Hiika Jechootaa/Glossary

Hiika Jechootaa/Glossary

Azaan– waamicha kadhaannaa

Ahl al kitaab– namoota macaafichaa(Kiristiyaanotaa fi Yihuudota)

Allaah– Waaqa kan jedhuuf bakka bu’aa Arabiffaa. Musliimonni Addunyaa guututti argaman waaqa Islaamummaa waamuf itti fayyadamu. Kiristiyaanonni Arabiffa dubbataniis Waaqayyo waamuf kanuma fayyadamu. kitaaba kana keessatti Allah jedhamee kan ibsame waaqa Musliimotaati.

Alwaala walbaara-Jaalachuu fi jibbuu. Musliimonni gara Allah fi Islaamummaa akkasumas gaaridha gara wanta jedhanii hundaatti dhihaachu fi Allaah kan faallessu wanta kam irraawuu fagaachuu akka qaban barsiisa Islaamaa dubbaatuudha. Musliimonni baay’een, kun yemmuu hiikamu namoota Musliimota hin taane waliin gonkumaayyuu michummaa akka uumuu hin qabne kan ajaju akka ta’e dubbatu.

Amiir–  ajajaa, gaggeessaa, yookin olaanaa.

Arkaan aldiin– utubaalee shanan Islaamaa

Asr– guyyaa keessatti si’a sadaffaaf kan taasifamuu kadhannaa yeroo booddee

Aya-kutaa(lakkofsa) Qur’anaa

Ayaatoolah- Gaggeessaa amantaa Shi’aatiif maqaa kabajaa keennamu

Barbaroota– Namoota isaan duraa Afrikaa kaabaa keessa jiraatan. Islaamummaan jalqabamuu isaatin dura baay’en isaanii Kiristiyaanota kan turan yoo ta’u jaaraa 7ffaa keessa Musliimota Arabaatin weeraramanii Islaameffamanii jiru. Musliimonni gara Awrooppaa babal’achuuf yeroo duulanitti waliin turan.

Bismillah– maqaa Allaahtiin.

Burqa– Dubartoonni Musliimaa uummata fuuldura yemmuu ta’anitti kan uffatan wayaa fuula isaani fi qaama isaani haguugu.

Biizaantaayin– bulchiinsa Biizaantaayin (324-1453).Bulchiinsi Roomaa inni dhihaa erga dadhabee booda bulchiinsa baha Roomaa waggoota 1000’f itti fufe ture. Wiirtuun isaa Koonistaantinooppil yoo taatu afaan isaanii Giriik ture. Amantaan bulchiinichaas Kiristiyaanummaa ture.KiristiyaanummaaIslaamummaa irraa akkasumas warra seera dhabeeyyii irraa akka ittisu amana ture.

Kaalifa– warri Sunnii hawaasa Musliimaa.  siyaasa fi amantiidhaan olaanaa ta’e moggaasa ittiin waaman. Musliimonni Sunnii bakka kanaa jechaa“Imaam”“ jedhu fayyadamu.

Kiruseedii– bara 1097-1272tti Musliimota baha giddu galeessaa keessa jiraataniifiKiristiyaanotagidduutti waraana walduraa duuba taasifameef kan moggaa’e. Kiristiyaanonnii lallaba isaani jamaa maqaa kanaan yemmuu waaman Musliimonni waraanota kanneen yaadatu.

Faajir– kadhannaa barraaqaa. (kutaa guyyaa isa duraa irratti kadhanaa taasifamu).

Faard-dirqii kan of keessa qabu

Fatihaa– Boqonnaa Qur’aanaa isa jalqabaa

Fatwaa– seera Islaamaa yookin seera amantaa ilaalchisee dursitoonni amantaan Musliima ta’an murtii murteessanii fi kan chaappeffame.

Ghasil– sirna dhiiqannaa  kadhannaan dura taasifamu.

Wangeela Barnaabaas– wangeelonni erga barreeffamanii waggoota dhibbaa baay’ee booda kan barreeffameefi ofii isaa yeroo wangeelonni itti barreeffaman irratti kan barreefame kan fakkeessu barreeffama sobaa yemmuu ta’u barsiisota Kiristiyaanummaa barbaachisoo busheessudhaan barsiisota Islaamummaa deeggara.

Hadiis– Musliimota biraatti kitaabota qulqulla’oo akka ta’an kan itti amanamuufi Qur’aanatti aananii kan taa’an waa’ee jireenya,seenaa, fi muuxannoo Muhaammad kitaabota dubbatan.

Hajji-Imala gara Makkaa waggaa waggaadhan taasifamu yemmuu ta’uMusliimonni yoo humni Isaanii hayyame yoo hunduu hafe jireenya isaanii keessatti si’a tokko eddoo sana ejjechuu qabu. Kunis utubaalee shanan Islaamaa keessaa isa tokkoodha.

Haajii– nama gara makkaa Imale

Halaal– seera Islaamatiin kan hayyamame.Yeroo baay’ee kan agarsiisu nyaata Musliimonni akka nyaatan hayyamame, keessumattuu foonidha. Musliimonni foon akka nyaatan kan hayyamamuuf haala adda ta’een yeroo qalmutti kadhannaan Islaamummaa yoo kadhatamee qalame qofadha.

Haraam-seera Islaamummaatin kan dhoorkame.

Hijaab– shaarpii dubartoonni Musliimaa mataa fi morma isaanii haguuguf fayyadaman

Hijiraa– lakkoofsa guyyaa Islaamaa

Ibliis– maqaa Seexanni ittiin waamamu keessa tokko

Idal faxir– ayyaana soomni ji’a Ramadaanaa dheeran yemmuu dhumu godhamu

Iftaar– yeroo sooma ramadaanatti sirna nyaataa dhuma guyyaa tokkoon tokkon irratti taasifamu

Imaan– dhugaa mirkanaa’efi labsame

Injiil– Musliimonni wangeela Kiristiyaanaa yookin Kakuu Haara’a guosoo moggaasa ittiin waaman

Sochii keessaa (Insider Movement)– tooftaa haarawa Misiyoononni KiristiyaanaaMusliimota qaqqabuuf ittiin fayyadaman. Haala kanaan Musliimonni gara Kiristiyaanummaatti dhufan masgiida keessatti waaqeffannaa gochuufiQur’aana dubbisuu osoo hin hafin aadaa Islaamummaa akka itti fufan itti himama

Iqra’-dubbisuu yookin yaadannoo sammuutiin dubbisuu

Issaa– MusliimonniYesusif walgita jedhanii jecha fayyadaman

Ishaa– galgala/guyyaa keessaa sa’aatii shanaffatti kadhannaa taasifamuu

Islaamessitoota– bulchiinsonni Islaamaa kutaa addunyaa kamittuu argaman Shari’aadhan akka bulan kan barbaadan Musliimota Mankaraaressitoota

Janna-hiika sirriitti eddo ashaakiltii jechuu yoo ta’u jannata bakka bu’a.

Jihad-hiikni isaa sirriin qabsaa’uu jechuu yemmuu ta’uIslaamummaa keessatti itti aananii kan jiran dabalatee hiika baay’ee qaba.

  1. Qulqullummaa amalaatiif qabsoo godhamu
  2. Mudoo qajeelchu fi jechaaf hojiidhan wanta qajeelaa ta’e deeggaruu
  3. Islaamummaa babal’isuuf jecha namoota Musliima hin taane irratti lola qulqulluu banamu

Jinni– hafuurota Allahadhaan uumaman. Tokko tokko gaarii yoo ta’an kaan immoo hamoodha.

Jizyaa– gibira dihimmiidhan kafalamuufiMusliimotaaf bitamtoota akka ta’an kan agarsiisu

Juma’aa– jimaata,guyyaa qulqulluuMusliimotaa

Ka’abaa-eddoo waaqeffannaa fi kabajamaa Makkatti argamu

Kaabiraa– cubbuuwwan gurguddoo

Manneen murtee kaadii-mana murtii seeraa kan seera shari’aa fayyadamu

Quxbaa-lallaba kadhannaa guyyaa jimaataa walakkaa irratti taasifamu

Kismaa– hiree, dhuma

Madrasaa– mana barnoota waaq-qo’annaa (theology)Islaamummaa.Biyyoota tokko tokko keessatti madraasaan moggaasa dhabbata barnootni itti kennamu isa baramaa bakka bu’a.

Magrib– galgala/yeroo aduun dhiitutti kan godhamu kadhannaa yeroo afraffaa

Mahaadii- hiiknii isaa sirriin karaa qajeeladhaan kan gaggeeffame jechuu yemmuu ta’uMusliimonni bara dhumaa irratti gara lafaatti akka dhufu ni eegu.

Maaktuub– barreeffamee jira. (wantoonni jalqaba irratti dursanii akka murteeffaman ni eera)

Malaa’ikaa– ergamaa Waaqaa

Maaqduur-murteeffameera(wantootni jalqana irratti dursanii akka murteeffaman ni eera)

Maarabut-dursaa amantaa raaga fi humnoota haafuuratiin qabame.Jechi kun baay’inaan hojii irraa kan oolu kaaba fi dhiha Afrikaatti.

Mihadaaraa– namoota Islaamessuuf yaadamanii Musliimotaan walitti qabamawwan qophaa’an

Madaala-hojiiwwan gaari fi badaan kan ittiin madaalaman.

Muzay– masgiidatti waamicha azaanaa nama dabarsu

Muftii– beekaa Sunnii haala olaanadhaan barateefi seera hiikee murtiin akka kennamu kan gaafatu

Mujaahiddiin– loltoota Islaamaa gara jihaadaa adeeman

Mullaa– barsiisaa amantaa

Mut’aa– Islaamummaa shi’aa keessatti gaa’ela yeroo gabaabaa

Nabi– nama raajii dubbatu

Nika-gaa’ela

Niqaab– uffata fuula, rifeensa fi morma dubartoota Musliimaa haguugu

Otomaan– bulchiinsa Islaamaa Otomaanotaa(1299-1923).Usmaanin kan hundeeffame yemmuu ta’u bulchaa eddo xinnoo Turki har’aa keessatti argamtuu ture. Otomaanonni gara bulchiinsa Kiristiyaanaa Biizaantaayinii fi gara Awrooppaa babal’achuuf osoo wal irraa hin kutin ni yaalu turan.Barri bulchiinsa isaa jabaa itti ture jaarraa 16ffaafi 17ffaakeessatti bulchiinsi Otomaanotaa Awrooppaa kibba lixaa, baha giddu galeessa fiAfrikaa kaabaa bitee jira.

Qibla– kallattii kadhannaa- kuniis fuula gara Makkaa garagalchuudha.

Qur’aana– kitaaba qulqulluuIslaamummaa

Ramadaana– ji’a saglaffaa lakkoofsa guyyaa Islaamummaa yoo ta’u ji’a soomati.

Rasuul– Ergamaa Allaah

Riibaa – Musliimonni tokko tokko liqii irraa kan fudhatamu dhala hammi isaa olaanaa ta’eedha yemmuu jedhan mankaraarsitoonni Musliimaa immoo Dhala kamiyyuu of keessatti qabata jedhu. Riibaan malummaan isaa hin beekkamuu malee Qur’aanni riiban hin hayyamamu jedha

Saghiiraa-cubbuuwwan xixinnoo

Salaam– nagaha jechuu yemmuu ta’uu nagaha walgaafachuuf fayyadamu

Sawn-sooma

Shahaadaa-labsii amantii Islaamummaa

Shari’aa– seera Islaamaa. Beektota Musliimatin kan uumaman akaakuu shantu jira.

Shayxaan– maqoota seexanaa keessaa tokko

Sheekii– dursaa Musliimaa yookin beekaa. Gaggeessaa hafuuraa Suufii jechuudha.

Shi’aa– bakka buutonni sirrii Muhaammad, gosti sanyiin Alii qofti geggeessitoota akka ta’an kan amanan garee Musliimaa

Shirk– wanta kamiyyuu Allaah waliin waaqummaadhan kaa’uu (wal qixxeessuu) jechuu yemmuu ta’uIslaamummaa keessatti cubbuu baay’ee ulfaatadha.

Suufii– barmaataMusliimaa hafuurawaa (a Muslim mystic)

Sunnaa– jireenya, muuxannoo fi fakkeenya Muhaammad.Musliimonni shakkii tokko malee hordofuu kan qaban

Sunnii– kaalifoonni afran duraa sirriidhan akka taa’anii fi seera qabeeyyii akka ta’an Musliimota amanaan. Kaalifaan yeroo maraa gosa Muhaammad keessaa ba’uu akka qabu amanu.

Xalaq– hiika

Taqiyyaa– Musliimonnigidiraa jalaa ba’uuf dhugaa akka ganan barsiisa Islaamummaa hayyamu. Kunis Islaamummaa babal’isuuf jecha soba sobamu yookin hojii gowwoomsaa of keessatti qabata

Taasbih– callee (dooqa) lakkaawwii

Tawraat– Tooraah, seerota Muusee yookin kitaabota shanan Kakuu Moofaa

Tawhiid– Waaqayyo adda qoqoodamuu akka hin dandeenye kan dubbatu amantii Islaamaa. Yaanni kun barsiisa sandantokkoo Kiristiyaanummaa yookin YesusKiristos waaqa ta’uu isaa ni balaaleeffata.

Tayyamum– yeroo bishaan dhiqannaaf oolu hin  argamnetti qulqullaa’uubiyyeedhan yookin cirrachaan taasifamu

Ulaamaa– beektota Islaamaa

Ummaa-uummata Islaamaa. Hawaasa Islaamaa Addunyaa

Wahaabiyyaa– haala cimaadhan Islaamummaa kan hordofaan 

Yawm al ahiiraa– guyyaa murtii

Zabuur– faarfannota

Zakaa– Musliimotaharka qalleeyyii gargaaruf qarshii kennamu

Zihuur– kadhannaa guyyaa walakkaa/kutaa lammaffaa

 

IFA – Baafata