Rakkina Islaamummaa
Kitaabni Qulqulluu Erga Boora’ee Qur’aanni Sobeera, Kitaabni Qulqulluun Boora’uudhaa yoo Baate Qur’aaanni Kitaaba Rabbii Miti!
Musliimonni obboleeyyan keenya amanamummaa Kitaaba Qulqulluu irratti mormiin kaasan inni duraa fi beekamaan “Kitaabni Qulqulluun boora’eera” kan jedhu ta’uun isaa beekamaadha. Ilaalchi kun barumsa Qur’aanaa fi amantaa Musliimaa kanneen duraa waliin hin galle yoo ta’e iyyuu Musliimonni bara keenyaa hedduun isaanii “waa’ee nabiyyii Muhammadiif durfamanii kan dubbataman balleessuu fi iccitiin qabuuf Yihuudonni fi Kirsitiyaanoti Kitaaba Qulqulluu booressaniiru” ejjennoo jedhu in qabaatu. Kitaaba Qulqulluu irratti kan kaafaman wal-dhabdee, dogoggorawwan saayinsii fi kkf himannaa fudhatama hin qabaanne kutaa himannaa kanaaf adda dureedha. Kaayyoon isaaniis Kitaabni Qulqulluun “boora’uu isaa” mirkaneessuudha. Musliimonni obboleeyyan keenya mormii kana dhiyeessuu isaaniif sababni guddaan Kitaabni Qulqulluun boora’uu isaa ragaa qabatamaa qabaachuu isaaniif otuu hin taane “Qur’aanni sirriidha” ejjennoo jedhurraa ti. Garuu Qur’aannis ta’e kitaabni amantaa kamiyyuu sirrii ta’uu isaanii golaabuu keenyaa fi namoonni kaanis akka fudhataniif gaafachuu keenyan dura sirrii ta’uu isaaf ragaan mirkaneessuun dirqama ta’a. Kun hanga hin taanetti amantaan keenya ragaa of keessaa kan hin qabaanne irraa kan isa oolchu wanti kamiyyuu hin jiraatu.
Akkuma beekamu Qur’aanni kan dhufe Kitaabni Qulqulluun barreeffamee erga xummaramee waggoota dhibba ja’aan booda ture. Yoom iyyuu taanan mul’anni booda irra dhufe dhugaa ta’uu isaaf mul’ata kana dura dhufeen madaalama malee mul’anni kan duraa kan boodarra dhufeen hin madaalamu. Mul’anni booda irra dhufe kan dura dhufeen waliin maddi isaanii walfakkaataa kan ta’erraa dhufuu isaanii erga dubbateen booda kan duraa waliin yoo faallesse kan dogoggore isa boodarra dhufe malee isa jalqabaa ta’uu hin danda’u. Yaadni salphaa ta’e kun namoota tokko tokkof maliif akka isaaniif galuu hin dandeenye dhugaatti ajaa’ibsiisaadha!
Sii.Jii. Faandar kan jedhaman gameessi amantaa Kiristiyaanaa waggaa dhibba tokkoon booda “Miizaanuul Haaq” (madaalli dhugaa) mata-duree jedhuun barreeffama barreessan keessatti, Kitaabni Qulqulluun boora’uu isaa namoota amananiif deebii ga’aa isaaniif laateera. Barreessaan kun “wanti kun hunda caalaa ifaa kan ta’e yoo ta’e iyyuu, garuu Yihuudonni fi Kiristiyaanoti qulqulloota ta’an kitaaba isaanii booressuun faayidaa maalii arganna jedhanii yaaduu akka isaan danda’an haa ilaallu” jechuudhaan deebii kennuu eegalu. Kana booda qabxiiwwan ijoo ta’aniin garaa gara baasuun kan ibisne falmii amansiisaa itti fufanii jiran dhiyeessu:
- Yihuudonni fi Kiristiyaanoti wanta kana raawwachuuf yaaluun Waaqayyoon yakkuu ta’uu isaa beeku. Kunis sababni isaa Kakuu Moofaanis ta’e (Keessa Deebii 4:2) Kakuu Haaraa keessatti (Mul’ata 22:18-19) ifatti kan kaa’ameedha. Hundumaan oliin garuu amantaa isaani balleessuun mataa isaanii, ijoollee isaanii fi ijoollee kan ijoollee isaanii bara baraan karaa jireenyaa irraa akka dogoggorsan beeku. Haala kana otuu beekanii garuu murtoo akkanaa murteessuu danda’u jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanneedha.
- Yihuudonni fi Kiristiyaanoti warri bahaa nabiyyi Muhammadii fi hordoftoota isaanii irraa faayidaa argachuu otuu fedhanii Musliimonni akka isaan himatan barreeffamoota kutaawwan akkanaa jiran balleessuu mannaa dubbii Muhammad kan deeggaran barreeffamoota keessa galchu turan. Muhammadiin fudhachuu dhiisuu isaaniin jireenya ziimii nama salphisu jiraachuun mataa isaanii fi sanyii isaaniiin “kan salphatan ta’uun gibira harka isaanii kennuuf” (Suuraa 9:29) saaxilaniiru. Yeroo sanattis ta’e yeroo sanaan booda rakkinooti hedduun isaan mudateera. Yihuudonnii fi Kirsitiyaanoti otuu Muhammadiin nabiyyii dhugaatti fudhataniiru ta’ee hacuuccaa fi rakkina kana hunduma ofirraa ittisuu irra kan darbe Musliimonni kan argatan qabeenya lafarraa hunda qooddatu turan. Yihuudonnii fi Kiristiyaanoti Muhammad waliin kan walqabate durfamee kan dubbatame (raajiin) kamiyyuu otuu Kitaaba Qulqulluu keessaa argatanii gammachuudhaan duuka buutuu Muhammad ta’uun eebba lafarraa fi samiirraa argatu turan garuu miti? Kanaafuu Caaffa Qulqullaa’aa isaanii booressuuf sababawwan dirqisiisoo ta’an hedduu in qabaatu turan. Garuu barreeffamoota Muhammadiin ilaallatan irraa hir’isuun otuu hin taane itti dabaluuniidha. Barreeffamoonni akkanaa itti dabalamuu dhiisuun isaanii Caaffa Qulqullaa’aa booressuu dhiisuu isaanii fi booreffammuu iyyuu kan hin dandeenye ta’uun isaa ragaa dha.
- Hawaasni amantaa lamaanii kun Kitaaba Qulqulluu isaanii booressuuf otuu yaadanii fi yaalii godhanii gareen biraan battalaan dhimma kanarra ga’uun shira kana saaxila baasa ture. Wal-dhabdeen bara Muhammad duraa fi booda akkuma ture akkuma kana ammoo Yihuudotaa fi Kiristiyaanota gidduu wal-dhabdee hedduun ture. Kanaafuu Kakuu Moofaa sobsiisuf isaan gidduutti walii galteen jiraachuu isaa kan hin danda’amneedha. Biyyoota garaa garaa hedduu keessa jiraachaa kan turan Yihuudonni wal-mormuun gara gareen walqoodanitti hiramanii turan. Kiristiyaanummaanis akkuma kana gara gareen walqoodanitti hiramanii turan. Gareewwan Yihuudota yokiin Kirsitiyaanota keessaa tokkoon isaanii Kitaaba Qulqulluu booressuuf otuu yaalaniiru ta’ee gareen kaan yakka kana shakkii malee ifa baasu turan. Kanaafuu Kirsityaanotii fi Yihuudonni walumaan ta’uun Kitaaba Qulqulluu booressaniiru jechuun kan dubbatu dhukkuba maraatummaan namni qabame jiraachuu hin danda’u!
- Yihuudota, Kiristiyaanotaa fi Musliimotaan barreffamoonni durii barreeffaman yoo jiraatan iyyuu tokkoo isaanii gidduutti bara Muhammadis ta’e isaaniin booda wanta akkanaa yaalamuu isaaf odeeffannoon kamiyyu hin jiraatu.
- Hundumaan olitti yakka kana raawwachuuf gareen tokko otuu yaadeera ta’ee haala raawwiin isaatiin rakkina guddaatu isa mudata ture. Sababni isaa Hiijiraan booda amantaan Kiristiyaanummaa hedduu babal’achuu isaatiin muraasaan Sooriyaa, Giriik, Gibxii, Itiyoophiyaa, kaaba Afrikaa fi Xaaliyaan jiraachaa kan turan hedduun isaanii Kiristiyaanota turan. Kanaan dabalatees biyyoota Arabaa, Faaris, Armaan, Joorjiyaa, Hindii, Faransaayi, Isphaaniyaa (Ispeen), Poorchugaal, Ingiliizii fi Jarman jiraachaa kan turan sabni hedduun Kiristiyaanummaa fudhatanii turan. Naannaa kana hundumaatti afaan garaa garaan ture dubbachaa kan turan. Bara Muhammad afaanota kana keessaa hedduun isaanii gara Kitaaba Qulqulluutti hiikamanii turan. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Laatiin, Armaan, Sooriyaa, Qiiphix (Kooptik), Itiyoophiyaa (Gi’iiz), Gootinikii fi Joorjiyaan keessatti argamu. Kanaan walqabatee Kakuu Moofaan oriijinaaliin isaa afaan Ibruun akkasumas Kakuu Haaraan oriijinaaliin isaa Giriik turan. Kakuun Moofaa ammoo gara Giriikii fi kutaawwan hedduu isaa gara afaan Aramaayikiitti hiikamee ture.
- Muhammadiin dura kan barreeffaman barreeffamoota harkaa kan durii ta’uu isaaniin yakki kun baroota hedduun dura bira ga’ama ture. Bara Muhammadiin dura kan barreeffaman kooppiiwwan durii hedduu fi barreeffamoota kan barreessitoota durii keessatti kan ibsaman luqqisiiwwan, Kitaabni Qulqulluun bara Muhammadii fi isaan booda boora’eera kan jedhuuf himannaa dhiyaachaa ture guutummaatti fudhatama dhabsiisu.
- Yihuudonni raajii Masiihichaaf dubbatame hedduu isaa Kakuu Moofaa keessaa argataniiru. Isaan kunis jireenya Gooftaa Yesuus keessatti raawwachuu isaanii fi kunis Masiihummaa isaaf ragaa ta’uu isaa Kiristiyaanoti itti amanu. Raajiin Masihiif dubbataman kun Yihuudotaaf firdii guddaadha. Garuu Yihuudonni isaan kana Kakuu Moofaa keessaa baasuuf yaalii gochuuf fedha otuu qabaatanii silaa itti fufanii kan jiranii fi luqqisiiwwan kanneen biroo hedduu Kitaaba Qulqulluu keessaa balleessuuf yaalii godhu turan. Ba’uu 18:15-18, Far. 22:14-18, Isa. 9:6-7, Isa 11:1-10, Isa 52:13, gara dhumaa irra kan jiruu fi 53, Dan. 6:13-14, Miik. 5:2, Zak. 2:10. Luqqisiiwwan hundi kun ifatti waa’ee isaa kan dubbataniidha (Luq. 24: 25-27 waliin ilaalaa). Inni biraan Yihuudonni Kitaaba Qulqulluu booressuuf fedha isaa otuu qabaatanii silaa, luqqisiiwwan keessaa balleessan yoo jiraatan waa’ee yakka isaanii kan darbee fi waa’ee firdii isaan irra ga’uu kan dubbataniin ture. Har’a iyyuu isaan kun afaan Ibruun hundi isaanii Kakuu Moofaa keessatti argamu. Waaqayyo seera Musee (Muusaa) akka eegan (Iyaasuu 1:7) fi isatti akka hin daballe akkasumas irraas akka hin hir’ifne (Keessa Deebii 4:2, 12:32) irratti isaan abboomeera. Jechi tokko yokiin qubeen tokko iyyuu akka hin hir’anne of eeggachuun lakkoofsa isaani barreessuun Kakuu Haaraa guutummaa isaa hanga ammaatti eeganii tursuun milkaa’aniiru. Kiristiyaanotii fi Yihuudonni kan itti fayyadaman Kakuun Moofaa oriijinaaliin afaan Ibruun barreeffame tokkumadha. Keessumaa mana maxxansaa tokkoon kan maxxanfamuudha.
- Yihuudonni tarii dhaloota Kirostosiin dura Kaakuu Moofaa booressaniiru ta’a shakkii jedhu laphee kanneen dubbifatanii keessa kan jiru yoo ta’ee kun godhamuu dhiisuu isaa wanta ifaa fi beekamuu maludha. Qur’aanni mataa isaatiin iyyuu dhugaatti akkuma dubbate Kitaaba Qulqulluu yeroo sana qabaachaa turanii fi amma harka isaanii irraa kan argamu Kiristos isaaniif mirkaneesseera.
- Kiristosis yoo ta’e duuka buutonni isaa yakka Yihuudotaa yoo morman iyyuu garuu kutaa Kakuu Haaraa keessaa bakka tokkotti iyyuu Kitaaba Qulqulluu gama booressuun isaan himatanii hin beekan. Fallaa isaatiin garuu bakka hundumaatti Kakuun Haaraa dhugaa ta’uu Kakuu Moofaa mirkaneeffachuun namoonni akka qu’ataniif cimsee beeksisa. Kunis luqqisiiwwan itti fufanii jiran keessatti ifaan taa’eera: Mat. 5:17-18, 22:31-32, Mar. 6:6-10, Luq. 11:29-32, 24:25-27, Yoh. 5:39, 45-47, Xim. 3:16 fi kkf. Kanaafuu bara Kiristositti Kakuun Moofaa dubbii Waaqummaa ta’uu isaanii kan argisiisan Kitaabota dhugaa fi hin boorofne of keessatti qabachuu isaa itti amanameera jechuudha. Yihuudonni dhugaatti otuu booressaniiruu ta’ee hammina akkanaa isaanirratti ilaaluun Yesuus ifatti isaanitti dheekkama ture. Kana malees shakkii tokko malee kutaawwan booreffaman keessaa baasuun hordoftoota isaaf jedhee sirreessa ture. Dubbiin ijoo kun bara mooticha Baabiloon Naabuukadneezaar Yerusaalem yeroo balleeffamte sana Caaffanni Qulqulluun (Kitaabni Qulqulluun) kan hin barbadeeffamne yokiin ammoo hin booreffamne ta’uu isaanii argiisuuf gargaara. Kun otuu ta’uudhaa batee silaa Kiristos ofii isaatiin nutti hima ture.
- Barreessitoonni Musliimaa tokko tokko wanti walfaallessu hedduun Kitaaba Qulqulluu keessatti argamuu isaanii fi kun ammoo Kitaabichi boora’uu isaaf ragaa ta’uu isaa argisiisuuf yaalii godhaniiru. Barreessitoonni lama yokiin sadii ta’an waa’ee taatee tokkoof seenaawwan of danda’an yeroo barreessan, seenaa isa tokkoo fi kaan gidduu garaa garteen muraasni argamuun isaa namoonni hubatoo ta’an hundi dhugaa irratti walii galaniidha. Taa’uudhaa yoo baate garuu shirri tokko hojjetamuun isaa dhugaa ta’a. Waa’ee dhimma kanaaf ragaa guutuu nama hin qabaanneef gabaasni kun tarii akka faallaatti ilaalamuu ni danda’a. Garuu namoota dhimma kana gadi fageessanii ilaalaniif akka kanaa hin ta’u. Garaa garteen akkanaa jiraachuun isaanii barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu namni kamiyyuu booressuu dhiisuu isaatiif ragaa guddaadha. Otuu ta’uudhaa baatee silaa garaa gatreen kun in dhabamsiifamu turan. (ragaa dabalataaf C.G. Pfander, The Mizanu’l Haqq نازﯾــﻣ قــﺣﻟا (Balance Of Truth) pp. 101-125 dubbifadha).
Qur’aanni dhugaatti Tooraah, Zabuurii fi Injiil (Seera Musee, Faarsaa Daawitii fi Wangeelli) Waaqayyo biraa kan kennaman caaffaqa qulqulluu ta’uu isaanii fi namoonni ammoo abboomamuu fi fudhachuun akka isaaniif malu dubbata. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Keeyyatoota itti fufanii jiran ilaaluun in danda’ama (Suuraa. 5:44-48, 29:46, 10:37, 46:12, 6:91, 35:31, 2:40-42, 2:89, 3:3, 21:7, 2:285, 3:93, 4:47, 5:68-69, 5:6, 5:15 fi kkf). Muhammad bara isaanii namoota jiraachaa turaniin Waangelaaf akka abbomamanii fi haala kanaanis akka murtii kennan yommuu gorsan Qur’aana keessaa dubbifanna:
“Warri Injiil waan Rabbiin isa keessatti buuseen haa murteessanu; Namni waan Rabbiin buuseen hin murteessin ,isaan sun finciltoota” (Suuraa 5:47).
Bara sanatti Wangeelli otuu kan boora’e ta’ee silaa maaliif kana dubbatu turan? Muhammadiin booda boora’e akka hin jedhamneef ammoo bara isaaniin dura waggoota dhibbaan lakkaa’amaniin kan dursan barreeffamoota ammaa harka keenya irratti argaman waliin yommuu ilaalaman, hanga isaaniin walfakkaataa kan ta’an barreeffamoota harkaa kan durii Kakuu Haaraa maal ittiin jennaree?
Armaan oliin kan ibsamanii fi k.k.f Kitaabni Qulqulluun sagalee Waaqayyoo ta’uu isaa kan dubbatan keeyyatoota Qur’aanaa fi barreeffamoota Islaamummaa kanneen biroo keessatti kan argaman, yaadota Kitaaba Qulqulluu waliin kan faallessan gama barsiisa Qur’aanan yommuu ilaalaman, Musliimonni obboleeyyan keenya bara kanatti argaman salphaatti furmaata itti kennuu kan hin dandeenye rakkina keessa akka galan isaan godheera. Dubbiin Allaah akka hin jijjiiramnee fi eenyumti iyyuu jijjiiruu akka hin dandeenye kan dubbatan keeyyatoota Qu’raanaa itti fufanii jiran yommuu itti dabalaman ammoo rakkinichi itti hammaachaa deema.
- “Jechoota Rabbiitiif jijjiiraan hin jiru” (6:34)
- “Jechoota isaatiif jijjiirraan hin jiru” (6:115)
- “Jechoota Rabbii jijjiiraan hin jiru” (18:27)
- “Karaa Rabbiitiifis jijjiirama hin argitu” (33:62).
Musliimonni obboleeyyan bara keenyatti argaman amantaa isaanii balaa hanga kanaa irraa oolchuuf jedhanii keeyyatoota kana Muhammadii fi Musliimota kanneen jalqabaa karaa adda ta’een hiikuuf dirqamaniiru. Kun garuu itti gaafatamummaa kan Muhammadii fi Musliimota kanneen jalqabaa fudhachuu dhiisuuf kan deemsisu miti.
Haadisiiwwanii fi Tafsiirota kanneen jalqabaa irraa akkuma hubannu, Musliimonni durii Kitaabni Qulqulluu Allaahn buuse akka hin jijjiirree fi eenyumti iyyuu isaan jijjiiruu akka hin dandeenye cimsanii itti amanu turan. Fakkeenyaaf Tafsiira Iibin Kasiir itti fufee jiruun ilaalaa.
“…Al-Buhaariin akkuma gabaase Iibin Abbaas akkana jedhe: hiikni keeyyata kanaa itti fufee kan jiruudha: …uumama Allaah keessaa eenyu iyyuu jechoota Allaa Kitaaba isaa keessaa balleessuu hin danda’u. Hiika dhugaa isaanii jalaa jallisu jechuudha. Wahaab Iibin Munabiin akkana jedhe “Seerri Musee (tawuraatii) fi Injiliin haala Allaahn isaan buuseen eegamanii argamu. Keessa isaanii qubeen tokko iyyuu irraa hin hir’ifamne. Garuu namoonni kan ofii isaaniin barreessan kitaaba isaanii irratti hundaa’uun itti dabaluu fi hiika soba ta’een kanneen kaaniin dogoggorsu.” “…Kitaabonni Allaah garuu hanga ammaa eegamanii argamu jijjiiramuu iyyuu hin danda’an” (Tafsir Ibn Kathir – Abridged, Volume 2, Parts 3, 4 & 5, Surat Al-Baqarah, Verse 253, to Surat An-Nisa, verse 147, abridged by a group of scholars under the supervision of Shaykh Safiur-Rahman Al-Mubarakpuri [Darussalam Publishers & Distributors, Riyadh, Houston, New York, Lahore; First Edition: March 2000], p. 196.
Tafsiira kana miil-jalee isaa jalatti akkana kan jedhu arganna: “jecha isaa jallisu jechuun hiika isaa jijjiiru jechuudha. Kitaaba Allaah kamiyyuu keessaa jecha tokko iyyuu jijjiiruu kan danda’u hin jiru. Kana jechuun karaa faallaa ta’een hiiku jechuudha.”
Suunan Abu Daawud irratti ammoo haadisii akkana jedhu arganna:
“…Ergamticha Allaaf (nagaan isaaniif haa ta’u) taa’umsa fidanii isaaniis irra taa’an. Kana boodas Tawuraatii naa fidaa jedhan isaaniif fidan. Itti fufuunis taa’umsa irraa ka’uun Tawuraatiin kaa’anii akkana jedhan: sii fi siin kan mul’ise Rabbiitti nan aman” Sunan Abu Dawud, Book 38 (Kitab al Hudud, i.e. Prescribed Punishments), Number 4434.
Iibin Kasiir ammoo Allaahn isaan abboomuu isaatiin Muhammad kana gochuu isaanii dubbata (Tafsir Ibn Kathir (Abridged) Volume 3, Parts 6, 7 & 8).
Kanaafuu eenyuun amannu? Warren kitaaba bara kanaa hiikan moo Muhammadii fi Musliimota durii? Kitaabota waggoota dhiyeenyan maxxanfaman moo Haadisaatii fi hayyoota kanneen durii?
Kitaabni Qulqulluun dubbii Allaah yoo ta’ee fi dubbii Allaah jijiiruu kan danda’u ammoo erga hin jiraannee Kitaabni Qulqulluun hin jijjiiramne jechuudha. Kanaafuu Musliimonni keeyyatoota Qur’aanaa Kitaaba Qulqulluu waliin faallessanii fi keeyyatoota armaan oliin ibsaman keessaa filachuun isaaniif dirqamadha. Lamaan isaanii iyyuu dhugaa ta’uu hin danda’an. Kitaabni Qulqulluun yoo boora’e keeyyatoonni armaan oliin jiran soba ta’u. Boora’uudhaa yoo baate ammoo Kitaaba Qulqulluu waliin kan falleessan keeyyatoonni Qur’’aanaa soba ta’uu isaanii itti amanuudha!