Jijjirama Fiduuf Waaqayyo Kan Isin Fayyadamuu Danda’u Haala Kamiini? (Kutaa-2)

Jijjirama Fiduuf Waaqayyo Kan Isin Fayyadamuu Danda’u Haala Kamiini? (Kutaa-2)

Boqonnaan kun itti fufa boqonnaa 11 yemmuu ta’u Islaamummaadhaf deebii barbaachisaa kennuudhaf karaalee fi kutaalee ittiin hirmaachuu dandeenyu kan biroo ittiin ilaalla.

Musliimotaa fi Kutaa Seeraa

Musliimonnii fi gareelen musliimaa tokko tokko walaboota biyyoota Musliima hin taane keessatti gonfatan micciiru fi faayidaa isaaniitiif oolchuuf ni yaalu. Fakkeenyaaf walabummaa dubbachuu dursitoonni Musliimaa tokko tokko masgiidota keessatti dubbii jibbaa darbees barsiisa jihaadaa akka labsan isaan gadi lakkisee jira. Tokko tokko immoo uummattoota lakkoofsa xinnaa qabaniif mirgoota isaanii eegsisuuf seerota laafoo biyyoota Musliima hin taane keessatti ba’an seerota shari’aa galchuuf yookin wantoota Musliimonnii fi Islaamummaan barbaadan raawwachuuf ni diriirsu. Akkuma beekkamu kaayyon Musliimota mankaraarsistoota ta’anii biyyoonni addunyaa marti seera shari’aa jalatti akka kufan gochuudha.

Kiristiyaanotaa fi Kutaa Seeraa

Kiristiyaanonni tamsa’ina Islaamummaa fi shari’aa dhaabsisuuf ijaarsa seera biyya isaanii keessatti dammaqinaan hirmaachuu qabu.

Waa’ee Seera Shari’aa Beekuu

Kiristiyaanonni hunduu beektota seeraa ta’anis ta’uu baatanis waa’ee seeraa shari’aa hubannoo qabaachuu qabu. Shari’aan seera biyya tokkoo keessatti yoo galfame kan Kiristiyaanotaa qofa osoo hin ta’in mirgaa fi bilisummaa namoota biyyattii keessa jiraatanii mara hammam akka sarbu hubachuu qabu. Fakkeenyaaf manneen murtii Shari’aa Kaadii jedhaman biyya Keeniyaa keessatti dubartoonni Musliimaa sababa tokko malee golga seeraa osoo hin argatiin dhiirsoonni isaanii akka isaan hiikan hayyamee jira.

Kiristiyaanota Abuukaatota ta’an

Kiristiyaanonni beekkumsa seeraa qaban hojii isaanii akka tajaajilaatti ilaaluu qabu. Beekumsaa isaani kan seeraa fayyadamuudhan Kiristiyaanonni biyya isaanii keessattis ta’ee biyya isaanin alatti amantaa isaanii irraa kanka’e bakka ofii isaanitiif iyyachuu hin dandeenyetti mirgii fi walabummaa isaanii akka kabajamu hojjechuu qabu. Kiristiyaanonni abukaatoo ta’an kiristiyaanonni haala isaan itti gadadaman yookin mirgii fi walabummaa isaanii hineeggamne irratti mootummootni biyyoota isaani fi biyyoota alaa akka gidduu galan dhiibbaa kan uuman qaamota seeraa kan falmii dhaabbachuu danda’an hundeessus ni danda’u.

Musliimotaa fi Tajaajila Ittisaa

Kutaan inni baay’ee murteessaa ta’e kan Musliimonni too’annaa isaanii jala oolchuu barbaadan keessaa tokko tajaajila ittisaati. Tajaajilli ittisaa nagaha uummataa eeguf kan taa’an humna poolisaa, humna ittisaa fi basaasa (intelligence). Biyyoota Afrikaa lakkofsi Musliimotaa xiqqaa keessaatti ta’an tokko tokko ministeerota ittisaa fi basaasaa Musliimota ta’an ni qabaatu. Kutaalen kunneen too’annoo Musliimotaa jala yoo oolan Islaamummaan mankaraaressummaa akkasumas balaan shororkeessummaa dabaluu danda’a; akkasumas biyyoonni kunneen Musliimota Mankaraaressitootaf  eddo dhokannaa mijaawoo ta’uu danda’u. Odeeffannoonis gara biyyoota biroo yoo hin gahin isaanis balaadhaf saaxilamuu ni danda’u.

Humni Poolisaatis too’annoo Musliimaa jalatti yoo kufe Kiristiyaanota gidiraan irra ga’u gargaaruf hin ka’an. Wanti kana fakkaatu Ugaandaa, Maalaawii, Keeniyaa fi Naayjeeriyaa keessatti raawwatamee jira.

Bara 2011 koonfiransii biyya Keeniyaa keessatti godhame irratti ogeeyyin seeraa fi dursitoonni sochiiwwan garagaraa Kiistiyaana ta’an kan biyyoota Afrikaa 18 irraa dhufan walga’anii turan. Bakka bu’oonni kunneen seerota haarawa, jijjiirramoota seera mootummaa irratti taasifamanii fi heerota bulchiinsaa akkasumas ari’ama namoota irra gahaniif akkamitti deebii kennuu akka danda’an mari’atanii jiru. Mirgoota namummaa ilaalchisee walii galteewwan adduyaa mallatteeffaman akaasumas seeronni garagaraa bahan mirgoota Kiristiyaanotaa fi walabummaa amantaa haala eegsisuu itti danda’an irratti akkasuma mari’atanii jiru.

 

Kiristiyaanotaa fi Tajaajila Ittisaa

Kiristiyaanonni tajaajila ittisaa biyya isaanii keessatti argaman keessatti dammaqiinsan hirmaachuu qabu. Kunis kan adeemsifamu karaa lamaani:-

Lammiilee Yaadan

Tajaajilli ittisaa kan hojjetu nageenyi lammiilee biyyatti kan eeggame akka ta’uufidha. Tajaajiloonni kunneen namoota irratti balaa fidaa, midhaa geessisaa yoo jiraatan yookiniis nageenya namootaa eegaa yoo hin jiraatin itti gaafatamuu qabu. Kutaalee gara garaa kanneen irratti eenyu akka itti gaafatamummaadhan taa’e Kiristiyaanonni beekuu qabu. Namoonni kunneen achii irra kan taa’an filannoodhan yoo ta’e Kiristiyaanonni sagalee isaanii fayyadamuudhaan namoonni sirriin eddo sanaaf ga’umsa qaban filatamuu isaanii mirkaneeffachuu qabu. Itti gaafatama sana irra kan taa’an taaytan isaaniif kennamuudhaan yoo ta’e immoo kiriistiyaanonni karaa sab-qunnamtiitin abbootii angoo isaan sirriidhaaf yookin falmitoota mirga namoomatiif sodaa isaanii beeksisuun isaan irraa eeggama.

Miseensa Tajaajila Ittisaa Ta’uudhaan

Kiristiyaanonni sana akka godhan Waaqayyo akka isaan waame yoo amanan tajaajila ittisaatti makamuudhaan dhiibbaa Kiristiyaanaa jabaataa geessisuu ni danda’u.

Kiristiyaanonni ciccimoon tajaajila ittisaa keessa seenan yoo ta’e mirgi, walabummaa fi ol’aantummaan seeraa eeggamuu isaa ni mirkaneessu. Dabalataanis shororkeessitooni fi mankararessitoonni Islaamaa biyyoota Afrikaa akka holqa dhokonnaatti fayyadamuun rakkisaa ta’ee argatu.

Musliimotaa fi Qonna

Afrikaa keessatti oomishni sadarkaa duraa harki baay’en kan argamu qonnaa fi albuuda baasuu irraatti. Kanaafuu biyyoonni Musliima ta’an baay’een seektara qonnaa Afrikaa too’achudhaaf fedhii qabu. Musliimonni qonna Afrikaa keessatti karaalee gurguddoo sadi’iin hirmaatu.

Lafaa fi Qabeenya Too’achuu

Biyyoonni Musliimaa fi gareewwan musliimaa guutummaa Afrikaa keessatti lafoota babal’oo bitaa jiru. Lafti kun midhaan biyyoota Musliimaa sooruf oolu magarsuuf akka oolu hubatanii jiru. Dabalataanis hir’ina midhaan nyaataa addunyaa irra jiru irraa kan ka’e waggoota gabaabaa keessatti karaalee oomisha midhaanii too’achuun adeemsa baay’ee murteessaa akka ta’e hubatanii jiru.

Daandiiwwaan Daldalaa fi Gabaawwan Too’achuu

Biyyonni Musliimaa waggaa waggaadhan daandilee daldalaa guddisuuf dolaarota miliyoonotaan lakkaa’aman Afrikaa keessatti dhangalaasanii jiru. Kunis Afrikaa keessatti Musliimonni karaalee baaburaa fi dhiheessa bishaanii akkasumas buufatawwaan doonii gurguddoo ni too’atu jechuudha. Oomishaaleen karaalee Afrikaa keessatti ittiin socho’anii fi karaa gara alaa ittiin ergaman too’achuu barbaadu. Daandileen kunneen baay’een immoo moggaa isaanitti masgiidonni ijaaramanii jiru.

Biyyi tokko miseensa OIC (netanization for Islamic Cooporation) yoo taate immoo waliigalteewwan daldalaa adda ta’an ni mallatteessu. Biyyoonni Afrikaa baay’een miseensa OIC ta’anii jiru. Biyyoota Musliimonni itti baay’atan ta’uu baatanis walii galteewwaan daldalaa kanneen irraa fayyadamoo ta’uudhaaf miseensa ni ta’u. Yeroo sanattis maamiltoonni isaani yeroo hundaa kan oomisha qonna isaanii irraa bitan biyyoota Musliimaa zayita boba’aatiin badhaadhan ni ta’u. Haata’uu malee Musliimonni biyyonni miseensa OIC ta’an biyyoota Islaamaa akka ta’an yaadu. Biyyittiin sunis biyya Islaamaa akka taatu wanta danda’an hunda osoo hin godhin hin boqotan.

Nyaata Halaala ta’e

Boqonnaa 5 fi 11 irratti akkuma ibsame Musliimonni yeroo yerootti oomishaaleen nyaataa akka halaalan galmeeffaman carraaqqiwwan gocha ni jiru. Kunis Industiriin dolaara biliyoona hedduun loakkaa’amu akka hundeeffamu taasisee jira. Nyaanni halaala jedhamee galmeeffame harki caalu warshaa keessatti kan oomishamuudha. Haa ta’uu malee nyaatichi ennaa oomishamutti haala addaatin akka qophaa’u too’annaa cimaatu irratti taasifama. Haalli kunis keessumattuu yemmuu horiin qalamu horichi ajjeefamuu isaatin duratti Musliimonni kadhachuu isaanii irratti raawwii argata.

Kiristiyaanotaa fi Qonna

Afrikaan ardii baay’ee bal’oodha. Iskuuweer kiilomeetira kuma 30 yoo bal’attu bal’ina lafaa guutuu keessaa harka 20 kan caalu ni haguugdi. Kunis USA, Chaayinaa, Jaappaani fi Hindi walumatti dabalamanii kan haguugan irra ni caala. Qabeenyaa addunyaa irratti argamu keessaa harki soddomni Afrikaa keessatti kan argamu yoo ta’u jiraattonni ardiittii baay’en hiyyummaadhan ni gadadamu. Afrikaan hiyyummaa keessa kan ittiin turtu sababni tokkollee jiraachuu hin qabu.

Lakkoofsi uummata addunyaa saffisa guddaadhan ol ka’aa dhufaat jira. Dabalataanis addunyaa guututuu, keessumattuu biyyoota Chaayinaa fi Hindi fafakkatan keessatti uummanni baay’en gara magaalaa godaanat jira. Fedhiin nyaataa haala rifachiisaadhaan dabalaa dhuufeet jira. Akkuma magaalonni babal’achaa dhufaniin lafti uummata magaalaa soorudhaaf midhaan irratti oomishamu xinnaachaa ni dhufa. Chaayinaatti waggaa waggaadhan namoonni miliyoona 50 caalan gara magaalatti akka godaanaan ni tilmaamama. Godaansa kanaanis eddoo namoota gara magaalatti galaniif qopheessuf waggaa waggaatti magaalonni hamma Naayroobii ga’an 16 yookin magaalonni hamma Leegos ga’an 7 ijaaramuu qabu jechuudha. Lafti inni jiru kan qonnaaf oolu akkuma hir’achaa adeemen fedhiin nyaata addunyaa immoo baay’ee dabalaa dhufaa jira. Afrikaa keessatti lafti qotiisaf oolaa jiru baay’ee xiqqaadha. Afrikaan ardii ofii ishee fi addunyaa sooruu dandeessu waan taatef eddoon isheen qabdu addadha. Rakkina midhaanii jiru kana hiikudhaaf Afrikaan ni fayyaddi.

Humna Dhokataa Qotee Bultuunni Lafa Xiqqaa Irratti Oomishan Qaban

Lafti Afrikaa harki 70 ol ta’u kan argamu qote bultoota lafa xixinnoo irratti oomishan harkatti. Qote bultoonni kunneen yeroo baay’ee kan oomishan lafa hektaara lamaa gadi ta’e irratti. Kan jiraatanis haala harkaa gara afaanitti ta’eeni. Midhaan kan oomishan maatii isaanii sooruf qofadha. Haa ta’u malee qote bultoota kanneen keessaa harki baay’een isaanii nyaata isaani kan guyyaatif oomishuu dadhabuu isaanii irraa kan ka’e gara dhidhima hiyyummaa fi beelatti adeemuu isaanii itti ni fufu.

Akka ibsa dhaabbata nyaata fi qonnaatti Afrikaan kan oomishuu dandeechu keessaa harka 14 qofa oomishaa jirti. Qonnaan bultoonni kunneen mala qonnaa fooyya’oo fayyadamuu danda’an taanan Afrikaan ofii ishee sooruu bira dabartee midhaan gahaa gabaa alaatiif ergitu ni qabaatti. Qonnaan bultoonni lafa xinnoo irratti oomishan kunneen fedhii nyaata addunyaa keessaa harka 30 golguu danda’u. furtuun humna Afrikaa kan jiru harka qonnaan bultoota kanneeniti. Hiyyummaan Afrikaa keessaa badee yeroo Afrikaan itti fayyadamtu ni dhufa. Boqonnaa 4 keessatti akkuma ilaallee Islaamummaan Afrikaa keessatti akka babal’atu haalota gargaaran keessaa inni tokko hiyyummaadha.

Carraa Gabaa Dabaluu

Yoo gabaadhaaf hin dhihaanne ta’e nyaata dabalataa oomishuun hiika hin qabu. Afrikaa keessatti yeroo baay’ee gabaa isa bal’aa kan too’atan Musliimota. Kiristiyaanonni Afrikaa keessatti argaman gabaawwan Musliimaa kanneen waliin karaa ittiin wal dnetoman uumuu qabu. Fayyadamtoonni Kiristiyaanaa biyyoota Islaama hin taane keessaa jiraatan nyaata Islaamummaa babal’isuu fi beeksisuudhaaf hin oolle argachuu qabu. Kunis oomishtoota nyaatatiif (keessumattuu warra foon oomishaniif) nyaata Kiristiyaanawaa ta’an akkasuma halaala hin taane oomishuuf carraa hojii gaarii banuu danda’a.

Haala bal’aa ta’een yoo ilaallu immoo Kiristiyaanonni Gorsaan daldala alaa motummaa isaanii eenyu akka ta’ee fi biyyittiin walii galteewwan daldalaa akka argattu madaalliwwan taa’aniif, fakkeenyaaf, miseensa OIC ta’uu kan fafakkaatan jiraachuu isaanii qorachuu qabu. Dabalataanis Kiristiyaanonni biyya isaanii keessatti motummaale fi gareewwan lafa bituun qabaman eenyu fa’a akka ta’an beekuu qabu. Biyyoonni Afrikaa tokko tokko  boba’a, gargaarsa maallaqaa yookin meeshaalee waraanaa argachuuf jecha haalli lafa isaanii bilisaan itti kennaan ni jira.

Qote bultoota lafa irratti oomishaniif akka bu’a qabeeyyii ta’aniif akkasumas karaalee Macaafa Qulqulluu irratti hundeeffamanii fi wangeela labsuudhaf tooftaalee fayyadan kaa’ee jira. www.foundationsforfarming.net daawwadhaa.

Qote bultoota lafa xixiqqaa irratti oomishaniif xiyyeeffannoo kennaa  

Afrikaa keessatti adda dureedhan kan lafa bitan biyyoota Musliima ta’aniidha. Qote bultoonni dhibbaatamaa fi kumaatamaan lakkaa’aman yeroo ammaa kana lafa isaanii irra buqqa’aa jiru. Haala kanaaf karaan deebii ittiin kenninu inni tokko qote bultoonni kunneen nyaata isaanii kan guyyaa oomishuu bira darbanii gabaadhaf dhiheessuu akka danda’an hidhachiisudha. Foundation For farming qote bultoonnikunneen kan gochuu haala ittiin danda’an kan agarsiisu mala leenjiti. Qote bultoonni biyyoota Afrikaa 25 caalan keessatti argaman fayyadamtoota Foundation For Farming ta’anii jiru. Fakkeenyaf gareen waldaalee Kiristiyaanaa Zimbaabwee keessatti argamu qote bultoota 10,000 ol ta’an leenjisee jira. Lafa hektaara tokko irratti 400kg kan ture oomishni boqqoolloo isaanii toonii 2.6 olitti guddatee jira. Qotee bulaan isaan keessaa tokkoffaa ta’e meeshaa qottoo irra fooyya’aaa ta’e osoo hin fayyadamin toonii 8.5 ol oomishuu danda’ed jira.

Qolasiyaas 4:2-6 dubbifadhaa Macaafni Qulqulluun kan dammaqneefi kadhannaadhan kan jabaanne akka taanu nu barsiisa. Naannoo keenyatti maaltu akka ta’aa jiru dammaqnee daawwachuu qabna.  Haalonni bay’ee biyya keenya keessatti adeemsifaman akkamitti nu’ii fi lallaba wangeelaa, tajaajilawwan garagaraa akkasumas warra ofii isaanitiif falmachuu hin dandeenye akka tuquu danda’an hubachuuqabna. Sodaawwan keenya gara gooftaa fuulduratti kadhannaadhan dhiheessu fi akkasumas tarkaanfiwwan barbaachisoo ta’an fudhachuun nurraa eeggama. Musliimota dabalatee namoota hin amanne waliinhaala itti jiraannutti abshaalota ta’uu qabna. Amantii keenyan jabaannee yeroo wanta amantii keenya qoruuf deebii kenninutti enyummaa jaalalaan guuttameen ta’uu qaba. Waaqayyon haala deebii itti kenninu karaa Wangeelli ittiin labsamu taasisee fayyadamuu ni danda’a.

 

Gaafilee Muraasa xiinxaluu fi mariidhaaf fayyadan

  1. Musliimonni seerotaa fi ijaarsawwan biyyota Musliima hin taane keessatti argaman haala akkamitin faayidaa isaanitiif micciiru?
  2. Kiristiyaanonni kutaalee seeraa biyya isaanii keessatti argaman keessatti akkamitti hirmaachuu danda’u?
  3. Musliimonni tajaajiloota ittisaa maaliif barbaachisoo godhanii lakka’u?
  4. Tajaajila ittisaa biyya keessan keessaatti argamu irra ittigaafatamuummaadhan kan taa’e eenyu akka ta’e beektuu?
  5. Kiristiyaanonni taajaajila ittisaa biyya isaanii keessatti hirmaachuu kan danda’an akkamitti?
  6. Musliimonni kutaalee qonnaa biyyoota Afrikaa too’achuuf kan yaalan akkamitti?
  7. Kiristiyaanonni kutaalee qonnaa biyya isaanii irratti hirmaachuu kan danda’an akkamitti?
  8. Qolaasiyaas 4:2-6 dubbifadhaa. Dubbisni kun Musliimota dabalatee namoota hin amanne waliin maal gochuu fi akkam gochuu akka qabnu maal nu Gorsa? Kiristiyaanonni Lammillee Quuqaman ta’uutu isaan irra jiraata

Baafata