Garaagarummaawwan Islaamummaa Keessatti Argaman

7. Garaagarummaawwan Islaamummaa Keessatti Argaman

Islaamummaa keessatti garaagarummaawwan heddutu argamu. Gareewwan tokko tokkos walii isaanii wal waraanu akkasumas tokko kan biroo ni ari’ata. Gareewwan gurguddoon lameen Shi’aa fi Sunniidha.

Garaagarummaan Sunnii fi Shi’aa gidduutti argamu kan eegale erga Muhaammad du’ee waggoota 25 booda ture. Seenaan Islaamaa waggoota jalqabaa kan bara fincila guddaa ture. Bara 656 irratti erga Kaalifaan Usmaan ajjeefamee booda eddoo isaa eenyu yaa fudhatu gaafii jedhu irratti Musliimota gidduutti falmii guddaatu ture. Falmichis Musliimota gageessudhaan eddoo Muhaammad fudhachuu kan danda’u eenyu gaafii jedhu irratti kan naanna’u ture. Tokko tokko ilma eessuma isaa fi soddaa isaa (intala Muhaammad Faaximaa kan fuudhe) Aliin isatti fufee dura bu’aa akka ta’u Muhaammad filatee jira jedhu turan. Warri biroo immoo gosa Muhaammad Qurayishoota keessaa jaarsolii hawaasichaatin namni filakame kamuu ta’uu ni danda’a jedhu turan.

Islaamummaa Sunnii

Musliimonni Alii fi sanyii isaa hin hordofne sunni jedhamanii beekkamu. Seenaa hunda keessatti addunyaa Musliimaa baay’inaan kan qabate bulchiinsa Sunniiti. Yeroo ammaa kanatti Musliimonni 90% ta’an  Sunniidha. Isaanis kan amanan gaggeessan kan dhufuu qabu gosa Muhaammad keessaa yoo ta’u, haata’u malee qajeelumaan dhalataa sanyii isaa ta’uun dirqama akka hin taanedha. Warri Sunni kan amanan Shari’aan gonkumaa jijjiiramuu akka hin dandeenyedha.

Islaamummaa Shi’aa

Musliimonni Alii duuka bu’an Musliimota shi’aa jedhamu. Isaanis kan amanan addunyaa Musliimotaa bulchuu kan qabu sanyii Alii fi Faaximaa kan dhira ta’eedha. Ijoollee Alii keessaa inni tokko, Huseen lola irratti ajjeefame. Musliimonni shi’aa hedduun waggaa waggaadhan gara eddoo awwaala isaa ni imalu. Du’a aarsaa isaa boo’a fi ofii isaanii qaceedhan reebudhaan ni yaadatu.

Musliimonni sunni tokko tokko kan Kaarjota jedhamuun beekkaman onneen isaa qulqulluu namni ta’e kamiyyuu gaggeessaa olaanaa ta’uu ni danda’a jedhanii amanu. Kaarjonni heddu Mankaraaressitoota. Gareen isaanii inni birooo Ibaadii jedhamuun kan beekkaman ammas Afrikaa bahaa, Afrikaa kaabaaa fi Omaan keessatti ni argamu.

Yeroo ammaa kana Shi’aawwan heddu kan argaman Iraan, Iraaq, Azarbaajani fi Baahreen keessattidha. Turk, Yemen, Libaanos, Paakistaan, Afgaanistaan akkasumas Hindi keessatti Shi’aawwan muraasonni ni argamu. Musliimonni Shi’aa kan amanan Imaamonni isaani (gaggeessitoonni hafuraa isaan duraa) cubbuu akka hin qabnee fi wanti isaan dubbatan yookin wanti isaan hojjetan hundi gaafii keessa galuu akka hin qabneedha. Yeroo ammaa kana isaan Imaama hin qaban. Sababni isaas bara 832tti isa bade akka deebi’ee dhufu eegaa jiru. Shari’aan jijjiiramuu akka danda’u ykn akkuma naannotti sirraa’uu akka danda’u amanu. Shi’aan mataan isaa gareelee xixinnoo heddutti kan qoodameedha.

Suufiizimii (Islaamummaa Hafuurawaa)

Warri Suufii Miistikoota Islaamummaa (warra hojii hafuuraa garagaraatti amanan) kan ta’aniidha. Isaanis kan dhufan hundeewwan gara garaa irraati. Warra Sunnii yookan warra Shi’aa ta’uu ni danda’u.

Warri Suufii kan fedhan Waaqayyo waliin walitti dhufeenya jaalalaa kan dhuunfaa taasisuudha. Yaaddon isaanii isa waliin miira walitti siiquu horachuudha. Kanas kan taasisuuf yaalan sooma, kadhannaa akkasumas maqaa isaa irra deddeebi’anii waamu fi callisa keessa turuudhani. Maqaa isaa irra deddeebi’anii waamudhaan yaadan lixuu keessa seenanii Waaqayyo akka baran ni abdatu. Suufiwwan tokko tokko gara yaadan lixuu keessa galuudhaf yemmuu yaalanitti shubbisa (daansii) yemmuu taasisan ariitidhaan ofirra nanaanna’u.

Suufiwwan yeroo baay’ee dursitoota hafuuraa yookin qulqulloota (“waalii” jedhamanii isaan waammaman) ni hordofu. Kunneenis warra lubbuudhan jiran yookin warra du’an ta’uu ni danda’u. Suufiizimii keessatti dubartoonni illee qulqulloota ta’uu ni danda’u. Musliimonni Suufii si’a tokko tokko gara awwaalawwan qulqulloota du’anii imalawwan dhedheeroo ni taasisu. Qulqulluudha inni jedhaniin kan du’e ta’ullee yeroo rakkina fayyaa fi kan maatii, isa irraa gargaarsa argachuuf ni yaalu. Isaafis gaafii isaani nidhiheessu. Qulqulloonni kan ilaalaman wanta hamaa irraa eegdotaa fi  madda humna waaqummaa taasifamaniiti. Warri Suufii eddoo awwaala qulqullootaa ni daawwatu. Kunis jireenya guyyaa guyyaa keessa rakkoo jiruuf gargaarsa argachuuf, dhukkuba irraa fayyuu fi eegumsa hafuuratiifidha.

Suufiiwwan misiyoonota cimoodha. Islaamummaa gara giddu galeessa Eeshiyaa fi gara Afrikaa fidhuudhaf ga’ee guddaan kan isaaniti. Warri dhihaa baay’enis gara Islaamummaatti kan jijjiiraman karaa warra suufitiinidha.

Suufiizimiin nagaha kan qabu fakkaata. Haata’u malee Suufin tokko sochiwwan jihaadaa keessatti hirmaachuu ni danda’a. Seenegaal, Liibiyaa, Naayjeeriyaa fi Afrikaa kaabaa keessatti Suufiwwan argaman gita bittummaa dammaqinaan ittisanii jiru.

Islaamummaa Makamamaa (Fook Islaamummaa)

Islaamummaa makamaan makaa amantaawwan adaa naannoti (fakkenyaf amantaawwan gosaa Afrikaa). Islaamummaan aadaa harka qalleeyyii biratti baay’ee kan babal’ate yaata’u malee hawaasa hunda biratti fudhatama ni qaba.

Geggeessitoonni amantaa Suufii tokko tokko humna raagdummaa keessatti kan hirmaatan (Maraboot) Fook Islaamummaa Afrikaa kaaba fi dhihaa keessatti baay’ee ni beekamu. Fook Islaamummaan sodaa hafuurota hamaatin kan guutameedha. Innis raaga, tolcha, abaarsa, xibaartummaa fi dheekkamsawwan ni dabalata. Akka isaan eeguf namoonni uffata, mana yookan konkolaataa keessatti namoonni tolcha ni hidhu. Fook Musliimonni tokko tokko abboota yookan hafuurota ni waaqeffatu. Akkasumas yeroo rakkoo jaalalaa, fayyaa yookan seexanaan qabamuu raagdota yookan waldhaantota raagduu ta’an ni daawwatu. Kunis abaarsa isaan irra kaa’ame cabsuuf yookan immoo namoota biroo irratti abaarsa tolchufidha.

Kiristiyaanonni Fook Islaamummaa waliin walitti dhufeenya godhan kadhannaadhan haguugamuu isaanii mirkaneeffachuu qabu akkasumas warra fook Islaamummaa keessatti kiyyeeffamaniif kadhachuu qabu; sababni isaas kuni human hafuura hamaa isa qabatamaa waan ta’eefi.

Islaamummaa Tarkaanfataa

Musliimonni tokko tokko Islaamummaan gartokkeedhan jijiiramuu akka qabuu fi bara waliin adeemu akka qabu ni amanu. Kunis amantaan Islaamummaa mootummaa kam irraawuu bilisa ta’uu akka qabuudha. Mirga namoomaa fi wal qixxummaa dhala namaa, dhiira fi dubartii, Musliimotaa fi Musliima hin ta’initti ni amanu. Baay’en isaanis namni kamiyyuu amantaa mataa ofii filachuudhaf mirga akka qabu ni dubbatu.

Hata’u malee ilaalchiwwan kunneen Musliimota gidduutti beekkamoo (jaalatamoo) miti. Biyyoota Musliimaa keessatti Musliimonni tarkaanfatoon yeroo baay’ee ni hidhamu yookan immoo badiidhan yookan du’aan ni doorsifamu (ni sodaachifamu). Kanaafuu baay’en isaanii gara biyyoota dhihaatti baqatanii jiru.

Islaamummaa Aadaa

Musliimonni harki caalan Musliimota aadati. Isaanis barmaatilee Islaamaa irratti babay’ee kan maxxananiidha. Shari’aan kan ijaarame bara giddu galeessaa (Medieval) keessa ta’ullee akkasumas mirgoota namummaa heddu waliin kan wal dhiitu ta’us isaan kan amanan jijjiiramuu akka hin qabneedha. Amantaa yookan barmaata isaanitiin ala qaamni jiru hundi badaa akka ta’e amanu. Keessumattuu dhiha irraa wanti dhufu hundinuu badaadha.

Islaamummaa Mankaraaresummaa

Waggoota 50n darban keessatti Islaamummaa gara jabeenya bara ulfina isaatti deebisuuf sochii guddaan ka’ee jira. Musliimonni mankaraarsitooni bara biyyoonni Musliima hintaane baay’en waraanan injifatamanii bulchiinsa Islaamaa jala turan of irra garagalanii ilaalu. Islaamummaanis of qulqulleessee gara hundee isaa isa duriitti deebi’uu fi humna isaa gonfachuu akka qabu ni amanu. Biyya addunyaa kamifiyyu kaayyon isaan qaban Musliima aka ta’uu fi seera shari’aa jala akka ooludha.

Baay’ee Mankaraaressitoota warri ta’an Islaamummaa jihaadan babal’isuuf ni carraaqu. Shororkeessummaa, fincilaa fi mootummaa fonqolchuu ni fayyadamu. Biyyoonni Musliimotaa Islaamota dhugaa yoo hin ta’in fincila akka kakaasan ni doorsisu.

Kanneen biroo immoo Islaamummaa misiyoonummaadhan (da’awwaadhan) ni babal’isu. Islaamummaa labsuudhan namoota jijjiiruf ni yaalu, akkasumas fudhatamummaa Islaamummaa eddoo hundatti jabeessuf ni carraaqu. Tokko tokkos nyaata, maallaqa yookan gargaarsa ni raabsu. Kanas kan godhan namoonni gara Islaamummaatti yoo jijjiiraman qofadha. Da’awwaan jihaada waliin baay’ee kan wal qabateedha. Lameen isaanituu kaayyoo tokko qabu. Kaayyon isaanitis bulchiinsa Islaamummaa babal’isuudha. Karaan hunduu kaayyoo kana galmaan ga’uuf hojii irra ooluu qaba. Kanaafis ergamni (da’awwaan) inni nagahaa yoo galma gahuu baate fincilli jihaadaa hojii irra ooluu qaba.

Efeson 4:1-16 dubbifadhaa

Islaamummaa ilaalun keessa isaatti gargar ba’iinsonni hammamii akka jiran yaada kennuun nurra jira. Haata’u malee yeroo ammaa kana waldaa Kiristiyaanas yoo ilaalle gargar ba’iinsonni akkasuma ni jiru. Phawulos tokkummaa Efesonif kadhata dhiheessee jira. Akka Kiristiyaanotaatti waliin akka hojjenuuf Waaqayyo kaayyoo nuuf qaba. Nuti hundi keenyayyuu qaama tokko keessa jirra. Nutis kutaalee qaama tokkoo waan taanef gahee hojii gara garaa ni qabna. Maatewos 12:25 irratti gooftan Keenya Yesus kan dubbate manni gargar bahu dhaabbachu akka hin dandeenyedha. Efeson irratti Phawulos wanti nu akeekkachiise nuti akka qaama tokkoo yoo kan hin taane ta’e qilleensa barumsaatin gamanaa gamas kan sochuunufi adeemsa gowwoomsa namaatin kan fudhatamnutaana. Akka Kiristiyaanotaatti nuti wal faana hojjechuu qabna. Kunis Efesoon 4:2-3 irratti “Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjiin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda’aa! Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura Qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama’aa!”  akkuma jedhamedha.

 Gaafilee Hubannaa fi Mariidhaf Gargaaran

  • Barnoota kana dura Islaamummaan gar gar ba’iinsa akkanaa ni qaba jettanii yaaddanii beektu?
  • Islaamummaa keessatti kutaalen gurguddoo lameen maali fi maali?
  • Kutaalen kunneen gargar kan ba’an yoom ture?
  • Musliimonni Shi’aa kan hordofan dura bu’aa dhiira ta’ee fi sanyii eenyuti?
  • Warri Suufii gara Waaqayyoo dhihaachuf kan yaalan akkamittidha? Warri Suufii gargaarsa argachuu kan barbaadan eenyu irraati?
  • Warri Suufii namoota nagahaati?
  • Fook Islaamummaa jechuun maal jechuudha?
  • Fook Musliimota waliin wal argitanii beektuu? Kiristiyaanonni Fook Musliimota waliin walitti dhufan wanti barbaachisaan isaan yaadachuu qaban maali?
  • Musliimonni tarkaanfatoon wanti isaan gochuuf yaalan maali?
  • Musliimonni aadaa wanti isaan amanan maali?
  • Musliimonni Mankaraaressitoota ta’an addunyaa irratti akka ta’u kan barbaadan maali?
  • Garaagarummaan Sunnii fi Shi’aa gidduu jiru maali?
  • Suufiizimiin maali?
  • Wanta Qulqulluu hin taane waliin akka hin hirmaanne Waaqayyo kan nu dhoorkeef maalif isinitti fakkaata?
  • Da’awwaan maali?
  • Tooftan Musliimonni da’awwaadhaf fayyadaman maali?
  • Yeroo ammaa kana isaan kana kan godhaniif maalifi?
  • Efesoon 2:1-16 dubbifadhaa. Akka qaama Kiristositti tokko ta’uu akka qabnu phawuloos kan nutti hime maali jettanii yaaddu?
  • Kiristiyaanonni balaa barsiisa sobaa akkamiitu isaan irra jira jettanii yaaddu?
  • Akka qaama Kiristositti tokko kan taanu akkam gooneti?

 

IFA – Baafata