Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Akkamii ti?

Boqonnaa 1

Kitaabni Qulqulluun Kitaaba Akkamii ti?


Kitaabni Qulqulluun namoota garaa garaan, barootaa garaa garaa fi bakkeewwan garaa garaatti kan barreeffaman lakkoofsan 66 kan ta’an kitaabota garaa garaa barreeffamaan dheerina qabaatan of keessatti qabateera. Kutaawwan gurguddoo lama yommuu qabaatu isaanis Kakuu Moofaa fi Kakuu Haaraa jedhamuun beekamu. Kakuun Haaraa ijoon isaa Waaqayyo saba Israa’el waliin kakuu galuu isaa dubbata. Seenaawwan saba biroo keessa isaatii kan argaman yommuu ta’an seenaawwan kun kan barreeffaman uummati kun gama hariiroo Israa’el waliin qabaataniidha. Kakuu Haaraan ammoo Kiristiyaanota Yesuus Kiristositti amananiif kan barreeffame yommuu ta’u waa’ee hawaasa ishee Waldaa Kiristiyaana jedhamuun beekamtuu dubbata. Seenaa baraa kan jaarraa jalqabaa kan dhuunfatu yommuu ta’u akkasumas waa’ee bara dhumaa in raaja. Kakuun Moofaa kitaaba 39 akkasumas ammoo Kakuun Haaraa  kitaabota 27 of keessatti qabateera.

Kitaabonni Kakuu Moofaa kan barreeffaman afaan Ibruun yommuu ta’u kutaawwan muraasni isaa afaan Aramaayikiin kan barreeffaman keessa isaatti argamu. Kakuun Haaraa kan barreeffame “Koyinee” yokiin “mala Aleeksaanderiyaa” jedhamuun kan beekamu afaan Giriikii ti. Afaan Giriikii kun bara Kakuu Haaraan barreeffame sabni naannaa Meediteeraaniyaanii jiraatu ittiiin waliif galu (Linguafranka) ture. Dhaloota Kiristosiin dura jaarraa lammaffaan kan hiikame hiikni Kakuu Moofaa kan hayyoota torbaatamaa (Septuagent) mala afaan Giriikii kanaa kan hordofu ture.

Kitaabni Qulqulluun boqonnaawwan 1,189 fi lakkoofsota 31,103 in qabaata. Heedduminni lakkoofsa isaatii hiika garaa garaa keessatti hamma muraasaan kanarra guddaa yokiin gadii haalli ittiin ta’u jiraachuu mala. Qoqqoodiinsi kun barreeffamoota kanneen duraa keesatti kan hin argamne yoo ta’an iyyuu garuu giddu gala kutaa barootaa keessa kan jiraatan beektonni Kiristiyaanaa fi Yihuudota kitaaba kana salphaatti dubbifachuuf akka mijatuuf yaaduun haala kanaan qoodaniiru.

Dhaloota Kiristosiin booda A.L.A bara 1227 Phaaphaasii Kaanter Bariif kan ture Isteefen Laangiten yeroo jalqabaaf Kitaaba Qulqulluu boqonnaaleen qoode. Bara 1382 kan maxxanfame Wiikliif hiikti ingiliffaa isaa qoodama kana hordofuun boqonnaalee garaa garaan kan qoodame Kitaaba Qulqulluu kan jalqabaa ta’eera. Bara 1448 Ayizaak Naataan Been Kaalaanimas kan jedhamu lammiin Yihudii Kakuu Moofaa lakkoofsaan kan qoode yommuu ta’u bara 1555 ammoo Roobert Eestiin (Istifaanoos) namni jedhamu Kakuu Haaraa lakkoofsaan qoodeera. [1] Egaa yaalii gaariin kan namoota kanaa har’a harka keenya irratti kan argaman kooppiiwwan Kitaaba Qulqulluu salphaatti kan dubbifaman akka ta’aniif isaan godheera.

Kitaabni Qulqulluun Eenyuun, Yoomii fi Eessatti Barreeffame?

Kitaabni Qulqulluun namoonni Waaqayyoo hafuuraan deeggaramuun kan barreessan kitaaba ta’uu isaa Kiristiyaanoti itti amanu. Barreessitoonni kun namoota bakkaa fi baroota garaa garaa jiraachaa turan. Umuriin, beekumsi, hojiin isaanii fi akkasumas hawaasa isaanii keessatti sadarkaan qabaachaa turan garaa gara ture. Barreessitoota keessaa maqaan isaanii hedduun kutaawwan Kitaaba Qulqulluu barreessan waliin walqabsiifamuun ibsamaniiru.

Phaaximoo kan jedhamtu bishaan gidduutti kan argamtu gadaamii Yohannis Qulqullicha ti. Yohannis ergamtichi mul’ata kan ilaalee fi kitaabicha kan barreesse bakka kana ture. Maddi suuraa kanaa: Oxford Bible Atlas, Fourth Edition

Kitaabni Qulqulluun barreeffamee xummuramuuf waggoota 1,500 fudhateera. Barreeffamni inni jalqabaa kan barreeffame dhaloota Kiristosiin dura naannaa bara 1400 ta’uu isaa fi kutaan xummuraa isaa ammoo dhaloota Kiristosiin booda bara 90 barreeffamuu isaa hayyoota hedduu biratti kan amanamuudha.

Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaa umurii lakkoofsisan ardiiwwan garaa garaa sadiin kana jechuunis Eeshiyaa, Awurooppaa fi Afrikaa keessatti barreeffamaniiru.

Qabiyyee Kitaaba Qulqulluu

Kitaabni guddaan kun barreeffamee xummuramuuf waggoota 1,500 kan fudhate, barreessitoota 40 ol ta’an kan hirmaachisee fi bakkeewwan garaa garaa hedduutti kan barreeffame yoo ta’e iyyuu haala ajaa’ibsiisaa ta’een giddu galli ergaa isaa tokkuma dha. Innis Waaqayyo jireenya bara baraa karaa ilma isaa Yesuus Kristosiin qopheessedha. Kakuun Moofaa gara lafaa dhufuu ilma Waaqayyoo Yesuus Kristosiif qophii jalqabaa yommuu ta’u Kakuun Haaraa ammoo dhufaatiin isaa dhugaa ta’uu isaa kan dubbatuudha.

Kakuun Moofaa waa’ee jalqabamuu uumamaa fi bishaan badiisaa erga dubbatee booda Waaqayyo nama Mesoppotaamiyaa (Mesopotamia) Abrahaam jedhamu waa’ee waamamuu isaa fi nama kanarraa sabni Israa’el jedhamu argamuu isaa nutti dubbata. Waamamuun Abrahaam Yesuus Masiihichi gara lafaa karaa isaatiin akka dhufu qophii isa jalqabaa ture. Seera Uumamaa 26:4irratti Waaqayyo “sabni lafa irraa hundinuus sanyii keetiin in eebbifamu” kakuu jedhu Abrahaamiif galee ture. Kakuun kun karaa Yesuus Kristosiin akka barreeffame ergamtichi Phaawulos dubbateera (Galaatiyaa 3:16).

Kutaan Kakuu Moofaa itti fufuun ibsamu hedduminaan irratti xiyyeeffatu Waaqayyo saba Israa’el waliin hariiroo qabaachaa tureen akkasumas waa’ee dhufaatii Masihichaa fi dhimmoota kanneen biroo raajotaan dubbataman irrattiidha.

Kakuun haaraa jireenya Kristos barumsa isaa akkasumas ol ba’uu isaatiin booda duuka buutonni isaa waantota godhanii fi barumsa barsiisan irratti xiyyeeffata. Walumaa galatti ergaan Kakuu Haaraa Yesuus Kristos samii irraa kan dhufe ilma Waaqayyoo ta’uu isaa, waa’ee mootummaa Waaqayyoo barsiisuu isaa, maalummaa isaa kan mirkaneessan hojii ajaa’ibsiisaa hedduu gochuu isaa, rakkina fudhachuu isaa, waa’ee cubbuu ilmaan namaaf jedhee fannoo irratti du’uu isaa, guyyaa sadaffaatti du’aa ka’uu isaa, duuka buutota isaatti mul’achuu isaa, gara samiitti ol ba’uu isaa, hundumaaf akka hojii isaatti gatii kennuuf akka dhufu, duuka buutonni isaa ammoo isaan kanaaf raga-baatota ta’uu isaanii fi jireenyi bara baraa kan argamu isaatti amanuun qofa ta’uu isaa kan dubbatuudha.

Kitaabni Qulqulluun tooftaa barreeffama gosa tokkoo kan hordofu kitaaba miti. Seera, seenaa, faarsaa, raajii, ergaa, Mul’ata fi k.k.f sirna barreeffama gosa hedduu ta’an keessa isaatti argamu.

Hiika Mul’ataa

Amantaaleen garaa garaa waa’ee mul’ataa hubannoo kan mataa isaanii in qabaatu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Musliimonni haalli ittiin Qur’aanni “mul’ate” Tanziil yokiin Naaziil jechuudhaan moggaasaniiru. Tanziil jechuun “mul’ataa olii buufame” jechuudha. Hubannoon Kiristiyaanummaa durii eegalee kan jiru Kitaabni Qulqulluun mul’ata gubbaa irraa buufameedha kan jedhu otuu hin taane namoonni Waaqayyoo Hafuura Qulqulluun gargaaramuun sagalee barreessaniidha kan jedhuudha. Kun yommuu ta’u beekumsa, aadaa fi afaan qabaachaa turaniin namoonni akka fayyadaman Hafuurri Qulqulluu heeyyameera.

Kiristiyaanoti kan amanan olii kan buufame mul’anni Waaqayyoo Yesuus Kristos matuma isaa ta’uu isaati. Kitaabni Qulqulluun garuu aadaa, afaanii fi seenaa ilmaan namaan kan mul’ifame barreeffamaan kan dhiyeeffame hafuura Waaqummaa kan ibsuudha. Kanaafuu Kitaabni Qulqulluun dubbii Waaqayyoo qofa otuu hin taane ilmaan namootaa deebii yaada Waaqayyoof laatan of keessatti qabateera. Kana jechuun Kitaabni Qulqulluun hariiroo lamaan Waaqayyoo fi ilmaan namaa gidduu jiru of keessatti kan qabate kitaaba jechuudha. Kanaafi baroota garaa garaan kan raawwataman seenaawwan ilmaan namaa keessa isaatti kan argaman.

Wangeela Yohannis keessatti Yesuus Kristos “sagalee Waaqayyoo” (Loogos) jedhamuun moggaafameera. Kunis Waaqayyo mataa isaa guutummaan kan mul’ifate karaa isaatiin ta’uu isaa argisiisa.

“Sagalichi jalqaba waan hundumaa dura ture; sagalichi Waaqayyo bira ture; sagalichi ofii isaa Waaqayyo ture. Inni kun jalqabumaa jalqabee Waaqayyo bira ture. Wanti hundinuus isumaan ta’e; waan ta’e keessaas isa malee kan ta’e tokko illee hin jiru” (Yohannis 1:1-3).

Waaqayyo addunyaa kan ittiin uume sagaleen isaa inni jiraataa fi bara baraa nama ta’ee dhufuun ilmaan namootaa waliin lafarra jiraate. Maalummaan Waaqayyoo guutummaan mul’ate. Mul’anni kun foon uffatee kan dhufe (incarnation) jedhamuun beekama. Foon uffachuu jechuun “nama foonii” ta’uu jechuudha.

“Sagalichis nama foonii ta’ee, nu gidduus buufate. Ulfina isaa isa ayyaanaa fi dhugaadhaan guutes argine” (Yohaannis 1:14).

Yesuus Kristos sagalee Waaqayyoo kan bara baraa ta’uu isaatiin Waaqayyo waliin tokkodha. Kanaafuu Waaqayyoon guutummaatti mul’isuu danda’a. Inni Waaqayyoof mul’ata guddaa kan dhumaa ta’uu isaa Kitaabni Qulqulluun bakka hedduutti dubbata (Qolosaayis 2:9, Ximotewositti 3:16, Qolosaayis 1:15-16, Yohaannis 14:7-10).

Maqaawwan Masiihichaa keessaa tokko “Amaanu’eel” kan jedhu yommuu ta’u hiikni isaa “Waaqayyo nuu wajjin jira” jechuudha. Kana ilaalchisuun Yesuus dhalachuu isaatiin waggoota 700n dura raajii akkana jedhu Isaayas Raajichi dubbatee ture:

“Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jettee in moggaafti” (Isaayaas 7:14).

Waaqayyo dubbii dubbachuu irra darbee mataa isaa ilmaan namootaaf mul’isuu isaa Kiristiyaanummaan in barsiisa. Kunis ilma isaa tokkicha gara addunyaa erguuniidha. Sagalee Waaqayyoo kan bara baraa inni ta’e Yesuus Kristos jaalala safara hin qabaanneen, qajeelummaa safara hin qabaanne, dhugaa safara hin qabaannee fi araara safara hin qabaanneen maalummaa Waaqayyoo sirriitti nu argisiiseera. Karaa isaatiin iyyuu Waaqayyoon argineerra. Namoonni maqaa isaatiin amanan maalummaa isaa jireenya isaa keessatti dhugaa ta’ee argatu. Amalli Kiristiyaanummaa kan nama ajaa’ibsiisuu fi gammachiisu kanadha.

Qannoonaa kan Caaffata Qulqulluu

Mormitoonni amanamummaa Kitaaba Qulqulluu shakkisiisaa gochuuf yeroo hundumaa kan dubbatan kitaabonni keessa isaatiin argaman ilaalchisuun garaa garummaa Kiristiyaanota gidduutti argamuudha.

Qannoonaa Kitaaba Qulqulluuu ilaalchisee manneetii amantaa Kiristiyaanaa keessatti garaa garteen jiraachuu isaa kan beekamuudha. Qannoonaan Waldootii Kiristiyaanaa warra Wangeelaa fi Ortodoksiin kan Giriikii kitaabota 66 of keessatti kan qabatan yommuu ta’u Waldaan Kiristiyaanaa kan Roomaa 73, Waldaan amanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa ammoo kitaabota 81 of keessatti kan qabataniidha. Gama kitaabota 66n manneetii amantaa Kiristiyaanaa gidduu garaa garummaan kan jiraatu yommuu ta’u garaa garteen isaa kan uumame Appookiriif jedhamuun kan beekaman naannaa kitaabota Kakuu Moofaa irrattiidha.

Jechi Qannoonaa jedhamu “Kaanoon” kan jedhamu jecha Giriik irraa kan dhufe yommuu ta’u hiikni isaa “ulee safartoo” yokiin “qajeelfama” jechuudha. Jechi kun hafuura Waaqummaa ta’uu isaanii kan itti amanaman barreeffamoota Caaffata Qulqullaa’aa argisiisa. Qannoonaa ilaalchisee yaadawwan dogoggoraa bal’inaan dubbataman hedduun gama jiraachuu isaaniin waantota shakkisiisaa ta’an kana qulqulleessuuf dhugaan tokko ibsamuun isaaf mala. Kunis Waldaan Kiristiyaanaa bu’aa Qannoonaa ti malee Qannoonaan bu’aa Waldaa Kiristiyaanaa ta’uu dhiisuu ishee ti. Hundeen Waldaa Kiristiyaanaa barumsa ergamtootaa fi raajotaa ta’uu isaatiin abbootiin Kiristiyaana “inni kun Qannoonaa dha inni sun Qannoonaa miti” jechuun yommuu adda baasan hundeen Waldaa Kiristiyaanaa irratti hundeeffamte ilaaluun malee Waldaa Kiristiyaanaaf hundee kaa’uun miti jechuudha. Durfamee akkuma dubbatame abbootiin amantaa maddaa ergamtootaa fi raajotaa kan qabaatanii fi hundee Waldaa Kiristiyaanaa kan ta’an kitaabitota adda baasuun beeksisan malee wanna haaraa hin uumne. Kanaafuu Waldaan Kristiyaanaa Qannoonaan gadi malee Qannoonaan ol miti. Waldaan Kiristiyaanaa tajaajiltuu Qannoonaa ti malee Qannoonaa irratti aangoo kan qabaattu miti. Qannoonaaf murteessaan Waaqayyodha. Waaqayyo hafuura isaatiin deeggaruun Caaffata Qulqullaa’aa keessatti kan barreeffaman keessatti “ashaaraa” isaa kaa’uun Qannoonaa murteesseera. Ga’een Waldaa Kiristiyaanaas ashaaraan kun kan keessatti barreeffaman kitaabota adda baasuudha. [2]

Kitaabota ja’aatamii ja’aa irratti manneetii amantaa Kiristiyaanaa gidduu walii galteen kan jiraatu yommuu ta’u garaa garummaan isaa kan uumame Appookiriif  jedhamuun kan beekaman Kitaabota Kakuu Moofaa irrattiidha. Appookiriif jechuun wanta dhokataa yokiiin shakkisiisaa jechuu yommuu ta’u kitaabonni kun akka haafuura Waaqummaatti namoonni fudhatan Diyuutirookaanoonikaal  (Qannoonaa lammaffaa) jechuudhaan waamuu filatu. Waldootiin amantaa Kiristiyaana kitaabonni kun fayyaduu dhiisuu isaanii yokiin ammoo keessa isaaniin dhugaa kamiyyuu akka hin qabaannetti hin yaadan. Kana mannaa kitaabota kana keessatti dhugaawwan faayidaa qabaatan hedduun akkuma jiranii fi kitaabota kanneen kaan biratti beekumsa dabalataaf dubbisuun akka isaaniif malu itti amanu. Garuu sadarkaa Caaffata Qulqullaa’aa kanneen biroon hin ilaalan. Kanaaf ammoo sababa garaa garaa dubbatu. Isaan kana keessaa arfan isaanii itti fufanii kan jiraniidha.

  1. Kitaabni Appookiriif bara raajonni jiraachaa turaniin otuu hin taane bara Waaqayyo callise keessatti kan barreeffamaniidha. Bara raajicha Miilkiyaasii fi Yesuus Kristos gidduu kan turan waggootiin 400 “bara callisuu Waaqayyoo” jedhamuun beekamu. Baroota kanatti seenaawwan raawwataman beekuun kan nuuf malu yoo jiraatan iyyuu garuu raajoti Waaqayyo itti dubbatu jiraachuu dhiisuu isaaniin barreeffamoonni yeroo sanaan barreeffama hundi hojii namootaa malee haafura Waaqayyoo ta’uu hin danda’an.
  2. Kitaabonni kun gara Qannoonaa Kiristiyaanummaatti dabalamuun isaani bara abboota amantaa Waldaa Kiristiyaana kanneen jalqabaa otuu hin taane bara giddu-galeessaa ture. Abbootiin Waldaa Kiristiyaanaa tokko tokko waa’ee kitaabota kanaa kan dubbatan yoo ta’an iyyuu duudhaa amantaa qabaachuu isaaniif akka kitaaba faayidaa qabatanii malee akka dubbii Waaqayyoo aangoo qabeessa ta’ee miti. Bara 382 Roomaatti kan godhameen kan fakkaatan kitaabonni Appookiriif Qannoonota ta’uu isaanii kan dubbatan gumiiwwan naannoon kan daangeffamee fi yaada namoota muraasa malee Waldaa Kiristiyaanaan bakka kan bu’an miti. Keessumaa Ooriigoon, Qeerloos kan Yerusaalemii, Atnaanewosii fi Jeroomiin kan fakkaatan abbootiin Kiristiyaanaa gurguddoon Appookiriifii mormaniiru. [3] Kitaaba Qulqulluu gara afaan Laatiniin kan hiikan Jaroom qulqullichi iyyuu kitaabota kana Appookiriif (kanneen dhokatan yokiin shakkisiisan) maqaa jedhu moggaasuun kitaabota ja’aatamii ja’a irraa qooduun isaan hiikeera. Waldaan Kiristiyaanaa Kaatoolikii Roomaa kitaabota kana Qannoonnummaan kan hojiirra oolchite sochii haareffamuu (Reformation) barumsa ishee muraasa faallessuu bara eegaletti (bara 1546) “gumii Terentii” jedhamuun kan beekamu gumii Waldaa Kiristiyaana irratti yommuu ta’uu barsiisawwan kanaaf deeggarsa kennuu kan malan yaadoti Appookiriifii keessatti akka argaman amanuu isheetiin sochiin Waldaa Kiristiyaanatti bakka lamaan qooduun to’achuuf akka ishee gargaaraniif jechuuf yaadamee ture. Garuu bara sanatti iyyuu taanaan Kaardinaan Kaajeetaanin kan fakkaatan hayyooti Waldaa Kiristiyaanaa sochii reeformaashinii mormaa kan turan yoo ta’an iyyuu, kitaabota Appookiriif gara Qannoonaatti makamuu isaaniin mormaa akka turan seenaan nutti dubbata. Waldaan Kiristiyaanaa Ortodoksii Itiyoophiyaa iyyuu hanga yeroo dhiyeenyaatti kitaabota kana kitaabota Kakuu Moofaa soddomii salganii keessattii fi Kakuu Haaraa gidduu bakka addaa kennuun Diyuutirookaanikaal (kitaabota Qannoonaa lammaffaa) moggaasa jedhamu kennuun akka maxxanfaman gooti ture. Garuu bara 2000 itti kan maxxanfaman maxxansa Semaaniyaa Ahaaduu jedhamu keessatti kitaabota Appookiriifii kana kitaabota Kakuu Moofaa kanneen kaan waliin makuun akka maxxanfaman godhameera.
  3. Waldootiin Warra Wangeelaa Amantaa Kiristiyaanaa fi Waldootii Kiristiyaanaa ortodooksii kan Giriikiin fakkaatan kitaabota kana akka sagalee Waaqayyootti fudhachuu dhiisuu isaaniif sababni biroon ammoo kitaabonni kun Qannoonaa Yihuudotaa keessatti kan hin argme ta’uu isaanii ti. Dhaloota Kiristosiin boodaa bara 90 barsiisaa Yohaanan Been Zaakay jedhamuun geggeessummaa isaatiin gumii hayyoota Yihuudii Jamaaniyaatti godhameen irratti seenaa Yihuudotaa keessatti Qannoonummaan fudhatama qabaachuu isaanii mirkaneeffamee hafuura Waaqummaa ta’uu isaaniif beekamtiin kan isaaniif laatame kitaabonni Kakuu Moofaa soddomii sagal qofa turan. Kaayyoon gumii kanaa Qannoonaa hojiirra oolchuu otuu in taane kitaabota kamtu Qannoonummaan dhalootaa gara dhalootaatti dabarfamaa akka turan adda baasuun beekamtii kennuuf akka ta’e hubatamuu mala. Barsiisaa Yihuudii kan ture kan Iskindiriyaa Faayiloo (dhaloota Kiristosiin booda bara 20-40) guutummaan hanga jedhamuu danda’amuun kitaabota Kakuu Moofaa hundumaa halaa jedhamuu maluun kan ibse yommuu ta’u Appookiriif irraa garuu yeroo tokko iyyuu hin ibsine. Barreessaa seenaa Yihudii kan ture Joosifes Filaaviyes (Yoseef Walda Kooriyoon) (dhaloota Kiristosiin booda bara 30-100) kitaabonni Kakuu Moofaa 22 qofa ta’uu isaanii dubbachuun kitaabota Appookiriifaa fudhatama dhabsiiseera. Yihuudonni kitaaba tokko tokko akka kitaaba tokkootti lakkaa’uu isaaniin malee isaan kun akka lakkaawwii Waldootii Warra Wangeelaa Kiristiyaanatti kitaabota Kakuu Moofaa 39 ta’aniin adda kan ba’an miti. Ergamtichi qulqulluu Phaawulos Roomee 3:1-2 irratti akkuma barreesse Waaqayyo Kakuu Moofaa imaanaan kan laate saba Yihuudiif ture:

“Egaa Yihudiin caalmaa maalii qaba ree? Yookiis bu’aan dhagna qabaa maali ree? Karaa kam iyyuuu bu’aa baay’ee qaba, bu’aa kana keessaa inni caalu, sagaleen abdii Waaqayyoo Yihudootatti hadaraa kennamuu isaa ti” (Rom. 3:1-2).

Kanaafuu kitaabota Kakuu Moofaa kamtu Waaqayyo biraa akka ta’ee fi ta’uu dhiisuu isaa Yihuudonni adda baasuun beeku. Sabni Yihudii Caaffata Qulqullaa’aa of eeggannaa fi kabaja guddaan qabachuun turuu isaanii seenaan ragaadha. Baay’ina of eeggannaa isaanii hubachuuf mee dhugaawwan itti fufanii jiraniin haa ilaallu:

  • Hojiin barreessuu otuu hin eegalamiin dura umuriin hangafa kan ta’e barsiisaan ka’ee dhaabachuun qubee tokko iyyuu irraa hir’isuu yokiin ammoo itti dabaluun badiisaaf akka isaan saaxilu barreessitoota isaa akeekkachiisa.
  • Barreessitoonni hojii isaanii otuma hojjechaa jiranii mootiin iyyuu yoo seene dogoggora akka hin hojjenneef fuula jalqabanii jiran hanga xummuranitti ol jedhanii isa haasofsiisuun akka isaaniif hin malle akeekkachiisa kenna.
  • Kakuun Moofaa kan irratti barreeffamu gogaan beeyladaa qulqulluu ta’e harka Yihuudotaan qofa qopheeffamuun irra jiraata.
  • Jechooti hundi 48 tiin gadii fi sararawwan irratti barreeffaman 60n ol qabaachuun isaaf mala.
  • Halluun isaa gurraacha qofa ta’uu qaba haala adda ta’eenis qopheeffama. Barreessaan kooppii dhugaa ta’e fuula isaa dura kaa’uun isaaf mala. Barreeffamuu isaatiin dura sagalee guddaan sirriitti dubbiisuun isaaf mala.
  • Barreessaan otuu hin barreessiin dura haala kabaja of keessaa qabaatuun kan ittiin barreeffatu qulqulleeffachuun isarraa eegama.
  • Barreessaan Yahiwee kan jedhu maqaa Waaqayyoo otuu hin barreessiin dura guutummaa qaama isaa bishaaniin dhiqachuun isarraa eegama.
  • Barreessaan Yahiwee kan jedhu maqaa Waaqayyoo barreessuuf qalama haaraatti fayyadama. Maqaa Yaahiwee jedhuun qalama ittiin barreesse jecha biraa ittiin barreessuuf hin fayyadamu.
  • Fuula tokko irratti dogoggorri tokko uumamuu isaatiin guutummaa fuula isaa balleessa. Fuula tokko irratti dogoggorawwan sadii yoo argaman gogaan irratti barreeffame guutummaatti faayidaan ala ta’a.
  • Jechi fi qubeen hundi lakkaa’amee galmeeffameera. [4]

Kanaafuu Waldootiin Kiristiyaanaa Warra Wangeelaa Qannoonaa Kakuu Moofaa ilaalchisee Waaqayyo sagalee isaa amanamaa godhee lakkaa’uun imaanaan yoo isaaniif laatee fi of eeggannaa fi kabaja kana fakkaatuun sagalee Waaqayyoo dhalootaa gara dhalootaatti dabarsaa kan turan saba waliin waliif galu.

  1. Gooftaan keenya Yesuus beekamtii kan laate Qannoonaa Yihuudotaaf qofa ture. Bara Gooftaa Kakuun Moofaa seera, raajotaa fi faarsaawwan jedhamuun bakka sadiin qoodamanii turan (Luqaas 24:44). Kutaawwan sadan kana keessatti kitaabonni Appookiriif hin jiran turan. Dabalatas Gooftaan keenya Yesuus “dhiiga Abeel nama qajeelaa sanaa jalqabee, hamma dhiiga Zakaariyaas ilma Baraakiyaa” jechuudhaan Kakuun Moofaa bara Abeel hanga bara Zakaariyaas kan argamu seenaa baraa kan dhuunfatu isaa argisiiseera (Mat 23:35, Luqaas 11:51). Kunis Seera Uumamaa eegaluun hanga raajota kanneen dhumaatti bara argamuudha. Raajiin Zakaariyaasii fi Raajiin Miilkiyaas baruma tokko jiraachaa kan turan yommuu ta’an isaaniin booda hanga bara Kiristositti kan ture bara Callisuu Waaqayyoo jedhamuun beekama. Ergaa Yihudaa lakkoofsa 14-15 irratti kitaabota Appookiriif keessaa tokko kan ta’e kitaabni Heenook ibsamuun isaa kitaabichi barumsa kan laatu ergaa  of keessatti qabachuu isaa kan argisiisu malee kitaabichi guutummaan dhugaa ta’uu isaa kan argisiisu miti. Ergamtoonni Gooftaa barreessitoota isaaniif barumsa kennuu kan danda’an barreeffamoota Giriikii fi kitaabota Yihuudota kanneen kaan iyyuu yommuu ibsan argina. Kun barreeffamoota kana hafuura Waaqummaa isaan hin godhu.

Xummura

Kitaabonni Appookiriif kitaaba Qannoonaa ta’uu fi ta’uu dhiisuun isaanii barumsa ijoo kan ta’an kan kiristiyaanummaa haala kamiin iyyuu kan tuqu miti. Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu kanneen hafan jijjiiramuu isaanii iyyuu hin argisiisu. Kitaabonni Appookiriif Qannoonaa waliin lakkaa’amuun isaaniin ergaa guutummaa Kitaaba Qulqulluu irratti wanti itti dabaluu fi hir’isu kamiyyuu hin jiraatu. Kitaabni Qulqulluu Qannoonaa manneen amantaa kamiyyuu keessatti maxxanfame namni dubbifatu barsiisa jalqabaa Kiristiyaanummaa kan ta’an haala guutuu ta’een argata. Kitaaba Appookiriif akka sagalee Waaqayyootti kan hin ilaalle Waldootiin Kiristiyaanas yoo ta’an kitaabota kana guutummaatti gatii kan hin dhabsiifne yommuu ta’an barumsa amantaa akka of keessatti qabatanitti ilaalu. Kitaabota Qulqulluu kanneen biroo biratti beekumsa dabalataaf dubbifatu. Musliimonni obboleeyyan ofii isaaniin iyyuu “Haadisii qulqulluu ” jechuudhaan kan moggaasan kutaawwan Haadisii akkuma Qur’aanaa dubbii Allaah ti moo miti? Kan jedhu irratti walii galtee hin qabaatan. Kiristiyaanoti kitaaba Appookiriifii irratti garaa garteen isaan qabaatan karuma kanaan hubachuun barbaachisa.

[1] Dhimma mata-duree kanaa irratti hubannoo kanarra caalu argachuuf Norman Geisler, Baker Encyclopeadea of Christian Apologetics pp. 80 – 85.

[2] Ibid., pp. 33-34

[3] Paul Roost. Proofs that the Bible is the word of almighty God, Book 147, pp. 30, Evangelical Bible College of Western Australia

[4]  http://www.biblegateway.com/blog/2014/05/bible-trival-where-do-verse-and-chapter-number-come-from/

http://www.gotquestions.net/divided-Bible-chapters-verses.html

Macaafni Qulqulluun Sagalee Waaqayyooti?

Macaafa Qulqulluu