Aadafi Ilaalcha Musliimotaa

10. Aadafi Ilaalcha Musliimotaa

Islaamummaan amantaa baay’ee gara gara ta’eedha. Musliimonni biyyoota fi naannolee gara garaa keessa jiraatan aadaa fi barmaatilee gara garaa qabu. Haata’u malee hawaasa Musliimaa baay’ee keessatti kan hin jijiiramne wantoonni tokko tookko nijiru. Aadaawwan, barmaatilee fi ilalchi addunyaawan armaan gaditti ilaallu kutaa aadaa bal’aa Islaamummaati.

Islaamummaan akkaataa Karaa Jiruuti

Islaamummaan kutaa jireenyaa hunda ni tuqa. Innis wanta amantaa bira darbeedha. Karaa jireenyaa isa tokkoodha. Kutaan jireenya Musliimaa hundinuu Islaamummaa irratti hundaa’uu qaba. Musliimonni akka nyaatan kan hayyamameef kan too’atu Islaamummaa yookan Shari’aadha. Akkamitti barachuu akka qaban, Dubartootaf warra Musliima hin taane akkamitti qabuun akka isaan irra jiru, maallaqa isaanii baankii keessa akkamitti akka kaa’uu qaban, uffata akkamitti uffachuu akka qaban, kkf kantoo’atu Islaamummaa yookin Shari’aadha. Dubbiiwwan guyyaa guyyaa osoo hin hafin amantaa kan ibsaniidha. Warra amantaa akka ta’an Musliimonni hin dubbanne baay’en osoo hin hafin aadaawwan Islaamummaa heddu kan hordofan akka aadaa Islaamummaa godhataniiti.

Islaamummaan kan ilaallamu akka amantaa, qaroomaa, lammummaa, akka beekkamtii eenyummaa fi akka aadattidha. Musliimonni kan of ilaalan akka qaama biyya Islaamawaa bal’aattidha (mootummaa Islaamaa addunyaawaa). Ofii isaanii Musliima biraa fi addunyaa Musliima hintaanef uffannaa, haasawa, amalaa fi sirna isaanitiin mul’isuun isaanii Musliimotaaf baay’ee barbaachisaadha.

Musliimonni baay’en gar gar ba’iinsa amantaa fi mootummaatti hin amanan. Akkasumas seerri mootummaa tokko seera Islaamawaa fi shari’aa irratti hundaa’uu akka qabu isaanitti dhaga’ama.

Ulfinaa fi Salphina

Aadaa Musliimaa keessatti aadawwan baay’ee barbaachisoo ta’an keessaa tokko ulfina. Ulfinni kan hundaa’e warri biroo ilaalcha isiniif qaban irratti malee isin dhugumaan maal akka taatan irrattii miti. Isin gaarii ta’uu keessan namoonni biroo yaadun isaanii baay’e barbaachisaadha. Isin utubaalee shanan Islaamaa hordofuun keessan, niitii of eeggattuu fi ajajamtuu akkasumas ijoollee ajajamtoota ta’an qaabaachun keessan, akkasumas warra keessaniif yookan Islaamummaadhaf arrabsoo wantoota ta’an haloo ba’uu keessan yaaduun isaanii baay’ee barbaachisaadha.

Musliimni tuffii yookan qeeqa kamiyyuu akka tuffii dhuunfatti ilaala. Keessumattuu namoota biroo fuulduratti tuffatamuun Musliima tokkoof salphina guddaadha.

Musliimonni jireenya isaanii keessatti baay’ee barbaachisoo akka ta’an kan lakkaa’an keessaa ulfina, mirgaa fi maqaa gaarii nama tokkooti. Yeroo tokko tokko ulfinni loojikii, dhugaa yookin jireenya irra kan caalu fi baay’ee barbaachisaadha. Ulfinni yoo bade aarsaan kamiyyuu kanfalamee haalon ba’amuu qaba. Kuni yoo hin ta’in garuu bara baraan salphatanii akka hafan Musliimonni ni amanu. Musliimonni tokko tokko maatin isaanii salphachuu irra namoota jaalatan kan ajjeesan kanaafidha. Fakkeenyaf dubartii Musliimatiif dhirsa isheedhaf qophaa’ee dhufe hin heerumu jettee diduun salphina guddaadha. Isheenis gaa’elicha hin barbabadu jettee yoo baddde warri ishee barbaadee ajjeesuu ni danda’a. Kana kan godhanis ishee adabuu fi ajaja diddaa ishee irraa kan ka’e salphina isaan irra ga’e haaloo ba’uufi.

Ulfinni maatii kan hundeeffamu amala dubartoota seeran uffachuu fi amala gaarii agarsiisuu qaban irrattidha. Kanaafidha dubartoonni too’annaa cimaa dhirota isaanii jala kan jiraataniif. Ulfina eeguf ajajamuu diddaan kamiyyuu adabamuu qaba.

Islaamummaa irraa gara Kiristiyaanummaa (yookin gara amantaa kamiyyuu) miseensi maatii jijjiirame ni jira jechuun maatidhaaf salphina guddaadha. Namichi jijjiirame Ummaa (bulchiinsa hawaasa Musliimaa) biratti akka gantuutti lakkaa’ama. Ulfina maatidhaaf deebisuuf jecha amantoonni gara Gooftaa dhufan baay’en isaanii maatii isaanitiin ajjeefamanii jiru.

Sodaa Walirraa Hin cinne

Musliimonni waaqa dhuunfaa jaalalaan guutamee, isaan eegu fi kunuunsuu danda’utti hin amanan. Isaanif waaqni baay’ee fagoofi kan hin beekkamneedha. Isa irratti hirkachuu waan hin dandeenyef sodaa wal irraa hin cinne keessa jiraatu. Kanaafuu jireenya isaanii irratti too’annoo akkamiituu gochuu akka danda’an hin amanan. Isaanis du’a, hafuurota hamoo, salphina, ibidda bara baraa, abaarsa fi balaawwan uumamaa ni sodaatu.

Warra Musliima Hin Ta’in Qeequu

Musliimonni kan dubbatan addunyaa keessatti eddoo kamittuu namoonni Musliima hin taane isaan salphisuu, cunqursuu fi saamudhaaf kan karoorfatan akka ta’eedha. Musliimonni rakkoo isaan muudatu kamuufuu warra Musliima hin taane itti gaafatamtoota godhu. Isaan amantiiwwan biroo qeequf baay’ee kan daddafan yoo ta’anis yeroo wal fakkaatatti waa’ee Islaamummaa garuu baay’ee itti dhagahama. Qeeqa dhugaa ta’e yookin kan tilmaamame Islaamummaa irra gahee jira kan jedhame kamiifuu gumaa gaafatu. Musliimonni Islaamummaan eegumsii fi kunuunsi addaa akka taasifamuuf ni fedhu. Fakkeenyaf Kiruseedii waggoota dheeraa dura taasifame ilaalchisee Musliimonni ammas warri dhihaa dhiifama akka gaafatanii fi gumaa akka kafalan ni gaafatu. Kunis warri dursanii weerara geessisanii fi dhuma irrattis warri waraanicha injifatan isaanuma ta’anii osoo jiraniidha.

Ilaalchi akkasii kun kan dhufe seenaa Islaamummaa durii irraati. Kunis Muhaammadii fi hordoftoonni isaa uummattoota qaqqabuu barbaadan irraa qeeqni isaan muudatee ture. Kunis Musliimonni duraa cunqurfamtoota ta’anii akka itti dhagahamuu fi nama Musliima hin taane kamiyyuu akka hin amanne isaan taasisee jira. Nama Musliima hin taane kamiyyuu amanuu dhiisun baroota keessatti haala cimaadhan adeemsifamaa turee jira. Kutaalen Qur’aana fi Hadisaa murtaawon Musliimonni miirri cunqurfamuu akka itti dhaga’amu barsiisuf baroota isaan duraa irraa kaasee hojii irra oolanii jiru.

Fakkeenyi armaan gadii aadaa gadi aantummaa, sodaa, bitaa galummaa fi yaad rimee fincilaa Islaamummaa kan agarsiisudha.

Bara 2003-2004 Naayjeeriyaa keessatti talaallin Pooliyoo farra sochii Islaamummaati oduun jedhu babal’achuu eegale. Talaallichi warri dhihaa, Kiristiyaanonnii fi Yihudonni dubartoonni Musliimaa akka ijoollee hin dhallee fi Eedsis babal’isuudhaf kan yaadameedha jedhamee odeeffame. Talaallii keessatti Vaayrasoonni, summiiwwani fi wantoonni hubaatii geessisan tokko tokko akka makaman waan amananiif Musliimonni baay’en ijoollee isaanii talaalchisuu nididan. Bu’aa isaatinis Naayjeeriyaa keessatti lakkoofsi miidhamta pooliyoo sadarkaa sodaachisaa irra ga’e.

Hawaasa Islaama yookan Ummaa

Musliimonni qaama mootummaa Islaamaa addunyaawaa akka ta’an amanu. Innis kan ijaarrame Musliimota addunyaa keessa jiran hunda irraa yoota’u, kan waammamus Ummaa jedhameeti. Musliimonni hedduunis biyyoota isaanii caalaa Ummaadhaf amanamummaa guddaa akka qaban itti dhagahama. Ummaas jiddu lixummaa warra alaatirraa, aarsaa barbaachisu hundaanu, (jihada dabalatee) irraa ittisuun hojii Musliimota hundaati. Kanifadha dargaggeeyyin Musliimotaa heddu walitti bu’iinsota adda addaa addunyaa keessatti akka hirmaatan kan itti himamu (yookin kan itti dhagahamu). Akka fakkeenyatti Iraaq, Afgaanistaan, Chichiiniyaa fi Sudaan fudhachuun ni danda’ama.

Musliimonni Muhaammad Baay’ee Kabaju

Musliimonni fakkeenyummaa Muhaammadii fi Ajaja isaa gaafii tokko malee kabajuu akka qaban ni amanu. Maqaa Muhaammad yeroo kaasan hundayyuu “Allah isa haa eebbisu, Nagaha illee isaaf haa kennu” jedhu. Hanguma fedheyyuu Muhaammad nama ta’uu isaa hubatanillee, kan isa kabajanii fi kan isa ol qaban inni akka waan waaqa biraa ta’etti. Adeemsi Muhaammadiif kabaja hin qabne kamiyyuu akka arrabsoo Waaqayyootti lakkaa’ama. Pakistaan keessatti namni Muhaammad hin kabajne kamiyyu akka du’aan adabamu seerri bahe ni jira.

Musliimonni kan amanan warroonni Musliima hin taane Muhaammad ni salphisu taanan gochaa kana ittisuun hojii isaanii akka ta’edha. Kunis yeeroo tokko tokko kan raawwatamu fincilaan, jeequmsaan, doorsisuudhanii fi akkasumas shororkeessummaadhani. Akka fakkeenyattis bara 2005 gaazexaan Denmaark kaartuunii (fakkii kofalchiisaa) Muhaammad muraasa yeroo maxxansetti hawaasni Musliimaa addunyaa keessa jeru sadarkaa guddaadhan balaaleffate. Dursitoonni Musliimaa tokko tokko haala kana fayyadamuudhan xiyyeeffanno warra dhihaa murtaawoo irrattii fi hawaasa Kiristiyaanaa muraasa irratti jibbiinsa fi fincila kakaasuf itti fayyadaman. Sababa kanaanis namoonni baay’en ni miidhaman akkasumas ni ajjeefaman. Gazexoonni Musliimaa addunyaa keessa jiran hedduun isaanii mata dureewwan barreeffamaa Kiristos, Kiristiyaanotaa fi Yihuudota arrabsan barreesuf bilisa akka ta’an itti dhagahame. Haaluma kana fakkaatun Musliimonni tokko tokko Islaamummaan qeeqame jedhanii yoo amanan deebii kan kennan fincilaani.

Qolasiyaas 3:12-17 dubbifadhaa

Musliimonni kan amanan qaama hawaasa Musliimaa yookan qaama mootummaa Musliimaa addunyaa Ummaa jedhamee waamamuu akka ta’aniidha. Haata’u malee akkuma baranne sodaa baay’e, soba, adda addummaa fi fincilli aadaa Musliimaa keessa akka jiruudha. Macaafni Qulqulluun akka Kiristiyaanatti kan nu barsiisu nuti Kiristiyaanonni kutaa qaama isaa fi maatii isaa akka taanedha. Qaamni Kiristos Mootummaa Islaamawaa isa Ummaa jedhamu irraa baay’ee addadha. Waaqayyos kan nu waame nagahaafidha.  Waaqayyo kan nu barsiise; qulqulloota, gara laafummaa kan qabnu, gaarii kan taane, garraamota fi warra dhifama godhan akka taanudha. Waqayyo kan nutti hime qaamni isaa wanta tokkoon, jechuunis jaalalaan kan wal qabate akka ta’eedha.

Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran

  • Jireenya Musliimaa keessaa hammamtu shari’aadhan bitama?
  • “Islaamummaan amantaa bira kan darbeedha” jecha jedhuuf yaada maalii qabdu?
  • Rakkoowwan Mootummaa fi amantaa adda baasuu dhabuu maali jettanii yaaddu?
  • Musliimni tokko kabaja isaa kan dhabu bifa kamiini?
  • Maatii Musliimatiif yellaasuu (salphinni) inni guddaan maali? Kanaaf akkamitti deebii kennu?
  • Musliimonni wantoota akkamii sodaatu?
  • Musliimonni sodaa wal irraa hin cinne keessa jiraachun isaani jireenya isaanii haala kamiin miidha jettanii yaaddu?
  • Musliimonni rakkoowwan isaan muudataniif yeroo baay’ee kan himatan (kan yakkan) eenyuni?
  • Barmaata isaanii irraa ka’uudhan Musliimonni kan jeraatan aadaa gad aantummaa keessa jettanii yaaddu?
  • Ummaan miidhama keessa jiraachun isaa yoo beekkame wanti Musliimonni gochuu qaban maali?
  • Haala Muhaammadiif kabaja dhabuu kamiyyu Musliimonni akkamitti ilaalu?
  • Qolasiyaas 3:12-17 dubbifadhaa. Biyyoonni Islaamaa qaama Kiristos irraa adda kan ta’an akkamiti?

 

IFA – Baafata