NABIYYUMMAA MUHAMMAD KAN HIN FUDHANNEEF SABABAWWAAN 12

NABIYYUMMAA MUHAMMAD KAN HIN FUDHANNEEF SABABAWWAAN 12

Musliimonni obboleeyyan keenya nabiyummaa Muhammad dhugaa ta’uu isaa maaliif Kiristiyaanoti akka hin fudhanne ajaa’ibsiifachuudhaan gaafatu. Tarii Kiristiyaanoti “saba dogoggoran ta’uu isaaniin” dhugaa jiru fudhachuudhaaf kan qophaa’an miti jedhanii yaadu ta’a. Garuu akka dhuunfaa kootti akka Kiristiyaana tokkotti Muhammad Waaqa Musee fi raajota kanneen kaaniin ergamuu isaa kan naaf mirkaneessu ragaa isaa otuun argadhee nabiyummaa isaa sababni ani hin fudhanneef hin jiraatu ture. Garuu dhugaa isaa dubbachuuf Islaamummaa keessatti nabiyyii isa dhumaa ta’uu isaa kan itti amanamu Muhammad ulaagaa raajummaa kan Macaafa Qulqulluun ilaalamuu mannaa seenaa dhuunfaa isaa kan kitaaba Islaamummaa keessatti barreeffameen iyyuu nabiyummaa isaa itti amanee akka hin fudhanneef kan na dirqisiisaan odeeffannoon hedduun jiru. Muhammad akka nabiyyii dhugaatti sababni fudhanneef barreeffama kana keessattin ibsa.

  1. Nabiyummaa isaaf ragaa qabatamaa kennuu dhiisuu isaa ti

Nabiyummaan Muhammad kan hin fudhanneef sababni guddaan nabiyummaa isaaf  kan malu ragalee dhiyeessuu dhiisuu isaa ti. Muhammad lallaba isaa magaala Makkaatti yommuu eegale raajummaa isaa kan dhugoomsu mallattoo akka argisiisu irra deddeebi’amee yoo gaafatame iyyuu kanneen isa gaafataniin maqaa Gahannabaan sodaachifachuu fi gaaffiwwan isaanii tooftaan jalaa ba’uuf malee mallattoo kamiyyuu argisiisuu hin dandeenye ture. Kitaabawwan Haadisiitti kan galmeeffaman seenaan ajaa’ibsiisaa hedduun yoo jiraatan iyyuu Muhammad raawwachuu isaa Qur’aana keessatti kan galmeeffame ragaan kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaa seenawwan haadisiiwwan keessatti galmeeffaman kutaa jaarraawwanii booda kan barreeffaman seenaa dhugaa hin taane ta’uu isaanii nu hubachiisa. Muhammad wanta raajii hojjechuu isaa kan argisiisu ragaan kamiyyuu jiraachuu dhiisuu isaatiin caalaatti wanta raajii hojjechuu danda’uu dhiisuu isaa ifatti saaxilameera. Fakkeenyaaf yoo jedhame:

Warri (homaa) hin beekne; “Maaliif Rabbiin nu hin dubbifne yookiin maaliif mallattoon nuuf hin dhufne? Jedhu; akkkasuma warri isaaniin duraa fakkataa jecha isaanii dubbatan. Onneen isaanii wal fakkaatte. Dhugumatti, Nuti namoota (amatnii Rabbii) mirkaneeffataniif mallattoolee (Keenya) ifa taasifnee jirra” (Suuraa 2:118).

Muhammad nabiyyii Uumaa kan hangaafaa fi isa dhumaa gochuudhaan gama of dhiyeessuu isaatiin kanneen isa dhaggeeffataniirraa gaaffiin dhiyaatu dhugaa fi kan ta’uu malu ture. Nabiiyyota kan Uumaa hundumaarraa sadarkaa ol aanaa fi fudhatama qabaachuu isaa namni dubbate kun yoo xiqqaate isaan waliin kan gitu waantota ajaa’ibsiisaa akka hojjetu eeguun gantuu nama hin jechisiisu. Raajota hundumaarra sadarkaan ol-aantummaan qaba, nabiyyii isa dhumaa ti, Gannata akka seentaniif na duukaa bu’aa, lubbuu keessan gararraatti na jaaladhaa, anaaf qabsaa’aa, anaaf jedhaatii du’aa, anaaf abboomamuu jechuun Uumaadhaaf abboomamuu jechuudha fi kkf  jechuudhaan mataa isaa uumaamaan olitti Uumaa waliin gituun kan of-tuulu “akka raajota kanneen duraa wanna raajii hojjechuu dhiisuu kootti yoo amanuu dhiiftan gantoota” jechuun isaa komee keessa isa galcha.

“Maaliif mallattoon Gooftaa isaa irraa isa irratti hin buufamne?” jedhu. “Dhugumatti, Rabbiin mallattoo buusuu irratti danda’aa dha” jedhi. Garuu irra hedduun isaanii hin beekanu (Suuraa 6:37).

Waaqayyo inni dhugaan raajota isaaf humna ittiin wanta raajii hojjetan isaaniif kennuu akka danda’u warreen gaafatan kun otuma hin amanne ta’ee, Muhammad waantota raajii akka hojjetu hin gaafataniin ture. Kanaafuu “hedduun isaanii hin beekan” kan jedhu komeen Muhammad dhiyeessu himannaa gatii hin qabneedha.

“Odoo mallattoon wahii isaanitti dhufee, silaa isatti amanna” jedhanii kakuu isaanii cimaa Rabbitti kakatani. “Mallattoowwan Rabbuma biraayi” jedhi. Yeroo isheen (raajiiwwan) dhufte isaan hin amananuu maaltu isin beeksise? (Rabbitu beeka malee isin hin beektanu) (Suuraa 6:109).

Isaan kafaranis “Sila maaliif Gooftaa isaa biraa mallattoon wahii itti hin bu’in?” jedhu. “Dhugumatti, Rabbiin nama fedhe in jallisa; nama deebi’e immoo gara Isaatti qajeelcha” jedhi (Suuraa 13:27).

Mallattoolee keenya erguu wanti nu dhnete warri duraa ishee kijibsiisuu malee hin jiru. Samuudiifis gaalattii dhaltuu akka mallattoo ifa galaatti kenninee jirra. Isheettis kafaranii (halaakamani). Nutis sodaachsiaaf malee mallattoo hin erginu (Suuraa 17:59).

Allaan  wanta ajaa’ibsiisaa karaa Muhammadiin hojjechuuf of dhorkuu isaa yommuu luqqisii kanaan ibsu namoonni kanneen duraa gantoota ta’anii baduu isaanii ti sababa jedhu kenna. Uumaan karaa raajota isaatiin waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuudhaan kutaa jaarraawwan hedduu erga dabarsee booda “isa dhumaa, isa guddaa fi hangafa raajotaa” bira yommuu ga’u dhiisuun isaa nama ajaa’ibsiisa. Kutaa jaarraawwan kanaan duraatti waantota ajaa’ibsiisaa erguun “namoota ajjeessaa jiraachuu isaa” yommuu bara Muhammad irra ga’u hojjechuu dhiisuun isaa waan hubateefii laata? Kun maal kan jedhamuudha?

Yeroma dhugaan Nu biraa isaanitti dhufu, “Inni maaliif fakkaataan waan  Muusaan kennamee isaaf hin kennamne?” jedhan. Sila isaan duraan waan Mususaaf kennametti kafaranii hin turre? (Suuraa 28:48).

Muhammad waantota ajaa’ibsiisaa argisiisuu danda’uu dhiisuu isaatiif waantota ajaa’ibsiisaa Museen hojjete barbaachisummaa isaa xiqqeessee argisiisuuf yommuu yaalu argama. Museen waantota ajaa’ibsiisaa kana hundumaa otuu argisuu baatee garbummaa keessaa Israa’elota bilisa baasuun hin danda’u ture. Muhammad mallattoowwan dhuga-qabeessa  raajoti argisiisan otuu argisiisuu danda’ee Araboota sallamsiisuuf billaa luqqisuun  hin barbaachisuun ture.

Luqqisiiwwan armaan oliin ibse hundi akkuma argisiisan waantota ajaa’ibsiisaa akka hojjetuuf Muhammad yeruma gaafataman kanneen gaafataniin qeequun kan hafe gaaffilee isaaniif deebii malu kennuu hin dandeenye. Kana malees Muhammad wanta ajaa’ibsiisaa hojjechuu akka hin dandeenyee fi nama ittiin sodaachifachuuf (jechootaan kan sodaachifatuu fi akeekkachiisu) qofa ta’uu isaa Qur’aanni akkana jechuun ragaa soba hin qabaanne kenna.

Isaannan kafareanis “Maaliif mallattoon wahii Gooftaa isaa biraa isa irratti hin buufamne?” jedhu. Ati dinniinuma qofa. Ummata hundaaf qajeelchaan jira (Suuraa 13:7).

Muhammad sababni waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuu hin dandeenyeef sodaachisaa qofa ta’uu isaatiin luqqisiin kun ifatti ni dubbata. Qur’aanni dandeettii hafuuraa kan ittiin waantota ajaa’ibsiisaa hojjetu Muhammad qabaachuu dhiisuu isaa haala dubbateen Haadisaatii fi kitaabonni Islaamummaa kanneen kaan waantota ajaa’ibsiisaa hojjechuu isaa dubbachuun isaanii sirrii miti.

Inni biraan raajoti kanneen dhugaa ittiin beekamanii fi yeroo isaanii eeganii kan raawwataman raajii dubbachuu isaanii ti.  Macaafa Qulqulluu keessatti dhugaatti kan raawwataman raajonni dubbataman hedduun galmeeffamaniiru. Garuu Qur’aanattis ta’e seenaa Islaamummaa keessatti ergaa raajummaa faayidaa qabaatan hin argaman. Musliimonni tokko tokko akka raajummaatti kan dubbatan baay’ee falmisiisaa fi keessumaa ammoo muraasni isaanii raajii sobaa ta’uu isaanii kan mirkaneeffamaniidha.

Obboleeyyan musliimaa nabiyyummaa Muhammadiif ragaa godhanii adda durummaan kan dhiyeeffatan  Qur’aanadha. Sirni barreeffama miidhagina isaatii baay’ee gaarii ta’uu isaa fi kitaabaa Uumaa ta’uu isaa ni mirkaneessa jedhu. Garuu miidhaginni akka hubannaa namaa ta’uu isaatiin madaallii dhuunfaa akkanaa sababeeffachuuun jireenya bara baraa kootiif kan murteessu tarkaanfii fudhachuu koo akka gowwummaattan lakkaa’a.

Nabiyummaa Muhammad fudhachuuf sababa kan ta’u wanti dhugaan jiraachuu dhisuu isaatiin nabiyyii dhugaa akka hin taane mirkaneeffachuun matuma isaatiin iyyuu ga’aa yoo ta’eyyuu, kana malees nabiyummaa isaa akka hin fudhanneef sababa kan naaf ta’an sababa dhugaa nan dhiyeessa.

  1. Raajota kanneen duraa waliin kan faallessu barumsa barsiisuu isaa

Raajota Kakuu Moofaatii eegaluun hanga ergamtoota Gooftaa kan argaman qulqulloota yommuu ilaallu ergaan isaanii wal-qabataa fi wal-deeggaraa ta’uu isaa hubanna. Inni tokko isa kaan irratti kan bu’ureeffate ta’uurra kan darbe inni tokko isa kaaniin yommuu faalleessuu fi diigu hin argamu. Macaafa Qulqlluu keessatti seenaan bittaa ta’e haala ittiin Waaqayyo uumama isaa bilisa baase yommuu ta’u kitaaba Seera Uumamaa eegaluun hanga dhuma biyya lafaa kan argisiisu kutaaba mul’ataatti, Caaffati Qulqullaa’aa hundi hidhata kanaan yommuu wal hidhanii fi wal-deeggaran argina. Beektonni dubbii hafuuraa kan ta’an seenaa seeneffama bittaa kana “The Crimson Thread” jechuun kan waaman yommuu ta’u Waaqayyo ilma isaa tokkicha erguun isa irraa adda ba’ee kan kufe uumama isaa ofitti araarsuuf kaayyoon karoorsee fi dhuma isaa kan argisiisu Caaffata Qulqullaa’aa keessatti jalqabaa eegaluun hanga dhumaatti kan barreeffame barsiisaa fi seenaan kan wal-qabateeedha.

Qur’aanni Muhammad ergaa raajota hundumaan kan faallessuu fi kaayyoon isaas ergaa fi ergama Kristos fashaleessuurratti kan xiyyeeffateedha. Qur’aanni Muhammad hojii fashaleessuu kana galmaan ga’uuf tooftaan fayyadame Macaafa Qulqulluu keessatti kan argaman gara Kristos kan argisiisan taateewwan, naamusa, seerawwanii fi barsiisawwan irra deebi’anii hiikuudha. Qur’aanni hidhata Macaafa Qulqulluu kana balleessuuf ergaa raajotaa irra deebi’anii ilaaluu fi kallattii isaa jijjiirsisuun  islaamummaaf mijeesseera. Kunis ergaan raajota qulqullootaa hundi Muhammad raajii isa dhumaa ta’uu isaa argisiisuu kan jedhuudha. (1) Garuu kun raawwatee sobaa fi ergaa raajotaa kan faallessuudha.[1]

Amantaan Muhammad uummate bifa waaqummaa tokko kan qabaatee fi seenaawwan raajotaa kan ibsu akkasumas Caaffata Qulqulla’aa kanneen duraa kan mirkaneessu ta’uu isaa kan dubbatu yoo ta’eyyuu abshaalummaan isaa ergaa gurguddaa Caaffata Qulqullaa’aa kan ergama Kristos haaluu isaatiif tasuma Waaqayyo biraa ta’uu hin danda’u. Muhammad raajii dhugaa ta’uu isaa yoo fudhanne raajoti kanneen duraa hundi sobdoota ta’u. Raajoti kanneen duraa dhugaa yoo ta’an ammoo Muhammad raajii dhugaa ta’uu isaaf carraan kamiyyuu jiraachuu hin danda’u.

Mata-duree kana kaasuudhaan yeroo musliima obboleeyyan koo waliin mari’adhu deebiin yerooma hundumaa naa deebisan “Caaffati Qulqullaa’aa kanneen duraa hundi boora’uu isaaniin malee ergaan Muhammad ergaa raajota kanneen duraan wal fakkaatu” kan jedhuudha. Garuu Caaffati Qulqullaa’aa boora’uu isaaniif ragaa akka naaf laataniif yommuun gaafadhu deebii ga’aa ta’e isaan biraa argadhee hin beeku. Deebiin kun maaliif akka itti hin laatamnee fi yaadawwan Musliimotaa dhugaa yoo ta’e ammoo Islaamummaan soba ta’uu isaa mirkaneessuun kan hafe faayidaa akka hin qabaanne beekuuf እስላማዊ አጣብቂኝ (Rakkina Islaamummaa) mata-duree jedhuun barreefaman qopheesse akka dubbifatanniif isin affeera. Macaafni Qulqulluun boora’uu dhiisuu isaa kan mirkaneessan ragaawwan galmeewwan kanneen durii ilaaluuf የመጽሐፍ ቅዱስ ጥንታዊያን የእጅ ጽሁፎች (Barreeffamoota Macaafa Qulqulluu kan durii harkaan barreeffamanii) mata-duree jedhuun odeeffannoon walitti qabadhe akka ilaaltaniif isin jajjabeessa.

  1. Fannifamuun Kristos haalamuu isaa

Fannifamuu Kristos ilaalchisuun Qur’aanni akkana jedha:

Ammas waan isaan “nuti Masiih Iisaa ilma Maryam, ergamaa Rabbii, ajjeefnee jirra” jedhaniif (isaan abaarre). Isaaniitti  fakkeeffame malee isa hin ajjeefne; hin fannisnes. Dhugumatti, isaan isa keessatti wal dhaban isa irraa shakkii keessa jiru. Yaada hordofuu malee isa irratti beekumsa homaatuu in qaban. Qabatamaatti isaan isa hin ajjeefne (Suuratu An-Nisaa’i 4:157-158).

Fannifamuun Kristos falmii dubbii hafuuraa irra kan darbe dhimma seenaa dhugaa ti. Obboleeyyan Musliimaa fannifamuu Kristos ilaalchisuun dubbii hafuuraa irratti  falmiiwwan isaan dhiyeessan, kan kristiyaanotaa fannifamuu Krsitosiif hiiki isaan kennan fudhatama dhabsiisuuf tajaajila ta’a. Garuu Kristos fannifamuu  isaa fudhatama dhabsiisuudhaan Qur’aana dogoggora seenaa isaa irraa oolchuu hin danda’u. Kanaaf immoo sababni isaa fannifamuun Kristos Macaafa Qulqulluun alatti kan argaman barreeffamoota amantaa fi amantaa hin taane keessatti kan katabame ta’uu isaa ti. Fannifamuu Kristos ilaalchisee Wangeelota arfaniin dabalatee hayyoota seenaa bara sana turaniin barreeffamuu isaanii ragaaleen hedduun jiru. Fakkeenyaaf yoo jedhame:

  1. Barreessaa seenaa lammiin biyya Roomaa Qorneeleyos Taastiis jedhamu fannifamuu Krsitos barreesseera. [2]
  2. Barreessaa seenaa lammii biyya Yihudii Yoseef Walde Koriyoon fannifamuu Kristos haala amansiisaa ta’een barreesseera [3]
  3. Barreeffamni Baabiloonotaa Talmuudii jedhamu Yesus ayyaana faasikaatti fannifamuu isaa dubbata.[4]
  4. Falaasfaa Isxoo’ikii kan ture Maaraa Ber Seraapiyoon ilma isaaf xalayaa barreesse keessatti du’uu Yesus ibseera[5]
  5. Barreessaa lammii Giriikii Luushiyaan jedhamu Yesus ajjeefamuu isaa barreesseera.[6]
  6. Barreessaan lammii biyya Roomaa Fleegoon jedhamu waa’ee fannifamuu Yesus qofa otuu hin taane yeroo fannifame waa’ee dukkana lafa dhuunfatee fi sochii lafaa akkasumas waa’ee du’aa ka’uu isaa dubbateera[7]

Dabalatas Kakuu Haaraan alatti duuti Yesuus barreeffamee arginu barreeffama kan abboota Waldoota Kristiyaanaa durii keessatti. Duuka buutuu ergamticha Yohannis kan ture Pooliikaarp du’uu Kristos nama irra deddeebi’uun barreesseedha. Fakkeenyaaf yoo jedhame, barreeffamoota isaa keessaa tokko “waa’ee cubbuu keenyaaf hanga du’aatti rakkina kan fudhate Gooftaan keenya Yesus Kristos…” jechuudhaan barreesseera. Hiriyaa Poolikaarp kan ture Ignaaxiyoos Iskindirichi gama isaatiin “dhugaatti rakkina fudhatee erga du’ee booda ka’eera …Gooftaa keenya kan fannisan namoota sodaan Waaqayyoo keessa isaanii hin jiraanne turan” jechuudhaan barreesseera. [8] Barreessaa amantaa kiristiyaanaa kutaa jaarraa isa jalqabaa kan ture aarsaa kan ta’e Yosteeniyoos nama Yihudii Tirfoo jedhamuuf deebii kenneen Yihuudonni bara isaa turan Yesusiin “nama Galiilaa fannifame” jechuudhaan isa waamaa akka turan barreesseera. [9]

Ragaaleen seenaa kun hundi kutaa jaarraa tokkoffaa fi kutaa jaarraa lammaffaa isa jalqabaa irratti kan barreeffamaniidha. Dabalatas Gooftaan keenya otuu hin dhalatiin kutaa baroota hedduun dura waa’ee fannifamuu isaa raajonni qulqullootaa dubbataniiru (Isa. 53:1-12, Dan. 9:24-25, Far 22:12-18).

Ragaaleen lakkoofsa hin qabaanne kun hundi otuma jiranii waggoota 600n booda daangaa Israa’elirraa yoo xiqqaate kiiloomeetiraa 1000n fagaachuun jiraachaa kan ture daldalaan biyya Arabaa gara holqaa seenee ba’uun Kristos akka hin fannifamne ergamaan itti himuu isaa dubbate. Dubbiin daldaltichaa sababa ifa hin taaneef dubbii samii irraa buufame kan jedhame hiika akka laatu gochuudhaaf yaada isaanii kan hiiku haammattuu keessa galfachuudhaaf  musliimonni barreeffama hiikan kan gochuuf dirqamaniiru. Namni bakka Kristos fannifameera jedhame maalummaan isaa waan hin ibsamneef hayyooti musliimaa garaa gara ba’uuf saaxilamaniiru. Kanneen tokko tokko Yihuudota keessaa tokko fannifameera jechuudhaan yommuu dubbatan kanneen kaan ammoo kan fannifame Roomaanota keessaa isa tokko jedhu. Duuka buutota Iisaa keessaa tokko fedha isaatiin bakka isaa du’uu barbaaduu isaatiin Allaan bifa Iisaa isaaf kennuun fannifameera kanneen jedhanis jiru. Maqaa “Wangeela Barnaabaas” jedhuun bara giddu-galeessaatti kitaabni barreeffama musliimaa tokkon barreeffame ammoo bakka isaa kan du’e isa Yesusiin dabarsee kenneedha jedha.

Hayyooti seenaa bara kanatti argaman waa’ee fannifamuu Kristos garaa gartee hin qabaatan. Fannifamuu Kristos haaluu yaaluun hayyoota seenaa addunyaa duratti kan nama qaanessu ta’uu isaatiin bara keenyatti kan argaman hayyooti Musliimaa  jecha Qur’aanaa karaa adda ta’een hiikuun fannifamuu Kristos gara amanuutti dhufaa jiru. Iisaan yommuu fannifame fannoorra turetti akka hin duunee fi of walaalluu isaa kan dubbatu Tewooriin yeroo ammaa keessumaa musliimota baratan biratti bal’inaan fudhatama argachaa dhufeera. Yaadni kun “Tewoorii of wallaaluu” (Swoot Theory) jedhamee kan beekamu yommuu ta’u nama Venchuurinii jedhamuun dhuma kutaa jaarraa kudha salgaffaatti kan eegalameedha. Falmaa amantaa musliimaa kan turan adda durumaan kan beekaman sheekii Ahmed Didaatii fi bara keenyatti falmaa beekamaa kan ta’an Dookter Shaabir Aaliin faa kan fakkaatan Musliimonni isaan jajatu. Gareewwan islaamummaa keessaa Nation of Islam (NOI) fi gareen Ahimeediyaanota jedhaman akka ejjennoo amantaatti qabataniiru.

Egaa musliimonni baratan waa’ee fannifamuu Kristos seenaa sobaa kan Muhammad dubbate itti qaana’uun bara dogoggora isaa irraa fagachaa jiranitti akkamiin akka raajii dhugaattan simadha? Fannifamuu Kristos ilaalchisee dogoggora Muhammad hojjete bal’inaan kanan ibse እስልምናና የመሲሁ ስቅለት (Islaamummaa fi fannifamuu Masihichaa) mata-duree jedhuun kan barreeffame dubbifachuun murtoo mataa keessanii itti kenna.

  1. Seerrata Kakuu Moofaa dabsuu isaa

Waaqayyo gaara Siinaa irratti abboommii Museef laate hunda haala jedhamuu danda’amuun Muhammadiin dabsameera. Abboommiiwwan kun Seera Ba’uu 20 irratti argamu. Mee tokkon tokkon haa ilaallu:

Abboommii isa jalqabaa: “Ani Waaqayyo, gooftaa kee isa mana garbummaa biyya Gibxii keessaa si baasee dha. Waaqayyolii kan biraa tokko illee ana bukkeetti hin qabaatin! Bifa qirixame, fakkeenya waanta ol waaqa irra jiruu, gad lafa irra jiruu, yookiis bishaan keessa lafa jala jiruu hin tolfatin! Ati bifa fakkeenyaa kanaaf hin sagadin, isaafis hin hojjetin…”

Muhammad dhugaa fi tokkicha kan ta’e Waaqa Israa’el lallabeera? Tasuma! Waaqni Muhammad Waaqolii tolfamoo kan Arabaa irraa fudhatame malee Abrahaamii fi Museef kan mul’ate Waaqayyo miti. Maalummaan Waaqa kanaa magaala waaqolii tolfamoo kan turte Makkaa waliin baay’ee kan firoome ta’uu isaa Qur’aanaa fi barreeffamoota islaamummaa kanneen kaaniin ifa kan ta’eedha. Muhammad maqaa dhuunfaa Waaqayyo isa dhugaa ta’e maqaa Yaahiwwee jedhamutti fayyadamuu mannaa Waaqoliin tolfamoo Arabaa ittiin fayyadamaa kan turan jecha Allaah jedhamu maqaa dhugaa kan Allaah fakkeessuun dhiyeessaniiru. Bara Musee eegaluun jiraachaa kan turan raajonni dhugaa hundi maqaa Waaqayyoo Yaahiwwee jedhuun kan dubbatanii fi barsiisan yoo ta’eyyuu Muhammad garuu maqaa kana gonkumaa hin beeku.

Dabalatas  Waaqayyo abboommii jalqabaa keessatti bifa qirixamee hojjetametti sagaduu cimsee yoo dhorkeyyuu, garuu Araboonni kan waaqolii tolfamootti sagadaa turan dhagaa gurraachaaf Muhammad itti sagaduun, dhungachuun fi qaqqabachuun guutummaa addunyaa kan jiran musliimonni fakkeenya isaa hordofuun waaqeffannaa waaqa tolfamaa akka shaakalaniif sababa ta’eera. [10] Obboleeyyan musliimaa dhagaa gurraachatti akka hin sagadnee fi waaqeffanneef yoo dubbatan iyyuu hojiin argisiisuun gara dhagaa kanatti garagalanii sagaduun, dhagichatti naanna’uun, dhungachuu fi qaqqabachuun waaqeffannaa waaqa tolfamaa shaakalu. Gaaffii kana obboleeyyan musliimaaf yommuun dhiyeessu gochi isaanii bara Kakuu Moofaatti namoonni gara mana qulqullummaa Yerusaalemitti naanna’uun kadhachuu isaanii waliin tokko ta’uu isaa fi seerri isaan raawwatanis deeggarsa Macaafa Qulqulluu qabaachuu isaa naaf ibsu. Garuu Yihuudonni gara mana qulqullummaa Yerusaaleemitti naanna’uun sababni kadhataniif Waaqayyo Gooftaan ifatti ulfina isaa mana qulqullummaa keessatti mul’isuu isaatiin bakka ulfinni Waaqayyoo itti argamuu fi mul’atu ta’uu isaa waan beekaniifi (1Mot 8:10). Garuu Kaa’ibaan inni Makkaa waaqolii tolfamoo 360n guutame namoonni bakka gocha ciiggaasisaa itti raawwatan malee bakka ulfinni Waaqayyoo itti mul’ate miti. Wanti nama ajaa’ibsiisu ammoo Muhammad yeroo jalqabaa akkuma Yihuudotaa gara Yerusaalimitti naanna’uun sagadaa kan ture yoo ta’eyyuu booda garuu Yihuudonni itti ga’isuu isaaniin aaruudhaan kallatti sagada isaa gara Makkaatti akka naanna’u godheera. Yeruma sana ammoo waaqoliin tolfamoo 360 bakka kanatti waaqeffamaa turan (Suuraa 2:150).

Abboommii lammaffaa: “Ani Waaqayyo nama akkasumaan maqaa koo dha’u utuu hin adabin waan ani hin dhiifneef, ati maqaa koo maqaa Waaqayyoo gooftaa keetii akkasumaan hin dha’in” (Ba’u 20:7).

Muhammad waaqa dhugaa jedhee kan waamu maqaa Allaah akkasumaan waamuun abboomiii kana karaa garaa garaan irra deddeebi’uun dabseera, musliimonnis akka irra darbaniif  sababa ta’eera. Karaan ittiin irra darbe inni jalqabaa kakuu maqaa Allaan galee ture diiguun akka danda’amu barsiisuuni.

Yaa Nabiyyichaa! Maaliif haadhalee  manaa kee jaalachiisuu barbaaddee waan Rabbiin halaala siif godhe haraama goota? Rabbiin araaramaa, rahmata godhaa dha. Dhugumatti, Rabbiin karaa kakuu keessan itiin hiiktan isiniif murteesseera. Rabbiin gargaaraa keessani. Inni beekaa ogeessa (Suuraa 66:1-2).

“Allah has already ordained for you (Muslims) the dissolutionof your oaths. And Allah is your protector, and He is the knowing, the wise.”

Hayyoonni islaamummaa keeyyanni kun “maaliif akka buufame” yommuu dubbatan Muhammad dabaree haadha manootii isaa hambisuu dhiisuuf waadaa yoo galeyyuu dabaree kan Ayishaa yokiin Hafisaa diiguun Maariyaam kan jedhamtu nama biyya Gibxii haadha manaa isaa waliin sababa wal-qunnamtii saalaa raawwateef Allaan Waadaa isaa irraa bilisa ta’uu isaa ibsuuf mul’ata isaaf buuseedha jedhu. Kun Waaqa dhugaa fi qulqulluu ta’erratti ga’isuu miti?

Inni biraan maqaa waaqayyoo akkasumaan waamuun karaan ittiin salphise, musliimonni wanta gatii qabaatuu fi hin qabaanneen maqaa Allaah akkasumaan waamuun akka kakataniif fakkeenya ta’uu isaa ti. Haadisoota islaamummaa keessatti yeroo baay’ee “wallaahii” (Allaatiin kakadha) gaalee jedhu dubbii isaaf sababa yommuu godhatu argina. Har’as musliimonni wanta gatii qabaatuu fi hin qabaanneen “wallaahii” jechuun yommuu kakatan dhaga’uun kan barameedha. Musliimonni hedduun amantaa isaanii akka beekan dubbatan amantaa isaaniif dhimma kan hin qabaanne kiristiyaanota dadhaboota mannaa haala jabaa ta’een maqaa waaqa isaanii akkasumaan waamanii kakachuun yommuu salphisan ilaaluun kan beekameedha.

Abboommii sadaffaa: “Guyyaa Sanbataa qulqullinatti eeguudhaaf yaadadhu! Guyyaa ja’a hojii kee hojjedhu, jiruu kees hundumaa godhadhu! Guyyaan inni torbaffaan garuu Sanbata ana Waaqayyo gooftaa keetiif eegamuu dha; ati, ilmi kee, intalli kee, hojjetaan kee, hojjettuun kee, horiin qe’ee kee, galaan kellaa kee keessa jirus isatti hojii tokko illee hin hojjetin” (Ba’u 20:8-10).

Muhammad guyyaa sanbata Waaqayyo ulfina isaaf filate mannaa guyyaa bittaa fi gurgurtaa kan Madiinaa ta’e jimaata filachuun guyyaa kabajamaa islaamummaa akka ta’u godheera. Kanaanis islaamummaan raajota kenneen duraa waliin hariiroo akka hin qabaannee fi haala Arabootaa qofa ilaalcha keessa kan galche ta’uu isaa mirkaneesseera. [11]

Ta’us Sanbata kabajuun seera jalatti kan ramadamuu fi seera hin dabne ta’uu isaatiin dhimma kanarratti xiyyeeffachuu hin barbaadu. Mee abboommii itti fufee jiru haa ilaallu:

Abboommii arfaffaa: “Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni”(Bau 20:12).

Muhammad abbaan isaa otuu hin dhalatiin duraa fi haati isaa daa’imummaa isaatti sababa irraa du’aniin abboommii kana raawwachuuf carraa isaa hin arganne. Ta’us Muhammad umuriidhaan kan isa dursaniin dhiirotaa fi dubartoota saamuu, ajjeesuu fi ari’uun isaa akka abbaa fi haadha isaa hin kabajnetti ilaalama. Kanaafuu abboommii kana raawwachuu dhiisuu isaa dubbachuun ni danda’ama.

Abboommii shanaffaa: “Hin ajjeesin” (Ba’u 20:13).

Islaamummaan amantaa nageenyaa ti? Mata-duree jedhuun barreeffaman qopheesse keessatti bal’inaa fi gadi fageenyaan akkuman argisiise, Muhammad dhiiga baay’ee dhangalasuun abboommii Waaqayyoo kanarra darbeera. Musliimonni sababa fakkeenyaa fi barsiisa isaatiin kutaa barootaa hundumaa keessatti dhiiga dhangalaasaniif Waaqayyo duratti itti gaafatamaa ta’a.

Abboommii ja’affaa: “Hin ejjin” (Ba’u 20:14)

Ejjuu jechuun gaa’ila seeraan alatti wal-qunnamtii saalaa raawwachuudha. Muhammad ejja raawwachuu isaatiin olitti akka ejjaniif heeyyameera. Gaa’ilaan alatti dubartoota kanneen hojjetoota manaa ta’an waliin wal-qunnamtii saalaa raawwachuun akka danda’amu Qur’aanni akkanatti dubbatteera.

Isaan qaama saalaa siaanii tiiksan, Niitolii isaanii yookiin waan mirgi isaanii horatan irratti malee; dhgumatti, isana komatamoo miti (Suuraa 7:29-30).

Isaan warra qaama saalaa isaanii tikfatoo ta’anii dha. Haadha manaa isaanii yookiin waan mirgi isaanii dhuunfatte irratti malee, Dhugumatti, isaan komatamoo miti (Suuraa 23:5-6).

Keeyyanni kun musliimonni dhiiraa gaa’ilaan walitti kan hidhaman haadha manoota isaanii fi dubartoota isaan tajaajilan waliin wal-qunnamtii saalaa yoo raawwatan komeen akka isaanirra hin jiraanne dubbatu. Kitaaba haadisii keessatti musliimonni dhiiraa gocha kana heeyyama Muhammadiin hojjechaa akka turan barreesseera:

….Abu Siirmaan Abu Sa’id Al-hudiriiitti  akkuma dubbate, “Yaa Abu Sa’id ergamtichi Allaa waa’ee aaziil (qaama dhiiraa keessaa sanyiin otuu hin dhangala’iin waa’ee gadameessa saala durbaa keessaa saala ofii baafachuu) yommuu dubbatu dhageessee beekta?” jechuudhaan gaafate. “Eyyee” jechuudhaan deebiseef. Akkana ittiin jedhe “Ergamticha Allaah waliin gara Al-muxaliiq yommuu deemne dubartoota mimmiidhagoo Arabaa boojinee turre. Haadha manootiin keenya nuu waliin jiraachuu dhiisuu isaaniin miirri keenya baay’ee nutti jabaatee kan ture yommuu ta’u, kana malees isaaniin gadi dhiisuuf matta’aa fudhachuu barbaannee turre. Kanaafuu aazil gochuudhaan (akka isaan hin ulfoofneef sanyii qaamaa keenya alatti dhangalaasuun) isaan waliin wal-qunnamtii saalaa raawwachuuf murteessine. Garuu akkana jenne, «Ergamtichi Allaah nu waliin otuma jiruu  wanta kana raawwachaa jirra. Maaliif isa hin gaafannu?» Kanaafuu yeroo ergamticha Allaah gaafannetti akkana jechuun nuuf deebise, lubbuun hanga du’aa ka’uutti dhalatu hundi dhalachuun isaaniin waan hin hafneef akka kanatti yoo gochuudhaa baattan rakkina hin qabaatu”. [12]

Haadisii kanarraa akkuma hubannu loltooti isaa gaa’ilaan alatti akka irratti hirmaataniif Muhammad heeyyamuu isaatiin dubartoonni booji’aman kun ulfaa’uu isaanii hamma loltoota isaa iyyuu yaada keessa hin galchine. Nama akkanaa nabiyyiidha jedhanii duukaa bu’uun hammam walaallaa ta’uudha!

Muhammad ofuma isaatiin iyyuu hojjettuu isaa kan turte Maariyaam ishee biyya Gibxii waliin wal-qunnamtii saalaa raawwachaa turuu isaa kitaabni Islaamummaa ni dubbatu.[13]

Muhammad fedhi wal-qunnamtii saalaa raawwachuu isaa sababa jabaa ta’uu isaatiin  halkan tokkoon haadha manoota isaa 9 waliin wal-qunnamtii raawwachaa akka ture haadisootii islaamummaa ni dubbatu. [14] Haadisii birootiin odeeffannoon jiru ammoo guyyaa tokkotti haadha manootii isaa 11 waliin wal argaa akka turee fi fedha wal-qunnamtii saalaa hanga kan dhiirota 30 ga’u qabaachaa akka ture isaaf dubbatameera. [15] Amalli isaa kun akka gootummaatti yoo isaaf dubbatame iyyuu ejjummaan gootummaa otuu hin taane dadhabaa ta’uu isaa namni sammuun isaa sirriitti yaadu hundi dhugaa beekuudha.

Kana malees musliimonni gannata keeessaa dubartoota kanneen dhiira hin beekne waliin wal-qunnamtii saalaa akka raawwatan Qur’aaanni ni dubbata:

“Akkuma kana dubra adaadii ija babal’a aisaan fuusifne” (Suuraa 44:54).

“Isaan keessa (dubartoota bareeda) ija isaanii dhirsa isaanii irratti gabaabsan, kan san dura namnii fi jinniin hin tuqintu jira” (Suuraa 55:56).

“Isaan keessa gaggaarii, babbareedoo ta’antu jira. Tola Rabbii keessanii keessaa kamiin kijibsiiftu? Dubartoota manneen keessatti (dhirsa irratti) gabaabfamantu jiru. Tola Rabbii keessanii keessaa kamiin kijibsiiftu?” (Suuraa 55:70-74).

“Firaasholee ol fuudhamtuu (keessa jiraatu.) Dhugumatti, Nuti (Dubartoota jannataa) uuminsa isaan uumne. Dubroota isaan goone. Jaallattoota (abbaa manaa), kan hiriyoota ta’an (isaan goone)” (Suuraa 56:34-37).

“Dhugumatti, warra Rabbiin sodaataniif milkiitu jira. Ashaakiltii fi inabatu (jira). Dubartoota harma guntuttuu hiriyaa ta’antu (jiru)”  (Suuraa 78:31-33).

Musliimonni dhiiraa Gannata keessatti dubartoota dhiira hin beekne 72 akka badhaafaman Muhammad dubbachuu isaa kitaaba haadisii keessatti galmeeffameera.[16] Muhammad ejjummaan lafa kana qofatti otuu hin taane waaqa irrattis heeyyamamuu isaa barsiisuun nama Waaqa dhugaa irratti ga’isedha.

Abboommii torbaffaa: “Hin hatin” (Ba’u 20:15).

Muhammad saamtuu ta’uu isaa haaluun hin danda’amu. Makkaa gara Madiinaatti erga godaanee booda wanti hojjete inni jalqaba loltoota erguun daldaltoota Makkaa ajjeesaa fi saamsisaa turuu isaa barreeffamoota Islaamummaa irraa hubachuu dandeenya.

Qur’aana keessatti Suuratu Al-anfaal (boqonnaa saamtotaa) jedhamee moggaafameen lakkoofsa jalqabaa irratti akkana jedhameera:

“Boojii irraa si gaafatu. Boojiin kan Rabbii fi ergamaa Isaa ti. Lamaafii Rabboom sodaadhaa. Hariiroo gidduu keessan jirus tolchaa. Yoo mu’umintoota taatan Rabbii fi ergamaa Isaatiifis ajajamaa jedhi” (Suuraa 8:1).

Muhammad hordoftoonni isaa jabaatanii hojjechun gatii dafqa isaanii akka nyaatanii fi amantaa isaanii akka fayyadaniif barsiisuu mannaa saammitii jajjabeesuun ofii isaa fi hordoftoonni isaa qabeenya seer-malee argame akka kuufatan godheera. Arabooti bara Muhammad jiraataa turan gara Islaamummaatti baay’inaan akka dhufaniif wanti isaan hojjetan keessaa tokko karaa Allaan otuma qabsaa’anii yoo ajjeefaman Gannata akka dhaalanii fi du’a jalaa yoo ba’an ammoo qarshii saamaniin akka sooromuu danda’an abdiin isaaniif laatame ture.[17]

Abboommii saddeettaffaa: “Nama irratti sobaan dhugaa hin ba’in” (Ba’u 20:16).

Muhammad sobuu fi soba heeyyamuun abboommii Waaqummaa kana dabseera. Ibsa kanaa lakkoofsa 7 irratti waliin ilaalla.

Abboommii salgaffaa: “Haadha manaa namaa…hin hawwin” (Ba’u 20:17).

Muhammad abboommii kanarra darbuun ilma guddifachaan guddifate kan haadha manaa isaa fuudheera. Isa kanas lakkoofsa 9 irratti walumaan ilaalla.

Abboommii Kurnaffaa: “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaf hin hawwin” (Ba’u 20:17).

Yihuudiin Hayiber jedhaman qabeenya baay’ee godhatan jiraachuu isaanii Muhammad dhaga’uu isaatiin weerara akka isaanirratti raawwate odeeffannoon Islaamummaa ni dubbatu. Kuufamni qabeenya isaanii eessatti akka argamu baasisuuf haala jibbisiisaa ta’een hogganaa qomoo kanaa darareera. Seenaan Al-xabariin barreefame akkana jedha:

“Raajichi nama Kinaanaa jedhamu ilaalchisee abboommii akkana jedhu Zubaayiriif kennan. ˱wanna dhokse hundumaa hanga baasutti darariin˲. Kanaafuu Zubaayirii fi Kinaanaan du’aaf hanga ga’utti laphee isaarra ibidda kaa’e. Kana booda Lamaslammaah kan jedhamuuf dabarsanii kennan. Innis ni qaleen.[18]

Seenaa kanarraa akkuma hubannu qabeenya ollaa isaa hawwuun isaa ajjeechaa suukkanneessaa akka raawwatu godheera. Kanaafis qabeenya olloota keenyaa akka hin hawwineef abboommii Waaqayyoo dhorku dabsuun caalaatti abboommii dhiiga namaa dhangalaasuu kan dhorku irra darbeera.

  1. Maqaa waaqa isaa faayidaa dhuunfaa ittiin kabachiifachuuf fayyadamuu isaa

Muhammad ergamaa fi tajaajilaa Allaah ta’uu isaa musliimonni itti amanu. Garuu Qur’aanaa fi kitaabota Islaamummaa kanneen kaan dubbifanneerra yoo ta’e dhugaan isaa faallaa dha. Allaan tajaajilaa Muhammadii fi dhimma isaa kan raawwatuuf, Qur’aannis ammoo qabeenya dhuunfaa Muhammad ta’uu isaa argina. Muhammad fedha dhuunfaa isaa galmaan ga’achuuf maqaa Allaah yommuu itti fayyadamuu fi dubbii Allaah kan bara baraa ta’uu isaa kan lallabaa ture Qur’aana ammoo akka meeshaa dhuunfaa isaatti yommuu fayyadamu ni hubanna.

Fakkeenyaaf yoo jedhame, Muhammad dubartoota hedduu fuudhuuf fedha qabaachuu isaa galmaan ga’achuuf Maqaa Allaatiin akkana jechuun dubbateera.

“Yaa nabiyyichaa! Nuti niitiwwan kee isaan ‘Mahrii’ isaaniif kennite, (boojuu irraa) waan Rabbiin sitti deebise irraa warra harki kee horatte, shamarran abbeeraa (wasiila) keetii, shamarran adaadota keetii, shamarran eessumman keetii fi shamarraan haboo (obboleettii haadha) keetiisi isaan si waliin godaanan, dubartii mu’uminaas yoo isheen nabiyyichaaf of kennitee yoo nabiyyiinis ishee fuuchuu fedhe, m’umintoota biraatiif odoo hin ta’iin si qofaaf qulqulluu taatee (isaan fuuchuu) halaal siif goonee jirra. Isaan (mu’umin toota) irratti niiti isaaniitiifii fi waan harki isaanii horatte keessatti wanta isaan irratti dirqama goonee dhugumatti beeknee jrra. Akka rakkoon si irratti hin taaneef (kana goone). Rabbiinis araaramaa, rahmata godhaa ta’eera” (Suuraa 33:50).

Muhammad mimmiidhagoo ta’uu isaanii kan yaade firoota isaa dabalatee dubartoota naannaa isaa jiraatan fedha iccitiin fuudhuu keessaa isaa jiraachuu isaatiin malee Allaah biraa dhaga’uu dhiisuu isaa shakkii malee dubbachuu danda’a. Waaqayyo inni dhugaa fi qulqulluu ta’e fedha miiraa kan nama tokkoo guutuuf abboommii akkanaa qaama dubbii bara baraa isaa godhachuun otuu biyyi lafaa hin uumamiin dura barreessuun kaa’eera jechuun dubbii sobaa ti.

Guyyaa tokko ammoo namoonni otuu Muhammadiin hin heeyyamsiisiin gara mana isaa battala seenuu isaaniin dheekkamee, garaa haadha manootii isaa akka jalaa hin boojineef sodaate. Kanaafuu tajaajilaa isaa kan ta’e Allaatiin akkana jechuun kadhate:

“Yaa warra amantan! Haala bilchina isaa hin eegneen, yoo gara nyaataatti hayyamni isiniif godhame malee manneen nabiyyii hin seeninaa. Garuu yeroo waamamtan seenaa; yeroo nytaattanii raawwattan haasa’atti mukuu bahuun (boharuun) maleetti bittinnaa’aa. Dhugumatti, (gochi) sun nabiyyii rakkisa; isin irraa ni saalfata ta’a. Rabbiin garuu dhugaa irraa hin saalfatu. Yeroo meeshaa isaan (niitolii nabiyyii) gaafattanis haguuggii (girdoo) duubaan isaan gaafadhaa. Akkas gochuu keessantu onnee keessanii fi onnee isaaniitiiifis irra qulqulluudha. Ergamaa Rabbii rakkisuu fi niitiwwan isaaniiis booda (du’a) isaatii gonkumaa fuuchuun isiniif hin malu. Dhugumatti, (gochi) sun Rabbiin biratti (badii) guddaa ta’eera” (Suuraa 33:53).

Guyyaa tokko ammoo Muhammad balbala isaa dura dhaabachuun sagalee isaanii ol kaasanii namoota waamanitti dheekkame. Kanaafis tajaajilaa isaa kan ta’e Allaan akkana jedhee akka isaaf dubbatu godhe:

“Isaan duuba manneenii irraa si waaman, hedduun isaanii hin hubatanu. Odoo hanga ati isaanitti gadi baatutti obsanii silaa (sanatu) isaaniif caala ture. Rabbiin araaramaa, rahmata godhadha dha” (Suuraa 49:4).

Muhammad maqaa waaqa isaatiin faayidaa dhuunfaa isaa kabachiisuuf dhimmoota waa’ee hin baafnetti yommuu fayyadamu kan argisiisan fakkeenya hedduu argisiisuun ni danda’ama. Faayidaa dhuunfaa nama tokkoo kabachiisuuf kan yaadaman kan akkanaa waantota amantaa keessatti faayidaa hin qabaanne dubbii kan bara baraa isaa keessatti Uumaan akka barreeffaman godheera jedhanii amanuun dukkana limixaa keessa ija ofii junuunfatanii kanarrattis erbee yabbuudhaan golgatanii ilaaluuf yaaluu waliin wal bira qabamee yommuu ilaalamu wallaalummaa ta’uu isaa argisiisa.

  1. Barsiisa barsiisaa tureen jiraachuu dhiisuu isaa

Falaasfaan Maaraa Bar Saraapiyoon jedhamu dhaloota Kristosiin booda naannaa bara 70 tti waa’ee Gooftaa keenya Yesus Kristos akkana jedheera:

“Sooqiraaxisiin ajjeesuun namoonni Ateens faayidaa maalii argatan? Yakka hojjetaniif gogiinsii fi weerarri dhukkubaa akka adabbiitti isaan mudate. Namoonni Saamoos paayitaagorasiin gubuu isaaniin faayidaan argatan maali? Lafti isaanii battaluma cirracha galaanaan golgame. Yihuudonni ogeessa kan ta’e mootii isaanii ajjeesuun faayiidaa maal irraa argatan? Kana booda ture mootummaan isaanii kan diigame. Waaqayyo namoota sadan kanaaf firdii dhugaa ta’een isaaniif farade. Ateeniyaanoti beelaan du’an. Saamosoota kanneen jedhamanis bishaaniin liqimfaman. Yihudonni buqqa’anii lafa isaaniirraa ari’atamuun guutummaatti bittimmaa’uun jiraatan. Garuu Sooqiraaxis du’uun isaa gaarummaaf hin taane, sababni isaa barsiisa Pilaatoon jiraateera. Paayitaagoras du’uun isaa gaarummaaf hin taane, sababni isaa siidaa Heeraa keessa jiraateera. Ogeessichi mootii kun du’uun isaa gaarummaaf hin taane, sababni isaa barsiisa barsiisuun itti jiraateera.”[19]

Namni Waaqayyo inni dhugaan kan ittiin beekamuu keessaa tokko barsiisa barsiisuun itti jiraachuu isaa ti. Muhammad garuu kana dura abboommii waaqa isaa biraa laatameen kan barsiisaa ture dabsuun akka barbaade yommuu godhu argina. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Qur’aanni Musliimni tokko akka fuudhuuf kan isaaf heeyyamu hanga haadha manootii afurii qofadha (Suuraa 4;3). Garuu seenaan akkuma beekamuu fi hayyooti musliimaa akka walii galanitti yoo ta’e Muhammad haadha manootii hanga 14 ta’an fuudhuun Qur’aanaan kan heeyyamame dachaa sadiin ol haadha manootii qaba ture. Kanaafuu Muhammad abbommii kanarra darbeeti moo abboomichi isa waan hin ilaallaneefi? Abboommiin kun isa hin ilaallatu yoo jenne maaliif? Gaaffii jedhu gaafachuun ta’uu kan maluudha. Raajiin tokko dhugaa ta’uun isaa kan beekamu ergaa dubbattetti jiraachuu yoo danda’eedha. Barsiisaan abboommii raawwachuu hin dandeenye (gochuu hin dandeenye) namatti murteessu faakkeenya gaarii godhamee fudhatamuun isaaf hin malu. Muhammad ofii isaatiif haadha manootii kudha sadii fuudhuun kanneen kaaniin ammoo “Allaan kan isiniif heeyyame hanga afur qofaatti” jechuun isaa mul’ata dubbachaa ture akka barbaadetti faayidaa dhuunfaaf itti fayyadamuu isaa kan argisiisuudha.

  1. Soba heeyyamuu isaa  

Addunyaarratti kan argaman amantaa gurguddaa keessaa soba kan heeyyamu amantaa Islaamummaa qofadha. Islaamummaa keessatti baay’ee kan isaaniif heeyyamame gosti sobaa jiru. Musliimonni Sunnii “Muderaat” jedhamu barsiisa ittiin gowwomsan ni qabaatu. Muslimota Shi’aa biratti ammoo “Taqiyaa” jedhamuun beekama. Ulaamaa (garee hayyoota islaamummaan) alatti kan argaman namooti hedduun waa’ee barsiisa kanaa sirriitti hin beekan. “Muderaat” jechuun jajachuu, jajannaa of-tuulummaa, gowwomsuu, waliin dhahuu, wal-qixa deemuu, golgachuu, dhokachuu yokiin baduu jechuudha. Amalli gowwomsaa kun barbaachisaa ta’ee yoo argame nama kamiyyuutti hojiirra oolfamuu danda’a. Garuu hayyooti Sunnii yaada Muderaat keessa galfamuun isaaniif mala kan jedhan namoota dhaabbata ta’an gosa kudhan adda baasuun kaa’aniiru. Kaafiir (namni musliima hin taane) hogganaa hamaa ta’e, namoota haaraa sallaman, nama Islaamummaarraa yaadaan fagaate gara Islaamummaatti deebisuun, nama barate yokiin saayintistii beekumsa isaa faayyadamuuf, hiriyaa gammachiifachuuf, diina jalaa ba’uu yokiin miidhuuf, hiriyaa gaa’ilaa gammachifachuuf, nama dhukkubsate (fakkeenyaaf yoo jedhame, fayyaa akka ta’u yokiin fayyaa fakkaachuu isaa itti himuun), Hayyooti sunni hubannoo kana hojiirra oolchuuf luqqisii Qur’aana garaa garaa ni dubbatu. [20]

Namni musliimaa tokko yeroo rakkina keessa ta’u amantaa isaa hamma ganutti kan isa geessisu soba sobuu akka danda’u barsiisuun musliima ta’uun faayidaa qabaachuu dhiisuu isaa Muhammad argisiiseera (16:106). Garuu amantoota dhugaa kan ta’an Shaadraa, Meshaakii fi Abed-neegoon yeroo abboomamanitti deebii akkana jedhu kennuun ibidda keessatti gatamuu filataniiru.

Kana irratti Shaadraak, Meshaakii fi Abed-Neegoon mootichaaf deebisanii, “Yaa Nebukadnezaar, waa’ee kanaaf nuyi deebii siif kennuu iyyuu nu hin barbaachisu. Oolchuu yoo ta’e immoo, Waaqayyo keenya inni nuyi waaqessinu ibidda bobba’aa keessaa nu oolchuu in danda’a, harka kee keessaas nu in oolcha, yaa mootii! Yoo kana fedhuu dhaabbatte iyyuu, nuyi waaqayyolii kee akka hin waaqessine, bifa fakkeenya warqee irraa hojjetame ati dhaabdeefis akka hin saganne beeki, yaa mootii!” (Dan 3:16-18).

Gooftaan keenya Yesus Kristos dubbiidhaanis ta’e hojiin amantiidhaan jabaatee argamuu isaatiif akkana jedheera:

Warra foon namaa ajjeesanii lubbuu garuu ajjeesuu hin dadneenye hin sodaatinaa! Kanaa mannaa isa lubbuu fi foon qilillee keessatti balleessuu danda’u sodaadhaa! Simbirroonni lama akka saantima tokkootti in gurguramuu mitii ree? Isaanuma keessaa iyyuu tokko illee yaada abbaa keessanii malee lafa hin bu’u; isin garuu, rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa’amaa dha. Kanaafis hin sodaatinaa!Isinoo simbirroota baay’ee irra guddaa in caaltu” jedhe. Itti fufees Yesus, “Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta’e dhugaa ba’ee yoo mul’ise, anis abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti dhugaa nan ba’aaf. Eenyu illee namoota duratti yoo na gane garuu, anis immoo abbaa koo isa waaqa irra jiru duratti isa nan gana” jedhe (Mat 10:28-33).

Kiristiyaanummaan karaa jireenyaa ta’uu isaatiin Kiristiyaana ta’uun wanta gati-jabeessadh. Islaamummaan amantaa nam-tolchee ta’uu isaatiin musliima ta’uun wanta salphaa fi gatii hin qabneedha. Haalli yoo isinitti ulfaate isa ni gantu, yoo isiniif mijate ammoo waliin taatu.

Muhammad gaaf-tokko nama Ka’aab Iibin Al-ashiraaf jedhamu ajjeesuuf hiriyaa isaa kan ture nama Muhammad Biin Maslama jedhamu sobaan akka fayyadamuuf heeyyama laateef ture. [21]

Islaamummaatti kitaaba Shari’aa keessatti akkana jedhameera: it is permissible to lie if attaining the goal is permissible. Kaayyoo barbaadamuuf kan heeyyamame yoo ta’e (sirrii yoo ta’e) sobuun kan heeyyamameedha jechuudha. Kanaafuu barsiisni Islaamummaa gama kanaan jiru”yaraas gaariis haa ta’u isuma argatte fidi” akkuma jedhamuudha.[22] Kanaafuu Islaamummaan ulaagaa tokko malee dhugaa fi qulqulluu kan ta’e Waaqayyo biraa ta’uu hin danda’u.

  1. Daa’immaa waggaa 9 waliin ciisuu isaa

Muhammad gocha nama rifachisuu raawwatan keessaa tokko haadha manaa isaa daa’ima kan taate Ayishaa jedhamtu waggaa 6tti kaadhimmachuun waggaa 9tti waliin ciisuu isaa ti. Dhimmi kun haala haalamuu hin danda’amneen haadisaatii Islaamummaa fi seenaa dhuunfaa Muhammad keessatti ifaan kan barreeffame yommuu ta’u, obboleeyyan musliimaa wanna kana hojiirra oolchuu malee yommuu haaluuf yaalan baay’ee hin mul’atan. [23] Musliimonni gocha kana sirrii ta’uu isaa argisiisuuf sababni isaan dubbatan hundinuu maaliif amansiisaa ta’uu akka hin dandeenye መሐመድ ለአቅመ ሔዋን ያልደረሰችዉን አይሻን ስለ ማግባቱ-ለሙስሊሞች የተሰጠ ምላሽ (Muhammad umurii heerumaaf kan hin geenye Aayishaa fuudhuu isaa, Deebii musliimotaaf laatame) mata-duree jedhuun barreeffaman barreesse keessatti deebii ga’aa ta’e kenneera.

Muhammad daa’ima kan turaaniif fedha wal-qunnamtii saalaa qabaachuu isaa kan argisiisan seenaawwan kanneen biroo barreeffamoota Islaamaa keessatti argamu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Muusinaad Ahimad Iibin Hanbal lakkoofsa haadisii 25636 irratti akkanatti barreeffameera:

“Ilmi Abbaas Um Habiibaa umuriin harma hodhuurra otuu jirtuu jilbaan otuma daaddistuu ishee ilaaluun nabiyyichi akkana jedhe: Wallaahii ani jireenyaan otuun jiruu kan guddattu yoo taate nan fuudhaan”[24]

Nama akkanaa akka nabiyyii dhugaatti fudhachuun dhugaatti yoo ta’e mallattoo nama sammuu fayyaa qabaatu miti. Musliimonni hedduun iccitii kana erga beekanii booda Muhammad hordofuun akka deebi’an ani shakkii hin qabaadhu.

  1. Haadha manaa kan guddifachaa isaa fudhachuu isaa

Muhammad “Haadha manaa namaa…duraa fudhachuudhaaf hin hawwin” kan jedhu abboommii Waaqummaa irra darbuu isaatiin guddifachaan kan guddifate zayid kan jedhamu haadha manaa isaa kan turte Zayibiin hawweera. Waa’ee miidhagina ishee karaa hin malleen dubbachuu isaatiin gaa’ila ishee erga diigee booda ishee fuudheera. Keessumaa ammoo gocha qaanii kana hojiirra oolfachuuf Qur’aana keessatti tajaajilaa isaa kan ta’e Allaan akkana jechuun akka isaaf dubbatu godheera:

“Yeroo ati isa Rabbiin tola irratti oolee atis tola irratti oolteen Niitii kee qabadhu. Rabbiinis sodaadhu jatteen (yaadadhu). Ammas (yeroo) waan Rabbiin isa ifa baasuuf taa’u, ati of keessatti dhoksites. Odoo Rabbiin sodaachuun irra haqa ta’uu yeroo nama sodaattes (yaadadhu). Akka mu’umintoota irratti nitii ilmaan guddisaa (guddifachaa) isaanii yeroo isaan dhimma irraa fixatan (fuuchuu) keessatti rakkoon hin taaneef jecha, Yeroma Zeydiin ishee irraa dhimma fixate (ishee hiike), ishee sitti heerumsiifne. Ajajni Rabbii raawwatama ta’eera (Suuraa 33:37).

Muhammad akka luqqisii Qur’aana kanaatti Zayinabiin hawweera ture. Garuu namoonni maal naan jedhu qaanii jedhuun Zayiid haadha manaa isaa akka hin hiikneef haala miira of-tuulummaa of keessaa qabaatuun isa gorsaa ture. Garuu Allaan dhimma isaa kana ifatti baasuun Zaayinabiin itti heerumsiise. Kanaafuu Musliimonni haadha manootiin kan guddifachaa isaanii erga wal hiikanii booda fuudhuu akka isaan danda’an fakkeenya akka ta’uufi kan jedhu sababni gatii hin qabaanne dhiyaateera. Garuu Muhammad Zayinabiin fudhuuf kan barbaade gaa’ila keessa yommuu turte ta’uu isaa fi waa’ee miidhagina ishee karaa hin malleen dubbachuun isaa, diigamuu gaa’ila ishee fi wal-hikuuf sababa ta’uu isaatiin haadisaatii Islaamummaa keessatti ifatti barreeffamee argamuu isaatiin “fakkeenya ta’uufi” sababni jedhamu wanta amansiisaa miti. [25]

Gooftaan keenya Yesus Kristos akkana jedha:

“’Hin ejjin’ jedhamee akka himame dhageessaniittu. Ani garuu isinittan hima, namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” (Mat. 5:27-28).

Muhammad madaallii naamusa guddaa Yesus Kristos kaa’een yommuu ilaalamu ejjituudha.

  1. Hubannoo gad-aantummaa gurraachaaf qabaachaa ture

Muhammad gurraachotaaf tuffii guddaa qabaachaa turuu isaa fi gatii maalummaa namootaa bifa namaan madaalaa akka ture kitaabni Islaamummaa ni dubbatu. Fakkeenyaaf yoo jedhame, Muhammad akkana jechuun namaa gurraachaa fi Seexana wal-fakkeesseera:

“Nabiyyichi akkana jedhe: «namni Seexana ilaaluu barbaadu Nabxaal Iibin Al-haariisiin haa ilaalu!» nama gurraacha yommuu ta’u rifeensa dheeraa hin filamnee fi mangaagaa gurraacha ni qabaata”[26]

Bara durii Muhammad gurraacha ta’uu isaa namni dubbate Musliimonni ni ajjeesuun ture:

“Hiriyaa Sahinuu kan ture Ahimad Iibin Abii Suleeymaan akkana jedhe: «Muhammad gurraacha ta’uu isaa namni dubbatu kamiyyuu ni ajjeefama. Nabiyyichi gurraacha hin turre»”. [27]

Muhammad gurraacha garboomfate qabaachuu isaa seenaa Islaamummaa hedduu keessatti irra deddeebi’amee gabaafameera. [28] Gurraacha garboomfamanis bifa kennaadhaan fudhachaa akka ture dubbatameera. [29]

Guyyaa tokko namni gurraachi tokko namoota gurraacha lamaan jijjiiramuu isaa seenaa Islaamummaa keessatti barreeffameera.

“Jaabir Iibin Abdullaahiin akkuma dubbate: Garbichi tokko gara ergamticha Allaah dhufuudhaan waadaa gale. Nabiyyichis garba ta’uu isaa hin beekne ture. Inni garbicha kana bulchu gara isaa dhufuun garbichi isaa akka deebi’uuf yeroo gaafatu ergamtichi Allaan «natti gurguri» ittiin jedhe. Garboota kan ta’an gurraachota lamaan biteen[30]

Sanyummaa fi tuffii lammii Itiyophiyaa ta’aniif qabaachaa ture akkana jechuun ibseera:

“Hogganaan keessan Zabiib sammuu (ija wayinii gogaa) fakkaatu kan qabaatu nama lammii Itiyophiyaa yoo ta’eyyuu isaaf abboomamaa”[31]

Namni ilaalcha sanyummaa akkanaa qabaachaa ture kun raajii Waaqayyoo isa dhugaa ta’uu hin danda’u.

  1. Wal-hiikuu heeyyamuu isaa

Akka amantaa Islaamummaatti wal-hiikuu akka salphaatti kan ilaalu hin jiraatu. Muhammad kan hin barbaanne hiikuu fi kan barbaadeen immoo ofitti akka qabu Allaan isaaf heeyyamuu isaa Qur’aanni akkana jechuun dubbateera:

“Isaan irraa nama feete dhiiftee, nama feete immoo gara keetti maxxanfatta. Isaan yeroof dhiifte irraa nama feete (yoo fuutes), badiin sirra hin jiru. Ijji isaanii gammaduu, gadduu dhabuu fi hundi isaanii waan ati isaaniif kennite jaallachuutti kanatu dhihoo dha. Rabbiin waan onnee keessan keessa jiru ni beeka. Rabbiiin beekaa, obsaa ta’eera” (Suuraa 33:51).

Mirgi wal-hiikuu Muhammadiif qofa otuu hin taane musliimota kanneen dhiiraaf kan laatameedha:

“Haala tokkoo isaaniitiif qabeenya guddaa kennitanii jirtanuun yoo niitii tokko bakka ishee kan biraa jijjiirachuu barbaaddan, isa irraa homaa hin fudhatinaa. Sila haala miidhaa fi dilii ifaa ta’ee jiruun fudhattuu?” (Suuraa 4:20).

Musliimonni dhiiraa akka luqqisii kanaatti haadha manaa jijjiiruu yoo barbaadan raawwachuun kan isaanirra jiraatu ishee hiikamte kanaaf qarshii kennuudha. Wal-hiikuun hamma kanatti salphaadha. Garuu sagaleen Waaqayyoo inni qulqullaa’aan akkana jedha:

“Namni haadha manaa isaa hiikee kan biraa fuudhu hundinuu in ejja, dubartii abbaa manaa isheettii gargar baate kan fuudhus in ejja” (Luq 16:18).

“Waaqayyo isiniif haadha manaa isin qeerummaadhaan fuutan gidduutti dhga-baatuu dha; isheen hidhata keessan, haadha manaa kakuu keessanii taatee utuma jirtuu, isin isheedhaaf amanamuu dhiiftanii ishee in gowwomsitan. Waaqayyo foonitti, lubbuuttis tokko isaan hin goonee ree? Maaliifis tokko isaan godhe? Sanyii ofii isaatiif kaafachuudhaaf kana godhe; kanaafis jireenya keessan eeggadhaa! Haadha manaa qeerrummaa keessan irraas amanamummaa hin dhabinaa! Waaqayyo gooftaan inni kan Israa’el, “Namni haadha manaa isaa gad dhiisuun humnaan ishee irratti ka’uu akka uffataatti uffachuu isaa waan ta’uuf, wanta akkasii baay’isee nan jibba; kanaafis isin jireenya keessan eeggadhaa, amanamummaas hin dhabinaa!” (Mil. 2:14-16).

 Muhammad gocha Waaqayyo duratti jibbame hojiirra kan oolchee fi salphisee dhiyeesse ta’uu isaatiin nabiyyii dhugaa ta’uu hin danda’u.

  1. To’annaa xibaara (toshaa) jalatti kufuu isaa

Ayishaan akkuma gabaafte, namni Laabiid Al-asma jedhamu Muhammad irratti toshaa hojjechuu isaatiin Muhammad bakka haadha manootiin isaa hin jiraanetti akka haadha manootii isaa waliin ciisutti itti fakkaata ture. Raajii Waaqayyoo mannaa nama dhugaa Waaqayyotti amane kamiyyuu irratti toshaan akkamiin hojjechuu danda’a? toshaan Bala’aam Musee irratti raawwachuun hafee saba Museen geggeessu keessaa nama kamiiyyuu irratti hojjechuu hin dandeenye. Qooda kanaa, kana kan hubate toshituu kan ta’e Bala’aam “Yaaqoob irratti hoodni hin dubbatamne, Israa’el irrattis ayyaanni hin hedamne” jechuudhaan ragaa ba’eera (Lakk. 23:23).

Kakuu Haaraa keessatti ammoo humni Seexanaa namoota maqaa isaa amanan irratti akka hin hojjennee fi kana malees maqaa isaatiin namoota keessaa Seexana akka baasan Gooftaan Yesus dubbateera . Abdiin kun bara Ergamootaatti hojjetaa ture. Har’as taanan hojjechaa jiraachuu isaa eenyu iyyuu ilaalee ragaa ba’uu danda’a (Mar. 16:17-18).

Xummura

Ani akka nama tokkootti armaan oliin kan ibsamanii fi gara fuula duraattis wal duraa duubaan kanan dhiyeessu sababoota garaa garaa hedduun Muhammadiin akka nabiyyii dhugaatti tasuma fudhachuu hin danda’u. Lallabdoonni Musliimaa hedduun isaanii amalli dhugaa kan nabiyyii isaanii ifatti akka isaaniif ba’u hin barbaadan. Kun deemsa if-toomina of keessaa hin qabaanneedha. Amma garuu deemsi isaanii kun tasuma akka isaaniif hin malle beekuun isaanirra jiraata. Sababni isaa namni kamiyyuu yeroo kamuu caalaa odeeffannoof dhiyeenyatti kan argamuu ta’eera. Kanaafuu isaaniif kan malu dhugaa dhoksuu otuu hin taane qabsaa’uun karaa sababa qabaatuun deebii itti kennuu, qooda kanaa ammoo dhugaaf harka kennuun kallattii ofii sirreeffachuu fi kanneen kaaniin barsiisuudha.

Waaqayyo Gooftaan ija laphee kan obboleeyyan koo musliimaa banuun gara ifa ilma isaa Yesus Kristos akka isaan fiduuf kadhata koo yerooma hundumaa ti.


[1] ሳም ሰለሞንና አጢፍ ደብስ፣ ያሕዌ እግዚአብሔርና አላህ  አንድ ናቸውን? ገፅ 10

[2] Josh McDowell, Evidence that Demands a Verdict, New and Revised, 1999, pp. 122-123

[3] Ibid., p. 125

[4] Ibid., pp. 123-124

[5] Ibid., p. 123

[6] Norman L. Geislere, Encyclopedia of Christian Apologetics, 1999, p. 128

[7] Ibid.

[8] Ibid.

[9] Ibid.

[10] Sahih al-Bukhari, Volume 2, Book 26, Number 673)

[11] https://www.answering-islam.net/Books/MW/friday.htm

[12] Sahih Muslim, volume 2, #3371

[13] Kitab al-Tabaqat al-Kabir, p. 151

[14] Bukhari, volume 7, # 142

[15] Bukhari, volume 1, #268

[16] Sunan Ibn Majah, Zuhd (Book of Abstinence) 39

[17] Sahih Al-Bukhari, # 2787

[18] Al-Tabari; Vol. 8, p. 122

[19] osh McDowell, Evidence that Demands a Verdict, New and Revised, 1999, p. 123

[20]  Sam Solomon & E. Al-Maqdisi. Al-Hijra, Islamic Migration: Accepting Freedom or Imposing Islam?; 2009, pp. 72-79

[21] Bukhari Vol 5 Book 59 Num 369

[22]  Ahmad ibn Naqib al-Misri, The Reliance of the Traveller, translated by Nuh Ha Mim Keller, amana publications, 1997, section r8.2, page 745

[23] Sahih Al-Bukhari, Volume 5, Book 58, Number 234; Volume 5, Book 58, Number 236; Volume 9, Book 87, Number 140; see also Number 139; Volume 7, Book 62, Number 64; see also Numbers 65 and 88; Sahih Muslim, Book 008, Number 3309; see also 3310; Book 008, Number 3311Sunan Abu Dawud, Number 2116; Book 41, Number 4915; Book 13, Number 2380;

[24] Musnad Ahmed, Number 25636

[25] Sahih Muslim, Book 008, Number 3330

[26] Ibn Ishaq, Sirat Rasulallah, translated as, The Life of Muhammad by A. Guillaume, page 243

[27] Qadi ‘Iyad Musa al-Yahsubi, Muhammad Messenger of Allah (Ash-Shifa of Qadi ‘Iyad), translated by Aisha Abdarrahman Bewley [Madinah Press, Inverness, Scotland, U.K. 1991; third reprint, paperback], p. 375 & 387

[28] Sahih Bukhari, Volume 9, Book 91, Number 368

[29] Malik’s Muwatta, Book 21, Number 21.13.25

[30] Sahih Muslim, Book 10, Number 3901

[31] Sahih al-Bukhari Book Number 89 Hadith Number 256

MUHAAMMAD