Qamaleen Dhagaan Rukutamuun Ajjeefamte!

Qamaleen Dhagaan Rukutamuun Ajjeefamte!

Hadiisa Seenaa Dhugaa hin Taane

Haadisiiwwan Islaamummaa akkuma Qur’aanaa dhugaa irraa kan fagaatan afoola ajaa’ibiisaa hedduu of keessatti kan qabatan kitaabotadha. Afoolli kun nama hubatee ilaaleef Kitaabonni waa’ee Muhammadiif raga-ba’umsa kennan ilaalchisee shakkiif saaxilamuun isaa kan hin hafneedha. Har’aaf barreeffama gabaabaa kanaan kan arginu hordoftuu Muhammad Amer Biin Maa’imunaa namni jedhamu seenaa bara Islaamummaan dura isa mudatee tureen kan ilaallatuudha. Hubadha! Inni dubbatu kun Suhaabota Muhammad keessaa tokko yommuu ta’u bara Islaamummaan dura waa’ee mudannoo dhugaa isa mudatee ture dha  kan dubbatu. Innis akkana jedha:

Narrated Amr bin Maimun:

During the pre-Islamic period of ignorance I saw a she-monkey surrounded by a number of monkeys. They were all stoning it, because it had committed illegal sexual intercourse. I too, stoned it along with them. (Sahih al-Bukhari, Volume 5, Book 58, Number 188).

Kana kan dubbate hordoftoota Muhammad keessaa tokko yommuu ta’u haadisii dhugaa godhamee Albuhariin kan walitti qabame keessa galfameera. Waa’ee Haadisii kanaaf gaaffii muraasa haa gaafannu:

  1. Hordoftuun Muhammad kun yakka qamaleen hojjette beekuu kan danda’e akkamiin ture? Qamaleewwaniin gaafatee moo yokiis yommuu yakka raawwattu ishee hordofee ilaalee ti? Yoo ilaaleera ta’e qamaleen inni kormaa abbaa manaa ishee kan seera ta’uu dhiisuu isaa karaa maaliin hubate?
  2. Qamaleen inni kormaa eesa deeme? Fiigee jalaa bahee tu laata?
  3. Jireenya bineensotaa keessatti keessumaa qamaleewwan biratti shaakalli akkanaa jiraachuu isaaf Musliimonni ragaa nuuf dhiyeessuu danda’u?

Amma gara dubbii ijoo ta’etti dhufna. Haadisiin kun afoola ta’uu isaa shakkiin tokko iyyuu hin jiraatu. Garuu akka seenaa dhugaatti ilaalamuun Qur’aanaan itti fufee sadarkaa guddaan kan isaaf laatame Haadisii keessatti barreeffameera. Seenaawwan akkanaa akka seenaa dhugaatti namoonni ilaalan, sadarkaan beekumsa isaanii baay’ee muraasa ta’uun isaa ifaadha. Tarii kutaa jaarraa torbaffaan gammoojjii Arabaa keessa kan jiraatu Beediwiiniif hiika kenna ta’a. Garuu nama hawaasa qaroome gidduu jiraatuuf afoola hiika hin qabaanneedha. Muhammad nabiyyii dhugaa ta’uu isaa namoonni mirkaneessanii nutti himan seenaa kanaan fakkaatu akka dhugaatti kan fudhatan ta’uun isaanii ammoo dhimma kana yaaddessaa godha, Muhammadiin dhiyeenyatti kan beekan raga baatonni kun seenaawwan kana fakkaatan akka seenaa dhugaatti kan fudhatan yoo ta’e raga-ba’umsa Waa’ee Muhammadiif dubbatan shakkuuf sababa hedduu of harkaa qabna.

Gonkumaa deebiif kan hin taane!

____________________________________

Amiir Biin Maa’imunaa kan jedhamu Suhaabaan Muhammad baroota Islaamummaan dura qamaleen tokko wal-qunnamtii saalaa raawwachuu isheetiin qamaleewwan kanneen biroo yommuu dhagaan ishee rukutuun ajjeesan ilaalee innis isaan waliin dhagaan rukuchuu isaa haadisii dubbate keessatti ibsuu isaatiin walqabatee gaaffii kaasuun keenya in yaadatama. Kana kan dubbifate Abduul kan jedhamu “kanaaf deebiidha” jechuudhaan barreesse kan maxxanse “እውን ነቢዩ ጨካኝና ዝንጀሮ ወጋሪ ነበሩን?” (Nabiyyichi Dhugaatti Gara Jabeessaa fi Jaldeessa Dhagaan Rukutuun ajeesaa kan Turaniidha?) mata-duree jedhuun barreeffama barreeffame dubbifanneerra. Barreessaan kun barsiisota amantaa Ortodooksii otuu arrabsu argameera. Seer-malee kan ta’e kanaaf deebii kannuu keenyan dura, dubbii ijoo isaa dursinee haa ilaallu. Walumaa galatti barreeffama isaa keessatti waa’ee falmii keenyaa kan dubbatu wanti kamiyyuu hin jiru.

  1. Qamalittii dhagaan rukutee kan ajjeese Muhammadi dubbiin jedhu barreeffama barreessine keessa kan hin jiraanne yoo ta’e iyyuu, barreessaan kun “Muhammad jedhaniiru!” sababa jechuu isaatiin akka Jaldeessaa dhekkamee nama arge hundumaa yommuu sobuu fi mandara keessatti hokkara otuu uumu argameera. Barreeffamni kun waggoota sadaniin dura kan qopheeffame ta’uu isaa ibsameera. Ta’us namni deebisee barreessuun maxxanse kun, barreeffama keenya yaada keessa kan galfate ta’uun isaa ifaa waan ta’eef, nuti “Muhammadiidha” bakka jenne akka nutti argisiisuuf gaafannaan. Dubbifachuu dhiisuun suunnaa“nabiyyichaa” yoo ta’e iyyuu komee keessa galuu dhiisuuf hanga danda’ameen dubbifachuun gaariidha.
  2. Mata-duree kitaabichaa akkuma ilaalle, “እውን ነቢዩ ጨካኝና ዝንጀሮ ወጋሪ ነበሩን?” (Nabiyyichi Dhugaatti Gara Jabeessaa fi Jaldeessa Dhagaan Rukutuun Ajjeesaa kan Turaniidha?) jedha. Booda irratti iyyuu karoora ittiin “ergameef” yommuu ibsu “gocha Sheyxanummaa kana keessaa isaan baasuuf” akka ta’e dubbata. Kanaafuu Jaldeessa dhagaan rukutanii ajjeessuun gocha Sheyxanummaa erga ta’ee, nama uumamaan kabajamaa ta’e sababa malee ajjeessaa fi ajjeesisaa kan ture, ofii isaatiin iyyuu ejjituu ta’ee otuma jiruu kanneen kaan dhagaan rukutee ajjeesaa kan ture ta’uu isaatiin gocha isaa kanaan ati maal jechuufi ree? Jaldeessaa dhagaan rukutanii ajjeesuun “Sheyxannummaadha” jechuu keetiin jecha biroo kanarra hamaa ta’e barbaadiif. Kana malees bineensota sababa malee ajjeesuun erga gaarii hin taanee saroota gurraacha, bofaa fi lootuwwan sababa malee akka ajjeefamaniif Muhammad Musliimota abboomuu isaatiin akkamiin ilaalta? Keessumaa lootuu (loccuu) rukuttaa tokkoon, lamaan yokiin sadiin namni ajjeese akkuma sadarkaa isaatti Allaah biraa gatiin akka isa eeggatu dubbateera (Muslim, Book 026, Number 5562; Muslim Book 026, Number 5564; Sunan of Abu Dawud Book 41, Number 5229; Bukhari 4.526).
  3. Gocha kana hayyoti Musliimaa kanneen duriis ta’e ammaa, namoota ejja raawwatan dhagaan rukutanii ajjeesuun barbaachisaa ta’uu isaa argisiisuuf dubbataa turaniiru. Haadisiinis taanaan Islaamummaatti fudhatama kan qabaatu gocha dogoggoraa ta’uu isaa hin dubbatu. “Gocha Sheeyxanummaa kana keessaa isaan baasuuf ” jechuu keetiif ragaa maalii of harkaa qabaatta ree?
  4. Falmiin keenya seenichi jalqabumaan iyyuu afoola malee kan dhugaa ta’uu dhiisuu isaatiin “amanamummaan” haadisii keessa galfamuun isaa seenaa guutummaa Muhammad irratti gaaffii kaasa kan jedhuudha. Afoola akkanaa namoonni dhugaatti ilaalan seenaa kan dhugaa ta’e dabarsuu danda’u jechuun qoosuudha. Falmii kanaaf deebiin akka hin jiraanne waan beektuufiidha strawman fallacy falmii gatii hin qabaanne kan barreessuun maxxansite. Deebii kennuun hin dandeenye yoo ta’e calluma jechuun wanna tokko. Falmii akkanaa fudhatama hin qabaanne bakka argatanii barreessanii maxxansuun garuu dubbifattootaan tuffachuudha. Yaa obboleessa keenya! Maalo, wanta dubbifattoota keen gitu barreeffadhu, Ta’uudhaa yoo baate ammoo umurii barsiisummaaf hanga geessutti yeroo qabaadhuu baradhu.

 

MUHAAMMAD