Musliimotaaf Akkamitti Ragaa Baana

13. Musliimotaaf Akkamitti Ragaa Baana?

 Yohannis 3:16 fi Matewoos 28:18-20 dubbifadhaa.

Waa’ee Islaamummaa fi Musliimotaa akkasumas garaagarummaa Islaamummaa fi Kiristiyaanummaa gidduu jiru wantoota baay’ee barannee jirra. Garaagarummaa kanneen bira darbuudhan wanti barbaachisaan nuti yaadachuu qabnu Musliimota jaalachuu fi karaa Goofta fi Fayyisaa keenya Yesus Kiristos isaanitti agarsiisudhaaf baay’ee carraaqu akka qabnuudha. Yohannis 3:16 irratt “Waaqayyo, akkasitti tokkicha ilma isaa hamma kennuufitti biyya lafaa jaallate”  jedha. Kanaafuu namni isatti amanu kumiyyuu jireenya bara baraa qaba malee hin du’u. Kana jechuun Waaqayyo namoota biyya lafaa irratti argaman hunda ni jaalata jechuudha.

Akka Kiristiyaanotaatti nuti sagalee misiraachoo hunda namoota biyya lafaatif akka qoonnu ajajamnee jirra. Kiristiyaanonni baay’en Musliimotaaf dhugaa ba’uu ni barbaadu garuu Islaamummaa baay’ee sodaatu yookan kana akkamitti gochuu akka qaban hin beekan. Sagaleen Matewos 28:18-20 irra jiru maal akka jedhu yaadachuu qabna. Nama lafa irra jiru kamuufuu dhugaa ba’uu akka dandeenyu Waaqayyo humnaa fi angoo nuuf kennee jira. Kanaafis nuti wanti sodaannu fi wanti shakkinu tokkollee jiraachuu hin qabu. Nuti ogummaa fi gaggeessaf yoo kan kadhannu ta’e Waaqayyo hiriyoota Keenya Musliimoota waliin akka walitti dhufnu akkasumas sagalee isaanitti dubbannuu fi carraa nuuf hin kenna.

Kadhannaa fi Wantoota Gargar Baafachuu

Musliimonni tokko tokko waa’ee amantii isaanii Musliimota biroo caalaa cimoodha. Baay’ee cimoo kan ta’anii fi Kiristiyaana waliin falmii kan gaggeessan akkasumas Islaamummaa tamsaasuu qofa irratti kan xiyyeeffatan ni jiru. Akkasumas onneen isaanii baay’ee banaa kan ta’ee fi garraamummaadhan Kiristiyaanota waliin marii kan gaggeessan ni jiru. Waa’ee Kiristosis dhugumaan beekuu kan barbaadanis ni jiru. Waaqayyo Musliimota onnee banaa qaban akka isinitti agarsiisu kadhadhaa. Tarii warra onneen isaanii banaa ta’e waliin yoo yeroo dabarsine gaarii ta’uu danda’a. Haata’u malee ollaa keessan Musliimonni yoo jiraatan onneen isaanii kan akka fedheeyyuu yoo ta’e wangeelan isaan qaqqabuun baay’ee barbaachisaadha; Waaqayyo isaan karaa keessan irra kaa’ee jiraatii.

Musliimotaan wal arguuf haala hafuuraa keenyan qophii ta’uu qabana. Onnee isaanii hafuura Waaqayyotif banaa akka taasisan kadhachuu qabna. Akkuma isin isaan jijjiiruf yaaltan hiriyoonni keessan kan Musliimaa isin jijjiiruf yaalii akka taasisan yaadachuu qabdu. Falmii isaanii irraa Waaqayyo akka isin eegu akkasumas maal deebisuu akka qabdanii fi jaalala Kiristos akkamitti itti agarsiisuu akka dandeechan akka isinitti mul’isuu fi ogummaa akka isiniif kennu gaafadhaa. Isaanif kadhachuu keessan itti fufaa. Musliimonni baay’en gooftan Yesus itti dubbatee yookan mallattooleni fi dinqiiwwan jireenya isaanii Keessatti ta’anii gara gooftaa beekutti dhufuu ni danda’u.

Michooma (Hiriyummaa)

Yeroo baay’ee marii gaaridhaan Musliimonni gara gooftaa dhufanii jiru. Musliimota karaa michooma fi jaalalaatin jaalala Kiristos agarsiisun itti dhihaachun baay’ee fooyya’aa ta’a.

Akka namaatti malee akka wanta jijiiramuutti osoo isaan hin lakkaa’in isaan irratti xiyyeeffadhaa. Musliimonni akkuma keenya namoota ta’uu isaanii yaadadhaa. Akkuma keenya gammachuu, gadda, dhiphina gara garaa keessa ni darbu. Akkuma nama tokkoo waa’ee jireenya isaanii, waa’ee aadaa isaanii beekudhaan jireenya keessanis isaanif qoodudhaan Kiristiyaana ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’ee fi wa’ee walitti dhufeenya Kiristos waliin qabdan ibsaafi. Aadaa Musliimaa keessatti dhironnii fi dubartoonni haala baay’ee gara gara ta’een kan ilaallaman yemuu ta’u kan taa’anis eddoo gara garaati. Aadaa Islaamaa keessatti dhiirri dhiira waliin dubartiin dubartii waliin qofa haalli isaan ittiin dubbatan baramaadha (maatii keessatti yoo ta’e malee). Yeroo Musliimota waliin taanutti sirnaan uffachuu fi saala faallaa waliin walitti dhufeenya taasisuu dhiisuun, keessumattuu tuquu dhiisun baay’ee barbaachisaadha. Dhironni Kiristiyaanaa dhiirota Musliimaa waliin akkasumas dubartoonni Kiristiyaanaa dubartoota Musliimaa waliin michuu ta’uu qabu. Dhironni Musliimaa dubartoota Kiristiyaanaa waliin michuu ta’uu ni barbaadu haata’u malee yeroo baay’ee kun kan taasifamu dubartoota Kiristiyaanaa gara Islaamummaatti jijjiiruf carraaqufi. Dubartoonni Kiristiyaanaa kana irraa of eegu qabu; akkasumas dhiirota Musliimaa waliin kophaatti yeroo dabarsuun irra hin jiraatu.

Hiriyummaan yemmuu uummamu hiriyummaa hawaasummaa qofa uumun baay’ee salphaa ta’uu danda’a. Kiristiyaanonni baay’en Musliimota mufachiisuu irra isa kana filatu. Tajaajila Musliimotaaf gootan dura murteessuu kan qabdan isin wangeela labsuuf Waaqayyo waliin kan waadaa walii galtan ta’uu keessanidha. Waa’ee Kiristos qoodun jalqaba irratti osoo hin ta’in hiriyummaan erga ijaaramee booda baay’ee ulfaachaa adeema. Isin “jireenyi koo amantaa koo ibsa” jechuu dandeessu; haata’u malee kun qofti gahaa miti. Waa’ee Kiristos dubbachuu qabdu. Amantaa keenya namoota birootif qoodun akkasuma haaluma kanaan baratamuu qaba. Akkasumas amantaan keenya nuuf baay’ee barbaachisaa ta’uu isaa haala gaaridhaan argisiisun barbaachisaadha.

Maal Qoodna

Namoonni baay’en Musliimotaaf waa’ee Gooftaa ragaa ba’udhaf waa’ee Islaamummaa baay’ee beekun hin barbaachisu jedhu. Namni tokko irra caalaa sirritti kan beekuu qabu waa’ee Gooftaa Yesusidha.

Waa’ee Islaamummaa beekun baay’ee barbaachisaadha. Haata’u malee waa’ee badooma Islaamummaa dubbachuu irra waa’ee Macaafa Qulqulluu fi Kiristos cubbuun keenya akka nuuf dhiifamuuf jecha du’uu isaa irratti xiyyeeffachuu wayya. Waa’ee walitti dhufeenya Gooftaa waliin qabdan dubbadhaa. Musliimootaaf Waaqayyo baay’ee fagoo kan ta’ee fi dhuunfadhaan kan beekkamuu miti. Kiristos jireenya keessan keessatti maal akka hojjetee fi maal hojjechaa akka jiru Musliimotaaf ragaa ba’aa. Kun Musliimotaaf isin amantaa keessan irratti cimoo akka taatanii fi Yesus waaqa dhuunfadhaan beekkamu ta’uu isaa akkasumas haala jireenya keenya kamiyyuu keessatti nu waliin jiraachuu isaa ni agarsiisa.

Isinis amanamummaa gahaa hiriyaa keessan biratti akka argattan  yeroo hubattanitti waa’ee wanta jireenya isaanii keessa jiru hundaa, fakkeenyaf wa’ee fayyaa isaanii yookan haala maallaqa isaanii isaanif kadhachuuf gaafachuu dandeessu. Isinis akka isaanif kadhattan hangam tokko akka fedhan yemmuu bartan dinqisiifachuu dandeessu ta’a. Haata’u malee hin barbaannu yoo isiniin jedhan garaa isin hanqachuu hin qabu. Musliimni tokko akka Kiristiyaanni tokko isaaf kadhatu hayyamuu jechuun tarkaanfii guddaadha. Akkasumas yeroo tokko tokko kun akka ta’u wal amantaa dandeessisu ijaaruf yeroo baay’ee ni fudhata. Musliimonni waa’ee gooftaa Yesus caalatti akka beekan kan godhu Karaan biraa Macaafa kakuu haarawaa bifa kennaatin laachuunidha. Isaanfis kutaa jalqabbii gaarii kanta’u wangeela Matewoos yookan Luqaas dubbisuudha.

Kiristos Fudhachuu

Michuun Musliimaa keessan Gooftaa akka fudhatu gaafachuuf yeroo mijataa Waaqayyo akka isinitti agarsiisu yeroo kadhannaa qabaadhaa. Yeroo tokko tokko kana gochuu kan dandeenyu ilaalcha armaan gadii kana kennuudhani: “Waa’ee Yesus qofa osoo hin ta’in isuma Yesusiin beekuu nibarbaadduu?” yookan “Waaqayyo jireenya keessan keessatti baru ni barbaadduu?”. Gaafin nuti gaafachuu dandeenyu inni biroo “Yoo duutan Jaannatatti galuu keessan mirkaneeffachuudhan ni beektuu?” kan jedhuudha. Gaafilee kanneen gaafachuun Musliimonni waa’ee jireenya isaanitiif baay’isanii akka yaadan isaan ni taasisa. Karaa Kiristosinis gara sadarkaa Waaqayyo beekutti isaan fiduu ni danda’a. Kiristos duuka bu’uf Murtiin murteeffame Islaamummaa gadi dhisuu akka ta’e hubachuu isaanii mirkaneeffadhaa.

Warra Jijjiirramaniif Kunuunsa

Akka Kiristiyaanatti nuti wanti hubachuu qabnu tokko Kiristiyaanummaatti jijjiirramuu jechuun Musliima tokkoof maal jechuu akka ta’eedha. Islaamummaa dhiisanii bahuun kan ilaallamu akka gantummaattidha. Maatii, hiriyoota, hawaasa, hiriyoota hojii yookan abbootii angoo irraa adabbii gara fudhachuutti isa fida. Akka seera Islaamatti namni Islaamummaa dhiise ajjeefamuu qaba. Eddoo tokko tokkotti namoonni jijjiiraman wanta salphina maatii isaanii irratti fidaniif maatuma isaanitiin ajjeefamuu qabu.  Haalota biroo keessatti namootni jijjiiraman immoo ni miidhamu, ni reebamu, mana isaanii keessaa yookan hojii irraa ni ari’amu. Yeroo tokko tokko hadholiin manaa isaani fi ijoollen isaanii irraa ni fudhatamu.

Gara Kiristiyaanummaatti jijiiramuun Musliimotaaf baay’ee rakkisaa fi wanta sammuu isaanii keessaa hin banneedha. Erga jijjiiramanii booda lubbuu isaanitiif sodaachudhaan gara dhokannaatti adeemu ta’a. Baay’en isaanii mana, maatii fi hojii waan hin qabaannef Kiristiyaanonni dhugumaan warra jijjiiraman kana kunuunsudhaaf itti gaafatamummaa akka qaban hubachuu qabu. Waldaan Kiristiyaanaa warra jijjiramaniif maatii haarawa ta’uutu ishee irra jiraata. Kana jechuun immoo eddoo dhokannaadhaf ta’u, bakka jireenyaa, nyaata, hariiroo hiriyummaa fi akkasumas gargaarsa maallaqaa yookin hojii kennuu fi qabdi. Karaa faayida qabeessa ta’een warri jijjiiraman waldaa Kiristiyaanaa keessatti akkuma amantoota kamiyyuu fudhatama argachuu qabu. Isaanis akka warra alaa yookan akka qaama Kiristiyaana lammataatti ilallamuu hin qaban.

Kiristiyaanonni wanti hubachuu qaban ibsi amantaa jamaa yookin cuuphawwan eddoo ifaa warra jijjiiramaniif baay’ee balaa qabaachuu akka danda’aniidha. Sababni isaas Gareewwan Musliimotaa warra jijjiiraman rukutuu fi ajjeesuf barbaadan biratti ifaan mul’achuu wanta danda’aniifidha. Yeroo tokko tokkos hawaasni Musliimotaa sababa ibsa amantaa jamaatin jeequmsa kaasudhaan Kiristiyaanota, waldaa Kiristiyaanaa akkasumas gamoowwan Kiristiyaanotaa irrati hubaatii geessisu ta’a.

Duuka Bu’ummaa

Matewoos 28:19-20 irratti Gooftan Yesus namoota hundaa duuka bu’oota isaa akka goonu fi wanta inni nu barsiise akka barsiisnu nu ajajuu isaa nutti hima. Musliimni tokko gara Gooftatti erga dhufee booda innumti mataa isaa akka of barsiisu itti dhiisuu hin qabnu. Namni jijjiirame tokko kunuunsi akka godhamuu fi duuka bu’aa Kiristos jechuun maal jechuu akka ta’e barumsi kennamuufii qaba. Qo’annoo kana keessatti akka ilaalaa jirrutti Islaamummaan Kiristiyaanummaa irraa baay’ee adda kan ta’eedha. Warroonni jijjiiraman baay’en wanti beekan amantii Islaamummaa waan ta’eef adeemsi isaan duuka buutota taasisuu baay’ee kan harkifate ta’uu danda’a. Kunis waa’ee Kiristiyaanummaa fi akka kiristiyaanatti jiraachun maal jechuu akka ta’e yeroo itti barachuu qabaniidha. Garee qo’annaa Macaafa Qulqulluu yookin garee kadhannaa manaa kan isaan kunuunsuu danda’uu fi fedhii qo’annaa Macaafa Qulqulluu isaanii guutuu danda’u keessatti hammatamuun isaanif baay’ee barbaachisaadha. Warri jijjiiraman duuka buutota akka ta’an gochuuf hanga waggaa lamaa akka fudhatu namoonni tokko tokko ni dubbatu. Luboonni, geggeessitoonni waldaa fi hiriyoonni isaanif kadhachuuni fi gargaartota ta’anii itti fufuu qabu.

Gaafilee Hubannoo fi mariidhaf gargaaran

  • Garaagarummaa keenya irraa kan hafe Musliimota qabuu kan qabnu akkamitti?
  • Waa’ee namoota birootif dhugaa ba’uu Matewoos 28:18-20 wanti nu barsiisu maali?
  • Musliimota argachuu keenyan duraa fi booda waa’ee maalii kadhachuu qabna?
  • Yeroo Musliimota waliin hiriyummaa uumnutti wantoonni barbaachisoon nuti yaadachuu qabnu maali?
  • Keessumattuu dubartoonni waa’ee dhiirota Musliimaa wanti isaan yaadachuu qaban maali?
  • Hiriyaa keessan Musliimaf wanti isin qooduu qabdan maali?
  • Michuun keessan Musliimaa Kiristos gara jireenya isaanii akka affeeran gaafileen barbaachisoon isin gaafachuu qabdan maali?
  • Musliimonni gara Kiristiyaanummaa jijjiiramuun isaanii balaa kan fidu maalifi?
  • Akka Kiristiyaanotaatti warra jijjiiramaniif kunuunsa gochuufii kan qabnu akkamitti?
  • Waa’ee warra jijjiiramanii Matewoos 28:19-20 wanti nutti himu maali? Jireenya keessan keessatti Musliimota michuu gochuudhaf amma wanti isin gochuu dandeessan maali?

 

IFA – Baafata