Ruhuullaah
Maqaa kan Biroo Waaqummaa Yesuus Mirkaneessu
Suuratu An-Nisaa’i 4:171
“Yaa abbootii kitaaabaa! Amantii keessan keessatti daanga hin dabrinaa; Rabbi irrattis dhugaa malee hin haasa’inaa. Ilmi Maryam, Masiih, Iisaan ergamaa Rabbiiti; jecha Isaa (ta’I jedhu) kan inni gara Maryam darbeedha. Ruuhii (uumaa) isaa irraa ta’eedha. Rabbiifi ergamtoota Isaatis amanaa. “Rabbiin sadihi” hin jedhinas. Isarraa dhnetamaa; isiniif caalaa (ta’aa). Rabbiin dhugaan gabbaramaa tokkicha qofa. Inni ilmi Isaaf ta’uu irra qulqullaa’e. waantonni samii keessaafi waantonni dachii keessaa kan Isaati. Hirkoodhaafis Rabbiin qofti ga’aadha.”
Qur’aana keessatti Yesuus (Masiihin) jecha (Kaliimaatulaah) qofa otuu hin taane hafuura Rabbii (Ruhullaah) dabalatee ti kan jedhame. Maqaan kun Kaliimaatulaah irraa muraasan adda kan ba’e yoo ta’e iyyuu maqaan isaa Yesuusiif qofa kan malu yommuu ta’u maddi sagalichaa mataa isaatiin iyyuu Allaah akkuma ta’e maddi hafuurichaas ofii isaa Allaah dha. Suuraa 3:45 irratti Yesuus Kaliimaatiim Miinhuu (jecha Isa biraa ta’e) jedhameera. Akkuma kana ammoo Suuraa 4:171 irratti Ruuhun Miinhuu (Ruuhii (uumaa)) isaa irraa ta’ee jedhameera. Maqaawwan lamaan keessatti ifaa ta’ee akkuma mul’atu qaama maqaa kanaan waamamuuf ragaa kan ta’e Rabbii matuma isaa ti. Yesuus jecha isaa fi hafuura isaa ti. Qur’aanni akkuma beekamu maqaan kun maal jechuu akka ta’e ibsa bu’aa qabeessi kenne hin jiru. Garuu nuyi Kiristiyaanoti Yesuus biyyoo lafarraa kan uumamee otuu hin taane nama ta’uun dhalachuu isaatiin dura kan ture hafuura bara baraa ta’uu isaa kan amannuun deeggaru ta’uu isaa argina.
Yesuus maaliif maqaa kanaan qofaa isaatti akka moggaafamee fi hiikni isaas maal jechuu akka ta’e Qur’aanni hin ibsu. Kana irraa hubachuu kan dandeenyu Muhammad barumsa Kiristiyaanotaa dhaga’uun hiika isaanii otuma hin beekiin fakkeessuuf yaalii gochuu isaa fi irraa garagalchuu isaa ti. Irraa garagalfachuu isaa kana ammoo Yesuus akka Nabiiyyota (Raajota) kaanii Nabiyyii qofaadha jechuudhaan deebisee faallessa.
Keeyyata armaan oliin ibsameen Muhammad Yesuusiin argisiisuuf “Loogos (jechaa) fi hafuuraan” fayyadamuun gara barumsa Sillaaseetti hiiqeera. Kanarraa ifatti hubachuu kan dandeenyu kanneen dhaga’anii dubbatan irraa dhaga’uun kan isaanitti fayyadame hiikni maqaawwan kanaa barumsa Kiristiyaanummaan maal akka argisiisu beekuu dhiisuu isaa ti.[1]
Maqaan kun (Ruhuullaah) kan jedhamu hiika maalii akka qabaatu kan argisiisan ragaawwan Qur’aanaa muraasa arganna. Kutaawwan Qur’aanaa kanneen kaan keessatti “Ruuhii qulqulluu” (Ruuhul-quduus Suuraa 2:85; 2:253; 16:102) ibsee argina. Qur’aana afaan Arabaan Hafuurri Qulqulluun (Ruuhii qulqulluun) Gabreel ta’uu isaa bakki ifaatti dubbatame yoo hin jiraanne iyyuu kutaawwan kanatti “Ruuhii qulqulluu” jedhamee kan waamame ergamticha Gabreel ta’uu isaa Musliimotaan kan amanamuudha. Ta’us waantota lama irratti kan walii gallu jira. Isaanis Hafuurri Qulqulluun namootaan ol ta’uu isaa fi samii irraa kan buufame qulqulluu hafuuraa ta’uu isaa ti.
Yesuus “Hafuura isa biraa ta’e” (Ruuhun miinhuu) jedhameera. Maqaan kunis seenaa Islaamummaan “hafuura Rabbii” kan jedhamurraa fudhatameedha. Daawit (Dawud) Haliifaatuulaah (bakka bu’aa Rabbii), Abrahaam (Ibraahim) haliiluullaah (hiriyaa Rabbii) jedhamaniiru. Kana hubannaa keessa galfachuun Zandaa Yesuus (Iisaa) ruhuullaah (hafuura Rabbii) jedhamuun isaa maqaa dhuunfaa isaa ta’uu isaa hubachuun nuun hin rakkisu. Haadisaatii keessatti karaa maalummaa Yesuus ittiin ibsaman yommuu ilaallu “yaa Ruhullaah” (yaa hafuura Rabbii) jedhamuun irra deddeebi’amee yommuu waamamu argina. Maqaan kun barreeffamoota hedduu keessatti haala idileen faayidaa irra kan oolfame yommuu ta’u gaaf tokko duuka buutonni maqaa kanaan yommuu waaman argina.
“Yaa hafuura Allaah kan hin gaddinee fi sodaanne maatiiwwan Allaah maal akka ta’an mee nutti himi”.[2]
Egaa maqaawwan raajota (nabiiyyota) kanneen kaaniif laataman yommuu ilaallu, maqaawwan hundi ergamaan kamiyyuu ittiin moggaafamuu kan danda’uudha. Keessumaa maqaan Muhammadiif kenname “Rasuul Allaah” (ergamaan Allaah) nabiyyii kamiif iyyuu maqaa kennamuudha. Maqaan kun (Rasuul Allaah) wanta adda isa taasisu kamiyyuu hin jiraatu. Suuraa 4:117 irratti Yesuus iyyuu akkuma kana jedhameera. Ta’us keeyyata kana irratti Yesuus “hafuura Rabbii irraa ta’e” kan jedhu maqaa adda ta’ee fi eenyumaaf iyyuu hin kennamne argateera. Kunis maalummaa hafuuraa isaa kan argisiisuudha. Hayyuun Kiristiyaanaa tokko kana haala gaariin kaa’eera:
Maqaawwan Nabiiyyota kanneen kaaniif laataman fakkeenyaaf “hiriyaa Rabbii, Nabiyyii Rabbii, Rabbiif kan filatame” kan jedhaman akkuma keenya dadhabaa kanneen ta’an namoota biroof hojiirra oolfamuu danda’aniidha. Garuu Ruuhii Uumaa (hafuura Rabbii) kan jedhu maqaan Musliimoti ittiin waaman, haala ifaa ta’een Yesuus hundumaan ol ta’uu isaa fi maalummaa kabajamaa kan qabaatu ta’uu isaa argisiisa. Raajota (Nabiiyyota) kanneen kaan irraa kan caalu ta’uu isaa haala shakkii irraa walaba ta’uun mirkaneessa. Qaamni akkanaa ilma Waaqayyoo jedhamee otuu waamamee dogoggora hin ta’u. Garuu Musliimoti obboleeyyan keenya ofii isaaniin “ilma Waaqayyoo (Rabbii)” maqaa jedhuun kan gitu maqaa isaaf laatanii otuu jiranii maqaa lammataa kana ammoo maaliif akka isaan morman hin beeknu. [3]
Barreessaan kun maqaan kun adda ta’uu isaatti kan amanan hayyoota Musliimaa keessaa Iimam Raazii fi Bayidaa ta’uu isaanii ibsa.
“Barreessitoonni amantaa Musliimaa maqaa “Ruuhii Uumaa” jedhu haala ittiin Nabiyyii biroof hin taaneen ergaa addaa ta’e of keessatti qabachuu isaa ifatti fudhatu. ”[4]
Suuraa 4:171 irratti maqaan Yesuusiif laatame Ruuhun Miinhuu jedhamu moggaasa walfakkataan Suuraa 58:22 irratti Allaan “hafuura Rabbii biraa ta’een” mu’umintootaa isaa akka jajjabeesse yaada ittiin ibsameen faayidaa irra oolfamee argamuu isaa xiyyeeffannaa kan argateedha. Namni Musliimaa Yusuuf Aalii jedhamu barreeffamoota hiiku, waa’ee kutaa armaan oliin ibsamee akkana jechuudhaan barreesseera:
“Bakka kanatti namoota gaarii fi qulqulloota ta’an hunda Rabbi (Waaqayyo) karaa hafuura isaatiin akka isaan jajjabeessuu hubanna. Keeyyata kana keessatti gaaleen jabaa ta’e “Ruuhii (Uumaa) isaa irraa ta’e” kan jedhuudha. Namni kamiyyuu laphee isaa amantii fi qulqullummaan Rabbiif yommuu dhiyeessu Rabbi in simataan. Laphee amanaa kanaa keessatti amantii isaa kallatti qabsiisaaf, maalummaa fi amala Waaqummaa afaan namaan ittiin ibsachuu dandeenyuun alatti haala kamiin iyyuu ga’aa ta’een ittiin ibsachuun kan nuuf hin danda’amne hafuura Waaqummaan ni jajjabeessaan.”[5]
Hiikni kun “Ruhuun miinhuu” maalummaa isaatiin kan hin uumamnee fi Waaqayyo jiraataa kan bara baraa hafuura isaa akka ta’e kan ibsu hiika yaada guddaa of keessaa qabaatuudha. Yusuuf Aalii “hafuurri Waaqummaa” kun akkuma Waaqayyoo wanta nuti hubachuu hin dandeenyeedha nuun jedha. Kana malees haala ifaa ta’een barreesseera. Akka yaada isaatti haafuurri Waaqayyoo (Rabbii) gama hafuuraan kan ibsamu malee toora uumama keessaa miti. Hiika isaa kanaan Kiristiyaanoti waa’ee Hafuura Qulqulluu kan amanan waliin fakkaata.
Egaa kan Yusuuf Aaliis ta’e warra kanneen biroo hiika Suuraa 5:22 yoo hubannee fi hiika kana ammoo Suuraa 4:171 irratti maqaa Yesuusiif kenname hojiirra yoo oolchine Yesuus “hafuura Waaqummaa” fi amalaa fi maalummaa Waaqummaa kan ittiin ibsannu afaan namaan alatti haala ga’aa ta’e kamiin iyyuu ibsachuu kan nuti hin dandeenye hafuura jechuudha. Sababni isaa Yusuuf Aalii Ruhuun miinhuu maalummaa fi amala Rabbii kan qooddatu hafuura Waaqummaa ta’uu isaa ragaa ba’uu isaa fi maqaan kunis Suuraa 4:171 irratti Yesuusiif ta’uu isaa ti. Akkuma “Masihii” fi “Kaalimaatulaah” maqaan kunis nuuf Kiristiyaanotaaf hiika guddaa kan qabaatu, Yesuus ilma Waaqayyoo ta’uu isaa maqaa argisiisuudha. Kunis fakkeenyaan kan waamamu otuu hin taane inni maalummaa isaatiin bara baraa jalqabee jiraataa waan ta’eefiidha. Yusuuf Aaliin kana fudhachuu dhiisuuf filannoon qabaachaa ture Suuraa 58:22 irratti barreeffamee kan jiru Suuraa 4:171 irratti kan barreeffame waliin karaa faallessuun hiikuudha. (Waa’ee Suuraa 4:171) yommuu barreessu waa’ee Waaqummaa Yesuus, Ilma ta’uu isaa fi tokkummaa Abbaa isaa waliin qabaatu in haala). Kunis hiikni isaa sirrii kan hin taanee fi walfakkaataa gochuun isaa ammoo dhugaaf amanamummaa akka hin qabaanne ifaa godha.
Akkuma maqaawwan lamaanii maqaan kunis maqaa dhuunfaatti Yesuusiif laatameedha. Kunis Qur’aanni akkuma beekamu maaliif akka ta’ee fi hiiknii isaa maal akka ta’e ibsa gaarii hin kennu. Ta’us maqaa kanaanis kan hubannu Yesuus akkuma kanneen kaaniii Nabiyyii qofa otuu hin taane Nabiiyyotaan ol kan ta’ee fi bakka addaa qabaachuu isaa ti.
Qur’aana keessatti maqaawwan Yesuus sadan (Masiih, Kaalimaatuulaah fi Ruhuulaah) jedhaman Islaamummaan mannaa amantaa Kiristiyaanummaan kan walii galaniidha. Nuuf Kiristiyaanotaaf Wangeela labsuuf yaada mata-duree nuuf ta’u.
[1] Frieling, Christianity and Islam, p. 71
[2] Robson, Christ in Islam, p. 86
[3] Goldsack, Christ in Islam, p. 21
[4] Goldsack, Christ in Islam, p. 21
[5] Yusuf Ali, The Holy Qur’an, p. 1518