BOQONNAA 3 – Kiristiyaanota Biyyoota Musliimonni Itti Baay’atan Keessa Jiraatanii fi Waldaan Gutuu Addunyaa Akkaataa Itt Isaan Gargaaruu Dandeessu

Kiristiyaanota Biyyoota Musliimonni Itti Baay’atan Keessa Jiraatanii fi Waldaan Gutuu Addunyaa Akkaataa Itt Isaan Gargaaruu Dandeessu

Islaamummaa fi Kiristiyaanummaan Afrikaa keessatti seenaa bara dheeraa ta’e qabu. Islaamummaan amantaa ta’ee jalqabamuu isaatin durayyuu naannoleen hordoftaata amataa Kiristiyaanaa turan Afrikaa Keessatti ni argamu. Haata’u malee jarrawwan keessatti Islaamummaan Naannoolee kaanneen irratti humna argatee jira. Afrikaa keessatti biyyoonni uumattoonni isaanii guutumaa guututti akkasumas walakkadhan Musliimota itti ta’an ni argamu. Biyyoonni lakkoofsi Musliimotaa itti xinnaa ta’anis ni argamu. Kiristiyaanummaa fi Islaamummaan umrii dhaloota hedduuf nagahaan wal-bukkee kan itti jiraataniif i gaa’elaan kan waliitti ittiin hidhaman biyyoonni akka Gaana fi Mozambik ni argamu.

Boqaonnaan kun kan xiyyeeffatu biyyoota Afrikaa Musliimonni itti baay’atanii fi lakkoofsi Kiristiyaanotaa itti yarate irrattidha. Biyyoota Musliimni itti baay’atu hunda keessattuu hawaasonni Kiristiyaanaa ni argamu. Kanarra darbees biyyoota tokko tokko keessatti Kiristiyaanonni miliyoonotaan lakkaa’aman ni jiraatu. Akka wabiitti Misir (Egypt), Chaadi fi Ripaablika Sudan kaasun ni danda’ama.

Waldaan Kiristiyaanaa biyyoota Afrikaa tokko tokko keessatti argamtu sagale- guddistuu akka hin qabaanne dhoorkaamtee jirti. Haata’u malee biyyoota kannen keessatti masgiidonni sagalee guddaa mandaroota hunda guutu fayyadamuudhan guyyaatti sia’a shan waamicha kadhannaa Azaanaa ni taasisu.


Akaakuwwan Kiristiyaanota Naannolee

Biyyoota lakkoofsi Musliimotaa itti baay’atan hundaatti akaakuwwan Kiristiyaanota naannolee ni argamu.

Uummatoonni Barbar jedhaman jiraattota Afrikaa kaabaa isaan jalqabaati. Waraanni Musliimota Arabaa jaarraa 7ffaa keessa hamma yeroo itti isaan injifateetti Barbaroota gidduutti Kiristiyaanummaan amantaa cimaa ta’ee turee jira. Suuta suutan garuu Kiristiyaanumman akka badu ni taasifame. Jaarraalee baay’ee booda karaa Misiyoonota warra dhihaatin deebi’ee dhufus namoonni Kiristiyaanummaa fudhatan baay’en hin argamne. Haata’u malee baroota kurnan xinnoo isaan darbaan keessatti biyya Aljeeriyaa keessatti barbaroonni lakkofsi isaanii kuma kudhaniin lakkaawaman Kiristoos hordofuuf murteessanii jiru.

Kiristiyaanota Seenawaa

Akkaakuwwan Kiristiyaanota akkanaa Kunneen tarii Islaamummaan osoo hin jalqabin dura dhaloota Kiristiyaanumma fudhate lakkaa’udhaan bira kan gahaniidha. Kiristiyaanonni akkanaa lakkoofsan Xinnoo Kunneen “Dihimmii” jedhamanii waammamu. Akaakuleen Shari’aa shanan isaanituu Dihimmiiwwan mirgii fi walabummaa Musliimota irra gadi aanaa ta’e kennamee fi akka jiraatan ni ajaju.

Kiristiyaanonni Kunneen yeroo yeroodhan waldaalee keessatti sassaabbamuu ni danda’u.    Haata’u malee too’annaa cimaa abbootti angoo Musliimotaa jala ta’uun isaani waan hin oolledha. Biyyoonni tokko tokko amantaa isaanii mara ifaan akka hojii irra oolchuu hindandeenya seerota irratti fe’u. Itti aansudhaanis darbee darbee akkataa jireenya isaanitiin akka adda foo’amaan isaan godhu. Biyyoota tokko tokko keessatti immoo adda foo’Ummaa kan isaan irraan gahu seerota osoo hin ta’in Musluumotadha. Biyyoota lakkoofsi musliimotaa itti baay’atu keessa Kiristiyaanonni jiraatan mirgaa fi walabummaa uummata harka caalun walqixa ta’e kan qabaatan si’a meeqaatama kessaa si’a tokkodha.

Musliimonni irra deddeebi’uudhan “Dihimmii” jechuun “eegumsi kan taasifamuuf” jechuudha jedhanii yemmu dubbatan ni dhagahamu. Haata’u malee eeggumsi ni taasifamaaf jedhame muraasadha. Akka hin ajjeefamneef eegumsi ni taasifamaaf; haata’u malee mirgii fi walabummaan isaanii kan bu’uuraa yeroo hundaa kan eegamee miti. Jireenya isaanii ulfaata fi sukaneessaa kan taasisan seeronni Shari’aa heddutu jiru.

Fakkeenyawwan itti aananii tarreeffaman akaakuwwan Shari’aa gara garaa seerota Dihimiiwwan irratti fe’aniidha. Seeronni ja’an kun jaarraa 21ffaa nuti keessa jirru kannattiiyyuu ifaan yookin dhoksaadhaan akka hojii irra oolan dirqama kan itti ta’an kutaalen addunyaa ni jiru.

  • Dihimmiiwwan waldaalee waaqeffannaa haarawa ijaaruu hin danda’an
  • Dhiirri Dihimmii dubartii Musliima taate fuudhuu hin danda’u.
  • Dubartiin Dihimmii dhiira Musliima ta’e heerumuu ni dandeessi, garuu ijoollen isaan horatan hundi Musliimota ta’u.
  • Manneen murtiitti yemmuu rageessan ragaan Dihimmii tokkoo akka walakkaa ragaa Musliimatti lakkaa’ama.
  • Miidhamni wal-fakkataan yoo ga’eyyuu gumaan Dihimmiin argatu kan Muslimaa irraa gadi xiqqaa ta’uutu irra jiraata.
  • Dihimmiiwwan gibira addaa “Jiziyaa” jedhamu akka kafalan dirqamni irra kaa’ameera.

Yeroo baay’ee eenyu Kiristiyaana akka ta’e salphumaatti beekun ni danda’ama. Sababni isaas uffataalee Islaamummaa agarsiisan hin uffatan, Maqaa Musliimaa hin qaban, yookin immoo amantiin isaanii waraqaa eenymumaa isaanii irratti ni barreffama. Kunis gidiraa fi loogidhaaf (ija garaatin ilaallamuudhaf) isaan saaxila. Fakkeenyaaf hojii argachuu hin danda’an yookin itti yaadamee qorumsa akka kufan ni godhamu.Yeroo baay’ee abbootin angoo isaan ilaallatu loogi fi Musliimota yaada dhiphummaa qabaniin reebamuu irraa akka oolan hojii taasisu hin hojjetan.

Walabummaa Waaqeffannaa fi Walabummaa Amantaa

Biyyoonni Musliimonni itti baay’atan heddun isaanii walabummaa waaqeffannaa jedhamu gonkumaa hin qaban. Hiikni kanaa Kiristiyaanonni waldaalee isaanii keessatti akka waaqeffatan hayyamamuufis amantaa isaanii Musliimotaaf qooduu hin danda’an jechuudha. Kunis Musliimonni amantaa biroo walabummaan filachuu akka hin qabne mul’isa. Kutaan Kiristiyaanummaa murteessan wangeela warra birootif hiruu fi hordoftoota Kiristoos akka ta’an gargaarudha (Mat. 28:18-20). Kiristiyaanonni kana gochuu hin dandeenye taanan waldaalee keessatti waaqeffachuu yoo danda’an iyyuu walabummaa amantaa guutuu sarbamanii jiru. Haaluma walfakkaatadhaan Musliimonnis amantaa isaanii jijjiirudhaaf yoo bilisa hin taane walabummaa amantaa hin qaban jechuudha.

Amantaa Isaanii kan Jijjiirratan

Akaakuwwan Kiristiyaanotaa biyyoota Musliimonni itti baaya’atan keessattii argaman kessaa isaan lammataa Islaamummaa irraa gara Kiristiyaanummaa warreen dhufaniidha. Kiristiyaanonni Kunneen gidiraadhaf baay’ee kan saaxilamaniidha. Maatilee Kiristiyaanotaa irraa kan hin dhalanne waan ta’aniif Dihimmii jedhamanii hin waamaman yookin “warra eegumsi godhamuufi” miti.Islaamummaa dhiisuf murteessuu isaanii irraa kan ka’e gantoota jedhamanii waammamu. Akka gantootattis ni lakkaa’amu.

Biyyoonni Afrikaa shanan Somaaliyaa, Komoroos, Misiri (Egypt), Sudaani fi Moritaaniyaan warra amantaa isaanii Islaamummaa irraa gara birootti jijjiiran gidiraa keessa galchuudhan angafoota jedhaman kudhan keessaa ni eeramu.

Seerotni Shari’aa hundi gantoonni dhiirota ga’eeyyii ta’an hundi du’aan akka adabaman ni murteessu. Biyyoota murtaawoo kan akka Sudani fi Moritaaniyaa fakkaatan keessatti (yeroo baay’ee raawwii argachuu dhabanis) adabbiin kun seera biyyattii keessatti barreeffamee jira. Biyyoota gara biroo lakkoofsi isaanii baay’ee ta’e keessati gamtaalen Musliimaa yookin namoonni dhuunfan, warra Islaamummaa dhiisanii Kiristiyaana ta’an yemmuu ajjeesan abbootin angoo akka waan hin argineetti callisaan bira darbu. Biyyuma fedhe keessayyuu yoo jiraatan du’a irraa hafanis Kiristiyaanonni kun karaa baay’edhaan ni rakkatu. Hawaasni isaani fi maatin isaanii isaan jibbuu danda’u. Ijoolleen isaanii illee irraa fudhatamuu ni danda’u. Hojii isaanii, daldala isaani fi mana isaani dhabuu ni danda’u. Kana bira darbees ni reebamu, gidiraa fi hidhamuudhafis ni saaxilamu.

Xinnumatti Kiristiyaanonni Afrikaa miliyoona 90 ta’an haalli qabatamaan isaan keessa jiran gidiraadhaf kan saaxilameedha

Bifa Walabummaa Amantaa

Biyyoonni Musliimonni heddumminaan keessa jiraatan walabummaa amantaa kan keessatti mirkanaa’e akka ta’e ni labsu. Ijaarsa waldaa fi amanatoonni akka waaqeffannaadhaf walitti sassaabaman ni hayyamu. Lammiilen biyyoota alaa gara Moroko fi Tuniiziyaa imalan gamoowwan waldaa Kiristiyaanaa arguu isaanitiin ni dinqissiifatu ta’a. Wanti isaan hin beekne yoo jiraate waldaalen Kunneen yeroo baay’ee banaa kan taasifaman lammiilee biyyoota alaatif qofa ta’uu isaati. Lammiilen biyyoota alaa Kunneen daawwattoota yookin lammilee biyoota biroo kan biyyoota kanneen keessatti hojii irratti bobba’aniidha. Haala baratamaadhan lammiilen biyyoota kanneenii gara waldoota Kiristiyaanaa kanneennii akka adeeman hin hayyamamuuf. Haala walfakkaatun waldaalen Kunneen namoota naannotiif wangeela yoo labsan akka seera cabsaniitti lakkaawama. Mootummootni Kiristiyaanota biyya alaatii dhufanii fi uummata naannoo gidduutti walitti dhuufeenyi bifa kamiituu akka jiraatu hin fedhan. Walabummaan kan hojii irra oolu lammiilee biyya alaatif qofadha. Innis walabummaa waaqeffannaa qofa malee walabummaa amantaa guutuu miti. Kiristiyaanonni lammiilee biyyaa ta’an madaalliwwan cimoo ta’an akka guutan isaan irraa eegama. Madaalliwwan kanneen osoo hin guutin bilisummaa waaqeffannaa iyyuu argachuu hin danda’an.

Waldaan Kiristiyaanaa Addunyaa Kiristiyaanota Biyyoota Musliimonni Itti Baay’atan Keessa Jiran Kan Gargaartu Akkamitti?

Mormuufii/ Abukaatoo Ta’uufii

Biyyoota laakkoofsi hordoftoota amantaa Islaamummaa quxala (gadi aanaa) itti ta’an heddu keessatti mirgii fi walabummaan Musliimonni qaban uummata biroo irraa adda miti. Biyyoota Musliimonni itti baay’atan keessa kan jiraatan Kiristiyaanonni lakkoofsi isaanii xinnaa ta’e kunneen illee mirgaa fi walabummaa Musliimonni biyyoota lakkoofsi isaanii xinnaa itti ta’e keessatti argatan argachuu qabu. Kirostiyaanonni Addunyaa guutuu keessatti argaman biyyoota Musliimonni keessatti baay’atan keessatti kan argamanii fi Kiristiyaanota gidiraan irra ga’uuf motummaan jidduu akka galuufif dhiibbaa gochuu qabu.  Dhibban kunis mallattoo (petition) walitti sassaabun yookin qaamolee motummaatif xalayaa barreessun ibsamuu ni danda’an. Caalatti bu’a qabeessa ta’uudhaaf koomishina walabummaa amantaa dhaabuu kan fakkaatu sochii qindaa’aa taasisuun filatamaadha. Dhaabbanni walabummaa amantaa kan ijaarramu waldaalee Kiristiyaanotaa, manneen waaqeffannaa fi dhaabbilee irraa namoota walitti dhufanninidha. Kunis namoonni biyya tokkoo kessssa jiraatan walabummaa amantaa fi mirgi isaanii eegamuu isaa mirkaneessudhaaf ni gargaara. Dabalataanis mootummaa isaanii wa’ee Kiristiyaanota biyyoota biroo keessatti gidiraan irra ga’aa jiruuf akka gidduu seenu kakaasuf nigargaara. Dhaabbileen kana fakkatan kan ardittii keessatti argaman lakkoofsan gadi aanaa waan ta’aniif biyyoota Afrikaa keessatti koomishina walabummaa amantaa dhaabun barbaachisaadha.

Biyya keessan keessatti koomishina walabummaa amantaaf haala mijeessuu ilaalchisee oddeeffannoo dabalataa yoo isin barbarbaachise maaloo World Evangelical Alliance Religious Liberty Commission wearlc@sltnet.lk waliin yookin South African Religious Liberty Commission relibcom@gmail.com waliin qunnamtii uumaa.

Kadhannaa

Kiristiyaanota akkuma ta’uu keenya humna kadhannaa dagachuu hin qabnu. Kiristiyaanota biyyoota Musliima ta’an keessatti dhiibamuu fi gidiraan irra ga’aa jiru qaaman argachuu kan hin dandeenye taanus kadhachuufii ni dandeenya. Waaqayyoo haalotaa fi biyyoota haala caalun jijjiruu ni danda’a. Kadhannaalee keenya rakkinicha irraa kaasudhaan yookin namoota gidiraan irra gahaa jiruuf cimina kennuudhan nuuf deebisuu ni danda’a. Qilleensa hafuuraa biyyootaa irraatti waraanaa hafuuratin dhiibbaa fiduun ni dandaa’ama. Kun kan ta’uu danda’u kadhannaa dhaabbataa ta’e, fedha cimaa fi amantaa irraa kan maddeenidha. Kadhannaan keenya hafuura Qulqulluutin kan gaggeeffamu ta’uun isaa faayida qabeessa. Dhaabbanni “Barnabasfund” guutummaa Addunyaatti keessattuu dachee Musliimaa keessa qaqqaba. Akkasumas Kiristiyaanonni warra Kiristoosin obboloota isaanii ta’an kanneenif akka kadhatan ni affeera. Musliimonni gidiraa fi ari’atama kaasanis Yesus Kiristoos akka Gooftaafi Fayyisaa isaanitti akka fudhatan kadhachuun barbaachisaadha. Waaqayyo jireenya isaanii jidduu akka galu gaafachuu qabna. Waaqayyo Musliimota ni jaalata. Kadhannaan keenyas jaalala irraa kan madde ta’uu qaba.

Waldaa Kiristiyaanaa gidiraan irra ga’aa jiru ilaalchisee oddeeffannoo argachuu fi maddoota kadhannaadhaf  ta’an argachuuf  www.barnabasfund.com daawwadhaa

Beeku fi Beeksisuu

Tarree (duraa duuba) ajandaawwan irratti kadhattan beeku fi namoota biroo waliin kadhachuun baay’ee faayida qabeessa. Kunis waldaa Kiristiyaanaa Afrikaa fi addunyaa hafe keessatti argaman keessatti maaltu adeemsifamaa akka jiru beekuu barbaada. Namoonni baay’en waa’ee dubbichaa hanguma beekaa adeemaniin namoonni baay’en kadhachuu danda’u jechuudha. Akkasumas akka kadhataniif waa’ee Kiristiyaanota biyyoota biroo keessatti gidiraan irra ga’aa jiruu saboota keenyatti himuun jabaachuu qabna.

Miidhaa gahuuf Deebii Kennuu

Ergaa gara warra Roomaa 12:9-21 dubbifadhaa. Addunyaa guutu fi Afrikaa keessatti haleellan Islaamummaa Kiristiyaanota irra gahaa jiru guyyaa guyyaatti dabalaa dhufee jira. Ergaan warra Roomaa 12 namoota hunda waliin nagahaan akka jiraachuu dandeenyu wanta humni keenya danda’u hunda gochuu akka qabnu nutti hima.

Yeroo tokko tokko Kiristiyaanonni Kiristiyaanota biroo balaa irraa ittisuuf yookin jalaa miliqanii nageenyii isaanii gara itti eeggamuutti akka adeeman taasisuudhaf ofii isaanii balaa irra buusuun iraa jiraachuu danda’a. Carraan nageenya maatii keessanii yookin Kiristiyaanota biroo eegsisuu isin irra bu’e taanan ka’umsi gocha keessanii jibba warra rakkina geessisanii irraa kan madde osoo hin ta’in jaalala waarroota eegumsa gootaniifii irraa kan maddee ta’uu akka qabu qalbeeffadhaa. Namoota balaa irra jiran oolchuf wanta xinnaa isin irraa eegamu qofa godhaa. Roomaan 12 gonkumaa haaloo ba’uu akka nuti hin qabne nutti hima. Itti dabaludhaanis boqonnichi warra nu ari’atan eebbisuu akka qabnuu fi nama kamuufuu yoo ta’e eddoo hammeenyaa isaanii hammeenya akka deebisuu nuti hin qabne nubarsiisa. Hammeenyota akka haleellaa fi gidiraa jiran injifachuu kan ittiin dandeenyu karaan inni qofaa gaarii gochuu akka ta’e nu yaadachiisa.

2 Qorontoos 4:7-18 dubbifadhaa

Jireenyi kiristiyaanummaa salphaa miti. Macaafni Qulqulluun akka Kiristiyaanummaa keenyatti gidiraan nurra gahuu akka danda’u nuuf mirkaaneessa. 2 Ximootewoos 3:12 ‘‘Akkasuma karaa Yesus nama Waaqayyoo ta’ee jiraachuu kan hawwu hundi ari’atamuuf jira” nuun jedh. Haata’u malee gidiraa sodaachuu hin qabnu. 2Qorontoos baay’ee yoo cunqorfamneefi gidiraan yoo nurra gahe akka nuti hin banne yookin gara abdii kutannaatti akka nuti hin adeemne nu barbsiisa. Jabinni gidiraa keessatti argamu kuni nurraa kan madduu miti. Kan inni dhufu humna Waaqayyoo isa hunda bira darbu irraa yemmuu ta’u amantiin keenya akka jabaatu nu gargaara. Macaafni Qulqulluun warroota nu ari’ataniif deebii akkamii kennun nurraa akka eeggamu nutti hima. Roomaa 12:14 “ warra isin ari’atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa” jechuudhan nu ajaja. Kutaan Kiristiyaanaa inni nama dinqisiisu isa kanadha. Warra nu ari’atanii fi gidiraa warra nutti dabalan akka jaalanuu fi hamaa gaaridhaan akka kafallu waamanmnee jirra.

Gaafilee Muraasa Xiinxaluu fi Mariidhaf Fayyadan

  1. Biyyoonni Musliimonni itti baay’atan tokko tokko walabummaan waaqeffannaa biyya keenya keessa ni jira yemmuu jedhan maal jechuu isaaniti jettanii yaaddu?
  2. “Dihimmii” jechuun maal jechuudha? Warri Dihimmii ta’an kan ilaallaman haala akkamiitini?
  3. Dihimmiiwwan maalif haala akkasiitin ilaallaman?
  4. Akka jecha seerota shari’aa shananiitin dhiirri ga’eessi tokko Islaamummaa dhiisee gara amantaa Kiristiyaanummaatti yoo dhufe maal godhamuu qaba?
  5. Addunyaa fi Afrikaa keessatti gadi fageenya gidiraa adeemsifamuu kana dura ni beektu turtanii?
  6. Waldaa Kiristiyaanaa gidiraan irra gahaa jiruuf falmii dhaabbachuu ilaalchisee wanti isin gochuu dandeessan maali?
  7. Kiristiyaanotaa fi Musliimota biyyoota Musliimonni keessatti baay’ataniif yemmuu kadhannu qabxiileen qalbeeffachuu qabnu isaan kami?
  8. Waa’ee waldaa Kiristiyaanaa gidiraan irra gahaa jiruu Kiristiyaanotni warra birootif beeksisuu kan danda’an akkamitti?
  9. 2Qorontoos 4:7-18 dubbifadhaa. Gidiraa nuti sodaachuu kan hin qabne maaliifi?
  10. Warra nu ari’atanii fi warra gidiraa nutti fe’aniif deebii kennuu kan nuti dandeenyu akkamitti?

Baafata