Dubartoota Islaamummaa Keessatti

11. Dubartoota Islaamummaa Keessatti

Iddoo Dubartootaa Maatii Keessatti

Iddoon dubartootaa mana keessattidha. Gaheen ishees dhirsa isheetif ijoollee dhiiraa horuu, isaan kunuunsuu fi hojiiwwan mana keessaa hojjechuudha.

Dubartiin tokko yeroo hundaa eegumsa afi too’annaa fira dhiira ta’e jala taati. Kunis abbaa, dhirsa, obboleessa, eessuma yookan ilma dhiraas ta’uu ni danda’a. Ulfinni maatii haala ol aanadhaan kan hundeeffamu ajajamuu fi seera qabaachuu dubartoota fi ijoollee dubaraa irrattidha. Intalli tokko yeroo gaa’elaatti durba taatee argamuun ishee baay’ee barbaachisaadha.

Maatii baay’ee cimaa ta’e keessatti dubartittiin haadha ishee fi obboleettii ishee gaafachuudhaafuu dhiira fira ta’e irraa hayyama argachuu qabdi. Akka adeemtu yoo hayyamameefis kophaa ishee deemuu hin qabdu. Dubartiin tokko dhiira fira dhihoo hin ta’in tuquu fi dubbisuun hin hayyamamuuf. Fakkenyaf namni hin beekkamne tokko nagaha gaafachuuf harka dubartii tokkoo yoo qabe akka yakka guddaatti lakkaawwama. Yeroo walitti dhufeenya hawaasummaa dubartoonni fi dhironni kutaawwan garagaraa keessatti sassaabbamuun isaanii baramaadha.

Sababni dubartoonni too’annoo yookan eegumsa dhiiraa jala ta’aniif isaan hubannaa, amala gaari fi amantaan kan isaanitti hir’ate akka ta’eetti waan lakkaawamaniifi. Isaan kan ilaallaman dhirotaaf qorannoo qunnamtii saalaa taasifamaniiti. Muhaammad gahaannama keessa kan jiraatan keessaa harki baay’en dubartoota akka ta’aniidha.

Uffannaa

Dubartiin Musliimaa takka morma ishee irraa kaasee hamma miila isheetti haguugamuu qabdi. Kunis harka ishee hamma hidhannaa sa’aatiitti haguugamuu dabalata. Rifeensa isheetis akkasuma haguuguu qabdi. Uffatichis bal’aa ta’uu qaba. Aadaalee tokko tokko keessatti dubartoonni fuula isaanii guutuu haguuguu qabu.

Hawaasa Musliimaa tokko tokko keessatti dubartiin burkaa uffachuu qabdi. Innis mataa isheetii hanga miila ishee kan haguugu ta’ee yeroo hundaa manaan ala yemmuu taatu uffachuu qabdi.

Dubartoonni Kiristiyaanaa Musliimota yemmuu daawwatanitti uffata seera qabu uffachuun akka isaan barbaachisu yaadachuun baay’ee barbaachisaadha.

Iddo dubartootaa kan seeraan murtaa’e

Islaamummaa keessatti dubartoonni kan ilaalaman dhirotaa gadi taasifamaniiti. Mirgii fi walabummaan isaan qabanis baay’ee muraasa. Yeroo baay’es haala ulfaatadhaan qabamu. Seerri Islaamummaa (shari’aan) gatiin dubartootaaf kennu walakkaa dhiirotaati. Fakkeenyaafis dubbii mana murtii shari’aa irratti ragaan dubartoota lamaa hamma ragaa dhiira tokkooti. Akkasumas dubartiin takka kan dhaaltu hamma obboleessi ishee dhaalu walakkaa qofa. Yemmuu gumaan kafalamus dubartiin kan argattu walakkaa hamma dhiirri argatuuti.

Gaa’ela

Islaamummaa keessatti gaa’elli kan ilaallamu akka hojii waaqni kenneetti. Osoo hin fuudhin hafuun gaarii miti. Namni umriin isaa guddaa ta’e tokko osoo hin fuudhin yoo hafe Musliimonni kan yaadan akka inni cubbamaa ta’eedha. Gaa’elli kan ilaallamu akka waliigaltee seeraa taasifameeti. Namichis kenna gaa’elaa kan kafalu mirga daangaa hin qabne qaama dubartittii irratti argachuufi.

Musliimonni gaa’ela kan ilaalan walitti hidhama (qindaa’ina) namoota lamaa godhanii osoo hin ta’in walitti dhufeenya maatii lamaa taasisaniiti. Sababa kana irraa kan ka’e gaa’elli Musliimotaa hundi jechuun ni danda’ama, dursee maatidhaan kan qophaa’edha. Kanaafuu dargaggaan sunneen filannoo irratti gaheen isaan qaban baay’ee muraasa yookan ga’ee homaa hin qaban. Wal fuutonni tokko tokko hanga guyyaa cidha isaanititti gonkumaa wal hin argan. Jaalalli kan eeggamu erga wal fuudhanii booda suuta suutan yemmuu wal beekaa dhufaniidha. Dargaggeessi dhiiraa hiriyaa gaa’elaa qophaa’ef hin fudhadhu jechuun ni hayyamamaaf. Haata’umalee akkas gochuu maatii irratti yeello fi salphina waan fiduuf kuni ta’ee hin beeku.

Musliimota biratti fira dhihoo fuudhunis baay’ee baramaadha. Fakkeenyaf ijoollee eessumaa fi adaadaa ni fuudhu. Gaa’elichi kan yaadame naannawa firaa irraa ala yoo ta’e immoo humni maallaqaa fi hawaasa keessatti eddoon maatin qaban wantoota baay’ee barbaachisoo itti yaadamuu qabaniidha.

Dhiirri Musliimaa tokko yeroo tokkotti hamma niitolee afurii akka fuudhu ni hayyamamaaf. Niitii tokkoo ol fudhun (ingiliffaan) “Polygamy” jedhamuun beekkama. Haalli kunis niitolee hunda wal qixa akka ilaalu isa gaafata. Isaanis yoo ajajamuu didan akka isaan dhaanuf (reebuf) ni hayyamamaaf.

Islaamummaa keessatti Muhaammad kan ilaalamu akka fakkeenya sirriitti. Muhaammad intala waggaa ja’aa kaadhimachuun yemmuu isheen waggaa sagal taatu gaa’ela waliin raawwatee jira. Fakkeenyuma sana irraa itti fufuudhan shari’aan gaa’ela dubartoota umriidhan kichuu ta’anii ni hayyama.

Akkaataa Qabiinsa Dubartoota Kiristiyaana Ta’aniif Musliima Hin Ta’in

Dhiirri Musliimaa tokko dubartoota Kiristiyaanaa akka fuudhuf hayyamameefii jira. Haalli kunis ni jajjabeeffama. Afrikaa fi kutaalee addunyaa biroo keessatti Islaamummaa babal’isuudhaf dhiironni Musliimaa dubartoota Kiristiyaanaa fuudhuu isaanii irraa kan ka’e badhaasni maallaqaa ni kennamaaf. Tokkoon tokkoon dubartii Kiristiyaanaa fuudhaniif herregni shallagamee ni kanfalamaaf. Keessumattuu intala luba waldaa yootaatee babay’etu kanfalamaaf. Yeroo baay’es niitittiin gara Islaamummaa akka jijiiramtu ni eeggama. Daa’imni gaa’ela akkanaa irraa dhalate kamiyyuu akka Musliimatti lakkaawama. Dubartiin Musliimaa garuu Kiristiyaanas ta’ee dhira Musliima hin taane akka heerumtuf hin hayyamamuuf.

Sababni isaatis ijoollee dhiira Musliimaa qofatu akka Musliimatti lakkaawwama waan ta’eefi. Musliimonni dhiiraa baay’enis ijoollota hamma danda’an akka qabaatan ni yaalu. Karaa Musliimonni Islaamummaa naannoo addunyaatti babal’isuuf fayyadaman keessaa tokko kanadha. Gudeedun Islaamummaa keessatti kan hin hayyamamne ta’us dhiironni Musliimaa tokko tokko dubartoota Kiristiyaana fi Musliima hin taane gudeedun homaa akka hin taanetti ilaalu. Kana kan lakkaa’anis akka jihaada gaggeessutti. Musliimonni kan yaadan gudeedun Kiristiyaana irratti yeelloo akka fiduu fi sababa gudeedditiinis daa’imti dhalate kamiyyuu Musliima akka ta’eedha.

Gaa’ela Hiikuu

Dubartiin gammachu dhabeettin yookan miidhamtuun takka dhirsa ishee irraa adda ba’uun salphina baay’ee gaddisiisaa ta’eedha. Yeelloo fi Salphina hambisuudhaf warri ishee dhirsa ishee waliin deebisanii walitti fiduudhaf wanta danda’an hunda ni godhu. Gammachuu irra ulfinni baay’ee barbaachisaa waan ta’eef niitin dhirsa isheetin yookan firoota dhirsa isheetin wanti badaan irra ga’e maal ta’us maal achuma jiraachuu qabdi. Dubartoonni Musliimaa yeroo baay’ee gaa’ela cunqursaan baay’ee itti baay’ate keessatti kiyyeeffamanii jiraatu.

Akka seera shari’aatti dhiira Musliimaa tokkoof niitii isaa hiikun baay’ee salphaadha. Akka godhu kan isa irraa eeggamus ragoota fuul duratti si’a sadi’i “ani si hiikee jira” jedhee dubbachuu qofa. Haata’u malee dubartii Musliimaa takkaaf dhirsa ishee hiikuun baay’ee ulfaatadha. Sababni isaas dubartii Musliimatiif hiikkamuu jechuun yeroo baay’ee salphina waan ta’eefidha. Warra ishee biratti fudhatama hin argattu; kanaafu gara itti deemtu tokkollee hin qabdu. Ijoollen gaa’ela irraa argaman kan dhirsaa fi kan warra isaa qofa. Yeroo hiikkaa ijoollee dhirsa isheetif kennuu qabdi. Dhirsi yoo du’e niitittiin ijoollee warra dhirsa isheetif kennuu qabdi. Hawaasota Musliimaa tokko tokko keessatti dhiironni gaa’ela yeroo gabaabaa ijaaruu ni danda’u. Innis “Mut’aa” jedhamuun beekkama. Dheerinni gaa’elichaatis sa’aatii 1 hamma waggoota 99 ti. Kana jechuunis namni tokko dubartii sagaagaltuu waliin ciisuu ni danda’a; haata’u malee seerri Musliimaa inni cabsu tokkollee hin jiru; sababni isaas isheen isaaf kan niitii taate sa’aatii muraasa waliin turan qofaafi. Sana boodas ishee in hiika. Hawaasa Musliimaa Afrikaa keessatti argaman hedduu keessatti H.I.V. Eedsin akka babal’atu sababa kan ta’e inni tokko kanadha.

Dirqamawwan Hafuuraa

Dubartoonni Musliimaa utubaalee shanan Islaamaa hojii irra oolchuu qabu. Kunis akkuma warri dhiiraa godhaniidha. Dubartoonni Musliimaa lakkoofsan baay’ee xinnoo ta’an gara masgiidaa ni deemu. Kan jajjabeeffaman garuu akka manatti kadhataniifidha. Warri akka gara masgiidaa adeeman hayyamameef kan kadhachuu qaban eddoo adda ta’e keessatti. Warra dhiiratiin akka ilaalamaniifi akka dhagahaman hin hayyamamuuf. Dubartoonni karaan itti isaan jannata seenan inni qofaa dhirsoota isaanitiif ajajamuudha.

Musliimonni baay’en waa’ee guyyaa murtii beekanis beekkumsi isaan Islaamummaa yookan Qur’aana irratti qaban baay’ee xinnoodha. Dubartoonni Musliimaa baay’en dhironni baay’en gara jannataa ni adeemu Hadisa jedhu ni beeku. Kunis gahaannama keessa namoota jiraatan keessaa baay’en dubartoota ta’anii osuma jiraniidha. Kanaafuu dubartoonni Musliimaa heddu sodaa wal irraa hin cinne keessa jiraachun isaanii kan nama ajaa’ibsiisuu miti.

Galaatiyaa 3:28 dubbifadhaa

Macaafni Qulqulluun kan nu barsiisu hundi keenyaa Waaqa fuulduratti wal qixxee akka taanedha. Gooftan Yesus Kiristos hunda keenyafuu du’ee jira. Namni kaniyyuu haala nama biraa caalun eddoo ol ka’aa irra hin jiru. Bifti gogaa nuti qabnu, biyyi nuti ittii dhufne, dhiira yookin dubartii ta’uun keenya waaqayyo fuulduratti gararagarummaa hin uumu. Amantoota yoo taane nu hundi keenyaa dhaaltota mootummaa isaati. Kanaafuu Waaqayyo namoota hundaa ija tokkoon kan ilaalu yoota’e nutis akkasuma gochuu qabna. Dubartoonnis walqixa ilaallamuu fi kabajamuu qabu. Efesoon 5:22-33 ilaalaa. Kiristiyaanummaa keessatti dhiira fi dubartoonni wal qixxeedha. Haata’u malee Phawloos dhiironni gaggeessitoota hafuurati nuun jedha. Akkuma Kiristos waldaa jaalatee fi ofii isaa kenneef dhirsoonni Kiristiyaanas niitolii isaanii jaalachuu qabu.

Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran

  • Islaamummaa keessatti mirgi dubartiidhaf seeran kenname maali? Kan ilaalaman hoo akkamitti?
  • Ragaan dubartootaa ragaa dhiiraa meeqa waliin wal qixa?
  • Mana Musliimotaa keessatti dubartiin takka too’annoo cimaa jala kan ooltu fi kan eegamtu maalifi?
  • Mana Musliimaa keessatti gaheen dubartootaa maali?
  • Dubartiin takka dhirsa ishee yoo ajajamuu didde maal ishee gochuu danda’a?
  • Dubartiin takka yoo dhirsa ishee ajajamuu didde erga duutee booda maaltu ta’a jetteet sodaatti?
  • Dubartiin Musliimaa takka mana isheetin alatti uffattee mul’achuu kan qabdu akkamitti?
  • Hawaasa keessan keessatti dubartoonni Musliimaa uffannaa adda ta’e uffatanii argitanii beektuu?
  • Dubartiin Kiristiyaanaa takka hawaasa Musliimaa waliin yoo walitti makamte akkamitti kan uffachuu qabdu?
  • Musliimonni gaa’elaa fi kophummaa akkamitti ilaalu?
  • Dhiironni Musliimaa dubartoota Kiristiyaanaa fuudhuf kan jajjabeeffaman akkamitti?
  • Dhiironni Musliimaa dubartoota Kiristiyaanaa akka fuudhan kan jajjabeeffaman maalifi jettanii yaaddu?
  • Namni tokko niitii isaa hiikuf maal gochuu qaba?
  • Dhiironni Musliimaa fuudha yeroo gabaabaa turu raawwachuu danda’uu ilaalchisee yaada maalit qabdu?
  • Dubartoonni Musliimaa baay’en sodaa keessa kan jiraatan maalifi?
  • Waa’ee haala dubartoonni Islaamummaa keessatti ittiin ilalamman maal jettu?
  • Galaatiyaa 3:28 dubbifadhaa. Akka Kiristiyaanatti dubartoonni ilaallamuu kan qaban akkamitti?
  • Karaan dhiirri Musliimotaa Niitolee isaanii ittiin ilaalan Kiristiyaanonni niitolee isaanii haala itti ilaalan irraa akkamitti adda ta’a?
  • Efesoon 5:21-33 dubbifadhaa. Dhirsi Kiristiyaanaa tokko niitii isaa akkamitti ilaaluu qaba?

 

IFA – Baafata