Seenaa Islaamummaa Afrikaa Keessatti

4. Seenaa Islaamummaa Afrikaa Keessatti

Afrikaa Keessatti Islaamummaa Dura Kiristiyaanummaa

Musliimonni kan dubbatan Islaamummaan amantaa Afrikaa akka ta’ee fi Kiristiyaanummanan garuu amantaa warroota dhiihaa fi alaa dhuufaa akka ta’eedhaa. Haata’u malee Islaamummaan jalqabamuu isaatin duratti waggoota dheeraa dursee Kiristiyanummaan Afrikaa keessa akka ture kan agarsiisan ragawwan nama ajaa’ibsiisan heddutu jiru.

Afrikaa keesstti seenan Kiristiyaanummaan kan eegalee bara gooftaa Yesus, jechuunis waggoota 2000 dura ture. Naannooleen Afrikaa keessatti argaman kutaaleen itti eeraman Kakuu Harawa keesstti ni argamu. Simoon namni Qareenaa (Afrikaa Kaabaa) gooftan keenya Yesus fannoo baatee ennaa adeemu sanaatti kan isa gargaare nama baay’ee gaarii ture.

Gaafa guyyaa Pheenxe Qosxee Kitaabni Hojii Ergamootaa namoota heddu tarreesse keessaa warri Afrikaa ni argamu turan. Isaanis Ergamoonni afaan isaanitiin yemmuu itti dubbatan dhaagahanii turan. Afrikaanonni kunneen erga biyyoota isaanitti deebi’aanii booda wanta argani fi wanta dhagahan dabarsuun isaanii hin oolle. Macaafni Hojii Ergamootaa wanti nutti himu kan biraa waa’ee Filiphoosi fi jijjiiramuu namicha Itiyoophiyaa baay’ee beekkamaa ture sanaati. Kiristiyanummaan Afrikaa Kaabaa keessatti kan babal’ate saffisaan ture.

Kunis kan ta’e dhaaloota Kiristos booda waggoota dhibba shanan jalqabaa irratti ture. Dursitoonni Kiritiyaanaa baay’ee dhaaga’amoo turan isaan jalqabaa baay’inaan Afrikaa Kaabaa irraa turan. Kutaa Addunyichaatti yemuu Kiristiyaanummaan babal’achaa turetti Waldaaleen Kiristiyaanaa fi dhaabbileen barnoota Kiristiyaanummaa babal’atanii turan. Jaarraa 4ffaa irratti Kiristiyaanummaan Itiyoophiyaa keesstti amantaa (mootummaa) isa guddaa ture. Akkasumas dhuma jaarraa kanaatti kutaan Sudaan baay’en Kiristiyaana ta’ee ture.

Islaamummaa Afrikaa Keesstti

Du’a Muhammad booda Islaamummaan Afrikaa keesstti saffisaa fi finciilaan babal’ate. Musliimonni jaarraa 7ffaa keessa Misir (Egypt) erga injifaatanii booda biyoonni Afrikaa biroo battalumatti Islaamummaa jalatti kufan. Afrikaanonni heddu Islaamummaatti kan jijjiiraman daldaloota garbaa Musliimota ta’aniin qabamanii gurguramuu irraa hafuuf jedhaanii turan. Islaamummaan namni tokkoo niitii takkaa ol akka fuudhu ni hayyama. Kunis barmaata dhiirota Afrikaa kan hedduu ture. Afrikaanonni gara Islaamummaatti yemmuu jijjiiraman amantaalee isaanii kan aadaa, fkn kan akka hafuurota  waamuu fi abboota waaqeeffachuu osoo hin gadhiisin itti fufu turan.

Karaalee Islaamummaan Ittin Babal’ate Tokko Tokko

Waraana, Jihaada fi Saamicha:- Afrikaa keesstti Islaamummaan baay’inaan kan babal’ate billaadhan ture. Namoonni seerota Islaamummaatiin buluu didan hundi garba taaasifamaniiru yookiin ajjeefamanniiru.

Daldala:– daldalli baay’inaan kan xiyyeefate warqee, ilkaan arbaa fi garboota irratti ture. Kunis Afrikaa hunda keesstti kan adeemisifamaa ture yemuu ta’u, baay’inaan garuu naannoo Sahaara’afi qarqaarawwan bahaa fi dhihaa irratti kan xiyyeeffate ture.

Biyyaa biyyatti godaanudhaan:- gita bittaa Musliimotaa keessaa tooftaan inni tokko biyya tokkoo gara biyya biraa sochoo’uun qabachuu ture. Karaa Islaamummaa itti babal’isan keessa akka tokkootti lakkaawamee Musliimonni naannoolee haarawa injifatanitti adeemanii akka qubatan ni jajjabeeffamu turan. Akkasumas naannolee Musliimoonni hin jirretti socha’anii akka qabatanii fi akka eddoo tolfatan nijajjabeeffamu turan.

Hojii misiyoonummaa:- Islaamummaa keesstti ergamni amantaa labsuu “da’awwaa” jedhameet beekkama. Afrikaa guutuu keesstti namoota gara  amantichaatti jijjiiraman argachuuf Musliimonni dammaqqii  gaddaadhan socho’u turan.

Afrikaa Bahaa

Qarqarrii Afrikaa baahaa karaa daldalaa ta’ee Musliimotaan tajaajila irra oluun isaa seenaa waggoota dheeraa kan qabuudha. Daldaltoonni Islaamaa daldala garbaa wal irraa hin cinnee jaarrawwan hedduuf buufatawwan doonii AfrikaaBahaa fayyadamuudhan adeemsisanii jiru. Musliimonni jalqaba irratti buufata doonii KeeniyaaMoombaasaa irratti eddo tolfatan. Kunis kan ta’e jaarraa 11ffaa keessa ture. Booddee irratti Zanzibaar babal’ina Islaamummaan gara Taanzaaniyaa fi Mozaambiik taasisuuf giddu gala taate. Islaamummaan gara naannoolee biroo kan utaale achi irraa ture. Qarqara Mozaambiik irraa kiilomeetiroota dhibba heddu gara keesatti seenanii naannolee argaman hamma Zimbaabweetti eddoowwan qubsuma daldaltoota garbaa Musliimota turanii arkiiyolojistoota tokkoo tokkoon argamanii jiru. Qarqara galaanota Afrikaa Baahaa fi biyyoota Afrikaa Bahaa heddu kesstti hawaasonni Musliimaa guguddoo fi ciccimoo ta’an ammas ni argamu.

Islaamummaa Itiyoophiyaa Keessatti

Islaamummaan Afrikaa keessatti yeroo jalqabaatif kan miila buufate Muhammad hordoftoota isaa walakkaa gara Itiyophiyaatti yeroo ergetti ture. Musliimonni mooticha Itiyoophiyaa koolugaltummaa isaanif kenne Ququlluu fi kan murtii hin jal’isne jedhanii waamu. Maqaa isaas Najaashii jedhanii waamu. Barreessiitoonni seenaa Islaamummaa keesummattuu warri  Sa’uudii Arabiyaa mootin kun Islaamummaa akka fudhatee fi luboota fi abboota angootin akka ajjeefame ni dubbatu. Kana irraa ka’uudhanis Itiyoophiyaan biyya mootin Musliima ta’e yeroo jalqabaatif itti injifatame waan tateef biyyattii Islaama gochuu qabna jedhu. Yeroo ammaa kanatti Itiyoophiyaa Islaama gochuudhaaf sochii guddaa ta’etu tasifaamaa jira. Islaamummaan barri inni itti Itiyoophiyaa kessatti angoo qabate yoo hinjiraannellee biyyattii kessatti kan babal’ate haala biyoota biroo kessatti babal’ate irraa adda ta’eeni miti. Naannowwan Itiyoophiyaa Islaamummaan itti babal’ate keessaa Oromiyaan ishee tokko yoo taatu leellistoonni Islaamaa Itiyoophiyaa guutuu Islaamessuudhaf karaa inni salphaan uummata Oromoo dursanii Islaamessuu akaa ta’e waan yaadaniif haala cimaadhan Oromiyaa irratti xiyyeeffatanii yemmuu socho’an arguu ni dandeenya.

Afrikaa Dhihaa

 Arikaan kaabaa erga bittaa Islaammaa jalatti kufee waggoota dhibbaan lakkaa’aman booda dursitoonni Musliimaa gara Afrikaa Dhihaatti jihaada qajeelchanii jiru. Naannolee kanneenitti hawaasa Musliimmaa ennaa ijaaranitti Seenegaali hanga Naayjeeriyatti waraanonni heddu taasifaamanii jiru. Kaalifoota “Sookootoo” jedhaman dabalatee bulchiinsonni Islaamaa jajjaboo baay’en uumamanii jiru.

Jaarraa kurnaffaa keessa laga Niijer maddiitti kan argamtu Gaa’oon Musliima taate. Jaarraa 11ffaa keessa immoo Gaanaan biyya Islaamaa taate. Isheetti aananii Chaadi fi Maalin Islaama ta’an. Jaarraa 16ffaakeessa Afrikaan Dhihaa harkii caalu Islaama ta’ee ture. Maalii kessatti Tinbuktuun eddoo barnoota fi aadaa Islaamaa cimtuu fi dhageettii qabdu taatee turte. Yeroo ammaa kanas taanan barreeffamonni Musliimaa durii kumatamaan lakkaa’aman keessatti ni argamu.

Jaaraa 18ffaa keessa biyyoota fi mootummoota Islaamaa kan magaalawwanii baay’etu turan. Dursitoonni Muslimaa tokko tokko naannooleen xixinnoon kunneen walitti makamanii naannoo guddaa ta’e akka uuman ni fedhu turan. Dursitoonni amantaa kunneen bulchiinsota xixinoo kanneen waalitti fiduuf yeroon itti isaan walwaraanaa turan, jaarraa 19ffaan waraanan kan guuttame ture. Kunis Naayjeeriyaa kaabaa Senegaali fi Maalitti ta’aa ture.

Ingiliizonnii fi warri Faransaayii jaarraa 19ffaa keessa gara Afrikaa Dhihaatti yemmuu dhufanitti dursitoonni Musliimaa gita bittummaa laafaa jala ta’anii akka bulchan hayyamaniif. Gita bittoonni Musliimota eddoolee murtaawoo bulchiinsa fi dursummaa biyyaa irratti bobbaasuf murteeffatanii ture. Kana gochuudhanis warri Ingiliizi fi warri Faransaayii bulchiinsa Musliimaa naannnichaa akka jabatu fi seerummaa akka argatu gargaaranii jiru. Gita bittoonni bara 1960mman keessa biyyoota sanneen ennaa gadhiisanitti bulchiinsa, dursummaa, humna waraanaa akkasumas eddoolee bulchiinsaa fudhatanii gaggeessuf baay’ee gaheessota kan turan Musliimota turan.

Islaamummaa fi Gabrummaa

Gabrummaan qur’aana, Hadisaa fi Shari’aa keessatti wanta fudhatama qabuudha. Muhaammad garboota bulchatee jira; akkasumas daldalee jira. Kanaafuu fakkeenyummaan isaa daldalli garbaa fudhatama akka argatu taasisee jira. Islaamummaan jihaadan ennaa babal’atutti namoonni injifataman loltoota Islaamaa isaan injifataniif qabeenya ta’u turan. Dubartoonni keessumattuu hacuuccadhaaf saaxilamuun loltoota Musliimatiif garboota saal-qunnamtii ta’an. Daldaltoonni garbaa Musliima ta’an qarqarawwan Awrooppaa saamanii turan. Kunis warroota adii garba godhanii qabuuf ture.

Islaamummaan Musliimonni garba akka ta’an hin hayyamu; kanaafuu naannon tokoo si’a tokko erga injifatamee fi jiraattonni gara Islaamummaa erga deebi’anii booda garboonni haarofti argamuu qabu turan. Kunis naannoo Afrikaa bal’aan daldaltoota garbatin akka saamamu gadhe. Naannoo Addunyaa guututti grabaaf  fedhii  guddaatu ture. Kanaf Afrikaa Kaabaa, Misri, Baha giddu galeessaa gartokkee, Eeshiyaa, Awrooppa fi Ameerikaadhaaf dhiheessitoonni garbaa isaan gurguddoon daldaltoota Musliimaa turan.

Garboonni qabamaa kan turan haala baay’ee nama sukkaneessun ture. Gara eddoo yaadametti osuma geeffamaa jiranii garboonni baay’en karaa irratti ni du’u turan. Eddoo jiraatanittis baay’onni hojii ulfaata fi sukkaneessaa akkasums jireenya ulfaata irraa kan ka’e lubbuu isaanii ni dhabu turan. Yeroo baay’ee warri dhiiraa qaamni saala isaanii ni kutama ture. Dubartoonni immoo garboota saal qunnamtii taasifamu turan. Kanaafuu Musliimonni dureeyyii ta’an garboota dubartii heddu ni qabaatu turan. Karaa birootin immoo garboonni tokko tokko eddoo guddaa qaqqabanii angoo guddaa haalli isaan itti argatan ni jira ture.

Barreessitoonni seenaa tokko tokko akka gabaasanitti garboonni Afrikaa miliyoona 10 ol ta’an daldaltoota Musliimatiin qabamanii daldaltoota garbaa warra Awrooppatti gurguramanii jiru. Kanneen keessaa lama sadaffaan dubartoota turan. Bara 1807tti Biriteen daldala garbaa seeran ala erga gootee boodas Afrikaanonni miliyoona lamaa ol ta’an daldaltoota Musliimatiin gabrummaadhaf gurguramanii jiru.

Yeroo ammaa kana gabrummaan seeran ala ta’us eddoowwan itti adeemsifamu ni jiru. Gabrummaan seena fi amantaa Islaamummaa keessaa kutaa isa tokko yemmuu ta’u Musliimonni baay’en ilaalchi isaan qaban akka wanta rakkina hin qabneettidha.

Bara 2003 odeeffannoon dhaabbata odeeffannoo Sa’uudii Arabiyaa irraa ba’e “gabreeffachuun kutaa Islaamaa isa tokkoodha” kan jedhuu fi warri gabrummaa balaaleffatan “beektota osoo hin ta’in warra doofaa ta’aniidha” kan jedhu ture. Moritaaniyaa, Sudanii fi naanno Arabiyaa keessatti garboonni kuma hedduun lakkaa’aman ammayyuu ni argamu. Baay’onni isaanis Afrikaanota.

Galaatiyaa 6:9-11 dubbifadhaa

Waaqayyo kan nu barsiisu wanta gaari hojjechuuf akka nuti hin nuffinedha. Qaama Kiristos kunuunsuu akka qabnu beekun nuuf ta’a. Walii keenya dubbii fi hojiidhan wal jajjabeessuu qabna. Namoota hundaaf, warra amananiifis ta’ee warra hin amanneef gaarii gochuun baay’ee barbaachisaadha. 1Phexros 2:9-12 irratti Kiristiyaanonni saba Qulqulluu Waaqayyoo akka ta’an ni dubbata. Kunis jireenya gaarummaadhan guutame akka jiraannu fi kana irraa kan ka’e namootni isatti hin amanne kan nu qunnaman gara isaa akka dhufaniifi akka fayyaniidha. Akeekni Waaqayyoo misiraachon inni gaarin akka babal’atuu fi; kana irraa kan ka’es jaalala, gaarummaafi dhiifamni akka guddatuudha.

Gaafilee Hubannaa fi Mariidhaf Gargaaran

  • Kiristiyaanummaan gara Afrikaatti kan dhufe yoomi?
  • Seenan Islaamummaa gara Afrikaa jalqaba kan dhufe yoomi?
  • Karaalee gurguddoon afran Islaamummaan Afrikaa keessatti ittiin babal’te ibsaa.
  • Islaamummaan Afrikaa Bahaa Keessatti kan babal’ate akkamitti?
  • Afrikaa Dhihaa Keessatti Islaamummaan akkamitti babal’ate?
  • Jaarralee 18ffaa fi 19ffaa keessa dursitoonni Islaamaa Dhiha Afrikaa keessatti wanti isaan gochuuf yaalaa turan maali?
  • Gita bittoonni Faransaayi fi Biritish Islaamummaa naannichatti argamu kan jabeessan haala akkamiitin ture?
  • Garbonni dubartootaa keessumattuu kan tajaajila irra oolaa turan maalidhaaf ture?
  • Garbonni kan qabamaa turan haala akkamiitin ture?
  • Lakkoofsi Afrikaanota Daldaltoota garbaa Musliimota ta’aniin qabaman meeqa akka ta’an tilmaamama?
  • Galatiyaa 6:9-10fi 1Phexroos 2:9-12 dubbifadhaa. Islaamummaan Afrikaa keessatti kan babal’ate billaa fi shororkeessummaadhan ture. Waaqayyo kan dubbate Kiristiyaanummaan babal’achuu kan qabu akkaataa kamiinidha?

 

IFA – Baafata