Aadafi Seerota Musliimotaa

9. Aadafi Seerota Musliimotaa

Sunnaa

Wanti Muhaammad hojjetee fi dubbate hundi Waaqayyoon kan gaggeeffame waan ta’eef fakkeenya isaa hordofuu akka qaban Musliimonni ni amanu. Adeemsi jireenya Muhaammad, hojiin isaa fi dubbiin isaa sunnaa jedhamuun beekkamu. Musliimonni sunnaa Muhaammad hordofna jedhanii yemmuu dubbatan Muhaammad fakkaachuf yaalii taasisuu isaanii dubbachuu isaaniti.

Hadisa

Muhaammad wanti hojjetee fi wanti dubbate afoola dhaloota baay’etiin darbee jira. Beektonni Musliimaa seenaawwan kanneen walitti sassaabun barreessuu kan jalqaban Muhaammad erga du’ee waggoota 150 booda ture. Beekatonni dhuunfaatti seenaale mataa isaanii sassaabanii jiru. Hadisa jedhamanii kan beekaman sassaabbiwwan kanneni. Isaanis waggoota keessatti seenaalee kanneen eenyu akka dabarse kan mul’isu baafata maqaa dheeraa galmeessanii jiru. Muhaammad ilalchisee Musliimonni Sunnii Musliimota Shi’aa irraa barmaata seenaa adda ta’e ni qabu.

Hadisni akka madda ajaja Waaqa irraa ta’eetti Musliimotaaf barbaachisaadha. Haata’u malee kan baay’ee baay’ee barbaachisaa ta’e Qur’aana. Hadisni Qur’aana caalaa hubachuuf salphaadha. Hiika Qur’aanaa ibsuu fi bulchiinsa seeraa baasuf beektonni Musliimaa kan fayyadaman Hadisaani. Musliimonni jireenya isaanii akkamitti akka jiraachuu qaban Hadisni isaan gargaara. Seera fi aadan Islaamummaa heddu kan argamu Qur’aana keessatti osoo hin ta’in Hadisa keessattidha. Fakkeenyaf Qur’aanni Musliimonni akka kadhatan itti hima, haata’u malee guyyaa keessatti si’a meeqa kadhachuu akka qaban kan baran Hadisa irraati.

Shari’aa

Islaamummaan amantaa qofa osoo hin ta’in sirna seeratisi. Seeronni kunneen Shari’aa jedhamuun kan beekkaman yoo ta’an kan qindaa’anis Qur’aana fi Hadisa keessaati. Shari’aan wanta Musliimonni gochuu qaban (halaal) fi wanta gochuu hin qabne (haraam) itti himu. Islaamummaa Sunnii keessatti shari’aawwan hiika afur qaban yoo jiraatan Islaamummaa Shi’aa keessa garuu hiika tokko qofatu jira. Afran isaanituu seerri isaan qaban karaa muraasan garaagarummaa qaba. Naannolee sunni Afrikaa kaaba fi kibbaa keessatti tajaajila irra kan oole hiika Maalikii yoo ta’u Afrikaa Bahaa keessatti immoo hiikni  Shaaf’ii tajaajila irra oolee jira.

Tokkoon tokkoon kutaa jireenya Musliimotaa kan akka nyaata, gaa’ela, qabiinsa dubartootaa, barnoota, daldala, wal’aansa fayyaa, dhaala, waraana fi waaqeffannaan shari’aadhan ni ibsama. Bara seenaa yeroo Islaamummaan itti egalametti aadawwan turan kanneen biroo waliin Shari’aan yemmuu dnetomu irra caalaa hiika qaba ture jechuudhan Musliimonni yeroo baay’ee ni dubbatu. Haata’u malee Shari’aan waggoota dhibba kudha lamaa oliif homaa hin jijjiirramne. Ilaalcha baraatinis baay’ee hamaa fi ulfaataa ta’eet lakkaa’ama. Namoonni heddu kan dubbatan Shari’aan mirga namoomaa bu’uura fi walabummaa amantaa waliin kan wal faallessu akka ta’eedha. Fakkeenyaf namoota saal qunnamtii gaa’elaan ala raawwataniif adabbiin du’aa ni jira. Yookan namni tokko amantaa isaa Islaamummaa iraa yoo jijjiire adabbii du’aatu isa eeggata. Namni tokko yoo hate harki isaa muramuu qaba. Akkasumas namni tokko alkoolii yoo dhuge qacceedhan ni reebama.

Biyyoota Musliimaa heddu keessatti gamisni shari’aa sirna seera isaanii keessatti hojii irra oolera yookan immoo sirna seera isaanii irratti dhiibbaa qaba. Dursitoonni hawaasota Musliimaa biyyoota Islaama hin taane keessa jiraatan Shari’aan tajaajila irra akka oolu ni dirqisiisu. Shari’aan seerota biyyoota hedduu irraa baay’ee adda waan ta’eef hawaasota Musliimaa biyya sana keessa jiraatanii fi biyyittii gidduutti walitti bu’iinsa ni kaasa.

Shari’aafi Uummatoota Musliima Hintaane

Hawaasonni biyyoota Musliima hin taane keessa jiraatan seerri Shari’aa gamisni sirna seera biyyattii keessa akka galan dhiibbaa guddaa taasisu. Biyyoonni tokko tokko dhiibbaawwan akkanaatif harka kennuu isaanitiin jiraattonni biyyattii baay’en Musliimota xinnoodhaf seera adda ta’e keessa akka jiraatan hayyamanii jiru. Biyyoonni kun keessatti ta’e keessaa Kaanaadaa, Keeniyaa, Ugaamdaa, Yunaaytid Kingidamii fi Afrikaan Kibbaa keessatti ni argamu. Biyyoota Naayjeeriyaa fakkaatan tokko tokko keessatti Godinoonni yookin aanaaleen Musliimonni keessatti baay’atan irra caalatti kan bulan seera Shari’aatini.

Biyyoota Musliimaa keessatti namoota Musliima hin taanef jireenya seeronni baay’ee rakkisaa godhan ni jiru. Seerri adda ta’e yoo hin jiraanne ta’eyyuu Poolisoonni fi Abbootni seeraa akkasumas uummanni namoota Musliimota hin taane ni dhiphisu. Eenyullee kana akka hin goone isaan dhaabsisuu hin danda’u. Hawaasonni Kiristiyaanotaa fi Yihuudotaa yeroo baay’ee ni tuffatamu. Ari’atamuunis isaan ni muudata. Barattoonni qormaata darbuu akkasumas eebbifamtoonni hojii argachuu baay’ee rakkisaa ta’ee ni argatu. Yookan immoo poolisaa fi manneen murtiitin haala sirrii hin taanen ilaallamuun isaan mudata. Warri Musliima hin taane kan ilaalaman akka lammiilee lammataatti. Waldaa haarawa ijaaruf hayyama argachuun baay’ee rakkisaadha. Waldaalee moofa’an haaromsuuniyyuu rakkina fida. Biyyoota Musliimaa tokko tokko keessatti waaqeffannaan Kiristiyaanaa ifa ta’e hin hayyamamu. Biyyoota Musliimaa keessatti namoonni Islaamummaa irraa gara Kiristiyaanummaatti deebi’an Waaqayyo waaqeffachuudhaf eddoo waaqeffannaa dhoksaatti wal arguun isaan barbaachisa. Gareewwan Musliimaa biyyoota Musliima hin taane keessa jiraatan garuu seera biyyattii keessatti seerri shari’aa yoo hin galle mirgi namooma isaanii akka sarbame ni himatu. Biyyoota Musliima ta’an keessatti garuu Kiristiyaanonnii fi namoonni Musliima hin taane ari’atama isaan qunnamuun mirgi namooma isaanii ni sarbama.

Taqiyyaa

Taqiyyaa jechuun sobuu yookan gowwoomsudha. Kunis Islaamummaa keessatti sababa baay’edhaan kan hayyamameedha. Jireenyi Musliimota duraa balaa irra yeroo jiraatetti Taqiyyaan tajaajila irra oolee jira. Lubbuu isaanii baraarsuf sobuu ni danda’u. Turees lubbuu qofa baraarsuf osoo hin ta’in qabeenyas ulfinas eegudhaaf  sobuu fi gowwoomsun fudhatama argatee jira. Sirumaayyuu booddee wanti yeroo balaa saffisaatif haata’u jedhamee ture barmaata sirrii ta’ee jira. Keessumattuu faayidaa Islaamummaa fi Musliimotaatif kan taasifamu yoo ta’e kan hayyamameedha. Kunis yeroo ammaa kana kutaa aadaa Islaamummaa baay’ee barbaachisaadha.

Qur’aanni sobuun kan hayyamamedha jedha. Hadisni immoo haalota Musliimonni itti sobuu danda’an sadi ni ibsa:-

  1. Namni tokko niitii isaa gammachiisuf jecha sobuu ni danda’a
  2. Gareewwan wal lolan lama gidduutti nagahe buusudhaaf sobuun ni danda’am.
  3. Yeroo lolaa sobuun ni danda’ama.

Sababni inni dhumaa – lola – yeroo ammaa kana Islaamummaa babal’isuuf yookan Musliimota eeguf kan oolu jechuudha. Karaa biraatin Musliimotatti kan dhaga’amu nama Musliima hin taane sobuun fudhatama kan qabu ta’uu isaati. Islaamummaa fi seenaa Islaamummaa babal’isuu ilaalchisee sobni kunis “Islaamummaan amantaa nagahaati” “Musliimonni hanga danda’metti nama hundaa fi amantaa hunda wal qixa ilalalu” dubbiiwwan jedhan ni dabalata. Yeroo ammaa kana Musliimonni seenaa isaanii irra deebi’anii barreessaa jiru. Kunis isaan yeroo hunda itti gaafatamni isaanitti dhagahamaa kan jiraatanii fi Islaamummaan immoo amantaa obsaa akka ta’e fakkeessanii dhiheessufi.

Bara Dhumaa Ilaalcha Islaamummaatin

Hadisni waa’ee bara dhumaa wantoota heddu ni dubbata. Jalqaba irratti beelli, socho’iinsi lafaa, baay’achuun cubbuu fi amanuu dhiisun ni baay’ata. Masihiin sobaa (Dajjaal) ni ka’a, addunyaa hunda irrattis fincilaa fi dhiibbaa ni geessisa. Dinqii fi barsiisa sobaatin baay’ota ni gowwoomsa. Yihudotaan ni gargaarama. Masiihin inni baraarsaa ta’e ka’uudhan Dajjaal, Yihuudotaa fi Kiristiyaanota ni waraana Islaamummaa immoo gara ulfina isaa isa duriitti ni deebisa.

Yesusis gara lafaatti Musliima ta’ee akka deebi’uu fi Mahadin Dajjaal akka injifatu akka isa gargaaru ni amanu. Yesus mallattoo fannoo ni caccabsa, booyyeewwan hunda ni ajjeesa akkasumas Kiristiyaanota gara Islaamummaatti ni deebisa, Yihudonni hundi ni ajjeefamu, warri Musliima hin taanes tokko illee hin ba’an. Mahadiin Mootummaa Islaamaa addunyaawaa ta’ee fi akkasumas mootummaa haqummaan, nageenyi fi badhaadhummaan keessatti direere ni hundeessa, Yerusalemis magaalaa guddittii isaa ni taasifata. Kana boodas waraanni inni dhumaa baay’ee sukaneessaa ta’e Googi fi Magoog waliin ni taasifama, haata’u malee Musliimonni gargaarsa Yesusin ni injifatu. Yesusis Mahadii waliin waggoota 40 nibulcha, niitis nifuudha, ijoolles nigodhata. Sana boodas nidu’a, Muhaammad maddiittis ni awwaalama. Dhuma irrattis Mahdiin mataan isaa ni du’a.

Itti fufees Milikkitoonni haarofti isaan dhumaa kan akka aduun karaa dhihaatin ba’uu nita’u. Bineensi sodaachisaan lafa keessaa ba’uun Ka’abaa ni barbadeessa.

Dhuma irrattis guyyaan murtii inni dhumaa nidhufa. Hojiin gaari fi badaan tokkoon tokkoon namootaa madaallii irratti ni madaalama, kunis jannata yookin Si’oolii seenuf murteessufi. Warri Musliima hin taane hundi gara ibidda bara baraa ni adeemu. Musliimonni baay’en osoo hin hafin gara Jannataa adeemuu isaaniin duratti ibidda bara baraa keessatti yeroo murtaa’ef ni dabarsu. Qur’aanni Jannata kan ibsu firiiwwan ajaa’ibsiisaniin kan guutamte, lagni waynii kan keessa jiru, dammii fi aannan kan keessa guute durbeewwannii fi ijoollen dhiiraa kan keessa jiran akkasumas wal qunnamtiin saalaa baay’en kan keessatti raawwatamu eddoo ashaakiltiiti jechuudhani. Ibiddi Jahaannamaa garuu eddoo gidiraati. Nuti ofii keenyan qajeelota yookin cubbuu irraa kan qulqulloofne hin taanu. Garuu nuti yemmuu Kiristos qabaannu jireenya keenya keessatti isa fakkaachuu eegalla. Jireenyi keenyas kana agarsiisuu jalqaba. Wantoonni cubbuu ta’an kan nuti barbaannu kana booda nu hin booji’an (qalbii keenya hin fudhatan). Nutis akka jaalala hafuuratti jiraachuu ni eegalla.

Roomaa 7:4-6 dubbifadhaa

Nuti Kiristiyaanonni kan amannu gooftan Yesus Kiristos fannoo irratti kan du’e cubbuu fi seera irraa nu bilisoomsufi. Battaluma Kiristos akka fayyisaa keenyatti fudhannetti cubbuun keenya nuuf dhiifamee jireenya bara baraa argannee jirra. Yeroo sana irraa eegalee cubbuun gara du’a bara baraatti nu fudhata jennee dhiphachuu dhiifnee jirra. Haata’u malee hojiiwwan gaarii Kiristos hojjetetti abdannee yemmuu fayyinu jireenya qulqullaa’aa ta’e akka jiraannu waamamnee jirra. Nuti ofii keenyan qajeelotaa fi cubbuu dhabeeyyii ta’uu hin dandeenyu. Haata’u malee Kiristosin fayyuu keenya irraa kan ka’e hafuurri Qulqulluun waan nu keessa jiraatuf nuti caalumatti akka isa fakkaannu guyyaa guyyaadhan inni nu gargaaraa akka jiru hubachuu jalqabna. Jireenyi keenyas kana agarsiisuu eegala. Wantoonni cubbuu ta’an kan nuti duraan hojjechuu feenu amma nu hin gammachiisan. Nutis fedha Hafuura Qulqulluutin jiraachuu eegalla.

Gaafiwwan Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran

  • Akka amma barattanitti wanta Muhaammad hojjetee fi dubbate irraa ka’uudhan isa akkamitti ilaalu?
  • Sunnaan maali?
  • Musliimonni fakkeenya Muhaammad gaafii tokko malee hordofuu isaanii akkamitti ilaaltu?
  • Gochoonni fi dubbiiwwan Muhaammad sassaabamanii kan barreeffaman yoom ture?
  • Barreeffamni kunneen maal jedhamuun beekkamu?
  • Amanamummaa isaanii gaafii keessa galchuu kan qabnu maalifi?
  • Shari’aan maali?
  • Shari’aan hawaasa amma jiru keessatti fayida qabeessa jettanii yaadduu?
  • Shari’aan biyyoota Musliima hin taane keessatti kutaa seeraa osoo ta’ee maal yaaddu?
  • Akka seera Shari’aatti Musliimni tokko Kiristiyaana ta’uuf osoo murteessee maal taasifama?
  • Kiristiyaanonni biyyoota Musliimaa keessa jiraatan yeroo baay’ee akkamitti ilaalamu?
  • Taqiyyaan maali?
  • Jalqaba irratti Musliimonni yeroo balaa akka soban ni hayyamamaaf ture. Yeroo ammaa kana maalif sobu jettanii yaaddu?
  • Musliimonni bara dhumaa irratti maaltu ta’a jedhanii amanu?
  • Musliimonni Jannatni maal fakkaatti jedhanii amanu?
  • Roomaa 7:4-6 tti dubbifadhaa. Akka Kiristiyaanotaatti Kiristos nuuf du’ee jira jennee kan amannu maalifi?
  • Nuti kan waamamne jireenya qulqullaa’aa akka jiraannufidha. Nuti akka ilmaan namummaa keenyatti uumama keenyan cubbamoota taanee osoo jirruu kana gochuu kan dandeenyu akkamitti?
  • Hubannoon nuti seera fi ayyaana irratti qabnu hubannoo Musliimonni seera irratti qaban irraa akkamitti adda ta’a?

 

IFA – Baafata