Macaafa Qulqulluu – Kitaaba Ajaa’ibsiisaa

Macaafa Qulqulluu

Kitaaba Ajaa’ibsiisaa Gita hin qabaanne!

Macaafni Qulqulluu kitaaba baay’ee adda ta’eedha

  • Gama rabsuutiin gitni kan isaaf hin argamne yeroo kamiyyuu kitaaba baay’ee filatamaadha.
  • Namoota hedduun dubbifamuu fi gama afaan hedduun hiikamuutiin gitni kan isaaf hin argamne kitaabadha.
  • Hayyooti seenaa qoratanii fi arki’oolojistoonni dhugaa ta’uu isaa irra deddeebi’uun mirkaneessaniiru. Hayyuun arki’olojistii beekamaa tokko akkana jedhe “odeeffannoo Kitaaba Qulqulluun kan faallessu arki’oloojiin kan argame kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaa dhugaatti dubbachuun ni danda’ama.”[1]
  • Namooti qu’atanii fi dubbifatan kitaabota hanga ammaatti barreeffaman keessaa kitaaba filatamaa ta’uu isaa ragaa isaaf ba’u. Yaada garaa Waaqayyoo (Rabbii) beekuuf kan dubbifannu kitaaba kana qofaadha. Waaqayyo waliin tokkummaa akkamii qabaachuun akka nuuf maluu fi isaa wajjin tokkummaa keenya akkamiin guddifachuun akka nurra jiraatu dubbata.

Macaafa Qulqulluu Eenyu Barreesse?

Macaafni Qulqulluun barreessitoota garaa garaa ni qabaata. Barreessaan inni tokkoffaa Hafuura Qulqulluudha. Garuu karaa ifaa hin taaneen mul’achuu isaa dubbiin ibsuu mannaa namoota hubachiisuu fi isaan daddamqsuunis jecha mataa isaanii fi tooftaa barreeffama isaaniin akka barreeffatan godheera.

“Caalaadhumatti immoo raajiin caaffata qulqullaa’aa akka namni tokko yaada ofii isaatiin kennutti hiikamuun akka hin taane beekuun isin irra jira. Raajii dubbachuun takkaa jaalala namaatiin hin taane; garuu namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii, wanta Waaqayyo biraa fudhatan dubbataniiru” (2Qor. 1:20-21).

Waaqayyoo Macaafa Qulqulluu ibsuu isaatiin namoota barreessan dogoggora irraa isaan eeguu isaa shakkii hin qabaannu. Macaafa Qulqulluu keessaa filachuun gatuu kan dandeenyu wanti kamiyyuu hin jiraatu. Gooftaa Yesuusiin hordofna yoo ta’e guutummaa Kitaaba Qulqulluu karaa inni ilaaluun arguun nurra jiraata. Yesuus akkana jedhe:

“Yesus, “Seeraa fi barsiisa raajotaa diiguudhaaf waanan dhufe hin se’inaa, ani isaan raawwachuudhaafan dhufe malee, diiguudhaaf hin dhufne. Ani dhguman isinitti hima, hamma waaqnii fi lafti badanitti seericha keessaa fidalli xinnaan tokko yookiis gar tokkoon fidalaa utuu fiixaan hin ba’in hin badu” (Mat. 5:17-18).

Macaafni Qulqulluun Maaliif Barreeffame?

Macaafni Qulqulluun baroota gidduutti hariiroo Waaqayyo saba isaa waliin qabaachaa ture nutti dubbata. Garuu Waaqayyo kana hundumaa maaliif nutti dubbata? Fedha waa beekuuf qabaannu nuuf deebisuun akka nu gammachiisuufi? Tasuma! Maaliif bakka kanatti akka argamne, inni maal akka ta’e, isaa wajjin akkamiin wal arguu akka dandeenyuu fi akkamiin jiraachuun akka nuuf malu nutti dubbachuu waan barbaadeefi.

“Dubbiin kee miilla kootiif ibsaadha, daandii koo irrattis in ifa” (Far. 119:105).

Dubbii Waaqayyoon malee kana hundumaa beekuu hin dandeenyu. Namooti tokko tokko yaalii garaa garaa gochuun gaaffiiwwan jireenyaaf deebii argachuu akka danda’an yaadu. Garuu dubbii Waaqayyo biraa ta’een kan hafe saayinsiin gaaffiwwan jireenyaaf murteessaa ta’aniif deebii nuu kennuu hin danda’u.

Erwiin Shiroodenjer kan jedhamu noobeeliin kan badhaafame hayyuun fiiziiksii saayinsii keessatti foormulaa baay’ee barbaachisaa jedhamuun isaaf malu kan uumee fi deeggarsa hedduu nama argate ture. Saayinsiif jaalala yoo qabaate iyyuu hanqina qabaachuu isaa ni beeka ture. Gaaf tokko akkana jedhee ture: “Saayinsiin waa’ee addunyaa mul’atu kanaaf gama ilaalcha qabaatuun hanqina qabaachuu isaa baay’ee na ajaa’ibsiiseera. Odeeffanooo hedduu kenna, shaakala keenya hundumaan fiixaan ba’umsa nuuf kennuun nuuf ibsa. Garuu laphee keenyaaf dhiyoo kan ta’e dhimma guddaa ta’e irratti hin dubbatu. Waa’ee diimaa fi cuquliisa , waa’ee hadhaa’aa fi mi’aawwaa, waa’ee qaamaan rakkachuu fi gammaduu homaa nutti hin dubbatu. Waa’ee miidhagaa fi fokkisaa, waa’ee garii fi yaraa, waa’ee Waaqayyoo fi bara baraa wanti beeku tokkoyyuu hin jiru. Saayinsiin yeroo tokko tokko gaaffiiwwan gabaabsuun kan deebisu fakkaata garuu deebiin isaa yeroo hundumaa ga’aa ta’uu dhiisuu isaatiin xiyyeeffannaa illee kan qabaatan miti.”[2]

Kanneen kaan ammoo gaaffiwwaan jireenyaaf karaa falaasamaan deebii kan argatan isaanitti fakkaata. Fireedirik Kopelaston seenaaa ilmaan namaa keessatti namootaa falaasfaa gurguddoo ka’an keessaa tokko turan. Kitaaba hedduu kan barreesse yommuu ta’u waa’ee seenaa falaasamaa kan barreesse baay’ee guutuu kan ta’ee fi barreeffama ajaa’ibsiisaa dha. Barruu xixiqqaa barreessuun kan maxxaanse kitaaba abbaa fuula 17 “hayyuu filatamaa kan jaarraa digdaamaaf gumaachame” moggaasni jedhu isaaf laaameera (Genete Weilget).

Waggaa torbaaf fedha isaa guutuun falaasama erga qu’atee booda gaaffiiwwan jireenyaaf deebii argateera laata? Du’uu isaatiin waggaa tokkoon dura seenaa dhuunfaa isaatiin barreeffama maxxanfameen, jireenya isaa keessatti waantota gaggarii isa barbaaachisan gama dhiyeessuun falaasamummaan abdii kutachiisaa ta’ee argamuu isaa dubbateera. Sammuu gaarii qabu kanneen jedhaman iyyuu hanqina qabaachuu isaaniin “shakkii malee mul’ati amantaa isaan barbaachisa…” jechuudhaan barreessesera [3]

Mul’ati Waaqayyoo sun bakki jireenya keenya keessatti qabaatu maaliidha? Kotelistoon akkuma dubbate“…Waaqayyo dhugaa sana yokiin kana mul’isuun isaa gama beekumsa ajaa’ibsisiaa kennuun qofa miti. Namoota mul’ata hafuuraan Waaqayyo waliin araarsuufi kan dhufe. Kiristos jireenyi ilmaan namaaf akka ta’uu fi isaaniif baay’atuuf akka dhufe dubbachuun isaa barreeffamera.”[4]

Kanaafuu Waaqayyo mataa isaa fi fedha isaa karaa sagalee isaatiin mul’eseera.

Akkamiin Ijaarame?

Kutaan Macaafa Qulqulluu kan jalqabaa Kakuu Moofaa jedhamee beekama. Kutaalee afur of keessaa qaba.

Peentaatuukii yokiin Seera (Seera Uumamaa hanga Keessa deebiitti). Jalqaba uumamaa dubbachuun eegala. Waa’ee dhufaatii saba Yihudii dubbata. Geggeessummaa Museen karaa ajaa’ibsiisaa ta’een garbummaa keessaa ba’uu isaanii fi waa’ee dhufaatii abboommii kurnanii dubbata.

Kitaabota Seenaawwanii (Iyaasuu hanga Asteer). Du’a Musee booda Israa’elonni jalqaba Iyaasuun hogganaman kana booda ammoo abboota firdiin. Bara abboota firdiin booda yeroo tokko gaarii yeroo kaan ammoo yaraa kan turan mootonni isaanirratti mo’aniiru. Fuula isaanii duratti wanta gaarii ta’ee itti mul’ate qofa sababa raawwachuu isaaniin warri ormaa akka isaan bitaniif Waaqayyo dabrsee laate. Sababa kanaanis gara Waaqayyootti deebi’uu isaaniin araarri isaa dhuma kan hin qabaanne Waaqni isaanii gara biyya isaaniitti isaan deebise.

Kitaaba Ogummaa yokiin Weedduu (Iyoob hanga Kitaaba Weedduu Weeddotaa kan Solomo). Barreeffamoonni kun barreeffamootaa kadhannaa Daawit (faarfannaa) fi barreeffamooota ogummaa Solomoon (fakkeenyota) kan dhuunfataniidha.

Raajota (Isaayyaasii hanga Milkiyaas). Raajoti yeroo tokko tokko wanta gara fuula duraatti dhufu yoo dubbatan iyyuu mallattoowwan yeroo sanaa Waaqayyo biraa fudhachuu fi sabatti dubbachuun beekamu. Kitaabonni kanneen jalqabaa shanan “Raajota gurguddoo” yommuu jedhaman kanneen dhumaa kudha lama ammoo “Raajota xixiqqaa” jedhamuun beekamu. Jechooti kun barbaachisummaa raajotaa fi gaarummaa isaanii waliin kan walqabatan ta’uu isaaniin bitaa nutti galuun nurra hin jiraatu. Rajooti gurguddoon kitaabota rajoota xixiqqaan irra kan bal’atan barreessuu isaaniin qofa dha moggaasa kana argachuun isaanii.

Kutaan Macaafa Qulqulluu kan lammaffaa Kakuu Haaraa jedhamuun beekama. Innis kutaawwan afur in qabaata.

Wangeelota (Maatewos hanga Yohannis). Namoota afuriin kan barreeffaman gabaasa jireenya Yesuus irratti xiyyeeffataniidha. Barreessitoonni Yesuus waliin kan jiraatan yokiin ammoo jireenya isaa dhuga baatota irraa dhaga’uun kan qorataniidha.

Hojii Ergamootaa. Seenaa Waldaa Kiristiyaanaa ishee kan jalqabaa dubbata.

Ergaawwan (Roomaa hanga Yihudaatti). Jireenya kiristiyaanummaa akkamiin hubachuu fi jiraachuun akka nuuf malu dubbata. Ergaawwan kanneen jalqabaa kudha sadan Phaawulos ergamtichaan kan barreeffamaniidha. Kanneen hafan (ergaawwan kanneen dhumaa) ammoo barreessitota shanan kanneen biroon barreeffamaniidha.

Mul’ata Yohannis. Waa’ee deebi’ee dhufuu Yesus, waa’ee dhuma biyya lafaa fi waa’ee samii fi lafa haaraa Waaqayyo fiduuf jiru kan dubbatu baay’ee ajaa’ibsiisaa kan ta’e kitaaba raajii ti.

Macaafni Qulqulluun Duraa Duuba Yeroo Isaa kan Eeggateedha?

Kakuu Moofaa keessatti Peentaatuukii fi kitaabonni seenaawwanii duraa duuba yeroo isaaniin kaa’amaniiru. Kitaaboti Kakuu Moofaa kanneen hafan duuraa duubaa yeroo kitaabota kanaa keessa galfamuu kan danda’aniidha.

Kakuu Haaraa keessatti Wangeeloti seenaa Yesuus dubbatu. Hojiin Ergamootaa ammoo Wangeeloti bakka isaan dhaabatan irraa ka’uun seenaa kana itti fufa. Ergaawwan isaa duuba yeroon otuu hin taane bal’inaan kan tarreeffamaniidha. Kanneen tokko tokko duraa duuba yeroo kan Hojii Ergaamtootaa itti barreeffaman keessa galfamu. Kanneen kaan ammoo boodarra kan barreeffamaniidha. Mul’anni gara dhumaatti kan barreeffame.

Qoqqoodamni lakkoofsaa fi boqonnaa barreeffamootaa kanneen duraa keessa hin jiran ture. Dubbifattoonni odeeffanoo tokko salphaatti argachuu akka isaan danda’an gochuuf yeroo baay’ee booda kan dabalamaniidha.

Akkamiin Adda Ta’e?

Gaaf tokko addunyaa gara lixaatti kan argamu mana kitaabaa beekamaa ta’eef hoggannaa kan ture gara Joosh Maakduwel dhufuun kutaa bittaa fi gurgurtaaf hogganaa ta’uun akka isaaniif hojjetu gaafate. Kana boodas itti gaafatamichi kitaabota gurguddaa duraa duubaan erga itti argisiiseen booda Joosh Maakduweel nama kana gaaffii gaafate. “Mee barreessitoo kudhan yaadatti qabadhu” isaatiin jedhe. “Hundi isaanii deemsa jireenyaa wal fakkaataa ta’erra kan jiran, dhalootaan tokko kan ta’an, bakka tokkoo kan argaman, bara tokko kan jiraatan, tooftaa barreeffama gosa tokko kan qabaatan, barreeffama hanga tokko qabaatu kan barreessan, afaan tokko kan qabaatanii fi mata-duree ajaa’ibsiisaa ta’e tokko irratti kan barreessaniidha haa jennu. “Namoonni kun walii galuu danda’uu?” namichis “tasuma walii hin galan!” kan jedhu deebii kenne. Doosh Maakduweel gaaffii biraa gaafate: “bu’aan isaa maal ta’a?” deebiin namichaa ariitii of keessaa qaba ture.

Guyyaa muraasa booda namni kun gooftaa jireenya isaa godhatee Kiristosiin fudhate.[5] Joosh Maakduweel waa’ee odeeffannoo Macaafa Qulqulluu ture nama kanaaf kan qoode.

  • Kitaabota 66 of keessaa qaba
  • Barreessitoota garaa 40n kan barreeffameedha.
  • Naannaa bara 1600n kan barreeffameedha.
  • Karaa jireenyaa garaa garaa irraa kan dhufaniin, haalawwan garaa garaa keessa kan jiraniin, ardiiwwan addunyaa sadan irra kan jiraataniin, afaan sadiin kan barreessaniin, mata-dureewwan falmiisiisaa dhibaan lakkaa’aman irratti namoota barreessaniin kan qopheeffameedha.

Garuu garaa garummaan kun hundi akkuma jiraniin mata-dureewwan falmisiisaa dhibbaan lakkaa’aman irratti guutummaatti ergaa wal hin faallessine ni dabarsa. Egaa kanadha ajaa’ibsiisaa kan nuti jennu!

Macaafa Qulqulluu irraa argachuun kan nuuf malu hunda argachuu kan dandeenyu akkamitti?

Jalqaba sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf akka si jajjabeessuu fi hubanno akka siif kennu Hafuura Qulqulluu kadhadhu. Hojiin Hafuura Qulqulluu inni duraa dhugaa Waaqayyoo mul’isuudha.

“Ammas  nuyi kennaa isa Waaqayyo biraa nuuf kenname beekuudhaaf, hafuura isa Waaqayyo biraa dhufe fudhanne malee, hafuura biyya lafaa kanaa hin fudhanne. Kanaafis nuyi dubbii hafuuraa warra hafuuricha argataniif waan hiiknuuf, isa dubbanu barsiisa hafuurichaatiin malee, barsiisa ogummaa namaatiin hin dubbannu.” (1Qor. 2:12-13).

Inni lammaffaan sagalee Waaqayyoo dubbifachuuf, mari’achuuf, kan baratte irratti kadhachuu fi abboomamuuf dabarsii of kenni.

“Akka mucooliin reefuu dhalatan aannan barbaadanitti, isinis fayyinaaf ittiin guddachuudhaaf yeroo hundumaa dubbii hafuuraa isa haxxummaan keessa hin jirre akka aannanii sana dharra’aa” (1Phex.2:2-3).

Foona nyaatan cirracha galaanaan golguu fi irraan ammoo ibidda bobeessuun kan bilcheeffatan waa’ee qomoo kana godhanii gaafadheen ture. Rakkinnichi cirrachi gaalaanaa muraasni foon keessatti hafa. Kun ammoo ilkaan isaanii yoo cabe rakkina itti fufaa ta’eef isaan saaxila. Kanaafuu abboota keenya nyaachisuuf dargaggoonni foona kana alanfachuun hawwiin kan isaan eegan abbootaaf kennu.

Duudhaan kun yaraa ta’uu isaan haala jireenya kiristiyaanotaa in ibsa. Kiristiyaanoti hedduun sagalee Waaqayyoo dhuunfaa isaaniin dubbifachuu mannaa namooti kanneen biroo fidaniin dubbifatu. Ilkaan isaanii fayya-qabeessa ta’e fayyadamuun sagalee Waaqayyoo dhuunfaa isaaniin soorachuu mannaa kana jechuunis, haala jiruun dubbifatanii itti yaaduu mannaa barumsa namoota kanneen kaan irratti guutummaan hirkatu.

Garuu nama waa dubbifachuu hin dandeenye yoo taate yokiin Kitaabni Qulqulluu akkuma cirracha galaanaa gogaa fakkaachuun sitti mul’ata yoo ta’e hoo? Namni tokko wanta godhe sittan hima. Dargaggeessi kun sagalee Waaqayyoo yerooma hundumaa dubbifachuun akka isaaf malu sagalee armaan oliin ibsameen hubateera. 1Yoh. 5:14-15 irratti sagalee barreeffameen ammoo wanta akka fedha isaa ta’e kadhannaan kan gaafannu yoo ta’e Waaqayyo akka nuuf kennuu hubateera.

“Akka fedha isaatti yoo isa kadhanne inni nuuf in dhaga’a; akka kanatti isa in amananna. Kadhata keenya akka inni nuuf dhaga’u yoo beekne, waan kadhanne akka isa biraa argannus in beekna” (1Yoh. 5:14-15).

Kanaafuu Waaqayyo dheebuu sagalee isaa akka kennuuf irra deebi’uun akka kadhatu Waaqayyos akka isaaf laatu abdii guutuu qaba ture. Garaa abboomamu qabaatee Kakuu Haaraa yeroo muraasaaf erga dubbifatee booda Waaqayyo dheebuu sagalee isaa kenneef. Namni dargaggeessi kun amma barreessaa kitaaba kanaa ti!

Inni sadaffaan sagalee isaa dubbifachuu fi qu’achuun kanneen jabaa ta’an irraa baradhu. Jireenyi kiristiyaanummaa qofaatti of baasuun kan jiraannu miti. Waaqayyo saba isaa keessaa sagalee isaa akka dubbifataniif, hiikanii fi hojiirra akka oolchaniif  namoota muraasa filateera.

“Dhuga-baatota baay’ee duratti waan ana irraa dhageesse, namoota amanamoo warra kaan barsiisuufis ta’anitti hadaraa kenni!” (2Xim. 2:2).

Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul’ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta’aniif ture. Inni warra Qaaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, ⦋waldaa isa⦌ dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe. Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaaqayyoo beekuu namoota ga’an taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti ta’a” (Efe. 4:11-13).

Walga’ii amantootaa keessa ta’uun kanneen kaan waliin waaqeffachuu fi beektota kan ta’an barattoonni barumsa Kitaaba Qulqulluu isaan kennan dhaggeeffachuu dandeessa. Garee muraasa ta’an keessatti ammoo waa’ee sagalee Waaqayyoo fi hiika isaa mari’achuu dandeessa. Waldaa Kiristiyaanaa Kitaaba Qulqulluun amantu keessatti miseensa ta’uun dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu kee akka dubbifattu si jajjabeessa, hubannaa sirrii ta’e akka qabaattu si godha.

“Jaalal argisiisuudhaaf, waan gaarii hojjechuudhaafis kottaa tuttuqnee yaada walii in kaafna! Akka jara tokkotti amala ta’e, nuyi walitti qabamuu keenya hin dhiifnu; guyyaan gooftaa dhi’aachaa akka adeemu in argitu, kanaaf ittuma caalchifnee wal jajjabeessina”(Ibr. 10:24-25).

 


[1]Nelson Glueck, Rivers in the Desert: History of Negev (Philadelphia, PA: Jewish Publication Society of America, 1969), 31.

[2] Cited from Dr. Henry F. Schaefer, III, Scientists and Their Gods, http://leaderu.com/offices/schaefer/scientists.html (2001).

[3] Frederick Copleston SJ, A History of Philosophy Vol. 1: Greece and Rome From the Pre-Socratics to Plotinus, Part 1 (New York, NY: Doubleday, 1993), 7.

[4] Frederick Copleston SJ, Memories of Philosopher (Kansas City, MO: Sheed and Ward, 1993), 44.

[5] Josh McDowell, Evidence That Demands a Verdict, 1 (San Bernardino, CA: Here’s Life Publishers, 1979), 17.

MACAAFA QULQULLUU