Muhammadii fi Phaawulos Qulqullicha

Muhammadii fi Phaawulos Qulqullicha

Tajaajilaan Rabbii inni Dhugaa Eenyuudha?

 


Obboleeyyan keenya musliimaa Kitaaba Qulqulluu keessaa namoota jibban ergamticha Phaawulos adda durummaan ibsama. Hordoftoota Yesuus kanneen jalqabaa barumsa isaanii dabsuun nama amantaa kiristiyaanummaa uumetti fakkeessuun kan yaadan yommuu ta’u barumsa Yesuus barsiiseen adda kan ta’e barumsa biroo waan barsiisuuf ergamaa sobaa ti jedhu. Obboleeyyan musliimaa ergamticha Phaawulos irratti himannaa cimaa kennuun isaanii hanqina beekumsaa fi jibba hamaa irraa kan madde malee ragaa qabatamaan kan deeggarame miti. Kana mannaa ergamtichi Phaawulos hordoftuu Kiristos kan dhugaa ta’uu isaa musliimoti durii ragaa ba’uu isaaniin, musliimota bara keenya kana dhaga’aniif baay’ee kan rifachiisuudha.

Iibin Isihaaq kan jedhamu seenaa dhuunfaa Muhammaad kan duraa inni katabe akkana jechuun barreesseera:

“Iisaan ilmi Maariyam kan  isaan erge duuka buutonni (hordoftoonnii) fi isaaniin booda kan dhufan biyyattii keessa kan turan isaan kana turan. Duuka buutuun Phexrosii fi isaa waliin immoo Phaawulos gara Room ergaman.” (Phaawulos duuka buutota keessaa  yommuu ta’u duuka buutuu hin turre). Indiriyaasii fi Maatewos gara lafa Balaa’e-Sibi’aa, Tomas gara bahaa kan argamu lafa Baabeel, Filiphos gara Kaarteejii fi gara Afrikaa, Yohannis gara lafa dargaggoota holqa keessa  jiraatan Efesoon…” (Alfred Guillaume. The Life of Muhammad: a Translation of Ibn Ishaq’s Sirat Rasul Allah, p. 653).

Barreeffamni Iisihaaq barreeffamoota Saahiih, Al-Buhaarii fi Saahiih Musliimiin kan fakkaatan Haadisaatii iyyuu kan dursu seenaa dhunfaa Muhammadiidha. Ergamtichi Phaawulos inni haammattuu keessatti ibsame, yeroo Yesuus lafarra ture duuka buutuu akka hin turre sirriitti kan ibsu ta’uu isaatiin dogoggora of keessaa hin qabu.

“Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse, iji namaa hin argine, gurri namaa hin dhageenye, yaadni namaas bira hin geenye” (1Qor. 2:9).

Ergamaan Phaawuloos armaan oliin ibsame caaffata qulqulluu keessatti kan ibsaman abdiiwwan Waaqayyo (Rabbi) kenne akka dubbii isaatti cuunfee kan dhiyeesse jechoota yommuu ta’u isaatiin kan dursu barreeffama kamiyyuu keessatti barreeffamee hin argamu.

Muhammad akkanatti ibseera:

“Abu Hureeyiraan akkuma dubbate nabiyyiin akkana jedheera: «Allaan akkana jedhe ˱ani garboota koo amanamoo ta’aniif iji kan hin argine, gurri kan hin dhageenye, garaan namaa yaaduu kan hin dandeenye (waantota ajaa’ibsiisaa) qopheesseera˲»” (Sahih Al-Bukhari, vol. 9, Book 93, Number 589).

Musliimoti bara keenyaa nabiyyii isaaniin olitti beekaa yoo ta’an nutti haa himan.

Maalumaaf iyyuu ergamticha Phaawuloosii fi Muhammad keessaa tajaajilaa kan dhugaa ta’uu isaa hojiin raggaassise eenyuudha? Gaaffiin jedhu yoo kaafame dhimmi isaa kan biraa ta’a. Muhammad mallattoo nabiyummaa dhugaa kamiyyuu kan irraa hin mul’annee fi keessumaa faallaa isaatiin ammoo nama Waaqayyo biraa hin ergamne ta’uu isaa kan argisiisan gocha rifaasisaa hedduu kan raawwate yommuu ta’u, ergamtichi Phawulos garuu nama tajaajilaa Waaqayyoo (Rabbii) tokko irraa eegaman waan gaggaarii godheera. Gabatee keessatti kan barreeffame walbira qabuun ilaalaa.

 

Muhammadii fi Phaawulos Qulqullicha –  Garaa garummaa isaanii

Muhammad Phaawulos Qulqullicha
Nabiyyummaa isaa erga labsatee booda ajjeessaa ta’eera, akkaataa itti ajjeesanis barsiiseera Suuraa 4:89, 5:33, 33:36 Saahiih Musliim, 6985. Duuka buutuu Kiristos erga ta’ee booda waa’ee yakkaa isaa kan duraaf qalbii jijjiirrateera 1Xim, 1:13-16
Gaa’ila yeroo baay’ee raawwateera, ijoollee eessumaa fi adaadaa isaa fuudheera (Suuraa 33:50-52), Gaaf-tokko halkan dubartoota 9 waliin ciiseera (Sahih al-Bukhari vol.7, Bk 62, No.5), akkasumas daa’ima waggaa 6 kaadhimmachuun waggaa 9ffaa isheetti fuudheera (Sahih al-Bukhari, Vol. 5 No. 234; Vol. 7 No. 65) Tajaajilaa Injiliif jedhee gaa’ila irraa of dhorkuun jiraateera (1Qor. 7:8), Gaa’ila tokkoof tokkoon waliin jiraatamu barsiiseera (1Xim. 3:2, 3:12, Tito 1:6).
Haadha manootii rukutuun heeyyamameera Suuraa 4:34 Abbaan manaa haadha manaa isaa akka namummaa isaatti kunuunsuun akka isaaf malu barsiiseera (Efe. 5:25-33).
Abbaan manaa haadhaa manaa isaa akka lafa qonnaa dhuufaa isaatti yaaduun akka ishee bira ga’u barsiiseera (Suuraa 2:223,  Sunan Abu Dawud Bk. 11, No. 2159 ) Abbaan manaa fi haati manaa inni tokko qaama biraa irratti aboon walqixa qabaachuu isaanii barsiiseera 1Qoro. 7:1-5.
Dhiiroti dubartootaan akka caaalan barsiiseera Suuraa 2:228, 4:34 (Caalmaan kun aboo qofaan akka hin taane umamaanis dabaleedha Tafsir Ibn Kathir Part 2, Abridge by Sheikh Muhammad Nasib, 1998, P. 204)) Dhiirotii fi dubartoonni walqixa ta’uu isaanii barsiiseera Gal. 3:28
Jiinniin qabamee ture Sahih al-Bukhari Vol. 4, Bk 53, No. 400; Bk 54, No. 490, Bk 71, No. 658, Sahih Muslim 39:6757 Namoota jiinniirraa bilisa baaseera Hojii Ergamootaa 16:16-18, 19:11-16
Wanta ajaa’ibsiisaa tokkoyyuu hin hojjenne Suuraa 2፡118, 6፡37, 6፡109, 10፡20, 13፡7,   13፡27, 17፡59, 17፡90-93, 28፡48, 29፡49-51. Wanta ajaa’ibsiisaa hedduu raawwateera Hojii Ergamootaa  14:3, Rom. 15:18-18, 2Qor 12:11-12.
Jibbaa fi haaloo ba’uu barsiiseera  Suuraa 2፡191-193, 8፡12, 8፡67, 8፡65, 9፡5, 9፡14, 9፡29, 9፡73, 9፡123, 48፡29, 58፡22. Waa’ee namoota hundumaa jaallachuu fi nagayaan waliin jiraachuu barsiiseera Rom. 12:18-19, 1Qor. 13:1-8.
Saamtuu ture Suuraa 8:1. Harkuma isaatiin hojii hojjechuun kanneen kaan deeggara ture Hojii Ergamootaa 8፡3, 20፡34,
Faayidaa dhuunfaa isaatiif jedhee mul’ata naaf buufameera jedhu dubbata ture Suuraa 3፡50-51,33፡37, 33፡53 Injiliif jedhee faayidaa dhuunfaa isaa dabarsee kennuun rakkinoota hedduu keessa darbeera 2Qor. 11:24-33.
Soba heeyyameera Suuraa 16:106 Kanneen soban mormeera Qol. 3:5-10, 2Qor.11:13-15.
Injilii kan hin beekne wallaalaa ture Suuraa 29:48:7:158 Injilii sirriitti kan baratee fi beekaa seera iyyuu  ture  Hojii Ergamootaa 22:3.
Saba Waaqayyoo (Rabbii) kanneen ta’an Israa’elotaan nama jibbu ture (Suuraa 5:60, 2:65-66, 9:29, Saahiih Musliim, 698; Silbn Ishaq, p.464). Saba Waaqayyoo kan ta’an Israa’elotaan kan jaallattu nama lamummaan Israa’el ture Rom. 9:1-5.
Summii nyaatee du’eera (Sahih al-Bukhari Vol. 3, Bk 47, No. 786; Vol. 5, Bk 59, No. 713) Summiin bofaa isa irratti hojjechuu hin dandeenye Hojii Ergamootaa. 28:3-9.

Islaamummaa kan eegale Muhammad nabiyyii sobaa kan Waaqayyo (Rabbii) biraa hin ergamne yommuu ta’u ergamtichi Phaawulos garuu qajeelummaan jiraachuu, jaalalaa fi gadi of deebisuun tajaajiluun, barumsa isaatiinis ta’e jireenya isaatiin Kiristosiin mul’isuu kan danda’e nama Waaqayyoo isa dhugaa ti. Kanaafuu Muhammad ergamticha Phaawulos waliin walbira qabanii ilaaluun ta’uu kan malu miti.

 

MUHAAMMAD