Kaa’ibaa – Waaqa Tolfamaa Islaamummaa!

Kaa’ibaa

Waaqa Tolfamaa Islaamummaa!

“Namni yakkamaan lallaafaa fi jiidhiinsa qabaatu afaan isaa irraa akka hin kaafneedha. Allaan lafarra isa kaa’uun isaa waadaa  ta’uu isaa akka labsuuf kan godhe kanadha.” Iibin Jubeeyir.

Nama waa’ee islaamummaaf beekumsa hin qabaanne “waa’ee islaamummaa maal jetta?” jechuudhaan yoo gaafattan gara nama sammuu sanaatti dursee kan dhufu foddaa televijiniin kan ilaalu musliimoti hedduun kan itti naanna’anii fi dhungatan dhagaa gurraachadha. Namooti tokko tokko Makkaa kan argamu dhagaa gurraacha waaqeffatu yommuu jedhan dhaga’amu. Kanneen muraasni ammoo kana mormu. Haa ta’u malee dhugaa isaa yommuu ilaallu kanneen jalqabaa sirrii ta’uu isaanii nuuf ibsa.

Musliimoti “Kaa’ibaa” hin Waaqeffannu hangam haa jedhaniyyuu malee dhugaan isaa garuu faallaa kanaa ti. Waaqeffannaa yommuu jedhamu dubbii afaanii qofa ta’uu dhiisuu isaa beekuun barbaachisaadha. Fakkeenyaaf yoo jedhame namni tokko qaama tokko waaqeffachuu isaa afaan isaatiin otuu dubbatuu gocha isaatiin waaqeffachuu dhiisuu danda’a. Faallaa kanaan ammoo qaama tokko akka hin waaqessine afaan isaatiin dubbachuun gocha isaatiin waaqeeffachuu danda’a. Akkuma kanaa ammoo musliimoti kaa’ibaan hin waaqeffannu jechuun isaanii waaqeffachuu dhiisuu isaaniif ragaa ta’uu hin danda’u. Wanti ilaalamuun malu gocha isaanii ti. Musliimoti obboleeyyan kaa’ibaa hin waaqeffatan yoo ta’e waaeffachuu dhiisuu isaanii hojiin argisiisuun isaan irra jiraata. Kaa’ibaa bakka islaamummaa keessatti qabaatu arguu keenyaan dura kaa’ibaan maal akka ta’e haa ilaallu.  

Kaa’ibaa Yeroo Jalqaba Islaamummaa

Araboonni Islaamummaan dura dhagaawwaniif sagadaa turan. Dhagaa gurraacha tokkof otuu sagadanii dhagaa haaraa fooyyee qabaatuu fi miidhagaa yommuu argatan itti sagadu turan.

“Abu  Raajaa Al-Utaaridaa akkuma dubbate: Kana dura dhagaatti saganna ture. Itti sagadaa kan turre dhagaa foyyee qabaatu yoo arganne garuu kan jalqabaa dhiisuun haaraa isaatti sagadna ture. Garuu dhagaa hin arganne yoo ta’e lafaa biyyoo walitti qabuun aannaan hoolaan makuun itti naannofnee sagadna ture…” (Saahiih Al-Buhaarii fuula 5, kitaaba 59 Haadisii 66:1).

Bara Islaamummaan dura itti sagadamaa kan turan dhagaawwan “Kaa’ibaa” jedhamanii waamamu ture.

“Jaabir Biin Abdallaah akkuma dubbate: Bara jalqaba Islaamummaatti manni Zuul Halaasaa jedhamu jira ture. Moggaasa biroon Al-Kaa’ibaa Al-Yamaniyaa (Kaa’ibaa Yemen) yokiin Kaa’ibaa Ash-Shaamiyaa jedhamee waamama” (Saahiih Al-Buhaarii 3823).

Kana qofaa miti, Kaa’ibaan bara Islaamummaa jalqabaatti bara walhoruu (Uumaa ilma namaaf kennu) godhamee waan amanamuuf namoonni naannaa isaatti yeroo torbaa qullaa isaanii naanna’u ture. Kanas Hadisii itti fufee jiruun mirkanneeffanneerra.

“Hiishaam abbaa isaa irraa dhaga’uun akkuma dubbate, Quraayishoota kan ta’an Huumonni yommuu qar’aan Araboonni hundii fi qomoon isaanii mana kanarra qullaa isaanii naanna’u turan. Huumonni hanga uffata isaaniif kennanitti qullaa isaanii naanna’u turan…” (Saahiih Musliim kitaaba 15, Haadisii 164 yokiin 1219).

 “Iibin Abbas akkana jedhe: Dubartoonni qullaa isaanii Kaa’ibaatti naanna’u turan” (Suunan An-Nassaa’ii fuula 3, kitaaba 24, Haadisii 2959).

“Abu Hureeyiraan akkana jedhe: Yeroo Hajjii (Abu Bakar hogganaa hajjii ture). Guyyaa Banaahir anaan warra labsii dubbatan waliin gara Miinaa deemuun akkan labsuuf na erge.“Har’aan booda waaqa tolfamaatti kan sagadu kamiyyuu Hajjii akka hin raawwanne. Kana malees namni kamiyyuu qullaa isaa naannaa Ka’ibaatti Tawwaafii akka hin goone” jennee dubbanneerra” (Saahiih Al-Buhaarii fuula 6, kitaaba 60j, Haadisii 178).

Dhimmi kun kanarraa kan caalu ture. Akka hayyoota Musliimaa yoo ta’e Kaa’ibaan samii irraa yommuu bu’u akka aannanii adii ture. Dubartoonni ilma akka isaaniif kennuuf kadhachuuf naannaa isaa yeroo torba kan naanna’an dhiiga laguu ji’aa isaanii itti dibaa waan turaniif, bifti gurraachaa amma mul’achaa jirru sababa kanaan gurraacha’uu isaa kan dubbatan hayyooti turan (Tafsiir Al-Hawwii Suuraa Al-Baqaraa 127-129).

Kaa’ibaan Waaqolii Tolfamoo 300 Keessaa Tokko ture!

Nabiy Muhammad bara 622 firoonni koo na ari’ataniiru jechuudhaan erga gara Madiinaa imalee booda Madiinaa waggaa 7 jiraatee Quraayishoota Makkaa jiraatan rukutuun Makkaa yommuu to’atu magaalattii keessa waaqa tolfamoo 360tu ture.

“Abdallaah Iibin Masuud akkuma dubbate, Nabiyyiin gara Makkaa erga seenee booda waaqoliin tolfamoo 360 ta’an naannaa Kaa’ibaa turan. Ulee harka isaatiin qabateen waaqolii tolfamoo waraanuun “dhugaan isaa mul’ateera sobnis hafeera” keeyyata jedhu qara’e” (Saahiih Al-Buhaarii fuula 3, kitaaba 43, Haadisii 658).

Kaa’ibaan Keessa Isaatiin Fakkii Maariyaamii fi Kiristos Qabatee Ture!

Kaa’ibaan keessa  isaa fakkii Maariyaamii fi Kiristos jira ture.

“Iibin Iisihaaq Hakiim Biin Abad Biin Haaniif fi seenaa kanneen kaan irraa akkuma dubbate, Quraayishooti ilma Maariyam Yesusii fi haadha isaa Maariyaam (lamaan isaaniif nagaan haa ta’u) dabalatee fakkiiwwan biroo Kaa’ibaa keessa kaa’u turan. Iibin Shihaab akkana jedhe: Asmaa ”Biint Shaaqor akkuma jette durbi Gaasaan hajjii Arabootaa (deemsa amantaatti)  makamuun deemtee Kaa’ibaa keessatti fakkii Maariyaam yommuu ilaaltu “Abbaa fi haati koo waa’ee keef qaalii haa ta’an malee dhugumatti ati dubartii Arabaa ti” jetteen. Ergamtichi Allaan fakkii Maariyaamii fi Yesusiin ala  kan jiran hunda diigsise” (Iibin Iisihaq , Siiraat Rasuul Allaah hiika Guuyilaam fuula 552). 

Musliimoti Kaa’ibaaf Sagadu!

Hedduun keenya akkuma beeknu Islaamummaa keessatti sagadni kutaa Waaqeffannaa ti. Sababa kanaanis mata gadi qabachuun namootaaf iyyuu hin sagadan. Haa ta’u malee Musliimoti Kaa’ibaaf sagadu.

“Iibin Abbaas akkuma dubbate: inni dhagaa gurraacha dhungachaa fi itti saagadaa ture” (Buulg Al-Maaraam kitaaba 6, Haadisii 766).

Musliimonni Kaa’ibaa Dhungatu!

“Ergamtichi Allaah Makkaa akkuma ga’een otuu Kaa’ibaa dhungatuu fi marsaa torban keessaa marsaawwan sadan kanneen jalqabaa ariitiin yommuu itti naanna’un arge” (Saahiih Al-Buhaarii 1603).

Kaa’ibaan Dhagaa Qofadha?

Musliimonni tokko tokko “Kaa’ibaan dhagaa qofaa dha. Jireenya keenya irratti jijjiirama kamiyyuu hin fidu. Suunnaa Nabiyyichaa hordofna jennee malee dhungachuu yoo dhiifne iyyuu rakkina tokkoyyuu hin qabaatu” nuun jedhu. Yaadni kun musliimota bara kanaan qofa otuu hin taane bara hiriyoota Muhammad kanneen duraa iyyuu kan tureedha.

“Abiis Biin Raabi’aa akkana jedhe: Umar dhagaa gurraacha kana ilaaluun “ergamtichi Allaah yommuu si dhungatu otuu sin argine ta’ee sin dhungadhuun ture” jedhee dhungate” (Muusinaad Ahimad kitaaba 2, Haadisii 18).

“Abiis Biin Raabi’aa akkuma dubbate: Umer gara dhagaa gurraachaatti dhiyaachuun dhungate. Kana booda “Ati homaa kan hin fayyadnee fi miidhaa tokkoyyuu kan hin qaqqabsiifne qofa ta’uu kee shakkii hin qabaadhu. Ergamtichi Allaan yommuu si dhungatu otuun hin argine ta’ee sin dhungadhuun ture” jedhe” (Saahiih Al-Buhaarii 1597).

Haadisaatiiwwan kana yommuu dubbifannu Nabiyyiidha kan ofiin jedhu Muhammad mannaa Umeer gama waa qalbifachuun foyyee qabaachuu isaa hubanna. Sababni isaa dhagaa dhungachuun faayidaa tokkoyyuu qabaachuu dhiisuu isaa nama sammuu qabaatu hundumaaf ifaa dha nama waaqa tolfamaa (dhagaatti) sagaduun kan hafe yoo ta’e malee. 

Haa  ta’u malee Musliimoti ilaalcha kana calaqqisiisan Nabiyyiin isaanii waa’ee Kaa’ibaa dubbachuu isaa hin beekan jechuudha. Kan beekan yoo ta’e ammoo Nabiyyii isaaniif  hin abboomaman jechuudha.

Kaa’ibaan Samii Irraa kan Buufame Fayyisaadha!

“Iibin Abbaas akkuma dubbate ergamtichi Allaan akkana jedhe: Dhagaan gurraachi samii irraa buufame. Yommuu bu’e akka aannanii adii kan ture yommuu ta’u sababa yakkaa ijoollee Addaamiin gurraacha’e” (Jaamii At-Tirmiidii fuula 2, Kitaaba 4, Haadisii 877).

Haadisii kanarraa akkuma hubannu Kaa’ibaan samiirraa yommuu bu’u adii ture. Haa ta’u malee yakki ijoollee Addaam gurraachesseera. Kana jechuun Musliimota yommuu Kaa’ibaa harkaan itti bu’an yakki isaanii gara isaatti darbuun isaaniif dhiifama.

“Abdallaah Biin Ubeeyid akkuma dubbate namni tokko akkana jedhe: Abu Abduraahimaan Hay fiixeewwan isaa lamaan yommuu harkaan tuqxun arga kun maaliif? Jedhee gaafate. Innis ergamtichi Allaan isaan itti bu’uun yakka namarraa balleessa yommuu jedhan dhaga’eera” (Suunan Al-Nasaa’ii 2919).

Hubadhaa! Yaadni kun Kiristiyaanoti waa’ee Yesuus itti amanuu isaaniin fakkaata. Akka amantaa Kiristiyaanummaatti yommuu ilaallu Gooftaan keenya fayisaan keenya Yesuus Kiristos cubbuu kan hin qabaanne yommuu ta’u, namoonnis mataa isaanii fayyisuu waan hin dandeenyeef isaan fayyisuu fi bakka isaanii du’uuf gara lafaa dhufeera. Fannoo irrattis yakka namootaa baateera. Akkuma kana ammoo akka amantaa Musliimootaatti Kaa’ibaan samii irraa adii ta’uun kan bu’e yommuu ta’u sababa yakka Musliimotaan gurraacha’e. Musliimonni obboleeyyan keenya qulqulluu kan ta’e ilma Waaqayyoo yakka isaanii baatee isaan qulqulleessuu akka danda’uu haaluun qooda kanaa dhagaan yakka isaanii baachuu danda’uu isaa itti amanuun isaanii nama ajaa’ibsiisa.

Kaa’ibaan Kumaatama Duratti Ragaa Ba’a!

“Iibin Abbaas akkuma dubbate, ergamaan Allaah waa’ee dhagaa gurraachaa akkana jedhe: Allaan nan kakadha! Guyyaa murtii laatamutti kan ittiin ilaalau ija lamaa fi eenyu akka isa tuqe kan ittiin dubbatu arrabni isaaf kennama” (Jaamii At-Tirmiidii fuula 2, kitaaba 4, Haadisii 961).

Egaa haadisiin kun ifatti akkuma dubbatu Kaa’ibaan guyyaa murtiin kennamutti waa’ee Musliimotaa ragaa in ba’a. Kanaafuu Musliimonni tokko tokko Kaa’ibaa yoo harkaan itti buune yokiin bu’uu yoo dhiifne jijjiirama hin qabaatu akkamiin nuun jedhu? Yakki isaanii akka isaaniif dhiifamu hin barbaadanii? Guyyaa murtiitti akka isaaniif ragaa ba’u hin barbaadanii?

Musliimoti bara kanaa yaada Umar walii galuun Kaa’ibaa harkaan itti bu’uun Nabiiyyiif abboomamuu malee faayidaa hafuuraa (amantaa) kamiyyuu hin qabaatu yommuu nuun jedhan Nabiyyiin isaanii ni soba jechuu isaanii ti?

Xummura

Tuqaawwan armaan oliin ilaalle hunda guutummaan yommuu qorannu Kaa’ibaan waaqa tolfamaa Islaamummaa ta’ee arganna.

Islaamummaan dura Araboonni dhagaaf sagadu erga ta’ee, waaqeffannaan isaanii dhagaa itti naanna’uu fi dhangachuu erga ta’ee, dhaagaawwan biyyoota Arabaatti sagadaman “Kaa’ibaa” jedhamuun yoo moggaafaman, Kaa’ibaan waaqolii tolfamoo 300 Makkaa jiran keessaa tokko erga ta’ee, “Kaa’ibaaf” hin sagadnu sababa ittiin jedhan hin qabaatan. Araboonni dhagaawwan isaanii waaqeffachuun gochi isaan raawwatan isaan kunis otuma godhanii “Kaa’ibaatti hin sagadnu” akkamiin nuun jedhu? Musliimoti Kaa’ibaatti sagadaa hin jiran yoo ta’e Araboonnis dhagaatti sagadu turan jedhamanii himatamuun isaaniif hin malu. Sababni isaa lamaan isaanii iyyuu dhagaawwan isaaniitti naanna’uun gocha walfakkaataa ni raawwatu.