Miidhaginni Dhugaatti Ulaagaa Ta’uu Mala?

Miidhaginni Dhugaatti Ulaagaa Ta’uu Mala?

Madaallii Qur’aanaa kan Sirrii hin Taane

“Yoo waan Nuti gabricha keenya irratti buufne (Qur’aana) irraa mamii keessa taataaniif, yoo kan dhugaa dubbattan taataniif, suuraa akka isaa (tokko)  fidaatii ragoota (gargaartotaafi deeggartoota) keessan kan Rabbiin ala jiranis waammadhaa” (Qur’aana 2:23, dabalatas 11:10, 10:37-38, 17:88).

Musliimota dhugaa kan ta’an Qur’aanni guutummaatti dubbii Allaah ta’uu isaa fudhachuu isaaniin dogoggora kamiyyuu akka hin qabaanne amanu. Kanaafuu Qur’aanni ofii isaatiin iyyuu haala dubbateen sirna barreeffamaan hanga Qur’aanaa miidhagina kan qabaatu hin turre, hin jiru, jiraachuu iyyuu hin danda’u. Amantaan kun duuchaa dhumatti gidduu gala sababaa (Circular Reasoning) irratti kan hundaa’e ta’uu isaatiin Qur’aana akka dubbii Rabbiitti namni fudhate dhugaa ta’uu dubbichaa ilaaluuf carraa isaa hin qabaatu. Garuu kan amanu sanaaf Qur’aanni dogoggora of keessaa kan hin qabaanne dubbii Rabbii waan ta’eef kitaaba yokiin keeyyata isaatiin fakkaatu kalaquuf yaaliin kamiyyuu dirqama gatii kan hin qabaanne ta’uun isaaf mala. Barreessaan Qur’aanaa ilaalcha akkanaa namoota dubbifatan keessatti uumuuf fedha guddaa qabaachuu isaatiin keeyyata itti fufee jiruun ittiin sodaachisuuf akkana kan jedhu dubbateera:

“Yoo (amma dura) hin dalagin; fuuldurattis hin dalagdanu, kanaafuu ibidda qabsiisaan ishee namaa fi dhagaa ta’e kan kaafirootaaf qopheeffamte sodaadhaa” (Qur’aana 2:24).

Qur’aana akka dubbii dhugaatti namoota fudhataniin sodaan hidhuu isaatiin fi hubannaan akka hin ilaalleef isaaniif heeyyamamuu dhiisuu isaatiin Musliimonni madaallii kana fudhachuuf fedha kamiyyuu hin qabaatan. Kanaafuu falmiin kun otuu hin eegalamiin Qur’aanni dursee injifannoo labsachuun isaa falmii kana hiika dhabeessa godha. Jalqabumatti iyyuu “miidhaginni ajaa’ibsiisaa” kun afaan Arabaan qofa akka ta’e dubbatamuu isaatiin ajaa’ibsiisummaa Allaah afaan ittiin dubbatamu tokkoon daangessuun olaantummaa Waaqummaa dhabsiisa. Dabalatas afaan Arabaa beekumsa kan gaafatu ta’uu isaatiin kanneen afaan Arabaa dubbatan hawaasa addunyaa muraasaaf loogii gochuun  akka Rabbii loogii godhutti fakkeessa.

Namooti Musliima hin taane baroota hundumaa keessatti keeyyatootaa fi kitaabota Qur’aana fakkaatan kalaquu danda’uu isaanii fi sirni barreeffama Qur’aanaa miidhaginni isaa hanga kanaatti kan nama hawwatu ta’ee argamuu dhiisuu isaa dubbachaa turaniiru. Kun Qur’aana fudhatama dhabsiisuu fi dhimma Qur’aana barbaaduu dhiisuu namoota bara Muhammad jiraachaa turaniin dabalatee dubbatamaa akka ture keeyyatootnni Qur’aanaa hedduun isaanii in argisiisu (16:24፣ 16:101፣ 21:5፣ 25:4-6፣ 6:25፣ 8:31፣ 10:38፣ 11:13, 35፣ 16:24፣ 83፣ 27:68፣ 46:8-9, 17፣ 52:33፣ 68:15፣ 83:13፣ 6:33፣ 10:41፣ 35:4).  Ta’us Musliimonni dhimma kana yommuu haalanii fi yaada Qur’aanaan walii galuun akkasumaan falmaa jiraataniiru. Haala Musliimonni barbaadaniin falmii kana namni galmaan ga’uu danda’u hin jiru. Namoonni murtiitti kennan Musliimota ta’uudhaa yoo baatan immoo falmiin kun irra deddeebi’amee milkaa’inaan golaabamuun Qur’aanni fudhatama kan hin qabaanne ta’a. Namoonni Qur’aanaatti amanan yaada Qur’aanaan kan hidhaman ta’uu isaaniin falmii kana yaaluuf carraa isaa qabaachuu dhaa yoo baatan iyyuu falmiin Qur’aanni namoota kanaaf dhiyeesse (Musliimota kanneen hin taane)  yaaluudhaan milkaa’ina galmeessaniiru. Musliimonni namoota kanaan hanqina beekumsaan, jibba yokiin namoota Sheyxanaan gowwomfaman jechuudhaan komachuu fi himachuu danda’u. Garuu komee fi himanni akkanaa Musliimonni yaada Qur’aanaan kan hidhaman ta’uu isaanii mirkaneeffamuurra darbee hiika hin qabaatu. 

Rakkina falmii kanaa hundee isaatiin yommuu ilaalamu miidhagina ulaagaa dhugaa gochuun dhiyeessuu isaa ti. Kun sababa lamaan fudhatama kan hin qabaannee dha. Inni jalqabaa ulaagaan miidhaginaa dhaabbataa ta’e jiraachuu dhiisuu isaa ti. Haala dubbii isaatiin yommuu ilaalamu “miidhaginni akkuma daawwatoota isaa ti”. Isa tokkoof miidhagaa yommuu ta’u kanneen kaaniif ammoo jibbisiisaa ta’uu mala. Fakkeenyaaf yoo jedhame, abbaa sagalee gosa shanii kan ta’e Muuziqaan Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanotaaf jaallatamaa yoo ta’an iyyuu kanneen kaaniif garuu sagaleewwan toorba keessaa lamaan hir’ifamuun isaanii miidhagina isaa balleessa. Itiyoophiyaanoti hedduun ammoo muuziqaawwan baar gamoo sagaleewwan lama dabalachuu isaaniin sagaleen isaanii nama hawwachuu akka hin dandeenyetti yaadu (Itiyoophiyaanoti sagaleewwan toorbaa fi isaatiin ol fayyadan jiraachuu isaanii dagachuun nuuf hin malu). Kun kan nu argisiisu miidhaginaaf ulaagaa dhaabbataa ta’e kaa’uun rakkiisaa ta’uu isaa ti. Isa kana ammoo jireenya idilee keenyaa keessatti iyyuu ilaaluu fi hubachuu dandeenya.

Sababni biroon ammoo falmiin kun dubbiin miidhagaa ta’e hundi dhugaa dha kan jedhu yaada adda durummaa of keessaa qabachuu isaa ti. Miidhaginni kan dhugaa akkuma ta’e akkuma kana ammoo miidhaginni kan sobaa ti. Dubbiin miidhagaa ta’e hundi dhugaa miti. Dubbiin miidhagaa ta’e hundi soba miti. Miidhaganni gonkumaa dhugaa fi soba adda baafachuuf ulaagaa ta’ee dhiyaachuun isaaf hin malu. Raajoti (nabiyyoonni) sobduu hordoftoota isaanii adamsuun kan ittiin qabatan dubbii miidhagina qabaatuun ta’uu isaa dagachuun nuuf hin malu. Daayimandii hin tolfamne yokiin warqee hin bocamne ijaan yommuu ilaalaman miidhagina qabaachuu dhiisuu danda’u. Garuu daayimandichi daayimandiidha, warqeen kunis warqeedhuma. Dubbii tokko dhugaa yokiin soba kan godhu dhageetti gurraaf haala miidhagaa ta’een dhiyeeffamuu fi dhiyeeffamuu dhiisuu isaa otuu hin taane qabiyyee isaa ti. Dhimmi kun falmii kan kaasu natti hin fakkaatu.

Keessumaa dubbiin tokko ulaagaa dhugaan ta’uu kan malu miidhagaa yokiin miidhagaa ta’uu dhiisuu isaa otuu hin taane qabiyyeen isaa qindaa’ina dubbii isaan yommuu hiikamu dhugaa ta’ee dhaabachuu danda’uu fi danda’uu dhiisuu isaa ti. Kanaafi, ergamtichi Phaawulos kana jechuun kan dubbate:

“Yaa obboloota ko! Ani yeroon gara keessan dhufe, namoota kan biraa caalaatti dubbachuudhaan yookiis ogummaa argisiisuudhaan, dhoksaa Waaqayyoo isinitti lallabaa hin dhufne. Hamman isin bira turettis Yesus Krsitos, isa fannifame sana duwwaa beekuu koo akkan mul’isuuf murtoo godheen ture. Ani dadhabbii, sodaadhaa fi rom’a baay’eedhaanan isin bira ture. Dubbiin afaan koo, lallabni koos humnii fi hafuurri Waqayyoo akka na keessa jiru argisiise malee, dubbii ogummaa namaa keessaa ba’een amansiise miti. Egaa amantiin keessan humna Waaqayyoo irra malee ogummaa namaa irra hin dhaabanne.” (1Qor. 2:1-5).

Ergaan miidhagina dubbii irratti hundeeffame soba ta’uun isaa beekamaa dha. Dhugaa dha, ergaa dhugaa ta’e dubbii miidhagfameen dhiyeessuun in danda’ama. Garuu dhugaa ta’uun isaa kan mul’atu miidhagina dubbii gurra irratti shakkii uumu irraa bilisa yommuu ta’u dhugaa ta’uun isaa mirkaneeffamee of danda’ee dhaabachuu yommuu danda’u qofaadha. Ergaan dubbii miidhagaan guutame qabiyyeen isaa yommuu madaalamu kufaa ta’ee argama yoo ta’e safartoo haqaa eeguu dhiisuu isaatiin fidhatama hin qabaatu. Namoonni bilchina sammuu qabaatanii fi hawaasni qaroome biratti dubbiin tokko dhugaa ta’uu isaa ergaa dhugaa ta’e dabarsuuu yokiin dabarsuu dhiisuu malee miidhagina isaatiin hin maadalamu. Kanaafi, biyyoota dhihaa muraasatti yeroo duula na filadhaa namoonni dubbii miidhaginaa dubbatan otuu hin filatamiin hafanii faallaa kanaan ammoo namoonni dandeettii dubbii miidhaginaa hin qabaanne dubbatan yommuu injifannoo argatan kan hubannu. Hawaasa qaroominaan dubbatti hafaa ta’an keessatti garuu miirrii fi miidhaginni dubbii gatii guddaa in qabaatu.

Ergaawwan Kiristiyaanummaa fi Islaamummaa “dubbii miidhaginaa” kan jedhamu ilaalcha of keessaa balleessuun yommuu isaan ilaallu dhugaa ta’anii dhaabachuuf dandeettiin isaanii hangami? Gaaffiin deebii argachuu malu isa kanadha! Yaa Musliimota obboleeyyan keenyaa, dhugaaf kan dhimmitan yoo taatan “isaatiin kan fakkaatu suuraa uummadhaa” kan jedhu falmii gatii hin qabaanne kan isin hin fudhannee fi hin yaalle dhiisuun ergaa kitaaba keessanii madaallii haqaan madaaluuf fedha kan qabaattan ta’a.

QUR’AANA