BOQONNAA 2 – Kaayyoo Islaamummaan Afrikaa Irratti Qabu Hubachuu

Kaayyoo Islaamummaan Afrikaa Irratti Qabu Hubachuu

Nuti Kiristiyaanonni ilaalcha Addunyaa (world view) Macaafa Qulqulluu irratti hundaa’e fi Waaqayyos ilaalchisee hubannaa Macaafa Qulqulluu iraa madde akkuma qabnu hunda; Musliimonnis waaq-qo’anna (theology) itti amanan irratti kan hundaa’e ilaalcha addunyaa ni qabu. Ilaalchi addunyaa Musliimotaa fi hubannoon isaan waa’ee Allah’f qaban kan madde Qur’aana fi Hadisa keessadha. Ergaa yookin mul’ata Waaqayyoo isa dhumaati jedhanii kan itti amanan Qur’aanni Mulsiimotaaf kitaaba baay’ee Qulqulluu ta’eedha. Hadisni immoo wantoota Muhaammad bara jireenya isaatti hojjetee fi dubbate ni seenessa. Musliimonni “Sunnaa” jedhanii kan waaman akkaataa jireenya Raajicha Muhaammadii fi seenaa Islaamumaa yeroo jalqabaa kan agarsiisu ta’ee, akkamitti akka jiraataniifi maal amanuu akka qaban fakkeenya agarsiisu godhanii lakkaa’u. Boqonnaa kana keessatti hubannoon Musliimotaa haala ittiin Afrikaa fi Addunyaa ilaalan akkamitti akka booressu ni ilaalla.

Jecha Waaqayyo jedhuuf Arabiffaan gita kan ta’e “Allaah” kan jedhuudha. Kiristiyaanummaa fi Islaamummaa gidduu garaagarummaa jiru eeguf waaqa Islaamummaa “Allaah” jechuudhan waamna. Haata’u malee Kiristiyaanonni Arabiffa dubbatan Waaqa keenya “Allaah” jechuun akka waaman hubachuu ni dandeenya. (Haata’u malee Musliimonni waaqa keenya kan jedhaniin Allaah Waaqa Kiristiyaanotaatii miti; ta’uus hin danda’u)

 

Humnaa fi Bulchiinsaa Daangawaa

Yeroo tokko tokko nuti Kiristiyaanonni ilaalchi Addunyaa Islaamawaan ilaalcha Kiristiyaanotaa irraa hangam akka fagaatu hubachuun nu rakkisa. Xiyyeeffannoon Kiristiyaanummaa wanta hafuurawaa ta’e irrattidha. Jaalala, nagahaa fi garraamummaan wantoota baay’ee barbaachisoo ta’aniidha. Akkasumas Kiristiyaanonni tokkoon isaanii kan biroo isaanitiif walii ajajamuu akka qaban baratanii jiru. Macaafni Qulqulluun ofii kenya motummaa fi abbootii angootif ajajamtoota akka taasifnu nu affeera. Kiristiyaanonni yeroo kammiyyuu onnee tajaajiltummaa qabaachuu ni qabu. Kiristiyaanonni yeroo baay’ee kan dubbatan waa’ee motummaa Waaqayyoo bal’isuuti. Kana jechuunis babal’inni kan adeemsifamu onnee hordoftoota Kiristoos keessatti yemmuu ta’u, haala teessuma lafaa waliin wal qabatee babal’ina kan mul’isu darbee darbee qofadha.

Amantaa Islaamatiif Wantoonni baay’ee barbaachisoo ta’an lamaan humnaa fi bulchiinsa. Musliimonni waa’ee humnaa yemmuu dubbatan waa’ee humna biyya lafaa yookin namoota, biyyoota fi naanolee waa’ee qabachuut odeessu. Qur’aanni fi Hadisni lameen isaaniyyuu Islaamummaan Addunyaa bulchuu akka qabuu fi humni hundinuu harka Musliimotaa keessa galuu akka qabu barsiisu.

“Injifannoon Allah, ergamaa isaati fi amnatootafidha” (Qur’aana 63:8)

Musliimonni harki baay’en galmi Islaamummaa addunyaa bulchuu akka ta’e ni amanu. Kanaafuu Islaamumaan kutaa Addunyaa bulchu itti dabalachuudhaf wanta danda’an hunda gochuun isaanii akka dirqama Waaqa isaanii irraa isaanif kennameetti yaadu. Islaamummaa keessatti iddoon inni qofaa warra Musliima hin taanef kennamu bittaa Musliimotaa jala turuu duwwaadha.

Islaamummaan kan babal’ate karaalee gurguddoo lamaani. Inni duraa “Da’awwaa” yookin “ergama Islaamummaa” jedhaameet beekkama. Musliimonni hundinuu Islaamummaa labsuu fi namoota gara amantaa Isaanitti fiduudhaf dirqama ni qabu. Da’awwaan garuu namoota dhuunfaa gara Islaamummaatti fiduu bira kan darbeedha. Siyaasaa, seera, bornoota, humna maallaqaa akkasumas hariirowwan biroo irratti dhiibbaa fiduudhan hawaasa tokko too’annaa jala oolchus of keessatti hammata.

Karaa Islaamummaan ittiin babal’atu inni lammataa immoo “Jihaada”. Jihaadni jecha hiikawwan heddu qabuudha. Cubbuu waliin falmii onnee keessatti taasifamu ni ibsa. Dubbii fi hojiidhan rakkoo adda baasu fi gaari fi sirrii kan ta’e deeggaruu jedhamee hiikamuus ni danda’a. Haata’u malee Musliimonni harki caalaan akka itti walii galanitti qabsoo qaamaa (lola foonii) isa dhugaa ni hammata. Haala kanaan ergamni Islaamummaa (Da’awwaa) fi haleellan walqabachuu ni danda’u. Musliimonni tokko tokko hawaasota, biyyoota fi naannolee irratti humnaa fi angoo siyaasaa irra taa’uudhaaf jabeenyan hojjechaa jiru. Kana gochuuf si’a tokkotokko haleellaa gaggeessu fi akkasumas haleellaa gaggessuf itti dhaadachuu (doorsisuu) dabalatee karaalee danuu ni fayyadamu.

Bulchiinsa Shari’aa  (Seera Islaamummaa)

Musliimonni Allaah hunda danda’aa akka ta’e ni amanu. Waaqni isaanii Addunyaa seera qaamatiin akka too’atu ni amanu. Beektota Islaamummaa gara garaatin kan uummamanii fi xinnoo adda addummaa kan qaban seerota shar’aa akaakuu shantu jiru. Yeroo tokko tokko akkaakuwwan kunnen“mannen barnootaa” jedhamanii waammamu.

Kanaafuu mankaraaressitoonni Musliima ta’an tokko tokko nama Musliima hin taane tokkoof gara laafummaa hin qaban. Nama Musliima hin taane tokkoof gara laafummaa kan qabu yookin warra Musliima hin taanetti namni michoome kamiyyuu hojii badii hojjechaa akka jiru amanu.

Musliimonni tokko tokko hariiron seera fi siyaasaa Islaamawaa hin taane hundinuu jal’inaan kan guutamaniidha jedhanii waan yaadaniif seera Shari’aa Addunyaa guutuu irratti fe’uu barbaadu. Musliimonni Kunneen seeronni namootaan uumaman seera Shari’aa waliin kan wal faallessan yoo ta’an seerota kanaaf bitamuu akka hin qabne ni yaadu. Haata’u malee Musliimonni biroo bulchiinsa Dimokraatawa ni fudhatu. Namoonni seerota shari’aa irraa adda ta’an uummachuu ni danda’u jedhanii ni amanu.

Islaamummaan Jireenya Nama Tokkoo Guutumaa Guututti Too’achuuf Karoorfachuu Isaa

Islaamummaan dhuunfaa irra yokin amantaa dhuunfaa ta’uu irra kan bal’atuudha. Hariiroo siyaasaa, seera fi diinagdee akkasumas ilaalcha, qarooma fi aadadha. Jireenya guyyaa guyyaa, ejjennoo fi ilaalcha Addunyaa Musliimotaa biyya lafaa guutuu keessa jiraanii ni too’ata. Islaamummaan fuullee jireenya nama tokkoo hunda, haawaasa fi uummata akkasumas biyya too’achuuf barbaada. Islaamummaan biyya tokko irratti humna yemmuu argatu namoota hundarrattuu aadaa fi seera Islaamummaa fe’uu jalqaba. Seerri Shari’aa maal akka nyaatan, eenyu akka fuudhan, maallaqa isaanii akkamitti akka itti fayyadaman, daldala isaanii akkamitti akka gaggeessan, ijoollen isaanii mana barumsaatti maal akka baratan yookin hiriyaan isaanii eenyuufaa akka ta’an osoo hin hafin jireenya namootaa harka baay’ee ni too’ata. Shari’aan Kisistiyaanota hawaasa Musliimaa keessa jiraataniif warra Musliimota hin ta’in kanneen biroo osoo hin hafin dhiibbaa irra geessisa. Wanta gochuu danda’an daangessuu biraa ce’ee akka lammilee lammataatti akka ilaalamanii fi akka fayyadaman taasisa.

Motummaa fi Amantaa

Musliimota harka caalaniif amantaan Islaamummaa biyya irraa adda baafamee hin ilaallamu. Kun immoo keessumattuu yeroo Islaamummaan jalqabametti guddatee mul’ata ture. Islaamumaan siyaasadhas amanataadhas. Musliimonni tokko tokko Isalaamummaa fi Shari’aa Addunyaa bulchuudhaf hariirowwan waaqa birraa kennaman godhaniitu lakkaa’u. Mootummoonni hundinuu dhuma irratti Islaamawoo ta’uun isaanii akka hin hafne wanta yaadaniif sana dhugoomsuf wanta danda’an hunda ni raawwatu. Seeronni biyyattii qabiyyeewwan seera Shari’aa akka of keessaa qabaatan gochuuf teessoo taayitaa motummaa hariiroo ofii isaanii jala oolfachuuf ni dhama’u. Kanas kan raawwatan dhuma irratti Islaamummaan biyya sana akka too’atu abdii godhachuudhani.

Islam and Friendship Islaamummaa fi Michummaa Musliimonni tokko tokko michuuwwan Musliima hin taane qabaachuu akka hin qabne ni amanu. Yaada kana “al-waalaa wa al-baaraa” (hiikni isaa; Allaahdhaf jedhanii jaalachuu fi jibbuu) jedhanii waamu. “Amantoonni warra amantoota hin taane eddoo amantootaatti gargaartota biroo godhatanii akka hin qabanne. Namni kana hojjetu (amantaa) Allaah keesaa hoomaa keesayyuu hinjiru. Isaan irraa yoo of eegdan malee Allaah lubbuu isaa (dheekkamsa isaa) isin akkeekachisa” isa jedhu kutaa Qur’aanaa (3:28) irraa kanfudhatameedha.

Labsii Lafaa Islaamummaa Keessatti

Mankaraaressistoonni Musliima ta’an lafti hundinuu qabeenya Allaah akka ta’ee fi akka isa bulchan immoo Musliimotaaf akka kenname ni amanu. Biyyoonni tokko tokko duraan dursanii too’annaa Musliimotaa jala akka turan ilaaludhaan suuta suutan biyyoota kan biroos akka too’atan ni abdatu. Lafti yookin naannon tokko si’a tokko Musliimotaan qabamnaan naannoo sana qulquleessudhaan Allaahf oolun akka isa barbaachisu ni yaadu.

Musliimonni Mankaraaressitoota ta’an lafti too’annaa Musliimotaa jala jiru karaa kamiiniyyuu dabarfamee namoota Musliima hin taanef kennamuu akka hin qabnedha kan amanan. Islaamummaan too’annaa lafa tokko irratti qabu yoo dhabe deebisiisun dirqama isaanii akka ta’e isaanitti fakkata. Lafti Islaamawaa ta’uun isaa labsame kamiyyuu karaa danda’ame hundaan injifatamuu akka qabu ni yaadau. Fakkeenyaf: – Idii Amiin Ugaandaa bara bulchetti biyyattiin Islaamoftuu akka taate labsee ture. Kanaafidha Musliimonni Baha Afrikaa keessatti argaman Ugaandaa too’achuudhaf yaalii heddu kan taasisaa jiraniif. Biyyoonni Afrikaa Seenaa isaanii Kan darbe keessatti biyyoota Islaamawoo turan yookin immoo gaggeessitoonni isaanii si’a tokko bulchiinsota Islaamaa ta’uu isaanii kan itti labsan: – Naayjeeriyaa, Gaanaa fi Suudan kibbaa ni hammatu. Eeshiyaa fi Awrooppaa kessattis akkasuma Musliimonni deebisanii too’achuuf kan barbaadan biyyoonni akka Ispeen, Poorchugaal, Biyyoota kutaa Raashiyaa durii turanii fi Israa’el ni argamu.

Biyyoonni Afrikaa Musliimonni keessatti hin baay’anne harki caalan isaanii Miseensota dhaabbata siyaasa fi diinaagdee Musliimotaa “Organization for Islamic cooperation” (OIC) (maqaa isaa kan duraatin “netanization of islaamic conference”) jedhamuuti. Biyyoonni Afrikaa tokko tokko dhaabata kanaaf sababni isaan itti mallateessaniif biyyoota miseensa dhaabbatichaa ta’an wajjiin waliigalteewwaan daldalaa gochuuf waan isaan dandeechisuufidha. Akaakulee faayidaa isaa heddu ta’an keessa qarshii fooyyee qabuu fi gargaarsa meeshaalee waraanaa argachuun keessatti ni argamu. Haata’u malee Musliimonni harki caalan isaanii miseensonni dhaabata OIC biyyoota Islaamaa akka ta’an yaadu. Kiristiyaanonni Afrikaa kessatti argaman mootummoolen isaani maal gochaa akka jiraanii fi walii galteewwan akkamii akka mallatteessaa jiran qalbeeffachuu qabu.

Ugaandaa Islaamessuf Karoora Kaa’ame

Bara 2006 ugaandaa keessatti kitaabni maxxanfame tokko Musliimonni Ugaandaa “mirgoota” akkamii akka qabanii fi mirgoota kannen akkamitti gonfachuu akka danda’an ni eera. Kitaabichi “biyyoota Islaamaa keessatti Musliima hundaafuu badhafamanii kan jiran mirgoota amantaa, siyaasaa fi hawaasummaa Musliimotaa bittaa Islaamummaa hin taane keessatti eegsisuu kan dandeenyu hawaasni Musliimaa mirgoota keenya kanaan haala qindaa’en kutannoo fi humnaan deeggaruu yoo danda’e qofaadha. Motummaa Islaama hin taane waliin; keessumattuu mootummichi haqaawaa yoo ta’e, mari’achuudhan eegsisuu ni dndeenya” jedha. Kana jechuunis, biyyoota Islaamawoo hin taane keessa Musliimonni jiraatan mirgoota Musliimonni biyyoota Musliima ta’an keessatti gonfatan argachuudhaf “humna fayyadamuudhan” qabsaa’uu qabu jechuudha. Kitaabuma amma tuqne kana keessatti kutaa 4ffaa irratti mirgoota kannen gonfachuu dhabuun “asuma Ugaandaa keessatti Mulsiimotaaf warra Mulsiimota hin taane gidduutti; keessumattu Kiristiyaanota wajjiin walitti bu’iinsota ni kaasa” nuun jedha. Mirgoonni eeraman kunneen:- Akka isaanii nama Musliima ta’een buluu Seera shari’aatin buluuWaraana jihaadaa labsuuGuutumaa guututti barnoota Islaamaa qofa barachuuDhiirri tokko dhirsa dubartoota kudhanii ta’uuAkkasumas yeroo fedhetti dhirsi niitii isaa hiiku danda’uu of keessa qaba. Barreessichi dabalataanis dhaabbileen barnoota Islaamaa beekkumsa Islaamessuu akka qaban; jechuunis karaa tokkoon tokkoon akkakuu barnoota baramaa fi Islaamawaa hin taane qajeelfamoota Islaamummaa akka qaban taasifaman barreesse jira. Mootumman Ugaandatis paartin siyaasaa Islaamaa akka hindhaabbanne dhoorkuu isaa akka dhiisu fi kunis gara fuula duraatif filannoo nageenyaa isa qofaa akka ta’e yaadachiisee jira.

Itiyoophiyaa Islaamessuuf Yaadamee Jiraa?

Gaafin kunis dubbistoota walgaafachiisu kan qabuudha. Akkuma biyyoota Afrikaa biroo Itiyoophiyaanis biyyaa Islaamaa akka taatuf karoorri erga baafameefi wagootni heddu lakkawwamanii jiru. Kaayyon Itiyoophiyaa Islaamessuu bara Ahmad bitaattichaa (giraanyi Ahmad) dhoohinsa lolaatiin ifa ta’ee aarsaa baay’edhaan erga fashalaa’ee booda karaawwanii fi tooftaalee adda addatin itti fufee jira. Jaarraa 20ffaa keessa dhugaan seenadhaan mul’ate bara weerara faashisti Xaaliyaanii ragaan dhiiga qindaa’ina Sa’udii Arabiyaa fi Xaaliyaanitiin dhangala’ee yoomillee hin gogu. Amma immoo sochii hawaasa Arabaatin bifa wal qabateen qabsoon koola Wahaabiizimii keessaa isa tokko ta’e bal’inaan itti fufee jira. Seenadhaan akkuma mul’atee fi dhugaan amma jiru akka ifaatti agarsiisutti yoo ta’e Itiyoophiyaa Islaama gochuudhaf sochiin godhamu ittuma fufeet jira. Mankaraaressitoonni Islaamaa Itiyoophiyaa guutuu Islaamessuudhaf karaa inni salphaan uummata Oromoo dursanii Islaamessuu akaa ta’e waan yaadaniif haala cimaadhan Oromiyaa irratti xiyyeeffatanii yemmuu socho’an arguu ni dandeenya. Biyyi teenya Itiyoophiyaan bittaa Islaamummaa jalatti yoo kufte biyya amanataalee fi uummattoota gara garaa taatee Itti fufuu akka hin dandeenye dhugaan boqonnaan kun of keessatti qabate nutti ni mul’isa. Kanaafuu Kiristiyaanonni jaalalaa fi gara-laafummaadhan Muslimota dhugaa wangeelatiin qaqqabuuf kadhachuufi jaalalaan wangeela waliin gahuuf hirmaannaa gochuun isaan irraa eeggama. 

Read Philippians 2: 1-11 Filiphisiiyus 2:1-11 dubbifadhaa Boqannaa kana keessatti akkumaa ilaalle Musliimonni tokko tokko Islaamumman Addunyaa guutuu irratti faca’uu akka qabuu fi Islaamummaan irra aanee akka bitu namoota hundas akka bulchu ni barbaadu. Kunis akka ta’u yeroo tokko tokko haleellaa fi doorsisa haleellaa geessisuu dabalatee karaalee heddu ni fayyadamu. Wanti amma hubattan namoota tokko tokko keessatti sodaa fi dallansuu isin keessatti kaasuu ni danda’a ta’a. Haata’u malee ergaa gara warra Filiphisiiyus yemmuu dubbisnu Waaqayyo wantoota samii, lafaa fi lafaa gaditti argaman hundarrattuu angoo kan qabu akka ta’e wanta nu yaadachiisuf ni jajjabaanna. Waaqayyo Waqa Addunyaa hundaati. Maqaan Yesus yemmuu waammaamu jilbi uumama hundaa ni jilbeenfata. Arrabni Hundinuuus Yesus Kiristoos Gooftaa akka ta’e ni labsa. Bulchiinsi Waaqayyoo jaalalaan kan ta’eedha. Goofataan Yesus gadi of buusee, lafa irratti akka namaatti deddeebi’ee dhiifama cubbuu keenyaatiif fannoo irratti kan du’e jaalala irraa kan ka’eedha. Ergaan gara warra Filiphisiiyus jireenyaYesus jireenya keenyaf fakeenya akka godhannu nu barsiisa. Waaqayyoo fi namoota hundaa jaalachuuf dirqama ni qabna. Namoota hundaaf ofii keenya dura dursa kenninee jaalaa fi garramummaadhan tajaajiluutu nuuf ta’a.

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Humna jechuun Musliimotaaf maal jechuudha?
  2. Musliimonni galma ga’uu Islaamati jedhanii wanti yaadan maali?
  3. Karaalee hangafoonni lameen Islaamummaan ittiin babal’ate malisaan?
  4. Amantaan akka Islaamummaa jiru motummaa biyya tokkoo yoo ta’e rakkina uuma jettanii ni yaadduu?
  5. Islaamummaan karaa akkam fakkaatuni jireenya hawaasummaa kan nama dhuunfaa tokkoo akkasumas jireenya guutuu hawaasaa karaa hundaan too’achuuf kan karoorfate?
  6. Michooma Musliimonni warra Musliima hin taane waliin qaban ilaalchisee Islaamummaan maal jedha?
  7. Islaamummaan biyya keessan yookin naannoo keessa jiraattan too’achuuf carraaqaa akka jiru ni yaadduu?
  8. Islaamummaan biyya keessan irratti dhiibbaa akka hin finne maal gochuun danda’a jettanii yaaddu?
  9. Filiphisiiyus 2:1-11 dubbifadhaa. Islaamummaan Afrikaa irratti karoora qabu baruu keessan irraa kan ka’e maaltu isinitti dhagahame?
  10. Ergaan Filiphisiiyus waa’ee angoo Kiristoos maal nutti hima?
  11. Kana irraa ka’uudhan waa’ee humna Kiristiyaanummaa fi Islaamummaa maaltu sinitti dhagahame?
  12. Ergaa Filiphiisiyuus irratti kan dubbistan irraa ka’uudhan jireenyakeenyaf fakkeenya godhachuu kan qabnu eenyudha? Nuti jiraachuu kan qabnuhoo akkamitti?

Baafata