Utubaalee Islaamummaa Shanan

5. Utubaalee Islaamummaa Shanan

Amantaa Hojii

Musliimonni yemmuu du’an hojiin  isaanii gaarin hojii isaanii badaa waliin akka madaalamu ni amanu. Hojiin isaanii badaan isa gaarii irra caalee kan argamu yoo ta’e kara gahaannamaa (ibidda barabaraa) akka adeemanii fi gara jannataatti galuu isaanii dura gidiraan akka isaan irra gahuudha. Hojiin isaanii gaarin yoo madaale immoo fedha Waaqayyoo yoo ta’e qajeelumaan gara jannataa adeemuu ni danda’u. Haata’u malee isaan mirkaneeffachuu hin danda’an; sababni isaas hunduu kan murteeffamu filannoo Waaqayyootin waan ta’eefi. Isaan keessaa tokko tokko kan yaaadan namoonni jihaada irratti du’an qajeelumaan gara jannataa akka galaniidha. Haata’u malee walumaa galatti Musliimonni hunduu gara gahannamaa adeemuu jalaa bahuu akka danda’an guutumaa gututti mirkaneeffachuudhan beekuu hin danda’an. Kanaafidha Musliimonni baay’en sodaa keessa kan jiraataniif.

Hojiin isaanii gaarin caalaa akka madaalu Musliimonni gochaawwan shan akka hojjetan ajajamanii jiru. Musliimonni kan amanan yoo hojiilee kanneen hin hojjetin carraan gara ibiddaa adeemuu isaanii baay’ee bal’aa akka ta’eedha. Gochaalen kunneen utubaalee Islaamaa shanan jedhamuun beekkamu. Dabalataanis seera Islaamaa, jechuunis, shari’aa ajajamuun isaan barbaachisa.

  1. Amanticha Labsuu

Amanticha ibsuun “Shahaadaa” jedhamuun beekkama. Shahaadaa jechuun haala salphaatin ‘‘labsuu’’ (dhugaa bahuu) jechuudha. Musliimonni wanta amanan yeroo hundaa dhugaa bahuu yookin dubbachuu qabu. Hiikni isaan wanta Arabiffaan dubbatanii akka armaan gadiiti:-

“Allaah malee waaqni biraa akka hin jirre, Muhaammadis ergamaa isaa akka ta’e nan rageessa.”

Musliimonni akka jedhanitti namni tokko Musliima ta’uuf jechoota kanneen ragoota lama fuulduratti si’a sadii jechuu qaba.

  1. Salaata

Islaamummaa keessatti Waaqayyo fagoo fi kan hin beekkamneedha. Kadhannaan Musliimotaa seera gaggeessudha. Waaqni akka kadhata isaanii dhagahu mirkaneeffannaa hin qaban.

Musliimonni kadhannaa duraa fi yeroo kadhannaa gaggeessan seerota amantaa hundaa raawwachuu qabu. Kan isaan amananis kadhannaa kadhachuu isaanitiin dura qaamni isaanii Qulqulluu ta’uu akka qabuudha. Kutaa qaama isaanii kan akka harkaa, mataa, fuula, ilkaan, afaan, areeda, miila fi quboota miila isaanii dhiqachuu qabu. Yeroo rafan Seexanni funyaan isaanii keessa akka bulu waan amananiif funyaan isaanitis bishaanin lolla’uu (qulleessuu) qabu. Dhiqannaalee kanneen yoo hin gaggeessine ta’e kadhannaan isaanii akka hojii gaaritti kan hin lakkawwamne akka ta’e amanu.

Yeroo kadhatan Musliimonni fuula isaanii gara Makkaatti garagalchuu qabu; mataadhanis lafa tuqanii sagaduu qabu. Yeroo kanattis kadhannaalee irra deddeebi’an ni qabu. Kadhannaalen isaanis Arabiffaan dubbatamuu qabu. Musliimonni addunyaa guutuu irratti argamanii fi Arabiffa dubbachuu hin dandeenye yeroo kadhatanitti hiika wanta jedhaniituu hin beekan.

Musliimonni guyyaatti si’a shan kadhachuu qabu. Kunneenis:- barraaqa, guyyaa walakkaa, guyyaa walakkaan akkuma darbeen, walakkeessa guyyaa booddee irratti, akkuma aduun dhiiteen akkasumas erga dukkanaa’ee booda. Musliimonni guyyaa jimaataa akka guyyaa boqonnaa isaanitti lakkaa’u. Guyyaa jimaataa kadhannaadhaf walakkaa guyyaa irratti dhiironni gara Masgiidaa adeemuu qabu. Achittis Imaamni (dursaan masgiidichaa) lallaba inni lallabu kadhannaa dura ni dhaggeeffatu.

Naannoo masgiidni jirutti gara kadhannaatti sassaabbamuudhaf waamicha afaan Arabaatin godhamu yeroo baay’ee ni dhageechu. Yeroo waamicha kadhannaa kanattis sagale-guddistuu fayyadamuun hanga danda’ametti waamichi fageenya irratti akka dhagahamu gochuun baramaadha. Musliimonni eddoon waamichi kadhannaadhaf godhamu itti dhagahamu marti Islaamummaadhaf kan daangeffameedha jedhaniit amanu.

Waamichi kadhannaadhaf godhamu Arabiffaan “Waaqayyo jabaadha. Ani nan rageessa: Waaqayyo malee waaqni biraa hin jiru, Muhaammad immoo ergamaa isaati. Kadhannaadhaf koottaa, gara wanta gaaritti koottaa” kan jedhuudha. Yeroo kadhannaa barraaqatti immoo “kadhannaan hirriiba irra baay’ee wayya” dubbiin jedhu itti dabalama.

Kadhannaan Kiristiyaanotaa kan Musliimotaa irraa baay’ee addadha. Nuti kiristiyaanonni yeroo kadhannutti Waaqayyo waliin walitti dhufeenya sirrii ni qabna. Nuti kadhannan keenya dubbii waaaqayyo waliin goonu akka ta’e yaanna. Kadhachuu keenya duratti dhiqannaa irratti xiyyeeffannaa hin goonu; sababni isaas akkamis taanu Waaqayyo karaa Kiristoosin ofitti nu fudhata.

  1. Sooma

 Soomnis kutaa Islaamaa baay’ee barbaachisaadha. Innis kan taasifamu akkaataa kaalaandara Musliimatiin ji’a saglaffaa irrattidha. Ramadaanni kan eegalu addeessi haarofti yeroo itti baatutti yoo ta’u kan raawwatamus ji’a itti aanu irratti yeroo addeessi baatudha.

Ji’a ramadaanaa keessa kan soomaniif Muhaammad yeroo ergamaa Gabri’eelii itti argeedha jedhamu sana yaadachiisufi.

Yeroo sooma Musliimaa aduun baatee hamma lixxutti nyaachuu, dhuguu, sigaaraa aarsuu yookan saal qunnamti raawwachuun hin jiru. Kunis ji’a ramadaanaa guutuu ni taasifama. Haata’u malee guyyaa guyyaadhan akkuma aduun lixxeen soomni Musliimotaa gara ayyaana nyaatatti jijjiirama. Halkan keessaa hanga sa’aatii saddeetitti hanga danda’an hunda nyaachun Musliimotaan kan barameedha. Ji’oota kaawwan caalaa, ji’a Ramadaanaa keessa Musliimonni baay’ee nyaatu.

Ji’a Ramadaanaa keessa itti yaadanii sooma cabsuun akka wanta baay’ee badaa ta’etti lakkaawwama. Sodaa gara ibidda barbaraa adeemuu bira darbee namoota sooma cabsan irratti adabbii baay’ee cimaatu irra ga’a. Biyyoota Musliimaa tokko tokko keessatti namni tokko sooma isaanii osoo cabsuu yoo argame adabbii maallaqaa baay’ee kafaluu qaba yookin reebamuu fi akkasumas hidhamuuyyuu ni danda’a.

Jiini sooma Ramadaana akka lakkoofsa keenyatti waggaa waggaan ji’oota gara garaa irra oola. Kunis lakkoofsa guyyaa Musliimotaa fi Kiristiyaanota gidduu garaa garummaa guddaan wanta jiruufidha.

  1. Zakaata

Musliimonni kan amanan Islaamummaa deeggaruu fi Musliimota harka qalleeyyii gara garaaf maallaqa yoo keennan gara Jannataatti galuudhaf carraa fooyya’aa akka qabaataniidha. Musliimonni Sunnii ta’an galii argatan hunda irraa, harka dhibba keessaa harka 2.5 kennuu fi akkasumas kenna fedhaa kennuu qabu.

  1. Hajjii (Imala Amantaa gara Makkaa)

Musliimonni hundinuu kan danda’an yoo ta’e bara jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate si’a tokko gara Makkaa imaluu qabu. Imalli amantaa kun Hajjii jedhamuun kan beekkamu yoo ta’u akka lakkoofsa guyyaa Musliimotaatti ji’a 12ffaa irratti ta’u qaba. Makkaanis kan beekkamtu magaalaa qulqullittii Musliimotaa jedhamteeti. Makkaa keessatti boca kiyuubii kan qabu ijaarsi guddaan Ka’aabaa jedhamu ni argama. Imaltoonnis isa si’a torba ni naanna’u. Musliimonni Yemmuu Ka’aabaa naanna’an dhagaa gurraacha roga ijaarrame tuquun ni dhungatu. Tarii qaama mitiyooraayitii (urjii furguuggamtuu) akka ta’e kan amanamu dhagaan gurraachi kun Islaamummaan eegalamuu isaatin duratti paagaanotaan waaqeffatamaa kan ture ennaa ta’u akka wanta baay’ee ulfina qabuu fi Qulqulluu ta’etti ni lakkaa’ama ture.

Musliimni gara Makkaatti imale Haajii jedhamee kan waammamu yoo ta’u Musliimota kaawwan biratti ulfinni guddaan ni kennamaaf.

Jihaada (Waraana Qulqulluu)Utubaa jahaffaa?

Maddeen barreeffamoota Islaamummaa fuulota Isaanii irratti Waaqa fi Islaamummaadhaf jihaadan waraana gaggeessudhaaf dubbii ulfina kennu ni qabu. Shari’aan kan dubbatu jihaadni hojii bu’uura amantaa guddaa akka ta’etti. Musliimonni heddu kan amanatan lola jihaadaa irratti hirmaachun gocha Musliimummaa baay’ee barbaachisaa ta’eefi utubaa Islaamummaa isa jahaffaa akka ta’eedha. Kanaafidha Musliimonni tokko tokko ofii isaanii fedhaan shororkeessummaadhaf dabarsanii kan kennan. 

Musliimonni addunyaa bakka lamatti qoodanii ilaalu.

  1. Naannoo Musliimonni bulchan– Naannoleen kunneen Dar Al-Islaam (mana Musliimotaa) jedhamuun waammamu.
  2. Naannolee Musliimni hin bulchine– eddoowwan kunneen Dar Al-Harb (mana lolaa) jedhamuun waammamu.

Musliimonni mana waraanaa gara mana nageenyatti jijjiiruf loluu qabu.

Akka Islaamummaa baramaatti jihaadni amanticha babal’isuudhaf karaa waaqa biraa kennameedha. Waraanni Musliimaa namoota Musliima hin taane akka waraanuf dursuun namni duulchisu Kaalif (gaggeessaa Musliima) ti.

Musliimonni tokko tokko ilaalcha waraanaa kana hin fudhatan. Isaan jihaada kan hiikan akka waraana hafuuraa onnee keessatti amala cubbuu waliin taasifamuuti. Musliimonni baay’en kan amanan jihaadni Islaamummaa, Musliimotaa fi daangaa Musliimaa weerara adda addaa irraa ittisuuf gocha amantaa taasifamu akka ta’eedha.

Keewwatawwan Amantaa Ja’an

Musliimni tokko amanuu kan qabu:-

·        Waaqa tokkotti- Amantiin kun Ta’uhiid jedhama.

·        Ergamootatti

·        Macaafota Qulqullaawotti- haata’u malee yeroo ammaa kana kan fudhatama qabu Qur’aana qofa.

·        Raajotatti- haata’u malee yeroo ammaa kana hordofamuun kan irra jiraatu Muhaammadi.

·        Guyyaa murtiitti

·        Fedhiin Waaqayyoo wanta hundaa murteessuu isaatti (predestination).

Efeson 2:1-10 dubbifadhaa.

Macaafni Qulqulluun nuti hundi keenya cubbamoota akka taane nutti hima. Waaqayyo wanta baay’ee nu jaallatuuf Ilmi isaa Gooftan Yesus dhiifamuu cubbuu keenyatiif fannoo irratti akka du’u godhe. Ayyaana Waaqayyoo fi aarsaa fannoo gooftaa Yesus irratti yoo abdanne; dhiifama cubbuu keenyatiifis isa akka fayyisaa keenyatti yoo fudhanne, akka dhiifama argannee fi akka fayyine mirkaneeffachuu ni dandeenya. Nuti kan fayyine hojii gaarii keenyan osoo hin ta’in ayyaana isaatini.

 Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran

  • Musliimonni yemmuu du’an waa’ee wanta isaan irra gahuu maal amanu?
  • Utubaalee shanan Islaamummaa tarreessuu ni dandeessuu?
  • Kadhannaa Kiristiyaana fi Musliimaa gidduu garaagarummaan jiru maali jettanii yaaddu?
  • Musliimonni osoo hin kadhatin dura gochuu kan qaban maali?
  • Musliimonni yeroo meeqa kadhatu?
  • Musliimonni ji’a kam keessa soomu?
  • Musliimonni yemmuu soomanitti ganamaa hanga galgalaatti wanti isaan akka hin goone itti himamu maali?
  • Erga galgalaa’ee booda wanti isaan godhan maali?
  • Namni tokko sooma yoo cabse maaltu ta’a?
  • Musliimni tokko hiyyeeyyidhaaf kan kennu hammami?
  • Musliimonni jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate si’a tokko hajjiidhaf kan imalan garami?
  • Erga achi ga’anii booda wanti isaan gochuu qaban maali?
  • Dhakaan gurrachi sun maali?
  • Utubaa Islaamaa isa ja’affaa jedhamee si’a tokko tokko kan waammamu maali?
  • Wantoonni ja’an Musliimni tokko itti amanu maali isaan?
  • Efeson 2:1-10 dubbifadhaa. Ayyaana jechuun maal jechuudha jettanii yaaddu? Kiristiyaanni kan fayye akkamitti? Kun Islaamummaa irraa kan gargar ta’u akkamitti?

 

IFA – Baafata