Jireenya Muhaammad

2. Jireenya Muhaammad

Waa’ee Muhaammad Wanti Nuti Beeknu Maali?

Waa’ee Muhaammad barachuu jalqabuu keenyan dura waa’ee isaa wanti nuti beeknu marti kan dhufe erga inni du’ee waggoota 150 booda gabaasawwan Musliimotaan barreeffaman irraa akka ta’e yaadachuun barbaachisaadha. Bara inni turetti waa’ee isaa eenyumtuu homaa hin barreessine ture. Kanaafuu seenawwan Muhaammad dhugaa ta’uu isaanii kan nutti agarsiisan ragaalee biroo hin qabnu.

Seenaa Muhaammad Isa Duraa

Muhaammad kan dhalate magaalaa daldalaa baay’ee barbaachistuu turte Makkaa jedhamtu keessatti naannoo bara 570 W.A. (waggaa araaraa) ture. Innis Araba ture. Araboonni bara sana turan marti isaanituu Paagaanota turan. Warri Muhaammad kabajamtoota yoo turaniyyuu harka qalleeyyii turan. Abbaan isaa dhaloota isaa ji’oota Muraasa dura kan du’e yoo ta’u haati isaa immoo yeroo inni waggaa 6 turetti duute. Akaakayyuun Muhaammad isa guddisuuf erga fudhatee waggoota 2 booda lubbuun isaa dabarte. Kana booda Muhaammad eessuma isaa waliin hojii daldalaatif imala gochaa yeroo turetti waa’ee amantaa Yihudiifi Kiristiyaanaa barachuu danda’ee jira.

Muhaammad yeroo dargaggeessa turetti Kadiijjaa kan jedhamtu dubartii daldaltuu soorettii taate fi kan dhirsi irraa du’e takkaaf hojjechaa ture. Inni Yeroo umriin isaa 25 turetti gaa’ela raawwatan. Yeroo sanatti isheen waggoota 15 isa in caalti turte. Kadijjaan osoo hin du’in dura waggoota 25’f waliin jiraatanii turan. Ijoollee baay’ee horatanis isaan keessaa lubbuudhan jiraattee nama guddoo ta’uu kan dandeesse Faaximaa qofa turte. Kadiijjan erga duuten booda Muhaammad dubartoota biroo 12 fuudhee jira. Isaan keessaas takka umriin ishee waggaa 6 ture. Fuuti Muhaammad kun Pooligaamiin (fuudha tokkoo olii) Islaamummaa kessatti fudhatama akka argatu taasisee jira. Qur’aanni Musliimota biroof hanga dubartoota 4 akka fuudhan ni hayyama.

Muhaammad Mul’ata Argate

Muhaammad Kadiijjaa erga fuudhee booda baay’ee dureessa waan Ta’eef hojii homaa hojjechuu isa hin barbaachifne ture. Innis holqa naannoo mana isaatti argamu keessatti callisaa fi yaadan lixuudhan (meditation) yeroo isaa dabarsuu jalqabe. Yeroo callisaa kanneen keessaa isa tokko irratti yaadaan lixuu keessa erga seenee booda eenyummaa samii irraa dhufe tokko akka arge namootatti hime. Namni kunis ergaa Waaqa irraa ta’e akka itti dubbatee fi ergaa kanas namoota hundatti akka himu akka isa ajaje Muhaammad ni dubbate. Muhaammad haala isa muudate kanaan Seexana akka argee fi akka sodaate niitii isaatti hime. Haata’u malee isheen kan yaadde inni akka waan ergamaa Waaqaa argeetti. Musliimonni hamma har’aatti kan dubbatan ergamaan kun Gabri’eelii akka ta’eedha.

Muhaammad akka dubbatetti yoo ta’e baroota gidduutti qaama samii kanaan irra deddeebidhaan akka daawwatameedha. Muhaammad barmaata isaa kana yeroo namatti himuu jalqabetti namoonni xinnoon isatti amanuu fi isa hordofuu eegalan. Isas raaji fi ergamaa Waaqaa jedhanii waaman. Muhaammad kan barsiise wal makaa Yihudii, Kiristiyaanummaa fi Paagaaniti. Ergaan isaas inni guddaan Waaqni tokko ni jira kan jedhuudha. Haata’u malee Paagaanonni Makkaa inni waliin jiraachaa ture barumsa isaa hin jaalanneef. Kanaafuu isaa fi duuka buutota isaa irratti lola kaasan. Bara 622 yeroo ammaa kana Madiinaa jedhamtee magaalaa beekkamtutti baqate; achittis gammachuudhan ni simatame. Guyyaan Muhaammad gara Madiinatti adeeme (hijiraa) Musliimotaaf guyyaa baay’ee barbaachisaadha. Lakkoofsi guyyaa Musliimotaa kan eegalu bara kanarraati. Akkasumas barsiisa hijiraatif ka’umsa kennee jira

Barsiisa Hijiraa

Musliimonni balaa irra yeroo turanitti gara eddoo nagahaatti baqachuu qabu turan. Yeroo booda yemmuu xinnoo jabaatan diinota isaanii rukutuu danda’u; eddoo duraan dhabanis ni deebifatu; Jihaadas fayyadamanii ni babal’atu. Kunis kutaa Afrikaa dhihaa, Sudaani fi naannolee biraattis ni ta’a ture.

Muhaammad Gara Lolaa fi Shororkeessummaa Uumutti Jijjiirame

Warri Madiinaa ergaa Muhaammad ni fudhatan. Akkuma namoonni baay’en isa hordofaa dhufaniin hangasuma baay’ee cimaa ta’aa akkasumas dhagahama argachaa adeeme. Innis gosoota garagaraa Madiinaa keessa turan kan duraan wal waraanaa turan akka tokko ta’aniifi akka walii galan ni taasise. Kana irraa kan ka’es warri Madiinaa dura bu’aa isaanii isa godhatan. Muhaammadis lallabaa nagahaa humna xinnoo qabu irraa gara dursaa mootummaa Musliimaa cimaatti jijjiirame. Innis bulchaa, seera tumaa, abbaa murtii, akkasumas ajajaa waraanaa isaanii ture. Muhaammad humna waraanaa isaa haarawa ta’e fayyadamuudhan eddoowwan naannoo Madiinatti argaman hunda waraanee too’ate.

Musliimonni bara lakkoofsaa nurraa adda ta’e qabu. Lakkoofsi guyyaa Kiristiyaanotaa kan hundaa’e lafti aduu naanna’uu ishee irratti yoo ta’u kan jalqabus dhaloota Kiristos irraati. Lakkoofsi guyyaa Islaamaa kan hundaa’e addeessa irratti yoo ta’u kan jalqabame immoo yeroo Muhaammad gara Madiinaa baqate, jechuunis akka lakkoofsa keenyatti 622 Bara Araaraadha. Waggaan Islaamaa guyyoota 354 qofa kan of keessaa qabuudha. Kan Kiristiyaanotaa garuu 365 ykn 366 dha.

Muhaammad, Kiristiyaanotaa fi Yihudota

Muhaammad ergamaa isa dhumaa Yihudotaa fi Kiristiyaanotaaf Waaqa irraa ergame godheet of lakkaa’a ture. Yerusaalemis Musliimotaaf kallattii kadhannaa taasisee filatee ture. Muhaammad jalqaba irratti Kiristiyaanotaaf Yihudota nagahaan gara Islaamummaatti jijjiiruf yaalii taasisee ture. Haata’u malee ergaan isaa amantaa isaanii irraa baay’ee adda waan tureef isa fudhachuu hin dandeenye. Kunis baay’ee isa aarsee ture. Sana booda kallattii kadhannaa gara Yerusaalem ture gara Makkaatti jijjiire. Ergaan (mul’anni) nagahaa Muhaammad Kiristiyaanotaaf qabu kan dhaabbatee fi shororkeessaa fi hamaa kan ta’e kana booda ture. Dhiirota Yihudotaa fi Kiristiyaanota turan dhibba baay’etti lakkaa’aman ajjeesudhaan maatii isaanii garboota godhe.

Yihudotaa fi Kiristiyaanota biratti fudhatama erga dhabee booda Muhaammad waraana isaa gara Makkaatti qajeelchudhaan magaalittii injifatee qabate. Magaalittiin kunis jiddu gala Islaamaa akka taate ni labse.

Du’aa fi Hambaa Muhaammad

Muhaammad kan du’e naannoo umrii 62tti bara 632 W.A. ture. Erga inni du’ee booda, duuka bu’oota isaa keessaa tokko kan ta’e nama Abu Bakar jedhamuun bakka bu’e. Abu Bakaris karaa loltummaa Muhaammad qabatee adeemun jihaada taasisee namoonni akka Islaamummaa fudhatan yookan immoo akka lammii lammataatti akka jiraatan dirqisiisuu itti fufe. Islaamummaanis saffisaan ni babal’ate.

Musliimonni Muhaammad nama dogoggora tokkollee hin hojjenne akka ture amanu. Wanti inni hojjetee fi barsiise hundi baay’ee sirrii akka turee fi karaan jireenya isaas Musliimotaaf fakkeenya ta’ee fudhatamuu akka qabuudha. Kanaafidha yeroo ammaa kana Musliimonni baay’en Islaamummaan Shororkeessummaadhan, jechuunis jihaadan babal’chuu qaba jedhanii kan amananiif.

2Phexroos 1:16-22 dubbifadhaa

Akka Kiristiyaanotaatti nuti kan amannu cubbuu tokkollee osoo hin hojjetin lafa irra kan jiraate Gooftaa keenya Yesus Kiristos qofa. Innis cubbuu keenyaf jecha ni du’e. Isaa fi fakkeenya isaa akka hordofnus nu gaafata. Akka Kiristos ta’uuf nuti walii keenya sirrumatti wal jaalachuu akkasumas ergaa jaalala isaa onnee irraa diddaa tokko malee dabarsuu qabna.

Gaafilee Hubannaa fi Mariidhaf gargaaran

  • Musliimonni waa’ee Muhaammadii fi waa’ee jireenya isaa barressuu kan jalqaban yoomi?
  • Seenaawwan waa’ee Muhaammad dubbatan dhugaa ta’uufi ta’uu dhabuu isaanii gaafachuu kan qabnu maalifi?
  • Seenaa Muhaammad isa naannoo jalqabaa ilaalchisee wanta nama ajaa’ibsiisu (nama dhibu) maal argattan?
  • Islaamummaa keessatti niitolii baay’ee fuudhun maalif hayyamame?
  • Muhaammad holqa yeroo cal’isaa itti taasifatu keessa yeroo turetti raawwatamee jira jedhee wanti namootatti hime maali?
  • Jiraattonni Makkaa ergaa Muhaammad fudhatanii turanii? Wanti ta’e maal ture?
  • Muhaammad Madiinaa keessatti fudhatama argatee turee? Achitti hoo maaltu ta’e?
  • Madiinatti jireenya Muhaammad keessatti jijjiiramni ta’e maal ture?
  • Ilaalchi Muhaammad Yihudotaa fi Kiristiyaanotaaf qabu maal fakkaata ture? Ilaalchi kun kan jijjiirame akkamitti ture?
  • Musliimota ammaa irraa Kiristiyaanotaa fi Yihudotaaf ilaalcha wal fakkaataa ni agarraa?
  • Musliimonni Muhaammad fakkeenya baay’ee sirrii ta’e kan isaan hordofuu qaban taasisanii kan yaadan maalidhaafi?
  • 1Phexroos 1:16-22 dubbifadhaa. Akka Kiristiyaanotaatti fakkeenyi keenya eenyu?
  • Kiristiyaanotaaf fakkeenyummaan Kiristos fakkeenyummaa Muhaammad Musliimotaaf qabu irraa kan adda ta’e akkamitti?

 

IFA – Baafata