6. Amantaalee Islaamummaan Yaada Irraa Waraabbate
Boqonnaa kana keessatti kan barannu Islaamummaan barmaatilee, seerota fi amantaawwan yeroo sana jiraniin dhiibban akka irratti taasifameedha. Bara Muhaammad jiraatetti amantaawwan Arabiyaa keessa turan gurguddoon Yihudii, Kiristiyaanummaa fi Paagaaniizimii ture. Muhaammad mataan isaa kan guddate paagaanii ta’uudhan ture; haata’u malee daldalaaf yeroo imalaa turetti Kiristiyaanotaaf Yihudota waliin walitti dhufeenya gochaa ture. Paagaaniizimiin yeroo sanatti Araboota heddu biratti amantaa baramaa hordofamaa ture waan ta’eef yeroo baay’ee aduu, urjiilee, addeessa, abboota durii, hafuurotaa fi waaqolii tolfamoo ni waaqeffatu turan. Kiristiyaanummaa, Yihudii fi Paagaaniizimii waliin akkasumas amantaa Parshiyaa (Iraan) durii, jechuunis Zoro’astriyaaniizimii waliin wantoonni baay’ee wal fakkaatan ni jiru
Amantaa fi Aadaa Yihudi fi Kiristiyaanummaa
Mil’annaa jalqabaa irratti Islaamummaan Kiristiyaanummaa fi Yihudii waliin walfakkata. Amantaalen sadanuu Waaqni tokko qofti jiraachuu isaa nibarsiisu. Seenaawwanii fi namoonni macaafa Qulqulluu keessatti argaman heddu Qur’aana keessattis ni argamu. Qur’aannis yaadota gurgoddoo, jechuunis kan akka uumamaa, si’oolii fi bara dhumaa nidubbata. Haata’u malee seenaalee fi yaadonni kunneen yemmuu itti siqamanii ilalaman Macaafa Qulqulluu irraa baay’ee adda ta’uun isaanii baay’isee ifadha.
Kun keessumattuu dhugaa ta’ee sirriitti kan mul’atu Qur’aanni waa’ee Gooftaa Yesus ennaa dubbatutti. Qur’aana keessatti Yesus Waaqa osoo hin ta’in nama qofa. Qur’aanni Gooftan Yesus fannoo irratti hin duune jechuun dubbata. Wantooni kunneen barsiisa Macaafa Qulqulluu waliin wal faallessu.
Beektonni tokko tokko akka amananitti kutaan Qur’aana harki caalu kan hundeeffame kitaabota Kiristiyaanota barsiisa sobaa hordofan irrattidha. Akkasumas kitaabota kadhannaa Kiristiyaanota Sooriyaa (afaan Aramaayikiitin) barreeffaman akkasumas seenawwan dogoggoraa waa’ee Gooftaa Yesus dubbataman, jechuunis wantoota namoonni bara Muhaammad jiraatan dabarsan irratti kan hundaa’edha. Islaamummaan dhiibban Kiristiyaanummaa akka irra jiru wanti agarsiisu inni biroo diizaayinii masgiidotaati. Gidduutti geengo fi gamoo guddaan diizaayinii waldaalee Kiristiyaanaa baha giddu galeessaa bara sanaa ture.
Maddeen Zoro’astriyaaniizimii
Kutaalen Qur’aanaa tokko tokko maddeen Zoro’astriyaaniizimii irraa kan fudhataman fakkaatu. Fakkeenyaf Muhaammad imala gara samiitti taasise, jannataa fi dubareewwan ija gurraacha qaban akkasumas riqicha Musliimonni gaafa murtii irra ce’an kaasun ni danda’ama. Musliimonni addeessa walakkaa si’a tokko tokko urjii waliin Islaamummaadhaf mallattoo taasisanii fayyadamuun isaanii akkasumas yeroo baay’ee alaabaawwan, kitaabotaa fi masgiidota irratti mul’achuun isaanii akka beektonni yaadanitti mallattoolen kunneen mootummaa Parshiyaa keessa kan ture amantaa Zoro’astriyaaniizimii irraa kan fudhatamaniidha.
Dhiibbaawan Paagaaniizimii
Qur’aanni kan barreeffame bifa walaloo Arabaa duriitini. Kunis xibaartonni Arabootaa Paagaanota ta’an kan raawwataniidha.
Paagaanonni Arabaa dhagaalee Qulqulluu ta’an, hafuurotaa fi waaqolii baay’ee waaqeffatu turan. Muhaammad wanti hordoftoota isaatti hime waaqni tokko qofti akka jiru yoo ta’u barmaatilee fi amantiiwwan Paagaanotaa heddu fayyadamuu itti fufuun isaa kan nama ajaa’ibsiisudha.
Boqonnaa darbe irratti akkuma ilaalle amantaan Musliimotaa kan hundeeffame utubaalee shanan irratti akka ta’eedha. Kunneenis: amanticha labsuu, kadhachuu, ramadaana soomuu, kennaa gargaarsaa kennuu fi gara Makka hajjii gochuudha. Gochaalen kunneen eessaa akka dhufan beekun baay’ee kan nama ajaa’ibsiisudha. Kadhannaa fi soomni barmaatilee Kiristiyaanaa yemmuu ta’an, hajjii gochuun immoo akkuma jirutti kan fudhatame amantaa Paagaanii irraati. Kunis bara Muhaammad Makkaa kessatti kan adeemsifamaa tureedha.
Gara Makkaa Imaluu
Musliimonni jireenya isaanii keessatti yoo xinnaate si’a tokko Makkaa daawwachuudhaf yaalii taasisuu qabu. Imalli gara Makkaatti taasifamu Hajji jedhameet beekkama. Isaanis uffata adii adda ta’e uffachuudhan marsaa Ka’abaa si’a torba naanna’uu qabu. Yemmu kana godhanittis maqaalee Musliimaa Waaqayyof kennaman ni waamu. Amantaa Islaamummaatif Hajjii fi Makkaan baay’ee barbaachisoodha. Muhaammad kan dubbate wanti Hajjii waliin wal-qabate hundi sirrumaan waaqa biraa kandhufan akka ta’eedha. Haatamu malee wantoonni baay’en ifaan kan fudhataman Paagaanota naannoo sana jiraatan irraati.
Musliimonni akka dubbatanitti Ka’abaan jalqaba irratti Addaamin akka ijaarameedha. Itti aansunis bishaan badiitin erga badee booda Abrahaam deebisee ijaare. Haata’u malee beektonni seenaa kan itti walii galan dhaloota Muhaammad waggoota kurna xinnoo dura dhagaa fi mukaan akka ijaarameedha. Sana dura garuu dameewwan mukaa irraa akka gordommaatti (daasitti) kan ijaaramee fi eddoo Paagaanonni itti waaqeffataniifi aarsaa itti taasisan ture. Gosoonni Muhaammad kan Paagaanota turan akkasumas Paagaanonni naannicha irra turan hundi Ka’abaa wiirtuu guddaa waaqeffannaa fi aarsaa itti dhiheessan godhanii itti fayyadamu turan.
Muhaammad yeroo Islaamummaa itti hundeessetti Yerusalem fuulleeffannaa kadhata Musliimotaa akka taatu dubbatee ture. Haata’u malee Kiristiyaanotaaf Yihuudotaan fudhatam erga dhabee booda, fuulleeffanna isaa gara Makkaa deebise. Makkaas waraanee injifate. Sana boodas Makkaa fi Ka’abaa wiirtuu waaqeffannaa Musliimaa taasisee jijjiire. Kunis Paagaanota Makkaa injifataman irraa deeggarsa argachuu fi gara Islaamatti isaan jijjiiruf yaadamee kan taasifameedha. Muhaammad barmaatileen paagaanii tokko tokko Islaamummaa keessa akka galan hayyamee jira.
Musliimonni ammas akkuma Paagaanonni gochaa turan “Miinaa” irratti aarsaa horii ni dhiheessu. Ammas “Arafaat” irra nidhaabbatu, akkasumas gaarren lameen naannoo Makkaatti argaman gidduu ni fiigu. Paagaanonni waaqota isaanii baay’ee sanaaf aarsaa nidhiheessu turan ..akkasumas boca waqota tolfamoo isaanii irratti dhiiga ni dibu turan. Paagaanonni naannichatti argaman hundi gara Makkaa ni imalu turan. Isaanis Ka’abaa naanna’aa maqaa waaqota isaanii ni waamu. Akkasumas dhagicha gurraacha ni dhungatu harkaan ni qaqqabus turan. Waaqolii baay’ee waaqeffachuu irraa kan hafe barmaatileen Paagaanotaa kunneen Islaamummaatti dabalamanii jiru.
2Qorontos 6:14-18 dubbifadhaa
Eddoowwan kanneen irratti waaqayyo wanti nuhubachiisu waaqeffannaa namoota hin amanne waliin akka hirmaachuu hin qabneedha. Ammas taanan nuti isaan jaalachuu fi sagalee misiraachoo isaanif qooduu ni qabna. Haata’u malee amantaa isaanii keessatti akka hin fudhatamne of eeggachuu qabna. Macaafa qulqullut keessatti Waaqayyo want qulqulluu hin taane hunda akka jibbu baay’ee ifadha. Inni amantaalee badaa fi soba ta’an irraa nu eeguu barbaada. Wantoonni kunneen hamoota waan ta’aniif gara dhiphinaa, gammachuu dhabiinsa fi dhuma irrattis gara du’aa nu geessu. Kanaafidha Waaqayyo waaqeffannaa sanyii, raaga, waaqolii tolfamoo, waqeffannaa Paagaanii yookan wanta isa irraa hin taane kam wajjiinillee walitti dhufeenya akka hin qabaanne nutti himee jira. Waaqayyo inni abbaa keenya ta’uu isaa fi nuti immoo ijoollee isaa ta’uu keenya nu yaadachiisa. Inni nu jaalata. Nutis isa jaalachuu fi isa qofa waaqefachuu qabna. |
Gaafilee Hubannoo fi Mariidhaf Gargaaran
- Bara Muhaammad amantaawwan Arabiyaa maal turan?
- Paagaanonni Arabiyaa eenyu yookan maal waaqeffatu turan?
- Islaamummaan waaqeffannaa Kiristiyaanummaa fi Yihudii irraa kan ergifate kutaa isa kami?
- Qur’aanni waa’ee Gooftaa Yesus wanti barsiisu kan Macaafni Qulqulluun barsiisu irraa kan adda ta’e akkamitti?
- Mallattoon addeessa walakkaa Musliimotaa eessa irraa dhufe?
- Utubaa amantaa Musliimotaa imala gara Makkaa, imala Paagaanonni gara Makkaa taasisan irra garaagarummaan isaa maali?
- Utubaa sooma Islaamummaa fi sooma Paagaanotaa wanti guddaan wal isaan fakkeessu maali?
- 2Qorontos 6:14-18 isa jiru dubbifadhaa. Warra hin amanne waliin hin kiyyeeffaminaa inni jedhu hiikni isaa maali?
- Wanta isa irraa hin taane waliin akka walitti dhufeenya hin uumne Waaqayyo kan nu ajaje maalifi jettanii yaaddu?
IFA – Baafata