Musliimonni Warra Musliima Hintaane Akkamitti Ilaalu

12. Musliimonni Warra Musliima Hintaane Akkamitti Ilaalu?

Musliimonni isaan duraa gosoota naannoo isaanitti argamaniin tuffatamuu fi ija garaatin ilaalamuun irra ga’a ture. Yeroo baay’es paagaanota caala balaa keessa akka jiran itti dhaga’ama ture. Tokko tokkos gara biyya Kiristiyaanaa gara Abisiiniyaa (Itiyoophiyaa) baqachuudhan koolu galtummaan eegumsa ittiin argatan taasifameefii jira. Turees Islaamummaan erga jabaatee booda jihaadan babal’achuu jalqabe. Musliimonni lafa bal’aa Islaamummaadhaf lolanii argatanis isaan garuu lakkoofsan muraasa turan. Isaanis uummatoonni baay’en biyyoota isaan injifatanii qabatan keessa jiran gaaf tokko fincilaan ka’uun akka biyya isaanii qabatan sodaa qabu turan. Kunis immoo warra Musliima hin taane kamiyyuu akka hin amanne isaan waan godheef olaantummaan warroota Musliima hin taane irratti qaban amansisaa akka ta’u kan taasisan seerota baay’ee akka baasan isaan godhe.

Warri Musliima Hintaane Akaakuu Meeqa?

Qur’aanni fi Hadisni warra Musliimota hin taane bakka sadi’itti isaan ramadu. Kunneenis Warra macaafichaa, Paagaanotaa fi barsiistota sobaati.

  • Warri macaafichaa warra waaqa tokkotti amananii fi kitaaba Qulqulluu kan mataa isaanii kan qabaniidha. Musliimonni tokko tokko hordoftoota amantaa biroo dabalanis baay’onni kan itti walii galan kutaan warra kitaabichaa jedhu Kiristiyaanotaa fi Yihuudota akka ta’aniidha.
  • Paagaanonni immoo warra waaqolii tolfamoo waaqeffataniidha.
  • Gantoonni immoo Musliimota gatanii amantaa biroo warra walitti makaniidha.

Akkaataa Itti Qabiinsa Warra Musliima Hintaanee

Muhaammad gargaarsa akkuma argachaa adeemen biyyoota fi uummatoota naannoo isaa waraanuu eegale. Erga injifatamanii boodas warri Musliima hin taane karaa adda addaatin ilaalamu turan. Kunis kan murteeffamu warroota macaafichaa yookan Paagaanota ta’uu isaanii irratti. Paagaanonni gara Islaamummaatti jijjiiramuun yookin ajjeefamuun baduu qabu turan.

Muhaammad Kiristiyaanotaa fi Yihuudotaaf raajii isa dhumaa akka ta’e ni amana ture. Isaan akka isa duuka bu’an waan barbaadef karaa addaatin isaan ilaala ture. Yihuudonnii fi Kiristiyaanonni seera Islaamummaatif ofii isaanii hanga kennanii fi gibira adda ta’e Jaziyaa kan jedhamu hamma kafalanitti amantaa isaanii qabatanii akka turan ni hayyamamaaf ture. Isaanis baay’ee ni cunqurfamu turan. Maqaan isaanitis “Dihimmii” jedhamee waamama ture. Haala ulfaataa isaan irra kaa’ame eeganii hamma jiraatanitti eegumsi ni taasifamaaf ture. Cunqursitoota isaanii Musliimota irratti yoo fincilan immoo ni ajjeefamu turan.

Amantaa isaanii warri ganan (Islaamummaa irraa gara amantaa biraa kan deebi’an) garuu kan ilaalamaa turan akka gantootatti waan tureef ni ajjeefamu turan.

Yeroo Ammaa Kana Warri Musliimota Hinta’in Akkaataa Itti Qabaman

Akkuma baroota Islaamummaa jalqabaa ture hunda Kiristiyaanonni biyyoota Islaamummaa keessa jiran akka lammiilee walqixaatti hin ilaallaman. Akaakun dhiibbaa fi rakkinaa isaan qunnamu biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba. Haata’u malee rakkoolen isaan dhiphisan baay’en warra Dihimmiitif seera Shari’aa irra taa’ee jira. Fakkeenyaf Kiristiyaanotaaf waldaa ijaaruf yookin haaromsuuf hayyama argachuun baay’ee rakkisaa yoo ta’u waaqeffannaa sagaleen ol ka’e yoo taasisan yookan Musliimotaaf ulfina agarsiisuu yoo baatan salphumatti rakkoo keessa galuu ni danda’u. Eddoo hojiittis guddina ol aanan kennamuufii dhiisuu danda’a. Dhiibbaa biyyoota Islaamaa keessa jiru jalaa ba’uuf jecha Kiristiyaanonni gara Islaamummaatti jijjiiramuun isaanii wanta baay’ee nama gaddisiisudha.

Of tuulummaan bulchitootaa: biyyoota Musliimaa tokko tokko keessatti Kiristiyaanonni karaa seera dhabeessa ta’een akka gadadaman kan godhu bulchiinsa. Mirgi Kiristiyaanonni qaban baay’ee xinnadha. Fakkenyaf Sa’udii Arabiyaa keessatti Kiristiyaanonni ifaan amantii isaanii warra birootif akka qoodan hin hayyamamuuf. Mana isaanii keessatti illee kadhannaadhaf yoo sassaabbaman too’anno jala ooluu ni danda’u. Biyyoonni tokko tokko seerota Kiristiyaanota adda baasan baafatanii jiru. Seeronni akkanaa biyyoota keessa hin jirre keessatti Kiristiyaanonni harka abbootii angootti ni gadadamu. Doorsifamuun, too’anno jala oolun, hidhamuun yookan immoo torchii godhamuu fi tokko tokko immoo ajjeeffamuu ni danda’u. Kunis seera kamiyyuu osoo isaan hin cabsin abbootin seera fi Poolisoonni waan isaan balaaleffataniif qofafidha. Xiyyeeffannoon isaan angafoonnis dursitoota waldaa, abbootii wangeela fi warra Islaamummaa irraa gara Kiristiyaanummaatti deebi’ananiidha.

Ari’annaa Mankaraaressitootaa: eddoowwan too’annoo Musliimotaa jala jiran keessatti Kiristiyaanonni Mankaraaressitoota Musliimatiin ni ari’atamu. Mootummaa fi dursitoonni hawaasaa Kiristiyaanota ari’achuu dhiisanis Kiristiyaanota eeguf yookin ari’annaa dhaabsisuuf wanti isaan godhan hin jiru. Mankaraaressitoonni Musliimaa kunneen yeroo baay’ee wanti isaan barbaadan Kiristiyaanota irratti jibbaa fi oduu sobaa kakaasudha. Naannolee Musliimonnii fi Kiristiyaanonni nagahaan waliin jiraatanitti mankaraaressitoonni kunneen namoota baay’ee kakaasudhaan Kiristiyaanota akka miidhan ni godhu. Kunis Misir, Naayjeeriyaa, Paakistaan, Indonezhiyaa, Ugaandaa fi Keeniyaa keessatti ta’ee jira.

Ari’annaa Hawaasaa: biyyoota Musliimaa yookin maannolee Musliimaa tokko tokko keessatti Kiristiyaanonni olloota isaani fi hawaasan wanti hamaan irratti raawwatama. Isaanis nyaata isaanii kan guyyaa argachuun baay’ee ulfaataa itti ta’a, sababni isaas namni isaan qacaru waan hin jirree fi daldala isaanitis namni bitu waan hin jirreefi. Isaanis kan ilaalaman akka lammiilee lammataa qofatti. Wantoota sirrii hintaane hundaafis Musliimotaan ni yakkamu. Kunis Kiristiyaanonni uummata walitti qabameen akka reebamanii fi miidhaan akka irra gahu gochuu ni danda’a. Sababni isaas isaan rakkoolee akka dhukkubaa, beelaa yookan immoo balaawwan uumamaa gara garaa akka fidan Musliimonni waan amananiifidha. Musliimonni tokko tokko Kiristiyaanota haala gaaridhaan ilaaluniyyuu cubbuudha jedhanii yaadu.

Wantoonni sukkaneesson kunneen haala nama gaddisiisun gutummaa addunyaatti ni raawwatu. Haata’u malee akkuma AfrikaaKiristiyaanonni, Musliimonnii fi Paagaanonni nagahaan waliin kan itti jiraatan naannoleen addunyaa heddun ni jiru.

Musliimonni Kiristiyaanotaa fi Warra Musliima Hintaane Kan Gadadanii fi Kan Ari’atan Maalifi?

Muhaammad Yeroo Makkaa keessa jiraachaa turetti Yihuudotaaf Kiristiyaanota ilaalchisee kutaan Qur’aanaa jalqabaa inni dubbate kan nagahaa ture. Musliimonnis isaan kabajaan ilaaluu qabu jedhee dubbatee ture. Haata’u malee isaan ergaa isaa fudhachuu dinnaan lola baay’ee isaan irratti kaase. Mul’atoonni gara booddetti Muhaammad yeroo Madiinaa jirutti bu’an, isaan baay’ee lolaan guutamaniifi ulfaatoo ta’an, isaan jalqabaa kan nagaha ta’an ni haqu jechuun Musliimonni ni amanu. Musliimonni tokko tokko wantoota Kiristiyaanonni godhan hundaa baay’ee kan ceephan kanaafidha. Musliimonni Muhaammad raajii isa dhumaati jechuudhan amanu. Haata’u malee kun Yihuudotaa fi Kiristiyaanota Arabiyaa keessa turan biratti fudhatama hin qabu ture. Yihuudonnii fi Kiristiyaanonni kitaaba Qulqulluu isaanii waan jal’isaniifi malee silaa ana ni fudhatu turan jechuudhan Muhaammad dubbachuu itti fufe.

Musliimonni guyyaatti si’a shan kan kadhatan yoota’u kadhannaa baay’ee barbaachisaa ta’e garuu guyyaatti si’a 17 irra deddeebi’uun ni dubbatu. Kadhannaan kunis boqonnaa Qur’aanaa isa jalqabaa irratti kan argamuudha. Isaanis kadhannaa kanaan waaqa kan gaafatan isaan “dheekkamsa Waaqayyo akka hin arganneef” yookan immoo akka warra karaa Waaqayyo irraa fagaatanii akka isaan hin goonedha. Musliimonni baay’en kan baratan “warri dheekkamsa Waaqayyo argatan” Yihuudota yoo ta’an “warri karaa Waaqayyo irraa fagaatan”immoo Kiristiyaanota akka ta’aniidha. Musliimonni kadhannaa kana guyyaatti si’a 17 kan kadhatan yoo ta’e Yihuudotas ta’ee Kiristiyaanota tuffachuu jalqabuun isaanii nu dinqisiisuu hin qabu. Qur’aana keessas ta’ee hadisa keessatti Musliimonni Kiristiyaanota waliin hiriyummaa akka hin goone fi yookan immoo Kiristiyaanota nagahayyu akkk hin gaafanne kutaalen dhoorkan ni jiru.

Musliimonni baay’en kan amanan warri dhihaa marti Kiristiyaanota akka ta’aniidha. Gita bittummaan warra dhihaa baroota darban keessa taasifamanii fi yeroo ammaa kana immoo “waraanni shororkeessummaa irratti adeemsifamu” lameen isaanituu waraanota Islaamummaa irratti taasifaman ilaalcha jedhu qabu. Kiristiyaanni addunyaa keessa jiran hundinuu michoota warra dhihaati jechuun Musliimonni ni amanu. Kiristiyaanonni biyyoota Musliimaa keessa jiran biyya isaanii caala warra dhihaatif baay’ee amanamtoota akka ta’an itti dhagahama. Musliimonni baay’en “waraana shororkeessummaa irratti” sochii jedhu kan haloo bahan Kiristiyaanota biyyoota Musliimaa keessa jiran yookin naannoo Musliimaa keessa jiraatan midhudhaani.

Musliimonni Mankaraaressitoota ta’an wanti isaan barbaadan qulqullaa’uu Islaamummaati. Isaanis Islaamummaan gara bara bareedina isaatti, jechuunis Islaamummaan jabaa fi biyyoonni baay’en isa jalatti bulaa bara itti turan sanatti akka debi’u ni barbaadu. Isaanis Islaamummaan addunyaa gutuu keessatti akka tamsa’u addunyaa guutunis seera shari’aa jala akka ta’u ni barbabadu. Warri Musliima hin taane gara Islaamummaatti jijiiramuudhaf fedha yoo hin qabaanne jihaada yookin lola Qulqulluu labsuudhan akka jijjiran dirqisiisuu yookin Islaamummaadhaf akka bitaman yookin akka ajjeefan ni amanu.

Islaamummaa Irraa Gara Kiristiyaanummaa  Warra Jijjiramam

Islaamummaa Keessatti cubbuun inni guddaan tokk amantaa ofii ganuun amantaa biraa jijjiirudha. Namni tokko Islaamummaa yoo dhiise Musliimota biratti akka gantuutti lakkaawwama. Akka seera shari’aatti cubbuun kun gantummaa waan ta’eef dhiirri kana raawwate du’aan adabamuu qaba. Seeronni shari’aa tokko tokko dubartootafis murtii du’aa ni qabu haata’u malee tokko tokko dubartoonni hidhaadhan adabamuu qabu jedhu. Biyyoonni muraasni tokko tokko akkuma shari’aa warra amantaa isaanii dhiisaniif murtii du’aat qabu, haata’u malee ifaan kan raawwaataman yeroo baay’ee muraasa qofa. Yeroo tokko tokko warri amantaa isaanii jijjiiran eddoon isaan jiran ni dhabama, jechuunis akka tasaa iccitiidhan poolisaan yookin humna waraanatiin ni ajjeefamu ta’a. Warri jijjiirraman maatii isaanii irratti yeelloo waan fidaniif maatiidhuma isaanitiinuu ajjeeffamuu ni danda’u. Yeroo baay’es maatii isaanii yookin hojii isaanii irraa ni ari’amu. Yeroo kanattis dhirsoonni yookin niitoleen yookin  ijoollen isaanii humnaan irraa ni fudhatamu. Namoota tokko tokkoonis gara jabinaan ni reebamu akkasumas ni ajjeefamu. Musliimonni gara Kiristiyaanummaa jijjiiramuuf sababni guddaan garaa lama ta’aniifis kanadha.

Roomaa 12:9-21 fi Matewoos 5:10-12 dubbifadhaa

Gooftan Yesus namoonni yemmu nu ari’atan akka gammaduu qabnu nutti himee jira; sababni isaas samii irratti badhaasni keenya baay’ee guddaa waan ta’eefidha. Waaqayyos kan nu barsiisu jireenya jaalalaan guutame akka jiraannudha. Kiristiyaanota biroo qofa akka jaalannuuf osoo hin ta’in warra nu jibban, warra nu ari’atan, warra waa’ee keenyaf hamaa dubbatan osoo hin hafin akka jaallanus nutti himee jira. Namoonni yoo nu jibbanis nuti isaan eebbisuu fi isaan jaalachuu qabna. Nuti kan barannes garraamota akka taanu fi warra kan biroo waliin nagahaan akka jiraanudha. Warra nu miidhan irratti ejjennoo haloo ba’uu tokkollee raawwachuu hin qabnu. Hamaan wanta hamaa birootin injifatamuu akka hin dandeenye Waaqayyo ni beeka.

Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran

  • Musliimonni warra musliima hin ta’in eddoowwan lameen itti qoodan maalifi maali?
  • Kutaaleen kunneen lameen Muhaammadii fi hordoftoota isaatin akkamitti ilaalamu turan?
  • Biyyoonni Musliimaa tokko tokko Kiristiyaanota akkamittiin ilaalu?
  • Musliimonni Mankaraaressitoonni tokko tokko Kiristiyaanota kan ari’atan akkamitti?
  • Ari’atamni Kiristiyaanonni hawaasa Muslimaa keessatti argan kan akkamiiti?
  • Sababoonni Musliimonni Kiristiyaanota itti ari’atanii fi itti tuffatan tokko tokko maali isaan?
  • Gantuun maali? Musliimonni kan ilaalanhoo akkamitti?
  • Roomaa 12:9-21 fi Matewoos 5:10-12 dubbifadhaa. Macaafni warra nu ari’atani fi warra nu jibban akkamitti akka ilaallu nutti hima?
  • Roomaa 12:9-21 fi Matewoos 5:10-12 irratti jechi Waaqayyo nu barsiisu Musliimonni karaa Kiristiyaanota ittiin ilaalan irraa adda kan ta’u akkamitti?

 

IFA – Baafata