Kaliimatullaah – Maqaa Waaqummaa Yesuus Mirkaneessu

Kaliimatullaah

Maqaa Waaqummaa Yesuus Mirkaneessu

Qur’aanni barumsa amantaa Kiristiyaanummaa waliin kan walqabatan yaadotii hedduu of keessatti qabateera. Qur’aana keessatti kan ibsaman keeyyatoota Kiristiyaanummaan ilaallatan keessaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu ta’ee arganna.

Suuraatu An-Nisaa’i 4:171

“Yaa abbootii kitaabaa! Amantii keessan keessatti daangaa hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhuga malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta’I jedhu) kan Inni gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta’eedha. Rabbii fi ergamtoota Isaatis amanaa. “Rabbiin sadihi” hin jedhinas. Isarraa dhnetamaa; isiniif sadihi” hin jedhinas. Isarraa dhnetamaa; isiniif caalaa (ta’aa). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa. Inni ilmi isaaf ta’uu irraa qulqullaa’e. wantonni samii keessaafi wantoonni dachii keessaa kan Isaati. Hirkoodhaafis Rabbiin qofti ga’aadha.” 

Yaadawwan kutaa kana keessatti ibsaman: Yesuus (Masiin) ergamaa qofa ture. Waaqayyo (Rabbi) Sillaasee miti. Waaqayyo qeenxeen tokko jira innis ilma kan hin qabaanneedha kan jedhaniidha. Garuu nuti Kirsitiyaanoti Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa amanuu keenya mormuuf akka ragaa isaaniif ta’uuf musliimonni obboleeyyan keenya irra deddeebi’uun keeyyata ibsan kana namni hubannaan dubbifate kanarra kan darbe yaada biroo qabaachuu isaa hubata. Kutaa kanatti maqaan sadan Yesuusiif kennaman Musliimonni akka ergamtoota kaanii ergamaa qofaa dha jechuudhaan warreen amanan mannaa nuti Kiristiyaanoti ergamummaa irraa haala adda ta’een akka Gooftaa fi fayyisaatti kan amanannuun kan deeggaran ta’uu isaanii argina.  

Maqaan jalqabaa Masiih yommuu ta’u maqaan kun Yesusiin alatti Qur’aana keessaa eenyumaaf iyyuu akka hin moggaafamne beekamaadha. Qur’aanni maqaan kun maal jechuu akka ta’e ibsi kenne kamiyyuu hin jiru. Kunis hiika Kitaaba Qulqulluun akka fayyadamnu nu dirqisiisa. Maqaa lamaan itti fufnee ilaallu Kaliima (jecha) fi ruhaa (hafuura) kan jedhamaniidha. Kutaa kanatti Kaliimatuuhuu (jecha isaa) kan jedhuun qorachuun kanneen kaan ammoo kutaa itti aanuun ilaalla.

Moggaasni kun Yesuus karaa adda ta’een jecha Allaah kan mataa isaa akka ta’e ifaa gochuun nuuf kaa’a. Moggaasni isaa kutaawwan Qur’aanaa lamaaniin ibsamee argina. Qur’aana 3:39 irratti Malaa’ikoonnis isaa mihraaba keessa sagadaaf dhaabbachaa jiruu “Dhugumatti Rabbiin Yahyaa, kan dhugoomsu kan jedhuu fi Suuraa 3:45 irratti ammoo Yeroo malaa’ikoonni yaa Maryam! Dhuguamtti Rabbiin jecha Isa biraa ta’e jedheera. Qur’anni akkuma Masihii waa’ee maalummaa jecha kanaaf ibsa hin kennu.

Barreessitoonni Musliimaa akkuma beekamu Yesusiif maqaan addaa kennamuu isaa kan argisiisutti fayyadamuu dhiisuuf yaaddoo keessa yommuu galan argamu. Yusuuf Aalii kan jedhamu hojii hiikkaa kan hojjetu waa’ee Suuraa 3:39 akkana jedha:

Hubadhaa: “Rabbiin Yahyaa, dhugoomsaa jecha Rabbi irraa ta’e” maqaa kana Kiristiyaanoti Yesuusif ittiin fayyadamu. Keeyyata 3:59 irratti Yesuus haala ajaa’ibsiisaan uumame “Ergasii’ta’i’ isaan jedhe innis yoma san ta’e.”[1]

Hawaasni musliimaa hedduun Yesuus jecha Allaah biraa ta’een uumame jedhamuun isaa akkuma Aadam (Addaam) uumame (3:39) akkuma kana ammoo innis Allaan ta’i yommuu isaatiin jedhu waan ta’eefi jedhanii itti amanu.

Iimam Raazii fi barreessitoonni bara kanaa tokko tokko akkuma irratti walii galan “dubbii Allaah” inni jedhu, Yesuus abboommii Allaan uumamuu irra darbee hiika kamiyyuu qabaachuu dhiisuu isaatti ni amanna. [2]

Barsiisonni Musliimaa yaada kanaaf yommuu ibsa kennan jecha Allaah biraa ta’e kan jedhu malee jecha Allaah (Word from Allah malee Word of Allah) miti nuun jedhu. Kun falmii gatii hin qabaannedha. Sababni isaa jechi Allaah biraa ta’e jecha eenyuu ti? If Jesus is a word form Allah, whose word is he? Jecha namaa ti moo jecha uumama kan biroo ti? Jechi Allaah biraa ta’e hundi jecha Allaah ti.

Kanneen kaan ammoo jechi Allaah Yesuusiif mul’atee waan tureef gama kanaan kan ilaalamu malee hiika addaa waan hin qabaanneef jecha Allaah biraa ti kan jedhu falmii qabu. Barreessaan Musliimaa tokko akkana jedha:

Waa’ee Maariyaam (Maryam) kitaabichi akkana jedha: “Isheen jecha gooftaa ishee dhugaatti amantee fudhatte”. Kanaafuu bakka kanatti kan mirkaneeffatu Maariyaam malee Yesuus miti. Ta’us jecha Kaalimaah jedhuuf hiika kennuu kan danda’u Maariyaam gooftaa ishee irraa kan fudhatte jecha raajii ta’uu isaa ti. Kunis waa’ee dhalachuu Yesuusiif kan dubbatame ergaa Waaqummaa kan ta’eedha… [3]

Haa ta’u malee falmii beekamaan armaan oliin jalqaba irratti kan ilaalle yommuu ta’u, barreessaa Ahamediyaaniin kan dubbatametti amanan Musliimota muraasa qofadha. Yesuus jecha Allaah biraa ta’edha kan jechisiisu karaa hin eegamneen haala Addaam itti uumameen uumamuu isaa ti kan jedhamu falmii beekamaadha. Falmii kana hubannaan yommuu qalbifannu gatii kan hin qabaanne ta’a. Abdul Haaq kan jedhamu barreessaan amantaa Kiristiyaanaa Yesuus jecha Allaah biraa ti jedhamuu isaa ilaalchisee hiikni Musliimotaan itti laatame maaliif akka hin barbaachifne nuuf ibsa.

Al-Baayidii “Jecha Rabbii irraa ta’e” hiikni jedhu Yesuus Kiristosiin kan argisiisu yommuu ta’u kunis inni jecha Abboommii Rabbii biraa ta’een abbaa malee dhalachuu isaa ti jedheera.[4] Yaada kanaan fayyadamuun Addaam iyyuu jecha abboommii Rabbii biraa ta’e jedhamee waamamuun isaaf mala. Sababni isaa inni jecha abboommii Rabbii biraa ta’een  biyyee irraa uumameera (Suuraa 2:59). Garuu Qur’aanni bakka kamiyyuu Addaamiin maqaa kanaan hin waamu. Maqaan kun addumaan Yesuusiif kan laatame maqaa addaa ti.[5]

Obboleeyyan Musliimaa bakka kanatti xiyyeeffannaan ilaaluun kan isaaniif malu waantonni lama jiru. Inni jalqabaa moggaasni kun Yesuusiif qofa ta’uu isaa yommuu ta’u, lammaffaan ammoo Suuraa 4:171 irratti jecha Rabbii irraa ta’e kan jedhu otuu hin taane Sagalee Rabbii jedhamuu isaa ti. Yesuus jecha Allaah jedhamuun isaa sababa jechaan yoo ta’e Addaam (Aadam) iyyuu jecha Allaah jedhamuun isaaf mala. Sababni isaa akka barumsa Qur’aanaatti isaan lamaanuu haala uumama walfakkaataan uumamaniiru jechuudha. Musliimonni bakka kanatti gaaffii keessa galu. Sababni isaa Yesuus jecha “ta’i” jedhuun uumamuun isaa jecha Allaah erga isa jechisiisee samii, lafti, mukti, dhagaan, bineensonni, nuyi namooti fi Sheeyxana dabalatee hundi keenya iyyuu jecha Allaah ti jechuudha. Sheyxanni jecha “ta’i” jedhuun uumamuu isaatiin jecha Allaah ti jechuu dandeenya? Musliimni akkanatti amanu jira?

Wanti ajaa’ibsiisaan ammoo Addaam Qur’aana keessaa bakka kamiyyuu jecha Allaah hin jedhamne. Maleykotas yoo ta’an uumamni kaanis Yesuusiin alatti jecha Allaah kan jedhame hin jiru. Garuu Yesuus hafuuraa fi jecha Rabbii ta’uu isaa Haadisii keessatti ragaa ba’ameeraaf:

“Isaanis gara Addaam (Aadam) dhufuun akkana jedhuun: Yaa Abbaa keenyaa balbala Jannataa nuuf bani. Innis akkana isaaniin jedha: Jannata keessaa kan isin baase maali? Yakka Abbaa keessanii miti? Anis kana gochuuf aboo hin qabu. Hiriyaa Rabbii gara isa ta’e Abrahaam (Ibraahim) deema. Nabiyyiin qulqullichis akkana jedhe: Ibraahimis akkana jedhe: Ani kana gochuuf aboo isaa hin qabu. Hundumaan olitti Allaaf hiriyaa isaan ture garuu Allaan kallattiin kan isa haasofsiisu gara Musee deeman. Isaanis gara Musee dhufanii garuu inni akkana isaaniin jedhe: Ani kana gochuuf aboo isaa hin qabu. Jecha Rabbii fi hafuura Rabbii gara isa ta’e Yesuus (Iisaa) deemaa…”[6]

Haadisii kanaan akkuma ilaallu namooti sadan kun maqaa dhuunfaatti kan mataa isaanii ta’e ni qabaatu. Addaam (Aadam) abbaa ilmaan namaa, Abrahaam (Ibraahim) hiriyaa Allaah, Musee (Muusaan) kallattiin Allaah kan haasifsiisuu fi Yesuus (Iisaan) hafuuraa fi jecha Rabbii ta’uu isaa ti. Maqaawwan kun hunda isaaniif addumaan kan isaaniif laataman ta’uu isaanii hubachuun ulfaataa miti. Addaamiin kan hafe Abbaa ilmaan namaa hundumaa jedhamee kan waamame kan biroo hin jiru. Abrahaamiin kan hafe hiriyaa Allaah jedhamee kan waamame hin jiru. Musee (Musaan) kan hafe kallattiin Allaan kan ilaale jedhamee kan waamame hin jiru. Kunis gara yaada tokkootti nu geessa. Kaliimatullaah fi Ruuh Allaah maqaa Yesuusiif malan qofaadha.

Dhimmi kun kana yoo ta’e yaada maqaa kanaan duuba jiru sirriitti ilaaluun nurra jiraata. Keessumaa ammoo Kitaabni Qulqulluun moggaasa kana Yesuusiif gochuu isaa hubannoo keessa galchinee ilaaluun nuuf mala.

Mul’ata Yohannis 19:13 “Uffata dhiiga cuuphame tokko in uffata, maqaan isaas “Sagalee Waaqayyoo” jedhame”

Suuraa 4:17 irratti Yesuus jecha Rabbii ti malee Suuraawwan lamaan irratti kan dubbatameen akkuma arginu jecha Allaah biraa miti. Kunis Yesuus jechi Allaah kan isaaf mul’ate ta’uu isaa yokiin jechaan waan uumameef otuu hin taane inni mataa isaatiin jecha Allaah ta’uu isaa kan argisiisuudha. Moggaasni isaa maalummaa isaa kan argisiisu malee haala uumama isaatii kan dubbatu miti. Barreessaan amantaa Kiristiyaanaa tokko waa’ee Suuraa 3:45 yaada walfakkaataa ta’e in kaa’a.

Kutaa Qur’aana armaan oliin ibsineen Kiristos “jecha Isa biraa ta’e” jedhameera. Kunis “jecha Rabbii” ti. Qur’aanni afaan Arabaa akkuma argisiisu “jecha Rabbii” malee “jecha Rabbii biraa ta’e” hin jedhu. (Kaliimatullaah malee Kaliimaatiimiin Kaaliimaatulaah miti). Kanaafuu Yesuus (Iisaan) jecha Allaah yokiiin kan ittiin ibsamu ta’uu isaa argina. Nabiyyiin kan biroo kamiyyuu maqaa kanaan hin waamamne.[7]

Yesuus ofii isaatiin iyyuu Waaqa (Rabbii) adda ta’e ilmaan namaaf kan mul’ate ta’ee argama. Hubadhaa! Yesuusiif jechi gubbaa samiirraa hin dhufne, Yesuus ofii isaatiin iyyuu jecha samii irraa dhufeedha! Namni barreessaan amantaa Kiristiyaanaa tokko akkuma dubbate:

Yesuus jecha Waaqayyoo ti, kunis Musliimonni akkuma jedhan abboommii Waaqummaan jecha Waaqayyoon (Rabbiin) uumamuu isaatiin otuu hin taane, inni fedhaa fi yaada Waaqayyoo guutummaatti ilmaan namaaf kan beeksisu ta’uu isaati. Waaqayyo karaa Yesuusiin dubbate karaa adda ta’eenis fedha isaa raawwate. [8]

Barreessaan biroonis akkana jedha;

Allaan ofii isaatiin “jecha Allaah” jechuudhaan hanga isa waametti inni qofaa isaatti fedhi Allaah kan ittiin ibsamuu fi mul’ata Waaqayyoo qofa ta’uun isaa ifaadha. [9]

Qur’aanni waa’ee Addaam (Aadam) “Aadamis Gooftaa isaa irraa jechoota fudhatee” kan jedhuun alatti baay’ee isaa hin dubbatu (Suuraa 2:37). Gooftaa isaa biraa (Miirabbii) Kaliimaat irraa kan isaaf bu’eedha. Yesuus garuu ofii isaa iyyuu Kaliimatullaah (jecha Rabbii) jedhameera.

Egaa hiikni maqaa isaa Qur’aana keessa jiraachuu dhiisuu isaatiin Masihiif akkuma goone isa kanaafis gara Kitaaba Qulqulluu dhufuun hiika dhugaa isaa ilaaluuf dirqamna.

Maqaan isaa Waaqummaa Yesuus kan argisiisuudha

Maqaan “jecha (sagalee)” jedhamu Yesuus ilmaan namaaf Waaqayyo biraa kan dhufe mul’ata ta’uu isaa argisiisa. Inni ilmaan namaaf mul’ata Waaqayyo biraa ergameedha. Isa beekuu jechuun Waaqayyoon beekuu jechuudha. Wangeela Yohannis irraa hiika sagalee (jecha) isaa arganna:

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture” (Yohannis 1:1-2).

Kutaa kanatti Waaqayyo jalqaba yommuu uumama uumuu eegalu Yesus sagalee isaatiin jiraachaa akka ture, uumamaan otuu hin taane amala Waaqummaatiin jiraataa akka ture argina. Sagaleen (jechi) gara isaatti hin ergamne. Sagaleen kun ofii isaatiin foon uffate ture malee.

“Sagalichis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate” (Yohannis 1:14).

Qur’aanni haala ifaa ta’een Yesusiin jecha Rabbii fi jecha Rabbii biraa ta’e jedha. Kanaafuu sagalee kana keessatti maalummaa Waaqummaa yoo ilaalle ayidoloojii miti? Kiristiyaanoti kanneen duraa haala ajaa’ibsiisaan maqaa addaa kan Yesuus Qur’aana keessatti argamuu isaa Waaqummaa isaatiif ragaa qabaachuu isaa hubataniiru. Muhammad Kiristosiin argisiisuuf “jecha” kan jedhutti fayyadamuu isaatiin otuu hin hubatiin garuu ammoo of keessatti fayyisummaa Waaqummaa Yesuus amaneera.[10]

Barreessaan tokko yaada kana yommuu golaabu akkana jedhee ture:

“Maqaan Gooftaa Yesuus beekamuu kan danda’u Wangeelaan kan ibsamuun qofa yommuu ta’u Wangeelli kun ammoo Yesuusiin sagalee (jecha) Waaqayyoo yommuu jedhu, Waaqummaa isaatii fi dhalachuu isaatiiin dura Abbaa isaa waliin kan ture ta’uu isaa argisiisuufi.“[11]

Barreessaan Musliimaa tokko maqaan isaa maalummaa Waaqummaa of keessatti qabachuu isaaaf beekamtii kennuun akkana jedheera:

Uumamaan Ruuhuullaah (hafuura Rabbii) fi Kaliimaatulaah (jecha Rabbii) maqaa jedhuun kan waamamee fi habbuuqqii Gabreeliin kan uumame lammii waaqarraa yommuu ta’u kanneen kaan ammoo Abdullaah (garboota Rabbii) jedhamanii kan waamaman kan lafa irraa ta’uu isaanii argisiisa.[12]

Barreessaan kun Yesuus (Iisaan) jechaa fi hafuura Rabbii ta’uu isaa akkasumas Muhammad garbicha Allaah ta’uu isaa gidduu garaa gartee jiru ifatti walbira qabee argisiisa. Yesuusiif maqaan addaa kennamuun isaa, inni kan waaqarraa ta’uu isaa fi gara samiitti ol fudhatamuu isaa waliin hariiroo jabaa qabaachuu isaa yommuu mirkaneessu, Muhammad garuu akka kanneen biroo garbicha ta’uu isaatiin gara lafa dhufeetti deebi’ee dhufeera. (Musliimonni Muhammad akka Yesuus maalummaa adda ta’e in qabaata jedhanii dubbachuu hin danda’an. Sababni isaa Muhammad bakka kamiyyuu hafuuraa fi jecha Rabbii hin jedhamne. Yesuus akkuma Muhammad Suuraa 19:30 irratti Abdullaah (garbicha Allaah) hagam yoo jedhame iyyuu Muhammad garuu akkuma Yesuus bakka kamiyyuu hafuuraa fi jecha Allaah hin jedhamne).

Kiristiyaanoti hiika maqaa addaa kanatti xiyyeeffannaa kennuun ilaaluun isaaniif mala. Musliimonni ammoo maqaan kun Yesuusiif qofa akka malu Qur’aannii fi Kitaabni Qulqulluun irratti walii galuu isaanii hubachuun isaaniif mala.

Kan biroon wanti xiyyeeffannaan itti kennamuu malu maqaa Waaqummaa isaa ti. Gabaabumatti hubachuun kan nuuf malu Yesuus ilma Waaqayyoo fi Waaqa ta’uu isaa ti. Namni barreessaa amantaa Kiristiyaanaa tokko waa’ee maalummaa maqaa isaa yommuu ibsu akkana jedha:

“Ilma Waaqayyoo” fi “sagalee (jecha) Waaqayyoo” kan jedhaman lamaan isaanii iyyuu Kakuu Haaraatti hiika walfakkaataan faayidaa irra oolfamaniiru. Lamaan isaanii iyyuu Waaqummaa Kiristosii fi tokkummaa Abbaa isaa waliin qabaatu in ibsu (Yoh. 10:30). [13]

Maqaan Ilma Waaqayyoo jedhu ilmi abbaa isaaf bitamuu isaa akka argisiisu yaadamuu danda’a. Gama maqaa sagalee Waaqayyoo jedhuun garuu wal caalmaan akkanaa jiraachuu hin danda’u. Sababni isaa maqaan isaa ofii isaatiin iyyuu haala ifaa ta’een kan argisiisu, moggaasni isaa maalummaa Waaqa (Rabbi) ijaan hin argamnee kan ittiin ibsamu ta’uu isaa ti. Kan nama ajaa’ibu Qur’aanni Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa Kiristiyaanoti hubachuu isaanii in komata. Ofii isaatiin garuu ibsa walfakkaataan Yesusiin jecha Allaah  jechuudhaan ilma Waaqayyoo isa hafuuraa ta’uu isaa ibsa. Maqaa isaa gidduu garuu garaa garummaan hiikkaa jiraachuu dhiisuu isaa hubachuun nuuf mala.

Akka Wangeela Yohannisiin yommuu ilaalamu “sagaleen Waaqayyoo” hafuura ta’uu isaa shakkii kamiyyuu  hin qabaatu. “jecha Isaa (ta’i)” ibsa jedhuun Isaa (miin) jechi jedhu maqaa fi ibsa maqaa isaa gidduu hariiroo cimaa  jiru nutti dubbata. Kanaafuu hiikni isaa “jecha isaa” (the word) Isaa (hu) Waaqayyo waliin hafuura walfakkaataadha.[14]

Suuraa 4:171 irratti Qur’aanni maal jechuuf akka ta’e ibsa bal’aa ta’e yoo hin kennine iyyuu keeyyata isaa irraa kan argaman maqaawwan lamaan (Masiih fi jecha Allaah) jedhu, Yesuus nabiyyummaa waa’ee hin baafne irra kan darbe hafuuraan ilma Waaqayyoo ta’u isaa nu argisiisa. Sababa kanaanis Kiristiyaanoti Musliimotaaf dhugaa kan ittiin dubbannu, gara jireenya isa ta’e Yesuus Kiristos fayisaatti kan ittiin waamnu sababa ga’aa ta’e in qabaanna.

Yesuus (Iisaan)  akka Nabiiyyoota (Raajota) kaanii ergamaa qofaa miti. Garuu addunyaa oolchuuf kan dhufe Masiih, uumama hundumaan kan uume jecha (sagalee) Waaqayyoo fi isa jiraataa dha.



[1] Yusuf Ali, The Holy Qur’an, p. 132

[2] Goldsack, Christ in Islam, p. 14

[3] Ahmad, Jesus in Heaven on Earth, p. 164

[4] Sale, Koran, p. 48, n.4

[5] Abdul-Haqq, Sharing Your Faith with a Muslim, p. 84

[6] Sahiih Musliim, Jildii 1, Lakk. 380

[7] Goldsack, Christ in Islam, p. 15

[8] Chapman, You Go and Do the Same, p. 81

[9] Zwemer, The Muslim Christ, p. 37

[10] O’Shaughnessy, The Koranic Concept of the Word of God, p. 56

[11] Goldsack, Christ in Islam, p. 14

[12] Alam, Nuzul-e-Esa: Descension of Jesus Christ, p. 86

[13] Pfander, The Mizanu’l Haqq (Balance of Truth), p. 165

[14] Abdul-Haqq, Sharing Your Faith with a Muslim, p. 68

 

YESUUS EENYU