godhamanii Maskiidonnis diigamaniiru.[3] Garuu Phaaphaasonni Gibxiidhaa dhufan gocha akkanaa kan raawwatan jaallatanii otuu hin taane hogganootni musliimaa uummata kiristiyaanaa Gibxii jiru akka sababaatti fayyadamuun waan isaan dirqisiisaniif ture. Musliimonni Gibxii kiristiyaana fakkaachuun gara biyya keessaa kan itti seenaniifi Waldaa kiristiyaanaa irratti yerootti miidhaa geessisan turan. Fakkeenyaf yoo jedhame musliimni Abduu jedhamu, bara Kiristoodulas (1047-78) Phaaphaasii jedhamanitti ragaa sobaan fayyadamee seenuufi fudhatama agachuun tajaajila Phaaphaasichaaf gufuu ta’ee akka ture seenaa irratti barreeffameera.[4]
Kutaa baroota jaarraa 19ffaatti namni Muhammad Aalii jedhamu aangoo Gibxii qabachuun daangaa isaa biyyoota laga naayil keessatti babal’isuuf kaarora qabatee ka’eera ture. Akkaataa kanaan Sudaaniin qabachuun bara 1830 lagni gurraachiifi lagni adii abbayaa bakka wal argan irratti magaala Kaartuum hundeesse. Ilma isaa Ibraahimiin “Bulchaa Abisiiniyaafi Hiijaaz” jechuudhaan ega muudee booda kaaroora Itoophiyaatiin weeraruu sheriikota Awurooppaaf ifa godhe. Garuu tibbana sana Kaayerootti Eembaasii Biriitaaniyaaf jeeneraala kan ture Saalt, kaaroora isaa mormuun barootaaf kiristaanummaa eeguun kan tursiifte afrikaa keessaa biyyattiin kun qofti akka weeraramtu humnootiin Awurooppaa akka isaan hin heeyyamne ibseef.[5] Garuu Awurooppaanotiin faayidaan isaanii hanga hin tuqamnetti kiristaanummaaf dhimma akka hin qabaane baroota boodaa irratti ifa ta’eera.
Muhammad Aaliin weerara Sooriyaa irratti godhe waan isaaf hin milkoofneef fuula isaa gara Itoophiyaa deebisuun bara 1838 karaa Sudaaniin daangaa ittiin seenamu Qalabat jedhamuuun weerartoonni loltoota isaa gara biyya keessaa akka seenan godheera. Weerartuun kun biyya Gondar keessatti hokkara guddaa kan geessise yommuu ta’u jihaadistoonni gocha qaanii Waldootii kiristiyaanaa hedduu xureessu raawwataniiru. Kun ammoo uummataafi haggantoota biratti dheekkamsa guddaa kaasuun waraanni Dajaach Kinfuun hogganamu miiraafi gaabbiin guutamee akka malee adabuun isaan ari’eera. Muhammad Aaliin injifatamuu isaa amanee fudhachuu yoo barbaadeyyuu garuu Faransaayiifi Biriiteen dhiibbaa waan itti godhaniif karoora isaa utuu hin raawwatiin hafeera.[6]
Gibxiin karoora Itoophiyaa weeraruu ishee irra deebi’uun bara Ismaa’el Paashaa hojiirra oolchuuf kan yaalte yoo ta’eyyuu sadaasa 16/1875 ergamtoota kaabaan gaggeeffamuun karaa Mitsiwwaa kan seene waraanni Gibxii jihaad bakka Gundet jedhamu irratti waraana mooticha Yohannis waliin walitti dhufuun guutummaa guututti barbaadaa’eera. Jalqabarratti isa Injifatame haaloo ba’uuf yeroo lammaffaaf ji’a bitootessaa irratti deebi’ee kan dhufe waraanni jihaad bakka gurraa jedhamu irratti barbaadeeffameera. Sababa kanaanis Gibxiin waraana ergitee fedhii Itoophiyaa sallamsiisuu qabaachaa turte fashalaa’uu danda’eera.[7]
Haleellaa Mahaadistoota Sudaan
Gibxiin sababa sudaaniin qabachuu isheetiin sochiin Mahaadii Sudaan irratti ka’ee ture. Sochiin kun kayyoon isaa inni guddaan Gibxii ishee kanneen Ingiliziin deeggaramtu mo’uu yoo ta’eyyuu waraana Gibxii kan mahaadistootaan marfame mootichi Yohaannis karaa daangaa Itoophiyaan baasisuuf walii galtee isaan godhan, Mahaadistoonni xiyyeeffannaa isaanii gara Itoophiyaatti akka deebisan sababa ta’eera. Tibbana sana mooti Goojjaam kan turan Taklahaayimaanoot ji’a amajjii bara 1887 daangaa mahaadistootaa kan turte magaala Matammaa irratti haleellaa raawwatanii turan. Waggaa itti fufuun waraanni mahaadistootaa hanga Gondaritti seenuun waldootii kiristanaa gubeera, uummata kiristiyaanaa ajjeeseera, hedduu isaanii booji’ee gabrummaaf fudhateera. Sababa kanaan bitootessa 9 fi 10 waraana Matammaa irratti taasifameen mootichi Yohannis lubbuu isaanii kan dhaban yommuu ta’u, mahaadistoonnis mataa isaanii irraa kutuun gara Sudaanitti fudhataniiru. Xiyyeeffannaan mahaadistootaa diina isaanii kan jalqabaa gara ishee taate Gibxiitti waan deebi’eef Itoophiyaa weeraruu irraa of qusataniiru.[8] Gibxiifi Sudaan guutummaa guutuutti kolonii Biriitaaniyaa jala ega galanii booda karaa islaamota kanneen alaan, sodaan jihaadummaa Itoophiyaarra ga’u yeroof yoo ta’eyyuu tasgabbaa’uun isaa hin hafne.
Shira Bara Iyyaasuu?
Inni biraan kiristaanummaa Itoophiyaaf bara baay’ee hamaa akka ture kan dubbatamu bara mootummaa Iyyaasuu ture. Mootichi Minilik ega sireetti galanii booda bara 1907 mucaa mucaa isaanii kan turan Iyaasuun bakka bu’aa isaanii, Raas Tasammaan ammoo gargaaraa isaanii godhanii muudanii turan. Bara 1911 du’a Raas Tasammaa itti fufee Iyaasuun islaamummaarraa gara Kiristaanummaa kan dhufan abbaa isaanii Raas Mikaa’el waliin ta’uun taayitaa isaanii ega cimsanii booda gara amantaa islaamummaa dhufuu akka jalqaban qorataan seenaa Piroofeesera Tiriimiingihaam in dubbatu. Akka barreessaa kanaatti Iyaasuun gara Hararii imaluun Islaamummaa shaakaluu jalqabanii turan. Haadha manaa isaanii kiristiyaana turan Roomaan Warqiin dhiisanii shammarran musliimaa fuudhaniiru. Maskiidota Dirree dhawaafi Jigjigaatti ijaarsisaniiru. Kanaan otuu hin raawwataniin Itoophiyaan amantaan Turkii jala ta’uu ishee argisiisuuf alaabaa Itoophiyaa irratti mallattoo ji’aafi beeksisa amataa islaamaa (Laa’illaah Iilallaa Muhammad rasul Allaah) gochuun jeeneraala eembaasii Turkiif ergan. Abbootii taayitaa Musliimaa kan mataa isaaniif alaabaawwan erguun jihaadiif akka isaan kakasaniif waadaa seenan. Muhammad Iibin Abdallaah isa Mahaadii Somaalee Ogaadenii waliin walii galtee taasisuun rasaasaafi qawwee isaaf ergan. Kiristaanummaa irratti Jihaadii godhaniif akka isaaniin hordofaniif kanneen Somaaleef waamicha dhiyeessuun gara Jigjigaatti imaluun loltoota filatan. Dhumarrattis kaayyoon isaaniin galma otuu hin ga’iin taayitaarraa akka buufaman godhaman.[9]
Hubachiisa:- Qorattoonni seenaa tokko tokko bara mooticha Haayilasillaasee kitaabota seenaa barreeffaman irraa ka’uun seenaa Iyyaasuu bifa armaan oliin kaayameen ilaaluun akka wal hin madaalle dubbatu. Ta’us dubbifattoonni gama biraan seena kana kan argsiisan barreeffamoota akka hubatan gorsina.
Ergama Islaamummaa kan Faashistii Xaaliyaanii
Yeroo weerara Xaaliyaanii kiristiyaanummaa Itiyoophiyaa irratti balaan mudate salphaa hin turre. Beenitoo Mosolooniin Itoophiyaa weeraruuf qophii otuu taasisaa jiruu musliimota biyya keessaafi alaa turan biratti deeggarsa walitti qabuuf tooftaan ittiin fayyadame kiristaanummaa Itoophiyaa salphisuun islaamummaa akka kabachiisu waadaa seenuudha ture. Kaaroora weerara Mosoloonii mormuun musliimonni Arabaa Itoophiyaa cina dhaabatan yoo jiraataniyyuu, garuu hedduun isaanii humna weerara sanaaf deeggarsa laataniiru. Iyaasuunis hogganaa Itoophiyaa isa sirrii ta’uu isaa labsuun bittaa islaamummaa akka deebisu waadaa seenuu isaa Harar, Ogaadeen, musliimota kibba Itoophiyaafi Finfinnee jiraachaa kan turan daldaltoota Arabaa biratti fudhatama isaaf argamsiisee akka ture maddeen Xaaliyanii in ibsu. Waraana sana dura mootichi Hayila Sillaasee Ebla 7/1935 jilli isaan gara Saa’udii Arabiyaatti ergan wanna abdii laatu tokkollee otuu hin argatiin gara Kaayirootti imaleera. Mootiin Iibin Saa’udii miseensa jila sanaa kan turan musliima lammii Itoophiyaa Ahimad Saaliqiif:- “Itoophiyaan musliimotarratti kan isheen raawwatte hunda nan beeka, abbaa Jifaar taayitaa irraa bu’eera ijoolleen isaa biyyaa godaananiiru. Mootummaan islaamaa kan Jimmaa kutaa barootaaf jiraachaa ture badeera. Itoophiyaa keessatti musliimni taayitaa gaarii qabu hin jiru. Itoophiyaa gargaaruu hin danda’u” jechuudhaan dubbachuu isaanii galmeeffameera. Kunis Mosolooniif oduu gammachiisaa ture.[10]
Kanneen Itoophiyaa harka isaanii duwwaa Saa’udii Arabiyaatii deebi’anii ji’uma isaatti, nama Itoophiyaa hin jaalanne Haamzaafi mooticha Saa’udii jedhamuun kan hogganamu jili Roomiin ga’e. Mosolooniin “michuu islaama dhugaa akka ta’eefi cunqursaa kiristaanummaa jalatti kan rakkatan musliimota Itoophiyaaf eegduu sirrii” akka ta’e ibsameera. Waraanni Itoophiyaafi Xaaliyaanii biyyoota kiristiyaanaa lamaan gidduutti waraana taasifamu ta’uu isaa ibsuudhaan Saa’udiin kophummaa filatteetti sababa jedhuun hariiroo diiploomaasummaa Itoophiyaa waliin qabdu akka dhaabdu, loltoota Xaaliyaaniif kan ta’u nyaata akka gurgurtu, diina Xaaliyaanii kan ta’e olola kamiyyuu akka dhorkitu, qooda kanaa ammoo waraanichi ega raawwatamee booda Xaaliyaaniin humna waraana qilleensaa kan Saa’udii Arabiyaaf deeggarsa akka tasiftuufi meeshaa kennuun galfata ishee akka deebiftu kan ibsu iccitiin waliigalteerra ga’ame. Saa’udiin gaalota 12,000 moosolooniitti gurguruuf walii galuun deeggarsa ishee kenniteetti. Ganna dhufutti mootichi garee jila biraa gara Saa’udii yoo erganiyyu garuu bu’aa hin qabu ture. Waraanni Mosoloonii bara 1935 tti Itoophiyaa weerare Somaaliyaa, Eertiraafi Liibiyaa keessaa kan ba’an lakkoofsi isaanii kuma torbaatamaa ol kan ta’an loltoota Musliimaa of keessatti kan dabalate ture. [11] Faashistiin Xaaliyaanii waggaa shanan Itoophiyaa weerare sanatti islaamummaa babal’isuuf yaalii kan taasise yommuu ta’u, Waldootii kiristiyaanaa barbadeesseera, kiristaanota hedduu rasaasaan, madifiifi boba’aa summiin galaafateera. Uummanni naannaa Arsiifi Sidaamaa jiraachaa turan akka sallaman jajjabeeffamu turan. Islaamummaan daangaa sadan irratti amantaa giddu galaa ta’ee labsamee ture. Xaaliyaanotiin manneen barnoota Islaamummaaf tumsa godhu ture. Musliimonnis seera
islaamummaa akka hojiirra oolchan jajjabeeffamu turan.Waajjirri Haajii akka haaraatti hundeeffamuun imaltoonni hedduminaan akka deeman jajjabeeffamu, deeggarsis isaaniif godhama ture. Maskiida Anuwaar isa guddaa Finfinne keessatti argamu dabalatee maskiidonni lakkoofsaan dhibbaan lakkaayaman guutummaa biyyatti irratti akka ijaaraman godhameera. Mosolooniin ijaarsa Anuwaar Maskiidiif dhuunfaa isaatiin deeggarsa godheera. Magaalli Harar “ifa Qur’aanaafi qaroomina islaamummaa kan ibsitu” magaala qulqullitti islaamaa akka taatu Giraaziyaaniin waadaan galamee ture. Afaan Arabaa afaan hojiifi barnotaa akka ta’u taasifameera. Barruuwwaniifi kitaabotiin Arabaa ni maxxanfamu ture. Miidiyaaleen raadiyoo afaan Arabaa hundeeffamanii turan. Barruuwwan hundi bifa Arabaa tokko akka qabaataniif dirqama ta’ee ture. Giraaziyaaniin bara 1936 tti ayyaana Id Al Faxiirii irratti yeroo jalqabaaf madifiin akka dhukaafamu godheera. Abbootiin amantaafi luboonni weerartoota sanaan morman walumaan ajjeeffamaniiru. Waldaan kiristiyaanaa Itoophiyaa walitti dhufeenya seenaa Gibxii waliin qabdu akka addaan citu godhameera. Walumaa galatti Waldaa kirsitiyaana Itoophiyaaf barri sun bara dhiphinaa ture. Kun hundi ega ta’ee booda bara 1937 Mosolooniin tibbana sana Liibiyaa daawwannaa godhanitti farda gulufsiisuun “billaa islaamaa!” dhaadannoo jedhu dhageessisuun “Liibiyaafi Itoophiyaa keessatti akkuma mirkaneeffame, kaalifeetiin ega badee booda islaamummaaf eegduu guddaan” isa ta’uu isaa kan ittiin labse agarsiifni, fiixee guddina olola islaamummaa kan Mosooloonii kan argisiise ture.[12] Garuu Faashistiin Xaaliyaanii yeroo ga’aa waan hin arganneef biyyatti sallamsiisuuf karoorri isaa galma otuu hin ga’iin hafeera.
Ziyaad Baareen “Somaaliyaa ishee gudditti” karoora hundeessuu isaa galmaan ga’achuuf kufaatii mootummaa Hayila Sillaaseefi nagaa dhabuu biyyattiin itti fufee bara 1977 biyyatti irratti waraana labsuun naannaawaa hedduu to’atee ture. Garuu qabsoo hadhaawaa ji’a saddeetiin booda mo’amee biyyattii keessaa bahuu danda’eera. Daangaa Itoophiyaa kutee qaama Somaalee ishee islaamaa taasisuuf abjuun isaa karaatti hafeera. Kufaatii Ziyaad Baaree booda deeggarsa Alqa’idaa mootummaa Saa’udiifi Kaartuum irra tureen gareen shorkeessitoota islaamummaa garaa garaa Somaaliyaa keessatti hundeeffamanii turan. Isaan kana keessaa Al-Takfiir Wal Hiijiraa, Al-Islaah fi Al-Tabliihii in ibsamu.[13]
Yaalii Garee shorkeessitoota Somaaliyaafi Ziyaad Baaree
Bulchiinsa Zihaad Baareetti namoonni biyyaa ari’amaniifi hidhattoota Somaalee Ogaadeen keessatti mo’aman waliin ta’uun Saa’udii Arabiyaa keessatti bara 1978 Al-Iitihaad Al-Islaamii (waldaa Islaamummaa) kan jedhu garee shororkeessaa hundeessuun naannaa daangaa Itophiyaa-Somaalee socho’uu jalqabanii turan. Gareen shororkeessaa kun shororkeessitoota Somaaliyaa shororkeessummaa kan idil-addinyaa waliin qindeessee ture. Bara 1980 keessatti ammoo “Mujaahidinoota” Somaalee muraasa ta’an “waraana Afgaanistaan keessatti akka hirmaatan ergee ture. Bara 1984 garee shorkeessitoota hedduu miseensa taasisuun humna isaa kan jabeeffate yommuu ta’u, garee shorkeessitoota Alqa’idaa fafakkaataniif deeggarsa kennuun kan beekaman Al Haraamiin kan jedhamu dhaabbata gargaarsa Saa’udii Arabiyaa kan fafakkaatan dhaabbata miti mootummaan deeggarama ture.
Bara 1991 Ziyaad Baareen ega mo’amee booda maalummaa isaa ifa taasisuun hogganaa isaa Sheek Daahiir godhee muude. Itoophiyaa irratti haleellaa jihaadummaa raawwachuu jalqabe. Mootummaa naannoo Somaalee irratti haleellaa hedduu ega raawwatee booda bara 1995-1996 tti magaala Finfinee keessatti haleellaa boombii raawwate (barri kun akka lakkoofsa Awurooppaatti ta’uu isaa haa hubatamu). Haleellaawwan shorkeessummaa kun hundi Al Haaraamiin kan jedhamu dhaabbata miti mootummaafi Alqa’idaan deeggaramaa akka turan dubbatama. Booda irratti humni waraana Itoophiyaa gara Somaaliyaa seenuun mooraa Al-Itihaadii hedduu balleesseera. Shororkeessota mo’achuunis isaan diigeera. Shorkeessitoonni diigaman booda irratti walitti qabamuun dhaabbata “waldaa mana murtii islaamummaa” jedhamu kan hundeessan yommuu ta’an, gareen shororkeessaa kun mootummaa ce’umsa Somaaliiyaa kan itoophiyaafi Ameerikaan deeggaramu balleessuun Moqaadishoo to’atee mootummaa Shari’aan gaggeeffamu hundeessee ture. Ogaadeenis qaama kaalifeetii haaraa akka ta’e labsuun Itoophiyaa irratti jihaadii labsee ture. Garuu humni waraana Itoophiyaa bara 2006 gara Somaaliyaa seenuun haala addunyaa ajaa’ibsiiseen artiitiin injifatee balleesseera. Mootummaan ce’umsaas deebi’ee bakka isaa akka qabatu godheera.[14]
[1] Trimingham. Islam in Ethiopia; p. 92
[2] Ibid., p. 114
[3] Ibid., p 63
[4] Ibid
[5] Ibid., pp.114-115
[6] Ibid., pp. 115-116
[7] Ibid., pp. 120-121
[8] Ibid., p. 116-125
[9] Ibid., 130-131
[10] Erlich. Sa’udi Arabia and Ethiopia;pp. 39-45
[11] Ibid., p. 46-47
[12] Ibid., 67-61
[13] Ibid., p. 205
[14] Ibid., 204-207