MAALIIF KRISTAANUMMAA QOFTI AMANTAA SIRRII TA’E?

MAALIIF KRISTAANUMMAA QOFTI AMANTAA SIRRII TA’E?

Addunyaa kana irra amantiilee hedduutu jiru; hundi isaanis akka ofii isaanii sirri ta’an beeksisuu. Kristaanummaanis isaan kana keessaa tokko dha. Erga akkas ta’ee amantiin isa kamtu sirriidhaa? gaafii jedhu ni deebifna; Kristaanummaan qoftis amantii kaan caalaa sababoota inni dhugaa ta’uu danda’uuf ilaalla.

1.     Shaakala Namootni Hafuura Qulqulluu Wajjiin Qaban

Kana jechuun gaafa namoota jireenya Hafuura Qulqulluu waliin jiraatan ilaaltuu nagaa guddaa qabu, gammachuu adda ta’e qabu akkasumas yeroo hundumaa gooftaa isaanii keessatti itti tolaadha. Yoo hiyyeessa ta’an illee akka nama geessifateetti keessi isaanii gammadee jiraatu, si’a argama Hafuura Qulqulluu
keessa ta’aan yaaddo isaanii hundumaa irraanfatu, gammachuun keessa isaanis adda.(hubachiisa: kun kan inni mirkaneessu jecha goofta Yesuus isa inni “naga ani isiniif kennu akka biyyi lafaa kennutti miti, nagaa koos bara baran isin biratti nan hambisa jedhu mitkaneessa (Yohannis 14 : 26-27 ; filipisiyuus 4:4)

2.     Fannifamee, Du’ee, Du’aa Ka’ee, Ol Fudhatamuu Yesuus Kristoos Gaafa Ilaallu

Kuni immo Yesuus Kristoos barsiisaa gaarii fi barnootni isaas fudhatamuu qaba akkan jedhu na taasisa. Dura bu’oota amantiilee gurguuddaa addunyaa kanaa yoo fudhattee ilaaltee hundi isaaniiyyuu du’anii achumaan hafanii jiru, awwalli isaanis ammayyu isaanumaan qabatee jira achumaanis gara biyyootti deebi’anii jiru? Yesuus kirstoos garuu awwaala isaa keessa hin jiru du’a mo’ee ka’ee deemera.(mateewos 28:5-6) Yesuus Kristoos si’a namoonni isaan morkatan gara isaa dhufanii barsiisni ati barsiistu kun kan waaqayyoo miti, yoo kan waaqayyooti jette immoo mirkaneessa nuuf kenni jedhaniin akka inni dhugaa ykn soba ta’ee haa mirkaneeffataniif, mirkaneessa eenyuuyyuu kennuu hin dandeenye namni cimaan addunyaa kanaa, geggeessaan amantii biroo warri waaqayyo biraa ergamne jedhan ille kennu hin dandeenye kenneef, innis “dhaqna isaa kana isaan akka jigsaniif(ajjeesaniif) innis akka guyya sadii gidduutti deebisee ijaaruu (du’aa ka’u) danda’u itti hime!” (Yohannis 2:21-23).

Kana qofaas miti akkuma duraan irra deddeebi’uun bartoota isatti himas ture erga du’a ka’ee booda utuu isaan ijaan ilaalanii ol fudhatame gara samiitti (Hojii Ergamootaa 1:9-11)

Egaa, wanta hamma kana ga’uu Yesuus barsiisee, wanta barsiise kana dhugoomsuuf mirkaneessa kenneef. Mee raga Yesuus kana salphisee ilaaluu kooti moo sababni ani Yesuus akka waa’ee ofiisaatii dubbate kannen akka “inni karaadha, dhugaadha, jireenya, ilma waaqayyooti, fayyisaadha…” jedhee hin amanneef maaliif kan jedhuuf deebii sababan hin qabneef Yesuus dhuguma akka ofiisaatii waa’ee ofiisaa dubbateedha.

3.     Karaa Ittin Bartootni Yesuus Kristoos Du’an Gaafa Ilaallu

Fakkeenyaaf, hundeessitootaa fi babalistoota amantii biroo yoo fudhattee ilaaltee amantii isaaniif si ajjeesu, bartootni Garuu amantii isaaniif nii du’an![1]

Xiinxalli kunis kan inni irratti hundaa’u qabxii lamaffaa irratti wantan haasa’e irratti. Innis “bartootni sababa Yesuus fannifamee, du’ee, du’aa ka’ee jedhanii lallabaniif akkasumas barsiisa Yesuus waan babalisaniif (Matewoos 28:18-20, Hojii Ergamootaaa 2:22-24) warri kaan zayitii danfaa keessa bu’anii, warri kaan gadi goombifamnii fannifamanii du’anii, warri kaan dhagaan reebamanii du’anii, warri kaan eeboon waraanamanii du’an. Yohannis irraan kan hafe hundumti isaaniiyyu amantii isaaniif du’a suukaneessa du’an. Akkaata du’a isaanii si’an yaada akkasin ofiin jedha “dhuguma namni tokko amantii isaaf du’uu nii danda’aa, garuu amatiin isaa dhuma irratti dhugaa ykn soba ta’uu danda’aa mee namni tokkommo akkamitti amantiin isaa soba ta’uu isaa (Yesuus akka du’ee du’aa hin kaane) utuu beekanii akkamitti du’aa ka’uusaa ijaan argineerra jedhanii lallabuun amantii
sobaaf du’uu?” Kanaafis deebii hin qabu sababni isaa bartootni hojii mataa isaanii qabu, sababa soba ta’ee fi soba ta’uusaa beekaniif du’a suukanneessa akkasii hin du’an.

4.     Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu Keessa Fiixaan Ba’aan

Raajii jechuu wanta gara fuul duraatti ta’uu himuu jedhuudha. Utuu inni hin ta’in dursanii wanti dursame himame sunis gaafa fiixaan ba’u raajii dhugaa ta’a. Macaafa Qulqulluu keessatti raajiin kumaatamaan lakkaa’aman dubbatamanii inni kaan yeroo gabaaba gidduutti inni kaan immo yeroo dheeraan booda fiixaan ba’anii jiru. Fakkeenyaaf Macaafa Qulqulluu keessatti waggoota dhibba ja’a dursamee utuu Yesuus hin dhalatiin Yesuus eessatti akka dhalatu, eenyuurra akka dhalatu, akkamitti akka guddatu, akkamitti akka barsiisuu, akkamitti akka fannifamu, si’a fannifamulle maal akka inni jedhu, uffanni isaa illee maal akka inni ta’u, eessatti akka awwaalamuu, akkamitti akka du’aa ka’u, (Isaayas 7:14 fi Luqaas 1:35; mikiyaas 5:2 fi Maatewoos 2:4-6 ;uumama 3:15 fi 1Yohannis 3:8; faarsa 78:1-2 fi Maatewoos 13:34-35; Isaayas 9:1-2 fi Maateewoos 4:12-17; Isaayas 53:3 fi Luqaas 4:24-29; Zakaariyaas 11:12-13 fi Maatrwos 27:6-10; Ba’uu 12 :21-27 fi 1Qorontoos 5:7). Waggoota 600 ol dursamee dubbatameera wanti kunis yeroosaatti fiixaan ba’e tokko tokkoon.

Namoonni Macaafa Qulqulluu barreessan utuu yaada mataa isaanii barreessanii akkamitti wanta gara fuul duraatti ta’u kana utuu xinnoollee hin dogoggorii sirriitti raaguu danda’uu? kanaafis deebii hin qabu, yoo namoonni barreessan kun waaqayyo isa wanta jalqabaati hamma dhumaatti ta’uuf jiruun hogganamuun barreessan jedhe malee!

5.     Argannooleewwan Saayinsii Ammayyaa Macaafa Qulqulluu Wajjin Walii Galan

Kun immo Macaafni Qulqulluun sirri ykn sirri ta’uu dhabuusaa wanti achi keessatti argamu mirkaneessu. Kana jechuun koo Macaafni Qulqulluun kitaaba saayinsiiti jechuu koo miti; Macaafni Qulqulluun dhugaa lafa jiru waliin wal faalleessuu hin qabu jechuu kooti malee. Fakkeenyaaf Iyoob namni barnoota saayinsii ammayya qabaachuu miti bara isaa saayinsiin sirrin iyyuu hin turree waan reefuu jaarra 19ffaa keessa erga saatalayitiin dhufee hubatame utuu barnoota hin qabaatiin ‘lafti akka iddoo duwwaa irra jiraattu (iyob 26:7)’ dubbate.

Mee akkamitti wanta qoratootni hawaa reefuu bira ga’aan wagga 4000 har’aa himuu danda’aa? Teleskoppii maalii qaba ture yoo ija isaa hafuurri Qulqulluun banee itti agarsiise ta’e malee.

6.     Jijjiirama Hafuuraa Waaqayyo Jireenya Nama Dhuunfaa Irratti Fide

Si’a namoota tokko tokko ilaalluu duraan hamoo, turan taanan utuuma hin turin garraamii ta’u, gamsiisoo turan taana kan namaaf dhimman ta’u, jeeqoo turan taanan warra nagaa buusan ta’u, hattuu turan taanan amanamoo ta’u, kan nama ajjeesanfaa turan taanan kan namaaf dhimman ta’u. Kana immoo jaalatanii ta’u utuu hin taanee waanuma isaan hin beeknetu utuu isaan itti hin yaadin dhufee isaan jijjiira; miira isa duraas utuu hin beekiin of keessa dhabu. Kana jechuu (keessi isaanii hamaa ta’ee utuu jiruu didanii gaarii namaaf yaadu miti, hamaa waanuma jedhamutu takkaan keessa bada) namoota akkasii naannooti qabna kan haafurri Qulqulluun jijjiirama guddaa jireenya isaanii irratti fide, akkasumas Macaafa Qulqulluu irraas namoota akkasii qabna. Fakkeenyaaf Phaawuloos (Saa’ool) nama baay’ee hamaa, Kristaanoota hari’aachaa turee, kan Kristaanoota ajjeesisaa turee fi miidhaa irra geessisaa tureedha. Garuu yeroo tokko utuu Phaawuloos akka amala isaatii Kristaanoota har’achuuf, ajjeesisuuf, mana hidhaattis naquuf utuu deemu karaa Damasqoo irratti Yesuus Kristoos itti mul’atee isa jijjiiree, battalumattis haaraa ta’ee, isa Kristaanota har’iachaa ture Kristaanota waliin ari’atamuutti ka’ee, isa kristaaniota hidhaa ture isaanii wajjin hidhamaa ture, isa Kristaanummaan morkachaa turee gara morkachuuchuutti geeddarame, isa Kristaanootaa ajjeesaa ture Kristaanummaaf jedhee mormi isaa irraa kutamee du’e (Hojii Ergamootaaa 9:1-30). Mee namni tokko akkamitti dhiibbaa wanta gaarii malee dhugaamatti gadhummaa irraa gara gaaruummaatti dhufuun guutummaa guututtii jijjiiramaa?

Sababoota armaan olitti ibsame irraa ka’uudhan Kristaanummaan amantaa dhugaa ta’uu isaa mirkaneeffadheen jira. Isin yaa dubbistoota, amantaan keessan amantaa dhugaa ta’uu isaatif ragaan dhiheeffachuu dandeechan maali? Amantaa dhugaa hordofaa jiraachuu keessan ragaalee qorattanii mirkaneeffattanii jirtuu? Waaqayyo Gooftaan isin haa gargaaru; fayyina karaa Ilma isaa isa nuuf jedhee du’etti amanuu argamus argattanii jireenya bara baraatif akka geechan isin haa gargaaru!

————————————————-

[1] https://www.christianity.com/church/church-history/timeline/1-300/whatever-happened-to-the-twelve-apostles-11629558.html