Amantaa Islaamummaa keessatti  Ragaa Ba’uu Dubartootaa

Amantaa Islaamummaa keessatti  Ragaa Ba’uu Dubartootaa

Ragaa Ba’uun Durbaa Dhugaatti Hamma Walakkaa Dhiiraa Miti?


 

Musliimotaaf kitaaba kabajamaa kan ta’e Qur’aanni raga ba’umsi dubartootaa kan raga ba’umsa dhiirotaa irra walakkaa isaatiin gatii akka qabu dubbata.

“Yaa warra amantan! Hanga beellama beekamaatti liqii wahii yoo walii liqeessitan isa barreessaa. Barreessaan wahiis gidduu keessanitti haqaan haa barreessu. Barreessaanis akka Rabbiin isa barsiisetti barreessuu hin didin. Haa barreessu. Inni liqiin isa irra jirus haa dubbisu. Allaah gooftaa isaa ta’es haa sodaatu. Isa irraas homaa hin hiri’isin. Yoo inni liqiin isa irra jiru gowwaa yookiin dadhabaa yookiin inni kan dubbisuu hin dandeenye ta’e firri isaa haa dubbisu. Ragaa lama dhiirota keessan irraa ragsiifadhaa. Yoo dhiirri lama hin argamin, dhiira tokkoo fi dubartii lama. Dagachuu ishee tokkoo fi yaadachiisuu ishee birootiif jecha, ragoolee namoota isin jaallattan irraa haala ta’aniin ragaa godhaa. Ragoonnis yeroo waamaman hin didiin xiqqaas ta’e guddaa, hanga yeroo isaatti, isa barreessuu hin hifatinaa. Kanatu Rabbiin biratti irra haqa; ragummaafis irra mirkanaa’aa dha; akka isin hin shakkineefis irra dhihoo dha. Garuu yoo daldala bakkuma sanitti gidduu keessanitti raawwattan taate ishee barreessuu dhabuudhaan badiin isin irra hin  jiru. Yeroo bittanii walitti gurgurtanis ragaa godhaa. Namni barreessuufi kan ragaa bahus miidhamuu hin qabu. Yoo raawwattan, dhugumatti inni fincila (ajaja Rabbii diduu) keessani. Rabbiin sodaadhaa; Rabbiinis isin barsiisa. Rabbiin waan hunda beekaa dha” (Suuraatu Al-Baqaraa 2:282).

Keeyyatoota Qur’aanaa dheeraa ta’an keessaa tokko kan ta’e keeyyata kana keessatti ifatti akkuma barreeffame, raga ba’umsa kan durbaa lamaa raga ba’umsa kan dhiiraa tokko waliin kan gituu dha. Isaa kanaaf ammoo akka sababaatti kan kaayame dandeettii waa yaadachuu dubartootaa ti. Sabni addunyaa uumama kabajamaa kan mucaa durbaa gatii isheen qabaattu hubachuudhaan mirga isheef yeroo qabsaa’aa jiran bara ammayyaa kanatti ilaalchi akkanaa fudhatama hin qabaatu. Sababa kanaanis islaamummaan bara ammayyummaa kanatti fudhatama akka qabaatuuf yaalii godhaa kan jiran lallabdoonni  musliimaa barsiisa Qur’aanaa kana dhokfachuun islaamummaan mirga mucaa durbaa amantaa hubatee fi fudhate fakkeessuuf yommuu yaalan argina. Keeyyata Qur’aana armaan oliin argamu karaa adda ta’een hiikatti kennuuf yommuu yaalanii fi islaamummaati raga ba’umsi dubartootaa kan dhiirotaan gitu ta’uu isaa “ragaalee” kennuun amansiisuuf yommuu ariifatan arguun kan amaleeffameedha.

Namoonni kun jalqabumatti keeyyata kana keessatti “Dagachuu ishee tokkoo” jedhamee kan hiikame تَضِلَّ (taddiillaa) kan jedhu jecha afaan Arabaa dagachuu otuu hin taane dogoggoruu kan argisiisu ta’uu isaatiin kan durbaa dandeetti yaadachuu ishee waliin akka wal hin arganne dubbatu. Dogoggorri namoota kanaa itti fufee kan jiruu fi dubbii kanaaf yaada kan kennu فَتُذَكِّرَ “fatuuzakiira” kan jedhu jecha isaa sirriittu hubachuu dhiisuu isaanii ti. “Fatuuzakiira” “akka ishee yaadachiiftu” hiika jedhu kan qabaatu yommuu ta’u sababa dagachuun dogoggora uumame sirreessuuf yaadachuu kan jedhuun ilaallata. Kanaafuu dogoggorri dubartii kanaa dagachuu irraa kan madduu ta’uu isaatiin keeyyatichi dubbachaa kan jiru waa’ee dandeetti waa yaadachuu mucaa durbaa ti. Iibin Kasiir kan jedhamu beekaan Qur’aanaa keeyyata kana karaa kanaan ibseera.[1]

Sadarkaa lammaffaatti ammoo namoonni kun keeyyati armaan oliin kaayame waa’ee dhimma qarshiin kan ilaallatu ta’uu isaatiin islaamummaatti raga ba’uun dubartootaa kan dhiirotaan dachaan kan xiqqaatu gama dhimma qarshiin qofa  ta’uu isaa dubbatu. Dubartoonni waa’ee dhimma qarshii irratti beekumsi isaanii dhiirotan gadi waan qabaataniif haala kanaan raga ba’umsaan filatamaa miti jedhu. Sadarkaa jalqabaa irratti gareen lamaan walii galtee liqii qarshii yommuu raawwatan ilaalanii ragaa ba’uun beekaa faayinaansii ta’uu hin gaafatu. Dandeettiin waa yaadachuu dhala namaa ga’aa ta’uu isaatiin sababa gatii hin qabaanne kana ibsuudhaan mucaa durbaa seera duratti sadarkaa walqixxummaa dhorkuun sirrii miti. Falmiin kun fudhatama kan hin qabaanneef sababni lammaffaan ammoo, Muhammad ibsa keeyyata kanaaf kennaniidha. Akka amantaa Muhammaditti ragaa ba’uun mucaa durbaa kan dhiirotaan dachaan sababni xiqqaatuuf dandeettiin waa yaadu mucaa durbaa kan dhiirotaan dachaan kan xiqqaatu ta’uu isaa ti. Saahiih Al-Buhaarii keessatti Muhammad akkana jechuun isaanii dubbatameera:

“Yaa dubartootaa kennaa qabaattan kennaa, gahaannaba keessa kan jiraatan hedduun isaanii dubartoota ta’uu isaanii argeera. ˱Yaa ergamaa Allaah maaliif?˲ jedhanii isa gaafatan. ˱yeroo baay’ee ni dheekkamtu, abbaa manootii keessan hin galateeffattan. Beekumsaa fi amantaa dhaan isin irra kan caalu kan akka keessanii hin argine˲…Dubartoonnis akkana jedhanii isa gaafatan: ˱Yaa ergamaa Allaah beekumsaa fi amantaan hir’uu kan taane akkamitti?˲ innis ˱raga ba’umsa kan durba lamaa raga ba’umsa kan dhiiraa tokko waliin kan gituu miti?˲ jechuudhaan isaan gaafate. Isaanis eyyee jechuudhaan deebisaniif. ˱Kun beekumsaan hir’uu ta’uu keessan argisiisa.Dubartiin yeroo laguu ji’aa ishee salaata gochuus ta’e midhaan lagachuu danda’uu  dhiisuun ishee  dhugaa miti?˲ jedhee isaan gaafate. Dubartoonnis eyyee jedhanii deebisaniif. ˱Kun amantaan hir’uu ta’uu keessan argisiisa˲ jechuudhaan isaaniif deebisan.”[2]

Akka yaada Muhammaditti raga ba’umsa mucaa durbaa kan dhiiraan dachaan xiqqaachuun isaa  hir’ina waa dagachuu qabaachuu ishee ti. Haadisiin kun dhimmoota hundumaa irratti raga ba’umsi durbaa kan dhiiraan dachaan xiqqaachuu isaa argisiisa. Kanaafuu keeyyati Qur’aanaa dhimma qarshii qofaan kan murtaa’e ta’uu isaa fi dandeettiiin waa yaadachuu mucaa durbaan akka hin ilaallanne kan nutti dubbatan lallabdooti musliimaa, Muhammad irra kan caalu Qur’aaana hiikuuf abboo fi beekumsa isaa qabaachuu isaanii nutti haa dubbatan. Falmiin lallabdoota musliimaa hundi sababa kan hin qabaanne ta’uun taphni isaaniis bakkuma kanatti kan dhaabbate yoo ta’e iyyuu ijoon falmii isaanii kanneen kaan ammoo hanga eessaatti akka isaan adeemsisu haa ilaallu.

Namoonni kun ijoon isaan kaasan inni sadaffaan, Qur’aanni raga ba’umsa kan dubartii tokoo raga ba’umsa kan dhiiraa tokkoo waliin kan gitu ta’uu isaa bakka itti ibse jira kan jedhuudha. Isa kanaafis keeyyata itti fufee jiru ibsu;

“Isaan odoo lubbuu isaanii malee ragaan isaaniif hin jirre niitiwwan isaanii sagaagalummaan maqaa xureessanis, kakuun tokkoo isaanii ‘inni dhugaa dubbattoota irraayi’ jechuun yeroo afur Rabbiin kakachuudha” (Suuraa 24:6).

Keeyyati kun abbaan manaa sagaagalummaan haadha manaa isaa shakkuun otuu himatee fi dhimma kanaafis raga baatuun hin jiru yoo ta’e innis isheenis dhugaa dubbachuu isaanii yeroo afur kakachuun ragaa ba’uu akka danda’an dubbata. Abboommiin kun dandeettii waa yaaduu durbaa dhiiraan kan gitu ta’uu isaa fudhachuu irratti kan hundaa’e otuu hin taane abboommii haalaan dirqisiisuudha. Ragaa kan ba’uu hin jiru yoo ta’e raga baatuu argame kamiyyuu fudhachuun akka ga’aa ta’etti yaaduun haala dirqisiisaa kana keessummeessuun alatti filannoon hin jiru. Kanaafuu keeyyata kanaan sababeeffachuun Qur’aanni raga ba’umsa kan durbaa fi dhiiraa walqixa ta’uu isaa akka barsiisu  dubbachuun hin danda’amu.

Namoonni kun kan isaan dhiyeeffatan falmiin arfaffaan Ayishaan kan gabaafte haadiisota 2250 ta’an fudhatama argachuun isaanii, raga-ba’umsi mucaa durbaa kan dhiiraan gituun fudhatama qabaachuu isaa argisiisa kan jedhuudha. Falmiin kun sababa sadiin kufaadha. Inni jalqabaan raga-ba’umsi Ayishaa fudhatama akka argatuuf haala adda ta’een Muhammad abboomuu isaanii ti. Keessumaa mul’ati olii kan isaaniif bu’u uffata Ayishaa keessatti ta’uu isaa hanga dubbatanitti ga’ameera. [3] Kunis Muhammad dubartoota isaanitti dhiyaataniif loogii gochuu isaanii malee islaamummaatti mucaan durbaa dhiira waliin walqixa ilaalamuu ishee hin argisiisu. Muhammad isaaf  dhiyoo kan turan dubartootaf yommuu loogu isa jalqabaa miti. Ilma isaa Faaxiimaa irratti gaa’illi dachaa akka hin raawwatamneef akeekkachiisa jabaa Aaliif yommuu kennan argina. [4]  Abboommii Qur’aanaa hanga afuriitti fuudhuu heeyyamu kana dabsuu irra darbee ilaalcha loogummaa Muhammad ifatti kan argisiisuudha. Ta’us Ayishaan haadisaatii hedduu gabaasuun ishee sababa haadha manaa Muhammad taateef loogiin akka isheef godhame kan argisiisu malee dubartoota musliimaan bakka kan bu’uu fi islaamummaattis dubartoonni sadarkaa dhaan dhiiraan walqixa ta’uu isaanii kan argisiisuu miti.

Falmiin kun sababani fudhatama hin qabaanneef inni lammaffaan, hangi haadisaatin dubartootaan gabaafamee dhiirotaan kan gabaafaman waliin yommuu ilaalamu kan waa’ee hin baafne ta’uu isaa ti. Ayishaa qofaan adda baafnee otuu ilaaluu dhiifnee fi durbartootaan kan gabaafaman dhiirotaan kan gabaafaman waliin yommuu ilaallu lakkoofsi argannu ol aantummaa dhiiraa kan argisiisu ta’uu isaatiin falmii kana kufaadha.

Sababni sadaffaan ammoo, yaadannoon ayishaa ol aanaa ta’uu isaa fi seenaawwan hanga kana baay’atan dabarsuu danda’uun ishee, mucaan durbaa carraa isaa otuu argattee hojiiwwan gurguddaa hangamii hojjechuu akka dandeessu mirkaneessuun dandeettii sammuu kan mucaa durbaa xiqqeessuun kan ilaalu yaada islaamummaa gatii dhabsiisuu isaa ti. Loogii Muhammadiin carraa kana argachuu isheetiin hojiiwwan hedduu raawwachuu kan dandeesse Ayishaan, dubartoonni dandeettii waa yaaduu isaaniin dhiirotaan gadi ta’uu dhiisuu isaa isheen fakkeenya gaariidha. Kanaafuu falmiin kun Qur’aanattis yoo ta’e kitaabota islaamummaa kanneen kaan keessatti kan barreeffaman  dandeettii fi ga’umsa mucaa durbaa xiqqeessuun kan argisiisan yaadoti hundi dogoggora ta’uu isaanii argisiisuu irra kan darbe islaamummaan mucaan durbaa gatii guddaa qabaachuu ishee kan argisiisu  falmii ta’uu hin danda’u.

Namoonni kun yaada falmii akka isa xummuraatti kan kaasan Islaamummaa keessatti dubartoonni soomiin Ramadaan ga’uu isaa fi  darbuu isaa kan argisiiftu  addeessi argamuu ishee yoo ragaa ba’an raga-ba’umsi isaanii fudhatama ni qabaata kan jedhuudha. Raga-ba’umsi kan durbaa tokko yaadawwaan islaamummaa kanneen jalqabaa keessaa tokkoo isaa irratti fudhatama argachuun samni addunyaa soomii isaa akka jalqabuu fi xummuru dubbachuun haala isaa guddisanii argisiisuuf ni yaalu.

Dogoggorri guddaan namoota kanaa dhimma kana irratti hayyooti muslimaa walii galtee irra ga’uu isaanii fakkeessuun dubbachuu isaanii ti. Mucaan durbaa ba’uu addeessaa ragaa ba’uu akka isheen dandeessu kan fudhatan hayyooti mana amantaa Hanafii fi Hanbalii guyyaa duumeessatti raga-ba’umsi ishee fudhatama kan qabaatuu fi guyyaa kaan garuu fudhatama qabaachuu dhiisuu isaa dubbatu. Hayyooti mana amantaa Shaafii guyyaa duumessaatti raga-ba’uu danda’uu ishee akka ilaalcha tokkootti beekamtii kennudhaan garuu ilaalchi inni sirriiin raga-ba’uu hin dandeessu kan jedhu ta’uu isaa barsiisu. Hayyooti mana amantaa Hanafii keessumaa guyyaa duumessaatti raga-ba’umsii kan dhiirota lamaa yokiin kan dhiiraa tokkoo fi durba lamaa qofti fudhatama kan qabaatu ta’uu isaa, samii qulqulluu ta’e irratti garuu namooti hedduun raga-ba’umsa isaanii kennuun isaanii dirqama ta’uu isaa ni barsiisu.

Hayyooti mana amantaa Maalikii garuu gama kanaan raga-ba’umsi mucaa durbaa fudhatama qabaachuu akka hin dandeenye kan barsiisan yommuu ta’u akka barsiisa Shaafotaatti yaadni inni sirriin isa kanadha.

Soomii hiikaan ga’uu isaa yokiin baatiin Shawal golaabamuu isaa addeessa argisiiftu ilaalanii gama ragaa ba’uudhaan garuu raga-ba’umsi durbaa karaa kamiyyuu fudhatama akka hin qabaannee fi dhiiroti qofti ragaa ba’uu akka danda’an hayyooti mana amantaa islaamummaa hundi walii galu. Walumaa gala seera islaamummaa kanarra jiru armaan gadiin kan jiru marsariitii Fatiwaa islaamummaa irraa ilaaluun ni danda’ama. [5]

Soomii eegaluuf  raga-ba’umsi kan durbaa fudhatama qabaachuu isaa kan amanan hayyooti muraasni addeessi argamuu ishee ragaa ba’uun odeeffannoo kennuudha malee abboommii amantaa dabarsuu waan hin taaneef raga ba’umsa kan dubartii dhaga’uun rakkina hin qabaatu yaada jedhuun malee gama walqixxummaa mucaa durbaa fudhachuu miti.[6]

Rakkinni biraan kan falmii kanaa haadisaatii islaamummaa keessatti kan argaman gabaasota 25nii ol keessaa mucaan durbaa addeessa ramadaan ilaaluun ragaa ba’uu akka isheen dandeessu kan argisiisu gabaasni kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaa ti. Gama kanaan hayyooti raga-ba’umsa mucaa durbaa fudhatan, ragaa Muhammad irraa argame of harkaa hin qabani.

Egaa ifatti akkuma ilaallu, islaamummaatti raga-ba’umsi mucaa durbaa raga-ba’umsa mucaa dhiiraa waliin kan gitu ta’uu isaa kan mirkaneessu ragaan hin jiru. Muhammadii fi hayyoota musliimaa hedduu biraa kan argaman ragaawwan hundi raga-ba’umsi mucaa durbaa kan dhiiraan dachaan kan xiqqaatu ta’uu isaa kan argisiisaniidha. Isa kanaaf ammoo sababni isaa Muhammad ga’umsa sammuu kan dubartootaa  kan dhiirotaan gadi ta’uu isaa amanuu isaanii ti. Kanaafi, hayyooti musliimaa  waa yaaduu fi ga’umsa sammuu kan dubartoota lamaa hamma dhiira tokkoo akka ta’e shakkii malee kan dubbatan.[7]

Dhiirota dubartoota irratti uumamaan caalmaa qabaachuu isaanii Qur’aanni akkana jechuun dubbata:

“Dhiironni dhimma dubartootatiin dhaabbatoodha; (kunis) waan Rabbiin garii isaanii garii irra caalchisee fi qabeenya isaanii irraas waan kennaniifi. Dubartoonni gaggaariin (Rabbii fi dhirsa isaaniitiif) ajajamoodha; fagoottis waan Rabbiin isaan eegsise tiksitoota. Isaan finciluu isaanii sodaattan immoo isaan gorsaa; (itti aansun) ciisa keessatti isaaniin oodaa; (dhuma irratti yoo sirra’uu didan) isaan rukutaa. Yoo isaan isiniin ajajaman, isaan irratti karaa hin barbaadinaa. Dhugumatti Rabbiin ol ta’aa, guddaadha” (Suuraa 4:34).

Barumsi islaamummaa  kanadha. Gatiin namummaa dubartootaa kan dhiirotaan gadiidha. Kanaafuu abbaan manootii haadha manootii isaanii hamma rukutanitti isaan irratti ol aantummaa ni qabaatu. Raga-ba’umsaaf dhiirotaan gitanii dhaabachuu kan hin dandeenye ta’uu isaanii amala uumamaan keenname xiqqeessuun  kan ilaalu barsiisa islaamummaa irraa kan maddeedha. Ammayyummaa fi lallabdooti musliimaa dhugaa kana dhokfachuun islaamummaa sammuu namaaf mijataa gochuuf yaalii yoo godhan iyyuu kitaabotni islaamummaa wayita banamanitti dhugaa hadha’aa ta’e kanaa waliin qabsaa’uuf dirqamu.


[1] Tafseer Ibn Katheer, part 1, p. 724

[2] Sahih Al-Bukhari vol.1 no.301 p.181. See also Sahih Muslim vol.2 book 4 no.1982,1983 p.432

[3] sahih al-BukhariHadith Number 2393

[4] Sahih al-Bukhari, Volume 4, Book 53, Number 342; Aisha Bewley, The Sahih Collection of al-Bukhari, Chapter 66. Book of the Virtues of the Companions; source

[5] https://islamqa.info/en/98154

[6] Hidayah v.1 p. 215

[7] I’laam al-Muwaqqa’een, part 1, p. 75

 

DUBARTOOTA FI ISLAAMUMMAA