Muhammad Ergamaa Rabbii moo kan Sheyxaanaa

Muhammad Ergamaa Rabbii moo kan Sheyxaanaa?

Jireenya Muhammad yommuu qorannu seenaawwan ajaa’ibsiisaa hedduu arganna. Seenaawwan kana Kitaaba Qulqulluu fi nabiiyyota (raajota) kanneen duraan bu’uura godhannee yommuu madaallu ulaagaa nabiiyyummaa kan dhugaan madaalamee kufaa ta’eera. Seenaawwan isaa keessaa tokko daa’imummaa isaatii eegalee hanga dargaggummaatti darbees hanga du’a isaatti waliin kan ture shaakala hafuura hamaa ti. Kitaabonni Haadisii fi Siiraa Muhammad dhaloota isaatii eegalee hafuurri hamaan rakkisaanii akka ture argisiisu. Hafuurri hamaa kun isaatiin kan rakkise “nabiyyummaaf” erga filameen booda itti fufuu isaa ti kana malees hafuuronni hamaa rakkisuu fi qajeelfama isaaf kennaa akka turan gabaafameera. Kana hundumaa kan dubbannu odeeffannoo Islaamummaa keessaa ragaawwan hin haalamne of harkaa qabaanneetu malee Musliimota obboleeyyan keenya gaddisiisuuf ragaa malee nabiyyummaa isaanii fudhatama jalaa dhabsiisuuf kaayyoo qabaannee miti. [1]

  1. Muhammadii fi Daa’imummaa Isaatti Shaakala Sheeyxanummaa

Muhammad ulfeeffamee ji’a ja’affaa isaatti abbaan isaa Abdallaah addunyaa kanarraa du’aan adda ba’uu isaa fi harmeen isaa Amiinaa Biint Wahiib aadaa Araboota yeroo sana jiruun daa’ima kan ture Muhammadiin harma akka hoosiftuuf dubartii Haalimaa jedhamtuuf kennuu isheetiin, yeroo muraasaaf baadiyaa jiraachaa akka ture seenaan dhuunfaa isaa in dubbata. Egaa yeroo kana ture uumamaan dhokataa kan ta’an waliin hariiroo kan eegale. Seenaan kun haayyuu beekamaa Iibin Isihaaq kan hiikan W. M. Watt jedhamurra kan jiru seenaa Muhammad fuula 36 irraa akkanaan dubbifama:

Namoota lama saahinaa cabbiin guutame harka isaaniin qabatanii gara koo yommuu dhufan arge. Na qabatanii qaama koo bakka lamatti qooduun bananii onnee koo baasuun bakka lamatti hiranii keessa isaa dhiiga itite baasanii gatan. Kana boodas qaamnii fi onneen koo hanga qulqullaa’utti cabbii of harkaa qabaniin na qulqulleessan.[2]

Taateen kun Haalimaa fi maatii ishee hedduu yaaddessuu isaatiin Muhammadiin harmee isaaf deebisuun akka kennite seenaan kun in dubbata. Sodaa Haaliimaa Suuraa Iibin Yisihaaqiin barreeffame keessatti akka itti fufee jiruun dubbifanna:

Abbaan (hiriyaan Muhammad) akkana naan jedhe “Mucaan kun tarii dhukkuba onnee qabaachuu isaatu na yaaddessa. Otuu wanti hamaan hin uumamiin gara maatii isaatti deebisaa.” Haati Muhammad maaltu akka uumamee fi sheeyxanni isa qabuu isaa dhimmitee na gaafatte. Boqonnaas naaf hin laanne. Anis dhugumatti shakkuu koo isheettin hime.[3]

Egaa eegduun Muhammad to’annaa Sheeyxanaa jala jiraachuu isaa amanuu isheetu hubatama. Wanti kun hangam ulfaataa ta’uu isaa ti gara maatii isaatti kan deebifte? Dhimmi dubartii kanaa humna isheetiin ol ta’e mudachuun isaa ifaadha.

  1. Muhammad Holqa Hiiraa Keessatti: Waamicha Nabiyummaa

Muhammad taatee holqa Hiiraa keessatti isa mudate ilaalchisuun Saahiih Al-Buhaarii 9:111 irraa akkana jedhameera.

Ayishaan akkuma dubbatte: Ergamticha Allaaf kan dhufe mul’anni jalqabaa bifa abjuu dhugaa kan qabaatu ture. Wanta ifaa akka guyyaa aduu yoo ta’een kan hafe malee hin abjootu ture. Innis gara holqa Hiiraa qofaa isaa deemuun guyyootaa fi halkan hedduuf Allaaf sagada ture. Innis yommuu deemu turtii guyyoota isaaf kan malu nyaata qabatee deema ture. Yommuu jalaa dhumus nyaata yeroo kaaniif ta’u fudhachuuf gara haadha manaa isaa Kadiijjaa deebi’ee dhufa ture. Kunis mul’anni isaa hanga holqa Hiiraa keessatti isaaf dhufutti godheera. Otuma kanaan jiruu Ergamtichi gara isaa dhufuun akka dubbisu gaafateen. Nabiyyichis “Ani dubbifachuu hin danda’u” jedhee isaaf deebise. Akka Nabiyyichi jedhanitti “Ergamtichi humnaan qabee na rakkisuun humna koon olitti harka koo cimsee qabe. Kana boodas gadi na dhiisuun dubbisi naan jedhe. Anis isaaf deebisuun “dubbifachuu hin danda’u jedheen.” Ammas na qabee of to’achuu hamman danda’uun olitti harka koo cimsee qabe. Kana boodas gadi na dhiisuun irra deebi’ee dubbisi naan jedhe. Anis irra deebi’uun dubbifachuu hin danda’u jedheen. Innis yeroo sadaffaaf na qabee hamman of to’achuu danda’uun olitti harka koo cimsee qabuun gadi na dhiisuun kana booda akkana naan jedhe: “Maqaa Gooftaa keetii Isa (waan hunda) uumeetiin dubbisi. (Isa) nama dhiigaa ititaa irraa uume. Haala Gooftaan kee hunda irra arjaa ta’een qara’i” (Suuraa 96:1). Ergamtichi Allaan (Muhammad)mul’ata isaa fudhatee yommuu deebi’u gara Kadiijjaa hanga dhufutti sodaa fi maashaan morma isaatii kirkiraa ture. Yommuu ishee bira ga’u “na golgaa, na golgaa” jedhe. Isaanis sodaan isaa hanga irraa deemutti golganiin. Innis “yaa Kadiijjaa maalan ta’aa jira?” jedhee ishee gaafate. Wanta isa mudate hundumaa erga itti dubbateen booda “tarii waa ta’uun koo hin oolu” isheetiin jedhe.  Kadiijjaanis akkana jetteen “gonkumaa, maqaa Allaatiin! Ati ergaa guddaa of keessaa kan qabduudha. Ati firoota kee waliin hanga hariiroo qabaattee jirtutti, dhugaa hanga dubbataa jirtutti, hiyyeessotaa fi rakkatoota hanga gargaaraa jirtutti kana malees keessummoota iyyuu hanga simataa jirtuutti  Allaan gonkumaa sin dhiisu” jetteen. Garuu yeroo muraasa booda Warraaqaan in boqote. Mul’anni waaqummaas yeroof addaan cite. Sababa kanaanis Nabiyyichi in gadde.   Yeroo baay’ee fiixee gaara gubbaa irraa of darbatee ajjeesuuf akka yaalee fi yeruma of darbachuuf gara fiixee gaara gubbaa irra ga’u Gabreel itti mul’achuun “yaa Muhammad dhugaatti ati ergamaa Allaah ti” yommuu jedhuun sammuun isaa akka tasgabbaa’uu fi nagaa argatu, kana boodas gara manaa isaa akka deebi’u dhageenyeerra. Dhufaatiin mul’atichaa yommuu turuu eegalu akkuma kana duraa gochaa ture. Yeruma gara gaaraa dhufu Gabreel kana dura akkuma isaatiin jechaa ture itti dubbataa ture.

Odeffannoo Islaamummaa itti fufanii jiraniin Muhammad wanta holqa keessatti isa mudateen sodaa keessa isaa jiru dubbata:

Siiraa Iibin Saad qajeelfama 1, kutaa 1.45.1

Yaa Ayishaa ifa argeera sagalees dhaga’eera kanaafuu qaalluu akka hin taaneef sodaadheera jedhan…[4]

Musnaad Ahimad Biin Hanbalii qajeelfama 3, lakkoofsa 2845

Nabiyyichi Kadiijjaan akkana jedhan: “ifa argeera sagalees dhaga’eera, tarii keessi koo to’annaa Jiinnii jala akka hin taanen sodaadha isheetiin jedhe…”[5]

Siiraa Iibin Saad qajeelfama 1, kutaa 1.45.3

Yaa Kadiijjaa…Allaah biratti qaalluu fi waaqi tolfamaa kan jibbamuun caalaatti wanta kamiyyuu hin jibbamne. Kanaaf Ani ofii kootiin qaalluu akka hin taane sodaadheera jedhan.[6]

Namoota garaa garaan hanga gabaafamee jirutti qaama haaraa ta’e kanaan daawwannaa Muhammadiif godhame barreeffamoota gabaasan keessaa garaa garummaan muraasa ta’e jiraachuun isaanii ifaadha. Seenaawwan kun dhimmoota xixiqqaan garaa garummaa yoo qabaatan iyyuu taatee seenaa guddaa isaa argachuu dandeenya. Kunis Muhammad hafuura hamaa fi rakkisaa ta’e tokkoo waliin hariiroo qabaachaa akka ture dha. Garuu haati manaa isaa Kadiijjaan katee ishee irraa kaaftee argisiisuun qaamni itti mul’atee ture ergamaa malee hafuura hamaa ta’uu dhiisuu isaa isa amansiisuu fi tasgabbeessuuf yaalteetti:

Al-Zubeeyir Iismaa’iil Biin Hakiim Kadiijjaa irraa dhaga’uun akkuma natti hime, Kadiijjaan ergamaa Allaatiin akkana isaaniin jette: Yaa ilma eessuma koo! Holqa keessatti kan sitti mul’ate gara kee dhufe natti himuu dandeessa? Innis eyyee nan danda’a jedhe. Isheenis yommuu deebi’ee dhufu natti himi isaaniin jette. Yeroo Gabreel dhufe gara koo kan dhufee ture kunoo ti isheetiin jedhan. Yaa ilma eessuma koo ka’ii gudeeda bitaa koo irra taa’i isaaniin jette. Ergamaan Allaah in taa’an. Isheenis sitti mul’ata? Isaaniin jette. Isaanis eyyee jedhan. Isheenis naanna’uun gudeeda koo kan bitaarra taa’i isaaniin jette isaanis in taa’an. Isheenis amma sitti argamaa jette? Isaaniin jette isaaniis eyyee isheetiin jedhan. Ammas katee ishee of irraa kaasuun gara gudeeda koo ol hiiquun taa’i isaaniin jette ammas itti hiiquun taa’an. Isheenis amma sitti argamaa? Isaaniin jette, isaanis eyyee yommuu jedhan, sarbaa ishee irraa ol hiiquun akkuma taa’anii jiraniin golgaa ishee fi guutummaa uffata ishee uffattee jirtu of irraa baasuun qullaa ishee ta’uun amma hoo sitti mul’ataa? Isaaniin jette. Natti hin mul’atu isheetiin jedhan. Isheenis yaa ilma eessuma koo sammuun kee haa tasgabbaa’u gammadi, inni ergamaa dha malee Sheyxana miti isaaniin jette. [7]

Akka yaada Kadiijaatti Muhammadiif kan mul’ate Sheyxana erga ta’ee naamusni waan itti hir’atuuf  qullaa durbaa ilaaluu irratti rakkina hin qabaatu. Ergamaa yoo ta’e garuu naamusa kan qabaatu ta’uu isaatiin qullaa durbaa ilaaluu hin danda’u. Nama waa’ee hafuuraaf beekumsi itti hir’ateen kan hafe yaada akkanaa namni yaadatti galfatu hin jiru. Wanti ajaa’ibsiisaan gudeeda Kadiijjaa qaaneffatee irraa baqate kan jedhameef Jibriil, akka barreeffama Qur’aanaatti waggoota 600n dura yommuu Maariyaam (Mariyam) itti mul’ate gudeeda ishee gidduu hafuura itti baafateera (Suuraa 66:12, 19:21). Dhimma kana irratti yaadni Iibin Kasiir kenne miil-jalee irratti ilaala[8]. Kanaafuu waggoota 600n dura gudeeda durbaatti hafuura baafachuun kan hin qaaneffanne Jibriil akkamiin gudeeda Kadiijjaa qaaneffachuu danda’e?

Qaamni itti mul’ate kun Jibriil (Gabreel) ta’uu isaa Muhammadiif kan dubbate ammoo Warraaqaa kan jedhamu eessuma Kadiijjaa ture. Qaamni Muhammadiif mul’ate garuu Gabreeliidha ofiin hin jenne. Bifa ergamaa iyyuu hin qabaatu ture:

“…kana booda Warraaqaa Iibin Naafaa’uul waliin isaan argisiise. Innis Islaamummaan dura Kiristiyaanummaa kan fudhatee fi Allaan hanga barreessuu isaaf heeyyameen, Wangeela afaan Ibruutii gara afaan Arabaatti hiikuun nama kitaaba barreesseedha. Warraaqaan yeroo sanatti dulloomee agartuu isaa iyyuu dhabee ture. Kadiijjaan Warraaqaan, eessuma ko, seenaa ilma obboleessa kee dhaggeeffadhu isaatiin jette. Warraaqaanis yaa ilma obboleessa ko maal argite? Jechuudhan gaafateen. Ergamtichi Allaah kan argan hundumaa isaaniif ibse. Warraaqaanis, inni Allaan gara Musee (Muusaa) ergee ture Gabreeliidha isaaniin jedhe. …Warraaqaanis akkuma du’een mul’nni nabiiyyichaaf bu’aa ture addaan cite…”[9]

Warraaqaan qaamni kun Gabreel ta’uu isaa akkamiin beeke? kan jedhu gaaffii deebii hin arganneedha. Garuu amalli qaama kanaa qulqullootaaf mul’ataa kan ture Gabreeliin akka hin fakkaanne Caaffata Qulqullaa’aa dubbifatanii hubachuun ni danda’ama.

  1. Muhammad haala ittiin mul’ata fudhachaa ture

Qaamni Muhammadiif mul’aa kennaa ture sagalee qaacilaan dubbachaa akka turee fi sagaleen kun ammoo kan Sheyxanaa ta’uu isaa odeeffannoowwan Islaamummaa keessaa dubbifachuun baay’ee nama sodaachisa:

Saahiih Musliima 30:5765

Saahiih Al-Buhaarii qajeelfama 4:54:438

Al-Haarisaa Biin Hishaam Nabiyyiin akkana jechuun isaan gaafate: Mul’anni kun yommuu isiniif bu’e haala akkamiin ture? Isaanis yommuu deebisan, ergamtichi yeroo tokko tokko sagalee qaacilaan dubbachaa gara koo dhufa. Haalli ittiin mul’anni buufame kun anaaf haala ittiin of to’achuu hin dandeenyedha. Ergamtichi gadi na dhiisuun erga deemee booda mul’ata argadhee ture nan yaadadha. Yeroo tokko tokko nama fakkaachuun gara koo dhufee na haasofsiisa anis maal akka naan jedhe nan yaadadha, nan hubadha. Aa’ishaanis itti dabaluun akkana jetteen, ergamtichi yommuu gara isaanii dhufu yeroo qorra hamaatti addi isaanii dafqa qofaa ta’a.[10]

Muhammad yeroo kaan ammoo sagaleen qaacilaa kun kan eenyuu akka ta’e akkanaan dubbataniiru:

Sa’iid Biin Jubeeyir yommuu dubbatu, Allaan Ibliisa (Sheyxana) yommuu abaare bifti isaa gara bifa ergamaa irraa adda ta’een jijjirame. Sagaleen isaa akka sagalee qaacilaa ta’e. Sagalee kanaanis lafarra hanga du’aa ka’uutti kan dhaga’amu sagaleen qaacilaa kamiyyuu kan sagalee Sheyxanaa ti. Haadisii kan Iibin Abihatiim dabarseedha.[11]

Muhammad hafuurrii “Jibriil” jedhee waamu Sheyxana ta’uu isaa kana caalaa odeeffanno maaltu barbaachisa? Yoom iyyuu taanaan ergamaan Waaqayyoo sagalee Sheyxanaa waliin fakkaatu dubbachuun isaaf hin malu.

Muhammad haalli isaan ittin “mul’ata” fudhatan namni Sheyxana qabaatu tokko mallattoo argisiisuu waliin kan fakkaatu ta’uun isaa dhugaatti kan nama sodaachisuudha:

Saahiih Al-Buhaarii fuula 3:27:17

Nabiyyiin otuu Jirrannaa jiranii nama tokko dhufe. Namichis urgooftuu Haaluuq yokiin Suufaraa jedhamuun kan dibame uffata uffatee ture. Namichi akkana jechuudhaan nabiyyiin gaafate. Yeroo Umraayaatti kan gochuun naaf malu wanti na abboomtan maaliidha? Kana boodas bakka uffataan golgame keessa ta’anii Allaan mallattoo nabiyyiif kennuu jalqabe. Anis Allaan mul’ata nabiyyiif yommuu kennan maal akka isaan ta’an ilaaluuf  nan hawwe. Umaris akkana naan jedhe: Koottu!Allaan mul’ata nabiyyiif yommuu kennu maal akka isaan ta’an ilaaluu barbaadda?Anis eyyee jechuun deebiseef. Umaris golgaa tokkoo isaa ol naaf qabe, anis Nabiyyichi yommuu kurruufan arge. (namni biraanis akkanatti dubbachuu isaa yaadeera, kurruufuun isaa kan Gaalaan fakkaata ture).

Umer akkana naan jedhe: Ergamticha Allaaf mul’anni yommuu buufamu ilaaluu barbaadda? Innis fiixee uffata isaanii fuula isaanii irraa yommuu kaasu jiraannaa irra ture mul’ata isaanii  fudhachaa kan turan. Fuulli isaanii dhiiga fakkaatee diimatee ture.  Akka jabbii haaraa dhalattee hiixatu turan.[12]

Mee barreeffama kana Kitaaba Qulqulluu keessatti kan barreeffame seenaa kana fakkaatu waliin haa ilaallu:

“Jarreen sana keessaa namni tokko sagalee isaa of fuudhee, “Yaa barsiisaa, ilma koo tokkicha koo kana, akka anaaf ilaaltuuf sin kadhadha. Kunoo, hafuurri hamaan mucaa koo ammaa amma qabee achumaan in caraansisa, lafaan dha’ee dhidhiitachiisee, hoomachas afaaniin baasee, rakkisee irra turee isa dhiisa. Isa akka baasaniif bartoota kee kadhadheen ture, isaan garuu hin dandeenye” jedhe. Kana irratti Yesus, “Isin dhaloota hin amannee fi jajal’aa nana, hamma yoomiitti isinii wajjin jiraachuun anaaf ta’a?” hamma yoomiittis ba’aa anatti taatu?” jedhee deebiseef; ergasii abbaa mucichaatiin, “Ilma kee as fidi!” jedhe. Mucichi gara Yesus dhufaa utuu jiruu, hafuurichi hamaan lafaan isa dha’ee dhidhiitachiise; Yesus garuu hafuuricha hamaa sana ifatee, mucicha fayyisee abbaa isaatiif galche” (Luqaas 9:38-42).

Haalli Muhammad seenaa mucaa kanaa waliin kan faakkatuudha. Namoonni bara sana turan haala kana hubachuun sheyxanni keessa isaa akka jiru dubbataniiru. Qur’aanni akkana jedha:

Suuratu Al-Kuwwirat (81):22-25 “Saahibni keessan (Muhammad SAW!) maraataa miti. Dhugmatti, inni moggaa ol aanaa (samii) ifa galaa (gara Bahaa) keessatti isa argee jira. Inni (Nabiyyiin) beekumsa fagoo irratti don’aa miti (hin dhoksu). Innis (Qur’aanni) jecha sheeyxana darbamaa miti.”

Suuratu Al-Haaqqaah (69): 41-43 “Inni jecha weellisaatii miti; xiqquma qofa amantu. Jecha raagaatiis miti; xiqqoo malee hin gorfamtanu. Gooftaa aalaama hundaa irraa buufamaadha. ”

Namoonni bara sana turan Muhammad to’annaa Sheyxanaa jala akka ta’ee fi wanti dubbatu soba ta’uu isaa, Qur’aannis Sheyxana biraa ta’uu isaa amanuun isaanii ifaadha. Kanaafi, Muhammad gaaffii kanaaf deebiin inni kenne keeyyatawwan armaan oliin argaman Allaah biraa naa buufaman jedhee kan dubbate.

Haadisii keessatti akkana jedhameera:

“Jundub Biin Suufiyaan akka dubbate: Gaaf tokko ergamtichi Allaah dhukkubsachuu isaaniin salaata halkan lamaa yokiin sadii gochuu hin dandeenye turan. Kana booda dubartiin tokko (haati manaa Abu Lahaab) dhufuun akkana isaaniin jette: ˱Yaa Muhammad! Sheyxanni kee si dhiisuun kan deeme natti fakkaata, halkan lama yokiin sadiif sii waliin an hin argine!. Kana booda Allaan dubbii akkana jedhu ibseef: ˱guyyaafachuun siifan kakadha˲ halkan yeroo sagaleen hin jiraannetti an gooftaan kee siin hin gaggeessu sin jibbus˲” (Sahih Al-Bukhari, Volume 6, Book 60, Number 475).

Dubartiin kun Muhammad shaakala haaraa qabaachaa akka ture hubatteetti. Kanaafuu kana dura isaa wajjin kan ture hafuurri hamaan isaa waliin jiraachuu dhiisuu isaa hubachuun, ˱Sheyxanni kee si dhiisuun kan deeme natti fakkaata yommuu jettuun, qaamni isaa wajjin jiru Sheyxana ta’uu dhiisuu isaa hubachiisuu mannaa “lakki gooftaan koo na dhiisee hin deemne” jechuun isaa ajaa’ibsiisaa dha.

  1. Muhammadii fi Moora (Toshaa)

Muhammad irratti toshaan hojjetamuu isaatiin bakka haati manootii isaanii hin jiraannetti akka haadha manootii isaanii waliin jiraniitti, wanta hojjetee hin beekne hedduu raawwachuu isaa akka itti dhaga’ame Haadisaatiin otuu hin dhoksiin gabaasaniiru:

Al-Buhaarii qajeelfama 7, Lakkoofsa 660

Ayishaan akkuma dubbatte

Ergamaa Allaah irratti digimtiin hojjetamee haadha manaa isaanii waliin walqunnamtii saalaa otuu hin raawwatiin kan godhan isaanitti fakkaata ture.

Dabalatas Al-Buhaarii 4.490, 7.661, 8.89, 4.400

Kanaafuu raajii (nabiyyii) Waaqayyoo irratti iyyuu mannaa nama dhugaan Waaqayyotti amane kamiyyuu toshaan akkamiin milkaa’uu danda’a? Toshaan Bala’aam Musee (Muusaa) irratti raawwachuu mannaa saba inni hogganu keessaa nama tokko irratti iyyuu hojjechuu hin dandeenye. Kana mannaa abbaa toshaa kan ta’e Bala’aam “Yaaqoob  irratti hoodni hin dubbatamne, Israa’el irrattis ayyaanni hin hedamne”  jechuudhaan ragaa ba’eera (Seera Lakkoobsaa 23:23).

Kakuu Haaraa keessaa ammoo Gooftaan Yesuus namoota maqaa isaa amanan irratti humni Sheyxanaa akka hin hojjennee fi qooda kanaa ammoo maqaa isaatiin Sheyxana namoota keessaa baasaa akka turan dubbatameera. Abdiin kun bara ergamootaatti hojjechaa ture. Har’as taanan hojjechaa akka jiru eenyumti iyyuu ragaa ba’uu danda’a (Maarqoos 16:17-18).

  1. Muhammadii fi Keeyyatoota Sheeyxanummaa

Muhammad gaaf tokko waaqa tolfamaatti kanneen sagadan waliin akka walii galuuf afaan isaa irra Sheyxanni ergaa kaa’uu isaa amanee ture. Booda irra Allaan akka isa sirreessee fi qara’amni Qur’aanaas akka jijjirame dubbateera. Taateen keeyyatoota Sheeyxanummaa waggoota jalqabaa 150 keessatti yaadannoo seenaa hawaasa Musliimaa kan dhuunfate yommuu ta’u hayyoota Tafsiiraa fi siiraan hojjetaniin guutummaatti kan gabaafameedha.[13]

Seenichi akkana jedha: Muhammad waggotaa Makkaa jiraachaa tureen warri Makkaa miidhaa akka isarra hin geessifneef eegumsa eessuma isaatiin godhamaafii ture. Ta’us hordoftoonni isaa hedduun eegumsa kana fakkaatu qabaachuu dhiisuu isaaniin sababa kanaan godaananiiru. Godaantonni kunis gara mootummaa Kiristiyaanaa qabaachaa kan turan Abisiiniyaa dhufan. Haalli kun mijataa ta’uu dhiisuu isaatiin warra Makkaa (Quraayishoota) waliin araara gochuuf jedhee waa’ee waaqa tolfamoo Makkaaf keeyyata itti fufanii jiran dubbate:

“Al-Laatii fi Al-Uuzaaniin argitaniittu? Manaatii ishee sadaffaa argitaniittu? Isaan kun warra balali’aniidha. Kadhanni isaaniis abdii in qabaata.  Quraayoshoonni yeroo kana dhaga’an waaqa tolfamaa isaanii jajachuu isaatiin gammachuudhaan dhaga’uu jalqaban… kanaa booda namoonni hundi gara dhufanitti deebi’an. Quraayishoonnis waa’ee waaqa tolfamoo isaanii wanta dubbateen gammadaa ta’uudhaan “Muhammad waa’ee waaqa tolfamoo keenyaa jajachuun dubbate” jedhan.”[14]

Muhammad kadhanni waaqolii tolfamoo Makkaa fudhatama qabaachuu isaa waan dubbateef isaan simateera. Sababa kanaanis warri Makkaa isaa wajjin nagaa uumuu isaaniin hordoftoonni isaa Abisiiniyaatii deebi’uu eegalan. Kana booda ergamtichi Garbreel gara Muhammad dhufuun “yaa Muhammad wanti ati hojjette maali?” isaatiin jedhe. “Ani wanta Rabbii biraa siif hin fidne saba kanaaf dubbifteetta, kan inni hin dubbannes dubbatteetta…Allaan kan Sheeyxanni gateen in balleessa.”[15]

Kanaafuu haala odeeffannoo Islaamummaatiin Muhammad dubbii Sheyxanaa dubbachuun nama ormaa ta’uu isaa ifa hin baafne. Kun dhimma baay’ee ulfaataa yoo ta’e iyyuu, Musliimonni kan hin beekne saba biraattis dhimma kana kan hin dubbanneedha.

Al-Xabaariin akkana nuun jedha:

Ergamaan Allaan waa’ee nageenyummaa sabaaf sodaa keessa gale. Hamma isaaf danda’ameen isaaniin booji’uu fi yaada garaa isaanii dhuunfachuuf yaala ture. Inni akka isa jaallataniif hawwuu isaa akkanaan gabaafameera. “Ergamaan Allaah hordoftoonni isaa yommuu fuula isaanii irraa gargalfatan arguun baay’ee gadde. Wanta Rabbii biraa gara isaaniitti fideef diddaa argisiisuu isaaniif uummatatti kan isa araarsu ergaan Rabbii biraa akka isaaf dhufu barbaade. Jaalala saba isaaf qabuu fi sababa isaaniif yaadda’uuf kaayyoon isaa akka hin milkoofneef gufuuwwan kaa’amanii turan otuu kaafamanii baay’ee gammada ture. Innis waa’ee dhimma kanaaf yaaduu fi fedha garaa isaa irraa madduun hawwaa ture. Kunis isaaf salphaa ture. Kana boodas Allaan mul’ata kana isaaf buuse: “urjiin nan kakadha yeroo ba’uu fi galutti. Nabiyyiin keessan (Muhammad) hin dogoggorre. Seeneffama irraas hin dubbatu” jechuudhaan “and when he reached His Words.” Al-Laatii fi Al-Uuzaaniin argitanii? ishee sadaffaa xiqqoo taate Manaatiin argitanii?”  isa jedhu yommuu yaadu eegalu, araara uumuuf fedha garaa isaa irraa qabaachaa tureen fayyadamuun Sheeyxanni “isaan kun gubbaatti kan argaman kanneen balali’aniidha. Kadhanni isaaniis abdii in qabaata dubbii jedhu afaan isaa keessa kaa’e. Quraayishoonni kana yommuu dhaga’an hedduu gammadan, karaa ittiin waaqolii tolfamoo isaanii dubbate ajaa’ibsiifachuun garaa isaanii irraa dhaga’u turan. Amantoonni nabiyyiin isaanii gooftaa isaanii biraa wanta dhugaa qofa akka isaaniif buusu amanu turan malee soba, fedha dhuunfaa fi dogoggora in buusa jechuudhaan shakkanii hin beekan ture. Yeroon sagadaa yommuu ga’u dhuma Suuraa irratti innis yoo ta’e Musliimonni kanneen kaanis kan inni buuseen mirkaneessuu fi abboomamuudhaan sagadu. Waaqolii tolfamoo Quraayishiif kan sagadanii fi kanneen kaan mana sagada keessa kan turan waaqolii tolfamoon yommuu maqaan isaanii waamamu dhaga’uu isaaniin hundi isaanii walumaan sagadu. …Kana boodas sabni kun yommuu bittimmaa’u Quraayishoonni waaqolii tolfamoo isaaniif kan dubbatame gammaduun gara mana isaanii deemaa turan. Akkana jedhaniiru “Muhammad waa’ee waaqolii tolfamoo keenya haala bifa ajaa’ibsiisaa ta’een dubbata ture. Giraaniiq kadhannaan ol kaafamuu isaanii kan dubbifate nutti himaa ture….Gabreelis gara nabiyyii dhufee akkana jedheen: “Yaa Muhammad maal hojjette? Rabbii biraa wanta ani namootaa sanaaf hin fidne dubbifteetta, kan inni hin jennes dubbatteetta. Nabiyyichis hedduu gadde Allaatiinis baay’e sodaate. Kana booda Allaan dhiifama kan godhu ta’uu isaa isa jajjabeessuu fi waa’ee dhimma kana ilaalchisee isaaf qulqulleessaa akka jiru, kana qofaa otuu hin ta’iin isa dura kan turan nabiiyyonni akkuma isaa fedha garaa isaanii akka barbaadan kan inni barbaadus fedhuu isaanii Sheyxannis arraba isaa irra akkuma kaa’eef laphee isaa irras kaa’era mul’atas buuseeraaf.” [16]

Dhimma seenaa kanaa ilaalchisuun Shaabiir Ahitaab kan jedhaman barreessaan amantaa Musliimaa itti fufee kan jiruun dubbataniiru: Seenaa Islaamummaa dhuga-qabeessa ta’e kana keessatti kan gabaafame taateen badii geessisu kun, Sheeyxanni haala barreeffama mul’ata nabiyyiin fudhate gidduu galuu akka danda’u argisiiseera…..Rashiid Suuraa 53 irra kan jiru guutummaatti fudhatama kan qabaatuu fi otuu keessa deebi’amee hin ilaalamiin eegamaa kan ta’e keeyyata walfakkaatu ibsee jallisuun mul’ata jalqabaa keessa kan ture Sheyxanni kan itti makeen bakka buuseera.[17]

Xummura

Seenaawwan kanarraa kan hubannu Muhammad bara daa’imummaa isaatii hanga ga’eesummaatti darbees hanga bara nabiyyummaa isaatti tajaajilaa Sheeyxanaa ture. Daa’imummaa isaatiin uumama kanneen dhokataa ta’an isa argatanii innis kufee dhidhiittachaa ture. Warri isa guddisanis Sheeyxanni isaatiin qabachuu akka danda’u dubbatanii turan. Qaamni holqa keessatti itti mul’ate ukkaamsuun isa rakkisee ture. Sababa kanaanis Muhammad qaamni itti mul’atee ture Sheeyxana ta’uu isaa beeka ture. Galanni Kadiijjaa fi Warraaqaaf haa ta’u malee ulaagaa ittiin madaalanii hafuurri hamaan sun Jibriil ta’uu isaa amansiisaniiru. Yeroo kaan ammoo toshaan isa irratti tolfamee  rakkachaa ture. Gaafa tokko mul’ata Sheeyxana biraa ergaman ta’uu isaanii ifatti kan isaan itti dubbatame mul’anni Qur’aana keessa galfamanii turan. Muhammad shaakala hafuurota hamaa waliin qabaachaa ture dhugoomsuuf shaakala akkanaa kan hin qabaannee fi ergaawwan Rabbii biraa ta’an qofa dabarsaniin nabiiyyota qulqulloota ta’an sadarkaa isaatiin gadi gochuuf yaaleera. Rakkinni isa irra ga’e beekamaa kan hin taanee fi nabiyyoota kanneen kaan irraa kan hin geenye ta’uu isaanii hubachiisuuf mul’ata biroo yommuu dubbatu argina (Suuraa 22:52-53). Nabiiyyonni shaakala akkanaa qabaachaa turan eenyu faa ti? Maaqaa isaanii nuu waami jenne otuu isa gaafannee nuuf ibsuu hin danda’u. Sababni isaa akka Muhammad mul’ata Sheeyxana biraa kan fudhate nabiyyiin tokkoyyuu hin jiru.

Egaa nama kanarraa maal barbaanna? Amantaan inni barsiisuu namoota kanneen kaaniif jireenya bara baraa kennuu manna ofii isaaf iyyuu jireenyi bara baraa isa hin barbaachisa, kana malees otuu hin argatiinis du’eera. Jireenya dhugaa fi kan bara baraa nuuf kennuu kan danda’u Gooftaa keenya fayyisaa keenya Yesuus Kristos qofadha. Qulqulluun sagalee isaatii akkana jedha:

“Jarreen torbaatamii lamaanis guddaa gammadaa deebi’ani dhufanii, “Yaa gooftaa, maqaa keetiin yommuu isaan abboomne, hafuuronni hamoonni iyyuu nuuf abboomaman” jedhaniin. Yesus immoo deebisee, “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge. Ani, kunoo, mar’ataa irra, torbaanqabaa irra, aangoo diinaa hundumaa irras ejjechuu akka dandeessaniif, gooftummaa isiniif kenneera; homtinuus isin hin miidhu. Haa ta’u iyyuu malee, hafuuronni hamoonni isiniif abboomamuu isaaniitti hin gammadinaa; maqaan keessan waaqa irratti waan caafameef, guddisaa gammadaa malee” isaaniin jedhe”(Luqaas 10:17-20).

Jaallatamoo Musliima obboleeyyan keenyaa! Umurii isaa guutuu Sheeyxana sodaachaa kan ture Muhammadiin hordofuun hanga yoomiitti gowwomfamtu? Ragaawwan kana hundumaa hanga yoomiitti fudhatama dhabsiisftu? Waaqayyo Gooftaan ija laphee keessanii banuun ilma isaa Yesuus Kiristositti amanuun kan argamu bilisummaa akka gonfattaniif akka isin gargaaruuf kadhata keenya kan yeroo hundumaa ti!

 



[1] Mata-duree kana irraa guutummaatti odeeffannoo isaa argachuuf kitaaba kana dubbifadha: አብዱልሃቅ ጀሚል፤ ኢስላም መለኮታዊ ሃይማኖት ነውን?፤ 2011 ዓ.ም

[2] “Muhammad at Mecca”, by W.M. Watt, Pub. Oxford University Press. P. 36

[3] “The Life of Muhammad”, by A. Guillaume, Oxford University Press. P. 72

[4] Abu ‘Abd Allah Muhammad Ibn Sa’d Ibn Mani’, KITAB AL-TABAQAT AL-KABIR, www.soebratie.nl/religie/hadith/IbnSad.html

[5] Bin Hanbal, Musnad Imam Ahmed bin hanbal, Vol 3, page 14.

[6] Abu ‘Abd Allah Muhammad Ibn Sa’d Ibn Mani’, KITAB AL-TABAQAT AL-KABIR, www.soebratie.nl/religie/hadith/IbnSad.html

[7] Muhammad Ibn Ishaq, The Life of Muhammad, translated by A.Guillaume,  page 107

[8] Akka Tafsiira Iibiin Kasiiritti Allaan Jibriliin erguun gara gadameessa ishee hafuura akka baafatu godheera: <And Maryam, the daughter of ‘Imran who guarded her chastity (PRIVATE PART).> meaning who protected and purified her honor, by being chaste and free of immorality, <And We breathed INTO IT (PRIVATE PART) through Our Ruh,> meaning, through the angel Jibril. Allah sent the angel Jibril to Maryam, and he came to her in the shape of a man in every respect. Allah commanded him TO BLOW into a gap of her garment and that breath went into her womb THROUGH HER PRIVATE PART; this is how ‘Isa was conceived. This is why Allah said here, <And We breathed INTO IT through Our Ruh, and she testified to the truth of her Lords Kalimat, and His Kutub,> meaning His decree and His legislation. (Tafsir Ibn Kathir – Abridged, Volume 10, Surat At-Tagabun to the end of the Qur’an, pp. 75-76; bold and capital emphasis ours)

[9] Abridged Tafsir Ibn Kathir Volume 1 – 10, http://www.tafsir.com sura 96: 1-5, Sahih Al-Bukhari, vol 1 page 46-47

[10] Sahih Al-Bukhari, translated by Muhammad Muhsin Khan, Maktaba Dar us Salam, Riyadh 1997, vol 1 p 46

[11] Tafsir Ibn Kathir, vol 5 page 394

[12] Al-Sira Al-Nabawiyya, vol 1 page 107.

[13] Shahab Ahmed, The Satanic Verses Incident in the Memory of the Early Muslim Community, Princeton University PhD thesis, 1999, p. i. Also, “Ibn Taymiyyah and the Satanic Verses”, Studia Islamica, no. 87, 1998, p. 70 & 122.

[14] Ibn Ishaq, pp. 165-166

[15] Ibn Ishaq, p. 166

[16] Al-Xabarii qajeelfama 1 fuula 237

[17] Shabbir Akhtar. Be Careful With Muhammad; 1992, p. 114

 

MUHAAMMAD