Haalli Qur’aana Haafsi Ittiin Filatame Mormii Kaasuu Isaa

Haalli Qur’aana Haafsi Ittiin Filatame Mormii Kaasuu Isaa

Qur’aanni Kitaaba Nam-Tolchee Ta’uu Isaaf Ragaa hin Haalamne Argisiisu

Du’a Muhammadiin booda Qur’aanoti gosti garaa garaa jiraachuu isaanii fi Qur’aanota kana gara kitaaba tokkotti fiduuf yaaliwwan hedduu hin milkoofne gochuun isaanii kan beekamuudha. Garaa garummaan isaa akka uumamuuf sababa kan ta’e rakkinni jalqabaa qubeen afaan Arabaa akkuma qubee kan biroo afaan Semeetikii sirna tuqaalee dubbifamaa kan hin qabaanne ta’uu isaa ti. Sababa kanaanis jalqaba bara Islaamummaatti karaa garaa garaan Qur’aana dubbifachuun kan beekamu ture. Haalli dubbifama isaaniis akkuma gabaasa Haadisiiwwanii maqaa namoota gabaasanii gara duubaatti lakkaa’uun Muhammad waliin walqabsiisuun barreeffama dhugaa Muhammad irraa dabarfame ta’uu isaa kan dubbatan namoonni dubbifatan beekamoon turan. Namooti dubbifatan kun Qur’aanoti afaan Arabaa tuqaawwan barreeffamoota waliin katabamuun erga eegalamee booda barreeffama keessa kan galfaman yommuu ta’an lakkoofsaan hedduu kan ta’an Qur’aanoti garaa garaa hanga bara kanaatti addunyaa irra rabsamuu isaaniif sababa ta’eera. Qur’aanota kana keessaa addunyaa irratti bal’inaan rabsamaa kan jiruu fi harka Musliimota biyya keenya irratti kan argamu maqaa Iimam Haafs jedhamuun kan moggaafame Qur’aana Haafsiidha.

Iimam Haafs dhaloota Kiristosiin booda bara 769 (du’a Muhammadii booda baroota 144) biyya Baagdaadiin gara kibbaatti kan argamtu magaala Kuufaa jedhamtu keessatti lubbuun isaa kan darbe yommuu ta’u kooppiin Qur’aanaa kun maqaa isaatiin moggaafameera. Odeeffannoowwan akkuma argsiisan Musliimonni 95% Qur’aana Haafs jedhamuun fayyadamu turan. Isaa wajjin dirgomaa kan ta’an Qur’aanoti Waarshii fi Al-Duuriin in argamu. Qur’aanni Haafs jedhamu kutaa jaarraa 16ffaa fi 17ffaa tti Empaayerri Ottoomanii yommuu cimaa ture faayidaa irra oolfameera.

Qur’aanni Haafs jedhamu seenaa bifa idil –addunyaa qabaachuu kan eegale Dh.K.B bara 1924 ture. Yeroo sanatti biyya Gibxii keessumaa ammoo magaala Kaayerootti kooppii Qur’aanaa beekamaa ta’uun labsame. Kunis kan godhame barattoonni sadarkaa lammaffaa kooppiiwwan Qur’aana garaa garaa itti fayyadamaa jiraachuu isaaniin yeroo qormaataa deebii garaa garaa kennuu isaanii ti. Kana booda Proofeesera Muhammad Biin Aalii Al-Huseeyinii Al-Hadaad namni jedhaman Qur’aana sirna barreeffamaa qabaatu tokko guutummaa biyya Gibxiif akka qopheessan gaafataman. Isaanis Qur’aana Haafs jedhamu filachuun murtoo dabarsan. Yeroo sanatti kooppiiwwan garaa garaa kan Qur’aana Haafs lakkoofsaan shan ta’an jiru turan. Hubadha! Kun kooppiiwwan Qur’aanaa namoota biroon dabarfamaniin kan dhuunfatu otuu hin taane Haafs jedhamuun kan dabarfame Qur’aanni gosa garaa garaa shan turan. Garuu Al-Hadaad kooppiiwwaan garaa garaa Haafs shanan keessaa kooppii Qur’aana Haafs kan Ottoomanootaa maaliif akka filatan ibsa hin kennine ture. Filannoo kanaan booda kooppii kanaan kan walhin simanne  kooppiiwwan Qur’aana kanneen biroo walitti qabuun bidiruutti fe’uudhaan laga Abbayaan liqimsiisaniiru. (Gabriel Said Reynolds (Ed.), The Qur’an in its historical context, (London & New York: Routledge, 2008) pgs. Introduction, and pages 2-3;  Angelika Neuwirth, & Nicholas Sinai, (Eds.), The Qur’an in Context: Historical and Literary Investigations into the Qurʾānic Milieu, Leiden/Boston: Brill, 2010, p. 1.

Kutaa barootaan dura Haliifaa Usmaan Qur’aanota garaa garaa ballessuuf walitti qabee isaan gubaa akka ture ragaawwan Islaamummaa in dubbatu.

Hayyuun Profeesera Gabreel Sayiid Reeynoldis jedhaman haala barreessaniin bara 1926 fi 1934 gidduu garaa gartee ja’a jiraachuu isaanii kan argisiisan kooppiiwwan Qur’aana garaa garaa biyya Gibxii turan. Garuu bara 1936 tti kooppiin Haafs kooppii Qur’aana kan Gibxii qofa akka ta’u mootummaan Gibxii murtoo dabarse. Yeroo sun Faaruuq mootichi gara taayitaa kan dhufe ta’uu isaatiin kooppiin kun “mooticha Faaruuqiin kan maxxanfame” moggaasni jedhamu laatameef. Kana booda kooppiin kun Kaayeroof qofa otuu hin taane guutummaa Gibxii kan argaman barattoota sadarkaa lammaffaaf kitaaba idilee akka ta’u murteeffame. Qur’aanni Haafs addunyaa irratti beekamtii akka qabaatu kan godhame Dh.K.B bara 1985 mooticha Saawudii Fahaad jedhamuun ture.

Haalli kooppiin Qur’aana kanaa ittiin filatamee fi addunyaa irratti beekamtii akka qabaatu kan godhame akka tasaa fi qorannaan kan hin godhamne ta’uu isaa irra iyyuu darbee murtoo kan nama dhuunfaa tokkoon kan deeggarame ta’uu isaatiin hawaasa Musliima addunyaaf mataa dhukkubbiidha. Musliimonni kanneen duraa garaa garummaa sirna barreeffama tuqaalee fi qubeewwan dubbifaman kan argisiisan barreeffamoota Qur’aanaa harkaan barreeffaman kooppii Haafs waliin garaa garummaa kan hin qabaanne gochuuf irra deebi’anii hojii haquu fi keessaa balleessuu hojjechuu isaanii fi gochi kunis hawaasa addunyaaf dhugaa ta’uu isaa Musliimota bara keenyaaf mataa dhukkubbii kan biroo ti. Shira kana gama saaxila baasuun keessumaa hayyuun Doktor Daan Biruubeeker jedhaman kitaabni dhiyeenyatti maxxansan kan ibsamuudha. (Daniel Alan Brubaker; Corrections in Early Qurʾān Manuscripts: Twenty Examples, 2019).

Iimam Haafs Sobduu Ta’uu Isaaf Raga Ba’umsa Hayyoota Musliimaa

Barreeffama kana keessatti rakkinoota ibsamaniin olitti rakkinni guddaan hawaasa Musliimaaf yaaddoo ta’uu malu tokko jira. Innis Iimam Haafs haadisiiiwwan sobduu ta’an gabaasuu fi kitaabota namoota kanneen biroo hatuun nama beekamu ta’uu isaa ti. Iimam Al-Buhaarii kitaaba “Taarihaa Al-Saghiir” jedhamu kutaa 2, lakkoofsa 233 irratti akkuma dubbatu Haafs haadisiiwwan sobduu gabaasuun nama beekamu ture. Sababa kanaanis barreessitoonni Haadisaatii  Haadisii isaa gataniiru. Iimam Al-Buhaarii kitaaba kan biroo “Al-Duwaafaa Al-Saghiir” jedhamuu fuula 35 irratti, Haafs kitaaba namootaa fudhachuun akka irraa garagalchuu fi isa fudhatee ture iyyuu amanamummaan akka hin deebifne barreesseera. Hayyuu Haadisii kan ta’an Al-Baanii Suunnaa At-Tirmizii keessatti Haadisii argame yommuu sakatta’an, haadisichi beekamaa kan hin taanee fi maqaan Haafsi keessaa argamuun isaa ofii isaatiin iyyuu Haadisii hanqina of keessaa qabaatu akka isa godhu dubbataniiru (Al-Albani, The Daif in Sunan-Al-Tirmidhi, p. 348). Kanaafuu Iimam Haafs gama haadisii gabaasuun amantaan kan itti hin laatamne gabaasa Haadisii sobaa kan dabarsu erga ta’ee, maqaan isaa toora Haadisii Isnaad keessatti ibsamuun isaatiin qofa Haadisii tokkoon hanqina kan qabaatu godha erga ta’ee, jireenya dhuunfaa isaatiin iyyuu nama hin amanamne yoo ta’e kooppiin Qur’aanaa inni dabarse ulaagaa kamiin amanamaadha jechuu danda’ama?

 

QUR’AANA