Moggaasa Boqonnaawwan Qur’aanaa

Moggaasa Boqonnaawwan Qur’aanaa

Qur’aanni suuraawwan (boqonnaawwan) 114 kan qabaatu yommuu ta’u baay’inni keeyyatoota (lakkoofsa) isaa 6236 dha. Yeroo hundumaa dubbifachuuf mijataa akka ta’uuf immoo kutaawwan soddomatti qoodameera. Kutaawwan kun Juuzi’aa jedhamuun beekamu. Boqonnaawwan 79 ta’an seensa isaanii irratti jechoota argamaniin kan moggaafaman yommuu ta’an 35 kan ta’an ammoo jechoota keessa isaaniin argamaniin moggaafamaniiru. Haala taa’umsa boqonnaawwanii yommuu ilaallu duraa duubni yeroo isaanii (chronological sequence) otuu hin eegamiin boqonnaawwaan bal’aa gara boqonnaawwan xiqqaatti tarreeffamanii argina. Al-Fatihaa (seensa boqonnaa) jalqabaan alatti boqonnaawwan jiran hundi haalli ta’uumsi isaanii bifa kanaan fakkaata. Haala kanaan boqonnaa bal’aa kan ta’e Suurat Al-Baqaraan Al-Fatihaa ittii fufuun kan argamu yommuu ta’u boqonnaa gabaabaan Suurat An-Naas immoo xummura kitaabichaa irratti argama jechuudha. (Baafata Fuulaa Qur’aana afaan oromoo ilaala).

Namoonni yeroo jalqabaaf Qur’aana dubbifatan qabiiyyeewwan ajaa’ibsiisummaa isaanitti uumuu danda’an keessaa mooggasni boqonnaawwanii kanneen jalqabaa ta’uu malu. Boqonnaawwan maqaa namootaa fi bakkeewwan garaa garaan moggaafaman,  keessa isaatii yoo argaman iyyuu garuu tokkoon tokkoon moggaasa boqonnaawwanii kitaabichi dhugaatti dubbii Rabbii ti? jechisiisu. Dogoggora kitaaba isaanii itti argisiisuudhaan miira Musliimota obboleeyyan keenyaa miidhuuf kaayyoo hin qabaannu.

Ta’us maqaawwan itti fufanii jiran kitaaba akka dubbii Rabbiitti ilaalamuuf kan malanii fi kan gitan ta’uu isaaniif, sababni Musliimoti obboleeyan keenya itti amananiif beekuu fedhuun keenya akka hamminaatti akka hin yaadamne jaalalaan gaafanna.

  • Suurat Al-Baqaraa (Boqonnaa Laam)
  • Suurat Al-An’aam (Boqonnaa Beeyladoota Manaa)
  • Suurat Al-Kahaf (Boqonnaa Holqaa)
  • Suurat An-Nahli (Boqonnaa Kanniisaa)
  • Suurat An-Namlii (Boqonnaa Goondaa)
  • Suurat Al-Ankabuut (Boqonnaa Sarariitii)
  • Suurat Ash-Shu’araa’I (Boqonnaa Faaya Miidhaginaa)
  • Suurat Ad-Dukhaan (Boqonnaa Aara ibiddaa)
  • Suurat Al-Ahqaaf (Boqonnaa Cirracha Galaanaa)
  • Suurat An-Najmii (Boqonnaa Urjii)
  • Suurat Al-Qamar (Boqonnaa Addeechaa)
  • Suurat Al-Hadiid (Boqonnaa Sibiilaa)
  • Suurat Al-Munaafiqun (Boqonnaa Gantuu)
  • Suurat At-Taghaabun (Boqonnaa Wal Miidhuu)
  • Suurat Al-Ma’aarij (Boqonnaa Yaabannoo)
  • Suurat Abasa (Boqonnaa Fuula Guuruu)
  • Suurat At-Takwiir (Boqonnaa Maramuu)
  • Suurat Al-Infixaar (Boqonnaa Tarsa’uu)
  • Suurat Al-Inshiqaaq (Boqonnaa Dhodho’uu)
  • Suurat Al-Muxaffifiin (Boqonnaa kanneen safara hir’isanii)
  • Suurat Al-Tiin (Boqonnaa Tiinii)
  • Suurat Al-Alaq (Boqonnaa Dhiiga Ititaa)
  • Suurat Al-Maa’uun (Boqonnaa Qurayshoota)
  • Suurat Al-Kaafiruun (Boqonnaa Kaafirootaa)
  • Suurat Al-Shamsi (Boqonnaa Aduu)
  • Suurat Al-Laylii (Boqonnaa Halkanii)
  • Suurat Az-Zalzalaa (Boqonnaa Sochii Dachii)
  • Suurat Al-Qaari’aah (Boqonnaa Qalbii Rukuttuun)
  • Suurat Al-Humaazaa (Boqonnaa Hamattuu)
  • Suurat Al-Fiil (Boqonnaa Arbaa)
  • Suuraat Al-Jinni (Boqonnaa Jinnii)

Moggaasoti kun dhugaatti dubbii Rabbiif kan malanii fi kan gitan ta’uu isaaniin nu hubachiisuu kan danda’u Musliimni jiraa laata?

 

QUR’AANA