8. Qur’aana
Qur’aanni kitaaba bay’ee Qulqulluu Musliimotaati. Musliimoni kan amanan ergaan Rabbii inni dhumaa Qur’aana akka ta’eedha. Ergamaa waaqaa jedhamee maqaan yeroo baay’ee waamamu Muhaammad kan jedhuudha. Muhaammad kan dubbate qaama samii tokkoon akka daawwatamee fi ml’atas suuta suutan akka fudhateedha. Ergamtichis Gabri’elii akka ta’e Musliimonni ni amanu. Kunis yeroo jalqabaatif kan ta’e Muhaammad umriin isaa 40 yemmuu ta’etti holqa keessatti ture. Musliimonni kan amanan ergaan Qur’aanaa guutun waggoota 23 keessatti akka bu’eedha.
Muhaammad tokkoon tokkoon ergaa waaqaa isa haarawa duuka bu’oota isaatti irra deddeebi’ee himee jira. Isaanis wanta inni dubbate qomatti qabatanii jiru yokan wantoota akka gogaa, lafee gaalaa, dhagaa, baalota, muka irratti akkasumas dameewwan irratti barreessanii jiru.
Erga inni du’een booda hanga waggoota dheeratti namni kamiyyuu kanneen kitaaba tokko godhee hin barreessine ture.
Qur’aanni Akkamitti Kitaaba Ta’e?
Muhaammad yemmuu lubbuun turetti Arabiyaa waraanee injifatee ture. Erga inni du’ee booda immoo Arabiyaan hundi injifatamee Islaamummaan hanga Eeshiyaa fi Afrikaa kaabatti babal’ate. Kutaalen Qur’aanaa yadannoo namootaa keessa turan yookin kan barreeffamanii turan bulchiinsa bal’aa kana irra ni tamsa’an. Isaanis yeroo baay’ee hordoftoota gara garaatin garagalfamanii taa’anii jiru. Kanaafuu waraabbiwwan Qur’aanaa gara garaa yoo jiraatan homaa kan nama ajaa’ibsiisuu miti.
Hiriyaan Muhaammad inni dhihoo, Usmaan Kaalifa ta’ee yemmuu turetti ergaawwan hundaa caaffata fudhatama qabu tokko keessatti walitti sassaabuf ni murteesse. Kunis kan ta’e bara 650 hanga 656tti ture.
Kitaabni guddichi si’a tokko erga barreeffamee booda Usmaan barreeffamoonni biroo (dhagaa fi lafee irra kan turan) akka barbadaa’an godhe.
Kana boodas Usmaan caaffata kana waraabbii tajaajila irra ooluu qabu isa qofaa taasisee tamsaase. Caaffanni kunis kan barreeffame qubeewwan Arabiffaa durii “kuufik” jedhamuun ture. Qubeewwan kuufikiis dubbistoota fi sirna tuqaalee kan hin qabne ture.
Kunis Qur’aana dubbisuu, hiiku fi hubachuun baay’ee ulfaataa akka ta’u taasisee jira. Beektonni Musliimas waa’ee hiika isaa isa dhugaa barootaf irratti wal mormanii jiru.
Musliimonni Waa’ee Qur’aanaa Maal Amanu?
Musliimonni kan amanan Qur’aanni isaan amma qaban Qur’aana bara baraa irraa jechaa jechatti kan garagalfame kooppii isa sirri akka ta’eedha. Isas baay’ee ni kabaju, kanaafuu kitaabichi mataan isaa humna qaba jedhu. Isaanif kitaaba Qulqulluu waan ta’eef waa’ee Qur’aanaa yemmuu dubbatamu ofeeggannoo guddaa gochuun barbaachisaadha.
Yeroo baay’ee Musliimonni qabiinsa Kiristiyaanonni macaafa Qulqulluudhaf taasisan ilaalun ni rifatu. Musliimni tokko Qur’aana gidduu isaati gaditti hin qabu yookan lafa irra gonkumaa hin kaa’u. Mana Musliimotaa keessatti Qur’aanaf qofa eddoon qophaa’e ni jira. Musliimonni Qur’aana irratti gonkumaa barreessanii yookan itti sararanii hin beekan.
Qur’aana Hubachuu
Musliimonni kan amanan Qur’aanni jalqabaa Arabiffaan akka barreeffameedha. Kanaafuu Arabiffaan kan barreeffaman Qur’aanota isaan dhugaa taasifamaniit fudhatamu. Qur’aanonni afaanota birootin hiikaman Quraanota dhugaa taasifamanii hin lakkaa’aman. Musliimonni naannoo addunyaatti argaman heddu kutaa Qur’aanaa qomatti ni qabatu. Kunis isaan Arabiffa kan hin dubbanneefi maal akka jedhu kan hin beekne yoo ta’anilleedha.
Qur’aanni kan barreeffame bifa walalootini. Musliimonni Qur’aana yaadachuun yookan deddeebisanii dubbachuun miira gammachuu sammuu isaanii keessatti akka uumu ni dubbatu.
Qur’aanni boqonnaalee 114 qaba. Isaanis suurawwan jedhamuun beekkamu. Kunneenis teessumni isaanii kan ijaarame dheerina qabaniinidha (boqonnaa isa duraa irraa kan hafe dheeraa irraa gara gabaabatti). Kunneenis tartiiba Muhaammad beekunii miti. Fakkenyaf ergaan Muhaammad yeroo jalqabaatif argate kan galmaa’e Qur’aana 96 irrattidha. Kun sababoota Qur’aana hubachuu rakkisaa taasisan keessaa isa tokkoodha.
Qur’aanni kan kenname Muhahammadiif hordoftoonni isaa haala isaan qunnamu keessatti wanta gochuu qabaniif qajeelcha akka isaanif ta’uuf yaadameet ture. Kana waan ta’eefis haalota biroo keessatti isaan hubachuun rakkisaa ta’a. Yeroo baay’ee Qur’aana hiikuf Musliimonni barsistota yookan beektota irraatti hirkachuu kan qabaniif kanaafidha. Beektonni kunneen erguma sana karaa birootin hiikuu ni danda’u.
Qur’aana keessatti wal faallessitoonni heddus ni argamu. Musliimonni heddu faallawwan kanneen kan ibsan mul’atoonni Muhaammad isaan booddee kan isaan duraa ni haqu (hojiidhan ala isaan taasisu) jechuunidha. Kunis “abrogation” jedhamuun beekkama. Kunis Musliimota kutaa Qur’aanaa kam akka ajajamuun isaan irra jiru akka beekan isaan gargaara.
Haata’u malee adeemsa kana irratti rakkinoonni ni jiru. Jalqaba irratti kutaan Qur’aanaa kum akka dursee dhufee fi kutaan kum booddee akka dhufe wal mormaa jiru. Lammaffaa immoo waggoonni akkuma darbaa adeemaniin Muhaammad obsaa ta’uu irraa gara loltummaatti jijjiiramaa dhufuu isaati. Kunis kutaalen Qur’aanaa isaan nagahaa bara jalqabaa fi Muhaammad obsaa bara itti ture irratti barreeffaman, kutaalee fincilaa baroota booddee dhufaniin haqamanii jiru jechuudha. Kanaafuu namoonni kutaalee nagahaa Qur’aanaa yemmuu kaasanitti kutaaleen kunneen yeroo ammaa kana homaa faayidaa akka hin qabne gonkumaa hin hubatan.
Qabiyyeewwan Qur’aanaa
Qur’aanni namota Macaafa Qulqulluu keessatti argaman kan akka Abrahaam, Yoseef, Muusee fi Gooftaa Yesus ni dubbata. Akkasumas waa’ee yeroo dhumaa, guyyaa murtii, waa’ee jannataa fi waa’ee si’oolii nidubbata. Haata’u malee seenaaleen Qur’aana keessatti argaman Macaafa Qulqulluu keessatti kan argaman irraa baay’ee addadha. Qur’aanni waa’ee seerota gaa’elaa, hiikkaa, dhaalaa, nyaataa, gabrummaa, waraanaa fi wantoota biroo hedduu ni dubbata.
Musliimonni Qur’aana isaanii kabaja guddaadhan qabu. Of eeggannoodhan maranii eddo ol ka’aa irra kaa’u. lafa irra hin kaa’an akkasumas irrtti hin barreessan yookin mudhii isaanitii gaditti hin qabatan. Namni tokko Qur’aana isaanii akkasitti qabatee yoo argan baay’ee ni aaru. |
Qur’aanni Waa’ee Kakuu Moofa fi Kakuu Haarawaa Maal Jedha?
Kakuu moofa fi kakuu haarofni Qur’aana keessatti si’a 120 ol caqafamaniiru. Qur’aanni kan dubbatu macaafni Qulqulluun sagalee Waaqayyo isa dhugaa akka ta’eedha.
Musliimonni kan dubbatan garuu YihuudonnifiKiristiyaanonni macaafa Qulqulluu waaqayyo isaanif kenne akka jijjiraniifi baay’en isaanis macaafa Qulqulluu isaanitiif ulfina akka hin kennineedha. Haata’u malee qur’aana caalaa dhugummaa macaafa Qulqulluutif deeggarsa kan kennan ragoonni seenaa baay’en akka jiran Kiristiyaanonni beekun isaanii baay’ee barbaachisaadha.
Yesus Kiristos
Qur’aana keessatti gooftan Yesus “Issaa” jedhameet waammame. Musliimoni inni raajii akka ture, durbee irraa akka dhalate, dinqiiwwan akka hojjetee fi cubbamaa akka hin turre ni amanu. Haata’u malee Qur’aanni ifaan kan agarsiisu inni fannoo irratti akka hin duunedha. Qur’aanni Waaqayyo ilma qabaachuu isaa ni gana. Kanarra darbees Qur’aanni kan dubbatu Yesus ilma Waaqayyoo akka hin taanedha.garaagarummaa Islaamummaa fi Kiristiyaanummaa gidduu jiran keessaa inni tokkoo fi baay’ee murteessaa ta’e isa kanadha.
Yohannis 1:1-11 dubbifadhaa
Nuti Kiristiyaanonni gooftan Yesus sagalee Waaqayyo ta’uu isaa ni amanna. Humni macaafa Qulqulluu dhugummaa dubbii isaa keessa jira. Kiristiyaanotaaf humni dhugaa sagalee gooftaa fi fayyisaa keenya Yesus Kiristos keessa akkasumas dhiiga nuuf dhangala’e keessa jira. |
Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran
- Kana dura waa’ee Qur’aanaa maal beektu turtan yookis maaltu isiniif gala ture?
- Wanta amma barattan keessaa wanta qalbii keessan isin hawwatu maal argattan?
- Yeroo Musliimota waliin waa’ee Qur’aanaa dubbannu of eeggachuun kan irratti qabnu wanta barbaachisaa maal argattan?
- Qur’aana ilaalchisee wanta jennu yookin wanta goonu keessaa irraa of eeggachuu kan qabnu maali?
- Humna waraqataa fi qalama Qur’aana qabatee maal jettu?
- Qur’aanni Musliimotaaf osoo hin hafin hubachuudhaf rakkisaa kan ta’e maalifi?
- Wanti Qur’aanni waa’ee Gooftaa Yesus dubbatu wanta Kiristiyaanonni amanan irraa maalif adda ta’e?
- Yohannis 1:1-18 dubbifadhaa. Sagalee Waaqati jennee kan nuti amannu eenyu?
- Kun kan Musliimonni amanan irraa adda kan ta’e akkamitti?